cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Caffee Mooraa-Jimmaa

Jaalala_Qabaadhu Waaqayyoon jaaladhu; mootummaasaa jaaladhu; nama hundaa jaaladhu; jaalalli jaalala fida. Haa ta'uutii ati tajaajila kee akka hojiitti qofa, akka dirqamaatti, ykn kaayyoo ta'eef qofa akka ta'eetti kan ilaaltu yoo ta'e bu'aan kee maalinni?

Більше
Рекламні дописи
3 285
Підписники
+124 години
+47 днів
+230 днів
Час активного постингу

Триває завантаження даних...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Аналітика публікацій
ДописиПерегляди
Поширення
Динаміка переглядів
01
ATI YAA NAMAA... ✍️Sagalee Waaqayyoo baradhu.Yoo jijjiiramuu baattes callisii baradhu.Yeroo hunda baradhu.Of sirreessuu dhiisuu dandeessa, jijjiiramuu dhiisuus dandeessa, garuu baradhu.Yoo xiqqaate nama gaarii ta'uu baattus dandeettii ittiin of ceephaatu ni argatta. Yoo barachuu baatte garuu jijjiiramuu mitii of ceepha'uu iyyuu hin dandeessu.Kanaaf baradhu.Yoo baratte yoo xiqqaate yemmuu cubbuu hojjettu illee of ceepha'aa hojjetta. Kun immoo balbala gaabbii siif taati. Guyyaa tokko gara jireenya gaabbiitti si galchiti.(QulqulluuYohaannis Afaan-warqee) Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaafi Hiik-Kuus-Miidiyaa  Yaa'ii Mooraa M/Guddichaafi Kollejjiiwwanii.                    Waxabajjii , 01,2016  B.A                                          Jimmaa
2903Loading...
02
✍️Fannoorratti ofiisaa aarsaa taasisee kan qopheesse Gooftaa keenyaan alatti cidha isaa dhukkubbiidhaan kan chaappesse eenyu? Nama du'erraa jajjabina argachuuf bobaa ishee jalatti hammattee qabachuun guyyaa chidhashee misirroo argamtee addunyaa keessatti argines, dhageenyes hin beeknu. Mana cidhaa Kam irratti  foon misirroo irraa muruun keessummoota chidhaaf dhufaniif dhiyeessu? Haati manaa sababa abbaan manaa ishee du'eef abbaa manaa biraa heerumuuf bilisummaa qabdi. Haati manaa tuni garuu abbaa manaashee isa jaalataa jalaa du'e wajjiin gaa'ela raawwatte. Inni fannoorratti aarsaa of taasisuun Foon isaa qulqulluu tahe yeroo hundaa akka soorattuuf misirroo isaa kabajamtuuf dhiyeessee. Cinaacha isaas waraanamuun dhiigasaa qulqulluu xoofoodhaan guutee laateef. Sababa kanaan waaqolii tolfamoon lapheeshee keessa jiraachisaa turte hundisaanii dhabamsiifamani. Dibatasaa qulqulluudhaanis kabajamte, Isas bishaan cuuphaatiin uffatte, Isas bifa buddeenaatiin sooratte, akka Wayniittis dhugde. Sababa kanaan lachuu  tewaahidoo gonka ta'een tokko akka ta'an addunyaan beeke.Misirrittiin abbaan manaa ishee baay'ee jaalattu waan jalaa du'eef eenyunuu isa hin geeddarre. Du'a Isaatiin jireenya argatteetti waan ta'eef jaalalli isaaf qabdu adda ture. Abbaa manaa fi haati manaa iccitii kanaaf fakkeenyawwan isaan duraati. Isaan gaa'ela isa dhugaatiif akka fakkeenyaattiifi akka gaaddidduutti kan tajaajilaniidha. Isaanin fakkeessee Muuseen iccitii  guddaa kana dubbate. Muuseen iccitii kana golgaadhaan golgee ture waan ta'eef nu jalaa dhokatee ture. Duuka bu'aa Ququlluu Phaawuloos garuu nuuf ibse. Muuseen "lamaanuu foon tokko ta'u" jechuudhaan kan iccittiidhaan dubbate, "Ani garuu waayee Kiristoosiifi Mana Kiristaanaatin jedha" (Eef. 5:32) jechuudhan Qulqulluun Phaawuloos Ibsa. (Qulqulluu Yaa'iqoob isa Siruug). Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaafi Hiik-Kuus-Miidiyaa  Yaa'ii Mooraa M/Guddichaafi Kollejjiiwwanii.                 Caamsaa, 27,2016  B.A                                       Jimmaa
8114Loading...
