Elias Kasa Legal Service.
👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasaa mariisisaa. 👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ ኤልያስ ካሳ ጠበቃ እና የሕግ አማካሪን ያማክሩ። 📞 0929399368
Show more📈 Analytical overview of Telegram channel Elias Kasa Legal Service.
Channel Elias Kasa Legal Service. (@elulaw) is an active participant. Currently, the community unites 14 703 subscribers, ranking 563 in the Law category and 2 421 in the Ethiopia region.
📊 Audience metrics and dynamics
Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 14 703 subscribers.
According to the latest data from 12 November, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 9 over the last 30 days and by 1 over the last 24 hours, overall reach remains high.
- Verification status: Not verified
- Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 28.67%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 8.50% reactions from the total number of subscribers.
- Post reach: On average, each post receives 4 215 views. Within the first day, a publication typically gains 1 250 views.
- Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 9.
📝 Description and content policy
The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
“👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasaa mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ ኤልያስ ካሳ
ጠበቃ እና የሕግ አማካሪን ያማክሩ።
📞 0929399368”
Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 13 November, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Law category.
Qajeelfama Addaa Ramaddii fi Muudama Abbootii Seeraa fi Muudamtoota Manneen Murtii Olaanaa Lakk.28/2019—EMANA R. WIRTU
Mareen Balleessummaa Akka Amanuuf Gaggeeffamu (Plea Bargaining) Haalduree Adeemsaa Akkamii Qabaa? Adeemsichi Haala Kamiin Eegalaa? Gosa Adabbii Irratti Marichi Gaggeeffamuu Ni Danda'aa? Adeemsicha Keessatti Manni Murtii Gahee Akkamii Qabaa?°°°°=====°°°°°°°======°°°°°°°======
✅Imaammatni Haqa Yakkaa bara 2003 keessa Ministeera Haqaatiin qophaa’e (kan fooyya’e hin arganne), dhimma maree (waliin dubbannaa) balleessummaa akka amanuuf taasifamu (Plea bargaining) ilaalchisee ibsa kennuun seerri akka bahuuf kallattii kaaée ture. ✅Buúuruma kanaan, akka biyya keenyaatti Seerri Adeemsa Falmii Yakkaafi Ragaa haarayaan kan bahe yemmuu taú, seerri kun dhimma maree balleessummaa akka amanuuf gaggeeffamuu (Plea bargaining) ilaalchisee haguuggii kennuufiin keewwattoota lakkoofsaan kudhanii gadi hin taane tarreessuun adeemsicha addatti hogganeera. ✅Seerichi maalummaa isaa ifatti ibsuu baatullee, tumaalee seerichaa garaagaraa irraa “Plea Bargaining” jechuun adeemsa itti abbaan alangaafi namni yakkaan himatame waliin dubbachuun, himatamaan himannaa amanuun abbaan alangaa baayína himannaa akka hirísuuf ykn adabbii salphisuuf itti taasifatu ykn itti waliigalu jechuu akka taétu hubatama. Gaalee “Plea Bargaining” jedhamu, kan afaan Amaaraatiin ‘የጥፋተኝነት ድርድር” jedhamu kana afaan Oromootiin jecha tokko ykn lama fayyadamuun ibsuu yaaluun waaée adeemsichaa ilaalchisee ergaa guutuu akka hin arganne nama taasisa. Kanaaf, akka kiyyatti guutuu taúu baatullee “Maree Balleessummaa