cookie

Мы используем файлы cookie для улучшения сервиса. Нажав кнопку «Принять все», вы соглашаетесь с использованием cookies.

avatar

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

Больше
Рекламные посты
4 792
Подписчики
-324 часа
+197 дней
+3630 дней

Загрузка данных...

Прирост подписчиков

Загрузка данных...

Tan Kabajamuu Qabdu Haadha Malee Guyyaa Miti •••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Rabbiin haadhaa fi abbaa keenyatti akka tola oollu nu ajaje. Haadhaa fi abbaa keessanitti tola oolaa nuun jahe Malee amata keessaa Guyyaa tokko haadhaaf kabajaa nuun hin Janne. Guyyaa Haadha kabajuun aadaa nama Islaamaatii miti. Faranjiin Haati Isaanii Yeroo dulloomte mana manguddootti firraa galchanii amata keessaa Guyyaa kana dhaqanii isii laalan. Hedduutu jira kan haadha quba hin qabne, kan haati isaa osoo dharraa isaatiif boochuu duutu. Nuti guyyaan Hundi Nuuf Guyyaa haadhaati Haadha teenya Yeroo Hunda ni kabajna Haadha teenya Yeroo Hunda ni tajaajilanna. Haadha Malee Guyyaa Haadhaa hin kabajna Rabbiin haadha teenya Hunda Umrii Nuuf Haa dheereessu. Warra du’ees jannataan Isaan Haa Qananiisu. By: Abdallaah
Показать все...
ERGAMAAN RABBII ﷺ WAA 4 IRRAA MAGANFATAN !!! ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1. ilmii Nama hin Fayyanne 2. Qalbii Rabbi hin sodaanne 3. Lubbuu hin quufne 4. Du'aa'ii qeebaltii hin qabne 1. Ilmii Nama hin fayyanne jechuun; Ta halaalii fi Haraam addaan baaftee irraa ittiin of hin eegne Aalima Jechuun Nama Halaalii fi Haraam beekee Sunnaa Nabi Muhammad ﷺ hordofe 2. Qalbii Rabbi hin Sodaanne jechuun ta Osoo beeytuu hamtuu dalagdu Qaanfii Rabbii ta dhabde jechuudha Saniif Rabbiin aangoo guddoo qalbiif kennee Rasuulli ﷺ akkana ja'an Hogguu isiin tolte qaamni hundi tolte hogguu isiin badde qaaamni hundi badde Saniif Ergamaan Rabbii akkana ja'an "YAA MUQALLIBAL QULUUB SABBIT QALBII ALA DIINIKA" Ja'an qalbiin tun harka Rabbii jirtii akka fedhetti garagaggalch 3. Lubbuun hin quufne duraanuu lubbuun ilma namaa bololtuu haala taateen Uumamte saniif walitti qabi hin baasinii JettiGalata galchuu dhiiftee 4. Du'aa'ii qeebaltii hin qabne Du'aa'ii wanni qeebaluu dhoorku waa 3 1. Haraam nyaatuu 2. Haraam Uffachuu 3. Kijibuudha Du'aa'iin goflaa 2 qabdi Halaal nyaatuu fi Dhugaa dubbatuu dha Saniifuu Rabbiin Rahmata isaa nama godheef hulaa khadhaa banaaf Rabbiin hulaa Rahmataa nuuf haa banu Amrii Addunyaa fi Akhiraa Hunda Rabbiin nuuf haa laaffisu By: Abdallaah https://t.me/derajemea
Показать все...
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

Robert Mugaabee ▬▬▬▬▬▬▬▬ ⩩ "Guyyaa mindaan siif kenname foon lukkuu nyaatta; ⩩ Gaafa mindaan sun xiqqoo hir'atte immoo oomisha lukkuu (hanqaaquu) nyaatta; ⩩ Yoo mindaan kee xiqqaachaa dhufu immoo nyaata lukkuun nyaattu (boqqolloo, mishingaafaa...) nyaatta ⩩ Yeroo mindattiin dhumtu, immoo atumti mataan kee lukkuu taatee oliif gadi deemtee yeroo kee fixxa!"😁 https://t.me/derajemea
Показать все...
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

