fa
Feedback
Ortodoksii Waloomaa

Ortodoksii Waloomaa

رفتن به کانال در Telegram

@Rabbuunii7 ✍️Bagaa nagaan dhuftan 👉እንኳን ደህና መጡ(መጣችሁ) ✍️Reading & learning 🪴Faaruu መዝሙር 🪴Walaloo ግጥሞች 🪴Soft copy(d/t languages 👉Afaan oromoo 🔥for English 🔥Amharic,Giiz 🍏📩 Odeeffannoo nuf kennuuf Feb 23_023

نمایش بیشتر

📈 تحلیل کانال تلگرام Ortodoksii Waloomaa

کانال Ortodoksii Waloomaa (@orto02) در بخش زبانی امهری بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 18 346 مشترک است و جایگاه 4 346 را در دسته دین و مذهبی و رتبه 1 862 را در منطقه أثيوبيا دارد.

📊 شاخص‌های مخاطب و پویایی

از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 18 346 مشترک جذب کرده است.

بر اساس آخرین داده‌ها در تاریخ 27 اوت, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر 437 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر 2 بوده و همچنان دسترسی گسترده‌ای حفظ شده است.

  • وضعیت تأیید: تأیید نشده
  • نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 1.49% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 1.03% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب می‌کند.
  • دسترسی پست‌ها: هر پست به طور میانگین 273 بازدید دریافت می‌کند. در اولین روز معمولاً 189 بازدید جمع‌آوری می‌شود.
  • واکنش‌ها و تعامل: مخاطبان به‌طور فعال حمایت می‌کنند؛ میانگین واکنش به هر پست 3 است.

📝 توضیح و سیاست محتوایی

نویسنده این فضا را محل بیان دیدگاه‌های شخصی توصیف می‌کند:
@Rabbuunii7 ✍️Bagaa nagaan dhuftan 👉እንኳን ደህና መጡ(መጣችሁ) ✍️Reading & learning 🪴Faaruu መዝሙር 🪴Walaloo ግጥሞች 🪴Soft copy(d/t languages 👉Afaan oromoo 🔥for English 🔥Amharic,Giiz 🍏📩 Odeeffannoo nuf kennuuf Feb 23_023

به لطف به‌روزرسانی‌های پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 28 اوت, 2026)، کانال همواره به‌روز و دارای دسترسی بالاست. تحلیل‌ها نشان می‌دهد مخاطبان به‌طور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته دین و مذهبی تبدیل کرده‌اند.

18 346
مشترکین
+224 ساعت
+957 روز
+43730 روز

در حال بارگیری داده...

ابر برچسب‌ها
هیچ داده‌ای
مشکلی وجود دارد؟ لطفاً صفحه را تازه کنید یا با مدیر پشتیبانی ما تماس بگیرید.
اشارات ورودی و خروجی
---
---
---
---
---
---
جذب مشترکین
اوت '26
اوت '26
+461
در 2 کانال‌ها
ژوئیه '26
+553
در 34 کانال‌ها
Get PRO
ژوئن '26
+436
در 38 کانال‌ها
Get PRO
مه '26
+465
در 36 کانال‌ها
Get PRO
آوریل '26
+455
در 38 کانال‌ها
Get PRO
مارس '26
+605
در 32 کانال‌ها
Get PRO
فوریه '26
+525
در 32 کانال‌ها
Get PRO
ژانویه '26
+709
در 33 کانال‌ها
Get PRO
دسامبر '25
+668
در 3 کانال‌ها
Get PRO
نوامبر '25
+646
در 3 کانال‌ها
Get PRO
اکتبر '25
+631
در 3 کانال‌ها
Get PRO
سپتامبر '25
+552
در 1 کانال‌ها
Get PRO
اوت '25
+604
در 2 کانال‌ها
Get PRO
ژوئیه '25
+273
در 2 کانال‌ها
Get PRO
ژوئن '25
+903
در 3 کانال‌ها
Get PRO
مه '25
+817
در 3 کانال‌ها
Get PRO
آوریل '25
+1 502
در 3 کانال‌ها
Get PRO
مارس '25
+1 738
در 1 کانال‌ها
Get PRO
فوریه '25
+1 195
در 1 کانال‌ها
Get PRO
ژانویه '25
+1 099
در 3 کانال‌ها
Get PRO
دسامبر '24
+1 136
در 2 کانال‌ها
Get PRO
نوامبر '24
+916
در 0 کانال‌ها
Get PRO
اکتبر '24
+815
در 3 کانال‌ها
Get PRO
سپتامبر '24
+571
در 2 کانال‌ها
Get PRO
اوت '24
+421
در 2 کانال‌ها
Get PRO
ژوئیه '24
+196
در 1 کانال‌ها
Get PRO
ژوئن '24
+201
در 1 کانال‌ها
Get PRO
مه '24
+217
در 1 کانال‌ها
Get PRO
آوریل '24
+305
در 3 کانال‌ها
Get PRO
مارس '24
+236
در 2 کانال‌ها
Get PRO
فوریه '24
+376
در 2 کانال‌ها
Get PRO
ژانویه '240
در 2 کانال‌ها
Get PRO
دسامبر '230
در 2 کانال‌ها
Get PRO
نوامبر '230
در 1 کانال‌ها
Get PRO
اکتبر '23
+212
در 0 کانال‌ها
تاریخ
رشد مشترکین
اشارات
کانال‌ها
28 اوت0
27 اوت+2
26 اوت+25
25 اوت+21
24 اوت+43
23 اوت+2
22 اوت+2
21 اوت+21
20 اوت+19
19 اوت+24
18 اوت+15
17 اوت+21
16 اوت0
15 اوت+5
14 اوت+28
13 اوت+23
12 اوت+36
11 اوت+12
10 اوت+25
09 اوت+12
08 اوت+9
07 اوت+13
06 اوت+38
05 اوت+16
04 اوت+5
03 اوت+42
02 اوت0
01 اوت+2
پست‌های کانال
Warreen Barumsa Koorsii Gaafachaa Turtaniif, Gaaffilee Shakkitootaaf Deebii Ga'aa Dabalatee Isiniif Fidneerra Kunoo 👇

