cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

نمایش بیشتر
فنلندة2 474زبان مشخص نشده استدین و مذهبی53 673
پست‌های تبلیغاتی
1 423
مشترکین
-124 ساعت
-127 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Photo unavailableShow in Telegram
Irra caaltuun du'aa'ii tan guyyaa arafaati Guyyaan arafaa guyyaa addaati. Nama hundaaf dhufee dabra, nama hojii gaarii hojjatte qofaaf adda taha. Guyyaan arafaa guyyaa akka guyyaa hundaati nama itti hin fayyadamneef. Wanni adda isa godhu ibaadaan isa keeysatti dalagamtu haalaan Rabbi biratti jaalatamtuu tahuu isiiti. Du'aa'ii caaltuun tan guyyaa arafaa godhatan. Waanuma feete kheeyrii duniyaa fii aakhiraa kadhadhu. Ka ati kadhattu Allaah, ka na kadhadhaa isiniif qeebalaa je'es Al-Mujiib tahuu beekhi. Ammas irra caalaan du'aa'ii tanuma ifiif kadhatan. Duuba irra caaltuun dubbii guyyaa arafaa heddumeeysuu qabnuu لا إله إلا الله وحده لا شريك له، له الملك، وله الحمد، وهو على كل شيء قدير Laa ilaaha illallaah wahdahuu laa shariik lahu, lahul mulk, walahul hamdi, wa huwa alaa kulli sheeyi'in qadiir. Du'aa'ii biraatis ta dura beeytu hunda guyyaa arafaa godhadhu. Du'aa'ii naaf godhaa jettee nama kadhaturra, atummaan ifiif Rabbi kadhatuu siif caala. Rabbii kee kadhadhu nama hin kadhatin.
نمایش همه...
Dubbisii obboleeyyan keetifille raabsi! 🍁 مسائل مهمة ومختصرة في الأضحية: 🪻 Udihiyyaan ulaagaale 4 guutuu qabdi: 1⃣ffaa. Beyladoota saden irraa tahuu dha.( Gaala, loon fi re'ee) 2⃣ffaa. Umrii ittiin fudhatamtu: *⃣Gaalli amata 5 fi sanii ol *⃣ Loon amata 2 fi sanii ol *⃣ Re'en qaqallun amata1 fi ol *⃣ Holan batii 6 fi irraa ol tahu. ⏹ Umrii olitti dubbatamtee gaditti hin taatu. 3⃣ffaa. Hir'ina ( eybii) asiin gadiirraa nagaya tahuu dha: 🔽 Hokkola dirree bahe 🔼 Balooqa mullataa tahe 🔼Dhukkuba mullataa 🔼 Caphaa, huqqina mullataa 🔼 Gurra muraa, gaafa caphaa fi eegee muraa. 4⃣ ffaa . Yaroo keeysatti qalamtu: Yeroon qalmaa Salaata Eidaa irraa hanga aduun guyyaa 13ffaa Zulhijjaa seentutti. Guyyaa Eidaa fi guyyoota saden eida boodaati. ⏹ Yaroo Qalan akkana jechuu: ⏺ Bismillaahi wallaahu Akbar Garuu Bismillaah jechuun dirqama. Allaahu Akbariin sunnaadha. ⏹ Akka Rabbiin irraa qeebalu kadhatu dha. ( بسم الله اللهم تقبل مني ومن أهلي) ⏹ Akki caalu abbummaan ifii itti aanee qaluudha. Dhiiras tahee dhalaanis . Jechuunis isiin ibaadaa waan taatef abbummaan Rabbittiin dhiyaatudha. Yoo hin dandenye ammoo nama biraa bakka buufatuudha. *⃣ Nama qaluuf ujuraa qaluu isaa udihiyyaarraa kennuun hin hayyamamu. Kun walii galtee ulamootaatiin dhowwame. وصلى الله على خير البرية محمد بن عبد الله وعلى آله وصحبه أجمعين وسلم تسليما كثيرا إلى يوم الدين.
نمایش همه...
