fa
Feedback

فریب کلاهبرداران را نخورید! تل‌متریو این کانال‌ها را شناسایی و برچسب‌گذاری می‌کند 👉 برای مشاهده برچسب، اشتراک تهیه کنید

Dr. Abdisa Ejeta

Dr. Abdisa Ejeta

رفتن به کانال در Telegram

Chaanaalii kana keessaan:- Kitaaboleefi barreeffamoota barsiisoo garagaraatu argama. Itti goraa!👇 @Orobook

نمایش بیشتر

📈 تحلیل کانال تلگرام Dr. Abdisa Ejeta

کانال Dr. Abdisa Ejeta (@orobook) در بخش زبانی امهری بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 10 463 مشترک است و جایگاه 19 192 را در دسته آموزش و رتبه 3 267 را در منطقه أثيوبيا دارد.

📊 شاخص‌های مخاطب و پویایی

از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 10 463 مشترک جذب کرده است.

بر اساس آخرین داده‌ها در تاریخ 07 نوامبر, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر -71 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر -5 بوده و همچنان دسترسی گسترده‌ای حفظ شده است.

  • وضعیت تأیید: تأیید نشده
  • نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 30.79% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 8.03% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب می‌کند.
  • دسترسی پست‌ها: هر پست به طور میانگین 0 بازدید دریافت می‌کند. در اولین روز معمولاً 840 بازدید جمع‌آوری می‌شود.
  • واکنش‌ها و تعامل: مخاطبان به‌طور فعال حمایت می‌کنند؛ میانگین واکنش به هر پست 0 است.

📝 توضیح و سیاست محتوایی

نویسنده این فضا را محل بیان دیدگاه‌های شخصی توصیف می‌کند:
“Chaanaalii kana keessaan:- Kitaaboleefi barreeffamoota barsiisoo garagaraatu argama. Itti goraa!👇 @Orobook”

به لطف به‌روزرسانی‌های پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 08 نوامبر, 2026)، کانال همواره به‌روز و دارای دسترسی بالاست. تحلیل‌ها نشان می‌دهد مخاطبان به‌طور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته آموزش تبدیل کرده‌اند.

10 463
مشترکین
-524 ساعت
-197 روز
-7130 روز
آرشیو پست ها
HIV ittisuuf qorichi waggaatti yeroo lama qofa bifa waraansaan fudhatamu "Lenacapavir" jedhamu qorannoon mirkanaa'ee gara hoj
HIV ittisuuf qorichi waggaatti yeroo lama qofa bifa waraansaan fudhatamu "Lenacapavir" jedhamu qorannoon mirkanaa'ee gara hojiitti seene. HIV ittisuuf qorichi kun argamuun isaa saayinsii fayyaa gara boqonnaa haaraatti kan ceessisuu fi ittisa HIV irratti filannoo haaraa fi abdachiisaa ta'ee argameera. Qorichi kun kan kennamu nama maraaf osoo hin taane kanneen haala adda ta’een HIV'f saaxilamoo ta'uun isaanii itti amanameefi dha. Bu'a qabeessummaa isaa irratti qorannoowwan lama PURPOSE 1 fi PURPOSE 2 jedhaman geggeeffamanii, dandeettiin dhibee HIV ittisuu qoricha kanaa 100% fi 96% ta'uu agarsiisaniiru. Ta'us qorichi kun HIV qofa malee dhibeewwaan saalqunnamtiin daddarban akka cophxoo, fanxoo, vayiirasii tiruu (B fi C) fi biroo hin ittisu. Maddi: OHB

Nyaata Daa’imman Waggaa Tokko Gadiif kennamuu hin qabne🚫 Daa’imman waggaa tokko gadii qaama dagagaa jiru qabu; kanaaf nyaata
Nyaata Daa’imman Waggaa Tokko Gadiif kennamuu hin qabne🚫 Daa’imman waggaa tokko gadii qaama dagagaa jiru qabu; kanaaf nyaata muraasa irraa qusachuun barbaachisaa dha. Isaan keessaa: 1. Damma ✔️Botulism ijoolee (dhukkuba hamaa baakteeriya dammaa keessatti argamuun dhufu) fiduu danda’a. 2. Aannan Loonii      ✔️Allergii fida.      ✔️Akka qaamni isaanii iron hin xuuxne taasisee hir’ina dhiigaa geessuu danda’a. 3.  Nyaata fi Dhugaatii Mi’aawaa (juusii, biscuit, cake...) ✔️Harma haadha jibbisiisa. ✔️Gara-kaasa fida.   ✔️Hir’ina nyaataafi Ilkaan burkuta’uu fiduu danda'a 4. Nyaata Soogidda Baay’ee Qabu (chibisii fi kkf)    ✔️Kalee daa’imman irratti dhiibbaa uuma. 5. Nyaata Hin Bilchoofne (dheedhii, foon, killee …)    ✔️Baakteeriyaan itti guddata; faalama hamaa geessisa. 6. Buna fi Shaayii   ✔️ Daa’imman hirriba gahaa akka hin rafne dhorka. ✔️Iron qaama keessatti akka hin xuuxamne taasisa.Kunis hir’ina dhiigaa daa’imman keessatti fida. Fayyaa hin dhabinaa! Dr Abdi Adugna(MD) https://t.me/drabdiadugna

ODUU AAGAA NORDIC ICT FURMAATA TEEKNOOLOOJII AMMAYYAA! Dijitaalaayizeeshiniin guddina daldalaa fi dhaabbilee ammayyaa keessatti gahee olaanaa qaba. Nordic ICT furmaata teeknooloojii ammayyaa dhiyeessuun hojii keessan salphisuuf, saffisiisuu fi bu’a qabeessa taasisuuf isin bira jira! Tajaajiloota Nordic ICT Kennu: 1. Website Development: Weebsaayitii ammayyaa, bareedaa fi hojii dhaabbata keessaniif mijatu ijaaruu. 2. Mobile App Development: Appilikeeshinii bilbila harkaa irratti hojjetan misoomsuu. 3. School Management Systems : Sirna bulchiinsa manneen barnootaa, odeeffannoo barattootaa fi kaffaltii dijitaalaa salphisu. 4. Cloud Hosting: Weebsaayitii fi sirna dijitaalaa keessan interneetii irratti akka hojjetu deeggaruu. 5. Cybersecurity: Sirna fi odeeffannoo dijitaalaa keessan eeguuf furmaata nageenyaa dhiyeessuu. 6. IT Consulting: Dhaabbata keessaniif furmaata teeknooloojii sirrii filachuuf gorsa ogummaa kennuu. 7. Customized Software Solutions: Fedhii fi hojii dhaabbata keessaniif furmaata sooftiweerii addaa qopheessuu. Irbuu App fi Platform Nordic ICT kan hojjetame yoo ta’u dandeettii teeknooloojii, kalaqa fi furmaata dijitaalaa mul’isu keessaa isa tokko! HOJIIWWAN NORDIC ICT KEESSAA MURAASA:- 1. OromoBook App Appilikeeshinii kitaabota sagaleedhaan dhaggeeffachuu fi e-book dubbisuuf gargaaru. Afaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun Android fi iOS irratti tajaajila kenna. 2. Irbuu App Appilikeeshinii sagalee, viidiyoo fi seenaa dhiyeessu. Akkasumas donation, subscription fi muuxannoo fayyadamaa dhuunfaa of keessaa qaba. 3. Haro Sebu Construction Weebsaayitii fi platform hojii dhaabbata ijaarsaa fi daldala waliigalaa agarsiisu. Pirojektoota, tajaajiloota fi bulchiinsa weebsaayitii of keessaa qaba. 4. Atis Nama Foundation Platform gargaarsa namoomaa kan donation, duula walitti qabama deeggarsaa fi seenaa bu’aa hojii foundation agarsiisu. 5. Falcon Gruppen Weebsaayitii dhaabbataa kan hojii dhaabbatichaa, tajaajiloota isaa fi walqunnamtii maamiltootaa fooyyessuuf qophaa’e. 6. Mume Platform tajaajila kunuunsaa kan maamiltoota ogeessota kunuunsaa waliin walqunnamsiisu. Tajaajila kunuunsa mana keessaa, deeggarsa fi fayyaa waliigalaa irratti xiyyeeffata. 7. Village Weebsaayitii dhaabbataa kan seenaa, tajaajiloota fi hojii dhaabbatichaa bifa qulqulluu fi ammayyaatiin dhiyeessu. 8. Ezzu Autotech Platform daldala oomishaalee konkolaataa fi network daldaltootaa agarsiisuuf qophaa’e. 9. School Management System Sirna bulchiinsa manneen barnootaa kan barnoota, argama barattootaa, qormaata, qabxii, kaffaltii fi qunnamtii maatii salphisu. 10. Rental Management System Sirna bulchiinsa qabeenyaa kiraa kan mana, kireeffattoota, waliigaltee, invoice, kaffaltii fi gaaffii suphaa to’achuuf gargaaru. Dhaabbata keessaniifis App, Website, School Management System yookaan Software addaa barbaadduu taanan atatamaan Nordic ICT quunamaa. Bakki argama isaanii: Ethiopia keessaatti: Finfinnee Naannoo 22 Awraris jedhamu gamoo tsega business center gamoo 10ffaa lakk.10 Iskaandineeviyaa Norway magaala osloo Odeeffaannoo dabalataaf 🌐 Website: www.nordicict.com 🌐 www.nordicict.et 📧 Email: contact@nordicict.com 📞 +251 935491844 📞 +251 942 901 190

+1
The 48 Laws of Power by Robert Greene.epub6.40 KB

Dan_Martell_Buy_Back_Your_Time_Get_Unstuck,_Reclaim_Your_Freedom.epub2.32 MB

Napoleon Hill - Think and Grow Rich.pdf8.46 KB

The_Psychology_of_Money_Timeless_Lessons_on_Wealth_Greed_and_Happiness.pdf1.54 MB

No Excuses The Power of Self-Discipline by Brian Tracy (1).pdf1.05 MB

Repost from Hakim
KAANSARII HARMAA - Breast Cancer Kaansariin Harmaa kaansarii seelii harmaa irraa ka'u ykn ba'u dha. Kaansariin kun gara caalu ykn hedduminaan (99%) dubartii irratti muldhata. Haa ta'u malee dhiira irrattis (1%) darbee darbee muldhachuu danda'a. Kaansariin Harmaa kun seelii irraa ka'uufi iddo harma keessatti itti biqilu irraa ka'uun gosa garagaraa (ykn maqaa garagaras) ni qaba. Kaansariin kun maal irraa dhufuu danda' abamuu ni qabaatu. Wontoota carraa Kaansarii Harmaatiin Qabamuu dabalan: (risk factors) ■ Akkuma jenne san dhiira caalaa dachaa hedduu dubara irratti muldhata. Kanaaf dubara ta'uun dhiira caalaa carraa kansaarii kanaan hubamuu qabu. ■ Umriin dabalaa deemu. Adadamu umriin dabalaa deemuun carraan Kansarii Harmaa horachuus ni dabala. ■ Ammaan dura harma cinaa tokko irratti Kaansarii qabaachuun carraa harma cinaa kaan irrattis qabaachuu ni dabala. ■ Sababa qaccee sanyii maatii irraa darbuun yoo maatiin (obboletti ykn haati) kaansarii kanaan qabaamtee turte ykn jiraatte carraan kaansarii kanaan qabamuu kan nama biroo irra dachaa hedduun olka'aadha. Qacceen sanyii (jiiniin) kanaaf nama saaxilan (BRCA 1 and BRCA 2) jedhamuun beekaman kun jiraachuun carraa kaansarii kanaan qabamuu olkaasu. ■ Yeroo umrii xiqqeenyaa ykn daa'imummaa qomni (chastiin) carariif (radiation) saaxilamuun. ■ Furdinna ykn ulfaatinna gar malee guddaa ta'e qabaachuun. ■ Xurii laguu ykn dugda umrii woggaa kudha lamaa gaditti arguu jalqabuun namoota kaan caalaa carraa kaansarii harmaatiin hubamu ni dabala. ■ Umriin xurii laguu ykn dugda arguu itti dhaaban dheerachuun ykn guddaa ta'uun. ■ Umrii woggaa soddomaa booda daa'ima jalqabaa argachuun namoota san dura argatan caalaa carraa kaansarii harmaatiin qabamuu ni qabu. ■ Isaan ulfayanii hin beekne kan ulfayanii beekan caalaa carraa kansarii kanan qabamuu qabu. ■ Alkoolii baay'isanii dhuguun carraa kaansarii harmaatin qabamuu ni dabala. MALLATTOOLEE KAANSARII HARMAA (Warning signs of breast cancer) ! *Waanti akka dhiitaa jajjabaataa harma keessaa bakka takkatti yokaan guutummaa harmaa keessaatti umamuu *Fiixeen harmaa (nipple) gara keessaatti deebi'uu (Kun dubartoota uumamumaan fiixeen harma isaanii gara keessatti liqimfamaa ta'e osoo hin taane duraan nagaha warra tureef) *Gogaan harmaa, bakka takkan diimatee, furdatee yoo qaban harkatti jajjjabaatee, qola burtukaanaa fakkaachuu. *Dhangala'aan aannan irraa adda ta'e harma keessaa gadi yaa'uu. *Xannachi liimfii bobaa jalaa, kan gama dhiitaan harmaa jiru sanatti argamu jajjabaatee guddatee ba'uu Hub: Mallattoon kun sababa biroo kanneen akka infekshinii, dhiitaa kaanserii hin taane, cyst (dhiita bishaan qofa uf keessaa qabu) fi kanneen biroon ni dhufa. Kanaaf mallattoo kana yoo ofirratti argitan, uf sodaachisuu osoo hin taane mana yaalaa deemtanii qorannoon adda baafachuudha. Maal haa goonu? Ofeeggannoo akkamiitu barbaachisa? ● Dubartoonni torbaan torbaanin otoo sakata'iinsa harma isaanii ofii isaaniiti qaqqabuun godhatanii gaariidha. Harma qaqqabuun ilaaluun iddoon iita'ee jabaate, jajjabaate, ykn jijjirama qaama harmaa kaan irraa qabu jiraachuu isaa adda baafachu. Yoo jijjiramni addaa jiraate gara mana yaalaa deemanii ogeessa fayyaa ykn doktora isaan yaalu ykn woldhaanu wojjiin mari'achuu. ● Mallattoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarte otoo yeroo hin gubin mana yaalaa deemtee adda baafachuu. Mallattooleen as gubbatti kaafne kun dhukkuboota harmaa kan birootifis ta'uu ni danda'u. ● Mallatoolee kana yoo of irratti agarre hospitaala deemnee qorannoo doktoroonni keenya nuuf ajajan fkn ultrasound, mammogram fi sumuuda kutaa harmaa iitan sun irra jiru irraa fuudhamuufi kan biroo kan ogeessi nu ajaje hojjachiifachuu ●Alkoolii baay'isanii dhuguu dhabuu/dhaabuu. ● Sochii qaamaa gochu. Torbaanitti yoo xiqqaate guyyoota shaniif daqiiqaa soddoma soddoma sochii qamaa (ispoortii akka fiigichaa, daakkaa, deemsa arifannaa fi kkf) hojjachuu. ● Nyaata keenya madaalawaa gochuu. Yeroo hedduu fuduraaf kuduraa nyaachuu. Foon, cooma, kallee, dhadhaa baay'isuu dhabuu. ¤ Sadarkaa kaansarichi irra jiru irratti hundaa'uun yaalli isaa kutaa harmaa kaansarichi itti biqile muranii/kutanii baasuu, ykn harma cinaa tokkoo guutuun gututti kaasuu/muranii kaasuu, ykn harmaafii xannachoota liimfii naannoo san jiran wolitti qabanii muranii kaasuu, ykn harma cinaa lachuu muranii kaasuus ta'uu danda'a. Dabalataan yaalli cararii (radiation) fi qorichootaa (Chemotherapy) fi ykn yaala hormooniin godhamus barbaachisaadha. Kana irra taree kaansarichi sadarkaa kanaan yaalamuu hin dnadeenye irra yoo jiraate deeggarsi dhukkubbi woyyeessuufi dhukkubsata kunuunsu (Palliative care) kennamuu ni danda'a. References 1. Schwartz's Principles of Surgery 2. Fayyaan faaya Dr. Idris Hasano: General Surgeon @HakimEthio

Repost from Green light Clinic

Repost from Hakim
ERGAA HUBANNOO HAWAASAA FI OGEESSOTA FAYYAAF QUUFAA MORMAA (GOITER) / HUCCUBA Waa’ee Quufa Mormaa/Huccubaa Waan Beekuu Qabnu 1. Quufni Mormaa/Huccubni hundi qorichoota akka PTU, Propranolol ykn Lugol’s iodine tiin yaalamuu qabaa? Lakki! Quufa Mormaa/Huccuba (Goiter) jechuun xannachi thyroid guddachuu ykn babal’achuu jechuudha. Garuu sababoonni Quufa Mormaa/Huccuba fidaan adda addaa waan ta’aniif, hundi isaanii qoricha tokkoon hin yaalaman. Namni tokko hormooniin thyroid isaa olka’uu danda’a; kan biraan sadarkaan hormoonii isaa sirrii ta’uu danda’a; kan biraan immoo hormooniin thyroid isaa gadi bu’uu danda’a. Kanaaf: DURA SABABAA ISAA ADDA BAASUU → SANA BOODA YAALA SIRRII KENNUU! 2. Quufni Mormaa/Huccubni hundi gosa tokkoo dhaa? Lakki! Quufni Mormaa/Huccubni bifa adda addaatiin mul’achuu danda’a: - Diffuse goiter – xannacha thyroid guutummaatti guddate - Multinodular goiter – qacceewwan/nodules hedduu qabu - Solitary thyroid nodule – qaccee thyroid tokko - Toxic goiter – hormooniin thyroid baay’inaan oomishamu waliin walqabatu - Graves’ disease - Thyroiditis - Hanqina ykn baay’ina iodine waliin walqabatu - Haalota muraasa keessatti kaansarii thyroid Kanaaf, namoonni lama guddina huccubaa wal fakkaataa qaban illee, sababaan rakkoo isaanii fi yaalli isaanii garaagara ta’uu danda’a. 3. Quufni Mormaa/Huccubni hundi kaansarii dhaa? Matumaa miti! Quufni Mormaa/Huccubni baay’een isaanii kaansarii miti. Garuu qacceewwan thyroid tokko tokko kaansarii ta’uu waan danda’aniif, yeroo barbaachisutti qorannoo sirrii gochuun murteessaadha. Mallattoolee xiyyeeffannoo addaa barbaadan: - Guddinni mormaa/huccubni saffisaan dabalaa jiraachuu - Qaccee baay’ee jabaataa ta’uu - Tuutni naannoo isaatti maxxanee sochii xiqqaa qabaachuu - Lymph node mormaa keessatti mul’achuu - Sagaleen jijjiiramuu - Liqimsuun ulfaachuu - Hafuura baafachuun ulfaachuu ykn kara qilleensaa irratti dhiibbaan uumamuu Mallattooleen akkanaa yoo jiraatan, hatattamaan gara ogeessa fayyaa deemuun qorannoo gochuun barbaachisa. 4. Guddinni fuuldura mormaa hundi Quufaa Mormaa/Huccuba dhaa? Lakki! Guddinni mormaa hundi Quufaa Mormaa/Huccuba miti. Sababoota biroo qabaachuu danda’a; fakkeenyaaf: - Thyroglossal duct cyst -Guddina lymph node - Rakkoo salivary gland - Lipoma - Infekshinii fi abscess - Rakkoo parathyroid gland - Rakkoo ujummoo dhiigaa - Tuuta ykn dhukkuba xannachoota mormaa biroo ''Mormi guddate ykn dhita’e hundi Quufaa Mormaa/Huccuba” jedhanii qorannoo malee murteessuun sirrii miti. 5. Quufni Mormaa/Huccubni yoo argame, qoricha kennuu dura maal gochuu qabna? 1️⃣ Seenaa dhukkubsataa gaafachuu - Guddinni huccubaa yoom irraa eegale? - Saffisaan guddataa jiraa? - Liqimsuun itti ulfaataa? - Hafuura baafachuun itti ulfaataa? - Sagaleen jijjiiramee? - Mallattooleen hormoonii thyroid baay’achuu ykn hir’achuu jiraa? 2️⃣ Qorannoo qaamaa - Hammam guddaa akka ta’e - Jabaataa ykn laafaa ta’uu isaa - Qacceewwan meeqa akka jiran - Sochii isaa - Lymph node mormaa - Kara qilleensaa (airway) irratti dhiibbaa qabaachuu isaa ni madaalama. 3️⃣ Qorannoo dhiigaa TSH yeroo baay’ee qorannoo jalqabaa hojii thyroid madaaluuf gargaarudha. Akka haala dhukkubsataa irratti hundaa’een T4 fi T3 illee qorachuun barbaachisaa ta’uu danda’a. 4️⃣ Ultrasound Ultrasound’n: - Hammam guddaa akka ta’e - Qacceewwan meeqa akka jiran - Amaloota qacceewwanii - Lymph node mormaa madaaluuf baay’ee barbaachisaa dha. 5️⃣ FNAC Qacceewwan tokko tokko, bu’aa ultrasound fi qorannoo klinikaa irratti hundaa’uun, FNAC (Fine Needle Aspiration Cytology) barbaaduu danda’u. 6. Qorannoo malee PTU, Propranolol ykn Lugol’s iodine jalqabsiisuun rakkoo maalii qaba? - PTU PTU qoricha haala thyroid hormone olka’e tokko tokko keessatti fayyaduudha. ❌ Quufa Mormaa/Huccuba hundaaf kennamu miti. Miidhaa tiruu cimaa fi rakkoo dhiigaa akka agranulocytosis fiduu danda’a. Kanaaf, sababaa fi haala thyroid osoo hin beekin jalqabsiisuun sirrii miti. - Propranolol Propranolol namoota thyrotoxicosis qaban keessatti mallattoolee akka: - Onneen saffisaan rukutuu - Harki hollachuu - Onneen rukutuun itti dhaga’amuu to’achuuf gargaaruu danda’a. Garuu: Propranolol Quufa Mormaa/Huccuba ofii isaa hin balleessu. - Lugol’s iodine Lugol’s iodine haala yaalaa murtaa’e keessatti qofa fayyadama. ❌ Sababa malee iodine kennuun sirrii miti. Iodine baay’inaan kennamuun hojii thyroid jeequu danda’a. Kanaaf: “Huccubni guddate; iodine haa jalqabsiifnu” jechuun qorannoo malee sirrii miti. 7. Yoo baqaqsanii yaaluu (surgery) karoorfame, dura maal gochuu qabna? Quufa Mormaa/Huccuba hundaaf qorichi baqaqsanii yaaluu dura kennamu tokko miti. Baqaqsanii yaaluu dura: - Sababa isaa adda baasuu - Hojii thyroid madaaluu - Ultrasoundidhan qorachuu - Yoo barbaachise FNAC qorachuu - Kara qilleensaa irratti dhiibbaa jiraachuu madaaluu - Retrosternal/Substernal extension jiraachuu qorachuu - Kaansariin shakkame jiraachuu madaaluu - Dhukkubsataa anesthesia fi baqaqsanii yaaluuf sirriitti qopheessuun barbaachisa. Hyperthyroidism qabuun baqaqsanii yaaluu filannoo (elective surgery) dura, haalli thyroid isaa sirriitti to’atamuu qaba. 8. Quufni Mormaa/Huccubni yoom baqaqsanii yaaluu barbaada? Baqaqsanii yaaluun yeroo: - Kaansariin yoo shakkame ykn mirkanaa’e - Hafuura baafachuu irratti dhiibbaa yoo uume - Liqimsuu irratti rakkoo yoo uume - Quufni Mormaa/Huccubni guddaan mallattoo dhukkubaa yoo uume - Retrosternal/Substernal goiter jiraate - Haala Toxic multinodular goiter filatamoo ta’an keessatti - Haala Graves’ disease filatamoo ta’an keessatti - Rakkoo mul’ataa ykn qulqullina jireenyaa irratti dhiibbaa guddaa yoo uume itti yaadamu danda’a. 9. ERGAA IJOO - Quufni Mormaa/Huccubni hundi qoricha hin barbaadu. - Quufni Mormaa/Huccubni hundi kaansarii miti. - Quufni Mormaa/Huccubni hundi baqaqsanii yaaluu hin barbaadu. - Guddinni ykn dhitoon fuuldura mormaa hundi Quufaa Mormaa/Huccuba miti. DURA QORANNOO ~ SANA BOODA YAALA! Sababa isaa haa beeknu; qorannoo irratti hundaa’uun yaala sirrii haa kenninu. Qorannoo malee qoricha jalqabsiisuun rakkoo dhoksuu ykn miidhaa hin barbaachifne fiduu danda’a. Ergaa Hawaasaaf Guddina mormaa ykn Quufaa Mormaa/Huccuba yoo argitan, ofumaan qoricha hin jalqabinaa. Gara dhaabbata fayyaa deemuun ogeessa fayyaa irraa qorannoo fi gorsa sirrii argadhaa. References 1. Schwartz’s Principles of Surgery. 11th ed. 2. Sabiston Textbook of Surgery: The Biological Basis of Modern Surgical Practice. 21st ed. 3. Bailey & Love’s Short Practice of Surgery. 28th ed. 4. Current Surgical Therapy. 14th ed. 5. Greenfield’s Surgery: Scientific Principles and Practice. 7th ed. 6. The Washington Manual of Surgery. 8th ed Dr. Sinboonaa Araarsaa, MD Gargaaraa Piroofeesaraa, Baqaqsanii Yaaluu Waliigalaa MPH Epidemiology 0942622912 @HakimEthio

"#Ni_danda'aa?" ‎"Namni garaacha malee jiraachuu ni danda'aa?" Tokkotu akkana jedhee na gaafate. Deebii isaa siniis haa qoodu. ‎ ‎Sababoota garagaraaf garaachi guutummaa guutuutti baafamuu (Total gastrectomy) danda'a. Yeroo kana, ujummoon nyaataa (Esophagus) gara mari'immaan xiqqaatti qabsiifaama. Haala kanaan nyaanni ujummoo nyaataa irraa gara mir'immaan qal'aa (Small Intestine)-tti kallattiin darba. Kanaafuu, namni garaacha malee jiraachuu ni danda'a. Eeyyeen, ni danda'a! ‎ ‎Fayyaa hin dhabiinaa! ‎ ‎Dr. Abdiisaa Ejjetaati @Orobook

BUNA DHUGUU ******* Bu'aan qorannolee woggoota hedduuf namoota buna dhugan irratti godhaman akka muldhisanitti: Bunni keemikaala 'Kaafiin' jedhamu of keessaa qaba. Keemikaalli kun ammoo sammuu si'eessuun kaka'umsaa fi humna namaa uumuun, miira dadhabbii hirdhisuun, beekama. Hammi 'Kaafiniin' nama si'eessuu fi jijjirraa haalaa-amalaa namaa irratti fidu garuu namaa namatti garaagarummaa qaba. Kaafiniin: ● Kaafiiniin Dhukkuba Tiruu Yeroo Dheera fi Kaansarii Tiruu ittisu irratti gahee qaba. Tiruun dhukkubsatte akka gadaanisa uumtee hin dadhabne tursiisuu irratti faayida qaba ● Baattuun hadhooftuu akka dhangala'aa hadhooftuu bullaayinsa nyaataaf barbaachisu akka gadi lakkiftu waan si'eessuuf uumamuu cirracha hadhooftuu ni hirdhisa. ● Kaafiniin amala "Theophylline" qoricha yeroo tokko tokko dhukkubaa Asmii yaaluuf kennamuun wolfakkaatu waan qabuuf ujummooleen qilleensaa akka babaldhatan gochuun hafuurri nama hanqachuu yeroo Asmi nama mudatu ni hirdhisa. Kaafiniin kana gochuuf garuu buna sinii hanga afuri dhuguu nama barbaachisa. ● Carraa dhukkuba sirna narvii kan qaamni ajaja malee akka sosocho'uu fi hollatu godhu "Parkinson's Disease" ni hirdhisa. Dhukkuba Sukkaara Gosa Lammeessoo, Dhukkuba Onnee Akka Tasaa, Kaansiriilee qaama garagara hirdhisu irratti gahee muraasa wohii qabaachuu akka danda'u qorannoolen dhihoo bahan ni muldhisu. ● Kaafiniin qorichoota dhukkubbi woyyeesan (antipain) heddutti makamuun dhukkubbi woyyeessuu irratti gahee qaba. Akkasumas dhugaatilee humna kennan (energy drink) adda adda keessatti dabalamuun humna akka kennu ni godhama. Qorichoota ulfatinna qaamaa hirdhisuuf tajaajilan irratti dabalamuun namonni humna argatanii sochii qaamaa akka godhan si'eessuf jecha itti dabalamee ni tolchama. --- ● Sammuun keenya si'eessummaa Kaafinii kana barachuu danda'a. Kanaaf araada namatti ta'uu, si'a'inna san argachuuf hamma dhugnus yeroo gara yerootti akka daballu nu gochuu danda'a. Dhuguu barree tasa addaan kutuun ammoo bowwoo, biibbaa, tasgabbii dhabuuf nu saaxila. ● Kaafiniin hobbaatiin godhee daa'ima gadaamessa keessatti guddinna irra jiru bira waan dhaquufi akkasumas haadhootii ulfaa irratti dafee dhiiga keessaa waan hin xuuxamnee fi hamma dhiigaa hobbaatiif daa'imni argatan waan hirdhisuuf yoo baay'ate ulfi akka nama irraa dhangala'u gochuu danda'a. Kanaaf haati ulfaa takkaa fi ulfaayuu barbaaddu guyyatti buna sinii lamaa olii otoo fayyadamuu baattee ni gorfama. ● Hormoonota hirriba akka rafnu godhan irratti dhiibbaa gochuun hirriba sirritti akka hin rafne ykn nu hin qabne gochuu danda'a. Haalli kun garuu adaduma namni bunaa dhugaa Kaafiiniin wolbaratuun hirdhataa deema. Haala kanaaf buna gara galgala yeroo hirribaaf deemanitti dhuguu dhiisuun ni danda'ama. ● Onnee si'eessuun yeroo gababduuf dhahannaan onnee fi sosocho'iinsi dhiigaa akka dabalu gochuu danda'a. Akkasuma yeroo gababduu dhugame san booda jirtuuf dhiibbaa dhiigaa kan olkaasu ta'ullee; dhiibbaa dhiigaa dhaabbiin ol hin kaasu. ● Namoota Yaaddoo garmalee (Cinqaa Sammuu) qaban irratti, kaafiiniin hedumminaan (sinii afurii ol yeroo tokko) yoo fudhatame sodaa, tasgabbii dhabuu, naasuufi cinqaa san itti hammeessuu danda'a. Garuu namoota Muukuu qaban irraa muukuu woyyeessuu irratti gahe qaba. ● Namoota tokko tokko irratti gubaa-laphee aasidiin garaachaa gara kallatti kokkee oldeemuun uumamu (GERD) - 'Singiggoo' hammeessuu danda'a. Akkasuma haadholii garmalee buna baay'isan irratti carraa lafeen haphachuu ni dabala. --- Bunni Kaafiniin alas Vaayitaminoota (B2, B3, B5) fi albuudota akka magnesium, manganese, potassium of keessaa waan qabuuf wolnyaaticha garagara qaama keessatti godhanis garagaaru danda'a. Daa'immaniif ijoollee umriin isaanii woggaa 12 gadi ta'an buna akka hin dhugne gorfama. Dhahanna onnee fi dhibbaa dhiigaa dabaluun, sodaaf cinqaan,hirriba dhabuun, jijjiramni haalaa-amalaa isaan mudachuu waan danda'ufi. --- --- Fayyaa ta'aa! Bunaaf nagaa hin dhabinaa! Horaa, bulaa, deebanaa! --- Via Dr. Nuredin Luke @Orobook

Kabajamtoota miseensoota chaanala kiyyaan nagaa hin dhabiinaa jechaa, yaadaafi gaaffii dhimma fayyaan wal qabatu yoo qabaattan karaa saanduqa yaadaa asii gaditti argamu kanaan naaf barreessuu dandeessu. Gaaffii keessan tarbiibaan siniif deebi'a. Fayyaa hin dhabiinaa! Dr. Abdiisaa Ejjetaati @Orobook

Namni tokko wal-qunnamtii saalaa marsa tokko (single act of unprotected sex) keessatti carraan inni dhukkuba #HIV qabamuu 0.0
Namni tokko wal-qunnamtii saalaa marsa tokko (single act of unprotected sex) keessatti carraan inni dhukkuba #HIV qabamuu 0.08% dha. Kan vaayirasii tiruu gosa B (#HBV) garuu 20–30% dha! Look at how dangerous it's 😳 Fayyaa hin dhabinaa! Dr Abdi Adugna (MD)

Har’a Guyyaa Kulkula Tiruu Addunyaa (World Hepatitis Day) ti! Guyyaan kunis waggaa waggaan akka addunyaatti Adoolessa 28 (Jul
Har’a Guyyaa Kulkula Tiruu Addunyaa (World Hepatitis Day) ti! Guyyaan kunis waggaa waggaan akka addunyaatti Adoolessa 28 (July 28) kabajama. Kaayyoon isaa hubannoo waa’ee kulkula tiruu, keessumaa kulkula tiruu vaayirasiin (viral hepatitis) dhufu uumuu fi babal’isuudha. Kana malees, dhukkuba kana ofirraa ittisuuf, qorannoo yeroo yerootti gaggeessuu, talaallii dhukkubicha ittisuuf gargaaru dursanii fayyadamuu, karaalee dhukkubichi itti daddarbu hubachuu, akkasumas yoo vaayirasiin kun dhiiga keessatti argame ta’e, saffisaan yaala barbaachisaa argachuuf kakaasuudha. Tarkaanfiiwwan kunneen du’aatii dhukkuba kanaan dhufu hir’isuuf gahee olaanaa qabu. Keessumaa biyya keenya keessatti dhukkubni kun baay’inaan mul’achaa kan jiruufi lubbuu namoota hedduu galaafateedha. Kanaafuu, namni hundi qorannoo kulkula tiruu akka godhatu ni gorfama. Odeeffannoo fayyaa argachuuf #link https://t.me/drabdiadugna miseensa ta'aa! Dr. Abdi Adugna(MD) Fayyaa hin dhabinaa!

Atomic Habits_ Tiny Changes, Re - James Clear.pdf7.64 MB

13. Badhaasa Battalaa fi Badhaasa Boodaa Sammuun keenya bu'aa yeroo dheeraa caalaa gammachu/badhaasa battalaatiif dursa kenne. Amala kee itti fufsiisuuf badhaasa battalaa (fkn, amala raawwatte kalandarii irretti mallatteessuu) fayyadam 14. Amala Hordofuu fi Seera "Yeroo Lammaffaa Hin Kufin" Amala kee guyyaa guyyaan galmeessuun kee onnee siif ta'a. Yoo guyyaa tokko sababa adda addaatiin dogoggorte, Lamaffa itti hin deebi'in. 'Lama Nan suufan!' jedhiitii hatattamaan gara sarara keetti deebi'i. 15. Seera Madaallii (The Goldilocks Rule): Namoonni kaka'umsa guddaa kan argatan hojii dandeettii isaaniitiin wal-simate, baay'ee ulfaataa kan hin taane, baay'ee salphaas kan hin taane yoo hojjataniidha. Diinni guddaan guddina keetii nuffiidha malee kufaatii miti. Mohammedamin Jeylan-tu qindeesse. @Orobook

📚 📖 "Atomic Habits" ....Kitaabni Kun Kitaaba akka Daawitiitti keessatti of ilaalani. Ani Cuunfaa kitaabicha akkasiin isiniif fideeera, dubbisaa , yoo jaalattan waliifis qooda, Kitaaba akka isiniif cuunfu barbaaddan mention naaf godhaa. 1. Sirna Irratti Xiyyeeffadhu, Galma Qofa Irratti Hin Rarra’in: Galmi kallattii agarsiisuuf gaariidha, garuu sirni (system) fi adeemsi guyyaa guyyaa guddina dhugaa fida. Gareen injifatuus ta’e kan injifatamu galma walfakkaataa qabaachuu danda'u; waanni isaan gargar baasu sirnaa fi akkaataa itti hojjetaniidha. 2. Seera 1% (Tarkaanfii xinnoo ): Guyyaa guyyaan 1% qofa fooyya’uun, waggaa tokko keessatti dachaa 37 akka jijjiirama guddaa fidu si taasisa. Jijjiiramni xixiqqaan guyyaa tokkoo waan hin mul’anne fakkaatus, yeroo dheeraa keessatti bu’aa ajaa'ibsiisaa fida. 3. Sadarkaa Humna Dhokataa (Plateau of Latent Potential): Bu'aan tattaaffii keetii battalatti argamuu dhiisuu danda'a. Heddun keenya jijjirama Yeroo gabaaba feena. yoo San dhabne 'tattaaffiin koo bu'aa dhabe' jennee abdii kutachuutti fiigna. Atomic Habits garuu "humni kee ifaajeen kee , Si keessatti kuufamaa jira malee hin badne" jedha 4. Jijjiirama Eenyummaa Irratti Hundaa’e: Jijjiirama amala dhugaa jechuun eenyummaa kee jijjiiruudha. "Fiiguun barbaada" jechuu irra , "Ani nama fiigichaati" jedhi. Tarkaanfiin amala kee guyyaa guyyaa eenyummaa kee isa fuulduraatiif sagalee kennuudha. 5. Geengoo Amalaa (Habit Loop): Amalli tokko sadarkaa afur keessa darbee ijaarama: a. Dammaqsituu (Cue): Kun Amala sana akka yaadattu si taasisa. b. Hawwii (Craving): Kaka'umsa amala sana raawwachuuf keessa keetti uumamu. c. Deebii (Response): Amala sana raawwachuu. d. Badhaasa (Reward):bu'aa Amala sana raawwachun argattu. 6. Seerota Afran Jijjiirama Amalaa: Amala gaarii ijaaruuf seerota afran armaan olii irratti xiyyeefadhu, a) (Dammaqsituu), Akkamitti akka mul'atu taasisi. b) (Hawwii), Hawwataa taasisi. c) (Tarkaanfii): Salphaa taasisi. d) (Badhaasa) : Amala haara madaqfatteef badhaasa ofiif kenni. (Amala badaa balleessuuf seerota kana faallaa godhi: Dhoksi, tuffatamaa godhi, ulfaataa godhi, fi of adabi) 7. Murtoo Raawwii Karooraa : Amala badaa ykn gaarii jijjiruuf karoorfatte , 'Yoom? eessatti? fi akkamitti?' akka raawwattu ifatti murteessi. Formulaa kana fayyadami:> "Ani amala [X] yeroo [SA'AATII] iddoo [BAKKAA]tti nan raawwadha. Fkn : Ani [Kitaaba dubbisu] sa'atii [10-11] ,[Library ] keessatti Nan raawadha. 8. Amaloota Walitti Firoomsuu (Habit Stacking) : Amala haarawa amala fiixaan baastee amaleeffatteetti dabalii maxxansiisi. Formulaa :> *"Erga [AMALA DURAAN AAMALEFFATTE] xumuree booda, battalumatti [AMALA HAARAWA] nan raawwadha. Fkn: Akka Hirribaa ka'een cal jedhee [Bilbila ilaaluu /Doomscroling] dhiiseen booda battalumatti , [Kitaaban dubbisa] 9. Haala Qabatama Naannoo kee Caalaa Onnee Qofatti Hin Rarra’in... Haalli naannoo keetii wanta keessatti aadaa fi amala kee bocu keessaa isa tokkoodha. Wanta gaarii hojjechuuf si gargaaru fuldura keetti qopheessi—wanta amala badaatti si geessu ammoo ija kee duraa dhoksi. Kutannoo qofaan amala jijjiiruun ulfaataadha waan ta'eef. 10. Wanta Barbaadduu fi Wanta Si Eeggamu Walitti Makuu Wanta raawwachuu barbaaddu fi wanta akka dabiitiitti si eeggamu walitti maki. Fakkeenyaaf, tapha kubbaa kan ilaaltu yeroo bishaan dhugdu/fiigicha gochuuf utaaltu qofa akka ta'u murteessi. 11. Seera Daqiiqaa 2 Amala haarawa yoo egaltu, daqiiqaa lamaa gad kan fudhatu akka ta'u taasisi. Fakkeenyaaf: "Kitaaba fuula 30 nan dubbisa" jettee daqiqa lama booda lafatti darbuu irra "Har'aaf Fuula tokko nan dubbisa" jedhii egali. Xumuri! 12. Jijjirama Amalaa: Amala badaa gaaridhaan Bakka buusuf , Amala gaariidhaaf daandii salphisi (fkn, uffata hojii irraa galgala qopheessi), amala badaaf ammoo daandii ulfeessi (fkn, bilbila kee siree kee irraa fageessi).

photo content