03
✝ CINAACHA GOOFTAA KEENYAA ISA EEBOON WARAANAME ✝ ✍️Wangeela yohaannis 19:34 irratti "Haa ta'u malee loltoota keessaa tokko eeboodhaan cinaacha isaa waraane. Battaluma sanatti bishaaniifi dhiigni ba'e" dubbisa jedhu ni arganna. Abboonni qulqulloonni Sooriyaa dhugaa kana raawwii Fannoo dura raawwatameefi kennaawwan fannoo booda ilmaan namaatiif kennameen wal bira qabanii barsiisu. Fannoo dura raawwiiwwan raawwataman wajjiin yeroo jennu, cinaacha Addaamii argamuu Hewaaniifi Addaamiif Hewaan deebi'anii Gannatatti akka hin galleef seefii ibiddaa isaan dhoorkeen wal bira qabanii kan barsiisanidha. (Uum3:1). Fannoo booda yeroo jennu immoo cuuphaafi qurbaana wajjiin tokko taasisanii kan barsiisanidha. Raawwii karoora Waaqayyootiin raawwatamee kana kallattiidhaanis jireenyaafi du'a Kiristoosiin barsiisuuf itti fayyadamu. Fakkeenyaaf  Yaa'iqoob inni Siruug "Kiristoos nuti jiraattota akka taanuuf, nuuf jecha du'uun isaa dhugaa akka ta'e nuuf mirkaneessuuf bishaan cinaacha isaarraa  dhangala'e. Inni fannoorratti du'a yoo fudhates jiraataa akka ta'e nuuf lallabuuf cinaachuma sana irraa dhiigni dhangala'e" jedhee barsiisa. Wangeela Yohaannis 19:34 hiikkaa iccitii ta'e Qulqulluun Efreem Diyaatoosaaroon kan jedhamu wangeelota afran iddoo tokkotti walitti fidee kitaaba hiike irratti akkatti  nuuf teechisee arganna." Yaa Gooftaa koo kutaawwan qaama keetii addunyaa taasiseen keessa deddeebi'e. Isaan keessaattis kennaawwan hundumaa nan argadhe. Ergamaan seefii ibiddaa ishee naannoftu qabatee Gannata inni eegaa ture sana, ani karaa cinaachakee isa waraaname sanaanan ol seene. Gorsa Hewaan, ishee cinaacha Addaam irraa argamteen kennaa Waaqayyoo irraa duwwaa keenyatti hafnee kan turre, nuti karaa cinaachakee isa waraaname sanaan gara keessa  Gannataa galuu arganne. Ibiddi gaddaa Addaam irratti qabatee ture sababa dubra cinaacha isaarraa argamteen ture. Kanaaf bishaan cinaacha isaarraa dhangala'uun ibidda gadda Addaam irratti qabate sana dhaamsuuf cinaachi Gooftaa keenyaa eeboodhan waraaname" jedha. 👉Qulqulluun Yaa'iqoob inni Siruugis dhimma kanarratti ilaalcha dinqisisaa ta'e qaba. "Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos fannoo irratti mugee osoo jiruu cinaacha isaatiin cuuphaan uumamte, akkasumas misirroon inni samii Kiristoos fannoorratti mugee osoo jiruu cinaachi isaa eeboodhaan yeroo waraaanamu, akkuma cinaacha Addaam irraa Hewaan argamte sana misirroo isaa kan taate Manni Kiristaanaa uumamte. Hanguma hirribni du'aa isarratti cimaa dhufe akkasuma cinaacha isaatiin jiraattota kan deessu cuuphaa argamsiise. Uumaan Addaam hirriba du'aatiin Hewaan ishee haaraa nuuf uume, ijoollee Addaamiif akka haadha taatee tajaajiltu iddoo Hewaan ishee duraa bishaaniifi dhiiga cinaacha isaarraa dhangala'een ijoollee afuuraa kan deessu haati nuuf kennamte." ✍️ "Ilmi (mootiin) Gologootaatti cidha taasise. Guyyaa sanattis durba jedhamte sana kan isaa akka taatuuf kaadhimate. Kaadhimachuun kun dhangala'uu dhiiga isaatiin akka raawwatamuuf qubeelaa kaadhimummaa ulaawwan harka isaa mismaaraan waraaname keessaatti kaawwate, harka isaatin harka misirroo isaa jabeessee qabe. Sababni isaas yeroo dhukkubbii isaa jaalala isaaf qabdu argeeraatii, kan isaa akka taatuuf mirga isaa teessise, ishees gara iddoon biqiltoonni jiranii gara mana cidhaatti ishee qajeelche." 👉Qulqulluun Yaa'iqoob inni siruug, sababa Muuseen uffataan of golge sana geechisa isaa barreesse irratti, waayee cinaacha isaa waraanamee kan akkas jedhee nuuf barreesse arganna. "Bishaan cuuphaa keessaa tawaahidoon (waloominni) qulqulluu ta'e misirroofi misirritti, bishaaniifi Afuura gidduutti muul'ate. Haa ta'u malee waloominni Kiristoosiifi Mana kiristaanaa gidduutti raawwatame. Kun immoo waloomina haati manaafi abbaan manaa raawwatan irraa adda. Gooftaa keenyaan ala kaadhima isaaf mataasaa dabarsee kan laate eenyudha? Mana Kiristaanaatiin alattis nama du'e isheedhaaf abbaa mana akka ta'uuf kan barbaaddu eenyu? Addunyaan erga uumamtee eegalee dhiiga isaa kennaa kaadhimaa taasisee kan dhiyeesse hin jiru.
6875Loading...
04
⚜Waa’ee Dubroo⚜ 👉"Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu jechi tokko na keessa dhufa, kunis Museen tulluu Siinaarra dhaabbatee osoo jiruu, "mukni tokko yammuu ibbiddi isheerratti boba'u, ibiddichi mukittii osoo hin gubiin, mukittiinis osoo ibiddicha hin balleessiin" ilaalee 'akkamitti ibiddi kun  muka kana hin gubne? Raajii kana nan ilaala jedhee kalattii mukittiitti dhiyaate. Yammuu achitti dhiyaatu  garuu jechi tokko garasaatti dhufe, 'Gara kanatti hin  dhiyaatiin bakka ati dhaabbatte kan eebbifamte waan taateef kophee miila kee baafadhu!' 👉Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu "As hin dhiyaatiin!"waan jedhu natti fakkaata. Sababni isaas muka sanarratti kan boba'e ibiddadha. Dubroon Maariyaam kan baatte garuu ibidda Waaqummaati" ✍ Qulqulluu Saawuroos isa Antsookiyaa "Yaa giiftii keenya kadhannaan qulqullootaafi amantoota hundumaa ultuu (Maaxantii) isaanitiin lafaatii gara samiitti kan ittin ol baasan ultuu warqeerraa kan tolfamee harka hangafoota luboota samii keessa jiruun si fakkeessina. Akkasumas maqaa kee waamudhaan kadhannaa dhala nama hundumaa gara sadan adda ta'an gara Abbaa, Ilmaafi Afuura qulqulluutti ni dhiyeessu. Cubbuu lammiikee akka dhisistuuf Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu biratii siif eeyyamameera. Akkasumas, dhala namaaf riqaa jireenyaa bara baraa akka taatuuf. Yaa qoricha addunyaa lammiikee amantootaaf qorichasaanii jedhamuu qabda."   Qulqulluu Yaareed Giiftiin keenya qulqulleettiin dubroo maariyaam godoo dookimaasii  hir'uu isa ilaaltee hir'uu isa immoo ilaaltee kan hin dhiisne kan guuttef hir'uu keenya keessatti nuf argamtee hir'uu keenya nuf haa guuttu. Araarsummaa fi kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo maariyaam hunda keenya waliin haa ta'u. AMEEN!!!
8785Loading...
05
⚜️Eeyyama Waaqayyoo⚜️         [ፈቃደ እግዚአብሔር] ➭Namni baay'een, "kanan yaade hunduu homaa naaf hin milkoofne" akkaa jedhe ni gumguma; "Anaan hoo Waaqayyo na irraanfachuu hin oolu" akkaa jedhe Uumaa isaa gaddisiisa. 'Naaf kenna' jedhee osoo hin taane 'nan argadha' jedhee jalqabee yammuu argachuu dhabu akka waan Waaqayyo isa duraan qabu isa harkaa fudhateetti  Waaqa isaarraatti boo'a. Waaqa yeroo karoorsitu hin yaadanne gaafa waan yaadde siif milkaa'uu didu maaliif komatta? Jireenya kee keessatti yoom bakka kenniteefi? Akkan yaade haa ta'u jette malee 'akka eeyyama kee haa ta'u' jettee yoom kadhatte? Isa duraan isa marii'anna amma maaliif himatamaa isa taasista? ➭Guyyaa itti nan hojjedha jettee manaa baate akkanumatti maal na dhibdeedhaan maqaa isaa waamteetta yoo ta'e deebi'ii of qoradhu! Akka ta'utti kadhattee karaa kee hundattis akka si dursuuf eeyyamamaa taatee yoo jalqabde garuu homaa hin shakkiin tiksee kee amani. Ati akka Loox yoo filatte,  Sodoomiif Gomoraa yeroodhaaf gaarii fakkaatee garuu Waaqayyo immoo keessatti  hin kabajamne  irra amma homaa kan hin fakkaanne booda garuu dammaa fi aannan kan maddisiisu ijoollee keefis qabeenya [dhaala] kan ta'u [biyya] Kana'aan siif wayya! ✍️Dn Abeel K. akka Dn Lammeessaa T. hiiketti ❓Obboleessa koo ati hoo kan ofii barbaaddu moo kan Waaqayyo siif kennuu barbaadu kadhatte?  Ati kan ofii barbaaddee argattu yeroof si ceessisuu danda'a garuu rakkoo inni sitti fidutu caala; Waaqayyo kan siif kennu garuu yeroof obsa si barbaaduu danda'a garuu barootaaf hamma dhuma jireenya keetti kan si ceessisudha. Inni nu caalaa nuyiif yaada Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
6123Loading...
06
Maatii Taatanii Jirtuu❓ ➭Jaalatamaa/tuu obboleessa/eettii koo nageenyi Waaqayyoo siif haa baay'atu; waa si yaadachiisuu?! Tole! Bara keenya kanatti dhiibbaa miidiyaan hawaasaa fi ammayyummaa ana fi si'i dabalatee dhaloota irratti fidaa jiru hammam akka ta'e sitti hin himu, atiyyuu beekta waan ta'eef! Dhiibbaan kun guyyaa irraa gara guyyaatti dachaan dabalaa deemuun isaa immoo waan nama rifachiisuu fi sodaachisudha. Kanaan walqabatee manni kiristaanaa kee , haati kee ishee dhugaan baduu dhalootaa hin barbaadne kun osoo maal fa'a hojjette furmaatadha jetta? Tarii akkuma koo tajaajila afuurawaa qindaa'aa ta'ee fi bilchaataa ta'e  miidiyaalee hawaasaatiin tamsaasuun dhiibbaa jiru kana akka carraa gaariitti fayyadamuu qabdi jetta ta'a. Dhugaadha mana kiristaanaaf miidiyaaleen hawaasaa hedduun ishee barbaachisu; hedduu qofa osoo hin taane miidiyaa guddaatu isheef mala. Miidiyaa guddaan immoo kan jiraatu yoo anaaf si'i, obboloonni keenyi biroonis walirraa gargar faca'uu dhiisnee walitti dhufnee karaa dandeenyuun tumsa taasisnedha. Tumsa taasisuu barbaaddaaree?! Koottu kunoo miidiyaa mana kiristaanaa kan ta'e tokko  "Miidiyaa Sootiriyaa" #Subscribe #Follow #Like #Join gochuun maatii haa taanu; obboloota keenyas affeeruun tumsuma xiqqoo kana  irraa haa eegallu. Obboloota jaalattu qabda mitii?!; mee affeerraa kana ergiif! Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇 ➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21 ➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia ➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
1 0991Loading...