Akka Amanuuf Gaggeeffamu” kan jedhu filachuun fayyadameera. ✅Akkuma olitti kaasne, Seerri Adeemsa Falmii Yakkaafi Ragaa Haarayaan kun kaayyoon “Plea Bargaining” himatamaan fedhii bilisaa ofiitiin balleessaa (yakka) raawwateef itti gaafatamummaa fudhatee akka gaabbuufi sirreeffamuuf carraa kennuufii, akkasumas dhimmoota yakkaa adeemsa siátaadhaan xumuruun namoonni yakka raawwatan adabbii isaanii akka argatan taasisuun hawaasa barsiisuu taúu ibseera. ✅Seerri adeemsaa kun itti fufuun dhimmi yakkaa kamiyyuu adeemsa maree kanaan xumuramuu kan dandaú taúufi adeemsichi fedhii himatamaatiin kan raawwatamu taúu tumeera. ✅Kana malees, seerichi akka haalduree adeemsichaatti: abbaan alangaa himannaa erga hundeessee booda adeemsichi eegaluu kan qabu taúu; ragaan himatamaa balleessaa taasisuu danda’u jiraachuu isaa mirkaneessuu kan qabu taúufi himatamaan mirgoota isaa seeraan tumaman dhiisuuf kan waliigale taúu isaa barreeffamaan ibsuu kan qabu taúu tumeera. ✅Dabalataan, seerichi abbaan alangaa ykn abukaattoon himatamaa, himatamaan waliigaltetti osoo hin seenin dura adeemsa waliigaltee, bu’aa isaa fi dhimmoota biroo rogummaa qaban, fi waliigalteen mareedhaan booda irra gahame mana murtiitiin yoo raggaasifame kan hojiirra oolu ta’uu isaa hubachiisuu kan qaban taúu tumeera. ✅Adeemsichi kan eegalu erga abbaan alangaa himannaa isaa mana murtiitti dhiyeessee booda taée, abbaan alangaa dhimmicha ‘plea bargaining’dhaan xumuruuf fedhii qabaachuu isaa fi gama isaatiin baay’ina himannaa, gosa himannaa ykn hanga adabbii hir’ifamuu dandaú ibsee, himannaa waliin walqabsiisee himatamaaf yoo kenne ykn yoo ergeefi himatamaanis fedhii qabaachuu isaa abbaa alangaatiif yoo ibsedha. 👌Mareen kun baay’ina himannaa, gosa himannaa, ijoo dubbii, gosa adabbii fi hanga adabbii irratti gaggeeffamuu kan danda’u taée, waliigalteen dhuma buáa marichaa taé barreeffamaan mana murtiitiif dhiyaatee, Manni murtiis akkaataa seeraatti adeemsichi gaggeeffamuu isaa qulqulleeffatee kan raggaasisu taá; waliigaltichi hanqina kan qabu ta’uu isaa yoo hubate immoo sirreeffamee akka dhiyaatu ykn kufaa taasisuu danda’a jechuudha. Manni murtii waliigalticha osoo hin raggaasisin yoo hafe, waliigaltichi akka fooyya’u ykn adeemsi himannaa akka itti fufuuf ajaja kennuu kan dandaú taúunis tumameera. Join:-@desberofMM Desalegn B.
✅"የወንጀል ህግ ሥነ ሥርዐት " kan jedhu maal jedhamee Afaan Oromootti hiikamuu qaba kan jedhu irrati falmiin ho'aa ta'e miidiyaa hawaasaa fb irratti kaleessa gara galgalaa ka'ee ture. Maal jedhamee Afaan Oromootti hiikamuu qaba kan jedhu ilaalchisee yaada dhuunfaa kiyya akkaataa armaan gadiittan kaa'a. ✅Seenaa seerota adeemsaa keenyaa yoo ilaalle, 'Criminal Procedure'n keenya irra jireessaan kan waraabame seera biyya Malaysia irraa ta'uun ni beekama. ✅Yeroo waraabamuttis maqaa afaan Ingilishiitiin 'Criminal Procedure Code' jedhamu irraa gara Afaan Amaaraatti ta'uun isaa ifadha. ✅Haala kanaan, maqaan seerichaa Afaan Amaaraatiin "የወንጀለኛ መቅጫ ሕግ ሥነ ሥርዐት" jedhamee waamamaa kan turedha. ✅Ta'us, jechi 'መቅጫ' jettu xiyyeeffannoon seera yakkaa ykn kaayyoon seera yakkaa yakkamtoota adabuu qofa irratti akka ta'e