🥀 Guyyota 10 akkaan qaalii tahan: 👉 (Kurna Zulhijjaatiif) Haa Qophofnuu❗️‼️ ☑️ Irra caaloo guyyoota Duniyaati - ajrii keeysatti ☑️ Guyyoota keeysaa kan Hojiin kheyrii Isa keessa hojjatamu Rabbi biratti akkaan jaalatamu dha. Karaa Rabbii keeysattii qabsaawuulleen itti hin qixxoftu. Yoo Nama lubbuu fi horii isaatiin bahee achitti hafe tahe malee ja'an Ergamaam SAW. ☑️ Guyyoota 10 qofa , akka Ramadaanaatti ji'a guutuu miti. ☑️ Yaroo gabaabduudha talisoomuun hin tahu. ☑️ Sheyxaanni isii keessa hin hidhamu , qabsoon cimaadha. ☑️ Akka Ramadaanaatti hundi itti hin hirmaatu, dorgomtoonni nama muraasa. https://t.me/Gaaddisaislaamaa
نمایش همه...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

👍 3
Addaan baafadhu yookaan hubadhu!!🙂 Rabbiin ol'aane akkana nuun ja'a :- يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِن جَاءَكُمْ فَاسِقٌ بِنَبَإٍ فَتَبَيَّنُوا أَن تُصِيبُوا قَوْمًا بِجَهَالَةٍ فَتُصْبِحُوا عَلَىٰ مَا فَعَلْتُمْ نَادِمِينَ Yaa warra Rabbitti amane namni dhugaa dubbachuun isaa hin beekkamin yoo isinitti dhufe, oduun yoo waa isinitti odeesse ykn hime dhugaa fi kijiba waan inni odeesse ykn hime san addaan baraa ykn baafadhaa. Qo'adhaa yookaan hubadhaa odoo waan inni je'e hin daleeyne. Akka karaa malee ummata tokko hin galaafanne. Akka wallaalaan waan dubbiin taate wallaalaaf dubbii nama akka maletti odeesse ykn hime jala deemtanii nama hin miineef. Yoo dubbii nama dhugaa hin dubannee jala deemtanii waan inni isiniin ja'u daleeydan ni sheenooytanii. Yoo dubbiin akka inni je'e tahuu dhabuun mul'atte wanni dubbiin tun dhufteef nama tokko Nabi Muhammad ( ﷺ ) biyya takkarratti shuume nama kanaafii ummata san jidduu wal diddaa duriitu jira. Duuba namichi kun hoggaa dalagaa isaa qabatu'uuf biyya san dhufu warri biyyaa dabaalee dhiyeessuuf nama Nabi Muhammad ( ﷺ ) nuu erge ja'anii qeebaluuf afaan bahan, haa tahui namichi kun warra biyya sanii na ajjeessuuf natti behe je'ee karaa deebi'e. Jarri sun haqa isaanirra jiru kennuu didanii na ajjeessuuf ka'an je'e Nabi Muhammad (ﷺ)itti odeesse. Jarri sun dubbii isaa dhageenyaan nabitti dhufanii nuti isa qeebaluuf baane malee isa ajjeessuufi mitii nuti. Waan Rasuulli Rabbii je'e diduu irraa Rabbitti maganfanna ja'an. Hoggaa san Nabi Muhammad (ﷺ) dubbii hubachuuf jecha dhooysaan biyya sanitti nama tokko ashkaraa wajjiin erge. Yoo mallattoo islaamummaa irraa garte tolte hoggaa taan akka kuffaara gootu godhi je'een. Duuba namichi sun weeytii maghriibaa dhokhatee dhaqee isaanii azaanee salaatu arke. Ishaa'iidhaas akkasumatti isaanii salaatu arke. Akkasitti isaanii ibaadatti jabaatu arkee deebi'ee nabitti odeesse ykn hime. Akkasitti Rabbiin balaa jalaa orma san baase. Sheenaa dilitti wallaalaan seenuu jalaa orma islaamaa baase. Tanaaf jecha yaa warra Rabbitti amane oduu (himama) nama nama walitti diruu hubattan malee dalagaarra hin oolchinaa. Odeeffama jiru hunda amanuun duratti adda baafachuun ykn hubatanii keessa baruun dubbii san fiinxa qabanii fuudhanii fiiguuniirra caalti. Himamni oduu kan keessi namaaf hin galin jarjaraan gaafa hojiirra oolchan sheenaan namatti hafuutu mala. Jarjarri haadhoo gaabbiiti waan ta'eef! Waan himamaa ykn odeeffamaa osoo adda hin baafatin hojiirra oolchuuf fiinxa qabdee hin fiiginiin. Sheenaa diliitti wallaalaan seenuudha maltaa.!! Himamaan ykn odeessaan jarjartee hin cehiniin. Sheenaa diliitti wallaalaan seenuutu malaa!!.....🤌🤌 https://t.me/Gaaddisaislaamaa
