cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Qubee TV

Qubee TV is an entertainment, Educational and news media established with a great vision to be the best television in our country

Больше
Рекламные посты
12 167
Подписчики
+3824 часа
+4097 дней
+1 91530 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Фото недоступноПоказать в Telegram
Itoophiyaan dorgommii buunyaa Ruwaandaatti gaggeeffameen meedaaliyaa Warqee 2 argatte. Qubee TV (Waxabajjii 17, 2024) Finfinnee! Itoophiyaan dorgommii buunyaa Ruwaandaa Magaalaa Kiigaaliitti gaggeeffame meedaaliyaa Warqee 2fi Waancaa argatte. Gennet Tsaggaayeen ulfaatina Kiiloo Giraam 57'n gita ishee Ruwaandaan ga’umsa olaanaan injifachuun meedaaliyaa Warqee argatteerti. Kana hordofee dorgomtuu cimtuu dorgomichaa jedhamuun Waancaa badhaafamuu eerame. Falmii ulfaatina Kiiloo giraama 63.5'n dhiiroota gidduutti gaggeeffameen ammoo Abrahaam Alem gita isaa Ruwaandaa garaagarummaa guddaan injifachuun meedaaliyaa Warqee argate. Itoophiyaan dorgommicha meedaaliyaa Warqee 2 argachuun ragaan Federeeshinii Buunyaa Itoophiyaarraa argame ni mul’isa. #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.com Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/chal/0029VaEkxg
Показать все...
01:04
Видео недоступноПоказать в Telegram
#arabian #Majlis2024 +251983832222/ +251911494232
Показать все...
26.64 MB
Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Ayyaana Iid Al Adahaa bara 1445ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan. Qubee TV (Waxabajjii 15, 2024) Finfinnee! Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Ayyaana Iid Al Adahaa waggaa 1445ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan. Ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) guyyaa dhiifamniifi araarri Rabbii itti mul’atedha jedhan. Ayyaanichi ayyaana obbolummaa, jaalalaa, tokkummaafi waloomaa akka ta'u hawwan jedhan. Guutuun ergaa isaanii kan armaan gadiiti. Iid Al Adahaan ayyaana guddaa hordoftoota amataa Islaamaa biratti kabajaafi jaalala ol’aanaadhaan ayyaaneffatamu, guyyaa araarriifi dhiifamni rabbii guddaa itti mul’ate ta’uudhaanis ulfina guddaadhaan yaadatama. Ajaja rabbii qixaan fudhachuu, isaafis abboomamuun gochaan kan itti mul’ate Iid Al Adahaan guyyaa Nabi Ibraahim tokkicha ilma isaa akka qaroo ijaatti mararfatuufi umrii isaa wagga 95 booda argate Ismaa’eliin ajaja rabbi biraa itti dhufe guutuuf jecha aarsaaf itti qopheessedha. Ismaa'elis ajajni Rabbiin biraa dhufe akka raawwatamuuf abbaa isaa Nabi Ibraahimiif abboomamee mamii tooko malee aarsaa ta'uuf dabarsee of kenne. Murtee kutannoo guutameenis Ibraahim gaara Arafaa irratti ilmasaa aarsaa gochuuf wayita qophaa’u, Rabbi guddaan murtoo Ismaa'el aarsaa akka ta'uuf dabarfame Hoolaa qalmaatiin bakka buusee Ismaa'eliin du'arraa baraaruun rahmatummaaf dhiifama isaa gochaan agarsiise. Taateen kun ajaja Rabbiitiif abboomamuun kabaja ta'uu kan agarsiiseefi rahmatummaan Rabbin dhala namaaf qabus bal'aa ta'uu kan mirkaneesseedha. Guyyaa dinqisiisaan ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa) sirna ho'aan kabajamaa dhalootaa dhalootatti darbaa as ga’e kun bu'uura cimaa kan qabuu fi hordoftoota Amantaa Islaamaa biratti qajeeltoo Amantichaa karaa eegeen wagga waggaan kan kabajamudha. Murtoo cimaan Nabi Ibraahim ajaja Rabbii guutuuf murteessan daandii qajeelummaa qabanneefi itti amanne irratti aarsaa kamuu kaffaluuf qophaa'oo ta'uu akka qabnu kan nu barsiisu, araarri Rabbiin biraa bu'es jaalala, abboomamuu, araara buusuu, obsaafi tokkummaan daandii gara injifannootti geessu ta’uu kan nu barsiisedha. Hordoftoonni Amantaa Islaamaa hundi baga guyyaa rahmataa fi araaraa, tokkummaa fi dhiifamaa kan ta’e ayyaana Iid Al Adahaa waggaa 1445ffaa nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun barbaada. Amanamummaafi qajeelummaan; waliif obsuufi waliif dhiisuun daandii warra injifannoo gonfamaniiti. Ijaarsi biyya keenyaa yeroo ammaa irra geenyee jirrus kuufama qormaatota darbee marii dhiifamaa fi araaraan furree biyya hunda keenya fakkaattuufi hundaan hundaaf ijaaramte milkeessuuf cichinee hojjechuu qabna. Marii fi araara biyyaalessaa biyyi keenya gaggeessuuf hojjechaa jirtu boqonnaa wal waraansaa cuufnee dhiifamaa fi araaraan ce’uuf kan nu gargaaru tarkaanfii murteessaa biyyi keenya fudhatte ta’uu hundi keenya hubachuu qabna. Dhaloota dhufu qormaatota kuufamaniifi idaa osoo hin taane biyya badhaate daalchisuu qabna. Aadaa hojii keenya fooyyessuun hiyyummaa moo’achuufis uummata naannoo keenyaa qindeessinee Ganna Roobaan, Bona copha bishaaniif jal’isii fayyadamnee wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin hojjechaa jirrus daandii milkaa’inaa irra jiraachuu keenya kan mul’isedha. Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa nageenya naannoo keenyaa waaressuufi badhaadhina eegalle milkeessuuf kutannoon kan hojjennu ta’uu ibsuun barbaada. Nageenyi naannoofi biyya keenya ni waara’a, misoomni rogdaneessi eegalles ni milkaa’a. Kanammoo jechaan qofa osoo hin taane uummata keenya waliin taanee gochaan mirkaneessaa jirra. Hordoftoonni Amantaa Islaamaa guyyaa Ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa)tti gaarummaafi jaalala dhugaa waliif agarsiisuu, isa rakkate gargaaruu, kan daare uffisuufi kan dheebote obaasuun gocha eebbifamaa kanaan dura taasisaa turtan cimsuun Amantoota biroo waliinis tokkummaa jabeessuun imala eegalle milkeessuu keessatti ga’ee keessan akka ba’attan waamicha koo dhiyeessaa ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) waggaa 1445ffaa kan nagaa, gammachuufi badhaadhinaa akka ta’un hawwa. Eid Mubaarak!
Показать все...
Qubee TV