fakkeessa sababa jedhuun seerri yakkaa bara 1996 bahe maqaa isaa fooyyessee 'የወንጀል ህግ' (Seera Yakkaa) jechuun tumeera. ✅Seerri Adeemsa Falmii Yakkaafi Ragaa haarayaanis haaluma seera yakkaa bu'uuraa waliin wal simuun 'የወንጀል ህግ ሥነ ሥርዐት' jechuun waameera. ✅As irratti silaa gaaffii ta'uu kan qabu waraabbiin Afaan Ingilishii 'Criminal Procedure Code' jechaa osoo jiruu, ibsa maqaa 'Criminal' ykn 'Yakkamaa' jedhu fayyadamee osoo jiruu maalif jechi 'Criminal (Yakkamaa) jedhu dhiifamee Crime ykn Yakka jedhame? Jecha መቅጫ jedhu qofa keessaa hambisuun itti fufsiisuun hin danda'amu turee? kan jedhudha. ✅Jara Afaan Ingilishiitiin waaman biratti seerri yakkaa bu'uuraa 'Criminal law/code' jedhamee, seerri adeemsaas 'Criminal Procedure Code' jedhamee waamama. Ibsituu maqaa criminal jedhu fayyadamu malee maqaa Yakka ykn 'Crime' jedhu hin fayyadaman. ✅Wixineessitoonni jalqabaa jecha ወንጀለኛ jettus kallattiidhaan hiikuun achii as fidanii turan. Kanarra darbuun haala qabiyyee seerichaa ibsuun (waa'ee qorannaa, himannaa, falmii, Murtii....) hin tumne. Seerota biyya biroo keessattis kun hin argamu. ✅Kanarraa ka'uun maqeeffama "Seera Adeemsa Yakkaa"fi "Seera Adeemsa Dhimmoota Yakkaa" kan jedhu yoo ilaalle, caalmaatti adeemsa yakkoonni itti raawwataman ibsuuf waan yaadame fakkaata. Dhimmoonni yakkaa akkamitti adeemu gaaffiin jedhu gaafatamee deebii waan kennaa jirru nu fakkeessa. Waamichaaf namatti hin tolu. 👌Kanaaf, akka kiyyatti seerichi maqaa ittiin beekame waan qabuuf, maqichis 'Seera Adeemsa Falmii Yakkaa" kan jedhu waan ta'eef, maqaa biroo barbaadutti humna (energy) fixuurra isuma baratame (yoo xiqqaate inistitiyuutii keenya ILQSOdhaan waaltawetti) yoo fayyadamne hin wayyuu laata yaada jedhun qaba. Yaadichi galgala keessa waan ho'eef na harkise.🧐😁 Galatoomaa! Join:-@desberofMM Desalegn B.
Yakkoota Sanadootaafi Baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irratti Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Keessatti Raawwataman Ilaaluuf Manni Murtii Federaalaa Aangoo Ni Qabaa? ====✓✓✓=====✓✓✓✓====== Seerri Deemsa Falmii Yakkaafi Ragaa Haarayaan, Labsiin Lakk.1410/2018 kwt 25(2)(2) jalatti: 👉"Tumaan keewwata 25 kwt xiqqaa 1(i) jalatti tumame jiraatus, dhaabbilee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, sanadoota, bajatafi dantaalee walfakkaataa naannichaa irratti, dhaabbattoota keessatti yakkoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman irratti; Yakkoota hoggantoonnifi hojjettoonni naannichaa itti gaafatamummaa hojii isaanii waliin walqabatee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti raawwatan irratti manneen murtii Naannoo aangoo abbaa seerummaa ni qabaatu" jedha. Hubachiisa: ✅Labsichi kwt 25(1)(i) jalatti immoo akka qajeeltootti yakkoota magaalota ykn iddoowwan mootummaa federaalaatiif itti waamaman keessatti raawwataman ilaaluuf aangoo kan qabu manneen murtii federaalaa ta'uu haala agarsiisuun tumeera. ✅Manneen Murtii Federaalaa Yakka sanadaafi bajata mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman ilaaluuf aangoo hin qaban jechuudha. ❓Ani akkasittan hubadhe. Isin akkamitti hubattan? Join:-@desberofMM Desalegn B.