07
⚜️ Ijoollee Sahaaraa Ta'aa⚜️ ➭Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa kanarratti haati manaa hammam abbaa manaaf fakkeenya guddaa ta'uu akka dandeessu, akkasuma kabaja haadhummaa yeroo ibsu akkas jedha (1Phex 3:1-6); ➭"Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta'an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatiin, amala isin warri haadholii manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo'amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa!  Isaan amala keessan isa qullaa'aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.  Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'iin!  Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta'u! Kunis afuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta'e sanaan haa mul'atu!  Bara duriitti dubartoonni Waaqayyoof qulqullaa'anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan.  Sahaaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin doorsisa tokko illee osoo hin sodaatiin gaarii yoo gootan, ijoollee ishee ta'uu keessan!" ➭Haadholiin akka waliigalaattis akka mana kiristaanaattis itti gaafatamummaa dachaatu isaanirra jira. Dhaloota gaarii duuba, tajaajila mana kiristaanaa gaarii duuba haadhummaa gaariitu jira. Makmaaksi hawaasaa, "Duuba abbaa manaa cimaa haadha manaa cimtuutu jira" jedhus gatii haadhummaa kana ibsa mitiiree! Haadhummaa hamma kana guddaa ta'eef gatii/xiyyeeffannoo gadi aanaa kennuun gaarii miti. Warri haadha ta'uuf jiran karaa hundaan of-qopheessanii itti seenuun barbaachisa; warreen ta'anii jiran immoo haadhummaa isaaniif gatii kennuu qabu! Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
1 1315Loading...
08
YAADA BADAA (HAMAA)✍✍✍ 🚸Yaa ijoollee koo! Jalqabarraa yaada hamaa yaaduu osoo dhiisnee gaariidha.Yoo dhuma yaadanillee garuu yoo xiqqaate baastanii hin dubbatinaa. Achumatti qalbii dhuma keessan keessatti  hambisaa; Daqiiqaa muraasa booda gara wanta hin jirreetti ni jijjirama. 🧍‍♂🚶👨‍✈️.Nuti namootadha.  Kanaaf yeroo baay'ee waan hamaa ,hin mallee fi xuraa'aa ; akkasumas jibisiisaa ta'e ni yaadna. Garuu yoo xiqqaate  yaadota  sana osoo baasnee dubbachuu dhiisnee; gara jechaattis osoo jijjiiruu baannee gaariidha.Gara alaatti baasuu dhiisnee ciniiffannee of keessatti yaa qabannu.Yeroo muraasaan booda nu keessaa hirdhachaa, dadhabaa fi bahaa deemu. 🦁 Bineensa tokko gara boollatti  darbattanii otoo boollichas duuchitanii; bineensi gara boollatti darbattan sun qilleensa ittin harganu dhabee ni du'a.Akka carraa ulaa xiqqoo qilleensi ittin galu yoo argatte garuu qilleensa gara ulaa sanaan seenuun lubbuun turuu ni danda'a . Yoo isa dhiphisu, hammeenyaan  isin miidhuuf isinitti dhaadata,erga boollicha keessaa baheen boodas sin miidha. 👉 Haaluma wal fakkaatuun isinis yaada hamaa sammuu keessan keessa deddeedi'u,ulaa (karra) ittin bahu yoo duuchitan ni du'a; Jiraachuu irraa gara wanta hin jirreetti  ni jijjiirama. 👅Arraba keessaniin dubbachuudhaan  ulaa xiqqoo yoo bantaniif,akkasumas akkuma bineensichaa hafuura baafannaa yoo eyyamtaniif garuu yaadni badaan hojii hamaa ni daha.Namas ni aarsa.Yeroo sadarkaa yaadaa irra jiru  caalaa hojiin dhalatee,jijjiiramee garmalee sin miidha. Madda :Kitaaba Gidiraa Kiristaanootaa. (Yohaannis Afaan Warqee)
1 32012Loading...
09
Waaqayyoof galatni haa ta'u! Fedha uumaa keenya Qulqulleetti Sillaaseen guyyaa har'aa(guyyaa yaadannoo ji'aa Qul.Sillaaseen) speaker(sagalee guddistuu) kana bitachuu dandeenyeerra. Warreen bakka adda addaa teessanii jaalala Xoofoo Sillaaseef qabdaniif maqaa Qulqulleettii Sillaaseen gargaarsa nuuf gochaa jirtan waaqayyo uumaan keenya bakka jirtanitti isin haa eegu, kan hafe isiniif haa eebbisu, guyyaa dhufaatiisaa nama mirgasaa dhaabbatu isin haa taasisu. Warreen nu gargaaruu barbaaddanis Herreega baankii maqaa Xoofoo keenyaan banameen akka nu gargaartan maqaa uumaa keenya Sillaaseen sin gaafanna. 1000421540687 Tofo Sillasie Jimma
8841Loading...
10
#Gadhiifameera Seenaa daawwadhaa! Baradhaa! Hubadhaa! Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru! https://youtu.be/yLTo4vSi190?si=WoaqpYFYY1AqKXAT
8490Loading...
11
AMANTAA ABBOOTAA "Obbolootaa nuti hoo akkasitti amannna: Kan hin dhalanne Waaqayyo Abbaan qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan dhalate Ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos qaama isaa adda ta'een tokkodha. Kan jaalaterra kan bulu Afuurri Abbaa, Ilmaa Waaqayyo Afuura Qulqulluun qaama isaa adda ta'een tokkodha.Abbaan hin dhalanne, addunyaa dura Ilma dhale malee, Ilmis addunyaa dura Abbaarraa dhalate. Afuurri qulqulluus addunyaa dura Abbaa irraa bahe!" ✍Amantaa Abbootaa kan Atnaatewoos
8681Loading...
