Riyaad Raayyaa
Открыть в Telegram
@riyaadraayyaa Dabalatas lakk bilb;- 0937178516 Toora You Tube kiyyaa:- https://youtu.be/qqH5VJ-1b1c
Больше4 724
Подписчики
-324 часа
-177 дней
-3230 день
Архив постов
4 724
Muslimoonni Guutuu Addunyaa irratti argamtan martinuu baga Ayyaana Eid_Al_Adahaa kan bara 1447'ffaa nagaan geessan/geenye!
Ayyaana milkii fi Gammachuu nuuf haa tahu!
4 724
IMIMMAANKEE HIN QOORIN;
Gaafa ijaan si laalan
Atoo dargaggeessaa
Duudaa Abbaa keetii - awwaalcha hambaa keetii
Ati reef dhageessaa?
Akka jawwee raftee
Tarii achitti haftee?
Biyyi keehoo duutee
Awaalamuun qaataa,
Dunquqquudhaa laata
Hirribaa reef kaataa?
Egaa mee dhaga’ii
Oduu firaan ga'ii
Gadda isiis taa'i....!
•••
Kan ishee xureesse
Dhiigni Abbaa kootii
Duuteetti biyyikee
Isheen hambaa mootii
Gaafa nuuf dhalattu
Keemmoo duute biyyi
Qoma rukutadhuu
"Uuuu uuu" jedhii iyyi
Qaata siif awwaalle
Aarsinee ixaana
Deemi gadda taa'i
Waamii firaaf aanaa
Dhiigaaf lafee keenyaan
Durikaa nagaddaa,
Kana booda'n jiru - boo'i shakkaladhuu
Eee.. dunkaana gaddaa!
•••
Abjuun bara beelaa
Buddeen buddeen jedhaa
Hawwiin hin daanga'u
Siif hubannaa fedha
Gaala deemsan dhaabu
Silaa iyyi saree
Birmataa'n argattu
Qaata biyyi baree...
Mana keenyaa cidhaa
Gaafa si'iif musoo
"Imimmaan keen qoorin"
Siin jenneerra nusoo!
✍️... Riyaad Raayyaa
4 724
EID MUBARAK!
Akka hin deebinetti
Guyyaa qiyaamaa male
Keessummaan nurra ture
Osoon quufamin gale
,,,
Baatiin keyriif barakaa
Jiini caalu hundarra
Nu sooree adeemekaa
Galaa qabu dugdarraa
,,,
Gammachuun simannee
Gaddaan adda baanee
Kan dhufu haa geenyu
Warra milkii taanee......
,,,
Murteessaa hiree namaa
Soora qaamaa qalbiiti
Ramadaana soomanuun
Baraa kennaa Rabbiiti
,,,
Fedha Rabbii guddaatiin
Biyya duniyaarra teenyee
Baga nagaan soomannee
Nagaan goolabuu geenye
,,,
Leylatu-qadrii sana
Caaltuu baatiiwwan kumaa
Warra argate nugodhi
Rahmaan milkeessaan sumaa
,,,
Galmee azaabaa irraa
Galmee jennataatti
Galmee faqiiraa irraa
Sooressa kennataatti
,,,
Iimaanaan qalbii nujiisi
Nun godhin warra gu'u
Umrii keenya dheeressi
Nun godhin warra du'u
,,,
Ibaadaaf sooma keenya
Rahmaan nurraa qeebali
Amrii jabaa laaffisii
Qananii nuuf eegali!
,,,
Warra iklaasaan sooman
Waa sirra kajeelanii
Warra sunnaa hordofan
Karaa kee qajeelanii
,,,
Nuuf galmeessi yaa Rabbi
Umriin turuu fayyaani
Borullee nuuf banamuu
Ulaan Baabul-Rayyaani
,,,
Tola Rabbii keessaayyi
Har'a ga'uun jarana
Egereen nuhaa ga'u
Qeebalee kan baranaa
Eee... Alhamdulillaah!
,,,
Erga rahmataan dhufee
Guddichi baatii soomaa
Qadar isatti geessee
Meeqatu du'e qoomaa?
,,,
Galmee warra jiruurra
Rahmatummaan lixxanii
Alhamdulillaah jedhaa
Kan nagaadhaan fixxani
,,,
Qaawwa ibaadaa keenyaa
Tola isaatiin kabee
Rabbi nuhaa godhu
Warra isaaf of qabe
,,,
Dhugaan soomaa oolee
Warra isaaf sagade
Gabaa keyrii kana
Warra haqaan nagade
,,,
Nuhaa godhu rahmaan
Gooftaan hunda caalu
Dhibee qaamaa qalbii
Inni nuhaa yaalu
,,,
Kayrii baadhatee dhufe
Warra haqaan saammate
Warra argatee gammadu
Waan Rabbitti dhaammate
,,,
Iyyaaf kadhaa keenya
Hunduma dhaga'ee
Nuhaa gammachiisu
Egereenis nu ga'ee
,,,
Rahmatummaa Rabbiitiin
Haga har'aa teessanii
Muslimootni martinuu
Baga hiikaa geessani!
✍️.... Riyaad Raayyaa
4 724
YAA RABBI...!
Halkan laylatul-qadriin
Irra caalaa shakkamu
Fedha keetiin geenyaa
Yaa Rahmaan; Al-Hakamu:
Maasiyaadhaan faalamnee
Hangamillee xurannu,
Rahmatummaa kan keerraa
Nu garaa hin murannuu...
Yaa mootii tokkicha
Siif hin jirree giti,
Tolakee kajeella
Akka keenyaan mitii
Keyrii baatii kanaa
Nu milkessuuf fidde,
Dadhabina keenyaaf
Nu'n dhabsiisin diddee!
•••
Salaataa fi zikrii
Qur’aanni qaraanu
Nuuf haa galmeeffamu
Baay’atee yaraanuu
Silaa ofirraan fixnuu
Siif kaffallee liqii,
Rahmatakee keessaa
Zambii nurraa dhiqi.
Iklaasa nuuf kenni
Iimaanaan nu faayi,
Duniyaa halaalaa
Harka keenya kaayi.
Qabaatan sabaataan
Ni'imaankee baramaa
Hiree nuuf taasisi
Ziyaaraa Haramaa
Umurii barakaa
Jireenya qananii,
Toltuu ittiin seenan
Jennata bananii...
Rahmatakee keessaa
Qaawwa keenya kabi
Dhabaa dhibee baraa
Ati nurraa qabi!
•••
Yaa Rabbi....
Ramadaana kanarraa
Worra milkaa’ee taru
Waan hawwe woffaqamee
Egeree si shakkaru,
Mu'umintoota dhugumaan
Hojiin jaraa gaaromee
Ibaadaa, zikriif kadhaan
Galmeen jaraa haarome...
Worra jajjabaatanii
Milkaa'an nu taasisi,
Sabaata nuuf arjoomi
Abbaa murraa naasisii..
Ulaa Baabul-Rayyaanis
Rahmataan nurraa banii
Borus nu obaas Hawdii
Rasuula kankee sanii... (s.a.w)
Yaa mootii kophaa moote
Jiraataa zalaalamaa
Dhibeen duniyaa aakiraa
Tola keetiin yaalamaa....
Rahmatumakee keessaa
Milkiin gadi nuuf buutii,
Kadhaa keenya dhagahi
Waan hir'ate nuuf guutii,
Kan himanne caalaatti
Sit' beekaa kan nuuf malu,
Yaa Rabbi nu taasisii
Worra argataan galu..
Kaatimaas nu bareechi
Gaafa nuuf geesse galli
"Aamiin Yaa Rabbi aamiin"
Jenne; Allaahummassalli!
✍️.... Riyaad Raayyaa
4 724
WAAMICHA BAAZAARII
Bara 1968 kan hundoofte Manni Barumsaa Jimaatee Darruu (sad.1ffaa) woggoota 50 darbaniif Abbootii keenyaa kaaftee maaddii beekumsaa taatee, tajaajilaa turuun namoota hedduus bakkoota gurguddoon gahatteetti. harmeen keenya 2ffaan "A, B, C, D" jennee afaan itti hiikkanneefi ija itti bananne kun umriidhaan manguddoo woggaa 50 taatullee hanga umriishee garuu hin guddanne.
Egaa guddina mana Barnootaa tokkoof deeggarsa mootummaan cinatti humnaafi hamileen hawaasaa murteessaadha. kanuma bu'uura godhachuunis Manni barumsaa Jimaatee Darruu yeroo dhiyoo asitti jijjiiramoota fooyyee qaban kan agarsiisaa jirtu kana cimsitee itti fufuuf kaayyeeffattee, (gaafa Amajjii 6-7/2018 ) Sagantaa Baazaarii guddaa qopheessuun ilmaan isheefi ilmaan ilmaan isheef waamicha gooteetti!
Maarree hawaasni keenya ganda Jimaatee Darruu fi gandoota ollaa kanneen akka Caamii Caggoo, Booree Diinsaraa, Koyee Sejjaa, Odda'oo Darruu fi magaalaa Aggaaroos dabalatee kanneen harki harmee kanaa isinin irra jiru hunduu waamichaashee kana owwaattanii, sagantaalee bohaarsoo qophicharra jiruun bashannanaa Mana Barumsaa galata guddaa nurraa qabdu kanaaf harka keenya haa diriirsinu jechaa; waamicha kabajaa isiniif dabarsina!
Dubbii keenya keessatti; Baazaariin Mana Barumsaa Jimaatee kun durirraa kaasee baay'ee ho'uun beekama. baruman achitti barachaa tureyyuu akka ayyaana woggaatti eeggatamaa ture. manni barumsichaa gandoota ollaa hundaafuu 'center' waan taateef uummanni baayyeen fagoof dhiyoodhaa jigiin yaa'ee dhufee hirmaata ture. gidduudhaan adda citee turuutu baroota darban xiqqoo qabbaneesse malee, dur jaalalleewwanis beellamaan wolarganii guyyaan bilisummaan bashannanan Baazaarii Jimaateetti ture. baranas seenaa durii haala fooyyessuu danda'uun qophii xumurtee isin eeggachaa jirti. Nurraa hin hafinaa!!
4 724
Dhugaan.....
Akka dhadhaaf zayitii
Ibiddaan ho’ee'n baqu
Galmee 'pencil' miti
Laappisiinis hin haqu.
Eeyyee.. boronqiis miti
Haxooftuun hin haxaa’u,
Jaarraaf dhokatee turus
Hin samu, hin nataa’u.
Duumessi samii golgee
Osoo liqimsee lafuu,
Akka voolkaanoo dhoo'ee
Saaqqatee bahuu’n hafu
•••
Qarshiidhaan hin bitamu
Meeshaan hin jijjiiramu,
Akka wadaroof shiboo
Gar-fedhe hin micciiramu.
Hangam cilee dibamus
Hin geeddaratu bifa,
Dukkana hamaa keessaa
Bakkalcha ta'ee ifa.
Eeyyee....
Mar'atus akka Reettii
Jijimus; jibbee woca
Saffisus akka jeettii
Tiratus; akka Qocaa
Bubbulus haqni hin badu
Diddaa’ee akka hanqaaquu,
Gaaf-tokko ifuma ba’a
Dhugaan galma'n hankaaku!
“Gidduu dhirsaa fi niitii kan beeku Rabbuma” jedhama. kanaaf qaamni 3ffaan lafaa ka'ee murtii nama tokkotti muruun ni ulfaata ta'a. haa ta'u male garuu kallattii kamiinuu mi*dhamni dubartootarra gahu baayyee nama gaddisiisa. gochaa akka dhiirotaatti mormuufi balaaleffachuu qabnudhas. Model Keneni Adunya waaqni dhugaakee haa baasu! 💔😭
4 724
Muka Nagaaf Araaraa!
Madda galii ummataa
Albuuda baha biiftuu,
Kan haati hiyyeessaa ittiin
Qoonqoo ilmaanshee jiiftu.
Gombisaa Afran-qalloo
Warra Ituu'f humbannaa
Maaddii irraa nyaanne dhiinnee
Maaliif hamaa dubbannaa?
Sona jireenya hawaasaa
Jalaa gogsuun cubbuudha,
Jimaan ummata Harargeef
Dhimma jiruu; lubbuudha.
•••
Gaafa al-ergiin dhibee
Qaala’insi jireenyaa~ guutuu biyyaa garafu,
Mi’a dheedhii "Export"iin
Doolaara nuuf sharafu,
Faajjii eebbaaf araaraa
Jimaa muka kabajaa,
"Lakki hin ta'u" jedhee
Sammuu maaliitu ajajaa?
Lakkisaa qalbifadhaa
Bilaasha hin dhama'inaa,
Warri "haraama" jettan
Feetan hin qama'inaa.
