cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Ortoodoksii ishee dhugaa

"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

Більше
Рекламні дописи
4 692
Підписники
+924 години
+447 днів
+29230 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

✍"Amanu'eel humna waaqummaatiin diyaabiloosiin mo'uu hin barbaadne, duuti kan isaaf ta'u Fooniin malee" Q. Gorgooriyoos isa Inzinaazuu
Показати все...
"መፍቀሬ ሰብእ አቀረበነ ኀቤሁ ዘዚአነ ሞተ ነሥአ ወእንቲአሁ ሕይወተ ወሀበነ ዘሎቱ ክብር ወስብሐት። ቅዱስ ኤፍሬም "Nama kan jaallatu inni garasaatti nu simate. Galanniifi ulfinni kan isaaf ta'u du'a keenya fudhatee jireenyasaa nuuf kenne." Qulqulluu Efreem
Показати все...
16
“Madaan cubbuu kootii kadhannaa kee malee akka hin fayyine Gooftaan Waaqayyoo ni beekatii; cubbuun koo cubbuu adunyaatii ol akka ta’e hubate; qulqullummaan kee immoo qulqullummaa qulqullootaatii ol akka ta’ee fi akka caalu ni beeke. Kanaafis jaalala kee onnee kootti dabale. Madaan cimaan qoricha baay’ee cimaa ta’een ala akka hin fayyine ni beekaati. Ogummaan Waaqayyoo hangam fagoodhaa? Tolummaa fi dhiifama isaa hoo eenyutu dubbata? Kan cubbuudhaan madaa’aniif qoricha qopheesseefi. Isa dibatanii akka fayyaniif dha. Yaa Dubroo! Sagaagalummaa koo nan haasa’a; Qulqullummaa kan kee fi tolummaa Ilma kee nan dubbadha. Yaa Dubroo; balleessaa koo akkasumas araarsummaa kee fi obsa Ilma keetii nan dubbadha. Yaa Dubroo; dhibaa’ina koo gorsa kee fi dhiifama Ilma keetii nan dubbadha” Argaanoon kan Jimaataa Abbaa Giyoorgis isa Gaasiccaa
Показати все...
14👍 1
"Otoo Waaqayyo Gooftaan sanyii nuuf hambisuu baatee akka Sadoom taana turre; Gamooraas ni fakkaanna tiure" Isa. 1:9
Показати все...
🥰 3
Seenaa dhaloota haadha keenya qulqulleetti dubree Maariyaamii kutaa 3ffaa fi isa dhumaa #kutaa_3ffaa #Sababni Isheen Gaara Libaanos Irratti Dhalatteefis :- #Guyyaa Gaafa Tokkoo Qulqulleettiin Haannaa Fi Qulqulluu Iyyaaqem Aarsaa Mabaa (መባ) Fudhatanii Gara Mana Waaqayyoo Deeman Haannaan Dhabduu Waan Turteef Dubartii Dhabduu Harkaa Aarsaa Hin Fuunu Jechuun Lubootni Mana Qulqullummaa Sanaa Didan. #Haannaanis Baay'ee Gadditee Osoo Muka Tokko Jala Iyyaaqeem Waliin Taa'anuu Gugeen Ilmoo Ishee Wajjin Osoo Taphattuu Agartee Haannaan Maaloo Yaa Waaqa Koo Maaliif Hanga Gugee Kanaallee Na Hanqiste? Isheen Kunoo Ilmoo Qabdi Ilmoo Ishee Wajjinis Taphatti Jette Baay'ee Boosse. #Muka Sana Jalattis Hirribni Jara Fudhatee Abjuu Abjo'atan. Abjuu Kanaanis Uleen Iyyaaqeem Daraaree Firii Baasuu Haannaan Agarte. Iyyaaqeem Immoo Gugeen Adiin Tokko Samii Torba Addaan Kuttee Karaa Gurra Haannaa Seentee Si'a Gadameessa ishee Keessa Boqottu Arge. Erga Dammaqaniis waan Ta'e Hundumaa Walitti Himani. Guyyichis Waxabajjii 30 Ture. #Waan Ta'es Warreen Abjuu Hiikanitti Yeroo Himan "Mucaa Gaarii Akka Argatan Itti Himan." Hundumaa Yeroon Haa Hiiku Jedhanii Si'a Mana Jaraa Galan Qulqulluun Gebri'eel Akka Haannaan Mucaa Godhattu Sagalee Misiraachoo Itti Himee Hagayya Guyyaa Torbaas Haannaan Fedhaa Fi Eeyyama Waaqayyootiin Haadha Keenya Qulqulleetii Dubroo Maariyaamiin Ulfoofte. #Osoo Gadameessa Haannaa Keessa Jirtuus Adaadaa Haannaa Beersaabee Ija Ishee Jaame Fayisteetti. Eessuma Haannaas Saaminaas Du'aa Kaasteetti. #Ayihuudonnis Kana Arganii Osoo Hin Dhalatin Erga Raajii Kana Hojjettee Gaafa DhalatteMoo Maal Ha Gootu Jechuun Sanyiin Ishee Daawit Fi Solomoon Waggaa Afurtama Afurtama Nu Bitani Jechuun Hannaa Dhakaan Dhoofnnee Ajjeesna Jedhanii Maryatani. #Yeroo Kana Qulqulluun Geri'eeliin Iyyaaqeemiidhaan Haannaa Fuudhii Gara Gaara Libaanos Deemi Jedheen. Akkuma Achi Ga'aniinis Haannaan Haadha Waaqayyoo , Haadha Ifaa deesse.
Показати все...
👍 6
SEENAA DHALOOTA HAADHA KEENYA QULQULLEETTII DUBREE MAARIYAAMII Kutaa 2ffaa #Itti_fufee_jiraa .......namni abjuu hiiku sunis waaqayyo ija dhiifamaa fi arjummaa isaatiin isin mil'ateera. jabboota goromsa adaadii 7 dhalatu arguun keessan ijoollee dubaraa torba ni godhattu. jabbiin isheen 7 ffaan #addeessa da'uun ishee nama irra kan caaltu ergamooota waaqayyoorra kan ulfaattu mucaa gaarii godhattu. kkan #aduu garuu beekuu hin dandeenye jedhee abjuu jaraa hiikeef. ji'uma kana keessas Teektaan ni ulfoofte. mucaa durbaas deesse. maqaa ishee Heemeen jettee moggaafte. itti fufuunis ijoolleen dubaraa armaan gadii duraa duubaan dhalataniiru. #Heemeen ==> Derdeen deeesse #Derdeen ===> Toonaan deesse #Toonaan ===> Sikaar deesse #Sikaar =====>Seetinaa deesse #Seetinaa ===> Heermeellaa deesse #Heermeellaa=> Haannaa deesse #Haannaan ==> Caamsaa Guyyaa tokkoo haadha keenya qulqulleettii maariyaamiin deesse. Egaa hiddi dhaloota haadha Keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam Abbootii fi haadholii qulqullaa'oo irraa walqunnamtii gaa'elaa qulqulluun kan argame waan ta'eef faarfatichi Daawit "#Bu'uurri ishee tulloota qulqullaa'oodha" kan jedhameef kanaafi. Faar 86(87) : 1 #Seenaa dhalooota Q/D/Maariyaam. ============================ #Akkuma Beekamu Haati Keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam Caamsaa Guyyaa 1Bara 16( Dh .K D)tti Gaara Libaanos Jedhamu Irratti Abbaa Ishee Iyyaaqeem fi Haadha Ishee Haannaa Irraa Dhalatte. Waa'ee dhalachuu Ishee Kanas Solomoon Dhalachuu Ishee Dura Waaggaa 1000tti Libaanosiidhaa Gara Keenyatti Kottu Jechuun Dubbateera. W/we/Calu 4:8-9. #Maarree Har'as Haati Waaqayyoo Ilma Ishee Fudhattee Gara Jireenya Keenyaatti Akka Nuuf Dhuftuuf Akka Solomoon libaanosiidhaa Gara Keenyatti Kottu Haa Jennu. #Sababni Isheen Gaara Libaanos Irratti Dhalatteefis..........kutaa sadaffaa dubbisaa
Показати все...
Seenaa Dhaloota Haadha keenya Qulqulleetti dubree MAARIYAAMII #Kutaa 1ffaa Maqaa Abbaa kan ilma kan Afuura Qulqulluu waaqayyo tokko Ameen. ልደታ ማርያም "Libaanosiidhaa Gara Keenyatti Kottu." W/wedu Calu 4:8-9 #Baga Guyyaa Dhaloota Haadha Keenya #Qulqulleettii #Dubroo #Maariyaam Waggaa 2028'ffaa dhaaf Nagaan Geessan. #Hidda Sanyii Dhaloota Q/D/Maariyaam """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" ==>#Pheexiriiqaa fi Teektaa kan jedhaman gaa'ela qulqulluun kan wal fuudhan Abbaa Warraa fi haadha warraatu turan. jarri kun ijoollee waan hin qabneef Teektaan pheexiriiqaadhaan ana waaqayyo dhala na dhowwateera. nama nu dhaalullee hin qabnu. kanaaf gara dubartii biraa deemii mucaa godhadhu ittiin jette gorsite. Pheexiriiqaan garuu an kana gochuu mitiiakkan laphee koottillee hin yaadne waaqni israa'eel na beeka jechuun gonkumaa kana akka hin raawwanne hubachiise. #marii kana boodas Teektaan Pheexiriiqaadhaan akkas jette. waan waaqayyo godhu kan beeku hin jiru. kaleessa galgala abjuu kootiin jabbiin goromsi adiin gadameessa koo keessaa baate. jabbiin adiiin kunis jjabbii adii kan biraa hanga dhalooota torbaatti utuu deeessuun arge. jabbiin isheen adiin torbaffaanis #addeessa osoo deessuu fi addeessi sunis #aduu utuu deessuun arge jechuun abjuu ishee pheexiriiqaattti himte. #Abjuu kanas ajaa'ibsiifachuun waaqayyoon galateeffachaa gara nama abjuu hiikuutti deeman..........kutaan lammaffaa itti fufa #kutaa 2ffaan itti fufa
Показати все...
👍 3
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen. Kabajamtoonni Maatii Waaqayyoo ijoolleen haadha keenya dubroo Maariyaamii hundi baga ayyaana guddicha guyyaa dhaloota haadha keenya giiftii Maariyaamii Caamsaa Tokkoon isin ga'e. Arjummaan Waaqayyoo araarsummaan dubroo Maariyaamii hunda keenyaa wajjin haata'u. Waggaa dhufuunis nagaa fi jaalalaan ittiin nu haa ga'u. Ameen
Показати все...
3
👍 9
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen! "Gugeenis nannoo gara galgalaa afaan isheetii baala ejeraa siif haa qabattee Nohitti deebite" Se. Uma. 8:11 Gugeen qulqulluu Nohi biraa ergamte Bidiruu ykn Yamala keessaa baatee gara lafa isa bishaan badisaatiin guutame daawwattee, bishaan ilma namaa balleessuuf dhufee sun eeyyama Waaqayyo ta'ee dhaabachuu roobaa fi goguu lolichaa himuuf mallattoof akka ta'utti baala jiidhaa qabattee gara Nohitti deebiteetti. Nohis yeroo kana bokkaan badisaa dhaabachuu fi laaqiin sun qooruu isaa bareetu maatii fi beelladoota akkasumas uumamoota qabatee gara doonichaatti seene hundumaa qabatee jireenya nagaa lafarraa eegale. Kakuu haaraatti fakkeenya gugee kan taate haatii fi giiftiin keenya q/Maariyaamiin addunyaa bookkaa cubbuu fi bittaa diiyaabiloosiin dhiphachaa jiru kana kan bilisoomsu Ilma Ishee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiinis oduu gammachisaa fi fayyina hunda keenyaa qabattee argamteetti. Giiftii Maariyaamiin Gugeen, haalli lalisaan sun goginsa addunyaa kanaa kan gara lalisaatti jijjire Uumaa keenyaa Iyyasuus Kiristoosiinis fakkeeffama. Mnni kiristinnaa keenyaas guyyaa harra kana bu'uura taasifachuun bittaan diiyaabiloos hafeera ykn barbadaa'eera, gidiraa fi dhiphinaan jiraachuun hafeera jetteettu du'aa ka'uu Gooftaa dursuun mallattoo oduu gammachisaa allaadduu ykn qexxamaa qabattee gara amantoota ishee deemuun oduu gammachuu dhalachuu, du'aa ka'uu Gooftaa himti. Baga ittiin Isin ga'e.
Показати все...
👍 19💔 5👏 2