Namoonni tokko tokko, ‘Isheen akka dubartoota kaaniiti’ jedhan gamanumaa deebii quubsaa kan argatan asirratti; isheen haadha Waaqayyoo taatee utuu jirtuu garraamummaa fi tajaajilaan Kakuu Haaraa banuuf daddafte. Kana malees, yeroo Daawit Mootichi Taabota Waaqayyoo gara manasaatti fidu, “Taaboti Waaqayyoo akkamitti gara koo dhufa?” (2 Saam. 6:9) jedhee sodaatee fi kabajee akkuma ture, Dubroon Maariyaamis Taabota dhugaa isa Waaqni dhugaan keessa buufate taatee gara Eelsaabeex deemte. Baay’ee dinqisiisaa kan ta’e, akkuma Taaboti Kakuu Moofaa mana Obeed-Edoom keessa ji’oota sadiif turee eebba fide (2 Saam. 6:11), Dubroon Maariyaamis mana Zakkaariyaas keessa ji’oota sadiif turtee eebbaa fi gammachuu afuuraa uumteef (Luq. 1:56). Nagaan isheen Eelsaabeexiin gaafattes nagaa addunyaa kanaa osoo hin ta’in, nagaa isa iccitii namummaa Kiristoosiin argamedha. Nagaa kanaan diinummaan dhala namaa fi Waaqayyo gidduu ture diigamee, nagaan dhugaa addunyaaf labsameera.
Caqasni kun lakkoofsa 41 irratti itti fufee, “Eelsaabeexis nagaa Maariyaamii yeroo dhageessetti ulfichi gadaamessa ishee keessa utaale. Eelsaabeexis Afuurri Qulqulluun guute.” jedha.
Kun dinqii guddaa fi iccitii hubannaa foonii irraa adda ta’eedha. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee kana yommuu ibsu, “Yohaannis utuu hin dhalatin gadaamessa haadha isaa keessatti raajii dubbate; ija fooniitiin utuu hin argin, ija afuuraatiin Gooftaa isaa argee, uumamni Uumaa isaatiif burraaqee sagade” jedha. Dabalataanis Qulqulluun Gorgooriyoos inni Nuusis akka ibsutti, “Yohaannis fooniin gadaamessa keessatti ija hin banne ta’us, afuuraan garuu bilisa ba’ee ifa Waaqummaa argeera.” jedha. Sagaleen nagaa Dubroo Maariyaam gurra Eelsaabeexiin yeroo seenu, Afuurri Qulqulluun gadaamessa ishee keessaa bishaan cuuphaa Yohaannis cuuphaatiif ta’e; achumatti qulqullaa’e (Erm. 1:5). Qulqulleettii Eelsaabeexiin Afuurri Qulqulluun guutuun isaa, ofii isheetiin utuu hin ta’in ibsaa ayyaanaatiin ulfina Haadha Gooftaa akka bartuuf ishee taasise.
Nagaa gaafachuun Maariyaam sagaleedhaan yeroo dhi’aatu, ayyaanni Afuura Qulqulluu tajaajilaa ishee waan tureef, sagaleen ishee sun humna cubbuu xureessu dhiqee qulqulleessu qaba ture. Namoonni bara kanaa tokko tokko, ‘Kadhannaan fi eebbi Dubroo Maariyaam maaliif barbaachisa?’ jedhanii gaaffii waa’ee hin baafne yeroo kaasan, nagaa gaafachuun ishee qofti gadaamessa keessatti Yohaannisiin kan qulqulleessee fi Eelsaabeexiin Afuura Qulqulluudhaan kan guute ta’uu isaa irraa deebii ga’aa fi ashaaraa jabaa ta’e argatu. Dubroo Maariyaam nagaa ishee qofaan yoo akkas taate, kadhannaan ishee hammam akka eebba fidu namni Afuura Qulqulluutiin guutamuu fi hubannaa qabu ni arga. Qulqulluun Atenaatewoos inni Iskindiriyaas waa’ee kanaa yeroo dubbatu, “Dubroon Maariyaam Waaqa gadaamessa isheetti baatte waan turteef, sagalee ishee keessaa humna ayyaana Waaqayyootu yaa’a ture” jedha. Kanaafuu sagaleen ishee madda eebbaa ta’ee qulqulleessuu isaa ragaa Kitaaba Qulqulluu isa hin mormamnedha.
Lakkoofsa 42 irratti ammoo, sagalee guddaadhaan, “Ati dubartoota keessaa adda baatee kan eebbifamteedha; firiin gadaamessa keetiis eebbifamaadha.” jettee faarfatte.
Jechi Eelsaabeex kun jecha haadhoo ykn dinqisiifannaa firaa qofa miti; raajii Afuura Qulqulluutiin dubbatamedha. Abbaan Giyoorgis inni Gaasiccaa kana yeroo ibsu, “Yaa Maariyaam, ati Hewaan ishee abaarsi irra ga’e sana miti; ati ishee eebbifamte, madda jireenyaati. Firii gadaamessa keetii kan ta’e Kiristoosiin duuti mo’ameera” jedha. Dubartoota keessaa adda baatee eebbifamuun ishee, cubbuu dhaalaatiinis ta’e hojiitiin kan hin xuroofne ta’uu ishee argisiisa. Akkuma Qulqulluun Eerenawoos dubbate, “Mormiin Hewaan harka diddaatiin wal-xaxxe, ajajamuu fi amantii Maariyaamiitiin furamte.” jedha. Hewaan Yeeyyii du’a fidu yeroo deessu, Dubroon Maariyaam garuu Hoolaa fayyina addunyaa fidu da’uudhaan eebba dhaaltes, dhaachiftes. Dubartoonni Kakuu Moofaa akka Saaraa, Riqbaa fi Raahel eebbifamoo yoo turanillee, ulfinni isaanii akka ulfina Dubroo Maariyaam miti.