Ergaa bareeda Gurbaan Soressi tokko foddaa isaatin gad lalaa osoo jiru iddoo inni kosii(qushasha) itti kusuutti namticha hiyyeessa tokko argee, akkana jadhee "galatomi yaa Rabbi an hiyyeessa miti". Namtichi hiyyeessi kunis otuma nannoo Isaa kana gamana gamas ilaala deema jiruu, gurbaa uffataa malee qullaa amala fokkotaa agarsiisa dandii irra oli fi gaad fifiigu arge akkana jadhee "galatoomi yaa Rabbi ani maraata miti" Gurbaan maraatan kunis otuma dandii irra demuu konkolaa ambulaansi kan dukkubsata yabbatee figuu argee akkana jadhee "galatomi yaa Rabbi ani fayyaan qaba". Dhukkubsataan kunis namoota hospitaala kessatti du'anii reefka isaani gara alaatti gad basaa jiran ilaale akkana jadhee "yaa Rabbi galatomi ani hin dunee jirachaan jira". Nama du'e qofaatu Rabbiif Galata galchuu hin dandeenye. Maliif Rabbi kee hin galatomfanne wan inni sitti argoome fi guyyaa biraa bareeda arguf kan kennaa jiruu sif kanneef. Jireenyi maali? Jireenyi kun akka hikni Isaa sif galuu yoo barbadde idoo armaan gadii 3 kana deem. 1. Hospitaala 2. Mana hidhaa (sirreesaa) 3. Iddo awaalcha(qabrii) Hospitaalatti, wanni tokkollen fayyaa caala akkaa garii hin tane huubatta. Mana hidhaa(sirreessa) itti, walabummaan halaan barbaachisa akka ta'e huubatta. Iddoo awaalchatti(qabrii), dacheen ati arra milaan irra deema jirtu kun boru akka qorqorroo kee ta'e dhugoomsatta. Dhugaa Gaddaa: nu Marti wan tokko malee dhufne akkasumatti wan tokko malee demuuf tenna.... Kanafuu yeroo mara mataa kee gad qabi Rabbiif Galata galchii. Rabbiin umaa Isaa Mara ni jaalata kuni dhugaa. #share fi #like godhuun hiriyoota kessan afeera akka qooda nurraa fudhatan. 🖤❤️☁️ https://t.me/derajemea
Показать все...
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

