uz
Feedback
Riyaad Raayyaa

Riyaad Raayyaa

Kanalga Telegram’da o‘tish

@riyaadraayyaa Dabalatas lakk bilb;- 0937178516 Toora You Tube kiyyaa:- https://youtu.be/qqH5VJ-1b1c

Ko'proq ko'rsatish
4 724
Obunachilar
-324 soatlar
-177 kunlar
-3230 kunlar
Postlar arxiv
Muslimoonni Guutuu Addunyaa irratti argamtan martinuu baga Ayyaana Eid_Al_Adahaa kan bara 1447'ffaa nagaan geessan/geenye! Ayyaana milkii fi Gammachuu nuuf haa tahu!

IMIMMAANKEE HIN QOORIN; Gaafa ijaan si laalan Atoo dargaggeessaa Duudaa Abbaa keetii - awwaalcha hambaa keetii Ati reef dhageessaa? Akka jawwee raftee Tarii achitti haftee? Biyyi keehoo duutee Awaalamuun qaataa, Dunquqquudhaa laata Hirribaa reef kaataa? Egaa mee dhaga’ii Oduu firaan ga'ii Gadda isiis taa'i....! ••• Kan ishee xureesse Dhiigni Abbaa kootii Duuteetti biyyikee Isheen hambaa mootii Gaafa nuuf dhalattu Keemmoo duute biyyi Qoma rukutadhuu "Uuuu uuu" jedhii iyyi Qaata siif awwaalle Aarsinee ixaana Deemi gadda taa'i Waamii firaaf aanaa Dhiigaaf lafee keenyaan Durikaa nagaddaa, Kana booda'n jiru - boo'i shakkaladhuu Eee.. dunkaana gaddaa! ••• Abjuun bara beelaa Buddeen buddeen jedhaa Hawwiin hin daanga'u Siif hubannaa fedha Gaala deemsan dhaabu Silaa iyyi saree Birmataa'n argattu Qaata biyyi baree... Mana keenyaa cidhaa Gaafa si'iif musoo "Imimmaan keen qoorin" Siin jenneerra nusoo! ✍️... Riyaad Raayyaa

photo content

photo content

EID MUBARAK! Akka hin deebinetti Guyyaa qiyaamaa male Keessummaan nurra ture Osoon quufamin gale ,,, Baatiin keyriif barakaa Jiini caalu hundarra Nu sooree adeemekaa Galaa qabu dugdarraa ,,, Gammachuun simannee Gaddaan adda baanee Kan dhufu haa geenyu Warra milkii taanee...... ,,, Murteessaa hiree namaa Soora qaamaa qalbiiti Ramadaana soomanuun Baraa kennaa Rabbiiti ,,, Fedha Rabbii guddaatiin Biyya duniyaarra teenyee Baga nagaan soomannee Nagaan goolabuu geenye ,,, Leylatu-qadrii sana Caaltuu baatiiwwan kumaa Warra argate nugodhi Rahmaan milkeessaan sumaa ,,, Galmee azaabaa irraa Galmee jennataatti Galmee faqiiraa irraa Sooressa kennataatti ,,, Iimaanaan qalbii nujiisi Nun godhin warra gu'u Umrii keenya dheeressi Nun godhin warra du'u ,,, Ibaadaaf sooma keenya Rahmaan nurraa qeebali Amrii jabaa laaffisii Qananii nuuf eegali! ,,, Warra iklaasaan sooman Waa sirra kajeelanii Warra sunnaa hordofan Karaa kee qajeelanii ,,, Nuuf galmeessi yaa Rabbi Umriin turuu fayyaani Borullee nuuf banamuu Ulaan Baabul-Rayyaani ,,, Tola Rabbii keessaayyi Har'a ga'uun jarana Egereen nuhaa ga'u Qeebalee kan baranaa Eee... Alhamdulillaah! ,,, Erga rahmataan dhufee Guddichi baatii soomaa Qadar isatti geessee Meeqatu du'e qoomaa? ,,, Galmee warra jiruurra Rahmatummaan lixxanii Alhamdulillaah jedhaa Kan nagaadhaan fixxani ,,, Qaawwa ibaadaa keenyaa Tola isaatiin kabee Rabbi nuhaa godhu Warra isaaf of qabe ,,, Dhugaan soomaa oolee Warra isaaf sagade Gabaa keyrii kana Warra haqaan nagade ,,, Nuhaa godhu rahmaan Gooftaan hunda caalu Dhibee qaamaa qalbii Inni nuhaa yaalu ,,, Kayrii baadhatee dhufe Warra haqaan saammate Warra argatee gammadu Waan Rabbitti dhaammate ,,, Iyyaaf kadhaa keenya Hunduma dhaga'ee Nuhaa gammachiisu Egereenis nu ga'ee ,,, Rahmatummaa Rabbiitiin Haga har'aa teessanii Muslimootni martinuu Baga hiikaa geessani! ✍️.... Riyaad Raayyaa

