fa
Feedback
Shaafii Muhammad Channel

Shaafii Muhammad Channel

رفتن به کانال در Telegram

Tafsiira dabalatee darsii Ustaaz Shaafii hunda asirraa arkattan.

نمایش بیشتر

📈 تحلیل کانال تلگرام Shaafii Muhammad Channel

کانال Shaafii Muhammad Channel (@shaafiimuhammad99) بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 20 196 مشترک است و جایگاه 3 890 را در دسته دین و مذهبی و رتبه 1 665 را در منطقه أثيوبيا دارد.

📊 شاخص‌های مخاطب و پویایی

از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 20 196 مشترک جذب کرده است.

بر اساس آخرین داده‌ها در تاریخ 28 ژوئیه, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر 385 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر 22 بوده و همچنان دسترسی گسترده‌ای حفظ شده است.

  • وضعیت تأیید: تأیید نشده
  • نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 19.33% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 4.21% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب می‌کند.
  • دسترسی پست‌ها: هر پست به طور میانگین 3 903 بازدید دریافت می‌کند. در اولین روز معمولاً 851 بازدید جمع‌آوری می‌شود.
  • واکنش‌ها و تعامل: مخاطبان به‌طور فعال حمایت می‌کنند؛ میانگین واکنش به هر پست 58 است.

📝 توضیح و سیاست محتوایی

نویسنده این فضا را محل بیان دیدگاه‌های شخصی توصیف می‌کند:
Tafsiira dabalatee darsii Ustaaz Shaafii hunda asirraa arkattan.

به لطف به‌روزرسانی‌های پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 29 ژوئیه, 2026)، کانال همواره به‌روز و دارای دسترسی بالاست. تحلیل‌ها نشان می‌دهد مخاطبان به‌طور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته دین و مذهبی تبدیل کرده‌اند.

20 196
مشترکین
+2224 ساعت
+857 روز
+38530 روز
آرشیو پست ها
« Namni akka arrabni isaa zikriif laafuu fii zikriin akka isaaf laaftu barbaadu; ijaa fii gurra isaa waan haraam irraa qalbii
« Namni akka arrabni isaa zikriif laafuu fii zikriin akka isaaf laaftu barbaadu; ijaa fii gurra isaa waan haraam irraa qalbii isaa waan hamtuu isarra dhuftu irraa haa eeggatuu. Achi booda kheeyrii rabbirraa ﷻ taateen haa gammadu. Rabbiin ﷻ balbala zikrii isaaf banuuf jiraata. Rabbiin ﷻ garboota arrabni isaanii zikriif laafe kan arrabni isaanii qalbiin isaanii zikrii isaa baay'isuu irraa hin deemne nuhaa taasisu.» Safar 14,1448H

Repost from HADIISA📚
« Gaafa murtiin rabbii fii ergamaa isaa akka ifaa aduutti addaan namaaf baate; nama rabbii fii guyyaa qiyaamaatti amanuuf mur
« Gaafa murtiin rabbii fii ergamaa isaa akka ifaa aduutti addaan namaaf baate; nama rabbii fii guyyaa qiyaamaatti amanuuf murtiin sun fedhii lubbuu isaa waan faalleeysituuf jecha yookiin waan warri zamana isaatii fii sheekkoonni isaa irra jiran waan faalleeysuuf jecha isii deebisuu fii fudhachuu diduun nam-tokkoofuu hin barbaachisu.»ღ 📕 الدرر السنية | 57/10. •. Kanaatu nama sunnaatirraa eegama. Isarrattiis dirqama. Dhimma tokko keessatti murtiin shari'aa maal akka taate gaafa addaan siif baatee hubatte booda; isa dhiisuu fii isarraa maquu keessatti abbaa feete hin dhagayin. ajaja nam tokkootillee hin godhin. Shari'aa faalleeysuu fii fudhachuu dhiisuu keetirraa malee yaada abaluutii fii abaluu fudhachuu diduu fii dhiisuu irraa hin gaafatamtu. Sunnaa nabiyyii keetii ﷺ qarriffaan ciniinii qabadhu. san dura sunnaan maal akka taate tolchuu beekii hubadhu. Rabbiin ﷻ garboota murtii isaatii fii murtii Rasuula isaa ﷺ hunda qaamaa qalbiin fudhatanii qabatan irraa nuhaa taasisu.»ღ
Safar 13,1447H