نمایش همه...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Du'a!!😌 Du'a jechuun dhugaa ilmi namaa hundi irratti waliif galu keessaa isii takka. Lubbuun hundi du'a tana dhandhamtu malee abadan bira hin kuttu. Feetuun gaarii hojjadhu, feetuus hamtuu hojjadhu gaaftokko suutuma osoo ati halaalatti eeyduu suma biraan as baati. Ilmi namaa kuni kunoo hanganuma laal!😔 ⏺ Awwaalcha kee gaggeeysanii sa'aa takka booda.. Boohichi ni irrata. Maatiif waatii firaaf aantiin tee manatti ol deebi'uun wal gahanii firootaa fi hawaasa gadda kee dhufu kunuunsuu jalqaban. Yeroo sanitti qaamni kee biyyeen wajjiin wal arkka. ▶Sa'aa lama booda, Warrii boohicha kee hin dhufin ykn hin dhufne hafan warra mana keessaniitti bilbilanii sirna awwaalchaa irratti argamuu dadhabuu isaaniif sababaa dhiheeysanii maatiif waatii firaaf aantii tee dhiifama gaafatan. Yeroo xiqqo booda namoonni wal gehee mana keessan keessa jiran tokko tokko waa'ee ispoortii, tapha adda addaa fi siyaasaa dubbachuu jalqaban. Gariiniis suuraa tantee fuula sab-himaalee miidiyaa hawaasa ( social media) irratti maxxansuun wal jalaa darbaa oliif gad deemaniin. ⏩Sa'aa jaha booda, Maatii tee tan sitti dhihoo qofaatu walitti hafa. Namni hundi gara mana isaaniitti deebi'anii karoora guyyaa itti aanuu karoorfachuu jalqaban. Abbaa, haatii, obboleessa, obboleeyti, jaartii ykn jaarsa, ilmaan kee warri si boodatti hafan hundi isaanii hambaalee yaadannoo sirraa hafanii suuraa, uffata, koflaaf tapha keetii fi kkf ijaan laalaa sammuun yaadachaati gaddan. ⏺Sa'aa diiydamii afur booda, Qaamoonni keessa keetii nyaadhabuun adda faca'uu ( bulbulamuu) jalqaban. Jidduu tana ergaa fi bilbilli namoota du'uu tee hin beekin ykn hin dhagahin bilbila keetirratti bilbiluu fi ergaalee gargaraa erguu itti fuftan. Garuu namni kaasuu fi deebisaa kennu hin jiru. Namoonni bilbila kee harkkaa qaban laalaniitima deebi'ii dhabanii dhiisan. ▶Guyyaa sadii booda, Maatiif waatii firaaf aantiin manatti si booda hafan du'aa'ii sirraa godhuun gadda kee ( taaziyaa tee)hobbaafatan. Bakka hojii teetiittiis bakka kan kee guutuuf ykn nama bakka tee buusuuf af-gaaffiin ( Interview) dorgomtootaa waliin taasifama. Yeroo sanitti qaamni kee bokhokhuu ( dhiitaa'uu) kan jalqabu yoo ta'u, dhangala'aan foolii qabu qaama, afaanii fi hidhii tee keessaa baha. ▶Guyyaa shan booda, Maatii, waatii, firaaf aantii, intaltinii fi ilmi kee hojitti deebi'an ( yoo qabaachuu baatan ammoo humaatuu. Yeroo kanatti qaamooleen dhiigaa kee manca'uu waan jalqabuuf qaamni kee magariisarraa gara diiminaatti jijjirama. ▶ Torbaan lama booda, Joolleen tee qabeenya addaan qooddachuuf nama addaan isaaniif qoodu barbaadan. Yookaan abukaatoo wajjiin mana murtiitti wal arkkan. Yeroo kanatti cimdii fi ilkkaan kee harca'uu jalqaba. ▶️Waggaa tokko booda namni tokko, "Wow, aaha, yaawoo abaluun sun bar erga du'ee/duutee duruu hanga geeysee ? Guyyaan Rabbii numa fiiga yaaboo kaleessuma fakkaataam jedhan." Innaawaa gaafa duuti tee tan guyyaan naannaweenii fageeyse gaafa akka carraatti yaadatan. => Waggaa kudhan booda, Hiriyaa ykn saahibni kee tokko suuraa dur irratti si arkkee si yaadata. Yeroo kanatti qaama kee irraa kan hafe yoo jiraate lafee qofata ykn lafee qofaatu hafee jira. Yeroo muraasa boodaan lafeen gariiniis biyyeen nyaatteeti biyyee taha. Jireenyi ilma namaa hanganuma. Yeroo qabdu keessatti yoo waan gaarii hin hojjanne, yoo nama ittiin yaamamtu ilmaan gaggaarii dhaloota hegeree hin qabaanne, yoo beekkumsa gaarii keessaafu diin-islaam baratte dhaloota barsiifte hin qabne, yoo sadaqaa (kennaa) haftuu si boodatti taatee gaarummaa ( kheeyrii) siif oomishtu hin qabne, yoo osuma deemtuu du'aan addunyaa tanarraa ganda aakhiraa sanitti godaante muka firii hin qabne taatee hafuudha. Umrii jireenya ifii guutuu dhugaa hojjachaa yoo dabran garuu gaabbii ykn sheenaa hin qabu! Jireenyi ilma namaa kun hanganumaa!!😔 https://t.me/Gaaddisaislaamaa
نمایش همه...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

👍 2
"Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”." [Luqaas 22:42-44] Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ? "Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama." [Maatewos 27:46] [Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”] (Qur'aana Suuratu Aal- Imraan 3:55) Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan; ❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama. ❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre. ❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu. ❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa. ❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6] ❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu. ❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13] Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef. Yihuudicha Yesusin gane nama “𝗬𝗶𝗱𝘂𝘂𝘇𝗮𝗹-𝗜𝘀𝗸𝗮𝗿𝘆𝗼𝗼𝘇” jedhamu Rabbiin bifaa fi haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira. وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا الْمَسِيحَ عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ اللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِيهِ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ ۚ مَا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا اتِّبَاعَ الظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًا [Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur'aana 4:157) بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا [Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.] (Qur'aana 4:158) Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraanna. Awol Kasim Alo
نمایش همه...
1
Ifaa Dhugaa tiin kan qophaaye!(jzk ustaaz) follow tolchaafii........👇👇👇👇👇👇👇👇 Mata-duree “ Yesus Kiristos osoo hin qabamin hin tumamin, hin fannifamin hin ajjeefamin gara samii ul-fuudhamuu”. ❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️ ..... Yahuudonni Nabi Iisaa (Yesus Kiristos) wantoota adda addaatiin maqaa xureessuu fi yakkuu turan, isa kana qofattuu osoo hin dhaabatin, isa ajjeesuudhaaf malaa fi yaalii cimaa taasisuu eegalan. Yeroo kana keessatti namni adda durummaan sadarkaa ajjeechaa kana irratti mari’ataa turan Namicha Maqaan isaa 𝗞𝗮𝗮𝘆𝗮𝗮𝗳𝗮𝗮𝘀 jedhamuudha. Garuu isa ajjeesuun sun gonkumaa isaaniif hin mijoofne. Isaan tooftaa baasan, haa ta’u malee tooftaan Rabbii tooftaa isaanii dursee argame. Rabbiin waa’ee kanaa ilaalchisee akka armaan gadii kanatti Qur’aanaan dubbateera; وَمَكَرُوا وَمَكَرَ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ [ Isaanis tooftaa baasani; Rabbiinis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti.] (Qur'aana 3:54) إِذْ قَالَ اللَّهُ يَا عِيسَىٰ إِنِّي مُتَوَفِّيكَ وَرَافِعُكَ إِلَيَّ وَمُطَهِّرُكَ مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا وَجَاعِلُ الَّذِينَ اتَّبَعُوكَ فَوْقَ الَّذِينَ كَفَرُوا إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ ۖ ثُمَّ إِلَيَّ مَرْجِعُكُمْ فَأَحْكُمُ بَيْنَكُمْ فِيمَا كُنتُمْ فِيهِ تَخْتَلِفُونَ [ Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kaf*aran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga Guyyaa Qiyaamatti warra kaf*aran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gidduu keessanitti nan murteessa.] (Qur'aana 3:55) Yesus Kiristos gara samii ol fuudhame malee, akka Yahuudonni nutu ajjeese jedhan, akka Kiristiyaanonnis eeyyan isintu ajjeese jedhan sana miti. Fannifamuu dhabuu isaa irrattis akka Macaafni Qulqulluun jedhutti Yesus waan dubbate qaba. Mee keeyyattoota Macaafa Qulqulluu kanneen armaan gadii kana sirritti hubadhaa. Jecha Kiristiyaanonni cubbuu keenya nurraa baachuuf du’e jedhanis yaadadhaa. "Yesus yeroo sanatti, “Egaa ani yeroo gabaabduu duwwaadhaaf isin biran jira; kana booddee gara isa ana ergee nan dhaqa. Isin ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan” jedhe." [Yohannis 7:33-34] "Ammas Yesus, “Ani nan adeema, isin ana barbaaduuf jirtu; iddoo ani dhaqus dhufuu hin dandeessan, kanaaf cubbuu keessaniin in duutu” jedhee isaanitti dubbate." [Yohannis 8:21] 👉 Yaa Yahuudotaa fi Kiristiyaanota! Osoo Yesus Kiristos ana arguu hin dandeessan jedhee dubbatuu isin akkamitti argamee ajjeefamee, fannifamee, du’ee du’aa ka’e jettan ?. Ammas Yesus Kiristos isinirraa ajjeefamee cubbuu keessan isinirraa baadha hin jenne, cubbuu keessaniin ni duutan jedhe malee, akkamitti cubbuu keenya baate jettu ?. Moo Yesustu sobe jechuu barbaaddaniiti ?. 👇👇👇👇👇👇👇 "Yommus Yesus, “Maariyaam!” isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara isaatti garagalte afaan Ibraayisxiitiin, “Rabbuunii!” ittiin jette; kana jechuun “Barsiisaa” jechuu dha. Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome." [Yohannis 20:16-17] Yesus Kiristos ammas akka hin duune kadhatee jira. Kadhannaan isaatis isaaf awwaatamee jira. [Ergaa Gara Ibrootaa 5:7] Yeroo anbiyoonni/raajonni Rabbiin kadhatan Rabbiin ni awwaataafi, FKN; Hisqi’el Raajichaatif awwaatamee jira, Isaayaas Raajichaatifis [38:1-6], akkasuma namoota biraatiifis awwaatamee jira. [Macaafa Saamu’el Isa Lammaffaa 24:11], [Macaafa Moototaa Isa Duraa 21:19- 29]. Yesus Kiristos Rabbii isaa kadhachuu akka armaan gadiitti haa ilaallu mee: "Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, “Yaa abbaa ko! In danda’ama yoo ta’e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta’u malee” jedhee kadhate." [Maatewos 26:38-39]
نمایش همه...
👌 1
SEERA DHIQANNAA ••••••••••••••••••••• Dhiqannaan qaamaa waan Shari’aan Islaamaa itti ajajjuu fi waan jaalatamaa fayyaa ilmaan namaatiif barbaachisu keeysaa tokko. Rabbiin warra qulqulleeyfatu ni jaalata. Ammoo yeroo qaama dhiqatuun dirqama tahuutu jira, yeroo xurii ifirraa dhiquuf dhiqatantu jira, qabbanneeyfachuuf yeroon dhiqatanis ni jira. Tan amma itti deemnu dhiqachuun yoom dirqama taha kan jedhu san akka barruufi. Rabbiin ol tahe akkana je’e: “Yoo Janaabdooyatan (Jaarsaa fi jaartiin qunnamtii gootan) qulqulleeyfadhaa.” Al-Maa’idaa: Ammas akkana je’a Rabbii guddaan: “Dubartoota yeroo Heydii qaban (Laguun itti jiru) irraa fagaadhaa (qunnamtii saalaa hin dalaginaa). Hanga qulqulleeyfatanii itti hin dhihaatinaa (qunnamtii saalaatiif).” Al-Baqaraa:222 MAALTU DHIQANNAA DIRQAMA NAMARRATTI GODHA? Dhiqannaan dirqama kan tahu sababoota armaan gadiitiifi: 1-Dhangala’aan qaama saalaa bahuu. Ragaan kanaa hedduudha. Sanirraa: Hadiisa Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam irraa odeeyfame: “Bishaaniin (dhiqachuun) Bishaan irraahi (dhangala’aan qaama saalaa bahuu irraahi.” Muslimtu gabaase. Qaama dhiqachuun dirqama taha yoo dhangala’aan qaama saalaa (maniyyiin) fedhiidhaan dhiiraa ykn dhalaa irraa bahe. Dhangala’aan bahu kun osoo rafan ykn dammaqinsa keeysatis yoo bahe qaama dhiqachuun dirqama. Ammoo namni rafutti hin jirre yeroo bishaan irraa bahu fedhiin itti dhagayamuu qaba. Akkasumas namni rafu jiru manaabaan qunnamti godhee yoo bishaan irraa hin bahin dhiqannaan isarratti dirqamaa miti. Ammoo Osoo rafu manaabaan qunnamtii dalaguu isaa hin yaadatu garuu hoggaa dammaqu dhangala’aa qaama saalaa “Maniyyii” ifirratti argu dhaqachuun isarratti dirqama. Bishaan qaama saalaatiin bahu hundi dhiqannaa dirqama hin godhu. Bishaan qallaa osoo fedhinnaa hin dhageenye bahu “Mazyiin” dhaqannaa dirqama hin godhu. 2- Qaamni saalaa lamaan walitti bu’uu; Jaarsa fi Jaartiin yeroo qunnamtii saalaa raawwatan dhiqannaan dirqama taha. Qunnamtii Saalaa godhanii bishaan irraa bahuu ykn bahuu baatus dhaqatuun dirqama. Ragaan Hadiisa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam: “Hoggaa (Jaarsi) gudeeda (Jaartii) jidduu seenee itti jajjabaate dhaqachuun dirqama taha.” Bukhaarii fi Muslim. Qunnamtii Saalaa yeroo raawwate jechuutu itti fedhame. 3- Dhiigni Heeydii fii dhalaa dhaabbachuu: Yeroo dhiigni heeydii fi dhiigni dhala boodaa dhaabbate dubartii irratti dhiqachuun dirqama taha. Ragaan Faaximaa bint Hubeeysh Saahabtittiin jedhamtu Rabbi irraa haa jaalatu dhiiga sababaa birootiif yeroo dheeraaf itti dhufu irraa gaafate, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Suni dhiga hidda irraa yaa’u, heeydii miti. yeroo heeydiin tee dhufte salaata dhiisi, yeroo isiin dabarte dhaqadhuu salaati.” je’een. Bukhaarii fi Muslim 4-Du’a. Ummu Axiyyaan akki jettu Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gaafa intalti Isaa duute nurratti ol seenee akkana nuun je’e “hogga sadii isii dhiqaa ykn hogga shan ykn sanii ol yoo barbaachisaa tahuu agartan.” Bukhaarii fi Muslim 5-Kaafirri hoggaa Islaamawe. Qeeysi bin Aasim Rabbi irraa haa jaalatu gaafa Islaamawe, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam qaama dhiqachutti isa ajaje. Sunana Abuu Dawuud Hadiisa biraa keeysatti Sumaamaan gaafa Islaamawe Rasuulli s.a.w “Isaan deemaa oyru abaluu geeysaa, Qaama akka dhiqatu isa ajajaa.” Sunana Ibnu Maajah Mazhabni Imaamu Ahmad namni Kaafiraa yoo Islaamawe dhaqachuun dirqama je’a, kanaatu irra haqa qunnamaadha hoggaa zaahira hadiisaa laalle. 6- Dhiqannaa guyyaa Jum’aa. Ilaalchi Ulamaa’ii murtii dhiqannaa guyyaa Jum’aa keeysatti wal dhabee jira. *Gariin Ulamaa’ii jum’aa dhiqachuun jaalatamaadha jedhan. Ragaan Isaanii hadiisa “Namni wudu’a tolchate egas jum’aa dhufe, kan callisee dhaggeefate wanni jumaa fi jumaa jidduu jiru isaaf araaramama” Muslimtu gabaase. *Gariin Ulamaaii ammoo dirqama jedhan santu irra haqa qunnamaadha. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Tokkoon keeysan yeroo gama Jum’aa dhufu haa dhiqatu.” Bukhaarii fi Muslim. Haa dhiqatu je’ee ajajuun dirqama tahuu agarsiisa. Dirqama jechuu kanarra jiran Albaanii fi Useeymiin.
نمایش همه...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

👍 2
Maddi: At-Tamaamu Al-Minnaa fi Fiqh Al-Kitaabi wa Sahiihi As-Sunnaah, fuula 104-109. By: Urjii Ahmad https://t.me/Gaaddisaislaamaa
نمایش همه...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Darsiilee baratamee fi baratamaa jiru sagaleen hordofuuf linkiilee Armaan gadii kana seenuun Aragachu dandeessu 1📶Arba,iin Annawaawi👇 https://t.me/Markazhaumar1444 By.Ust/shaafii muhammad 2📶Umdatul Ahkaam👇 https://t.me/markazaUmarl1444 By.Ust/shaafii muhammad 3📶Tafsiira 👇 https://t.me/mAnsar123 By.Ust/shaafii muhammad 4📶 buluug Al maraam👇 https://t.me/MAnsaar134 By.Ust/shaafii muhammad 5📶 Nahwii Aajirumiyya👇 https://t.me/+NTJLenvCwSQwYjc0 By.Ust/shaafii muhammad 6📶Duruusul muhimmaa👇 https://t.me/+TEiA1wBG9y82NTJk By.Ust/shaafii muhammad 7📶Usuulu ssalaasa/_qawaa idul Arba,a👇 https://t.me/markazaumar By.Ust/shaafii muhammad مركز عمر بن الخطاب❤📚🖋 As wr wb Mee likiilee kana laali mee السلام عليكم ورحمة الله وبركاته اخوتي واخواتي الكرام طلاب العلم الشرعي استفيدوا من هذه المعدات التالية 👇👇👇 السلام عليكم ورحمة الله وبركاته ✍ Warri Tafsiira Qur'aanaa hordofuu barbaaddaniis kunoo linkii kanaan seenaa.  👇👇👇👇 https://t.me/tafsiira2022 ✍ Namoonni Nahwii online baratamaa jirtu hordofuu feetaniis kunoo👇👇👇👇 https://t.me/+pI_Co-0ihnQ1NmJk ✍ Namoonni Darsii [بلوغ المرام ] tan online baratamaa jirtu hordofuu barbaaddan kunoo linkii kanaan seenaa👇👇👇👇 https://t.me/buluuga2022 ✍  Yoo Rabbiin nu gargaaree gargaarsa Isaatiin Audiyoolee Aqiidaatis linkii kanaa gadii keeysatti isiniif guurra👇👇👇👇 https://t.me/aqiidaa1 ✍ Darsii [ التجريد الصريح] yaroo xiqqo booda inshaa Allaah! Linkii khana jalaan arkatuu dandeeysu👇👇👇👇 https://t.me/tajriida ✅ Barnoota Fiqhii tokko tokko namni barbaaddan Linkii kanaa gadii cuqaasaa👇👇   https://t.me/barnoota_Fiqhii 🥀🥀 Darsii Riyaadussalihiin asiin Seenaa👇👇👇👇👇 https://t.me/markazu_umar_bin_al_khattab
نمایش همه...
مركز عمر بن الخطاب Darsii Arba,iinaa

مركز عمر بن الخطاب

👎 2