cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

نمایش بیشتر
فنلندة1 242زبان مشخص نشده استدین و مذهبی19 466
پست‌های تبلیغاتی
4 793
مشترکین
+524 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
+2930 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Photo unavailableShow in Telegram
رسالة اليوم Du'a الموت ATI YOOM DUUTA??? Ilmi namaa Kan uumameef addunyaa kanarratti Abad Haa taauufi miti. Yeroo beekkamaa fi barreeffamaa akkasumas murteeffamee debreef jiraataa jira. Gaafa guyyaan Suni gahe namuu irraa hin hafu ima deema. Duuti nama tokkoo addaan hin filattu, guddaa,xiqqaa, laafaa fi jabaa, qabaataa fi dhabaa, dhiiraaf durba, dargaggeessaaf jaarsa, mootummaa fi Kan biraa hin jettu. Tolaa fi badaa, arjaa fi doqna, hunda tokko tokkoon mana isaa qubachuuf jirti. Qorsi du'aa hojii gaarii hojjachuu dha. Namni jireenya isaa keessatti gaarummaa qabu, Kan namaafis tola oolu Dua booda ni gammada. Jiruu gabaabduu tanaaf jettee hojii badaa hin hojjatin, namatti badii hin yaadin, Rabbiin eeggadhu isa sodaadhu, isa gabbari of hin dagatin. Duuti barsiisaa cimaadha. Namni hiriyaa isaa, ollaa isaa, abbaa fi haadha isaa, ilma isaa Kan du'u argee irraa hin baratin maalirraa barata? Namni fakkaataa akka isaa kaayyoo fi karoora qabu Kan humnaa fi beekumsa qabu Dua isaa argu akkamitti of dagata?
نمایش همه...
AL- IKHLAAS •••••••••••••• ► Akhlaaqaa fi Adaba Salafootaa keessaa inni tokko beekumsaa fi dalagaa isaanii keessatti ikhlaasa qabaatuudha. Naa argaa fi Oftuulummaan isaan bira hin jirtu. Ergamaan Rabbii ﷺ “Rabbi dalagaa ikhlaasaan isaaf jecha fuula isaa barbaaduuf dalagamte malee hin qeebalu” jedhan Ibraahim Attaymii (rahiimahullaah) “ Namni Ikhlaasaan ibaadaa dalagu, akkuma badii isaa nama jalaa dhokfatutti toltuu isaallee, dhokfata” jedhe ► Ash Shaabii (Rahiimahullaah) “ Akhlaaqa Ulamaa’ii keessaa tokko, beekumsa takka yoo argatan itti dalagu. Takkuma dalagatti seenaniin, waan namni isaaniin jedhu dhiisanii biraa deemanii, ibaadaa isaanii qofa irratti xiyyeeffatu. Dalagaan isaanii tun nama jidduu akka dhabaman isaan taasifti. Kanaaf namni isaan barbaacha deema. Namni isaan barbaadaa jiraachuu isaa yoo beekan, fitnaa isaan mudachuu danda’u sodaaf ka’anii baqatu” jedhe. (fitnaan as biratti ibsamte; ummanni dalagaa isaanii ilaalee waan isaan faarsuuf, faaruu san dheeysan) ► Fudeeyl ibn Iyaad (rahiimahullaah) “ Ulamaa’ii ykn ammoo aabida yoo toltuun isaa aangawootaa fi ilma namaa duratti himamuuf gammachuun itti dhagahamu, warra naa argaa barbaadu malee, warra Rabbiif jecha hojjatanii miti” jedhe. ► Yaa Obbolewwan Aakhiraa Hundi keenyayyuu jannata Kajeella, Jannata arkachuuf ammoo ibaadaa teenya haala gaariin qulqulleessinee dalagachuu qabna. Faaruun namaa, homaa nuuf hin fayyadu. Inumaayyuu miindaa argachuudhaa mallu nurraa balleessa. Kanaaf akkuma nama badii dhokfatutti, yeroo toltuu dalagnus haa dhoyfannu. Sadaqaan nuti goonu, Rabbii fi nu jidduu qofa haa jiraatu. Soomanaa fi Ibaadaa cufa isaatuu Rabbii keenyarraa miindaa kajeelaa haa hojjannu. Yoo san milkooyna. Rabbi nama Isaaf jecha dalagaa Hunda Ikhlaasaan hojjatu nu haa godhu. © Abdallaah https://t. Me/derajemea
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
'Torban tokko keessatti Filisxeemonni 450,000 magaalaa Raafaa keessaa baqatan'- UN Haala Gaazaan keessa jirtu bal'inaan dubbisuuf; 👉👉 https://t.me/derajeama
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Tan Kabajamuu Qabdu Haadha Malee Guyyaa Miti •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Rabbiin haadhaa fi abbaa keenyatti akka tola oollu nu ajaje. Haadhaa fi abbaa keessanitti tola oolaa nuun jahe Malee amata keessaa Guyyaa tokko haadhaaf kabajaa nuun hin Janne. Guyyaa Haadha kabajuun aadaa nama Islaamaatii miti. Faranjiin Haati Isaanii Yeroo dulloomte mana manguddootti firraa galchanii amata keessaa Guyyaa kana dhaqanii isii laalan. Hedduutu jira kan haadha quba hin qabne, kan haati isaa osoo dharraa isaatiif boochuu duutu. Nuti guyyaan Hundi Nuuf Guyyaa haadhaati Haadha teenya Yeroo Hunda ni kabajna Haadha teenya Yeroo Hunda ni tajaajilanna. Haadha Malee Guyyaa Haadhaa hin kabajna Rabbiin haadha teenya Hunda Umrii Nuuf Haa dheereessu. Warra du’ees jannataan Isaan Haa Qananiisu. By: Abdallaah
نمایش همه...
ERGAMAAN RABBII ﷺ WAA 4 IRRAA MAGANFATAN !!! ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1. ilmii Nama hin Fayyanne 2. Qalbii Rabbi hin sodaanne 3. Lubbuu hin quufne 4. Du'aa'ii qeebaltii hin qabne 1. Ilmii Nama hin fayyanne jechuun; Ta halaalii fi Haraam addaan baaftee irraa ittiin of hin eegne Aalima Jechuun Nama Halaalii fi Haraam beekee Sunnaa Nabi Muhammad ﷺ hordofe 2. Qalbii Rabbi hin Sodaanne jechuun ta Osoo beeytuu hamtuu dalagdu Qaanfii Rabbii ta dhabde jechuudha Saniif Rabbiin aangoo guddoo qalbiif kennee Rasuulli ﷺ akkana ja'an Hogguu isiin tolte qaamni hundi tolte hogguu isiin badde qaaamni hundi badde Saniif Ergamaan Rabbii akkana ja'an "YAA MUQALLIBAL QULUUB SABBIT QALBII ALA DIINIKA" Ja'an qalbiin tun harka Rabbii jirtii akka fedhetti garagaggalch 3. Lubbuun hin quufne duraanuu lubbuun ilma namaa bololtuu haala taateen Uumamte saniif walitti qabi hin baasinii JettiGalata galchuu dhiiftee 4. Du'aa'ii qeebaltii hin qabne Du'aa'ii wanni qeebaluu dhoorku waa 3 1. Haraam nyaatuu 2. Haraam Uffachuu 3. Kijibuudha Du'aa'iin goflaa 2 qabdi Halaal nyaatuu fi Dhugaa dubbatuu dha Saniifuu Rabbiin Rahmata isaa nama godheef hulaa khadhaa banaaf Rabbiin hulaa Rahmataa nuuf haa banu Amrii Addunyaa fi Akhiraa Hunda Rabbiin nuuf haa laaffisu By: Abdallaah https://t.me/derajemea
نمایش همه...
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

Robert Mugaabee ▬▬▬▬▬▬▬▬ ⩩ "Guyyaa mindaan siif kenname foon lukkuu nyaatta; ⩩ Gaafa mindaan sun xiqqoo hir'atte immoo oomisha lukkuu (hanqaaquu) nyaatta; ⩩ Yoo mindaan kee xiqqaachaa dhufu immoo nyaata lukkuun nyaattu (boqqolloo, mishingaafaa...) nyaatta ⩩ Yeroo mindattiin dhumtu, immoo atumti mataan kee lukkuu taatee oliif gadi deemtee yeroo kee fixxa!"😁 https://t.me/derajemea
نمایش همه...