ATI YAA NAMAA... ✍️Sagalee Waaqayyoo baradhu.Yoo jijjiiramuu baattes callisii baradhu.Yeroo hunda baradhu.Of sirreessuu dhiisuu dandeessa, jijjiiramuu dhiisuus dandeessa, garuu baradhu.Yoo xiqqaate nama gaarii ta'uu baattus dandeettii ittiin of ceephaatu ni argatta. Yoo barachuu baatte garuu jijjiiramuu mitii of ceepha'uu iyyuu hin dandeessu.Kanaaf baradhu.Yoo baratte yoo xiqqaate yemmuu cubbuu hojjettu illee of ceepha'aa hojjetta. Kun immoo balbala gaabbii siif taati. Guyyaa tokko gara jireenya gaabbiitti si galchiti.(QulqulluuYohaannis Afaan-warqee)
Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaafi Hiik-Kuus-Miidiyaa  Yaa'ii Mooraa M/Guddichaafi Kollejjiiwwanii.                    Waxabajjii , 01,2016  B.A                                          Jimmaa
Показати все...
4👏 1
✍️Fannoorratti ofiisaa aarsaa taasisee kan qopheesse Gooftaa keenyaan alatti cidha isaa dhukkubbiidhaan kan chaappesse eenyu? Nama du'erraa jajjabina argachuuf bobaa ishee jalatti hammattee qabachuun guyyaa chidhashee misirroo argamtee addunyaa keessatti argines, dhageenyes hin beeknu. Mana cidhaa Kam irratti  foon misirroo irraa muruun keessummoota chidhaaf dhufaniif dhiyeessu? Haati manaa sababa abbaan manaa ishee du'eef abbaa manaa biraa heerumuuf bilisummaa qabdi. Haati manaa tuni garuu abbaa manaashee isa jaalataa jalaa du'e wajjiin gaa'ela raawwatte. Inni fannoorratti aarsaa of taasisuun Foon isaa qulqulluu tahe yeroo hundaa akka soorattuuf misirroo isaa kabajamtuuf dhiyeessee. Cinaacha isaas waraanamuun dhiigasaa qulqulluu xoofoodhaan guutee laateef. Sababa kanaan waaqolii tolfamoon lapheeshee keessa jiraachisaa turte hundisaanii dhabamsiifamani. Dibatasaa qulqulluudhaanis kabajamte, Isas bishaan cuuphaatiin uffatte, Isas bifa buddeenaatiin sooratte, akka Wayniittis dhugde. Sababa kanaan lachuu  tewaahidoo gonka ta'een tokko akka ta'an addunyaan beeke.Misirrittiin abbaan manaa ishee baay'ee jaalattu waan jalaa du'eef eenyunuu isa hin geeddarre. Du'a Isaatiin jireenya argatteetti waan ta'eef jaalalli isaaf qabdu adda ture. Abbaa manaa fi haati manaa iccitii kanaaf fakkeenyawwan isaan duraati. Isaan gaa'ela isa dhugaatiif akka fakkeenyaattiifi akka gaaddidduutti kan tajaajilaniidha. Isaanin fakkeessee Muuseen iccitii  guddaa kana dubbate. Muuseen iccitii kana golgaadhaan golgee ture waan ta'eef nu jalaa dhokatee ture. Duuka bu'aa Ququlluu Phaawuloos garuu nuuf ibse. Muuseen "lamaanuu foon tokko ta'u" jechuudhaan kan iccittiidhaan dubbate, "Ani garuu waayee Kiristoosiifi Mana Kiristaanaatin jedha" (Eef. 5:32) jechuudhan Qulqulluun Phaawuloos Ibsa. (Qulqulluu Yaa'iqoob isa Siruug).
Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaafi Hiik-Kuus-Miidiyaa  Yaa'ii Mooraa M/Guddichaafi Kollejjiiwwanii.                 Caamsaa, 27,2016  B.A                                       Jimmaa
Показати все...
👏 3
CINAACHA GOOFTAA KEENYAA ISA EEBOON WARAANAME ✝ ✍️Wangeela yohaannis 19:34 irratti "Haa ta'u malee loltoota keessaa tokko eeboodhaan cinaacha isaa waraane. Battaluma sanatti bishaaniifi dhiigni ba'e" dubbisa jedhu ni arganna. Abboonni qulqulloonni Sooriyaa dhugaa kana raawwii Fannoo dura raawwatameefi kennaawwan fannoo booda ilmaan namaatiif kennameen wal bira qabanii barsiisu. Fannoo dura raawwiiwwan raawwataman wajjiin yeroo jennu, cinaacha Addaamii argamuu Hewaaniifi Addaamiif Hewaan deebi'anii Gannatatti akka hin galleef seefii ibiddaa isaan dhoorkeen wal bira qabanii kan barsiisanidha. (Uum3:1). Fannoo booda yeroo jennu immoo cuuphaafi qurbaana wajjiin tokko taasisanii kan barsiisanidha. Raawwii karoora Waaqayyootiin raawwatamee kana kallattiidhaanis jireenyaafi du'a Kiristoosiin barsiisuuf itti fayyadamu. Fakkeenyaaf  Yaa'iqoob inni Siruug "Kiristoos nuti jiraattota akka taanuuf, nuuf jecha du'uun isaa dhugaa akka ta'e nuuf mirkaneessuuf bishaan cinaacha isaarraa  dhangala'e. Inni fannoorratti du'a yoo fudhates jiraataa akka ta'e nuuf lallabuuf cinaachuma sana irraa dhiigni dhangala'e" jedhee barsiisa. Wangeela Yohaannis 19:34 hiikkaa iccitii ta'e Qulqulluun Efreem Diyaatoosaaroon kan jedhamu wangeelota afran iddoo tokkotti walitti fidee kitaaba hiike irratti akkatti  nuuf teechisee arganna." Yaa Gooftaa koo kutaawwan qaama keetii addunyaa taasiseen keessa deddeebi'e. Isaan keessaattis kennaawwan hundumaa nan argadhe. Ergamaan seefii ibiddaa ishee naannoftu qabatee Gannata inni eegaa ture sana, ani karaa cinaachakee isa waraaname sanaanan ol seene. Gorsa Hewaan, ishee cinaacha Addaam irraa argamteen kennaa Waaqayyoo irraa duwwaa keenyatti hafnee kan turre, nuti karaa cinaachakee isa waraaname sanaan gara keessa  Gannataa galuu arganne. Ibiddi gaddaa Addaam irratti qabatee ture sababa dubra cinaacha isaarraa argamteen ture. Kanaaf bishaan cinaacha isaarraa dhangala'uun ibidda gadda Addaam irratti qabate sana dhaamsuuf cinaachi Gooftaa keenyaa eeboodhan waraaname" jedha. 👉Qulqulluun Yaa'iqoob inni Siruugis dhimma kanarratti ilaalcha dinqisisaa ta'e qaba. "Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos fannoo irratti mugee osoo jiruu cinaacha isaatiin cuuphaan uumamte, akkasumas misirroon inni samii Kiristoos fannoorratti mugee osoo jiruu cinaachi isaa eeboodhaan yeroo waraaanamu, akkuma cinaacha Addaam irraa Hewaan argamte sana misirroo isaa kan taate Manni Kiristaanaa uumamte. Hanguma hirribni du'aa isarratti cimaa dhufe akkasuma cinaacha isaatiin jiraattota kan deessu cuuphaa argamsiise. Uumaan Addaam hirriba du'aatiin Hewaan ishee haaraa nuuf uume, ijoollee Addaamiif akka haadha taatee tajaajiltu iddoo Hewaan ishee duraa bishaaniifi dhiiga cinaacha isaarraa dhangala'een ijoollee afuuraa kan deessu haati nuuf kennamte." ✍️ "Ilmi (mootiin) Gologootaatti cidha taasise. Guyyaa sanattis durba jedhamte sana kan isaa akka taatuuf kaadhimate. Kaadhimachuun kun dhangala'uu dhiiga isaatiin akka raawwatamuuf qubeelaa kaadhimummaa ulaawwan harka isaa mismaaraan waraaname keessaatti kaawwate, harka isaatin harka misirroo isaa jabeessee qabe. Sababni isaas yeroo dhukkubbii isaa jaalala isaaf qabdu argeeraatii, kan isaa akka taatuuf mirga isaa teessise, ishees gara iddoon biqiltoonni jiranii gara mana cidhaatti ishee qajeelche." 👉Qulqulluun Yaa'iqoob inni siruug, sababa Muuseen uffataan of golge sana geechisa isaa barreesse irratti, waayee cinaacha isaa waraanamee kan akkas jedhee nuuf barreesse arganna. "Bishaan cuuphaa keessaa tawaahidoon (waloominni) qulqulluu ta'e misirroofi misirritti, bishaaniifi Afuura gidduutti muul'ate. Haa ta'u malee waloominni Kiristoosiifi Mana kiristaanaa gidduutti raawwatame. Kun immoo waloomina haati manaafi abbaan manaa raawwatan irraa adda. Gooftaa keenyaan ala kaadhima isaaf mataasaa dabarsee kan laate eenyudha? Mana Kiristaanaatiin alattis nama du'e isheedhaaf abbaa mana akka ta'uuf kan barbaaddu eenyu? Addunyaan erga uumamtee eegalee dhiiga isaa kennaa kaadhimaa taasisee kan dhiyeesse hin jiru.
Показати все...
👍 3
Waa’ee Dubroo⚜ 👉"Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu jechi tokko na keessa dhufa, kunis Museen tulluu Siinaarra dhaabbatee osoo jiruu, "mukni tokko yammuu ibbiddi isheerratti boba'u, ibiddichi mukittii osoo hin gubiin, mukittiinis osoo ibiddicha hin balleessiin" ilaalee 'akkamitti ibiddi kun  muka kana hin gubne? Raajii kana nan ilaala jedhee kalattii mukittiitti dhiyaate. Yammuu achitti dhiyaatu  garuu jechi tokko garasaatti dhufe, 'Gara kanatti hin  dhiyaatiin bakka ati dhaabbatte kan eebbifamte waan taateef kophee miila kee baafadhu!' 👉Waa'ee Dubroo Maariyaam dubbachuuf yammuun yaadu "As hin dhiyaatiin!"waan jedhu natti fakkaata. Sababni isaas muka sanarratti kan boba'e ibiddadha. Dubroon Maariyaam kan baatte garuu ibidda Waaqummaati" ✍ Qulqulluu Saawuroos isa Antsookiyaa "Yaa giiftii keenya kadhannaan qulqullootaafi amantoota hundumaa ultuu (Maaxantii) isaanitiin lafaatii gara samiitti kan ittin ol baasan ultuu warqeerraa kan tolfamee harka hangafoota luboota samii keessa jiruun si fakkeessina. Akkasumas maqaa kee waamudhaan kadhannaa dhala nama hundumaa gara sadan adda ta'an gara Abbaa, Ilmaafi Afuura qulqulluutti ni dhiyeessu. Cubbuu lammiikee akka dhisistuuf Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu biratii siif eeyyamameera. Akkasumas, dhala namaaf riqaa jireenyaa bara baraa akka taatuuf. Yaa qoricha addunyaa lammiikee amantootaaf qorichasaanii jedhamuu qabda."   Qulqulluu Yaareed Giiftiin keenya qulqulleettiin dubroo maariyaam godoo dookimaasii  hir'uu isa ilaaltee hir'uu isa immoo ilaaltee kan hin dhiisne kan guuttef hir'uu keenya keessatti nuf argamtee hir'uu keenya nuf haa guuttu. Araarsummaa fi kadhannaan haadha keenya qulqulleetti dubroo maariyaam hunda keenya waliin haa ta'u. AMEEN!!!
Показати все...
7👍 2
⚜️Eeyyama Waaqayyoo⚜️         [ፈቃደ እግዚአብሔር] ➭Namni baay'een, "kanan yaade hunduu homaa naaf hin milkoofne" akkaa jedhe ni gumguma; "Anaan hoo Waaqayyo na irraanfachuu hin oolu" akkaa jedhe Uumaa isaa gaddisiisa. 'Naaf kenna' jedhee osoo hin taane 'nan argadha' jedhee jalqabee yammuu argachuu dhabu akka waan Waaqayyo isa duraan qabu isa harkaa fudhateetti  Waaqa isaarraatti boo'a. Waaqa yeroo karoorsitu hin yaadanne gaafa waan yaadde siif milkaa'uu didu maaliif komatta? Jireenya kee keessatti yoom bakka kenniteefi? Akkan yaade haa ta'u jette malee 'akka eeyyama kee haa ta'u' jettee yoom kadhatte? Isa duraan isa marii'anna amma maaliif himatamaa isa taasista? ➭Guyyaa itti nan hojjedha jettee manaa baate akkanumatti maal na dhibdeedhaan maqaa isaa waamteetta yoo ta'e deebi'ii of qoradhu! Akka ta'utti kadhattee karaa kee hundattis akka si dursuuf eeyyamamaa taatee yoo jalqabde garuu homaa hin shakkiin tiksee kee amani. Ati akka Loox yoo filatte,  Sodoomiif Gomoraa yeroodhaaf gaarii fakkaatee garuu Waaqayyo immoo keessatti  hin kabajamne  irra amma homaa kan hin fakkaanne booda garuu dammaa fi aannan kan maddisiisu ijoollee keefis qabeenya [dhaala] kan ta'u [biyya] Kana'aan siif wayya! ✍️Dn Abeel K. akka Dn Lammeessaa T. hiiketti ❓Obboleessa koo ati hoo kan ofii barbaaddu moo kan Waaqayyo siif kennuu barbaadu kadhatte?  Ati kan ofii barbaaddee argattu yeroof si ceessisuu danda'a garuu rakkoo inni sitti fidutu caala; Waaqayyo kan siif kennu garuu yeroof obsa si barbaaduu danda'a garuu barootaaf hamma dhuma jireenya keetti kan si ceessisudha. Inni nu caalaa nuyiif yaada Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Показати все...

👍 2 2
Maatii Taatanii Jirtuu❓ ➭Jaalatamaa/tuu obboleessa/eettii koo nageenyi Waaqayyoo siif haa baay'atu; waa si yaadachiisuu?! Tole! Bara keenya kanatti dhiibbaa miidiyaan hawaasaa fi ammayyummaa ana fi si'i dabalatee dhaloota irratti fidaa jiru hammam akka ta'e sitti hin himu, atiyyuu beekta waan ta'eef! Dhiibbaan kun guyyaa irraa gara guyyaatti dachaan dabalaa deemuun isaa immoo waan nama rifachiisuu fi sodaachisudha. Kanaan walqabatee manni kiristaanaa kee , haati kee ishee dhugaan baduu dhalootaa hin barbaadne kun osoo maal fa'a hojjette furmaatadha jetta? Tarii akkuma koo tajaajila afuurawaa qindaa'aa ta'ee fi bilchaataa ta'e  miidiyaalee hawaasaatiin tamsaasuun dhiibbaa jiru kana akka carraa gaariitti fayyadamuu qabdi jetta ta'a. Dhugaadha mana kiristaanaaf miidiyaaleen hawaasaa hedduun ishee barbaachisu; hedduu qofa osoo hin taane miidiyaa guddaatu isheef mala. Miidiyaa guddaan immoo kan jiraatu yoo anaaf si'i, obboloonni keenyi biroonis walirraa gargar faca'uu dhiisnee walitti dhufnee karaa dandeenyuun tumsa taasisnedha. Tumsa taasisuu barbaaddaaree?! Koottu kunoo miidiyaa mana kiristaanaa kan ta'e tokko  "Miidiyaa Sootiriyaa" #Subscribe #Follow #Like #Join gochuun maatii haa taanu; obboloota keenyas affeeruun tumsuma xiqqoo kana  irraa haa eegallu. Obboloota jaalattu qabda mitii?!; mee affeerraa kana ergiif! Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇 ➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21 ➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia ➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
Показати все...
MIIDIYAA SOOTIRIYAA ሶትርያ ሚዲያ

Miidiyaa #Seeraa fi #Sirna Mana Kiristaanaa Ortodooksi #Tawaahidoo Itoophiyaa Eegee Barumsa Mana Kiristaanaa (#Doogmaa, #Qannoonaa fi #Darbii_Darboo Qulqullaa'oo) Barsiisu. Yaadaa fi Gaaffii qabdan maraaf karaa @Sotm001 fi @Sotm002 keessaan nu quunnamaa.

