fa
Feedback
Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

رفتن به کانال در Telegram

Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

نمایش بیشتر

📈 تحلیل کانال تلگرام Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

کانال Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa (@ojcvbureau) بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 17 941 مشترک است و جایگاه 11 155 را در دسته آموزش و رتبه 261 را در منطقه فنلندة دارد.

📊 شاخص‌های مخاطب و پویایی

از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 17 941 مشترک جذب کرده است.

بر اساس آخرین داده‌ها در تاریخ 11 ژوئیه, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر -95 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر 0 بوده و همچنان دسترسی گسترده‌ای حفظ شده است.

  • وضعیت تأیید: تأیید نشده
  • نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 12.83% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 6.14% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب می‌کند.
  • دسترسی پست‌ها: هر پست به طور میانگین 2 301 بازدید دریافت می‌کند. در اولین روز معمولاً 1 102 بازدید جمع‌آوری می‌شود.
  • واکنش‌ها و تعامل: مخاطبان به‌طور فعال حمایت می‌کنند؛ میانگین واکنش به هر پست 3 است.

📝 توضیح و سیاست محتوایی

نویسنده این فضا را محل بیان دیدگاه‌های شخصی توصیف می‌کند:
Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

به لطف به‌روزرسانی‌های پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 12 ژوئیه, 2026)، کانال همواره به‌روز و دارای دسترسی بالاست. تحلیل‌ها نشان می‌دهد مخاطبان به‌طور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته آموزش تبدیل کرده‌اند.

17 941
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+107 روز
-9530 روز
آرشیو پست ها
Dorgommii Dhaweeyyii Oromiyaa Marsaa 1ffaa Torbee 1ffaa. Jimaata galgala yeroo hunda sa'aatii 3:00 irraa eegalee akkasumas, Irra deebiin Sambata Duraa waaree booda tamsaasa kallattiin OBN irratti ni dhiyaata. Hordofaa yaada keessan gumaachaa, dorgomtootas jajjabeessaa. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Kilaastarri Kolleejjii Poolii Teeknika Jimmaa leenjifamtoota ogummaalee garaagaraatiin leenjisaa ture 2,035 eebbisiise. Adoolessa 04, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kilaastarri Kolleejjii Poolii Teeknika Jimmaa leenjifamtoota ogummaalee garaagaraatiin leenjisaa ture 2,035 guyyaa har'aa sirna ho'aan eebbisiisee jira. Diiniin Koolleejjii Poolii Teeknikaa Jimmaafi Walitti Qabaan Kolleejjota Kilaastara Jimmaa obbo Muhaammad Abdallaa, sagantaa kanarratti Kolleejjonni Poolii Teeknikaa 5, Kolleejjotni BLTO 12 fi dhaabbilern leenjii 6 magaalaa Jimmaa, godina Jimmaafi magaalaa Aggaaroo irraa walitti dhufan waliigala eebbifamtoonni sektaraalee gurguddoo shaniin leenji'aa turan dhiira 995 fi dubara 1,040 waliigala leenjifamtoonni 2,035 eebbaaf dhiyeessuu ibsaniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godina Jimmaa Obbo Yaziid Abbaagaroo, mootummaan ogeessa sadarkaa garagaraatti leenji'ee dinagdee biyyaa keessatti hirmaannaa cimaa taasisuu danda'an leenjisuu irratti argamuu himaniiru. Bulchaan Bulchiinsa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir sirnicharratti argamuun dhaamsa dabarsaniin, mootummaan jijjiiramaa barnootaafi teknoloojii akkasumas dinagdee cimaafi sirna cimaa ijaaruu irratti xiyyeeffatee hojjataa jiraachuu ibsanii, dargaggoonni guyyaa har'aa eebbifaman ogummaa gonfataniin hawaasa isaanii tajaajiluun dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Qophiin kun Sagantaa "Hojiifi Ogummaa" Walta'iinsa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa fi OBN'tiin torbanitti yeroo tokko guyyaa Kamisaa galgala sa'aatii 2:40 irraa eegalee dhiyaatudha. Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti hojiilee sagantaa piroojektii Biqaatiin hojjetamananiin bu'aalee galmaa'an irratti kan xiyyeeffate. Bara 2018.

Sagantaa "Hojiifi Ogummaa" Walta'iinsa BCHUOO fi OBN'tiin torbanitti yeroo tokko Raadiyoo OBN tiin guyyaa kamisaa sa'a 6:40 hanga sa'a 7:00 tti muuxannoo waldaalee magaalaa Bishooftuu kutaa magaalaa Dukamtu isinii dhiyyaata. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Sagantaa Jalqabsiisa Dorgommii "Dhaweeyyii Oromiyaa"

Diinagdee amansiisaa hawaasni bal'inaan irraa fayyadamu ijaaruuf dhaweeyyii rakkoo gara carraatti jijjiiruu danda’an  qulqullinaafi baay'inaan horachuun murteessaadha" Injinar Eebbaa Garbaa. Waxabajjii 30, 2018(Komn.BCHUOO)- sirni Jalqabsiisa Dorgommii Dhaweeyyii Oromiyaa Qindoomina Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa, Inistitiyuutii Misooma Intarpiruunarshiippii Itoophiyaa, Oromiyaa Biroodkaastiingi Neetwoorkii fi Ethio Telecom waliin qopheessan gaggeeffame.   kaayyoo dorgommicha kan ibsan hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Injinar Eebbaa Garbaa, Naannoo Oromiyaatti qor-qalbii yaada daldalaafi kalaqaa dagaagsuun diinagdee amansiisaa hawaasni bal'inaan irraa fayyadamu ijaaruuf mootummaan xiyyeeffannoo guddaa kennee hojii hojjechaa jiruun dhaweeyyii rakkoo gara carraatti jijjiiruu danda’an qulqullinaafi baay'inaan horachuun murteessaadha jedhan. Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaas karoora gama kanaan qabame milkeessuuf hojimaata dhaweeyyiin ittiin horataman diriirsuufi qooda fudhattoota sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojii hojjechaa jiruun jalqabbii gaarii jiraachuu kan ibsan injiner Eebbaan, galma akka mootummatti gama kanaan qabame milkeessuuf waldorgommii kanaan dhaweeyyii yaada daldalaafi Kalaqaa qaban gara hojitti geeddaruun hojii uummachuun cinatti oomisha alaa galu biyyya keessatti bakka buusuufi oomisha alergee guddisuu irratti hirmaan baayinaan horachuun ijaarsa diinagdee damdaneessa milkeessuu keessatti qooda guddaa akka bahatan dandeessisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan. Bakka bu'aan Daarikteera Ol'aanaa Inistitiyuutii Misooma Intarpiruunarshiippii Itoophiyaa Dhugasaa Tasfaye gama isaaniin saganticha irratti ergaa dabarsaniin; hojiin naannoon Oromiyaa gama misooma dhaweessummaa babal’isuun raawwachaa jiru fakkeenyummaa guddaa kan qabu ta’uu ibsuun, dhaweeyyii ciccimoo diinagdee baayyisan horachuu keessatti dhaabbanni isaanii hojii qindoominaan raawwachaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu himan. Itti dabaluunis, dorgomtoonni xiinsammuu injifannoo gonfachuun milkaa’ina itti aanuuf cimanii hojjechuu akka qabanis dhaamaniru. Saganticha irratti haasaa anaa dhufuu kan taasisan hojii gaggeessaa Olaanaan Oromiyaa Biroodkaastiingi Neetwoorkii obbo Fisahaa balaayinee gama isaaniin  OBN sagaleen Uummataa seenaa midiyaa Oromoo keessatti dirrre yaada kalaqaa dirirsuun dhawweeyyii heddduumnaan horachuuf sagantaa dorgommichaa Jimaata galgala 3:00 irraa eegalee uummataaf tamsaasuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.       Dhabbata Itiyootelekoomitti Darikteera opireeshinii kibba bahaa obbo Shawaraga Shifarraa dhabbanni isaaniiforhommii dhaawweeyyii Oromiyaa irratti isponseera tahuussatti gammachuu qabu ibsuun mul'ata bara 2030 tti mul'ata ethophiyaa dijitaleessuu milkeessuuf qindoominaan kan hojjetu ta'uu ibsaniiru. Waldorgommicha irratti yaadni daldalaafi kalaqaa 30 ta’an calallii marsaa marsaan adeemsifamaa keessa darbanii dorgommii badhasa pireedenshaal awardiif kan xumuranii qophahanidha. Saganticha irratti  hoggantoonniifi bakka bu’oonni sekteroota  sadarkaa naannoo Oromiyaa kan hirmaatan yoota’u milkaa’ina dorgomii kanaaf; sekteraalee motumma sadarkaan jiran potenshala dhwweeyyii jiran sakata'uun fulduratti fidan , dhaabiilee leenjii fi qorannoo leenjii fi gorsaan akkasumas meeshaalee batbaachisuun akka deeggaruu qaban, dhaabbilee faayinansii dhiyyeessi mallaqaa mijeessuu fi dorgommii kana isponserummaan hirmaachuun dinagdee biyyaa utubuu kan dandahan abbootii kalaqaa deeggaruu fi jajjabeessuun milka'inaaf akka tumsan waamicha dhiyyeessaniru. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Hojiileen carraa hojii uumuu hojjetamaa jiran rakkoo hojii dhabdummaa xiqqeessuun olitti diinagdee damdaneessa ijaaruu keessatti qooda olaanaa bahachaa jiru- obbo Waasihuun Golgaa. Waxabajjii 26, 2018 (Komn.BCHUOO)- Godina Shawaa Bahaa Aanaa Gumbichuufi aanaa Ada'aatti hojiileen carraa hojii uumuun hojjetaman daawwatamanii jiru. Daawwannicharrattis Ministir Deetaan Ministeera Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Federaalaa obbo Solomoon Sokaa, Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa, Ittigaafatamaan ijaarsa paartii badhaadhinaa damee Godina Shawaa Bahaa obbo Taaddalaa Diriirsaa, Ittigaafatamtuun WCHUO godina Shawaa Bahaa aadde Raahel Kiflee, Bulchaan Aanaa Gumbichuu obbo Masfin Kaabbitee, Bulchaan aanaa Ada'aa obbo Mokonnin Taaddasaafi qaamoleen garaagaraa hirmaataniiru. Daawwannaa aanaa Gumbichuutti gaggeeffameen hojii barbaaddota haala mijataa mootummaan mijeesseefiitti gargaaramuun hojiilee horsiisa horii aannanii, horsiisa lukkuu, oomisha daabboo, dhiyeessii buddeenaa, misooma qurxummiifi misooma dammaarratti bobba'uun jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachaa jiran, akkasumas inisheetiivii ijaarsa haaromee baadiyaa aanichatti hojjetamaa jiru keessatti gosoota hojii adda addaarratti bobba'anii jiran daawwatamaniiru. Daawwannaa aanaa Ada'aatti gaggeeffameenis hojii barbaaddonni hojiilee industirii godoo, hodhaa huccuu, oomisha daabboo, misooma verm koompoostiifi sanyii biqiltuu baay'isuu irratti bobba'uun galiin of cimsaa jiran, akkasumas ijaarsa haaromee baadiyaa aanichatti gaggeeffamaa jiru milkeessuurratti carraan hojii uumameef daawwatamanii jiru. Godinichatti pooteenshaala carraa hojii jiru qixaan hogganuufi sochiilee misoomaa taasifaman keessatti fayyadamummaa dargaggootaafi dubartootaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jiru abdachiisaa ta'uu daawwannichaan adda baasuun kan danda'ame ta'uu obbo Waasihuun himaniiru. Hojiileen carraa hojii uumuu hojjetamaa jiran rakkoo hojii dhabdummaa xiqqeessuun olitti diinagdee damdaneessa ijaaruu keessatti qooda olaanaa bahachaa jiraachuus ibsaniiru. Daawwannicharratti argamuun kallattii hojii kan kennan Ministir Deetaan Ministeera Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Federaalaa obbo Solomoon Sokaa fayyadamummaa lammiilee roga hundaan mirkaneessuuf hojiileen dhiyeessii paakeejiiwwan deeggarsaa mootummaan taasifamaa jiran jajjabeessaa ta'uu ibsuun, dargaggoonni haala mijataa uumameefiin hojiittu galanii jiran kunneen kutannoon hojjechuun gara invastimentiitti cehuu akka qaban dhaamaniiru. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Sirni Leenjii Teeknikaafi Ogummaa humna namaa gabaan hojii barbaadu oomishuu, carraa hojii ogummaan durfamu uumuufi ce'umsa dinagdee saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba- Injiner Eebbaa Garbaa. Waxabajjii 25, 2018 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun Qorannoo bu'aqabeessummaa Sirna Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Naannoo Oromiyaa irratti gaggeeffamaa tureen argannoo gabaasa duraa irratti magaalaa Bishooftuutti marii gaggeessaa jira. Kaayyoo waltajjichaa kan ibsan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Injinar Eebbaa Garbaa, sirni Leenjii Teeknikaafi Ogummaa humna namaa gabaan hojii barbaadu oomishuu, carraa hojii ogummaan durfamu uumuufi ce'umsa dinagdee saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsuun, bu'aqabeessummaa sirnichaa qorachuufi ragaa irratti hundaa'uun murtoo fooyya'aa dhiyeessuun barbaachisaa ta'uu himaniiru. Waltajjichis argannoo gabaasa duraa qorattoonni dhiyeessan irratti marii'achuun yaada ijaarsaa dhiyeessuu, sirreeffama barbaachisu irratti waliigaluufi gabaasni xumuraa qulqullina qabu akka qophaa'uuf galteewwan barbaachisan gumaachuu irratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru. Waltajjicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Garramuu Hulluuqaa, sirni barnootaafi leenjii kamiyyuu yeroo yeroon madaalamuu, ciminaalee isaa jajjabeessuu, hanqinoonni isaa adda bahuun fooyyeffamuufi ragaa qorannoo irratti hundaa'uun murtoo sirrii kennuun barbaachisaa ta'uu himaniiru. Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaas sekteroota mootummaafi dhaabbilee miti-mootummaa waliin ta'uun qorannoo bu'aqabeessummaa imaammataafi tarsiimoowwan hojiirra oolaa jiranii gaggeessuun murtoon ragaa irratti hundaa'e akka kennamu deeggaruu keessatti qooda isaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Waltajjicharrattis argannoon qorannichaa sadarkaa duraa qorattootaan dhiyaatee bal'inaan irratti marii'atamaa jira. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Ce'umsi Intarpiraayizootaa Olka'insa Biyyaaf!

Sagantaa Ce'umsa Intarpiraayizootaa Bara 2018

Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Inistitiyuutii Misooma Intarpiruunarshiippii, OBN fi Ethio Telecom waliin ta'uun Dorgommiin Yaada Daldalaa fi Teekinooloojii mata-duree "Dhaweeyyii Oromiyaa" jedhuun qabatee as baheera. Dorgommichis yeroo dhihootti tamsaasa kallattiin qilleensarra waan ooluuf obsaan nu eegaa. Toora miidiyaa keenya hordofuu hindagatiinaa! Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com

Intarpiraayizoonni ulaagaa cehumsaa guutaniifi kaappitaala qarshii biiliyoona 3.7 ol galmeessisan intarpiraayizoonni 1,195 gara guddattuu giddugaleessaatti cehan. Waxabajjii 21, 2018 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa intarpiraayizoota ulaagaa cehumsaa guutan 1,195 guyyaa har'aa sirnoota garaagaraan magaalaa Adaamaatti gara guddattuu giddugaleessaatti ceesisaa jira. Haasawaa anaadhufuu kan taasisan ittaanaan kantiibaa magaalaa Adaamaa Dr.Maatewoos Sobbooqaa, magaalichatti diinagdee damdaneessa dhiibbaa dandamatu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himuun, intarpiraayizoota ulaagaa cehumsaa guutuun gara invastimantiitti cehaniif gamnachuu qaban ibsaniiru. Kaayyoo sagantichaa kan ibsan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injinar Eebbaa Garbaa, mootummaan galma badhaadhinaa guddicha milkeessuuf humna namaa misoomsuu, diinagdee ariifataa dhugomsuufi sirna cimaa ijaaruuf ciminaan hojecha jiraachuu himaniiru. Sirni beekamtiifi ce'umsa Intarpiraayizootaa bara 2018 marsaa 16ffaaf sadarkaa naannootti mata duree "Ce'umsi Intarpiraayizootaa Olka'insa Biyyaaf!" jedhuun kan gaggeeffamu yoota'u, sirna kanarrattis intarpiraayizoonni 1,195 kaappitaala qarshii Biiliyoona 3.779 galmeessisaniifi lammiilee kuma 18 oliif carraa hojii dhaabbiifi yeroo kan uuman gara guddattuu giddugaleessaatti kan ce'an ta'uu ibsaniiru. Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan walitti qabaan koree dhaabbii dhimma misooma magaalaa Caffee Oromiyaa obbo Abdulqaadir Huseen, intarpiraayizoonni mallattoo qaroominaa ta'uu ibsuun, intarpiraayizoonni ce'an kunneen addunyaan kun addunyaa dorgommii ta'uu hubachuun carraa mootummaan mijeesseefiitti fayyadamuun kutannoofi cichoominaan hojjachuun bu'uura abbootii qabeenyaa biyya keenyaa ta'uu akka qaban dhaamaniiru. Sirnicharrattis giddugalawwan hojii raawwii hojii bara 2018tiin fakkeenyummaa gaarii qabaniifi Waajjiraaleen Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godinaaleefi Bulchiinsa magaalotaa riifoormii giddugala hojii hojiirra oolchuurratti raawwii jalqabbii gaarii qabaachuun filataman badhaasa kompiitaraa, piriintaraa, taabileetiifi laaptooppii badhaafamanii jiru. Intarpiraayizoota bara kana ce'an keessaa dameewwan hojii sadan: industirii, qonnaafi tajaajila irraa kaappitaala ol'aanaa galmeessisuun kan ce'an intarpiraayizoonni 9 badhaasaafi beekamtii argatanii jiru. Odeeffannoo haaraa argachuuf: Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/ Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: ojcvb2022@yahoo.com