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

Ergaa bareeda Gurbaan Soressi tokko foddaa isaatin gad lalaa osoo jiru iddoo inni kosii(qushasha) itti kusuutti namticha hiyyeessa tokko argee, akkana jadhee "galatomi yaa Rabbi an hiyyeessa miti". Namtichi hiyyeessi kunis otuma nannoo Isaa kana gamana gamas ilaala deema jiruu, gurbaa uffataa malee qullaa amala fokkotaa agarsiisa dandii irra oli fi gaad fifiigu arge akkana jadhee "galatoomi yaa Rabbi ani maraata miti" Gurbaan maraatan kunis otuma dandii irra demuu konkolaa ambulaansi kan dukkubsata yabbatee figuu argee akkana jadhee "galatomi yaa Rabbi ani fayyaan qaba". Dhukkubsataan kunis namoota hospitaala kessatti du'anii reefka isaani gara alaatti gad basaa jiran ilaale akkana jadhee "yaa Rabbi galatomi ani hin dunee jirachaan jira". Nama du'e qofaatu Rabbiif Galata galchuu hin dandeenye. Maliif Rabbi kee hin galatomfanne wan inni sitti argoome fi guyyaa biraa bareeda arguf kan kennaa jiruu sif kanneef. Jireenyi maali? Jireenyi kun akka hikni Isaa sif galuu yoo barbadde idoo armaan gadii 3 kana deem. 1. Hospitaala 2. Mana hidhaa (sirreesaa) 3. Iddo awaalcha(qabrii) Hospitaalatti, wanni tokkollen fayyaa caala akkaa garii hin tane huubatta. Mana hidhaa(sirreessa) itti, walabummaan halaan barbaachisa akka ta'e huubatta. Iddoo awaalchatti(qabrii), dacheen ati arra milaan irra deema jirtu kun boru akka qorqorroo kee ta'e dhugoomsatta. Dhugaa Gaddaa: nu Marti wan tokko malee dhufne akkasumatti wan tokko malee demuuf tenna.... Kanafuu yeroo mara mataa kee gad qabi Rabbiif Galata galchii. Rabbiin umaa Isaa Mara ni jaalata kuni dhugaa. #share fi #like godhuun hiriyoota kessan afeera akka qooda nurraa fudhatan. 🖤❤️☁️ https://t.me/derajemea
نمایش همه...
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

IIMAANA SALAFOOTA KEENYAA •••••••••••••••••••••••••••••••••• Seenaawwan kuni Qalbii gooydeef dawaa ni ta'a !! Aalimni guddaan Imaam Ibnul Jawziin ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ kitaaba isaa ( ﺍﻟﻤﺪﻫﺶ) ykn dhamaasaa kan je'amu keessatti :" Osoo sammuun tee kan qulqullooftee waa hubatuu dandeessee...Silaa wanti hundi gorsa qaba...Wanti uumame hundi kuun si hawwisiisa...ykn si sodaachisa...jechuun: Oo'ii yeroo bonaa ...oo'aa ibiddi jahannam si yaadachiisa...Qorri yeroo gannaa ...qorra laga jahannam (_zamhariiraa_) siyaadachiisa...". Je'an.. Mee seenaa isaanii irraa gabaabsinee haa laalluu.... Gaafa tokko Hasan Albasrii ﻋﻠﻴﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﺍﻟﻠﻪ osoo masjida keessa taa'u akka malee butamee hafuura baafatee iyyee booyee". Maaf boossa..Yaa Hasan !" je'aniin... "Yaa jarana ! Osoo ani quba hin qabne du'ee yoo boru jahannam keessatti lafti natti bariite akkam ta'a...?!! Je'ee yaade..". Je'een ... Ummata dabre keessaa Salafni tokko osoo mataa dhiqataa jiru.._Bishaan suni oo'aa ture._ Bishaan kuni akka malee mataa gubnaan...Imimmaan gadi naqee gadi taa'ee booyee...Aayata tana yaadate.. ) ﻳﺼﺐ ﻣﻦ ﻓﻮﻕ ﺭﺀﻭﺳﻬﻢ ﺍﻟﺤﻤﻴﻢ .. ) (Warra ibiddaa) gubbaa mataa isaaniitiin bishaan hamiim itti bubuufaama...". Tan jettu yaadatee booye... Salafa dabran keessaa Tokko osoo magaalaa keessa deemu foon waddamuutti jiru argee dhaabatee booye... Namtichi foon waddu:" Maaltu si boochise..? Moo ati foonitti haajaa qabda..? Je'een... Salaftichi:" Lakki...Ilmaan aadamtu garaa na nyaate...Beeylada erga du'ee of wallaalee fuudhanii waddan...Ilmaan aadam ammoo osoo inni jiru fuudhanii ibidda jahannam keessa ciibsan..je'ee booye !!" je'ee... Allaahu Akbar..Allaahu Akbar Ijoollee salafa dabranii keessaa tokko...Osoo harmeen isaa ibidda qabsiiftu bira dhaabatee hargufamee booye...Harmeen isaa dinqisiifattee..." Mucaa maaltu si boochise..?! Jetteen.." Harmee tiyya ! Amma Wayta ibidda qabsiiftu...Qoraan ykn muka gurguddaa dura xixiqqaan qabsiisuu eegalte...Nullee warra gurguddaa dura nuhii xixiqqaa kana way ibiddatti nu guuranii je'ee booye...!!!". Je'een... Yaa Rabbi ! Akka qalbii jaraa iimaanaa jiiftetti qalbii teenyallee nuuf jiisi....Dura waan qalbii gooysaa irraa nu fageessi. By: Abdallaah https://t.me/derajemea
نمایش همه...
Nama Rabbi Sodaatu Rabbiin (S.W) Waa 4 Isaaf Taha !! ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1: Kharaa furmaataa isaaf godha 2: Amrii isaa isaaf laaffisa 3: Dilii isaa isaaf dhiisa/Maara 4: Sawaaba isaa isaaf guddisa Namni Waa 4 Dalage isaaniif nageenyi tahaadha isaan warra Qajeelerraahi 1: Nama kennaa argate irratti galata galchu 2: Mokkoramee/Balaa adda addaa itti buutee Obse 3: Nama nama Miidhee Araarama gaafate 4: Nama ofii Miidhamee Dhiifama Namaaf godhee Namni waa 4 dalage Imaanni isaa guutame 1: Rabbiif jecha jaalachuu 2: Rabbiif jecha jibbuu 3: Rabbiif jecha kennaa kennachuu 4: Rabbiif jecha Dhoowwachuu Waa 4 Sabachiiftuu/Raggaasiftuu Jannataa ti 1: Nyaata Nyaachisuu 2: Salaamtaa facaasuu 3: Jecha/Haasawa toluu 4: Salaata Halkanii dhaabbachuu Namni 4 jannata hin seenu 1: Doqna/Doyna 2: Ganaa Namaa / Nama Baaylama diigu 3: Mootii Ummatatti Hamtuu yaadu 4: Nama Horii walitti qabee Haqa isaa irraa hin baafne Inshaa Allaah Rabbiin Toowfiiqa Nuuf haa khennu Yaqiina Dhugaa san Rabbiin nuuf haa kennu. https://t.me/derajemea
نمایش همه...
#Kutaa_12ffaa Guyyaan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa ifoomeera. Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Adoolessa 3 hanga 5tti barattoota saayinsii hawaasaa; Adoolessaa 9 hanga 11/2016tti barattoota saayinsii uumamaaf toora interneetii fi waraqaan Yuunivarsitii keessatti akka kennamu ibsame. Barattoonni saayinsii hawaasaa waraqaa irratti qoraman waxabajjii 30 hanga Adoolessa 01, 2016tti, Barattoonni saayinsii uumamaa ammoo Adoolessa 6 hanga 7, 2016tti mooraa ni seenu. https://t.me/derajemea
نمایش همه...
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot