cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Desalegn B.

Just to share training materials prepared for lawyers!

إظهار المزيد
فنلندا1 512لم يتم تحديد اللغةالقانون2 167
مشاركات الإعلانات
3 744
المشتركون
+1524 ساعات
+937 أيام
+37330 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

☝️☝️☝️☝️ Namni (Qaamni) Himannaa Jeequmsaatiin (Abbaa Qabiyyummaatiin) Himatame Deebii Ittisaa Akkamii Dhiyeeffachuu Qabaa? Gama Kanaan Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Maal Jedhe? ¢¢¢¢¢¢¢{{{}}}}¢¢¢¢¢{{{{{{}}}}}¢¢¢¢¢¢¢¢¢¢¢   ....itti fufe..... Seerri Hariiroo Hawaasaa kwt 1149(3) jalatti namni (qaamni) jeequmsaan himatame mirga gocha himannaa keessatti eerame raawwachuuf isa dandeessisu qabaachuu isaa dafee haala fashaleessuun hin danda’amneen yoo hubachiisuu baate abbootiin seeraa qabeenyi fudhatame akka deebi’u ykn jeequmsi uumame akka dhaabbatu ni ajaju jechuun tumeera. Haala kanaan, namni himannaa gosa kanaa dhiyeessu wanti qabatamaatti to’annaa isaa jala ture jalaa fudhatamuu ykn jeeqamuu mirkaneessuu kan qabu yemmuu ta’u, himatamaan immoo ariitiidhaan mirga jalaa fudhachuuf ykn jeequuf isa dandeessise ykn aangesse qabaachuu isaa hubachiisuu qaba. Bakka kanatti, darbee darbee, ogeessonni wayita haala wal makaa ta’een hojjetan ni mul’ata. Ogeessonni tokko tokko, himannaa jeequmsaa irratti deebii erga kennisiisanii booda deebii kenname dubbisuun, bitaafi mirga irraas waan ifa hin taane qulqulleeffatanii gochi himatamaadhaan raawwatame seera qabeessa ta’uu isaa yoo mirkaneeffatan, duubatti deebi’uun himannaa dhiyaate ilaaluuf aangoo hin qabnu jechuun kan kuffisan yemmuu ta’u, ogeessonni biroon immoo gochi himatamaadhaan raawwatame seera qabeessa ta’uu isaa yoo mirkaneeffatan aangoo hin qabnu jechuun osoo hin taane himatamaan jeequmsa hin uumne jechuun himannaa kufaa taasisu. Akka kiyyatti, ejjennoo sirriin ejjennoo isa 2ffaadha. Sababni isaas; 1ffaa-Himannaa jeequmsaa keessatti ijoon dubbii qabamu “jeequmsi uumameeramoo hin uumamne?” kan jedhudha waan ta’eef, gochi raawwatame seera qabeessa taanaan jeequmsi hin raawwatamne jedhamee himannaan kufaa ta’uu kan qabu yemmuu ta’u, 2ffaa-Namni himatame akkaataa SHH kwt 1149(3)tiin dhiyaatee gochicha raawwachuuf aangoo ykn mirga isa dandeessisu qabaachuu isaa saffisaan hubachiisuuf dirqama kan qabuufi yoo mirkaneesses jeequmsi hin jiru jedhamee himannaan kufaa ta’uu waan qabuufidha. .....itti Fufe....      Desalegn B.
إظهار الكل...
22👍 9🥰 2
☝️☝️☝️☝️ Namni (Qaamni) Himannaa Jeequmsaatiin (Abbaa Qabiyyummaatiin) Himatame Deebii Ittisaa Akkamii Dhiyeeffachuu Qabaa? Gama Kanaan Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Maal Jedhe? ¢¢¢¢¢¢¢{{{}}}}¢¢¢¢¢{{{{{{}}}}}¢¢¢¢¢¢¢¢¢¢¢ .....itti fufee..... Haaluma wal fakkaatuun barreeffamni biroon, qabiyyeedhaaf eegumsi kan taasifamu hanga maaliitti akka ta’e, himannaa abbaa qabiyyummaa keessatti dhimmi ‘mirga beekamtii seeraa qabuu’ (title) rogummaa qabaachuufi dhabuu isaa ilaalchisees ibsa kenneera.   “Generally, title is not relevant in a possessory action. Even a true owner, who interferes with the lawful possession by another of the owner's property may be forced to restore possession and will not be permitted to set up her own title to defeat it. To succeed in removing the person from possession she must first give up possession and then bring a legal action for the recovery of the possession of thing on the ground of her ownership. The sensible course of action to take is to adopt a rule that every possessor shall be entitled to retain and recover her possession until deprived of it by a judgment according to law” jedha. Kunis kan agarsiisu dhimmi ‘mirga seeraan beekamtii argatee’ (title) falmii jeequmsaa keessatti rogummaa kan hin qabne ta’uu, namni qabeenya tokko dhugumatti to’atee jiru nama seeraan ala (murtiin akkaataa seeraatti kenname osoo hin jiraatin) jeeqe irratti himannaa dhiyeessee qabiyyicha yeroodhaaf ofitti deebisiisuu kan danda’u ta’uudha. Gama kanaan, Dhaddachi Ijibbaataa MMWFs murtii dirqisiisaa Galmee Lakk.27506 (Jildii 6ffaa) ta’e irratti kenneen: Himannaa jeequmsi narraa haa dhaabbatu jechuun dhiyaate irratti deebii himatamaan mirga abbaa qabeenyummaan qaba jechuun kaasu rogummaa kan hin qabne ta’uu, ijoon dubbii falmii jeequmsaa keessatti qabamuu qabus “Jeequmsi uumameeramoo hin uumamne?” kan jedhu ta’uufi namni himatus akkaataa SHH kwt 1140tiin mirga qabiyyee qabaachuufi qabeenyicha irratti dhugumatti kan ajaju ta’uu mirkaneessuu kan qabu ta’uu ibsuun murteesseera.   ....itti Fufe....      Desalegn B.
إظهار الكل...
👍 3
☝️☝️☝️☝️ Namni (Qaamni) Himannaa Jeequmsaatiin (Abbaa Qabiyyummaatiin) Himatame Deebii Ittisaa Akkamii Dhiyeeffachuu Qabaa? Gama Kanaan Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Maal Jedhe? ¢¢¢¢¢¢¢{{{}}}}¢¢¢¢¢{{{{{{}}}}}¢¢¢¢¢¢¢¢¢¢¢    ....itti fufee... Faayidaa isaa ilaalchisee barreeffamni gabaabaan Professor G.L.Peiris jedhamuun mata duree ”Possession and policy in a modern civil law system” jedhu irratti barreeffames: “The rationale of the possessory remedies involved recognition of possession, in itself, as an interest worthy of tentative legal protection, at any rate in the absence of an equal or superior claim to the property”  jedha. Kunis, qabiyyeen dantaa yeroodhaafis ta’u (keessattuu gaaffiin mirgaa wal qixa ykn ol’aanaa ta’e bakka hin jirretti) eegumsa seeraa argachuufi furmaata seeraa qabaachuu qabu ta’uu agarsiisa. Sababa itti qabiyyeedhaaf eegumsi taasifamuu qabuun wal qabatee barreeffamni biroon immoo akkaataa armaan gadiitiin kaa’a. ”Public order demands that a man shall not be judge in his own case. If anyone claims a thing that is in the factual control of another, then he must set a court in motion in order to recover it. In principle, therefore, he is not allowed to take it from another person without the aid of a court. If he does so, the legal order requires that the previous situation be as far as possible restored, and so a possessory action is given for this purpose to the person from whom he has taken it, even if that person is not entitled to it. Haala kanaan, namni kamuu adeemsa seeraatiin ala humnaan walitti adeemee wal jeequu akka hin qabne, qabeenya qabatamaatti to’annoo nama biroo jala jiru ilaalchisee gaaffii mirgaa yoo qabaate karaa mana murtiitiin adeemsa eegee gaafachuu akka qabu, seera harka isaatti galfachuu akka hin qabne, adeemsa mana murtiitiin ala (seeraan ala) yoo itti adeeme immoo namni dhugumatti qabeenyicha to’atee jiru himannaa abbaa qabiyyummaa dhiyeeffachuu akka danda’u (qabeenyicharra mirga hin qabu yoo ta’ellee) kan agarsiisudha. Egaan, yaadni kun mirgoota mirkaneessi isaanii murtii mana murtii barbaaduu kan ilaallatudha malee tarkaanfii qaamni bulchiinsaa aangoo bal’aa seeraan isaaf kenname keessatti fudhatu kan ilaallatu miti. .....itti Fufe..           Desalegn B.
إظهار الكل...
👍 1
👍 3
00:21
Video unavailableShow in Telegram
👉Qajeelfama Keesummeessa Garaagarummaa Bal'ina Lafaa Qabiyyee Seera Qabeessa Ta'e Sirna Qabsiisuu fi Gatii Caalbaasii Wayitawaa Lafa Magaalota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakk 2/2016 👉Qajeelfamni haarayaan kun qabiyyee lafa waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa qabu bal'ina lafaa Mirgi irratti uumamee fi ragaa qabatamaa dirree irraa argamu gidduu garaagarummaa jiru sirna qabsiisuuf qajeelfama bahedha. 👉Qajeelfamni Biiroo Lafaatiin bahe kun gaafa 05/09/2016 irraa eegalee hojiirra oola. 🙏Credit to Malkamuu Buraayyuu (Daayirektera Kutaa Seeraa Biiroo Lafaa Oromiyaa)      Desalegn B.
إظهار الكل...
👍 9 1
☝️☝️☝️ ✍️Dhimma mata duree olitti ibsine kanaaf tooftaa hiikkoo kanaan yoo deemne rakkisaa taá jedheen yaada. Seerri Mootummaa Federaalaa amaluma isaatiin qabeenya Uumamaa irratti baasu tumaa waliigalaa Framework isaa malee tarreeffama seeraa ballinaan tarreessee kaahuu miti waan taéef qabeenya dhaabbataa lafa baadiyyaa irra jiru gurguruun buáa maalii akka hordofsiisu madaalee tarreeffamaan baasuun hojii Bulchiinsaa waan taéef qabeenya uumamaa bulchuuf immoo seera naannoleen baasaniin kan ilaalaman waan taéef tumaalee labsiiwwan lamaan walitti buán kana keessaa labsii akka lakk 248/2016 kwt 9(13)tti ilaaluun dhama qabeessa natti fakkaata. Kanaan achii lafti baadiyyaa maqaa qabeenya dhaabbataa irra jiruun karoora itti fayydama lafaa buúura godhateera taappeellaan jedhu kennameefii weerara lafaa fi dimoograaphii jijjiiruu hordofsiisuu dandaá. Tooftaan hiikkoo seeraa seera boodarra bahetu hojiirra oola kan jedhus dhimma kanarratti kan hojiirra oolchinu miti. 👁️Filannoon kun hin taú yoo taé akka ogeessa seeraatti dhimmichi hiikkoo Heeraa kaasisa jedhanii gara calaltuu gumii hiikkoo Heeraatti qajeelchuu dha. 👉Ogeeyyiin dhimma kanarratti actively barreessuu qabun jedha. Barreessaan: Miliyon T.Sarbeessaa (Abbaa seeraa MMWOfi Leenjisaa Ilqso duraanii) 😁Barreeffama addatti qophaa'ee Telegram Chanel kanaaf ergamedha. Galatoomaa jennaan! Nutis yaada dhuunfaa keenyaa yeroo gabaabaa keessatti ni keenya! Online irraa hin dhabaminaa!       Desalegn B.
إظهار الكل...
👍 6
Hundee Biqiltuu Dhaabbataafi Mana Jireenyaa Lafa Baadiyyaa Irratti Argamu Gurguruu Ilaalchisee Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Federaalaa (Labsii Lakk.1324/2016) fi Labsii Naannoo Keenyaa (Lakk.248/2015) =======✓✓=====✓✓✓======✓✓✓✓✓✓=====
✍️Miliyon T.Sarbeessaa (Abbaa seeraa MMWOfi Leenjisaa Ilqso duraanii)tiin kan Barreeffameefi Telegram Chanel kanaaf Addatti kan ergame 👉Wixineen Labsii Lafa Baadiyyaa Federaalaa lakk.1324/2016 taée dhiyeenya kana Paarlaamaan mirkanaaé kwt 17 qabeenyaa dhaabbataa lafa qabiyyee baadiyyaa irratti horatame gurgurtaan haala itti darbu tumee jira. Abbootiin qabiyyee qabiyyee lafaa isaaniirratti humna isaaniin, beekumsa isaaniin ykn dandeettii kalaqa isaaniin qabeenyaa hin sochoone  horatan akkaataa jiraniin (idduma jirutti) gurguruu, jijjiiruu, karaa seera qabeessa taé kan biraa kamiinuu mirga dabarsuu qabu. Mirgi kun heera mootummaa kwt 40 (1 fi 2) jalatti tumame raawwatinsa akka qabaatu kan taasisu dha. Qabeenyoonni kun qabeenya dhuunfaa jedhamanii heera mootummaan kan tumamani dha. 👉Qabeenyoonni kun qabeenya hin sochoone yeroo taánitti ijaarsa ykn qabeenyoota laficharatti guutummaan horataman ykn misooman biqiloota akka dabalatu seerichi ni kaaha. Qabeenyoonni hin sochoone kun immoo akka qabeenyaatti lakkaaámuuf laficha dabalachuudhaani. Manni lafa malee mana hin taú, biqilaan dhaabbataa laficha malee biqilaa dhaabbataa taúu hin dandaú. Kanaaf, mirgi seerichi tume raawwatinsa yeroo argatutti mirgi qabiyyee waliin darbu hanga qabiiyyee lafaa qabeenya lafa qabiyyicharratti horatame fayyadamuu dandeessisu qofa taúu qaba. Mana qabiiyyee lafa baadiyyaa irratti ijaarame ykn biqilaa dhaabbataa diigaa kaasaa ykn muraa fudhaa jechuun kisaaraa biyyattiirratti geessisu qaba. Kanaaf dabarsuun irra jira taanaan qabiyyee lafichaa waliin taúun akkuma eegametti taée yaadama kanaan gurgurtaan qabiiyyee lafaa akka hin taasifamneef hanga lafa qabiiyyee qabeenyaa gurgurame sana akka itti fayyadamuun dandeessisu qofti akka waliin darbu. 👉Kana malees mirgi labsichaan tumame raawwatinsa kan qabaatu karoora itti fayydama lafaa buúura gochuu qofaani. karoora itti fayyadama lafaan ala mana ijaarame yoo taé haala olitti ibsameen dabarsuun hin dandaámu. Labsiin kun gaazexaa Nagaaritiin yoo bahe guutummaatti tumaa absii lafa baadiyyaa naannoo Oromiyaa kwt 9 waliin kan walitti buú taá. Labsiin lakk 248 kwt 9(13, 14) jalatti qabeenyaa dhaabbataa gurguruun dhorkaa dha. Namni bites diigee kaafata. Tumaan wixnee labsii Federaalaa ejjannoo hiikkoo MMWF Dh.Ij. ammaan dura qabu yaadama dinagdee biyyaa jedhu irratti kan hundaaé fakkaata. Ykn yaada hiikkoo sanaa kan fudhatee jiru dha. 👁️Adeemsa labsicha baasuu keessatti qooda fudhattoota ogeessoota naannoo naannoo mariisfneerra jedha, Caffee naannoo keenyaas akka irratti marinate ibseera, yoo kana taé tumaaleen kun walitti buú raawwii irratti rakkoo uumamu maaf kaasu dhabani kan jedhu gaafficha isaaniif dhiifna. 👉Dhimmi kun akkaataa Murtii dirqisiisaa  Dh.Ij MMWOtiin kanaan dura Lakk. galmee 303547 ta'e irratti kennameen ilaalamaa? Dhaddachi Ijibbaataa kanaan dura Heera kwt Kwt 51(5) fi Kwt 55(2(a)fi Kwt 52(2(d) caqasuun qabeenya uumamaa irratti qaamni seera baasuuf aangoo qabu mootummaa Federaalaati, Naannoleen seera Federaalaa irratti hundaaúun ni bulchu jechuun, akkasumas Heerri Mootummaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakk. 46/1994 Kwt 49(3)(a) jalatti Caffeen seerota adda addaa yoo baasu akkaataa Heeraa fi Seera Mootummaa Federaalaan walitti hin buuneen akka ta’uu qabu tumame buúreffachuun Labsii Bosonaa Oromiyaa Lakk. 72/1995 Kwt 15(1) dhimma falmisiise sanaaf raawwatinsa akka hin qabaanne hiikkoo kennee ture. ......itti fufa...👇👇👇👇
إظهار الكل...
👍 4
Labsiin Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa FDRI haarayaan, Labsiin Lakk.1324/2016 Haala Itti Waldiddaan Lafa Baadiyyaatiin Wal Qabatu Hiikamu Ilaalchisee Maal Jedhe? Manni Murtii Aadaa Kwt 39(3) jalatti ni kufamoo hin kufu? ======✓✓=======✓✓✓=========✓✓✓✓======
Falmiiwwan Lafa Baadiyyaatiin Wal Qabatee Ka'u Hiikuu Akkaataa Itti Falmiiwwan Lafa Baadiyyaatiin Wal Qabatee Ka'u Hiikamu 1) Lafa Baadiyyaatiin Wal qabatee gareen miidhameera jedhu dhimmicha garee faallaa waliin waliigaluudhaan, ykn karaa jaarsolee araaraa ofiif filatanii, ykn manneen Murtii Naannoo aangoo qabaniif dhiyeessuudhaan akka ilaalamuuf taasisuu ni danda'u. 2) Murtii manneen Murtii Naannoo aangoo qaban sadarkaa duraatiin ilaalanii murteessan irraa oliyyannoo fudhachuun ni danda'ama. 3) Falmiin lafaa jaarsummaafi manneen Murtii idileetiin ala qaama biroodhaan ilaalamuu hin qabu.    (Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa FDRI, Lakk.1324/2016 kwt 39) 👉Yaadni Kwt 39 Kwt xiqqaa 3 jalatti ibsame maal agarsiisaa? Manni Murtii Aadaa dhorkameera jechuudhaa? Ibsi keewwaticha ilaalchisee kenname waa'ee manneen Murtii kanneen akka Hawaasummaa Gandaa malee waa'ee mana Murtii Aadaa hin kaasne. Waan qoratan qabuu? Akkaataa caaseffama Kwt 39(3)tiin Manni Murtii aadaa Kam keessatti kufa? Anaaf ifa miti. 👉Labsii haarayaan kun maxxanfamee inni dhumaa waan ifa hin taaneef yaada kennuuf rakkisaa ta'eera. Keessattuu, Labsii Lakk.248/2015 waliin garaagarummaa baay'ee waan qabaniif, garaagarummaawaan jiran irratti yaada akka dhuunfatti qabnu kennuuf rakkanneerra. Waan hundaafuu, raawwii irrattis rakkoo Akka hin uumneef osoo dafee maxxanfamee gaariidha yaada jedhun qaba. Isin (Ogeessonni) Maal jettu? Galatoomaa!! በገጠር መሬት ላይ የሚነሱ ክርክሮችን ስለመፍታት በገጠር መሬት ላይ የሚነሱ ክርክሮችን የሚፈቱበት አግባብ 1) በገጠር መሬት ላይ ተበደልሁ የሚል ወገን ጉዳዩን ከተከራካሪ ጋር በስምምነት ወይም እራሳቸው በሚመርጧቸው አስማሚ ሽማግሌዎች አማካኝነት መፍታት፣ ወይም ስልጣን ላለው የክልል ፍርድ ቤት ክስ በማቅረብ ጉዳዩ እንዲታይለት ማድረግ ይችላሉ፡ 2) ስልጣን ያለው የክልል ፍርድ ቤት በመጀመሪያ ደረጃ አይቶ ውሳኔ የሰጠበት ጉዳይ ይግባኝ ሊቀርብበት ይችላል፡፡ 3) ከሽምግልናና ከመደበኛ ፍርድ ቤት ውጭ በሌላ አካል የመሬት ክርክር መታየት የለበትም፡፡     (የኢትዮጵያ ፌዴራላዊ ዲሞክራሲያዊ ሪፐብሊክ መንግስት የገጠር መሬት አስተዳደርና አጠቃቀም አዋጅ ቁጥር 1324/2016 አንቀጽ 39)       Desalegn B.
إظهار الكل...
10👍 4
Garee Kaampaaniiwwanii (A Group of Companies) Jechuun Maal Jechuudhaa? Kaampaaniiwwan Obbolaa (Sister Companies) Kan Jedhaman Kaampaaniiwwan Akkamiiti?  Hariiroon Dhaabbattoota Misooma Mootummaa Ykn Waldaalee Daldalaa Investiment Giruuppii Adaamaa (Adama Investment Group) Jalatti Hundeeffamaniifi Investiment Giruuppichaa Maaliin Hogganamaa?                          Desalegn B. €€€€✓✓€€€€€✓✓✓€€€€€€✓✓✓✓✓ .......Barreeffama Olitti pdf dhaan taa'e keessaa kan fudhatame.☝️☝️☝️☝️ Dambichi itti gaafatamummaa Investiment Giruuppichaa ilaalchisee Investiment Giruuppichi qabeenya waliigalaa qabuun olitti idaadhaaf kan itti hin gaafatamne ta’uu tumeera. (Kwt 23) Hariiroo investiment giruuppichaafi dhaabbilee misoomaa mootummaa ykn waldaalee isa jala jiran gidduu jiraatu ilaalchisee immoo akkaataa seera daldalaa Itoophiyaa keessatti tumameen kan hogganamu ta’uu ibseera. (Kwt 19) Haala kanaan, hariiroon isaanii bu’uura Seera Daldalaa Haarayaa, Labsii Lakk.1243/2013 kwt 550-564tiin hoogganama jechuudha. Kana jechuun hanga gahee ykn abbummaa (haala to’annoo) Investiment Giruuppichi Dhaabbilee Misoomaa ykn waldaalee daldalaa isa jalatti hundeeffaman keessaa qabaachuu qabu, haala addaa itti Investiment Giruuppichi dhaabbilee ykn waldaalee isa jalatti hundeeffamaniif itti gaafatamu, Mirga ajajoota ykn qajeelfamoota kennuu Investiment Giruuppichaa, Mirga gahee hafte bituu, Dantaa garichaa-dirqamama amanamummaa hoggansaafi mirgootaafi dirqamoota isaan gidduu jiru ilaalchisee seerri daldalaa haarayaan kun raawwatiinsa ni qabaata jechuudha.                   Desalegn B.
إظهار الكل...
👎 4