Riyaad Raayyaa
Open in Telegram
@riyaadraayyaa Dabalatas lakk bilb;- 0937178516 Toora You Tube kiyyaa:- https://youtu.be/qqH5VJ-1b1c
Show more4 662
Subscribers
+224 hours
+37 days
-1430 days
Posts Archive
4 662
Dhugaa ati dhokattun
Sittima gadi dhoosee
Ilma miti, haraamuudha
Kan Biyyaaf Haadhaan qoose.
Dhiigaafi lafee keenya
Lubbuudhaafi qabeenya
Maaliinuu'n madaalamu
Gatiin biyyaa jabeenya.
Gootni meeqa itti du'ee
Meeqa itti dararamee
Lafee abbootii keenyaatiin
Daangaansii sararame.
Itoophiyaan yoon jirre
Oromiyaan hin jirtu,
Birmadummaa biyyakoof
Garaan qalbii nan hirtu.
....
Eeyyee.....
Sanuu diinni kaleessa
Mataa nurraa kutatte
Handhuura nu kajeellaan
Qomatti gad butattee
Erga harkaan tuttuqxee
Jarri ofitti nu kaaftee,
Nuyiif carraa gaariidha ~ Nutti nyaachifatteetu
Jarri ofitti dhukaaftee...
Abjuu keenya fagootu
As nutti siqatee
Isa caalu ta'e
Hora nuuf dhiqatee
Haaloo garaa keenyee
Baraaf obsaa baane,
Malkaa shiraan dhabnee
'Landlocked' taane
Karra nutti cufte
Balbalicha niimaa
Deemnee deebifanna
Nus Galaana Diimaa !
✍️.... @Riyaad_Raayyaa
4 662
“Goota gaafa xiiqii
Hiriyaa ganamaa
Duutikee akkamiin
Anaaf amanama?
Hollachiiftuu diinaa
Woraantuu akka xiyyaa
Onnachiiftuu firaa
Jaala qabsoo kiyyaa..
"Shekispiir Oromoo"
Dhufee na dubbisi
Mee ka'ii geeraarii
Baroodii; shubbisi.
Roorroodhaaf adeemee
Si dhiisee jiraatti
Deebiyee faanakee
Maa'n dhaba ciraatti?
Dhiira onneen gaaraa
Dhukaatuu akka qawwee
"Jirtuu?" nuun jedhimee
Sagaleekeen hawwee...
Anatti ballisuuf
Ofiif aarsaa taatee?
Waan nagattee deemteef
Natti'n himtuu kaatee...
Jaala qabsoo kootii
Yaa waahila aartii
Yaa booji'aa diinaa
Yaa gaachana aantii
Siif gameeti malee
Hacee yaa dhiirakoo
Anatti hin calliftuu
Agartee miirakoo
Hanga dur halaalaa
Du'akee nan shakkaa
Edaa ati dhugumaan
Woreegamte lakkaa!!”
Waan jedhu fakkaata
Garaadhaa gubatee
Miidhamasaa lakkuu
Eenyu isaaf hubate?
Ijji gubbaa malee
Gubaa keessaa'n gartuu
Anaakee haadhookoo
Anaan Kedir Martuu!
✍️.... Riyaad Raayyaa tiin
4 662
Faajjii sabboonummaa
Gootittii dubartii
Haadha Oromootaa
Jaalannu nu marti
Dungoo bar' dukkanaa
Guca qabsoo sabaa
Guddittii akka gaaraa
Haadha seenaa jabaa
Sagalee kilooleen
Mi'eessitee aartii
Hidhattees nuuf loltee
Si'eessitee aantii
Qaanqee qabsoo taatee
Bar dukkanaa keessa
Gubattee nuuf iftee
Akka gubaalessaa
Oromummaan boonnee
Akka nu of taanuu
Osoo wal hin qoonne
Akka nu wol taanuu
Tokkummaan roorrootti
Akka nu ol kaanuu....
Anniisa nuuf taatee
Saba rafe kaaftee
Aarsaa jechi'n gitne
Barakee nuuf baaftee
Halkaniifi guyyaa
Osoo hin boqatin
Gootummaan hojjattee
Seenaa hin dhokatin
Ayyaanakee guutuun
Osoo'n dhabin surraa
Biyya hin oolamnetti
Godaantekaa nurraa!
....
