ch
Feedback

不要被骗子欺骗!Telemetrio 会找到并标记这些频道 👉 如果想查看标记,请订阅

Shaafii Muhammad Channel

Shaafii Muhammad Channel

前往频道在 Telegram

Tafsiira dabalatee darsii Ustaaz Shaafii hunda asirraa arkattan.

显示更多

📈 Telegram 频道 Shaafii Muhammad Channel 的分析概览

频道 Shaafii Muhammad Channel (@shaafiimuhammad99) 是活跃参与者。目前社区聚集了 21 444 名订阅者,在 宗教与灵性 类别中位列第 3 633,并在 埃塞俄比亚 地区排名第 1 688 位。

📊 受众指标与增长动态

自 невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 21 444 名订阅者。

根据 31 十月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 437,过去 24 小时变化为 15,整体触达仍然可观。

  • 认证状态: 未认证
  • 互动率 (ER): 平均受众互动率为 20.23%。内容发布后 24 小时内通常能获得 5.64% 的反应,占订阅者总量。
  • 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 4 338 次浏览,首日通常累积 1 209 次浏览。
  • 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 62。

📝 描述与内容策略

作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
“Tafsiira dabalatee darsii Ustaaz Shaafii hunda asirraa arkattan.”

凭借高频更新(最新数据采集于 01 十一月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 宗教与灵性 类别中的关键影响点。

21 444
订阅者
+1524 小时
+967 天
+43730 天
帖子存档

« Nama haalli aakhiraa isatti ifte duniyaan adda bahuun isa biratti laaftuudha. Karaan jaalalloo wajjiin walitti nama geeysu dheerina hin qabu.» Waan Rabbiin ﷻ garboota isaa saalihootaaf aakhiratti qopheeyse san of dura qaqqabii jajjabaadhu.
Jumadal Ula 20,1448H

photo content

Nama muslimaa aqiidaan isaa dhiiga isaatirra qaaliidha. Salaatni isaa utubaa ijoo diin isaati. Abu Ddardaa'i irraa odeeyfamee " Jaalalleen kiyya ﷺ " osoo mummuramtee gubamtee illee rabbitti ﷻ waa hin qixxeessin,beekaa salaata dirqamaatiis hin dhiisin. Namni beekaa salaata dhiise funyoon islaamummaa isarraa baatee jirti." Jechuun naaf dhaame.» jechuun dubbata. رواه ابن ماجه.
Jumadal Ula 17,1448H

« Fitinaatu dhufuuf jiraata. Kan isii keessatti dhimmi diin laaffifamtee hanga waa'ee diinitti laffa'uu fii isaaf bakka kennuun akka malee xiqqaatutti. Gaafas namoonni hundi( harki guddaan ) dhimma duniyaa isaanii qofaaf laffa'uu fii ta'aabuu waan biraatiif bakka hin qaban.» القرطبي رحمه الله فتح الباري (٧/ ٨٢)
Zamana akkasii keessa nama dhimmootaa isaatti laffa'uun ta'aabee fii duniyaa isaa caalaa waa'een diin isaa isa yaachisteef waa tolee!.
Jumadal Ula 17,1448H

photo content

« Nama si keessatti ifaa kheeyrii,jaalala sunnaa,mi'aa towhiidaa fii hawwii kheeyrii duniyaa fii aakhiraa dhaamsu tokkolleen
« Nama si keessatti ifaa kheeyrii,jaalala sunnaa,mi'aa towhiidaa fii hawwii kheeyrii duniyaa fii aakhiraa dhaamsu tokkolleen waliin walitti makamuu irratti lubbuu tee hin dirqin. Namoota akkanaa lakkisuu keessa raahaatu jira. Namni namoota khabiisa akkanaa wajjiin jiraachuu irrattiin obsa jechuu yaade waan hedduu kasaaruu isaa dura of dhabeeti lubbuu isaa kasaara.»
Osoo social media irratti illee taate dheefa leencarraa dheeysitu caalaa isaan isaa baqadhu.
Jumadal Ula 12,1448H