Repost from HADIISA📚
« Guyyooleen duniyaa,torbanootaa fii ji'oonni isii walitti gurmaa'aniiti gamaa gama bahanii gara xumura guyyaa du'a teenyaa n
« Guyyooleen duniyaa,torbanootaa fii ji'oonni isii walitti gurmaa'aniiti gamaa gama bahanii gara xumura guyyaa du'a teenyaa nu oofaa jiran. Beellamni guyyaa du'a teenya taa'eeti nu eegaa jira. Milkaawaan isa osoo kheeyrii hojjetuu towbachaa sunnaarratti osoo jiraatu duuti itti dhufteedha. Khaatimaan bareedduun irra bareedduu fii irra qaalii waan duniyaa tanarraa xumura guyyaa addunyaa ofiitti fudhatanii bahaniidha. Rabbiin ﷻ khaatimaa nuhaa tolchu. Sunnaarratti jiraachuu,sunnaan jiraachuu fii sunnaarratti du'uu nuhaa waffaqu. »
Safar 10,1448H

Hadiyyaa jumu'aa Shaafi'iyyoota warra ahlussunnaa biyyaa teenyaati. Gad buufadha irra bahaa bareedaadhaa

اسم الكتاب : الإتجاه السلفي عند الشافعية  المؤلف : د.طه محمد نجا

الدعوة إلى الله اصطفاء وتوفيق

« Namni muslimaa aaqilli hanga lubbuu isaatii fii kabajaa isiiti beeka. Diin isaa,akhlaaqa isaa,maalummaa isaa tan ganamaa ta
« Namni muslimaa aaqilli hanga lubbuu isaatii fii kabajaa isiiti beeka. Diin isaa,akhlaaqa isaa,maalummaa isaa tan ganamaa tan silaa isiif jecha uumame san meeshaa duniyaa dhumtuu kuttuu hin turre tanaaf jechaa hin gurguru. Inumaatuu Bakki ,sadarkaan,galataa fii kabajaan isiin maltu Rabbiin ﷻ isiirraa jaalachuu fii rabbii isaa ﷻ jaalachuun Jannata rabbii isaa dhaluu qofa ta'uu beeka.»ღ «العاقل لا يرى لنفسه ثمنًا إلا الجنة» Muharram 3,1448H

« Yeroon as deemtu tun yeroo boqonnaa hedduu barattootaa fii garii hojjettootaa mootummaa fii dhuunfaati. Sheekkan,ustaazoonni,haadhaa fii abbaan,namni itti gaafatamummaan ilmaan islaamaa isaan yaachistu hundi yeroo boqonnaa kana ijoollee KG irraa hanga nubarsitiitti jiran akka diin isaanii barachuun yeroo boqonnaa gannaa kana fayyadamaniif ammumaan qophii godhuutu barbaachisa. »ღ
Muharram 1,1448H

« Barattoonni Dhaabbilee barnootaa ol'aanoo irraa gara maatii deebitan Beekumsa shari'aa diin keessanii barachuun boqonnaa dabarsuu irratti xiyyeeffachuun isin irra haa jiraatu. Yeroon keessa jirru yeroo kamuu caalaa diin keenya beekuu fii sirriitti hubachuu nu dirqamsiisa. yeroon boqonnaa gannaa kun immoo yeroo qaalii namni rabbiin ﷻ isa waffaqe gama barnoota diin isaatiin hedduu itti of jijjiiruu fii waan hedduu itti baratuudha. Boqonnaan bareedaa fii irra caalaan boqonnaa kheeyrii dalaguun dabarsan caale hin jiru. Kheeyriin dhimma diin ofii barachuu caalte maaltu jira.?. Bakka kana itti dammaquu nu dirqamsiisa. »ღ
Muharram 1,1448H

Repost from HADIISA📚
« Salaata leeylii» •. Namni tokko halkan hunda raka'aa 4 salaate witrii raka'aa tokkoon yoo goolabate,waggaa tokko keessatti
« Salaata leeylii»
•. Namni tokko halkan hunda raka'aa 4 salaate witrii raka'aa tokkoon yoo goolabate,waggaa tokko keessatti qiyaama leeylii qofa keessatti raka'aa 1770 salaate jechuudha.
« Rabbi biratti irra caaltuun dalagaa; Osoo waa xiqqoollee taatee kan walitti fufiinsaan dalagmteedha.»
✓. Osoo Rakaa'aalee tokkollee taatee Qiyaama leeylii salaata halkanii hin dhiisin
.» #الوتر Jumadal-Ula 22,1446H