Ilfuu Haadha Oromoo
Harmee keenya maraa
Seenaakee dhaloonni
Jaarraaf taree baraa,
Nuti ilmaan kankee
Irbuukee ni baannaa
Galmaan geenya ykn
Labatatti laannaa...
Silas sin deebisuu
Sabni hagamuu iyyee
Waaqni guddaan sitti
Haa salphisu biyyee!
@Riyaad_Raayyaa tiin. Gaggeessaa Gootittii Oromoo Artist Ilfinesh Qannoo tiif.
4 662
Bakkalcha lixaan ba'ee
Ibse addunyaa mara
Leo jechuun isadha
Warri hin beekne baraa
Badhaasa biyya lafaaf
Nuuf kenne waaqni gubbaa
Eeyyee Messi'n isadha
Mootiin mootota kubbaa!
Injifataa kan darbee
Kaadhimamaa alanaa
Greatest of all time
Goat jechuun isa kana.
Raajeffachiisaa hundaa
Jifataa qixan qabne
Isaa dirreerra jiruu
Kan nuti abdiin dhabne
Daqiiqaaf sekoondiitti
Qabxii ture jijjiiree,
Kan harka kennachiisu
Morkataasaa micciiree
Imimmaan deeggaraasaa
Cophni tokko akka'n buune,
Masaanuummoo boo'ichaan
Ijji jaraa akka'n guune...
Kan taasisu isa kana
Haa baru firaaf ormi
Hin dhalanne, hin dhalatu
Qixa isaatti kormi!
>
Miidhagsaa dirra lafaa
Faaya bareeche dachii
Gabaabaa hojiin dheeraa
Messi maashina galchii
Badhaafamaa Ballond'0r
Si'a 8 moo'atee
Barcuma mootii kubbaa
Morkii male too'ate.
Abbaa waancaa Addunyaa
Worqiin isaaf wol dhaltee
Badhaasni inni morkate
Hunduu harkasaa galte...
Jechoonni afaan Addunyaa
Wolitti dhufee himaan
Hangam si ibsuu yaalus
Ogeessi afaanii cimaan
Kan jechi afaan hundaatu
Si ibsuu hin dandeenye
Si qofa mootiin kubbaa
Namuu qixakeen geenye!
....
Har'as raajii hojjattaa
Akka kaleef dheengaddaa
Barakee osoon hin taanee
Dhalachuu koottin gaddaa.
Ofiin nu qixxeessuudhaaf
Warri qabanu dharraa
Warri kaleessa boo'an
Nu boossisuudhaaf harra
Utuma warri kufan
Nu harkisanuu gadi
Shoorakeen daqiiqaatti
Galchinee goolii sadii
Gadda jaraaf daballee
Ofiif uffanne adii....
Leo Messi goaticha
Gahumsisaa'n hir'anne
Osoo ati dirree jirtuu
Nuti hin beeknu bir'annee
Greatest of all time
Guddicha akka gaaraa
Ni beekna akka hojjattu
Sekoondiitti waan haaraa.
Atis silaa hin beektuu
Takkaa nu qaanessitee
Surprise nu gootee
Diina ittuu yaanessite.
kanaafan si jaalladha
Kunoo citee sitti hafee
Ijji si hin argine
Dhugaa; ilaalaa rafe!
✍️... @Riyaad_Raayyaa
4 662
“Ilmakoo har'i guyyaa keeti. Messi ta'us dhaabuu akka dandeessu addunyaatti agarsiisi” jecha Haadha gooli eegaa CVD'ti.
“Jaallatamaa Ilmakoo: yeroo jalqabaaf xiyyaara akkan yaabbadhee adeemuufi gara America akkan dhufu kan na godhe gahumsa dhaabbataa keetiifi cimtee hojjachuu keeti.
Har'a Messi woliin gaafa morkii qabdu, waaqayyo jagnummaa, ogumaafi jabina akka siif kennun siif kadhadha. kubbaan miilaa dirreerratti murtaa'a waan ta'eef, maqaa beekamaa gonkumaa hin sodaatin. har'a Addunyaan guutuun Messi'n akka calaqqisee mullatu eegaa jira. ani garuu... Addunyaan gooli eegaa 'xiqaatii' hundumaa ofirraa deebisuuf kutatee dirree seene akka agartu nan amana.
Xumurrikee biyyakee Cape Verde'f kabaja; akaksumas Afrikaanota hunda kan boonsu waaqni siif haa taasisu. gaabbiifi qaanii tokko malee gara manakee deebi'i. kabajaatu si eeggata Ilmakoo..! Rabbi amanamummaa ati hojiikeef qabdu kana milkiin siif haa kaffalu.” Haadha gooli eegaa Cape Verdetu eebba kana ilma isaaniif galaa taasise.
Ani deeggaraa Leo Messi tahullee dubbiin harmee kanaa garaa na raafnaanin Afaan Oromootti isiniif hiike.
Argentina'f carraa gaarii!!✌️🥰
4 662
Dukkana daheeffattee
Haadhoo keettii si kuttee,
Sarettiin si nyaatte sun
Osoo'n mul’atin duttee...
Sekoondiin - daqiiqaatti
Daqiiqaan gara saatii
Sa'atiin gara guyyaa
Torbanis gara baatii,
Akka maraa gundootti
Naanna’ee of micciiree,
Baatiinis woggaa ta’ee
Bara baraan jijjiiree,
Erga halkanittii sana
Harka cubbuutiin duutee,
Hacee erga si dhabnee
Waggaa 6'ffaa guute!
•••
“Waggaa shanan kanatti
Mee maal fa'a naaf gootani?
Dhugaakoo baaftaniittuu
Dharaan adda footanii?
Osoo yeroo naaf kennee
Natti'n himin cubbuukoo,
Dabeessichi dukkanaan
Galaafate lubbuukoo...
Gantuu na baafachiifte
Hafuura kiyya dhumaa,
Soqxanii qabattanii
Naaf baaftaniittuu gumaa?
Moo tarii akkuma kalee
Akka amala keessanii
Wocitanii naaf boo’aa
Hidhii nyaattu teessanii?
•••
Biqiltuun dhaabee deeme
Firii buusee bargatee,
Sabni kiyya tokkoomee
Bilisummaa argatee..?
Dhiigakoo dhangala’eef
Qaamakoo isaaf gubate,
Wolabummaa isaaf ta'uu
Oromoon naaf hubatee...?
Nyaapni addaan baramee?
Moo... tarii akka durii,
Qumaara si-yaasaatiin
Anaan wol dibu xurii?
Eenyu abukaatoo ta'ee
Haqakoo baasuuf falma?
Eenyudha gar-jabinaan
Kan na qopheesse qalmaa?
Dirqiin ittii cituukoo
Sabni kiyya naaf baree?
Mee nattimaa qomookoo
Woggaan 6 maaliin tare?”
Jettee atuu nu'n gaafattu
Akkaataa biyyaaf firaa,
Kanumati dur beektu
Wanti addaa maaltu jira?
•••
Garuu.....
Uummannikee garraamiin
Dhugumaan si jaallatu
Sabni garaa qulqulluu
Marartoon si laallatu,
Erga gaafa dhabakeen
Onneen isaa rifatee,
Woggaa shan boo’uu male
Kolfa qaata ifate.
Dhugaaf gumaakee baasuuf
Itti duudee karaani,
Maraatee hidhii nyaata
Siif laalatee garaani.
•••
Ihim....
Nyaattee waakkachuu bartee
Dhiigaaf lafee goototaa,
Kan dhiigaakeen xuroofte
Impaayerri moototaa,
Dhugaakees gumaakees
Daaraa jala dibdee,
Ibiddarra teessi
Of dhibdee - wol dhibdee!
•••
Eeyyee..
Turtii yerootiif male
Hurriin hin dhoksu gaara,
Dibaan ibidda'n dhaamsu
Uffatee turus daaraa...
Haqnikee akka voolkaanoo
Gaafa tokko xaaxa’ee,
Garaa ciibsuudhaaf taa'a
Sabakee siif raata’e!
....
Walaloon; Riyaad Raayyaa tiin (RP)
Suuraan; QEERROO MAGAALAA AGGAAROO
Yaadannoo woreegama Goota keenya qaalii artist Hachalu Hundessa woggaa 6fffaa!
4 662
Muslimoonni Guutuu Addunyaa irratti argamtan martinuu baga Ayyaana Eid_Al_Adahaa kan bara 1447'ffaa nagaan geessan/geenye!
Ayyaana milkii fi Gammachuu nuuf haa tahu!
4 662
IMIMMAANKEE HIN QOORIN;
Gaafa ijaan si laalan
Atoo dargaggeessaa
Duudaa Abbaa keetii - awwaalcha hambaa keetii
Ati reef dhageessaa?
Akka jawwee raftee
Tarii achitti haftee?
Biyyi keehoo duutee
Awaalamuun qaataa,
Dunquqquudhaa laata
Hirribaa reef kaataa?
Egaa mee dhaga’ii
Oduu firaan ga'ii
Gadda isiis taa'i....!
•••
Kan ishee xureesse
Dhiigni Abbaa kootii
Duuteetti biyyikee
Isheen hambaa mootii
Gaafa nuuf dhalattu
Keemmoo duute biyyi
Qoma rukutadhuu
"Uuuu uuu" jedhii iyyi
Qaata siif awwaalle
Aarsinee ixaana
Deemi gadda taa'i
Waamii firaaf aanaa
Dhiigaaf lafee keenyaan
Durikaa nagaddaa,
Kana booda'n jiru - boo'i shakkaladhuu
Eee.. dunkaana gaddaa!
•••
Abjuun bara beelaa
Buddeen buddeen jedhaa
Hawwiin hin daanga'u
Siif hubannaa fedha
Gaala deemsan dhaabu
Silaa iyyi saree
Birmataa'n argattu
Qaata biyyi baree...
Mana keenyaa cidhaa
Gaafa si'iif musoo
"Imimmaan keen qoorin"
Siin jenneerra nusoo!
✍️... Riyaad Raayyaa
4 662
EID MUBARAK!
Akka hin deebinetti
Guyyaa qiyaamaa male
Keessummaan nurra ture
Osoon quufamin gale
,,,
Baatiin keyriif barakaa
Jiini caalu hundarra
Nu sooree adeemekaa
Galaa qabu dugdarraa
,,,
Gammachuun simannee
Gaddaan adda baanee
Kan dhufu haa geenyu
Warra milkii taanee......
,,,
Murteessaa hiree namaa
Soora qaamaa qalbiiti
Ramadaana soomanuun
Baraa kennaa Rabbiiti
,,,
Fedha Rabbii guddaatiin
Biyya duniyaarra teenyee
Baga nagaan soomannee
Nagaan goolabuu geenye
,,,
Leylatu-qadrii sana
Caaltuu baatiiwwan kumaa
Warra argate nugodhi
Rahmaan milkeessaan sumaa
,,,
Galmee azaabaa irraa
Galmee jennataatti
Galmee faqiiraa irraa
Sooressa kennataatti
,,,
Iimaanaan qalbii nujiisi
Nun godhin warra gu'u
Umrii keenya dheeressi
Nun godhin warra du'u
,,,
Ibaadaaf sooma keenya
Rahmaan nurraa qeebali
Amrii jabaa laaffisii
Qananii nuuf eegali!
,,,
Warra iklaasaan sooman
Waa sirra kajeelanii
Warra sunnaa hordofan
Karaa kee qajeelanii
,,,
Nuuf galmeessi yaa Rabbi
Umriin turuu fayyaani
Borullee nuuf banamuu
Ulaan Baabul-Rayyaani
,,,
Tola Rabbii keessaayyi
Har'a ga'uun jarana
Egereen nuhaa ga'u
Qeebalee kan baranaa
Eee... Alhamdulillaah!
,,,
Erga rahmataan dhufee
Guddichi baatii soomaa
Qadar isatti geessee
Meeqatu du'e qoomaa?
,,,
Galmee warra jiruurra
Rahmatummaan lixxanii
Alhamdulillaah jedhaa
Kan nagaadhaan fixxani
,,,
Qaawwa ibaadaa keenyaa
Tola isaatiin kabee
Rabbi nuhaa godhu
Warra isaaf of qabe
,,,
Dhugaan soomaa oolee
Warra isaaf sagade
Gabaa keyrii kana
Warra haqaan nagade
,,,
Nuhaa godhu rahmaan
Gooftaan hunda caalu
Dhibee qaamaa qalbii
Inni nuhaa yaalu
,,,
Kayrii baadhatee dhufe
Warra haqaan saammate
Warra argatee gammadu
Waan Rabbitti dhaammate
,,,
Iyyaaf kadhaa keenya
Hunduma dhaga'ee
Nuhaa gammachiisu
Egereenis nu ga'ee
,,,
Rahmatummaa Rabbiitiin
Haga har'aa teessanii
Muslimootni martinuu
Baga hiikaa geessani!
✍️.... Riyaad Raayyaa