Repost from HADIISA📚
« Halaqaaleen qur'aanaa imaltoonni gara rabbii ﷻ ati jiraattu jiraachuu baattu deemsa isaanii itti fufan jechuu si barsiisti.
« Halaqaaleen qur'aanaa imaltoonni gara rabbii ﷻ ati jiraattu jiraachuu baattu deemsa isaanii itti fufan jechuu si barsiisti. Ati halaqaarra hafta hiriyyoonni kee ittuma fufaniiti xumuranii bakka yaadan ga'u. Ati dhamaateet bakkuma itti isaan si dhiisan san teeysee isaan immoo si biraa kutanii deemu. Dubbiin akka kana!. Siif galti. Tarkaanfiin ati tarkaanfattu yoo gufattellee cabaa fii hokkola keetiinillee taatu deemsa kee ittuma fufi. Wanti ijoon; harka marattee moggaa karaa dhaabbachuu dhabuu keeti osoo dubbiin waan feete si gaafattee illee.»
Jumadal Ula 12,1448H

Repost from HADIISA📚
Bareedina guyyaa jumu'aatii fii halkan isaa Rasuula ﷺ irratti salwaata heddummeeysuun buusuun qabdu ajaa'iba jetta. Rasuula ﷺ irratti salawaata buusuu heddummeeysuun ragaa iimaanaati,mallattoo jaalata isaati. Sababa shafaa'aa isaa argachuu,howdii isaatirraa dhuguu,alaabaa isaa jalatti hiriiruu fii firdowsii keessatti ollaa isaa ta'uuti. Rasuula ﷺ irratti salwaata buusuu heddummeeysuudhaan cufaan hedduun babbanamtee haalli meeqa tolee qomti dhiphatte hedduun bal'attee gammaddee rabbiin ﷻ garbicharraa jaalatee sadarkaan gurguddoon hedduunilleen itti argatamti.» اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد ﷺ
Jumadal Ula 12,1448H

Yeroo gara duniyaa dhufte ati hin filanne. Dachii fii bakka itti dhalattellee sii miti kan filate. Gaafa isiirraa deemtullee ati filatteetii miti. Bakka itti duutullee filachuuf hin teeysu. « Lubbuun tokkolleen bakka itti duutu hin beektu». Sagantaa fii argamsiisa rabbiitiin gara duniyaa dhufte. Gaafa ajalli kee turtiin jiruu teetii dhumte asirraa fe'atta. Jidduu dhufuu fii fe'attee duniyaa irraa deemuu keetii akka filattee keessatti dalagattuuf carraan jiruu daqiiqaaleen umrii teetii kun siif kenname. Itti galli kee kan aakhiraa haalaa fii dalagaa amma of dura dabarfataa jirtuuni.»
Sheikh Sa'd Alkhathlan-hafizahullaah.
Rabi'al Sani 28,1448H

Irra bareedoo jechoota Sheikh Al-islaam Ibn Al Qayyim Rahimahullah keessaa tokko!.
Irra bareedoo jechoota Sheikh Al-islaam Ibn Al Qayyim Rahimahullah keessaa tokko!.

Khaalid Ibn Ma'daan guyyatti tasbiiba 40K godha ture. Kuni qaraatii qur'aanaa maleedha. Gaafa du'ee isa dhiquuf siree dhiqaansaa irra isa ciibsan; qubni isaa dur tasbiiha godhuu bare akkuma waan tasbiiha gochaa jiruuti sosocho'a ture.» سير أعلام النبلاء 4/540 Subhaanallaah. Qubni isaa tasbiiha aadeeyfachuu irraan kan ka'e eega inni due boodallee tasbiiha gooti. Qubni keenya hoo maal aadeeyfatte laata? #isaankanarraanutieeysajirra
Jumadal Awal 2,1448H

photo content

« Waan akka qur'aana gad lallaaluun qara'uu kan yaaddoo namarraa oofu tokkollee hin agarre. Qalbiin jireenya jiruu tokkollee wajjiin wal hin fakkaanne qur'aana keessa gad lallaaluun jiraatti.»
ابن الجوزي-رحمه الله.

Duniyaa kanarratti qixaaxni jabaan rabbiin ﷻ arraba kee zikrii isaatirraa qabuudha.
ابن القيم

« Namni Rabbi ﷻ biraa haajaa qabu kan yeroo halkan gara boodaa rafu waa aaqila sammuu qabuu miti.»
ابن رجب
Rabi'al Sani 9,1448H

photo content

photo content

photo content

أقصر طريق للتأثير!