Elias Kasa Legal Service.
👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasaa mariisisaa. 👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ ኤልያስ ካሳ ጠበቃ እና የሕግ አማካሪን ያማክሩ። 📞 0929399368
إظهار المزيد📈 نظرة تحليلية على قناة تيليجرام Elias Kasa Legal Service.
تُعد قناة Elias Kasa Legal Service. (@elulaw) لاعباً نشطاً. يضم المجتمع حالياً 14 721 مشتركاً، محتلاً المرتبة 558 في فئة القانون والمرتبة 2 414 في منطقة Ethiopia.
📊 مؤشرات الجمهور والحراك
منذ تأسيسه في невідомо، حقق المشروع نمواً سريعاً وجمع 14 721 مشتركاً.
بحسب آخر البيانات بتاريخ 25 أكتوبر, 2026، تحافظ القناة على نشاط مستقر. خلال آخر 30 يوماً تغيّر عدد الأعضاء بمقدار 38، وفي آخر 24 ساعة بمقدار 0، مع بقاء الوصول العام مرتفعاً.
- حالة التحقق: غير موثّقة
- معدل التفاعل (ER): يبلغ متوسط تفاعل الجمهور 29.30%. وخلال أول 24 ساعة من النشر يحصد المحتوى عادةً 9.47% من ردود الفعل نسبةً إلى إجمالي المشتركين.
- وصول المنشورات: يحصل كل منشور على متوسط 4 313 مشاهدة. وخلال اليوم الأول يجمع عادةً 1 394 مشاهدة.
- التفاعلات والاستجابة: يتفاعل الجمهور بانتظام؛ متوسط التفاعلات لكل منشور يبلغ 17.
📝 الوصف وسياسة المحتوى
يصف المؤلف القناة بأنها مساحة للتعبير عن الآراء الذاتية:
“👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasaa mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ ኤልያስ ካሳ
ጠበቃ እና የሕግ አማካሪን ያማክሩ።
📞 0929399368”
بفضل وتيرة التحديث المرتفعة (أحدث البيانات بتاريخ 26 أكتوبر, 2026) تحافظ القناة على حداثتها ومستوى وصول مرتفع. وتُظهر التحليلات تفاعلاً نشطاً من الجمهور، ما يجعلها نقطة تأثير مهمة ضمن فئة القانون.
✅"የወንጀል ህግ ሥነ ሥርዐት " kan jedhu maal jedhamee Afaan Oromootti hiikamuu qaba kan jedhu irrati falmiin ho'aa ta'e miidiyaa hawaasaa fb irratti kaleessa gara galgalaa ka'ee ture. Maal jedhamee Afaan Oromootti hiikamuu qaba kan jedhu ilaalchisee yaada dhuunfaa kiyya akkaataa armaan gadiittan kaa'a. ✅Seenaa seerota adeemsaa keenyaa yoo ilaalle, 'Criminal Procedure'n keenya irra jireessaan kan waraabame seera biyya Malaysia irraa ta'uun ni beekama. ✅Yeroo waraabamuttis maqaa afaan Ingilishiitiin 'Criminal Procedure Code' jedhamu irraa gara Afaan Amaaraatti ta'uun isaa ifadha. ✅Haala kanaan, maqaan seerichaa Afaan Amaaraatiin "የወንጀለኛ መቅጫ ሕግ ሥነ ሥርዐት" jedhamee waamamaa kan turedha. ✅Ta'us, jechi 'መቅጫ' jettu xiyyeeffannoon seera yakkaa ykn kaayyoon seera yakkaa yakkamtoota adabuu qofa irratti akka ta'e fakkeessa sababa jedhuun seerri yakkaa bara 1996 bahe maqaa isaa fooyyessee 'የወንጀል ህግ' (Seera Yakkaa) jechuun tumeera. ✅Seerri Adeemsa Falmii Yakkaafi Ragaa haarayaanis haaluma seera yakkaa bu'uuraa waliin wal simuun 'የወንጀል ህግ ሥነ ሥርዐት' jechuun waameera. ✅As irratti silaa gaaffii ta'uu kan qabu waraabbiin Afaan Ingilishii 'Criminal Procedure Code' jechaa osoo jiruu, ibsa maqaa 'Criminal' ykn 'Yakkamaa' jedhu fayyadamee osoo jiruu maalif jechi 'Criminal (Yakkamaa) jedhu dhiifamee Crime ykn Yakka jedhame? Jecha መቅጫ jedhu qofa keessaa hambisuun itti fufsiisuun hin danda'amu turee? kan jedhudha. ✅Jara Afaan Ingilishiitiin waaman biratti seerri yakkaa bu'uuraa 'Criminal law/code' jedhamee, seerri adeemsaas 'Criminal Procedure Code' jedhamee waamama. Ibsituu maqaa criminal jedhu