2
Abboota bara keenya waaqayyoo saba isaf kaasee 🔔Qomos Abbaa Haragawwii 🔔Qomos Abbaa G/Mikaa'eel Warra Kenna waaqayyoo baay'+1
Abboota bara keenya waaqayyoo saba isaf kaasee 🔔Qomos Abbaa Haragawwii 🔔Qomos Abbaa G/Mikaa'eel Warra Kenna waaqayyoo baay'ateef 👏 Hidhaa afuura diina irra ijoollee waaqayyoo hiikuu ✓barnoota amantaa barsiisuu ✓warra wal_lolee walitti araarsuu ✓Amantoota ija wal_qixaan ilaalu ✓Ijoollee waaqayyoo gaabbii galchuu ✓ijoollee waaqayyoo mootummaa waaqayyoo akka dhalanif barsiisuu,gorsuu ✓Afaan sabni dhaga'uun barsiisuu ✍️Kenna barnoota ✍️Cuuphaa ✍️ Gorsa ✍️ Afuura hamaa baasuu ✍️ Mul'aata arguu ✍️ Dhukkuubsata maqaa waaqayyoo fi humna waaqayyoon fayyisuu ✍️Sirna qulqulleessan ummata eebbisuu ✍️ Kenna geggeessuumma mana kiristaana......fi kkf qabu ✍️ Abbootan kunneen hojii duuka bu'uumma qabataman agarsiisuun dhaloota fkn ta'a jiruu. ⚠️ Hubachiisa ✓Namootni social media irraa qawwee baatan abboota amantaa fakkaatan Ortodoksii Waloomaa bakka inbu'aan.Isan warra badiisaf qopha'eedha. ✍️ Abbootan kana warrii barbaadan lakkoofsa bilbila isan keessan na dubbisa ❤️ Eebbii Abbootan keenya nurra haa buluu.Ameen
208
3
Ulfinni Waaqayyo Taabota Kakuu Haaraatiif kenne kun guutummaa guutuutti seenaa fayyina dhala namaa keessatti bakka bu’uuraa qaba. Nuti Kiristiyaanonni Ortodoksii Tewaahidoo hundi keenya, eebba Eelsaabeexiif kenname irraa hirmaachuuf, akkuma Dubroon Maariyaam uumaa isheetti amantee eebbifamte, nutis kakuu fi eebba isheetti amannee jireenya qulqullummaa jiraachuu qabna. Waaqayyo biraa jechi abdii nuuf kenname hundi akka raawwatamu amanuudhaan jireenya madaalawaa haa jiraannu. Yeroo hundumaa sagalee wangeelaa dhageenyu hunda hojiitti hiikuudhaan, fakkeenya ajajamuu Haadha keenya Dubroo Maariyaam hordofuun jireenya keenya haa qulqulleessinu. Eebbii fi araarri Haadha Waaqayyoo Dubroo Maariyaam, akkasumas jaalalli Ilma ishee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos hunda keenya waliin haa ta’u. Ameen! Channel kanatti makamuun hin irraanfatinaa! https://t.me/abdiimaariyaamiifinjira Dn Misganu Mulatu Hagayya 21, 2018 Gimbii, Oromiyaa
243
4
As irratti iccitii sagadaa ilaalchisee deebii jabaan mufattootaaf dhi’aatu: Yohaannis gadaamessa haadha isaa keessatti utaaluun isaa, Uumaa isaatiif sagada Uumaa yeroo dhi’eessu, Haadha Gooftaa ta’uushee ibsuudhaan ammoo Taabota Kakuu Haaraatiif sagada kabajaa dhi’eessuu isaa mul’isa. Burraaquun kun gammachuu foonii qofa utuu hin ta’in, raajiidhaan Waaqayyoon beekuu fi sagada dhiyeessuudha. Eelsaabeexis ulfina Waaqayyo Haadha isaatiif kenne xiinxaluudhaan ishee duratti gad of deebiftee sagalee guddaadhaan faarsitee ishee kabajeetti. Namoonni tokko tokko dhagaa gufuu ta’uun ‘Maaliif Haadha Waaqayyootti sagaddu ykn kabaja akkasii kennituuf?’ yeroo jedhan, nuti deebii keenya kan goonu Yohaannis gadaamessa keessatti raawwatee fi Eelsaabeex afaaniin dhugaa baate kana hordofuudhaani. Kanaafuu sagadni kabajaa Dubroo Maariyaamiif kennamu sirrii ta’uu isaa Kitaabni Qulqulluun ofii isaatii dhugaa ba’a, afaan shakkitootaas ni cufa. Xumura irrattis lakkoofsa 45 irratti, “Waaqayyo biraa jechi sitti himame akka ta’u kan amantu ati eebbifamtuudha.” jettee jabeessitee ishee galateeffatte. Asirratti garaagarummaa Zakkaariyaasii fi Dubroo Maariyaam gidduu jiru hubadhaa! Zakkaariyaas inni lubichi, yeroo ergamaan Gabri’eel dhalachuu Yohaannis itti himu “Kun akkamitti ta’uu danda’a?” jedhee waan shakkiin gaafateef, hamma guyyaan sun ga’utti arrabni isaa hidhamee dubbachuu dadhabe (Luq. 1:20). Dubroon Maariyaam garuu, iccitii sammuu namaatii ol ta’e, dhiira utuu hin beekin deessu ta’uu ishee yeroo itti himamu, ulfina of gad-deebisuutiin “Akkuma ati jette naaf haa ta’u” jettee amante. Qulqulluun Awugusxiinoos kana yeroo dinqisiifatu, “Isheen Gooftaa ishee gadaamessa foonii isheetti ulfooftee baachuu ishee dura, laphee isheetti amantiidhaan baatte” jedha. Waaqayyo yeroo hunda iddoo qulqulluu fi laphee amantiidhaan guutame akka barbaadu