uz
Feedback
Shaafii Muhammad Channel

Shaafii Muhammad Channel

Kanalga Telegram’da o‘tish

Tafsiira dabalatee darsii Ustaaz Shaafii hunda asirraa arkattan.

Ko'proq ko'rsatish

📈 Telegram kanali Shaafii Muhammad Channel analitikasi

Shaafii Muhammad Channel (@shaafiimuhammad99) kanali faol ishtirokchi. Hozirda hamjamiyat 19 609 obunachidan iborat bo'lib, Din & Maʼnaviyat toifasida 4 141-o'rinni va Efiopiya mintaqasida 1 720-o'rinni egallagan.

📊 Auditoriya ko‘rsatkichlari va dinamika

невідомо sanasidan buyon loyiha tez o‘sib, 19 609 obunachiga ega bo‘ldi.

10 Iyun, 2026 dagi oxirgi ma’lumotlarga ko‘ra kanal barqaror faollikka ega. Oxirgi 30 kunda obunachilar soni 133 ga, so‘nggi 24 soatda esa 5 ga o‘zgardi va umumiy qamrov yuqori darajada qolmoqda.

  • Tasdiqlash holati: Tasdiqlanmagan
  • Jalb etish (ER): Auditoriya o‘rtacha 20.83% darajada jalb etiladi. Nashrdan keyingi dastlabki 24 soatda kontent odatda umumiy obunachilar sonining 5.24% ini tashkil etuvchi reaksiyalarni to‘playdi.
  • Post qamrovi: Har bir post o‘rtacha 4 085 marta ko‘riladi; birinchi sutkada odatda 1 028 ta ko‘rish yig‘iladi.
  • Reaksiyalar va o‘zaro ta’sir: Auditoriya faol: har bir postga o‘rtacha 69 ta reaksiya keladi.

📝 Tavsif va kontent siyosati

Muallif resursni shaxsiy fikrni ifoda etish maydoni sifatida ta’riflaydi:
Tafsiira dabalatee darsii Ustaaz Shaafii hunda asirraa arkattan.

Yuqori yangilanish chastotasi (oxirgi ma’lumot 11 Iyun, 2026 da olingan) sababli kanal doimo dolzarb va katta qamrovli bo‘lib qoladi. Analitika auditoriya kontent bilan faol hamkorlik qilishini, uni Din & Maʼnaviyat toifasidagi muhim ta’sir nuqtasiga aylantirishini ko‘rsatadi.

19 609
Obunachilar
+524 soatlar
+487 kunlar
+13330 kunlar
Postlar arxiv
Repost from HADIISA📚
« Salaata leeylii» •. Namni tokko halkan hunda raka'aa 4 salaate witrii raka'aa tokkoon yoo goolabate,waggaa tokko keessatti
« Salaata leeylii»
•. Namni tokko halkan hunda raka'aa 4 salaate witrii raka'aa tokkoon yoo goolabate,waggaa tokko keessatti qiyaama leeylii qofa keessatti raka'aa 1770 salaate jechuudha.
« Rabbi biratti irra caaltuun dalagaa; Osoo waa xiqqoollee taatee kan walitti fufiinsaan dalagmteedha.»
✓. Osoo Rakaa'aalee tokkollee taatee Qiyaama leeylii salaata halkanii hin dhiisin
.» #الوتر Jumadal-Ula 22,1446H

•« Qur'aanaa Wajjiin akkas turan»• «Nama akka Abuu Sahli kan aayata qur'aanaa barbaade bakka barbaadee fii yeroo barbaadetti filatee qalbiirraa as fudhatu tokkollee hin argine. Inni ollaa keenya ture. Yeroo hunda halkan salaatuu fii qur'aana qara'uu kan addaan hin murre ture. Qur'aana heddummeeysee qara'uu isaatirraan kan ka'e qur'aanni akka waan ija isaa dura isaaf kaa'ameeti." Jechuun Imaamni muslimtootaa Abuu Abdillaah Ahmad Ibn Hanbal-rahimahullaah dubbata. Bakka "qur'aanni akka waan ija isaa dura isaaf kaa'ameeti." Jettu san irra deebi'i gad lallaali. Qalbuma akkamiin deema ture? Qalbii saniin nuuruma akkam ilaalaa ture! Rabbiin ﷻ nuufii isaafillee rahmata haa godhu» [المشوق إلى القرآن ص٤٦]
Zul'Hijjaa 22,1447H

« Namni ilmii Aqiidaa barsiisuu fii baratulleen gara jalqabaa ilmiin aqiidaa baratamtuu fii barsiifamtutti barsiisaa fii barataalleen moggaa تقرير عقيدة أهل السنة والجماعة tti xiyyeeffachuu qaban. Dhimmi تحرير fii الإتيان بأقوال المخالفين وشبهاتهم والرد عليه sadarkaa nama reefuu ilmii jalqabuutti barsiisuuf ta'ee barachuun miidhaa malee faayidaa tokkolleen hin qabu. barataa ilmii aqiidaa dhimmoota lamaan boodarra dubbadheen barnoota isaa eegale ta'abaa hedduu fii yeroo dheeraa booda malee aqiida warra sunnaa tolchee sirreeysee hin qabatu. Dhimmuma kanaan wal qabatuun barataa ilmii shari'aa gara jalqabaa barnoota isaatti ofii isaatiifiis ta'ee sheikhni isaa dhimma raddii fii namoota walirratti raddii godhaniin of shaaghaluu fii shaaghalamuu hin qabu. Dhimmi 2ffaan Aqiidaan barataa reefu ilmii kana jalqabeef gaafa barsiifamtu Sheikhni yookiin ustaazni isa barsiisu جانب الإيماني والتربوي tti ta'aabu qaba. جانب الكلامي الجدالي munaaqashaa masaa'ilootaa barataa reefu ilmii tana eegalurra fiduun sirrii miti. Addatti biyya teenya keessatti barataa ilmii aqiidaa waggaa 4,5,6,7 faa barate kan ammallee Masaa'iloota hedduu keessatti Aqiidaa warra sunnaa ciniinee hin qabatin hedduutu mul'ata. Dhimmi kun dhimma itti yaadamuu qabuudha. والله أعلم
Zul'Hijjaa 20,1447H

الصدق مع الله 🤍 في طلب العِلم - د. صالح بن عبدالعزيز سندي 🇧🇼.

Irra mi'aawaan irra urgaawaan,irra tolaa fii irra bareedaan wayii duniyaa kana irratti ati qunnamtuu TOWHIIDA allaahaati. Gaafa isa qabattee isarratti isaan jiraattee isaaf jiraatte; hayaata mi'ooytuu,urgooytuu,toltuu fii bareedduu dhugaa san jiraatta. Wawallaahi! itti deebi'eetiin siif kakadha! Namni akka nama TOWHIIDA mirkaneeffatee,beekee,hubatee fii qabatee irratti jiraatee jiruu duniyaa kana keessa qanani'aa jiru gonkumaa numa hin jiru. Rabbiin ﷻ warra towhiida qaamaa fii qalbiin keessaa fii gubbaan yeroo hundaa fii bakka hundatti hubatee,qabatee fii mirkaneeffate irraa nuhaa taasisu. TOWHIIDA irratti jiraannee isarrati du'uu fii jecha keenya dhumaa duniyaa kana irraa ittiin baanuu jecha TOWHIIDAA لَا إِلَه إِلّا اللّهُ nuuf haa taasisu.»💜
Zul'Hijjaa 12,1447H
https://www.facebook.com/kunalabesira

Repost from HADIISA📚
« Namni qulqulluun namootaaf qalbiin isaa nagayaa; gaafa ni'imaan takka nama biraatiif kennamtee rabbiin ﷻ isa badhaase gammadeeti akka waan kheeyrii fii ni'imaan sun isaaf dhufteetti isaaf barakaa kadhata. Kuni mallattoo qalbiin namichaa qalbii nagayaa ta'uu keessa tokkoodha. Lubbuun qulqulluun namoonni gammaduun,isaan milkaa'uu fii kheeyrii duniyaa fii aakhiraatirraa waa argachuun isaanii isii dhukkubsitee ciisa isii hin dhoorkitu. argata isaaniitiif hin gubattu. Namni biraa argachuun,badhaadhuun,milkaa'uun,toluun and rizqii teetirraa homaa hin hir'istu. Isaan gammadaniif qoodni kee boodatti achi si jalaa hin harkifatu. Yaa akhii! duniyaan dirree miqqanyummaa fii wal hassaduun itti wal dorgomanii miti. Yoo dandeesse milkii fii argachuu namootaa keessaa qooda qabaadhuu isaan deeggari wayiin isaan gargaari osoo isaaniif gammaduun isaan gammachiisuullee taate. kanarraan kan hafe isaan hin waanyin isaan hin hassadin. Duniyaan bakka nama bira of qaqqabanii miti. Nama bira of hin qaqqabin. Namni hundi rizqii mataa isaa,yeroo mataa isaa,sadarkaa fii haala mataa isaa rabbiin ﷻ qoodeef qaba. Dubbiin katabamtee turte. Qalamni ittiin katabamtelleen goggoge. Waanyummaa fii hiqdii qalbii tee hin guutin. Gaafa nama tokkoo kheeyrii waa argate dhageeysee fii agarte hunda gammadiifii barakhaa kadhadhuuf. qalbiirraa isaaf gammadi. Lubbuun amanfattuun waan rabbiin ﷻ isiif kenneen of geeysuu quuftuu taatee nama hundaaf kheeyrii jaalatti. Lubbuun jaleen beelooytuun obsa dhabde gammachuun namootaa isii dhukkubsa. Rabbiin ﷻ qalbii qulqulluu nagayaa kan argata obboleewwan isiitiif gammaddu fii gammaduun isaanii isii gammachiisu nuuf haa kennu. Qalbii qulqulluu obboleewwan isiitiif nagayaa qulqulluu nuuf haa taasisu.»ღ
Zul'Hijjaa 12,1447H

Repost from HADIISA📚
|•. Qabxii Murteessaadha. الانشغال بالدنيا يضعف التوحيد | الشيخ صالح آل الشيخ

Repost from HADIISA📚
Rasuulli ﷺ " Irra caalaan guyyaa rabbi ﷻ biratti guyyaa qalmaati. itti aansii guyyaa Qarriiti." Jedhan. Guyyaan qalmaa guyyaa
Rasuulli ﷺ " Irra caalaan guyyaa rabbi ﷻ biratti guyyaa qalmaati. itti aansii guyyaa Qarriiti." Jedhan. Guyyaan qalmaa guyyaa iidaati. Guyyaa 10ffaa ji'a Zul'Hijjaa jechuudha. Guyyaan Qarrii immoo guyyaa iida Al-Ad'haatti aanu guyyaa 11ffaa ji'a Zul'Hijjaati. Guyyoota kana keessa zikrii fii du'aa'ii heddummeeysuun akkaan jaalatamaadha. Guyyaan kun guyyoota tashriiq ( أيام التشريق) keessa kan jalqabaati. Guyyoonni tashriiq guyyoota nyaataa,dhugaatii fii zikrii allaahaati. Salaftoonni keenya guyyoota tashriiq kana keessa du'aa'ii heddummeeysuu jaalatu turan.»ღ
« Guyyaan arafaa yoo si darbellee guyyaan har'aa guyyaan Qarrii si hin darbin.»ღ Zul'Hijjaa 11,1447H

IID MUBAARAK WARRA BARANAA KAN BARA HEGEREE KAN BARA HEDDUU RABBIIN NUHAA GODHU عيد مبارك كل عام وانت بخير تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال

photo content

« Takbiirtaa godhaa, laa ilaaha illallaahu heddummeeysaa,subhaanallaah deddeebisaa. Miizaana hasanaa teeysanii zikrii fii hojiilee gaggaariin ulfeeysaa. Kheeyrii irraa heddummeeyfachuutti daddafuun irratti wal dorgomaa. اللهُ أكبر اللهُ أكبر اللهُ أكبر؛ لا إلهَ إلَّا الله اللهُ أكبر اللهُ أكبر؛ وللهِ الحمد.. Jechuu heddummeeysaa Irra caalaa giyyoota rabbi biratti dalagaan isii keessa irra jaalatamtuu keessa jirra.»ღ

« Guyyaan arafaa guyyaa bilisummaa guddaa duniyaa kanaati. Guyyaa ittiin garboonni lakkoofsa isaanii rabbi ﷻ malee namni tokkolleen hin beekne ibiddarraa itti bilisoomfamaniidha. Bilisa bahuun ibidda jahannam duraa rabbiin ﷻ bilisa nama baasuu caaltu jirtii?. Rabbiin ﷻ garboota san keessaa nu haa taasisu. Rabbiin ﷻ guyyaa arafaa nama arafa dhaabbatee fii hin dhaabbatinirraa illee khalqii hedduu ibiddarraa bilisa baasa. Kanaafi guyyaan itti aanu iida muslimtoota hunda godhame.» « Guyyaa arafaa soommanuun badii fii ma'siyaa waggaa darbitee fii waggaa itti aantuu namarraa balleeysiti. Boojuu bakka bu'aa hin qabneedha. Of hin dabarsin.» مقتبس من لطائف المعارف ٣٨٦. بتصرف يسير.
Zul'Hijjaa 8,1447H

↪️↪️ Yaa haaji‼️ ✍️ Carraa namni hedduun hawwee dhabe argattee zikrii,fi salaatul jam'aa masjidul haraam sirritti jabeeyfadhu👈👈 ↪️ Achi dhaquun kee tola Rabbiitiin tahuu hin irraanfatin👈 ↪️ Yaroo Dirree Arafaa dhaqxe warri femasummaaf gaara gubbatti footoo ka'uuf deemu wajjiin hin deemin. Bakki achii miti gadii tana . Yaroo hanga qabdu san dirree keeysatti zikrii fi Du'aa'iin fayyadami. ↪️ Warri Rabbiin carraa isiniif kennee hajjii deemtan, keeysattuu warri gatii kafaltanii achi jirtan nama waa beeku kan tartiiba dalagaa hajjii beekhutti dhiyaa dhaa waa irraa baradhaa. ↪️ Ummata oduu qofaan yaroo fixu biraa fagaadhaa. ✍️ Carraa akkanaa argatuu dhabuun ni mala waan tahef haga dandeysu jabaadhu. ↪️ Hanga Hojii hajjii raawwattutti ganda keeysa deddeemuu ifirraa dhiisi. ↪️ Hojiin guyyaa 10ffaa ni jabaata . Rabbiin gargaarsifadhu❗

Kurna kana keessa soomanuu, qur'aana qara'uu fii hojiilee kheeyrii biraa raawwachuu kee wajjiin guyyaa hunda osoo waan xiqqoollee taatee sadaqachuu hin lakkisin. Dubbiin laaftuudha. Bakka garagaraatti karaa mobaayila keetii miskiinootaaf,yatiimootaaf,masjiida ijaaruuf,waqfiif,madaarisa hifziitiif,cinqataa furuuf,bishaan obaasuuf,nyaata nyaachisuuf,dhukkubsataa wallaanuuf fii kkf hedduu keessa waa buufadhu. Dhaabbanni wantoota akkanaatiif qophaa'e hedduudha. Xiqqoon ati kennattu rabbi ﷻ biratti guddoodha.»ღ
Zul'Hijjaa 2,1447H

رحلة الحج إلى بيت الله الحرام.pdf4.04 MB

Repost from HADIISA📚
« Du'aa'iin tokkoon keenya qaamaa fii qalbii bira jirtuun yeroo qeebaltii keessa ofii fii obboleewwan isaatiif roobsee dhanga
« Du'aa'iin tokkoon keenya qaamaa fii qalbii bira jirtuun yeroo qeebaltii keessa ofii fii obboleewwan isaatiif roobsee dhangalaasu; yaaddoo meeqa furtee,cinqii meeqa kaastee,kheeyrii meeqa buustee yookiin sharrii meeqa deebisuu malti. Yeroo guyyaa jumu'aa asrii boodaa hanga maghriibaatti du'aa'iin isii eeggadhaa. Rabbii keessanitti kheeyrii yaadaa. Arjaan kennaan dhangalaasaan nama isa kadhatee isatti waywaatu harka qullaa gad hin deebisu.»ღ Mowlaaya Rahmata kee! اللهم صل وسلم وبارك على نبيك وعبدك محمد ﷺ
ZulQ'daa 22,1447H

📻 [صوتي] 🗒️ وظيفتك الكبرى في هذه الحياة 🎙أ.د. صالح بن عبدالعزيز سندي - حفظه الله - 📒 مقتطفات من شرح : [ حائية ابن أبي داود ] ا═•═📚═•═ا 🔹فوائد أ.د. صالح سندي🔹 https://t.me/Drsalehs

photo content

⤵️⤵️ Rakkoo addunyaa keessaa tokko : ✍️namoonni wallaalonii fi namoonni yaada isaanii qofatti amanan baayʼee ofitti amanamoo tahuudha; garuu namoonni aqli-qabeeyyii fi hubanno qabeyyiin yeroo baayʼee, shakkiin guutamodha; hojii isaanii sirriitti xiinxalu. 🥀 ↪️Hiikni isaa: Namni beekumsa qabu waan hedduu hubatuuf dogoggora ofirraa ilaala, of eeggannoo qabaata, “tarii dogoggoreera” jedhee yaada isaa irra deebiʼee ilaala. Garuu namni wallaalaan yeroo baayʼee waan hin beekne osoo hin hubatin yaroo hedduu ofitti amana.