Qubee TV is an entertainment, Educational and news media established in Oromia, Ethiopia with a great vision to be the best television in our country with three working languages since 2023 .

🙏 2👍 1 1
Oromiyaa ni ijaarra! Itoophiyaa ni utubna! Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina! Waaqayyos nugargaara! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Waxabajjii, 2016 #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.com Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEa
Показать все...
Qubee TV

Qubee TV is an entertainment, Educational and news media established in Oromia, Ethiopia with a great vision to be the best television in our country with three working languages since 2023 .

👍 6
Фото недоступноПоказать в Telegram
Baga Ayyaana Iid Al Adahaa kan Bara 1445ffaa Nagaan Geessan. #QubeeTV
Показать все...
5👍 1
Dooktar Abiy Ayyanaa Iid Al Adahaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan Qubee TV (Waxabajjii 15, 2024) Finfinnee! Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad Ayyanaa Iid Al Adahaa waggaa 1445ffaa sababeeffachuunn ergaa baga geessanii dabarsan. Ayyaanni Iid Al Adahaan ayyaana qormaataafi wareegamaa ta'uu ergaa isaaniin ibsan. Ayyaana Nabiyyuu Ibraahiim Ajaja Allaah’f ijoollee isaanii wareegamaaf qopheessuun, cichoominaan qormaata kan injifate ta'uu himan. Cichoomina isaaniin Allahiirraa bakka ijoollee isaanii Hoolaa wareegamaa kan itti argatan ayyaana qormaataafi wareegamaa ta'uu himan. Daa'ima wareegamaaf gaafachuun qormaata cimaa yoo ta'uu, daa'ima wareegamaaf qopheessuun ammoo murannoo guddaadha jedhan ergaa isaaniin. Qormaata cimaaf cichoomina cimaatu barbaachisa. Murannoo cimaan murtoo jabaa kan gaafatu yoo ta'uu, murtii cimaan gatii olaanaa gaafata jedhan. Itoophiyaa guddoofi badhaatuu taasisuuf waayita kaanu qormaanni cimaan akka nu mudatu ni beekna turre.
Показать все...
👍 3
Фото недоступноПоказать в Telegram
Atileet Biiniyaam Mahariin fiigicha meetira kuma 10 riikkardii haaraa galmeessuun injifate Qubee TV (Waxabajjii 15, 2024) Finfinnee! Atileet Biiniyaam Mahariin fiigicha meetira kuma 10 umrii waggaa 20 gadiin riikkardii haaraa galmeessuun injifate. Fiigicha Ispeen Magaalaa Narjaatti dorgomame kana daqiiqaa 26 sekondii 37fi maayikiroo sekondii 93 xumuruun injifachuu ragaan Atileetiksii Addunyaarraa argame ni mul'isa. #Oromiyaa #Itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.com Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEa
Показать все...
👍 2
Manni Maree Dubartoota Hoggantoota Amantaa Afrikaa kittaannaan daa'imman dubaraa akka dhaabbatu gaafate. Qubee TV (Waxabajjii 15, 2024) Finfinnee! Manni Maree Dubartoota Hoggantoota Amantaa Afrikaa kittaannaan daa'imman dubaraa akka dhaabbatu ibsa kaleessa kenneen gaafate. Hoggantoonni Dubartootaa biyyoota Afrikaa 30 irraa walitti Bahan kaleessa magaalaa Finfinneetti ibsa kennaniin kittaannaan shamarranii miidhaa cimaa waan qabuuf dhaabbileen Amantaa kittaannaa jajjabeessu hin qaban jedhan. Gama biraan kittaannaan Dubartoota Irratti miidhaa sammuu, Du'a, dhukkubi qaamaa dabalatee rakkoo cimaa shamarran irratti waan fiduuf dhaabbachu qaba jedhan. Manneen Amantaas kittaannaan waan Amantaan hayyamame fakkeessuun aadaan kun akka babal'atu gochuun sirrii miti jechuun ejjennoo dhaabbileen Amantaa kittaannaa irratti qabanis manni marichaa morme. #Oromiyaa #Itoophiyaa
Показать все...
Показать все...
Qubee TV: Sagantaan Badhaasa Artist Haacaaluu Hundeessaa 3ffaan Waxabajjii 22, 2016 gaggeeffama.