👍 7
⚜️ Ijoollee Sahaaraa Ta'aa⚜️ ➭Qulqulluun Pheexiroos ergaa isaa kanarratti haati manaa hammam abbaa manaaf fakkeenya guddaa ta'uu akka dandeessu, akkasuma kabaja haadhummaa yeroo ibsu akkas jedha (1Phex 3:1-6); ➭"Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta'an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatiin, amala isin warri haadholii manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo'amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa!  Isaan amala keessan isa qullaa'aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.  Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'iin!  Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta'u! Kunis afuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta'e sanaan haa mul'atu!  Bara duriitti dubartoonni Waaqayyoof qulqullaa'anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan.  Sahaaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin doorsisa tokko illee osoo hin sodaatiin gaarii yoo gootan, ijoollee ishee ta'uu keessan!" ➭Haadholiin akka waliigalaattis akka mana kiristaanaattis itti gaafatamummaa dachaatu isaanirra jira. Dhaloota gaarii duuba, tajaajila mana kiristaanaa gaarii duuba haadhummaa gaariitu jira. Makmaaksi hawaasaa, "Duuba abbaa manaa cimaa haadha manaa cimtuutu jira" jedhus gatii haadhummaa kana ibsa mitiiree! Haadhummaa hamma kana guddaa ta'eef gatii/xiyyeeffannoo gadi aanaa kennuun gaarii miti. Warri haadha ta'uuf jiran karaa hundaan of-qopheessanii itti seenuun barbaachisa; warreen ta'anii jiran immoo haadhummaa isaaniif gatii kennuu qabu! Telegram: https://t.me/Kalabhiyahu
Показати все...
GODOLIYAAS

"Addunyaan hunduu ni darba; fedhiin fooniis ni bada; seera Waaqayyoo kan raawwatu garuu bara baraaf ni jiraata!" Yaadaa fi gaaffiif @lamtesh irratti nuuf ergaa! *Godoliyaas-Waaqayyo Guddaadha* FB ► *Godoliyaas*

👍 6
YAADA BADAA (HAMAA)✍✍✍ 🚸Yaa ijoollee koo! Jalqabarraa yaada hamaa yaaduu osoo dhiisnee gaariidha.Yoo dhuma yaadanillee garuu yoo xiqqaate baastanii hin dubbatinaa. Achumatti qalbii dhuma keessan keessatti  hambisaa; Daqiiqaa muraasa booda gara wanta hin jirreetti ni jijjirama. 🧍‍♂🚶👨‍✈️.Nuti namootadha.  Kanaaf yeroo baay'ee waan hamaa ,hin mallee fi xuraa'aa ; akkasumas jibisiisaa ta'e ni yaadna. Garuu yoo xiqqaate  yaadota  sana osoo baasnee dubbachuu dhiisnee; gara jechaattis osoo jijjiiruu baannee gaariidha.Gara alaatti baasuu dhiisnee ciniiffannee of keessatti yaa qabannu.Yeroo muraasaan booda nu keessaa hirdhachaa, dadhabaa fi bahaa deemu. 🦁 Bineensa tokko gara boollatti  darbattanii otoo boollichas duuchitanii; bineensi gara boollatti darbattan sun qilleensa ittin harganu dhabee ni du'a.Akka carraa ulaa xiqqoo qilleensi ittin galu yoo argatte garuu qilleensa gara ulaa sanaan seenuun lubbuun turuu ni danda'a . Yoo isa dhiphisu, hammeenyaan  isin miidhuuf isinitti dhaadata,erga boollicha keessaa baheen boodas sin miidha. 👉 Haaluma wal fakkaatuun isinis yaada hamaa sammuu keessan keessa deddeedi'u,ulaa (karra) ittin bahu yoo duuchitan ni du'a; Jiraachuu irraa gara wanta hin jirreetti  ni jijjiirama. 👅Arraba keessaniin dubbachuudhaan  ulaa xiqqoo yoo bantaniif,akkasumas akkuma bineensichaa hafuura baafannaa yoo eyyamtaniif garuu yaadni badaan hojii hamaa ni daha.Namas ni aarsa.Yeroo sadarkaa yaadaa irra jiru  caalaa hojiin dhalatee,jijjiiramee garmalee sin miidha. Madda :Kitaaba Gidiraa Kiristaanootaa. (Yohaannis Afaan Warqee)
Показати все...
👍 8🙏 4
Фото недоступнеДивитись в Telegram
Waaqayyoof galatni haa ta'u! Fedha uumaa keenya Qulqulleetti Sillaaseen guyyaa har'aa(guyyaa yaadannoo ji'aa Qul.Sillaaseen) speaker(sagalee guddistuu) kana bitachuu dandeenyeerra. Warreen bakka adda addaa teessanii jaalala Xoofoo Sillaaseef qabdaniif maqaa Qulqulleettii Sillaaseen gargaarsa nuuf gochaa jirtan waaqayyo uumaan keenya bakka jirtanitti isin haa eegu, kan hafe isiniif haa eebbisu, guyyaa dhufaatiisaa nama mirgasaa dhaabbatu isin haa taasisu. Warreen nu gargaaruu barbaaddanis Herreega baankii maqaa Xoofoo keenyaan banameen akka nu gargaartan maqaa uumaa keenya Sillaaseen sin gaafanna. 1000421540687 Tofo Sillasie Jimma
Показати все...
👍 17👏 4
Repost from N/a
#Gadhiifameera Seenaa daawwadhaa! Baradhaa! Hubadhaa! Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru! https://youtu.be/yLTo4vSi190?si=WoaqpYFYY1AqKXAT
Показати все...
Akkuma dubbate ka'eera!! || Lallaba B/saa Guutamaa Goobanaatiin

Yaadaa fi gaaffii sagantaalee keenya irratti qabdaniif lakkoofsota bilbilaa +251982084408 / +25198208550 irratti nuuf bilbiluu dandeessu. Tajaajilicha bal'in...