IIMAANA SALAFOOTA KEENYAA •••••••••••••••••••••••••••••••••• Seenaawwan kuni Qalbii gooydeef dawaa ni ta'a !! Aalimni guddaan Imaam Ibnul Jawziin ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ kitaaba isaa ( ﺍﻟﻤﺪﻫﺶ) ykn dhamaasaa kan je'amu keessatti :" Osoo sammuun tee kan qulqullooftee waa hubatuu dandeessee...Silaa wanti hundi gorsa qaba...Wanti uumame hundi kuun si hawwisiisa...ykn si sodaachisa...jechuun: Oo'ii yeroo bonaa ...oo'aa ibiddi jahannam si yaadachiisa...Qorri yeroo gannaa ...qorra laga jahannam (_zamhariiraa_) siyaadachiisa...". Je'an.. Mee seenaa isaanii irraa gabaabsinee haa laalluu.... Gaafa tokko Hasan Albasrii ﻋﻠﻴﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﺍﻟﻠﻪ osoo masjida keessa taa'u akka malee butamee hafuura baafatee iyyee booyee". Maaf boossa..Yaa Hasan !" je'aniin... "Yaa jarana ! Osoo ani quba hin qabne du'ee yoo boru jahannam keessatti lafti natti bariite akkam ta'a...?!! Je'ee yaade..". Je'een ... Ummata dabre keessaa Salafni tokko osoo mataa dhiqataa jiru.._Bishaan suni oo'aa ture._ Bishaan kuni akka malee mataa gubnaan...Imimmaan gadi naqee gadi taa'ee booyee...Aayata tana yaadate.. ) ﻳﺼﺐ ﻣﻦ ﻓﻮﻕ ﺭﺀﻭﺳﻬﻢ ﺍﻟﺤﻤﻴﻢ .. ) (Warra ibiddaa) gubbaa mataa isaaniitiin bishaan hamiim itti bubuufaama...". Tan jettu yaadatee booye... Salafa dabran keessaa Tokko osoo magaalaa keessa deemu foon waddamuutti jiru argee dhaabatee booye... Namtichi foon waddu:" Maaltu si boochise..? Moo ati foonitti haajaa qabda..? Je'een... Salaftichi:" Lakki...Ilmaan aadamtu garaa na nyaate...Beeylada erga du'ee of wallaalee fuudhanii waddan...Ilmaan aadam ammoo osoo inni jiru fuudhanii ibidda jahannam keessa ciibsan..je'ee booye !!" je'ee... Allaahu Akbar..Allaahu Akbar Ijoollee salafa dabranii keessaa tokko...Osoo harmeen isaa ibidda qabsiiftu bira dhaabatee hargufamee booye...Harmeen isaa dinqisiifattee..." Mucaa maaltu si boochise..?! Jetteen.." Harmee tiyya ! Amma Wayta ibidda qabsiiftu...Qoraan ykn muka gurguddaa dura xixiqqaan qabsiisuu eegalte...Nullee warra gurguddaa dura nuhii xixiqqaa kana way ibiddatti nu guuranii je'ee booye...!!!". Je'een... Yaa Rabbi ! Akka qalbii jaraa iimaanaa jiiftetti qalbii teenyallee nuuf jiisi....Dura waan qalbii gooysaa irraa nu fageessi. By: Abdallaah https://t.me/derajemea
Показать все...
Nama Rabbi Sodaatu Rabbiin (S.W) Waa 4 Isaaf Taha !! ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1: Kharaa furmaataa isaaf godha 2: Amrii isaa isaaf laaffisa 3: Dilii isaa isaaf dhiisa/Maara 4: Sawaaba isaa isaaf guddisa Namni Waa 4 Dalage isaaniif nageenyi tahaadha isaan warra Qajeelerraahi 1: Nama kennaa argate irratti galata galchu 2: Mokkoramee/Balaa adda addaa itti buutee Obse 3: Nama nama Miidhee Araarama gaafate 4: Nama ofii Miidhamee Dhiifama Namaaf godhee Namni waa 4 dalage Imaanni isaa guutame 1: Rabbiif jecha jaalachuu 2: Rabbiif jecha jibbuu 3: Rabbiif jecha kennaa kennachuu 4: Rabbiif jecha Dhoowwachuu Waa 4 Sabachiiftuu/Raggaasiftuu Jannataa ti 1: Nyaata Nyaachisuu 2: Salaamtaa facaasuu 3: Jecha/Haasawa toluu 4: Salaata Halkanii dhaabbachuu Namni 4 jannata hin seenu 1: Doqna/Doyna 2: Ganaa Namaa / Nama Baaylama diigu 3: Mootii Ummatatti Hamtuu yaadu 4: Nama Horii walitti qabee Haqa isaa irraa hin baafne Inshaa Allaah Rabbiin Toowfiiqa Nuuf haa khennu Yaqiina Dhugaa san Rabbiin nuuf haa kennu. https://t.me/derajemea
Показать все...
#Kutaa_12ffaa Guyyaan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa ifoomeera. Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Adoolessa 3 hanga 5tti barattoota saayinsii hawaasaa; Adoolessaa 9 hanga 11/2016tti barattoota saayinsii uumamaaf toora interneetii fi waraqaan Yuunivarsitii keessatti akka kennamu ibsame. Barattoonni saayinsii hawaasaa waraqaa irratti qoraman waxabajjii 30 hanga Adoolessa 01, 2016tti, Barattoonni saayinsii uumamaa ammoo Adoolessa 6 hanga 7, 2016tti mooraa ni seenu. https://t.me/derajemea
Показать все...
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

