es
Feedback

¡No caigas en manos de tramposos! Telemetrio encuentra y marca estos canales 👉 Si quieres ver la etiqueta, suscríbete

Riyaad Raayyaa

Riyaad Raayyaa

Ir al canal en Telegram

@riyaadraayyaa Dabalatas lakk bilb;- 0937178516 Toora You Tube kiyyaa:- https://youtu.be/qqH5VJ-1b1c

Mostrar más
4 662
Suscriptores
+224 horas
+37 días
-1430 días
Archivo de publicaciones
Dhugaa ati dhokattun Sittima gadi dhoosee Ilma miti, haraamuudha Kan Biyyaaf Haadhaan qoose. Dhiigaafi lafee keenya Lubbuudhaafi qabeenya Maaliinuu'n madaalamu Gatiin biyyaa jabeenya. Gootni meeqa itti du'ee Meeqa itti dararamee Lafee abbootii keenyaatiin Daangaansii sararame. Itoophiyaan yoon jirre Oromiyaan hin jirtu, Birmadummaa biyyakoof Garaan qalbii nan hirtu. .... Eeyyee..... Sanuu diinni kaleessa Mataa nurraa kutatte Handhuura nu kajeellaan Qomatti gad butattee Erga harkaan tuttuqxee Jarri ofitti nu kaaftee, Nuyiif carraa gaariidha ~ Nutti nyaachifatteetu Jarri ofitti dhukaaftee... Abjuu keenya fagootu As nutti siqatee Isa caalu ta'e Hora nuuf dhiqatee Haaloo garaa keenyee Baraaf obsaa baane, Malkaa shiraan dhabnee 'Landlocked' taane Karra nutti cufte Balbalicha niimaa Deemnee deebifanna Nus Galaana Diimaa ! ✍️.... @Riyaad_Raayyaa

photo content

“Goota gaafa xiiqii Hiriyaa ganamaa Duutikee akkamiin Anaaf amanama? Hollachiiftuu diinaa Woraantuu akka xiyyaa Onnachiiftuu firaa Jaala qabsoo kiyyaa.. "Shekispiir Oromoo" Dhufee na dubbisi Mee ka'ii geeraarii Baroodii; shubbisi. Roorroodhaaf adeemee Si dhiisee jiraatti Deebiyee faanakee Maa'n dhaba ciraatti? Dhiira onneen gaaraa Dhukaatuu akka qawwee "Jirtuu?" nuun jedhimee Sagaleekeen hawwee... Anatti ballisuuf Ofiif aarsaa taatee? Waan nagattee deemteef Natti'n himtuu kaatee... Jaala qabsoo kootii Yaa waahila aartii Yaa booji'aa diinaa Yaa gaachana aantii Siif gameeti malee Hacee yaa dhiirakoo Anatti hin calliftuu Agartee miirakoo Hanga dur halaalaa Du'akee nan shakkaa Edaa ati dhugumaan Woreegamte lakkaa!!” Waan jedhu fakkaata Garaadhaa gubatee Miidhamasaa lakkuu Eenyu isaaf hubate? Ijji gubbaa malee Gubaa keessaa'n gartuu Anaakee haadhookoo Anaan Kedir Martuu! ✍️.... Riyaad Raayyaa tiin

photo content
+2

Faajjii sabboonummaa Gootittii dubartii Haadha Oromootaa Jaalannu nu marti Dungoo bar' dukkanaa Guca qabsoo sabaa Guddittii akka gaaraa Haadha seenaa jabaa Sagalee kilooleen Mi'eessitee aartii Hidhattees nuuf loltee Si'eessitee aantii Qaanqee qabsoo taatee Bar dukkanaa keessa Gubattee nuuf iftee Akka gubaalessaa Oromummaan boonnee Akka nu of taanuu Osoo wal hin qoonne Akka nu wol taanuu Tokkummaan roorrootti Akka nu ol kaanuu.... Anniisa nuuf taatee Saba rafe kaaftee Aarsaa jechi'n gitne Barakee nuuf baaftee Halkaniifi guyyaa Osoo hin boqatin Gootummaan hojjattee Seenaa hin dhokatin Ayyaanakee guutuun Osoo'n dhabin surraa Biyya hin oolamnetti Godaantekaa nurraa! .... Ilfuu Haadha Oromoo Harmee keenya maraa Seenaakee dhaloonni Jaarraaf taree baraa, Nuti ilmaan kankee Irbuukee ni baannaa Galmaan geenya ykn Labatatti laannaa... Silas sin deebisuu Sabni hagamuu iyyee Waaqni guddaan sitti Haa salphisu biyyee! @Riyaad_Raayyaa tiin. Gaggeessaa Gootittii Oromoo Artist Ilfinesh Qannoo tiif.

photo content

photo content

Bakkalcha lixaan ba'ee Ibse addunyaa mara Leo jechuun isadha Warri hin beekne baraa Badhaasa biyya lafaaf Nuuf kenne waaqni gubbaa Eeyyee Messi'n isadha Mootiin mootota kubbaa! Injifataa kan darbee Kaadhimamaa alanaa Greatest of all time Goat jechuun isa kana. Raajeffachiisaa hundaa Jifataa qixan qabne Isaa dirreerra jiruu Kan nuti abdiin dhabne Daqiiqaaf sekoondiitti Qabxii ture jijjiiree, Kan harka kennachiisu Morkataasaa micciiree Imimmaan deeggaraasaa Cophni tokko akka'n buune, Masaanuummoo boo'ichaan Ijji jaraa akka'n guune... Kan taasisu isa kana Haa baru firaaf ormi Hin dhalanne, hin dhalatu Qixa isaatti kormi! > Miidhagsaa dirra lafaa Faaya bareeche dachii Gabaabaa hojiin dheeraa Messi maashina galchii Badhaafamaa Ballond'0r Si'a 8 moo'atee Barcuma mootii kubbaa Morkii male too'ate. Abbaa waancaa Addunyaa Worqiin isaaf wol dhaltee Badhaasni inni morkate Hunduu harkasaa galte... Jechoonni afaan Addunyaa Wolitti dhufee himaan Hangam si ibsuu yaalus Ogeessi afaanii cimaan Kan jechi afaan hundaatu Si ibsuu hin dandeenye Si qofa mootiin kubbaa Namuu qixakeen geenye! .... Har'as raajii hojjattaa Akka kaleef dheengaddaa Barakee osoon hin taanee Dhalachuu koottin gaddaa. Ofiin nu qixxeessuudhaaf Warri qabanu dharraa Warri kaleessa boo'an Nu boossisuudhaaf harra Utuma warri kufan Nu harkisanuu gadi Shoorakeen daqiiqaatti Galchinee goolii sadii Gadda jaraaf daballee Ofiif uffanne adii.... Leo Messi goaticha Gahumsisaa'n hir'anne Osoo ati dirree jirtuu Nuti hin beeknu bir'annee Greatest of all time Guddicha akka gaaraa Ni beekna akka hojjattu Sekoondiitti waan haaraa. Atis silaa hin beektuu Takkaa nu qaanessitee Surprise nu gootee Diina ittuu yaanessite. kanaafan si jaalladha Kunoo citee sitti hafee Ijji si hin argine Dhugaa; ilaalaa rafe! ✍️... @Riyaad_Raayyaa

photo content
+3

photo content

“Ilmakoo har'i guyyaa keeti. Messi ta'us dhaabuu akka dandeessu addunyaatti agarsiisi” jecha Haadha gooli eegaa CVD'ti. “Jaallatamaa Ilmakoo: yeroo jalqabaaf xiyyaara akkan yaabbadhee adeemuufi gara America akkan dhufu kan na godhe gahumsa dhaabbataa keetiifi cimtee hojjachuu keeti. Har'a Messi woliin gaafa morkii qabdu, waaqayyo jagnummaa, ogumaafi jabina akka siif kennun siif kadhadha. kubbaan miilaa dirreerratti murtaa'a waan ta'eef, maqaa beekamaa gonkumaa hin sodaatin. har'a Addunyaan guutuun Messi'n akka calaqqisee mullatu eegaa jira. ani garuu... Addunyaan gooli eegaa 'xiqaatii' hundumaa ofirraa deebisuuf kutatee dirree seene akka agartu nan amana. Xumurrikee biyyakee Cape Verde'f kabaja; akaksumas Afrikaanota hunda kan boonsu waaqni siif haa taasisu. gaabbiifi qaanii tokko malee gara manakee deebi'i. kabajaatu si eeggata Ilmakoo..! Rabbi amanamummaa ati hojiikeef qabdu kana milkiin siif haa kaffalu.” Haadha gooli eegaa Cape Verdetu eebba kana ilma isaaniif galaa taasise. Ani deeggaraa Leo Messi tahullee dubbiin harmee kanaa garaa na raafnaanin Afaan Oromootti isiniif hiike. Argentina'f carraa gaarii!!✌️🥰

Dukkana daheeffattee Haadhoo keettii si kuttee, Sarettiin si nyaatte sun Osoo'n mul’atin duttee... Sekoondiin - daqiiqaatti Daqiiqaan gara saatii Sa'atiin gara guyyaa Torbanis gara baatii, Akka maraa gundootti Naanna’ee of micciiree, Baatiinis woggaa ta’ee Bara baraan jijjiiree, Erga halkanittii sana Harka cubbuutiin duutee, Hacee erga si dhabnee Waggaa 6'ffaa guute! ••• “Waggaa shanan kanatti Mee maal fa'a naaf gootani? Dhugaakoo baaftaniittuu Dharaan adda footanii? Osoo yeroo naaf kennee Natti'n himin cubbuukoo, Dabeessichi dukkanaan Galaafate lubbuukoo... Gantuu na baafachiifte Hafuura kiyya dhumaa, Soqxanii qabattanii Naaf baaftaniittuu gumaa? Moo tarii akkuma kalee Akka amala keessanii Wocitanii naaf boo’aa Hidhii nyaattu teessanii? ••• Biqiltuun dhaabee deeme Firii buusee bargatee, Sabni kiyya tokkoomee Bilisummaa argatee..? Dhiigakoo dhangala’eef Qaamakoo isaaf gubate, Wolabummaa isaaf ta'uu Oromoon naaf hubatee...? Nyaapni addaan baramee? Moo... tarii akka durii, Qumaara si-yaasaatiin Anaan wol dibu xurii? Eenyu abukaatoo ta'ee Haqakoo baasuuf falma? Eenyudha gar-jabinaan Kan na qopheesse qalmaa? Dirqiin ittii cituukoo Sabni kiyya naaf baree? Mee nattimaa qomookoo Woggaan 6 maaliin tare?” Jettee atuu nu'n gaafattu Akkaataa biyyaaf firaa, Kanumati dur beektu Wanti addaa maaltu jira? ••• Garuu..... Uummannikee garraamiin Dhugumaan si jaallatu Sabni garaa qulqulluu Marartoon si laallatu, Erga gaafa dhabakeen Onneen isaa rifatee, Woggaa shan boo’uu male Kolfa qaata ifate. Dhugaaf gumaakee baasuuf Itti duudee karaani, Maraatee hidhii nyaata Siif laalatee garaani. ••• Ihim.... Nyaattee waakkachuu bartee Dhiigaaf lafee goototaa, Kan dhiigaakeen xuroofte Impaayerri moototaa, Dhugaakees gumaakees Daaraa jala dibdee, Ibiddarra teessi Of dhibdee - wol dhibdee! ••• Eeyyee.. Turtii yerootiif male Hurriin hin dhoksu gaara, Dibaan ibidda'n dhaamsu Uffatee turus daaraa... Haqnikee akka voolkaanoo Gaafa tokko xaaxa’ee, Garaa ciibsuudhaaf taa'a Sabakee siif raata’e! .... Walaloon; Riyaad Raayyaa tiin (RP) Suuraan; QEERROO MAGAALAA AGGAAROO Yaadannoo woreegama Goota keenya qaalii artist Hachalu Hundessa woggaa 6fffaa!

photo content
+7

Muslimoonni Guutuu Addunyaa irratti argamtan martinuu baga Ayyaana Eid_Al_Adahaa kan bara 1447'ffaa nagaan geessan/geenye! Ayyaana milkii fi Gammachuu nuuf haa tahu!

IMIMMAANKEE HIN QOORIN; Gaafa ijaan si laalan Atoo dargaggeessaa Duudaa Abbaa keetii - awwaalcha hambaa keetii Ati reef dhageessaa? Akka jawwee raftee Tarii achitti haftee? Biyyi keehoo duutee Awaalamuun qaataa, Dunquqquudhaa laata Hirribaa reef kaataa? Egaa mee dhaga’ii Oduu firaan ga'ii Gadda isiis taa'i....! ••• Kan ishee xureesse Dhiigni Abbaa kootii Duuteetti biyyikee Isheen hambaa mootii Gaafa nuuf dhalattu Keemmoo duute biyyi Qoma rukutadhuu "Uuuu uuu" jedhii iyyi Qaata siif awwaalle Aarsinee ixaana Deemi gadda taa'i Waamii firaaf aanaa Dhiigaaf lafee keenyaan Durikaa nagaddaa, Kana booda'n jiru - boo'i shakkaladhuu Eee.. dunkaana gaddaa! ••• Abjuun bara beelaa Buddeen buddeen jedhaa Hawwiin hin daanga'u Siif hubannaa fedha Gaala deemsan dhaabu Silaa iyyi saree Birmataa'n argattu Qaata biyyi baree... Mana keenyaa cidhaa Gaafa si'iif musoo "Imimmaan keen qoorin" Siin jenneerra nusoo! ✍️... Riyaad Raayyaa

photo content

photo content

EID MUBARAK! Akka hin deebinetti Guyyaa qiyaamaa male Keessummaan nurra ture Osoon quufamin gale ,,, Baatiin keyriif barakaa Jiini caalu hundarra Nu sooree adeemekaa Galaa qabu dugdarraa ,,, Gammachuun simannee Gaddaan adda baanee Kan dhufu haa geenyu Warra milkii taanee...... ,,, Murteessaa hiree namaa Soora qaamaa qalbiiti Ramadaana soomanuun Baraa kennaa Rabbiiti ,,, Fedha Rabbii guddaatiin Biyya duniyaarra teenyee Baga nagaan soomannee Nagaan goolabuu geenye ,,, Leylatu-qadrii sana Caaltuu baatiiwwan kumaa Warra argate nugodhi Rahmaan milkeessaan sumaa ,,, Galmee azaabaa irraa Galmee jennataatti Galmee faqiiraa irraa Sooressa kennataatti ,,, Iimaanaan qalbii nujiisi Nun godhin warra gu'u Umrii keenya dheeressi Nun godhin warra du'u ,,, Ibaadaaf sooma keenya Rahmaan nurraa qeebali Amrii jabaa laaffisii Qananii nuuf eegali! ,,, Warra iklaasaan sooman Waa sirra kajeelanii Warra sunnaa hordofan Karaa kee qajeelanii ,,, Nuuf galmeessi yaa Rabbi Umriin turuu fayyaani Borullee nuuf banamuu Ulaan Baabul-Rayyaani ,,, Tola Rabbii keessaayyi Har'a ga'uun jarana Egereen nuhaa ga'u Qeebalee kan baranaa Eee... Alhamdulillaah! ,,, Erga rahmataan dhufee Guddichi baatii soomaa Qadar isatti geessee Meeqatu du'e qoomaa? ,,, Galmee warra jiruurra Rahmatummaan lixxanii Alhamdulillaah jedhaa Kan nagaadhaan fixxani ,,, Qaawwa ibaadaa keenyaa Tola isaatiin kabee Rabbi nuhaa godhu Warra isaaf of qabe ,,, Dhugaan soomaa oolee Warra isaaf sagade Gabaa keyrii kana Warra haqaan nagade ,,, Nuhaa godhu rahmaan Gooftaan hunda caalu Dhibee qaamaa qalbii Inni nuhaa yaalu ,,, Kayrii baadhatee dhufe Warra haqaan saammate Warra argatee gammadu Waan Rabbitti dhaammate ,,, Iyyaaf kadhaa keenya Hunduma dhaga'ee Nuhaa gammachiisu Egereenis nu ga'ee ,,, Rahmatummaa Rabbiitiin Haga har'aa teessanii Muslimootni martinuu Baga hiikaa geessani! ✍️.... Riyaad Raayyaa