fayyadamu malee maqaa Yakka ykn 'Crime' jedhu hin fayyadaman. ✅Wixineessitoonni jalqabaa jecha ወንጀለኛ jettus kallattiidhaan hiikuun achii as fidanii turan. Kanarra darbuun haala qabiyyee seerichaa ibsuun (waa'ee qorannaa, himannaa, falmii, Murtii....) hin tumne. Seerota biyya biroo keessattis kun hin argamu. ✅Kanarraa ka'uun maqeeffama "Seera Adeemsa Yakkaa"fi "Seera Adeemsa Dhimmoota Yakkaa" kan jedhu yoo ilaalle, caalmaatti adeemsa yakkoonni itti raawwataman ibsuuf waan yaadame fakkaata. Dhimmoonni yakkaa akkamitti adeemu gaaffiin jedhu gaafatamee deebii waan kennaa jirru nu fakkeessa. Waamichaaf namatti hin tolu. 👌Kanaaf, akka kiyyatti seerichi maqaa ittiin beekame waan qabuuf, maqichis 'Seera Adeemsa Falmii Yakkaa" kan jedhu waan ta'eef, maqaa biroo barbaadutti humna (energy) fixuurra isuma baratame (yoo xiqqaate inistitiyuutii keenya ILQSOdhaan waaltawetti) yoo fayyadamne hin wayyuu laata yaada jedhun qaba. Yaadichi galgala keessa waan ho'eef na harkise.🧐😁 Galatoomaa! Join:-@desberofMM Desalegn B.
Yakkoota Sanadootaafi Baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irratti Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Keessatti Raawwataman Ilaaluuf Manni Murtii Federaalaa Aangoo Ni Qabaa? ====✓✓✓=====✓✓✓✓====== Seerri Deemsa Falmii Yakkaafi Ragaa Haarayaan, Labsiin Lakk.1410/2018 kwt 25(2)(2) jalatti: 👉"Tumaan keewwata 25 kwt xiqqaa 1(i) jalatti tumame jiraatus, dhaabbilee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, sanadoota, bajatafi dantaalee walfakkaataa naannichaa irratti, dhaabbattoota keessatti yakkoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman irratti; Yakkoota hoggantoonnifi hojjettoonni naannichaa itti gaafatamummaa hojii isaanii waliin walqabatee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti raawwatan irratti manneen murtii Naannoo aangoo abbaa seerummaa ni qabaatu" jedha. Hubachiisa: ✅Labsichi kwt 25(1)(i) jalatti immoo akka qajeeltootti yakkoota magaalota ykn iddoowwan mootummaa federaalaatiif itti waamaman keessatti raawwataman ilaaluuf aangoo kan qabu manneen murtii federaalaa ta'uu haala agarsiisuun tumeera. ✅Manneen Murtii Federaalaa Yakka sanadaafi bajata mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman ilaaluuf aangoo hin qaban jechuudha. ❓Ani akkasittan hubadhe. Isin akkamitti hubattan? Join:-@desberofMM Desalegn B.
EEBBA KITAABAA "Harka Fuune! ✅Kitaaba Kiyya tibbana maxxanfame kana eebsiisuuf beellama gaafa 14/02/2019ti qabeera. Iddoon Ethiopian Public Service University dha. Sagantaa kanarratti akka argamtan kabajaan isin afeereera. Saganticha irratti kan argamuu dandeessan dursitanii akka na beeksiftan fi lakk. bilblila keessanii in-box akka naaf gootan kabajaan isin gaafadha. Guyyaa Gaarii!" (Fuula FB Dr.Dajanee Girmaa Irraa kan fudhatame) 👉Sirna haqaa yakkaa keenya keessatti dhimmi sababafi bu'aa (Causation) adda baasuu dhimma murteessaafi bakka qabatamaatti rakkoon jiru waan ta'eef, mata duree kana irratti nuuf gumaachuu isaaniitiif Dr.Dajanee galateeffachaa, guyyaa eebbaa bakkatti argamuun wal haa jajjabeessinuun dhaamsa kiyyadha. 🙏🙏🙏 Desalegn B.