••• BAGUMA JANNANNII HARKA KEE HIN TAHIN ALHAMDULILLAH••• Seenaa Barsiiftuu Kana Dubbisuun #SHARE Godhaa Ollaa Imaama Beekamaa Abu Haniifa Jedhamu Namticha macha'aa Tokko tu Ture Imaamni Kun Namticha Kana Nii Gorsa Nii Gorsa Dhaga'uu Hin Dandeenye Isaanis Gorsani Dadhabanii Itti Dhiisan Guyyaa Tokko Halkan Akka Tasaa Ulaan Imaama Abu Haniifa Rukutame Yeroo Ulaa Irraa Banan Haadha Warraa Namticha macha'aa Ollaa Isaanii Argan Isheenis Akkana Jette: "Yaa Abu Haniifa Abbaan Warraa Koo Du'ee Jira Salaata Janaazaa Irratti Naaf Salaata" Jettee Gaafatte Isaanis "Nama Kamrii Dhugee Machaa'u Irratti Hin Salaatu" Jedhanii Didan Guyyoota Muraasa Booda Abu Haniifan ABJUUN/MANAAMAN Namicha Kana Bakka Miidhagduu Taate Keessatti Osoo Inni Bashannanuu Argan Jannata Keessa Tahu Isaa Baran Namtichi Kunis Abuu Hanifa Dhan Akkana Jedhe " BAGUMA JANNANNI HARKA KEE HIN TAHIN ALHAMDULILLAH" Jedhe Abuu Haniifanis Ganama hirriba Irra Dammaqanii Gara Haadha Warraa Namticha Kanaa Deemun Abbaa Warraan Kee Addunyaa Irra Gaafa Ture Maal Dalagaa Ture Jedhanii Gaafatan Haati Warraa Namtichaas Akkana Jette "Baayyinaan Dalagaa Addaa Qabaachuu Dhabus Garuu Guyyaa Jummu'aa Yeroo Mara Yatiima Ganda Keenyaa Walitti Qabuun Nyaachisaa Bo'aa Mataa Yatiimota Kanneenii Qaqqabaafi Ture" Jette Kana Booda Abu Hanifan Baayyee Gaddanii Akkana Jedhan Sababa Hojii Kanaaf Rabbiin Jannata Kenneef Tahuu Mala" Jedhan Kana Booda Imaamni Kun Akkana Jechuun Uummata Gorsuu Jalqaban: "Abaluun Badii Hojjeta Jettanii Maqaa Wal Hin Balleessinaa Walis Hin Arrabsina Rabbiin Hojii Inni Ittiin Jannatatti Nu Naqu Hin Beektanii" √ Dhuguma Baguma Jannanni Harka Namaa Hin Tahin #ALHAMDULILLAH ®Barruulee Nuti Maxxansinu Saffisaan Akka Isin Qaqqabaniif #Like_Share Godha Join https://t.me/derajemea
Показать все...
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

SALAATA •••••••••• Hin hifatinii Obsaan naaf dubbisi si fayyadaa ==> Dirqama RABBII kiyyaa. ==> Dhaamsa nabiyyii kiyyaa S A W. ==> Mullistuu amantii tiyyaa. ==> Mirkaneeysituu eenyummaa kiyyaa. ==> Dasii ija tiyyaa. ==> Gammachuu lubbuu tiyyaa. ==> Dhiiyxuu dilii tiyyaa. ==> Ibsituu qabrii tiyyaa. ==> Raahaa lahdii tiyyaa. ==> Nuura qalbii tiyyaa. ==> Bareechituu fuula kiyyaa. ==> Fayyaa qaama kiyyaa. ==> Toolchituu haalaa fi amala kiyyaa. ==> Tasgabbeeysituu sammuu tiyyaa. ==> Eyduu nagaya kiyyaa. ==> Faaya jiruuf jireenya kiyyaa. ==> Ballistuu rizqii tiyyaa. ==> Qulqulleeysituu Qaama kiyyaa. ==> Hariiroo anaa fi RABBII kiyyaa. ==> Qulfii jannataa. ==> Rakkataaf furmaata. ==> Gammachiiftuu cinqataa. ==> Laaffiftuu waan jabaataa. ADARAA ADARAA HIN LAAFFISIN, HIN XIQQEYSIN, HIN LAKKISIN, HIN DHIISIN, HIN TUFFATIN, HIN DAGATIN, HIN HIFATIN, HIN JIBBIN, BOODATTI HIN AANSIN, YAROON SALAATI, JABEEYSI, JABEEYSI !!! yaa RABBI warra saalatni isaani irraa qeebalmtu nu taasiisi. Yaa RAHMAAN salaataan jiruu teenya nuuf bareechi. Aaaaamiiiiin ... Aaaamiin .. Habiibii kiyya !! Obboleeyyan keetiif SHARE Gootu malee bira hin dabrin !! https://t.me/derajemea
Показать все...
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

✅Assalamualaikum Warahmatullahi Wabarakatuhu✅ ➡️Sagantaa da'awaa fii eebbaa barnoota Diinii masjiida Nasriittii gaggeefameera. Jama'aan Dargaggoota Muslimaa Magaala Dheeraa fii hawaasni naanno masjiida Nasrii sagantaa bareeda haalan addaa fii hawwata ta'e akkasumas eebbaa Hawwota fii Dubartoota guyya har'aa taasisee jira. ➡️Sagantaa kana irrattii hawwota fii dubartoonni naannoo masjiida nasrii Ji'a ramadaana darbe kana keesaatti Arkaana, Shuruuxa, fii Waajibata salaata akkasumas barnoota diinii irrattii xiyyeefate haala nama ajaa'ibsiisun baratanii guyyaa har'a eebbifamaniiru akkasumas haawwota kana faana bu'uudhan akka barnoota kanarraa duubattii hin deebinee akkasumas hawwota fii dubartoota 140 tahan barsiisuudha guyya har'a kan eebbiisisan sheeka Aadam H/Qaasim yommu tahan. ➡️Sagantaa kana irrattii argamuudhan saganticha kan nuuf bareechisan imaamonni masjiida magaala dheeraa, she muhammad haafiza, she Ibraahim Mohammed, she Eliyaas, she Jawaar Ahmad akkasumas gama dubartootatiin Hawwaa she xaahir fii barsiiftu Na'iima saganta kana irrattii argamaniiru. ➡️Jama'aan Dargaggoota muslimaa magaala dheeratis sagantaa bareeda fii nama gammachiisa tahe kana jalqaba hanga xumuratti haala mijata taheen gaggeessera akkasumas waraqaa ragaa fii badhaasa hawwota 15niif, sheeka hawwota kana barsiisanii asiin gahan fii imaama masjiida nasriitif kennee jira. ➡️Sagantaa kana irrattis gargaarsa masjiida nasriitif hawaasa naannoo, keessumoota afferaman irraa qarshii 100,000(kuma dhibbaa) ol tahu fii lafa kaaree 400 walitti qabamee jira. ➡️Jama'aan Dargaggoota muslimaa magaala dheeraa fii hawaasni naannoo masjiida nasrii Gamanumaan hawasa naannicha, Imaamota, hawwota fii dubartoota, dargagoota masjiida nasrii, miseensota jama'aa saganta kana irratti hirmatan galateeffateera. https://t.me/derajemea
Показать все...
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot