cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Caffee Mooraa-Jimmaa

Jaalala_Qabaadhu Waaqayyoon jaaladhu; mootummaasaa jaaladhu; nama hundaa jaaladhu; jaalalli jaalala fida. Haa ta'uutii ati tajaajila kee akka hojiitti qofa, akka dirqamaatti, ykn kaayyoo ta'eef qofa akka ta'eetti kan ilaaltu yoo ta'e bu'aan kee maalinni?

Mostrar más
Finlandia1 704El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad27 778
Publicaciones publicitarias
3 285
Suscriptores
-224 horas
+17 días
+830 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

+++ "Waliin haa callisnu" kiristanumma immoo haa jiraannu +++ Abbaan Bemwaa addunyaa gadhiisee gara gammoojjii yeroo deemu, jireenya haaraa kanaaf gorsa faayidaa qabu akka isaaf kennu jaarsa qulqulluu tokkotti dhiyaatee "Maal gochuu qaba?"  Jaarsi kun dubbii faarfannaa qulqulluu Daawit "Arraba koo malee karaa koo nan eega" jedhuun jalqabe.  (Far 39:1) Abbaan Mwam jecha kitaabichaa kana yommuu dhaga'an, "Kun gahaadha yaa abbaa, hangan kana baradhee hojjedhutti barumsa haaraa na hin barsiisin" jedhan. Guyyaa sana booda yeroo hedduu gara jaarsa sanaatti hin deebine.  Gaaf tokko abbaan qajeelaan dulloomaan kun Mwaaniin wal arganii maaliif barnoota dabalataaf gara isaatti hin deebine jedhee gaafate.  Innis, "Na amanaa abbaa, ani ammallee barumsa jalqabaa akka gaariitti hin baranne" jedhee deebiseef.  Waggoota hedduu booda monokseen hiriyyaa isaa ta’e tokko jecha Nabi Daawit kan dhaga’e qo’achuun xumurteetta jedhee gaafate.  Qulqulleessichis gad of qabuun "Dubbii raajii kana irratti xiinxaluu fi hojiitti hiikuuf waggaa afurtamii shan natti fudhate" jedhee deebiseef.  Seenaa Abbaa Mwaa kan barreesse akka qulqulluu Paalaadiyoos jedhutti, Abbaan Mwaan jireenya callisaa guutuu ta'e jiraachaa kan turan yoo ta'u, yeroo du'a isaaniis "osoo akkana hin dubbannee natti tola" jedhee qalbii yakkamaa tokko malee nagaan boqotan. " Qulqulluun Antiyoon yeroo tokko duuka buutota isaa akkas jedhee gorse: "Waaqayyo nama callisee akka ergamoota fuuldura isaa jiran keessaa tokkootti waan ilaaluuf callisaa." Kiristanumma immoo jiraadhaa Kanaaf ergamoota waliin akka lakkaa'amnuuf waliin haa callisnu!
Mostrar todo...
6
+++ "Waliin haa callisnu" kiristanumma immoo haa jiraannu +++ Abbaan Bemwaa addunyaa gadhiisee gara gammoojjii yeroo deemu, jireenya haaraa kanaaf gorsa faayidaa qabu akka isaaf kennu jaarsa qulqulluu tokkotti dhiyaatee "Maal gochuu qaba?" Jaarsi kun dubbii faarfannaa qulqulluu Daawit "Arraba koo malee karaa koo nan eega" jedhuun jalqabe. (Far 39:1) Abbaan Mwam jecha kitaabichaa kana yommuu dhaga'an, "Kun gahaadha yaa abbaa, hangan kana baradhee hojjedhutti barumsa haaraa na hin barsiisin" jedhan. Guyyaa sana booda yeroo hedduu gara jaarsa sanaatti hin deebine. Gaaf tokko abbaan qajeelaan dulloomaan kun Mwaaniin wal arganii maaliif barnoota dabalataaf gara isaatti hin deebine jedhee gaafate. Innis, "Na amanaa abbaa, ani ammallee barumsa jalqabaa akka gaariitti hin baranne" jedhee deebiseef. Waggoota hedduu booda monokseen hiriyyaa isaa ta’e tokko jecha Nabi Daawit kan dhaga’e qo’achuun xumurteetta jedhee gaafate. Qulqulleessichis gad of qabuun "Dubbii raajii kana irratti xiinxaluu fi hojiitti hiikuuf waggaa afurtamii shan natti fudhate" jedhee deebiseef. Seenaa Abbaa Mwaa kan barreesse akka qulqulluu Paalaadiyoos jedhutti, Abbaan Mwaan jireenya callisaa guutuu ta'e jiraachaa kan turan yoo ta'u, yeroo du'a isaaniis "osoo akkana hin dubbannee natti tola" jedhee qalbii yakkamaa tokko malee nagaan boqotan. " Qulqulluun Antiyoon yeroo tokko duuka buutota isaa akkas jedhee gorse: "Waaqayyo nama callisee akka ergamoota fuuldura isaa jiran keessaa tokkootti waan ilaaluuf callisaa." Kiristanumma immoo jiraadhaa Kanaaf ergamoota waliin akka lakkaa'amnuuf waliin haa callisnu!
Mostrar todo...
Abukatoo kaleessa abbaa murtii har'aa Intala yeroo baayyee cubbuu wal fakkaatu deddeebitee hojjechuun beekkamtuu tokkotu ture intalli kunis yeroo baayyeef cubbuu baayyee ciggasisa hojjettii turtee cubbuu kananis himaatamtee gara mana murtii deemte gaafa mana murtii deemtus abbaan murtii akka cubbuu fi yakka isheetti duuti akka itti murtaa'u taasise abukatoon dhabbaatefii murtii du'a kana jala ishee baase lammaata yakka kanatti hin deebi'iin jedhee ishee gaggeesse isheenis ammas si'a 3f cubbuu(yakka) wal fakkaatun himaatamtee gara mana murtii deemte har'aa garuu innii kaleessa abukatoo ishee ture abbaa murtii akka ta'ee argitee baayyees gammaaddee sabaabni isas kaleessa abukatoo koo ta'ee naf morme bilisaa na baase har'aa immoo abbaa murtii ta'ee jira murtiin harkaa isa keessa jira natti hin murteessu jettee waan yaaddef garuu akka isheen yaadde hin taane abbaan murtii kunis ani "abukatoo kee kaleessa abbaa murtii har'aatii" yaa dubartii nana  kaleessa abukatoo keen ture si'a baayyeef yakka kee keessa bilisaa si baase siif dhabbadhee siif morme jira har'aa garuu abbaa murtii ta'ee jira kanaf akka abbaa murtiitti murtee dhugaan siif murteessa kanaf cubbuu(yakka) kee irra deebi'u hin dandeenye waan taatef du'atu siif ta'a jedheenii. Yaa hubannuu maatiiwwaan waaqayyoo innii kaleessa abukatoo keenya ta'ee du'a keenya fudhaate du'u isan madaa keenya fudhaate madaa'u isan abukatoo nuf ta'ee bilisaa nu baase jira. cubbuu fi yakka keenya nuf obse nuf dhiise nu eege gaafa nuti yakka fi cubbuu wal fakkaatun himannaan nutti baayyatee akka murtii keenyatti nuf murteessa.akka seenaa kanatti dubartii kan jedhamtee nu'i dhala nama hunda ykn ilmaan addaamidha. Kaleessa abukatoo keenya kan ture nuf jedhee dhiiga isa kan dhangaalasee gooftaa keenya iyyasus kiristoosidha. Abbaa murtii har'aas kan ta'ee akka abbaa murtii lafa irra osoo hin taane abbaa murtii isa dhugaa kan sooressa fi hiyyeessa addaa baase hin ilaallee murtii dhugaa kan kennuu gooftaa keenya iyyasus kiristoosidha. Galaanni waaqayyoof deessuu isa dubroo maariyaamiif ulfaata fannoo isaf haa ta'u. AMEEN!!!!
Mostrar todo...
20👍 5😢 1
ATI YAA NAMAA... ✍️Sagalee Waaqayyoo baradhu.Yoo jijjiiramuu baattes callisii baradhu.Yeroo hunda baradhu.Of sirreessuu dhiisuu dandeessa, jijjiiramuu dhiisuus dandeessa, garuu baradhu.Yoo xiqqaate nama gaarii ta'uu baattus dandeettii ittiin of ceephaatu ni argatta. Yoo barachuu baatte garuu jijjiiramuu mitii of ceepha'uu iyyuu hin dandeessu.Kanaaf baradhu.Yoo baratte yoo xiqqaate yemmuu cubbuu hojjettu illee of ceepha'aa hojjetta. Kun immoo balbala gaabbii siif taati. Guyyaa tokko gara jireenya gaabbiitti si galchiti.(QulqulluuYohaannis Afaan-warqee)
Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaafi Hiik-Kuus-Miidiyaa  Yaa'ii Mooraa M/Guddichaafi Kollejjiiwwanii.                    Waxabajjii , 01,2016  B.A                                          Jimmaa
Mostrar todo...
10👍 1👏 1
CINAACHA GOOFTAA KEENYAA ISA EEBOON WARAANAME ✝ ✍️Wangeela yohaannis 19:34 irratti "Haa ta'u malee loltoota keessaa tokko eeboodhaan cinaacha isaa waraane. Battaluma sanatti bishaaniifi dhiigni ba'e" dubbisa jedhu ni arganna. Abboonni qulqulloonni Sooriyaa dhugaa kana raawwii Fannoo dura raawwatameefi kennaawwan fannoo booda ilmaan namaatiif kennameen wal bira qabanii barsiisu. Fannoo dura raawwiiwwan raawwataman wajjiin yeroo jennu, cinaacha Addaamii argamuu Hewaaniifi Addaamiif Hewaan deebi'anii Gannatatti akka hin galleef seefii ibiddaa isaan dhoorkeen wal bira qabanii kan barsiisanidha. (Uum3:1). Fannoo booda yeroo jennu immoo cuuphaafi qurbaana wajjiin tokko taasisanii kan barsiisanidha. Raawwii karoora Waaqayyootiin raawwatamee kana kallattiidhaanis jireenyaafi du'a Kiristoosiin barsiisuuf itti fayyadamu. Fakkeenyaaf  Yaa'iqoob inni Siruug "Kiristoos nuti jiraattota akka taanuuf, nuuf jecha du'uun isaa dhugaa akka ta'e nuuf mirkaneessuuf bishaan cinaacha isaarraa  dhangala'e. Inni fannoorratti du'a yoo fudhates jiraataa akka ta'e nuuf lallabuuf cinaachuma sana irraa dhiigni dhangala'e" jedhee barsiisa. Wangeela Yohaannis 19:34 hiikkaa iccitii ta'e Qulqulluun Efreem Diyaatoosaaroon kan jedhamu wangeelota afran iddoo tokkotti walitti fidee kitaaba hiike irratti akkatti  nuuf teechisee arganna." Yaa Gooftaa koo kutaawwan qaama keetii addunyaa taasiseen keessa deddeebi'e. Isaan keessaattis kennaawwan hundumaa nan argadhe. Ergamaan seefii ibiddaa ishee naannoftu qabatee Gannata inni eegaa ture sana, ani karaa cinaachakee isa waraaname sanaanan ol seene. Gorsa Hewaan, ishee cinaacha Addaam irraa argamteen kennaa Waaqayyoo irraa duwwaa keenyatti hafnee kan turre, nuti karaa cinaachakee isa waraaname sanaan gara keessa  Gannataa galuu arganne. Ibiddi gaddaa Addaam irratti qabatee ture sababa dubra cinaacha isaarraa argamteen ture. Kanaaf bishaan cinaacha isaarraa dhangala'uun ibidda gadda Addaam irratti qabate sana dhaamsuuf cinaachi Gooftaa keenyaa eeboodhan waraaname" jedha. 👉Qulqulluun Yaa'iqoob inni Siruugis dhimma kanarratti ilaalcha dinqisisaa ta'e qaba. "Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos fannoo irratti mugee osoo jiruu cinaacha isaatiin cuuphaan uumamte, akkasumas misirroon inni samii Kiristoos fannoorratti mugee osoo jiruu cinaachi isaa eeboodhaan yeroo waraaanamu, akkuma cinaacha Addaam irraa Hewaan argamte sana misirroo isaa kan taate Manni Kiristaanaa uumamte. Hanguma hirribni du'aa isarratti cimaa dhufe akkasuma cinaacha isaatiin jiraattota kan deessu cuuphaa argamsiise. Uumaan Addaam hirriba du'aatiin Hewaan ishee haaraa nuuf uume, ijoollee Addaamiif akka haadha taatee tajaajiltu iddoo Hewaan ishee duraa bishaaniifi dhiiga cinaacha isaarraa dhangala'een ijoollee afuuraa kan deessu haati nuuf kennamte." ✍️ "Ilmi (mootiin) Gologootaatti cidha taasise. Guyyaa sanattis durba jedhamte sana kan isaa akka taatuuf kaadhimate. Kaadhimachuun kun dhangala'uu dhiiga isaatiin akka raawwatamuuf qubeelaa kaadhimummaa ulaawwan harka isaa mismaaraan waraaname keessaatti kaawwate, harka isaatin harka misirroo isaa jabeessee qabe. Sababni isaas yeroo dhukkubbii isaa jaalala isaaf qabdu argeeraatii, kan isaa akka taatuuf mirga isaa teessise, ishees gara iddoon biqiltoonni jiranii gara mana cidhaatti ishee qajeelche." 👉Qulqulluun Yaa'iqoob inni siruug, sababa Muuseen uffataan of golge sana geechisa isaa barreesse irratti, waayee cinaacha isaa waraanamee kan akkas jedhee nuuf barreesse arganna. "Bishaan cuuphaa keessaa tawaahidoon (waloominni) qulqulluu ta'e misirroofi misirritti, bishaaniifi Afuura gidduutti muul'ate. Haa ta'u malee waloominni Kiristoosiifi Mana kiristaanaa gidduutti raawwatame. Kun immoo waloomina haati manaafi abbaan manaa raawwatan irraa adda. Gooftaa keenyaan ala kaadhima isaaf mataasaa dabarsee kan laate eenyudha? Mana Kiristaanaatiin alattis nama du'e isheedhaaf abbaa mana akka ta'uuf kan barbaaddu eenyu? Addunyaan erga uumamtee eegalee dhiiga isaa kennaa kaadhimaa taasisee kan dhiyeesse hin jiru.
Mostrar todo...
👍 3 1
✍️Fannoorratti ofiisaa aarsaa taasisee kan qopheesse Gooftaa keenyaan alatti cidha isaa dhukkubbiidhaan kan chaappesse eenyu? Nama du'erraa jajjabina argachuuf bobaa ishee jalatti hammattee qabachuun guyyaa chidhashee misirroo argamtee addunyaa keessatti argines, dhageenyes hin beeknu. Mana cidhaa Kam irratti  foon misirroo irraa muruun keessummoota chidhaaf dhufaniif dhiyeessu? Haati manaa sababa abbaan manaa ishee du'eef abbaa manaa biraa heerumuuf bilisummaa qabdi. Haati manaa tuni garuu abbaa manaashee isa jaalataa jalaa du'e wajjiin gaa'ela raawwatte. Inni fannoorratti aarsaa of taasisuun Foon isaa qulqulluu tahe yeroo hundaa akka soorattuuf misirroo isaa kabajamtuuf dhiyeessee. Cinaacha isaas waraanamuun dhiigasaa qulqulluu xoofoodhaan guutee laateef. Sababa kanaan waaqolii tolfamoon lapheeshee keessa jiraachisaa turte hundisaanii dhabamsiifamani. Dibatasaa qulqulluudhaanis kabajamte, Isas bishaan cuuphaatiin uffatte, Isas bifa buddeenaatiin sooratte, akka Wayniittis dhugde. Sababa kanaan lachuu  tewaahidoo gonka ta'een tokko akka ta'an addunyaan beeke.Misirrittiin abbaan manaa ishee baay'ee jaalattu waan jalaa du'eef eenyunuu isa hin geeddarre. Du'a Isaatiin jireenya argatteetti waan ta'eef jaalalli isaaf qabdu adda ture. Abbaa manaa fi haati manaa iccitii kanaaf fakkeenyawwan isaan duraati. Isaan gaa'ela isa dhugaatiif akka fakkeenyaattiifi akka gaaddidduutti kan tajaajilaniidha. Isaanin fakkeessee Muuseen iccitii  guddaa kana dubbate. Muuseen iccitii kana golgaadhaan golgee ture waan ta'eef nu jalaa dhokatee ture. Duuka bu'aa Ququlluu Phaawuloos garuu nuuf ibse. Muuseen "lamaanuu foon tokko ta'u" jechuudhaan kan iccittiidhaan dubbate, "Ani garuu waayee Kiristoosiifi Mana Kiristaanaatin jedha" (Eef. 5:32) jechuudhan Qulqulluun Phaawuloos Ibsa. (Qulqulluu Yaa'iqoob isa Siruug).
Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaafi Hiik-Kuus-Miidiyaa  Yaa'ii Mooraa M/Guddichaafi Kollejjiiwwanii.                 Caamsaa, 27,2016  B.A                                       Jimmaa
Mostrar todo...
👏 4
Waa’ee Dubroo⚜ 👉"Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu jechi tokko na keessa dhufa, kunis Museen tulluu Siinaarra dhaabbatee osoo jiruu, "mukni tokko yammuu ibbiddi isheerratti boba'u, ibiddichi mukittii osoo hin gubiin, mukittiinis osoo ibiddicha hin balleessiin" ilaalee 'akkamitti ibiddi kun  muka kana hin gubne? Raajii kana nan ilaala jedhee kalattii mukittiitti dhiyaate. Yammuu achitti dhiyaatu  garuu jechi tokko garasaatti dhufe, 'Gara kanatti hin  dhiyaatiin bakka ati dhaabbatte kan eebbifamte waan taateef kophee miila kee baafadhu!' 👉Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu "As hin dhiyaatiin!"waan jedhu natti fakkaata. Sababni isaas muka sanarratti kan boba'e ibiddadha. Dubroon Maariyaam kan baatte garuu ibidda Waaqummaati" ✍ Qulqulluu Saawuroos isa Antsookiyaa "Yaa giiftii keenya kadhannaan qulqullootaafi amantoota hundumaa ultuu (Maaxantii) isaanitiin lafaatii gara samiitti kan ittin ol baasan ultuu warqeerraa kan tolfamee harka hangafoota luboota samii keessa jiruun si fakkeessina. Akkasumas maqaa kee waamudhaan kadhannaa dhala nama hundumaa gara sadan adda ta'an gara Abbaa, Ilmaafi Afuura qulqulluutti ni dhiyeessu. Cubbuu lammiikee akka dhisistuuf Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu biratii siif eeyyamameera. Akkasumas, dhala namaaf riqaa jireenyaa bara baraa akka taatuuf. Yaa qoricha addunyaa lammiikee amantootaaf qorichasaanii jedhamuu qabda."   Qulqulluu Yaareed Giiftiin keenya qulqulleettiin dubroo maariyaam godoo dookimaasii  hir'uu isa ilaaltee hir'uu isa immoo ilaaltee kan hin dhiisne kan guuttef hir'uu keenya keessatti nuf argamtee hir'uu keenya nuf haa guuttu. Araarsummaa fi kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo maariyaam hunda keenya waliin haa ta'u. AMEEN!!!
Mostrar todo...
7👍 2
⚜️Eeyyama Waaqayyoo⚜️         [ፈቃደ እግዚአብሔር] ➭Namni baay'een, "kanan yaade hunduu homaa naaf hin milkoofne" akkaa jedhe ni gumguma; "Anaan hoo Waaqayyo na irraanfachuu hin oolu" akkaa jedhe Uumaa isaa gaddisiisa. 'Naaf kenna' jedhee osoo hin taane 'nan argadha' jedhee jalqabee yammuu argachuu dhabu akka waan Waaqayyo isa duraan qabu isa harkaa fudhateetti  Waaqa isaarraatti boo'a. Waaqa yeroo karoorsitu hin yaadanne gaafa waan yaadde siif milkaa'uu didu maaliif komatta? Jireenya kee keessatti yoom bakka kenniteefi? Akkan yaade haa ta'u jette malee 'akka eeyyama kee haa ta'u' jettee yoom kadhatte? Isa duraan isa marii'anna amma maaliif himatamaa isa taasista? ➭Guyyaa itti nan hojjedha jettee manaa baate akkanumatti maal na dhibdeedhaan maqaa isaa waamteetta yoo ta'e deebi'ii of qoradhu! Akka ta'utti kadhattee karaa kee hundattis akka si dursuuf eeyyamamaa taatee yoo jalqabde garuu homaa hin shakkiin tiksee kee amani. Ati akka Loox yoo filatte,  Sodoomiif Gomoraa yeroodhaaf gaarii fakkaatee garuu Waaqayyo immoo keessatti  hin kabajamne  irra amma homaa kan hin fakkaanne booda garuu dammaa fi aannan kan maddisiisu ijoollee keefis qabeenya [dhaala] kan ta'u [biyya] Kana'aan siif wayya! ✍️Dn Abeel K. akka Dn Lammeessaa T. hiiketti ❓Obboleessa koo ati hoo kan ofii barbaaddu moo kan Waaqayyo siif kennuu barbaadu kadhatte?  Ati kan ofii barbaaddee argattu yeroof si ceessisuu danda'a garuu rakkoo inni sitti fidutu caala; Waaqayyo kan siif kennu garuu yeroof obsa si barbaaduu danda'a garuu barootaaf hamma dhuma jireenya keetti kan si ceessisudha. Inni nu caalaa nuyiif yaada Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Mostrar todo...

👍 2 2
Maatii Taatanii Jirtuu❓ ➭Jaalatamaa/tuu obboleessa/eettii koo nageenyi Waaqayyoo siif haa baay'atu; waa si yaadachiisuu?! Tole! Bara keenya kanatti dhiibbaa miidiyaan hawaasaa fi ammayyummaa ana fi si'i dabalatee dhaloota irratti fidaa jiru hammam akka ta'e sitti hin himu, atiyyuu beekta waan ta'eef! Dhiibbaan kun guyyaa irraa gara guyyaatti dachaan dabalaa deemuun isaa immoo waan nama rifachiisuu fi sodaachisudha. Kanaan walqabatee manni kiristaanaa kee , haati kee ishee dhugaan baduu dhalootaa hin barbaadne kun osoo maal fa'a hojjette furmaatadha jetta? Tarii akkuma koo tajaajila afuurawaa qindaa'aa ta'ee fi bilchaataa ta'e  miidiyaalee hawaasaatiin tamsaasuun dhiibbaa jiru kana akka carraa gaariitti fayyadamuu qabdi jetta ta'a. Dhugaadha mana kiristaanaaf miidiyaaleen hawaasaa hedduun ishee barbaachisu; hedduu qofa osoo hin taane miidiyaa guddaatu isheef mala. Miidiyaa guddaan immoo kan jiraatu yoo anaaf si'i, obboloonni keenyi biroonis walirraa gargar faca'uu dhiisnee walitti dhufnee karaa dandeenyuun tumsa taasisnedha. Tumsa taasisuu barbaaddaaree?! Koottu kunoo miidiyaa mana kiristaanaa kan ta'e tokko  "Miidiyaa Sootiriyaa" #Subscribe #Follow #Like #Join gochuun maatii haa taanu; obboloota keenyas affeeruun tumsuma xiqqoo kana  irraa haa eegallu. Obboloota jaalattu qabda mitii?!; mee affeerraa kana ergiif! Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇 ➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21 ➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia ➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
Mostrar todo...
MIIDIYAA SOOTIRIYAA ሶትርያ ሚዲያ

Miidiyaa #Seeraa fi #Sirna Mana Kiristaanaa Ortodooksi #Tawaahidoo Itoophiyaa Eegee Barumsa Mana Kiristaanaa (#Doogmaa, #Qannoonaa fi #Darbii_Darboo Qulqullaa'oo) Barsiisu. Yaadaa fi Gaaffii qabdan maraaf karaa @Sotm001 fi @Sotm002 keessaan nu quunnamaa.

👍 7
⚜️ Ijoollee Sahaaraa Ta'aa⚜️ ➭Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa kanarratti haati manaa hammam abbaa manaaf fakkeenya guddaa ta'uu akka dandeessu, akkasuma kabaja haadhummaa yeroo ibsu akkas jedha (1Phex 3:1-6); ➭"Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta'an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatiin, amala isin warri haadholii manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo'amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa!  Isaan amala keessan isa qullaa'aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.  Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'iin!  Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta'u! Kunis afuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta'e sanaan haa mul'atu!  Bara duriitti dubartoonni Waaqayyoof qulqullaa'anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan.  Sahaaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin doorsisa tokko illee osoo hin sodaatiin gaarii yoo gootan, ijoollee ishee ta'uu keessan!" ➭Haadholiin akka waliigalaattis akka mana kiristaanaattis itti gaafatamummaa dachaatu isaanirra jira. Dhaloota gaarii duuba, tajaajila mana kiristaanaa gaarii duuba haadhummaa gaariitu jira. Makmaaksi hawaasaa, "Duuba abbaa manaa cimaa haadha manaa cimtuutu jira" jedhus gatii haadhummaa kana ibsa mitiiree! Haadhummaa hamma kana guddaa ta'eef gatii/xiyyeeffannoo gadi aanaa kennuun gaarii miti. Warri haadha ta'uuf jiran karaa hundaan of-qopheessanii itti seenuun barbaachisa; warreen ta'anii jiran immoo haadhummaa isaaniif gatii kennuu qabu! Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Mostrar todo...
GODOLIYAAS

"Addunyaan hunduu ni darba; fedhiin fooniis ni bada; seera Waaqayyoo kan raawwatu garuu bara baraaf ni jiraata!" Yaadaa fi gaaffiif @lamtesh irratti nuuf ergaa! *Godoliyaas-Waaqayyo Guddaadha* FB ► *Godoliyaas*

👍 6
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.