•« Qur'aanaa Wajjiin akkas turan»• «Nama akka Abuu Sahli kan aayata qur'aanaa barbaade bakka barbaadee fii yeroo barbaadetti filatee qalbiirraa as fudhatu tokkollee hin argine. Inni ollaa keenya ture. Yeroo hunda halkan salaatuu fii qur'aana qara'uu kan addaan hin murre ture. Qur'aana heddummeeysee qara'uu isaatirraan kan ka'e qur'aanni akka waan ija isaa dura isaaf kaa'ameeti." Jechuun Imaamni muslimtootaa Abuu Abdillaah Ahmad Ibn Hanbal-rahimahullaah dubbata. Bakka "qur'aanni akka waan ija isaa dura isaaf kaa'ameeti." Jettu san irra deebi'i gad lallaali. Qalbuma akkamiin deema ture? Qalbii saniin nuuruma akkam ilaalaa ture! Rabbiin ﷻ nuufii isaafillee rahmata haa godhu» [المشوق إلى القرآن ص٤٦]
Zul'Hijjaa 22,1447H

« Namni ilmii Aqiidaa barsiisuu fii baratulleen gara jalqabaa ilmiin aqiidaa baratamtuu fii barsiifamtutti barsiisaa fii barataalleen moggaa تقرير عقيدة أهل السنة والجماعة tti xiyyeeffachuu qaban. Dhimmi تحرير fii الإتيان بأقوال المخالفين وشبهاتهم والرد عليه sadarkaa nama reefuu ilmii jalqabuutti barsiisuuf ta'ee barachuun miidhaa malee faayidaa tokkolleen hin qabu. barataa ilmii aqiidaa dhimmoota lamaan boodarra dubbadheen barnoota isaa eegale ta'abaa hedduu fii yeroo dheeraa booda malee aqiida warra sunnaa tolchee sirreeysee hin qabatu. Dhimmuma kanaan wal qabatuun barataa ilmii shari'aa gara jalqabaa barnoota isaatti ofii isaatiifiis ta'ee sheikhni isaa dhimma raddii fii namoota walirratti raddii godhaniin of shaaghaluu fii shaaghalamuu hin qabu. Dhimmi 2ffaan Aqiidaan barataa reefu ilmii kana jalqabeef gaafa barsiifamtu Sheikhni yookiin ustaazni isa barsiisu جانب الإيماني والتربوي tti ta'aabu qaba. جانب الكلامي الجدالي munaaqashaa masaa'ilootaa barataa reefu ilmii tana eegalurra fiduun sirrii miti. Addatti biyya teenya keessatti barataa ilmii aqiidaa waggaa 4,5,6,7 faa barate kan ammallee Masaa'iloota hedduu keessatti Aqiidaa warra sunnaa ciniinee hin qabatin hedduutu mul'ata. Dhimmi kun dhimma itti yaadamuu qabuudha. والله أعلم
Zul'Hijjaa 20,1447H

الصدق مع الله 🤍 في طلب العِلم - د. صالح بن عبدالعزيز سندي 🇧🇼.

Irra mi'aawaan irra urgaawaan,irra tolaa fii irra bareedaan wayii duniyaa kana irratti ati qunnamtuu TOWHIIDA allaahaati. Gaafa isa qabattee isarratti isaan jiraattee isaaf jiraatte; hayaata mi'ooytuu,urgooytuu,toltuu fii bareedduu dhugaa san jiraatta. Wawallaahi! itti deebi'eetiin siif kakadha! Namni akka nama TOWHIIDA mirkaneeffatee,beekee,hubatee fii qabatee irratti jiraatee jiruu duniyaa kana keessa qanani'aa jiru gonkumaa numa hin jiru. Rabbiin ﷻ warra towhiida qaamaa fii qalbiin keessaa fii gubbaan yeroo hundaa fii bakka hundatti hubatee,qabatee fii mirkaneeffate irraa nuhaa taasisu. TOWHIIDA irratti jiraannee isarrati du'uu fii jecha keenya dhumaa duniyaa kana irraa ittiin baanuu jecha TOWHIIDAA لَا إِلَه إِلّا اللّهُ nuuf haa taasisu.»💜
Zul'Hijjaa 12,1447H
https://www.facebook.com/kunalabesira