photo content

YAA RABBI...! Halkan laylatul-qadriin Irra caalaa shakkamu Fedha keetiin geenyaa Yaa Rahmaan; Al-Hakamu: Maasiyaadhaan faalamnee Hangamillee xurannu, Rahmatummaa kan keerraa Nu garaa hin murannuu... Yaa mootii tokkicha Siif hin jirree giti, Tolakee kajeella Akka keenyaan mitii Keyrii baatii kanaa Nu milkessuuf fidde, Dadhabina keenyaaf Nu'n dhabsiisin diddee! ••• Salaataa fi zikrii Qur’aanni qaraanu Nuuf haa galmeeffamu Baay’atee yaraanuu Silaa ofirraan fixnuu Siif kaffallee liqii, Rahmatakee keessaa Zambii nurraa dhiqi. Iklaasa nuuf kenni Iimaanaan nu faayi, Duniyaa halaalaa Harka keenya kaayi. Qabaatan sabaataan Ni'imaankee baramaa Hiree nuuf taasisi Ziyaaraa Haramaa Umurii barakaa Jireenya qananii, Toltuu ittiin seenan Jennata bananii... Rahmatakee keessaa Qaawwa keenya kabi Dhabaa dhibee baraa Ati nurraa qabi! ••• Yaa Rabbi.... Ramadaana kanarraa Worra milkaa’ee taru Waan hawwe woffaqamee Egeree si shakkaru, Mu'umintoota dhugumaan Hojiin jaraa gaaromee Ibaadaa, zikriif kadhaan Galmeen jaraa haarome... Worra jajjabaatanii Milkaa'an nu taasisi, Sabaata nuuf arjoomi Abbaa murraa naasisii.. Ulaa Baabul-Rayyaanis Rahmataan nurraa banii Borus nu obaas Hawdii Rasuula kankee sanii... (s.a.w) Yaa mootii kophaa moote Jiraataa zalaalamaa Dhibeen duniyaa aakiraa Tola keetiin yaalamaa.... Rahmatumakee keessaa Milkiin gadi nuuf buutii, Kadhaa keenya dhagahi Waan hir'ate nuuf guutii, Kan himanne caalaatti Sit' beekaa kan nuuf malu, Yaa Rabbi nu taasisii Worra argataan galu.. Kaatimaas nu bareechi Gaafa nuuf geesse galli "Aamiin Yaa Rabbi aamiin" Jenne; Allaahummassalli! ✍️.... Riyaad Raayyaa

photo content

photo content

photo content

photo content
+2

WAAMICHA BAAZAARII Bara 1968 kan hundoofte Manni Barumsaa Jimaatee Darruu (sad.1ffaa) woggoota 50 darbaniif Abbootii keenyaa kaaftee maaddii beekumsaa taatee, tajaajilaa turuun namoota hedduus bakkoota gurguddoon gahatteetti. harmeen keenya 2ffaan "A, B, C, D" jennee afaan itti hiikkanneefi ija itti bananne kun umriidhaan manguddoo woggaa 50 taatullee hanga umriishee garuu hin guddanne. Egaa guddina mana Barnootaa tokkoof deeggarsa mootummaan cinatti humnaafi hamileen hawaasaa murteessaadha. kanuma bu'uura godhachuunis Manni barumsaa Jimaatee Darruu yeroo dhiyoo asitti jijjiiramoota fooyyee  qaban kan agarsiisaa jirtu kana cimsitee itti fufuuf kaayyeeffattee, (gaafa Amajjii 6-7/2018 ) Sagantaa Baazaarii guddaa qopheessuun ilmaan isheefi ilmaan ilmaan isheef waamicha gooteetti! Maarree hawaasni keenya ganda Jimaatee Darruu fi gandoota ollaa kanneen akka Caamii Caggoo, Booree Diinsaraa, Koyee Sejjaa, Odda'oo Darruu fi magaalaa Aggaaroos dabalatee kanneen harki harmee kanaa isinin irra jiru hunduu waamichaashee kana owwaattanii, sagantaalee bohaarsoo qophicharra jiruun bashannanaa Mana Barumsaa galata guddaa nurraa qabdu kanaaf harka keenya haa diriirsinu jechaa; waamicha kabajaa isiniif dabarsina! Dubbii keenya keessatti; Baazaariin Mana Barumsaa Jimaatee kun durirraa kaasee baay'ee ho'uun beekama. baruman achitti barachaa tureyyuu akka ayyaana woggaatti eeggatamaa ture. manni barumsichaa gandoota ollaa hundaafuu 'center' waan taateef uummanni baayyeen fagoof dhiyoodhaa jigiin yaa'ee dhufee hirmaata ture. gidduudhaan adda citee turuutu baroota darban xiqqoo qabbaneesse malee, dur jaalalleewwanis beellamaan wolarganii guyyaan bilisummaan bashannanan Baazaarii Jimaateetti ture. baranas seenaa durii haala fooyyessuu danda'uun qophii xumurtee isin eeggachaa jirti. Nurraa hin hafinaa!!

Dhugaan..... Akka dhadhaaf zayitii Ibiddaan ho’ee'n baqu Galmee 'pencil' miti Laappisiinis hin haqu. Eeyyee.. boronqiis miti Haxooftuun hin haxaa’u, Jaarraaf dhokatee turus Hin samu, hin nataa’u. Duumessi samii golgee Osoo liqimsee lafuu, Akka voolkaanoo dhoo'ee Saaqqatee bahuu’n hafu ••• Qarshiidhaan hin bitamu Meeshaan hin jijjiiramu, Akka wadaroof shiboo Gar-fedhe hin micciiramu. Hangam cilee dibamus Hin geeddaratu bifa, Dukkana hamaa keessaa Bakkalcha ta'ee ifa. Eeyyee.... Mar'atus akka Reettii Jijimus; jibbee woca Saffisus akka jeettii Tiratus; akka Qocaa Bubbulus haqni hin badu Diddaa’ee akka hanqaaquu, Gaaf-tokko ifuma ba’a Dhugaan galma'n hankaaku! “Gidduu dhirsaa fi niitii kan beeku Rabbuma” jedhama. kanaaf qaamni 3ffaan lafaa ka'ee murtii nama tokkotti muruun ni ulfaata ta'a. haa ta'u male garuu kallattii kamiinuu mi*dhamni dubartootarra gahu baayyee nama gaddisiisa. gochaa akka dhiirotaatti mormuufi balaaleffachuu qabnudhas. Model Keneni Adunya waaqni dhugaakee haa baasu! 💔😭

Muka Nagaaf Araaraa! Madda galii ummataa Albuuda baha biiftuu, Kan haati hiyyeessaa ittiin Qoonqoo ilmaanshee jiiftu. Gombisaa Afran-qalloo Warra Ituu'f humbannaa Maaddii irraa nyaanne dhiinnee Maaliif hamaa dubbannaa? Sona jireenya hawaasaa Jalaa gogsuun cubbuudha, Jimaan ummata Harargeef Dhimma jiruu; lubbuudha. ••• Gaafa al-ergiin dhibee Qaala’insi jireenyaa~ guutuu biyyaa garafu, Mi’a dheedhii "Export"iin Doolaara nuuf sharafu, Faajjii eebbaaf araaraa Jimaa muka kabajaa, "Lakki hin ta'u" jedhee Sammuu maaliitu ajajaa? Lakkisaa qalbifadhaa Bilaasha hin dhama'inaa, Warri "haraama" jettan Feetan hin qama'inaa. Malee, qe'ee qulqulluu Cubbuudhaan hin goolinaa, Saba tola nutti ooleef Hammina hin oolinaa ••• Kan jaalala nuuf hiran Gola onnee bananii, Qe’ee gootota hedduu Maaddii quufaaf qananii, Ardaan Elemoo Qilxuu Kan Jaarraa Abbaa Gadaa, Caba sabaa okkolaa Nuuf kulkulfataa madaa, Dhiibbaa duriiyyuu moo’ee Har’a harka keenyaan badaa? Akaakileen Sheek Bakrii Ijoolleen Bakar Waaree Falma Abbaa biyyummaaf Dhugaa bahanii raaree Bu’aa aarsaa baasanii Gidirfamuun jiraaree? ••• Maddi galii ummataa Labsii dabaan maaf gu’a Oromoon baha biiftuu Beelaa dheebuun maaf du’a? Bakka-n malle tuqanii Ofitti haadhuudha haasaa, Male innoo dogoggora Tuquun bu'uura hawaasaa. ••• Kanaafuu....... Qaamni dhimmichi laalu Dhuunfaas ta’u mootummaan “Irra deddeebiin yaadaa” Siniin jenna kootummaan. Lameen waliif bu’uuraa Oromoo Harargeef; jimaa Oksijiinii fi somba Addaan baasuun ni cimaa. Kanniisa qubatetti Ofiif cuqqaallaan quba Volkaanoon riphe dhoo’ee Laavaansaa hunda gubaa, Qabeenyi hawaasa Harargee Wabii saba hundaatii, Dinagdee biyyaatiifuu Jimaan lafee dugdaatii, Waanuma facaasantu Hudhee namaaf daraaraa Hin tuqamuu; hin tuqinaa Muka nagaaf araaraa! @Riyaad_Raayyaa tiin

photo content
+1

Namni kaayyoo .....! Gufuun imala isaa Tulluus haa ta’u, garba Risaa’ee; qoochoo baasee Bararee irra darba. ••• Qoreedhaan woraanamee Mucuciidhaan gufatus, Firaafi aanaan, jibbee Karra isatti cufatus, Namni kaayyoof dhalate Abdii'n kutu, in mufatus. Eeyyee... Mogoleef jilbi laafee Fiiguu dhabee kurkurus, Karaan isaa fagaatee Dadhabbiin qaama hunkurus, Kaayyoof mul’ata isaa Hin kireessu; hin gurgurus! ••• Karaa oolee bubbulus Milkiitti ce’uuf gama, Akka qocaa tiratee Jedhaatu "tokko, lama" Obsaaf kutannoon deemee Milkaa’ee ta’a nama ••• Dukkana keessa taa’ee Ifa fuulleetti arga Hongee gaammoojjii keessaa Lalisee, asheetee marga. Ee.. kan kaayyoof dhalate... Aarsaa kaffalu kamuu Kaayyoof ta’uu hubatee, Dhalootaaf dungoo ta'a Ofii isaatiif gubatee! ✍️.... Riyaad Raayyaa

BUNA ☕ Si’eessituu sammuu Burqisiistuu yaadaa Dhangaa jaallatamtuu Addunyaaf araadaa. Qorsa dhibee mukuu Dawaa qaamaa-qalbii Simboo Eebbaan uumee Nu badhaase Rabbi... Urgaa funyaan taree Ruuhiin nama suufu Dhugaa kan si bare Unatee sin quufu. Albuuda mi’ooftuu Nu keessaa magartee Miidhagdee qaaloftee Aalamaaf dabarte. Bu’uura dinagdee Biyyaaf wabii taatee Afrikaa, Ameerkaa Biraaziliin baate. 'Shammattuu' doolaarii Hammattuu mooraalii.... Marartuu faannikee Addunyaa weerare, Meeqatu siif sirbee Maqaa keen geerare. Namaaf firii laatta Kanniisaaf daraaraa, Guca nagaa ollaa Yaa faajjii araaraa... Silas gaafa sibinnu Gatiidhaan warqii gittaa Gaafa si gurgurannu Nuuf hin jijjiirtuu kittaa, Ta’us yaa suusiikoo Ulfoo haadha sugaa, Jiraadhu bunakoo Jiraadheen si dhugaa! ✍️.... @Riyaad_Raayyaa tiin

photo content