Malee, qe'ee qulqulluu
Cubbuudhaan hin goolinaa,
Saba tola nutti ooleef
Hammina hin oolinaa
•••
Kan jaalala nuuf hiran
Gola onnee bananii,
Qe’ee gootota hedduu
Maaddii quufaaf qananii,
Ardaan Elemoo Qilxuu
Kan Jaarraa Abbaa Gadaa,
Caba sabaa okkolaa
Nuuf kulkulfataa madaa,
Dhiibbaa duriiyyuu moo’ee
Har’a harka keenyaan badaa?
Akaakileen Sheek Bakrii
Ijoolleen Bakar Waaree
Falma Abbaa biyyummaaf
Dhugaa bahanii raaree
Bu’aa aarsaa baasanii
Gidirfamuun jiraaree?
•••
Maddi galii ummataa
Labsii dabaan maaf gu’a
Oromoon baha biiftuu
Beelaa dheebuun maaf du’a?
Bakka-n malle tuqanii
Ofitti haadhuudha haasaa,
Male innoo dogoggora
Tuquun bu'uura hawaasaa.
•••
Kanaafuu.......
Qaamni dhimmichi laalu
Dhuunfaas ta’u mootummaan
“Irra deddeebiin yaadaa”
Siniin jenna kootummaan.
Lameen waliif bu’uuraa
Oromoo Harargeef; jimaa
Oksijiinii fi somba
Addaan baasuun ni cimaa.
Kanniisa qubatetti
Ofiif cuqqaallaan quba
Volkaanoon riphe dhoo’ee
Laavaansaa hunda gubaa,
Qabeenyi hawaasa Harargee
Wabii saba hundaatii,
Dinagdee biyyaatiifuu
Jimaan lafee dugdaatii,
Waanuma facaasantu
Hudhee namaaf daraaraa
Hin tuqamuu; hin tuqinaa
Muka nagaaf araaraa!
@Riyaad_Raayyaa tiin
4 724
Namni kaayyoo .....!
Gufuun imala isaa
Tulluus haa ta’u, garba
Risaa’ee; qoochoo baasee
Bararee irra darba.
•••
Qoreedhaan woraanamee
Mucuciidhaan gufatus,
Firaafi aanaan, jibbee
Karra isatti cufatus,
Namni kaayyoof dhalate
Abdii'n kutu, in mufatus.
Eeyyee...
Mogoleef jilbi laafee
Fiiguu dhabee kurkurus,
Karaan isaa fagaatee
Dadhabbiin qaama hunkurus,
Kaayyoof mul’ata isaa
Hin kireessu; hin gurgurus!
•••
Karaa oolee bubbulus
Milkiitti ce’uuf gama,
Akka qocaa tiratee
Jedhaatu "tokko, lama"
Obsaaf kutannoon deemee
Milkaa’ee ta’a nama
•••
Dukkana keessa taa’ee
Ifa fuulleetti arga
Hongee gaammoojjii keessaa
Lalisee, asheetee marga.
Ee.. kan kaayyoof dhalate...
Aarsaa kaffalu kamuu
Kaayyoof ta’uu hubatee,
Dhalootaaf dungoo ta'a
Ofii isaatiif gubatee!
✍️.... Riyaad Raayyaa
4 724
BUNA ☕
Si’eessituu sammuu
Burqisiistuu yaadaa
Dhangaa jaallatamtuu
Addunyaaf araadaa.
Qorsa dhibee mukuu
Dawaa qaamaa-qalbii
Simboo Eebbaan uumee
Nu badhaase Rabbi...
Urgaa funyaan taree
Ruuhiin nama suufu
Dhugaa kan si bare
Unatee sin quufu.
Albuuda mi’ooftuu
Nu keessaa magartee
Miidhagdee qaaloftee
Aalamaaf dabarte.
Bu’uura dinagdee
Biyyaaf wabii taatee
Afrikaa, Ameerkaa
Biraaziliin baate.
'Shammattuu' doolaarii
Hammattuu mooraalii....
Marartuu faannikee
Addunyaa weerare,
Meeqatu siif sirbee
Maqaa keen geerare.
Namaaf firii laatta
Kanniisaaf daraaraa,
Guca nagaa ollaa
Yaa faajjii araaraa...
Silas gaafa sibinnu
Gatiidhaan warqii gittaa
Gaafa si gurgurannu
Nuuf hin jijjiirtuu kittaa,
Ta’us yaa suusiikoo
Ulfoo haadha sugaa,
Jiraadhu bunakoo
Jiraadheen si dhugaa!
✍️.... @Riyaad_Raayyaa tiin
Уже доступно! Исследование Telegram 2025 — ключевые инсайты года 