Repost from HADIISA📚
« Namni qulqulluun namootaaf qalbiin isaa nagayaa; gaafa ni'imaan takka nama biraatiif kennamtee rabbiin ﷻ isa badhaase gammadeeti akka waan kheeyrii fii ni'imaan sun isaaf dhufteetti isaaf barakaa kadhata. Kuni mallattoo qalbiin namichaa qalbii nagayaa ta'uu keessa tokkoodha. Lubbuun qulqulluun namoonni gammaduun,isaan milkaa'uu fii kheeyrii duniyaa fii aakhiraatirraa waa argachuun isaanii isii dhukkubsitee ciisa isii hin dhoorkitu. argata isaaniitiif hin gubattu. Namni biraa argachuun,badhaadhuun,milkaa'uun,toluun and rizqii teetirraa homaa hin hir'istu. Isaan gammadaniif qoodni kee boodatti achi si jalaa hin harkifatu. Yaa akhii! duniyaan dirree miqqanyummaa fii wal hassaduun itti wal dorgomanii miti. Yoo dandeesse milkii fii argachuu namootaa keessaa qooda qabaadhuu isaan deeggari wayiin isaan gargaari osoo isaaniif gammaduun isaan gammachiisuullee taate. kanarraan kan hafe isaan hin waanyin isaan hin hassadin. Duniyaan bakka nama bira of qaqqabanii miti. Nama bira of hin qaqqabin. Namni hundi rizqii mataa isaa,yeroo mataa isaa,sadarkaa fii haala mataa isaa rabbiin ﷻ qoodeef qaba. Dubbiin katabamtee turte. Qalamni ittiin katabamtelleen goggoge. Waanyummaa fii hiqdii qalbii tee hin guutin. Gaafa nama tokkoo kheeyrii waa argate dhageeysee fii agarte hunda gammadiifii barakhaa kadhadhuuf. qalbiirraa isaaf gammadi. Lubbuun amanfattuun waan rabbiin ﷻ isiif kenneen of geeysuu quuftuu taatee nama hundaaf kheeyrii jaalatti. Lubbuun jaleen beelooytuun obsa dhabde gammachuun namootaa isii dhukkubsa. Rabbiin ﷻ qalbii qulqulluu nagayaa kan argata obboleewwan isiitiif gammaddu fii gammaduun isaanii isii gammachiisu nuuf haa kennu. Qalbii qulqulluu obboleewwan isiitiif nagayaa qulqulluu nuuf haa taasisu.»ღ
Zul'Hijjaa 12,1447H

Repost from HADIISA📚
|•. Qabxii Murteessaadha. الانشغال بالدنيا يضعف التوحيد | الشيخ صالح آل الشيخ

Repost from HADIISA📚
Rasuulli ﷺ " Irra caalaan guyyaa rabbi ﷻ biratti guyyaa qalmaati. itti aansii guyyaa Qarriiti." Jedhan. Guyyaan qalmaa guyyaa
Rasuulli ﷺ " Irra caalaan guyyaa rabbi ﷻ biratti guyyaa qalmaati. itti aansii guyyaa Qarriiti." Jedhan. Guyyaan qalmaa guyyaa iidaati. Guyyaa 10ffaa ji'a Zul'Hijjaa jechuudha. Guyyaan Qarrii immoo guyyaa iida Al-Ad'haatti aanu guyyaa 11ffaa ji'a Zul'Hijjaati. Guyyoota kana keessa zikrii fii du'aa'ii heddummeeysuun akkaan jaalatamaadha. Guyyaan kun guyyoota tashriiq ( أيام التشريق) keessa kan jalqabaati. Guyyoonni tashriiq guyyoota nyaataa,dhugaatii fii zikrii allaahaati. Salaftoonni keenya guyyoota tashriiq kana keessa du'aa'ii heddummeeysuu jaalatu turan.»ღ
« Guyyaan arafaa yoo si darbellee guyyaan har'aa guyyaan Qarrii si hin darbin.»ღ Zul'Hijjaa 11,1447H

IID MUBAARAK WARRA BARANAA KAN BARA HEGEREE KAN BARA HEDDUU RABBIIN NUHAA GODHU عيد مبارك كل عام وانت بخير تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال

photo content