agarsiisa. Amantiin ishee fi of gad qabuun ishee dhala namaatiif balbala fayyinaa baneera. Akkuma Hewaan diddaa fi amanuu dhabuudhaan cufte, Maariyaam ammoo amanuu fi ajajamuudhaan bante. Qulqulluun Efreem, ‘Hewaan utuu dhageessuu waan shakkiteef duuti dhufe; Maariyaam garuu waan amanteef jireenyi dhufe’ jechuun iccitii kana ragaa godha. Amantiin ishee kun bu’uura fayyina keenyaati. Akkuma Raajichi Daawit faarfannaa 45:9 irratti “Mootittii uffata warqeen miidhagdee mirgasaa dhaabatti” jedhee fi Faarfannaa 87:5 irratti “Namni hundinuu Haadha keenyaan ‘Tsiyoon’ jedha” jedhee dubbate, amantiin ishee dhaloota hundumaa biratti eebbifamaa fi maqaanshees barabaraan akka dhaloota hundumaan waamamu taasiseera (Luq. 1:48). Namni kana mormu sagalee Waaqayyoo mormuu isaan murtii ofitti fida. Egaa, yeroo har’aa kana akkaataa jireenyaa fi amantaa keenya of duuba deebinee haa madaallu. Yeroo ammaa namoonni tokko tokko maqaadhumaaf ‘Kitaaba Qulqulluu sirriitti beekna’ jedhuun malee, kabaja haati ifaa kun qabdu mulquuf fiigu. Garuu Eelsaabeex isheen Kakuu Moofaa keessatti guddattellee, yeroo Dubroon Maariyaam manashee seentu, Afuura Qulqulluudhaan guutamtee “Haati Gooftaa kootii gara kootti kan dhuftu ani maaliidha?” jettee gad of qabdee ulfina isheef kenneetti. Har’a hoo nuti of tuulummaa foonii keessaa baanee, of gad qabnee kabaja Waaqayyo Haadha isaatiif kenne kana ni fudhannaa laata? Waaqayyo ofii isaatii kabajee utuu jiruu, inni cubbuun du’aa fi tortoraa ta’e akkamitti ulfina ishee xiqqeessuuf yaala? Kun daandii bade irra deemuu waan ta’eef, nuti garuu amantaa abboota keenyaa isa dhugaa Tewaahidoo ta’e jabeessinee qabachuu nu barbaachisa. Namni arraba isaa hammeenyaa fi mormiidhaan xureesse, kan Afuurri Qulqulluun isa hin guutne iccitii qulqullummaa kana hin argu. Akkuma Yohaannis gadaamessa haadha isaa keessatti nagaa ishee dhaga’ee utaale, nutis har’a maqaa ishee fi maqaa Ilma ishee yeroo dhageenyu lapheen keenya jaalala Waaqayyootiin utaaluu qaba. Qulqulloonni abbootiin keenya, “Mana ati seentetti eebbaa fi nagaan guuta” jedhanii akkuma faarfatan, har’as yoo amantiidhaan laphee keenya isheedhaaf fi Ilma isheetiif bannu, jireenya keenya keessatti nagaa fi gammachuun dhugaa buufata.
199
5
Isheen ‘adda baatee’ kan eebbifamtedha; sababiin isaas Waaqayyoon ofii isaatiif baachuuf kan filatamte ishee qofadha. ‘Firii gadaamessa keetiis eebbifamaadha’ jechuun ishee ammoo, wangeela qulqulluu fi bu’uura amantaa Ortodoksii ta’e ragaa ba’uudha. Kiristoos addunyaan dura turus, Fooniin waloomuu isaatiin firii dubrooti; bifa namummaa haadha isaa irraa dhugumaan fudhateera. Gamanumaan namoonni tokko tokko, ‘Maariyaamiin akkuma dubartoota birooti, riqicha ittiin hojjetamee darbedha’ jedhanii arraba isaanii bifa salphinaatiin saaqaniif: Eelsaabeex Afuura Qulqulluudhaan guutamtee “Dubartoota keessaa adda baatee kan eebbifamteedha” jettee utuu jirtuu, nama Afuurri Qulqulluu irraa fagaate malee akkamitti akka dubartoota birootti ishee lakkaa’uu danda’a? ‘Riqicha’ kan jedhamu yoo ta’e akkamitti firiin ishee isheema irraa fudhatame jedhama? Jechi ‘Adda baatee’ jedhu, dubartoota hundumaa irraa adda ta’uu ishee, cubbuu dhaalaa fi cubbuu hojii irraa qulqulluu ta’uu ishee ija jabeenyaan ibsa. Qulqulluun Efreem, ‘Ati dhuguma haadha madda jireenyaati; ati barii urjii dukkana balleessitedha’ jechuun faarfatee akka isheen riqa qofa utuu hin ta’in madda foon gooftaa ta’uu ishee mirkaneesseera. Achiin booda lakkoofsa 43 irratti Eelsaabeex gad-of-deebisuu guddaatiin, “Haati Gooftaa kootii gara kootti kan dhuftu ani maaliidha?” jette. Caqasni kun utubaa ykn bu’uura amantaa keenyaati. Eelsaabeex ‘Haadha Gooftaa kootii’ (Giriikiin ‘Theotokos’) jechuun ishee, Dubroon Maariyaam ishee Waaqa dhugaa fooniin deesse ta’uu ishee ibsa. Qulqulluun Qeerloos inni Iskindiriyaa walga’ii Efesoon irratti mormitoota akka Nisxiroos yeroo fashaleessu ragaa inni dhiyeesse keessaa inni ijoon caqasa kana ture. “Eelsaabeex isheen Afuura Qulqulluun guutamte ‘Haadha Gooftaa kootii’ erga jettee, namni akkamitti ‘Haadha namaa qofa’ jedhee ishee xiqqeessa?” jechuun falmeera. Dhugumatti, isheen deessuu Waaqayyooti. Waaqayyo ishee irraa fooniin waloomee yeroo gara addunyaa dhufu, namummaa fi Waaqummaan walitti makamuu, jijjiiramuu fi gargar ba’uu malee tokko (Tewaahidoo) ta’aniiru. Sirni Ortodoksii Tewaahidoo sagalee ‘Haadha Waaqayyoo’ (Deessuu Waaqayyoo) jedhu kana irratti hundaa’ee amantaa fi doogmaa ishee dhagaa jabaa irratti utubdeetti. Namoonni of tuulummaadhaan ‘Isheen maaliif/akkamitti nu irra caalti?’ jedhan, of gad deebisuu Eelsaabeex irraa barumsa guddaa argachuu qabu. Mormitoonni bara kanaa kanneen ‘Maariyaamiin Haadha nama Iyyesuus qofaa malee Haadha Waaqayyoo (Theotokos) miti’ jedhanii yaalan, dogoggora guddaa keessa jiru. Sababiin isaas Kiristoos gargar qoodama foonii fi Waaqummaa malee Tokko (Tewaahidoo) waan ta’eef, isheen deessuu Waaqa fooniin waloomeeti malee deessuu namaa qofaa miti. Iccitiin Tewaahidoo kan inni ittiin cimees bu’uura Doogmaa kana irraani. Raajiin Hisqi’eel yeroo dubbatu, “Balbalti kun cufamtee hafti, hin banamtu, namni tokkollee ittiin hin seenu; Waaqayyo Gooftaan Israa’el ittiin seeneera waan ta’eef cufamtee hafti” (His. 44:1—3) jedha. Balbalti cufamtuun kun gadaamessa Dubroo Maariyaamiiti. Waaqayyo keessa buufatees dhalate, dhalatee boodas dubrummaan ishee cufamaa akkuma turetti hafeera. Lakkoofsa 44 irratti sababa gammachuu kanaa yeroo ibsitu, “Kunoo yeroo nagaa na gaafatte jecha nagaa kee yeroon dhaga’etti, ulfichi gadaamessa koo keessaa gammachuudhaan utaalee jiraatii.” jette. Kun gammachuu Fayyinaati. Daawit Mootichi Taabota Kakuu Moofaa duratti akkuma burraaqe (2 Saam. 6:14), Yohaannisis Taabota Kakuu Haaraa fi Gooftaa isaa duratti gadaamessa keessatti gammachuun burraaqe. Qulqulluun Eerenawoos waa’ee kanaa yommuu dubbatu, “Gammachuun kun gammachuu dhaloonni dhala namaa du’a irraa gara jireenyaatti ce’uu isaa dhaga’ee ittiin burraaqedha” jedha. Sagaleen Dubroo Maariyaam foonota keessatti gammachuu uuma; sababiin isaas isheen teessoo Jecha Waaqayyoo (Logos) waan taateefidha.
134
6
Namoonni tokko tokko, ‘Isheen akka dubartoota kaaniiti’ jedhan gamanumaa deebii quubsaa kan argatan asirratti; isheen haadha Waaqayyoo taatee utuu jirtuu garraamummaa fi tajaajilaan Kakuu Haaraa banuuf daddafte. Kana malees, yeroo Daawit Mootichi Taabota Waaqayyoo gara manasaatti fidu, “Taaboti Waaqayyoo akkamitti gara koo dhufa?” (2 Saam. 6:9) jedhee sodaatee fi kabajee akkuma ture, Dubroon Maariyaamis Taabota dhugaa isa Waaqni dhugaan keessa buufate taatee gara Eelsaabeex deemte. Baay’ee dinqisiisaa kan ta’e, akkuma Taaboti Kakuu Moofaa mana Obeed-Edoom keessa ji’oota sadiif turee eebba fide (2 Saam. 6:11), Dubroon Maariyaamis mana Zakkaariyaas keessa ji’oota sadiif turtee eebbaa fi gammachuu afuuraa uumteef (Luq. 1:56). Nagaan isheen Eelsaabeexiin gaafattes nagaa addunyaa kanaa osoo hin ta’in, nagaa isa iccitii namummaa Kiristoosiin argamedha. Nagaa kanaan diinummaan dhala namaa fi Waaqayyo gidduu ture diigamee, nagaan dhugaa addunyaaf labsameera. Caqasni kun lakkoofsa 41 irratti itti fufee, “Eelsaabeexis nagaa Maariyaamii yeroo dhageessetti ulfichi gadaamessa ishee keessa utaale. Eelsaabeexis Afuurri Qulqulluun guute.” jedha. Kun dinqii guddaa fi iccitii hubannaa foonii irraa adda ta’eedha. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee kana yommuu ibsu, “Yohaannis utuu hin dhalatin gadaamessa haadha isaa keessatti raajii dubbate; ija fooniitiin utuu hin argin, ija afuuraatiin Gooftaa isaa argee, uumamni Uumaa isaatiif burraaqee sagade” jedha. Dabalataanis Qulqulluun Gorgooriyoos inni Nuusis akka ibsutti, “Yohaannis fooniin gadaamessa keessatti ija hin banne ta’us, afuuraan garuu bilisa ba’ee ifa Waaqummaa argeera.” jedha. Sagaleen nagaa Dubroo Maariyaam gurra Eelsaabeexiin yeroo seenu, Afuurri Qulqulluun gadaamessa ishee keessaa bishaan cuuphaa Yohaannis cuuphaatiif ta’e; achumatti qulqullaa’e (Erm. 1:5). Qulqulleettii Eelsaabeexiin Afuurri Qulqulluun guutuun isaa, ofii isheetiin utuu hin ta’in ibsaa ayyaanaatiin ulfina Haadha Gooftaa akka bartuuf ishee taasise. Nagaa gaafachuun Maariyaam sagaleedhaan yeroo dhi’aatu, ayyaanni Afuura Qulqulluu tajaajilaa ishee waan tureef, sagaleen ishee sun humna cubbuu xureessu dhiqee qulqulleessu qaba ture. Namoonni bara kanaa tokko tokko, ‘Kadhannaan fi eebbi Dubroo Maariyaam maaliif barbaachisa?’ jedhanii gaaffii waa’ee hin baafne yeroo kaasan, nagaa gaafachuun ishee qofti gadaamessa keessatti Yohaannisiin kan qulqulleessee fi Eelsaabeexiin Afuura Qulqulluudhaan kan guute ta’uu isaa irraa deebii ga’aa fi ashaaraa jabaa ta’e argatu. Dubroo Maariyaam nagaa ishee qofaan yoo akkas taate, kadhannaan ishee hammam akka eebba fidu namni Afuura Qulqulluutiin guutamuu fi hubannaa qabu ni arga. Qulqulluun Atenaatewoos inni Iskindiriyaas waa’ee kanaa yeroo dubbatu, “Dubroon Maariyaam Waaqa gadaamessa isheetti baatte waan turteef, sagalee ishee keessaa humna ayyaana Waaqayyootu yaa’a ture” jedha. Kanaafuu sagaleen ishee madda eebbaa ta’ee qulqulleessuu isaa ragaa Kitaaba Qulqulluu isa hin mormamnedha. Lakkoofsa 42 irratti ammoo, sagalee guddaadhaan, “Ati dubartoota keessaa adda baatee kan eebbifamteedha; firiin gadaamessa keetiis eebbifamaadha.” jettee faarfatte. Jechi Eelsaabeex kun jecha haadhoo ykn dinqisiifannaa firaa qofa miti; raajii Afuura Qulqulluutiin dubbatamedha. Abbaan Giyoorgis inni Gaasiccaa kana yeroo ibsu, “Yaa Maariyaam, ati Hewaan ishee abaarsi irra ga’e sana miti; ati ishee eebbifamte, madda jireenyaati. Firii gadaamessa keetii kan ta’e Kiristoosiin duuti mo’ameera” jedha. Dubartoota keessaa adda baatee eebbifamuun ishee, cubbuu dhaalaatiinis ta’e hojiitiin kan hin xuroofne ta’uu ishee argisiisa. Akkuma Qulqulluun Eerenawoos dubbate, “Mormiin Hewaan harka diddaatiin wal-xaxxe, ajajamuu fi amantii Maariyaamiitiin furamte.” jedha. Hewaan Yeeyyii du’a fidu yeroo deessu, Dubroon Maariyaam garuu Hoolaa fayyina addunyaa fidu da’uudhaan eebba dhaaltes, dhaachiftes. Dubartoonni Kakuu Moofaa akka Saaraa, Riqbaa fi Raahel eebbifamoo yoo turanillee, ulfinni isaanii akka ulfina Dubroo Maariyaam miti.
119
7
“Kan amantu ati eebbifamtuudha.” (Luq. 1:45) ​Jechi qaaliin kun, sagalee dinqisiifannaa, kabajaa fi eebbaa yemmuu ta’u, battala sagaleen nagaa Qulqulleettii Durbee Maariyaamii gurra ishee seenetti, ishee Afuura Qulqulluun guutamtee yeroo gammachuudhaan galaana afuuraa daaktutti, kabaja Waaqayyo haadha isaaf kenne yeroo ragaa baatutti, ishee mana isheetti haadha Gooftaa gammachuudhaan simattee eebbifamte, qulqulleettii Eelsaabeextu dubbate. Ishee dubartoota hundumaa keessaa filatamtee Waaqayyoon baatte — Qulqulleettii Durbee Maariyaamiin leellisuudhaaf Afuura Qulqulluun guutamtee kan dubbattedha. Kaayyoon dubbii kanaa inni guddaanis, ulfina Waaqayyo haadha isaaf kenne sana Afuurri Qulqulluun addunyaadhaaf kan itti ragaa ba’ee fi dhugumaan isheen dubartoota keessaa adda baatee kan eebbifamte ta’uu ishee nuuf mirkaneessuufidha. Seenaan kun guutummaatti kutaa Kitaaba Qulqulluu Wangeela Luqaas 1:39—45 irratti kan argamu yemmuu ta’u, seenaa wal arguutti aansee kabaja Haadha Waaqayyoo fi wal-qunnamtii Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa kan ibsudha. Dhufaatiin Dubroo Maariyaam gara mana lubicha Zakkaariyaas, dhufaatii Taabota Kakuu Haaraa gara mana lubummaa Kakuu Moofaatti taasifamedha. Eelsaabeex fakkeenya Kakuu Moofaa yommuu taatu, Maariyaamiin ammoo fakkeenya Kakuu Haaraati; Yohaannis inni gadaamessa keessaa raajii xumuraa yeroo ta’u, Kiristoos inni Dubroo irraa fooniin waloome ammoo raawwii raajotaati. Dubroon Maariyaam Taabota isa Kakuu Moofaa keessatti muka hin tortorreef warqee qulqulluudhaan keessaa fi alaatti uffifamte sanaa olidha (Bau. 25:10—11). Muki hin tortorre fakkeenya qulqullummaa ishee isa xurii cubbuutiin hin faalamnee fi gonkumaa hin tortorre yommuu ta’u, warqeen keessaa fi alaan uffifamte sun ammoo fakkeenya qulqullummaa ishee isa foonii fi afuuraati. Kanaafuu isheen Taabota ulfinaa ishee Kakuu Moofaa caaltee fi gooftaa kan baattedha. Taaboti Kakuu Moofaa Tsillaatii kan abboommiiwwan irratti barreeffaman kan dhagaa irraa hojjatame, nyaata mannaa isa du’a irraa hin oolchinee fi ulee Aaroon ishee daraarte qabatti ture; Dubroon Maariyaam garuu Waaqa abboommii [seera] kenne, Mannaa dhugaa isa jireenya bara baraa kennuu fi Ulee dhugaa isa sanyii dhiiraa malee firii jireenyaa qabate gadaamessa isheetti baattee argamte. Akkuma Raajiin Daani’eel “Dhagaa harka namaa malee tulluu irraa konkolaate” (Daan. 2:34) jedhee dubbate, iccitii Dubroo Maariyaam ishee sanyii dhiiraa malee Waaqa fooniin waloome deesse mul’isa. Raajiin Isaayyaas “Kunoo Dubroon ni ulfoofti, ilmas ni deessi, maqaa isaas Amaanu’eel jetti” (Isa. 7:14) jedhee kan dubbate, qulqullummaa ishee isa dhaloota duraa, yeroo dhalootaa fi dhaloota boodaa mirkaneessa. Qulqulluun Efreem inni Sooriyaas, “Muki qoraattii qabu isa Museen mul’ataan arge sana, abiddi Waaqummaa utuu ishee hin gubiin gadaamessa isheetti baattee waan argamteef, isheen fakkeenya mukeettii sanaati” jedha. Kanaaf dabaluudhaanis Qulqulluun Yaa’iqoob inni Siruug ‘Waaqayyo inni samii fi lafti hin danda’iin dhufaatii isaa isa dinqisiisaa sanaan gadaamessa shamarree tokkoo keessatti bifa dhala namaatiin buufate’ jechuun iccitii kana dinqisiifata. Iccitiin foon uffachuu bitaa fi mirgaan yommuu ilaalamu, Ibidda Waaqummaa ishee hin gubne; sababni isaas qulqullummaan ishee ibidda sana baachuuf waan filatameefidha. Caqasichi lakkoofsa 39 fi 40 irratti kan jalqabu: “Ji’ootuma sanatti Maariyaamiin ariifattee kaatee; gara biyya tulluuwwanii... mana Zakkaariyaasiittis ol seentee Eelsaabeexiin nagaa gaafatte.” jedha. Gara tulluuwwaniitti ariifachuun ishee, iccitii guddinna afuuraa fi jaalala wangeelaa ibsa. Qulqulluun Ambiroos yeroo kana dinqisiifatu, “Kennaan [Ayyaanni] Afuura Qulqulluu suuta jechuu hin beeku; Dubroon Maariyaamis Waaqayyoon gadaamessa isheetti waan baatteef, gammachuu ishee ibsuu fi tajaajiluuf daddaftee gara tulluuwwaniitti baate” jedha. Waaqayyo inni isheen baatte, uumaa uumamtootaa utuu ta’ee jiruu isheen ammoo akka namaatti gad of qabdee tajaajilaaf ariifachuun ishee dinqii dha.
129
8
Ortodoksii Waloomaa Tawahidoo
4
9
Maqaa abba kan ilma afuura qulqullu sadan waaqaa tokko ameen Barumsaa namatti tolu Angooftaa Ergamoota Kan Jedhama Torba Jiruu Isans 1Qulqulluu Mika'el 2Qulqulluu Gabri'el 3 Qulqullu Uraa'eel 4 qulqullu Raguu'eel 5 qulqullu Rufa'el 6 Qulqullu fanuu'el 7 Qulqullu Saguu'el Angafotaa Daqonnota Kan Jedhaman Torbatu Jiruu Isanis 1 Daqona Isxifanos 2 Daqona Filipooos 3 daqonaPhirokorosii 4 Daqona Niqaannoorra 5 Daqona Ximoonaa 6 Daqona Pharmenaa 7 daqona Niqoodimoosi icctti mana Amanta Kiristana Torbaa Jiruu Isanis 1 Icciti Cuphaa 2 Iccitti Qurbana 3 Iccitti Lubbuma 4 Iccitti Gabbii 5 Iccitti Qadilii 6 Iccitti Meerooni 7 Iccitti Takilili Gooftaan Keenyaq Abdii Torbaa Nuuf Keenee 1 Anii Ifa Aduunyatti (Yoh 8÷12) 2 Anii Bideena Jireenyatti (Yoh 6÷35) 3 Anii Tessoo Gariidha (Yoh 10÷11) 4 Du'aa Ka'unif Fi Jireenyii Ana (Yoh11÷25) 5 balibalii hollotaa Anaa (Yoh 10÷9 6 mukichi wayyin Inni Dhuga Ana (Yoh 15÷1) 7 Karichii Dhuga Jireenya Ana (Yoh 14÷6) Gooftan Keenyaa Yeroo Faniifametti Fannorratii Jechaa Torba Dubatee 1 waaqayyo Waaqayyo Malif Nadhifte Mat27÷46) 2 yaa Abba Koo Waan Godhan Hin Beekani'oo Isanifi Dhisii (Luq 23÷34) 3 Dhugumaan Isinitti Jedhaa hardha Ana wajin jennata keessat ti ni argamtu( luq 23÷43) 4 Ilaa Hadhaa Kee (Yoh 19 ÷27) 5 Nan Dheebodhe (Yoh 19÷28) 6 Yaa Abba Koo Afuura Koo harka Kettan Kenadha (luq 23÷46) 7 fixaan Ba'eraa( Yoh 19÷30) yeroo goftan keenya fannifameetti raajjiwwan torbaa ta'e 1 Biftuun ifa dhorkaate 2 Adeessi dhigaa ufatee 3 Hurjiin nii arcatee 4 dhagoon ykn kattaan adda addaa babaqaqan 5 Awwaloonii ni banamaan 6 Du'an du'aan ka'aan 7 magarajja mana amanta bakka lamatti tarsa'ee Namnii Abba Torbaa qaba Isani 1 Abba Jireenya Bara baraa Waaqayyoo Ser Um 1÷26 2 Abba Fonni 3 Abba Gabbii 4 Abba Kiristaana 5 Abba Gonfoo Ykn Angoo 6 Abba Bideena ykn Ormaa 7 Abba Barumsaa Ykn Bareeffamaa Mannni Amantaa Keenya Somaa Torbaa Labisitti Isanis 1 Somaa Abbiyi Somaa gudda Goftani Some 2 somaa duuka bu'oota 3 Somaa filsaata 4 Somaa Rajjotaa 5 Somaa Gaddii Ykn Ifati Ba'uu 6 Somaa Nanawee 7 Somaa Jimmatati fi Roobii Sammiiwwan Torbatuu Jiraa 1 Samii Tsirha Ariyaam 2 Samii manbera Mangistii 3 Samii wududu 4 Iyerusaalemi Ykn Samaayawwitt 5 Iyyoor 6 Raamaa 7 Eror Waaldawwan guba'ee Kiristanakan Jedhaman Torbaa Jira Isaanis 1 Gubaa'ee Efesoon 2 Guba'ee Saarimiioosi 3 Guba'ee Aergamoon 4 guba'ee Taayixiroon 5 Guba'ee Filipoois 6 Guba'ee Sardiis 7 Guba'ee Loodoqiya Akkataa Mana Amantaa ortodooksii Itti Kadhanaan Mana Amanta Guyyatti Keessatti Yeroo Torbaa Isaanis 1 gabamma Keessa Sa'aatti 12:00 2 Ganama Kessa Sa'atti Saditti 3:00 3 Guyya Kessa Saa'ati 6:00 4 guyyaa Kessa Sa'atti 9: 00 5 Waarre Kessaa Sa'aatti 11:00 6 halkan Keessa Sa'aatti 3: 00 7 Halkan Keessa Saa'aatti 6: 00 Waaqayyoo Abban Keenyaa Addam irra Kaasee Hangaa Dhalachuu gooftaa Keenyatti Yeroo Torbaa Wadda Ykn Kaakuu Dubatee Isaanis 1 Waada Addam 2 Wadda Malka tsaadiqii 3 Wadda Abrahaam 4 Wadda Musee 5 Wadda Dawwiitt 6 Waddaa Noohii 7 Wadda Kidanamiraatii Waaqayyoo Watotaa Torbani inniJibuuu Keessa 1 Ofii Tulumaa ( Ija Wantaa Hamma Ilaluu Figduuu 2 Arbaa Sobuu 3 Harkaa Dhigaa Dhangalasuu 4 Namaa Hamaa Nama Irratti Yadduu 5 milaa Garaa Hammatti fiiguu 6 Nama soban Raga Namarratti Bahuu 7 Obbolllessa Isaa Kan Yaakkuu Galanni Waaqayyoof Haata'uu Ameen Galanni Hadhaa Keenyaa qulqulletti Dubaroo Maariyaamifi Haata'uu Ameen galanni Fanno Gooftaa Keenyaaf Haa Ta'uu Ameen Ameen Ameen Barnoota code 🔔@Barnoota @001
171
10
Akkamitti kadhanna? Nàmóôtni baay'ee keenya akka itti kadhannu inbeeknu. Daandii tokko deemuuf kallattii daandii sana yoo inb
Akkamitti kadhanna? Nàmóôtni baay'ee keenya akka itti kadhannu inbeeknu. Daandii tokko deemuuf kallattii daandii sana yoo inbeeknu ta'ee galmaa ingeenyuu. Gooftaa keenyas waa'ee kadhanna kana yeroo dubbatu haadha Maariqoos akkas jedhe 👈waan kadhattan inbeektan. Maarre akkamitti akka kadhannu Bsaa keenya Bsaa Goosaye nu barsiisuu part.... part argachuuf channel keenya join,share, like akkasumas comment gochuun jajjabeessa
185
11
Abdiisaa
1
12
📯 Nàmóôtni barnoota channel kana saved 👈ykn account dhuunfaa keessan personal account irratti Share gootan👈yeroo free dubbisuu barbaadan ☝️☝️☝️ Ijoollee biyyaa ala jirtanif kanneen hojiin isin rakkiisuu. Save gootan dubbisuu dàndeessûú 👈 Maxxaansi channel kana channel biroo irra waan baay'atuf share gootan ol_kawwachuu dàndeessûú 👈 ⚠️ Nàmóôta pdf soft copy irraa deddeebiin nu gaaffatan hundaaf 👈 soft copy channel kanarra dhibee injiruu,namni soft copy channel kanarra dubbise fixeera jedhu yoo argame 👈nan_badhaasa qarsh 1k 🛜https://t.me/orto02 Channel kana join godha.waan barbaadan saved godhachuu dàndeessûú Group discuss dabalamuuf 👇👇👇 @Rabbuunii7
88
13
#Bagaa_isinii_gahee21❤️🙏 #Baha_ifaa_kan_ Taate_Maariyaamii Bultoo Waaqaa Fakkeenyaa Aariyaamii #Hidda_dhiiga_Keen_ Argamee_F
#Bagaa_isinii_gahee21❤️🙏 #Baha_ifaa_kan_ Taate_Maariyaamii Bultoo Waaqaa Fakkeenyaa Aariyaamii #Hidda_dhiiga_Keen_ Argamee_Fayyinni koo Ilma keen Durbee Labsameera Jiraachunkoo (2) #Nagaan_kee_Yaa_Durbee Afuuraan na Guutaa Har'as ati naaf koottuu Yaa Haadha Gooftaa #Eebban_naaf_haa_guutuu _hir'uun_Golakoo Lapheerraan si Waamaa Naaf koottu Aayyookoo #An_sichan_si_Faarsaa _sin_Galateessaa Akka Abbaa Hiriyaaqos Jaalala keen Ibsaa #Hiriirrii_koo_har'as _Waaqeessuu Ilma kee Kabaja kee Himaan jiraadha an Mucaan kee #Haadha_fi_Dubara_ al_takkaan taatee Waaqni Waaqummaa isaan Sirraa kan Dhalatee #Argamee_hin_beekuu_ Sichis hin dhalatuu Yaa Kakuu Araaraa kan Si'iin Fakkaatuu #Maalumaaf_si_jibbuu_ kamiif si qeequu Atoo Waaqaa deessee Dhugaa hundi beekuu Silaa Otoo Ta'ee jajuun kee hin dhiifamuu #Kabajni_Haadhummaa_kee _tasa_hin_daangeeffamuu
204
14
Qooqa keenyaaf mi'ooftuu Kennaa fannoo jalaati Eeyyeen haati Kiristoos Nuuf haadha jaalalaati Waammannaa keenyaaf cufaa Tasa+1
Qooqa keenyaaf mi'ooftuu Kennaa fannoo jalaati Eeyyeen haati Kiristoos Nuuf haadha jaalalaati Waammannaa keenyaaf cufaa Tasa kan hin nuffamnee Gooftaa keenya irraati Badhaasa nuti arganne Maatiin haadha jaalalaa Ijoolleen Ortodoksii Durbeen haati Kiristoos Haadha keenyadha nuusii Har'a addunyaan joonja'ee Yoo gane haadhummaashee Tokkicha dubbatamee Guddaadha kabajnishee Ulfina ayyaana isheedhaaf Xinnaanuu kan carraaquu Daa'imni gadameessaa Kabaja isheef burraaquu Sagalee nagaa isheen Afuuraan nii guutamnaa Akka Eelsaabeet nutis Ulfina ishee dubbannaa Kan Waaqayyo kabaje Kabajuudhaaf hin qoosnuu Waa'ee Durboo dubbachuu Tasumayyuu hin dhiisnu Waaqatu ishee filate Kabaja caaluun marsee Dhufee isheerraa dhalatee Hamaarra nu dabarsee Misirroo xiqqoo taatee Firii Iyyaaqeemiif haannaa Haadha Fayyina keenyaa Maariyaam nus siin jennaa Akka Abbaa hiriyaaqoos Ulfina keef waa yaalee Jechatu Naaf hin ga'uu Kabaja Kee madaalee Maariyaam nuti sijaallanna...🔥
174
15
Addunyaan buburreedha Gartokkeen kolfee siiksa Gariin boquusaa cabsee Rakkinni kophaa fiigsa ~ Gariin gamoo ijaaree Filannoon keessa rafaa Gariin gaaddisa dhabee Gadadoo keessatti hafaa ~ Gariin garaasaa guutee Deeffuudhaan ol haleela Gariin garaachaa qooqee Harka namaa kajeela ~ Gariin gosootaan filee Waan barbaade uffataa Hiyyeessa qullaa deemtu Tish jedheetu tuffataa ~ Gariin garaasaaf filee Fedhu cooma murataa Gariin shiroo tokkittiif Barruun harkaa urataa ~ Addunyaa waliin maktuu Kan waliin makte carraa Isa tokkoon boonsitee Kan tokkoo cufte karraa #Garuu Yoo abbaa gamoos taate Dureessa filee nyaatu Gamoon kee dareen tokko Bor wabii siif hin taatu ~ Yoo abbaa lafaas taate Lafa gaashaaf heektaaraa Abbaa qabeenyaas taatu Yoo taates inveestaraa ~ Qabeenyi kee qulqulluun Isheen hiyyeessaan gitaa Manni kee ishiin sirriin Kunoo kana argitaa? ~ Amma achi geessutti Waan sobaan of hin tuuliin! Wareef waraana bantee Nama akka keettin duuliin! #Wal_ta'i! #waliif_ta'i!
169
16
#Ammee Kutaa 12ffaa 😱 Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Gadhiifameera link armaan gadiin seenaa ilaalladhaa 👇👇👇 result.neaea.gov.et result.neaea.gov.et result.neaea.gov.et
9
17
🚨Kutaa 12ffaa 🔥 Qormaanni Kutaa 12ffaa Gadhiifameera bakka Get jedhuu tuqun Ilaalladhaa 👇👇👇
🚨Kutaa 12ffaa 🔥 Qormaanni Kutaa 12ffaa Gadhiifameera bakka Get jedhuu tuqun Ilaalladhaa 👇👇👇
8
18
✅Data Tola Fayyadama hin jirtaan tanan amumma Bakka Start jedhuu tuqa fayyadama 👇👇👇
✅Data Tola Fayyadama hin jirtaan tanan amumma Bakka Start jedhuu tuqa fayyadama 👇👇👇
6
19
Badhaasa kaardii 450 irratti hirmaadha!! 🏃‍♂🏃‍♂ Nama 20 dursee chaanalota armaan gadii join godhe qofaaf!! 👇👇
13
20
Hubannoo dogoggoraatiin yeroo namoonni suuraa kana naannessan argeen waan baay'ee taajjabe!. Walumaa galatti alabaan tuniifi+1
Hubannoo dogoggoraatiin yeroo namoonni suuraa kana naannessan argeen waan baay'ee taajjabe!. Walumaa galatti alabaan tuniifi bataskaanni ortodoksii hariiroo homaatuu hin qaban!. Alibicha akkuma amantoonni biroon balaaleffatanitti balaaleffanna!. Alaabicha jalatti walumaan abbootaafi harmoota keenya harmaafi harka itti dhabne!. Miidhamaafi miidhaga waan hundumaa waliin qabna!. Amantaan ortodoksii kan Warra kaabaa gochuun ilaaluun wal'aalummaa fi barumsa dhabuudha!. Jarman, Russia biyyoota gurguddoo addunyaa keessas akka jiru beekuu inuma qabna!. Ithiopia keessatti ammoo sababa cunqursitoonni kaleessaa amanticha dahoo godhachuun miidhaa geessisaniif amantichatti quba qabuun gaarii miti! Xumura irratti ilaa, obboleettiifi obboleessakoo, amantaakee siifan kabajaa amantaakoo kabaji!. Yoo kana hin taane garuu as-dhufa martin Luther s wal yaadachiisuun ba'eessuma jechuumafi!. ⚠️ Photo olii kun yeroo rakkoo nageenya Arsii fi wallaggaa irraa fudhaatame. Jaarrii kun mana amanta bakka bu'aan 👈 Faannoo dha. yaada ✍️
203