Qubee TV: Sagantaan Badhaasa Artist Haacaaluu Hundeessaa 3ffaan Waxabajjii 22, 2016 gaggeeffama. Maatii Keenya ta'uun nu tumsuuf, mallattoo "join" jettu cuqaasuun, miseensa keenya ta'aa!Galatoomaa! Join this channel to get access to perks: Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.com Youtube :

https://www.youtube.com/@Qubeetv2023

Facebook: Qubee TV Telegram :

https://t.me/Qubeetv

WhatsApp:

https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420

Join this channel to get access to perks:

https://www.youtube.com/channel/UCu3Pa1AJQ8NB6qXCtki3tsA/join

https://www.youtube.com/channel/UCu3Pa1AJQ8NB6qXCtki3tsA/join

#Qubeetv #Raayyaa #RaayyaaAbbaaMaccaa #Maccaa #oromomusic #drnafyad #Baala_Gizee #Hirkoo #HirkooKutaa16ffaa #Balayake_Menyewe #Baala_Gizee #duraanuu #Baala_Guzee_Yosan_Getahun #HirphaaGaanfuree #hachalu_hundessa #Haadha_Wabii #HachaluHundessaAward #gutu_abera #Naxalaa #Naxalaa_Sinishaw_Muleta #Natu_Gutu_Abera #Gutu_Abera #Duraanuu_Gelana_Garomsa #Gelana_Garomsa_Reaction_Video #Duraanuu_Reaction_Video #Gadhitti #Gadhittii_Eskindir_Tamiru #Caalaa_Bultumee #መሱድ #donkeytube #ድንቅ_ልጆች #caalaabultumee_Faacha_Gorrorraa #Caalaa_Bultumee_New_Music #Faacha_Gorrorraa #Sin_Baana #Bako_ Shekisa_Bako_ Shekisa #Sin_Baana #Keol_Negesa #Hadhaa_Wabii #TG_Kasahun #Waliif_Hubachaa @comedianeshetu #kids #show #amazing #record #award #winner #Jamaree_Reaction_Video #caalaabultumee #GammadaaShow #gutu_abera #Kiyyaa #Alii_Birra #Caalaa_Bultumee #Wako_Getacho #Sari_fi_wako #Nafyad_Getu #Haadha_Wabii #meski_menge #MESKI_FI_MULER #Shaggar #Barii_Keekiyyaa_Music #Haadha_Milkii #Kuul_Surrre #Birhanu_Nega #ብርሃኑ_ነጋ #Yosan_Getahun #Gutu_Abera_Concert #sefufantahun #sefuonebs #art #tv #how #food #subscribe #youtubeshorts #tiktok #facebook #ethiopia #mikomikeeprank #baala_gizee #arsenal #manchesterunited

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Tajaajila Ammayyaawaa Kennuuf Maashina CRM 600 hojii eegalchiise. Qubee TV (Waxabajjii 14, 2024) Finfinnee! Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa si’eessituu kenna tajaajilaa, maashina haaraa CRMfi wiirtuu kalaqa dijitaalawaa /Dx-valley 2.0/ hawaasaaf ifoomse. Baankichi qajeelfama ‘Dursa Dijitaalawaaf’ jedhuun xiyyeeffannoo guddaa teeknooloojiif kenneen kalaqa haaraa rakkoolee dhiyeessii faayinaansii furaniifi indastirii baankii keessatti fakkeenyummaa qaban hedduu hojjechaa turuu pirezidaantiin Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, Obbo Darribee Asfaaw dubbatan. Guddina dinagdee biyya tokkootiif Jalqabbi murteessaa ta’uu hubachuun wiirtuu kalaqa 1.0 kanaan duraa irraa barnoota argate fudhachuun har’a ammoo wiirtuu kalaqaa Dx-valley 2.0 ifoomse.
Показать все...
👍 1