cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Mostrar más
Finlandia2 615El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad55 202
Publicaciones publicitarias
1 432
Suscriptores
-124 horas
-27 días
+630 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Beekkamtii barbaada... Irra hedduun namootaa yeroo ammaa kan sab-himaalee miidiyaa hawaasa (social media) kana fayyadamu beekkamtii barbaadaaf jecha karaa Rabbii fi Ergamaa isaa irraa bahaati jira. Naman kofalchiisa, namaan gammachiisa, namaan akka na jaalatan if taasisa jechuun daangaa Rabbiin ilma namaatiif kaaye cabsaati jiran. Kuni ammoo beekkamtii barbaada osoo hin ta'in dilaawuu fi haluu hammeenyaa umrii guutuu namni boohichaan keessaa bahuun hin dandahamnetti if geeysuudha. Ilmi nama kan Rabbiin maaliif na uume? Maaliifin uumamee duuyda lafaa kanarratti argame ? je'ee namoota gaaffii if gaafatuuf, namoota karooraa fi tarsiimoo adeemsa jireenyaa hubatuuf beekkamtii barbaanni isa/isii hin sobu. Namuma waan uumameef wallaale, kan hojii hin qabnee fi karoorri jireenyaa harkaa wal dhaweetu waanuma arke haasawaa oolee bula. Kuni ammoo nama muslimaa irraa abadan hin barbaachisu. Namni islaamaa tokko maaliif akka uumame kan xiinxalee ija qalbiitiin gad laalee hojii uumameef saniin heewasamu tahuudha qaba. Nama kofalchiisuuf jecha jechootaa fi gochoota sirraa hin eeggamneef hin barbaachifne keessa gara gaggaluun nama ifitti kofalchiisuudha malee kofalchiisuu miti. Beekkumsa dhiifnee beekkamtii barbaada gola sheenaa hallayyaa deebi'ii hin qabne seenaati jirra. Adeeroo na dhagahi umrii tantee gabaabduu guyyaa kana xumurri isii itti gahaa hin beeyne tana bakkaaf akka maletti yeroo fixxee ifin hoongeeysin. Booddee kasaaraa hamtuu hin mudatin. Gara Rabbii keetii deebi'ii araarama kadhadhu. Toowbaa jabeeysi. Nuti ilma namaati dogoggoroodha. Ammoo akkas jannee dogoggora osoo beeynuu hojjannu keessatti if dagannee lubbuu teenya akka ifin hoongeeysine. If yaadadhuu dammaqi!!😌🙏 Rabbi nuuf haa araaramuu!!😌 https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Mostrar todo...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Gatii kenni....!!🫡 Waan qabduuf gatii kenni. Waan hin qabne akka arkkattu amani. Ammaa fi amma qofarratti jiraadhuu. Cal ji'i gammadi!😊 Adeerooooyi dhagahi umrii gabaabduu tana yoo gadduun kaleessarra jiraachuun dabarsite yoomiif jiraatta? Akka nama bara dhufaa dabraa jiraatutti hojjadhu. Garuu akka nama boru du'uutti gammadi. Waan gootu hunda sirritti addaan eeggachaa godhi. Ilma namaa nama tahuu qofaaf itti dhihaadha gargaari. Hin miidhin. Kabaji hin tuffatin. Waan harkka keetirra jiru sirritti seeraan nama fayyadamu tahi. Fuuldura kee boruu bareechuuf arra gad ji'i cimii socho'i. Yoo barachuun taatees cimii baradhu. Arra kee akka carraatti itti fayyadami. Kaayyoo fi akeeka kee ammoo carraaqqii gaariin dhugoomsi. Amma waan hin qabne qofa dubbachaa, isarratti xiyyeeyfachaa yoo jiraatte yeroo hunda akka nama humaa hin qabneetti jiraatta. Waan qabduuf gatii kenni. Waan hin qabne ni arkkattaa. Alaan alaatuma hin oolin!!
Mostrar todo...
1. Nama beekaa, akka beekaa ta'e uf beeku, inn beekaadhaa irraa baradhaa. 2. Nama beekaa ta'ee akka beekaa ta'e uf hin beekne, beekaa ta'uu isaa itti himaa. 3. Nama osoo beekaa hin ta'in beekaa uf godhu sun Doofaadhaa irraa fagaadhaa. 4. Nama Beekumsa hin qabne akka Beekumsa hin qabnes uf beeku inni wollaalaadhaa barsiisaa. https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Mostrar todo...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Gaafa tokko... -> Malik Ibnu Diinaar akkana jechuun Hasan al Basrii gaafate. “Duuti onnee ykn Qalbii maalii je'en?” -> Hasan al Basriiniis akkana jechuun deebiseef duuti onnee; jaalala addunyaatii je'een. Jaalalti addunyaa du'a onneedhaati. Addunyaa guyyaa kana gad dhiifnee biraa deemnaa hin beeyne tana sadarkaa ol jaalachuun aakhiraa galaaf itti deemnu san dagachuudha. Addunyaan tuni yerumaafi! Uumamni tokko kan irratti waaree hafu hin jiru. Hundi uumamaa gaaftokko isii if boodatti dhiisee irrumaa godaanuu ta'a. Hanga feete jaaladhuufi du'iif takkaa isiitu si dhiisa, takkaa ammoo sumaatu isii dhiisee biraa deemuuf ta'a. Wanni yeroo san sibiratti hafaa hoojum arra gad jattee carraaqqatte qofa. Bolola addunyaatiif jattee osoo ceetuu aakhiraa ifin dagin. Faayidaan addunyaa yoo hojii gaggaarii boodaaf si fayyadu keessatti amma hin hojjatin. Booda gaabbitee sheenaawuun humaa sin fayyaddu. Isii haftuu taate saniif guyyaan sinqii galaa arra. Addunyaan dhumtuu aakhiraan haftuu!!😌 https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Mostrar todo...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Jireenyi addunyaa yeroodhaafi..!!🥺 Nuti ilma namaa kanaatu dagatoo fi wallaaloodha malee uumamni Rabbii hundi daangeeffamaadha. Rabbiin gaafa waa hunda uumu daangaa itti godhe. Nutilleen akka uumama ilma namaa tokkotti wantoota Rabbiin daangaa itti godhe san keessaa tokko. Hafuurri arra ittiin jiraachuuf baafannu kuni guyyaa tokko akka ganaa addunyaa jireenyaa fi du'aan daangeeffamte tanarratti hin deebinetti cituuf ta'a. Hafuurri keenya daangeeffamaa, guyyaan keenya daangeeffamaa, dhugumatti guyyaan dhuma teenyaa guyyaan nuti addunyaa tana itti gad dhiifnee keessaa deemuuf teenyu dhufaati jira. Dhugumatti dhugumatti namni gaariiniis ni du'a, badaaniis numa du'a. Aalimni, hayyuun, jabaa fi laafaan, beekaa fi wallaalaan tokko hin hafu numa du'an. Beekaa fi beekkamaan tokko kan hafee waaru hin jiru. Cufti keenya yeroodhaafi!🥺 Hundi keenya ni deemna. Ni duuna. Abbaa kabajaa, qabeenyaa fi aangoo waa hundaa kan qabu, faaruu fi galata kan haqa godhate, haqaan gabbaramaa Rabbi tokkicha qofaatu hafaa. Nutiin arra akkanatti gammannee kofallee taphannu kuni guyyaa tokko imala deebi'ii hin qabnetti godaansa jalqabuuf teenya. Suni ganda irraa boodaa kan namuu irraa hafa hin qabneeti. Ganda aakhiraa. Maatii, waatii, firaaf aantiin tokko nuu wajjiin hin deeman. Hiriyaan akkaan nuti jaalannuu fi nu jaalatulleen achi nu geeyseetuma gad nu kaayee ciibsee nutti cufee nu biraa deebi'a. Guyyaa kana garuu yoom akka tehe namni beeku tokko hin jiru. Eessatti akka guyyaan kuni nurratti dhaabbachuf jiraatuus isuma nu uumeetu beeka. Nuti ammoo maal akka guyyaa saniif arra qophaawaa jirruutu na dhibe. Irra hedduun keenya jireenya keenya dhiifneeti jireenya namaa kan dhuunfaatiin heewasamnee (Busy taanee) shaakalamaa jirra. Hojii fi sinqiin nuti imala karaa deebi'ii hin qabnee saniif arra qopheeyfachaa jirru dhiiroo maaluma?😌 Ni bololle bolola nu boodatti hafaa ta'eef. Haqa namaa karaan maletti saamuuf hirriba dhabnee dhamaana. Hisitii fi waanyoon guutamneeti ciifnu, teenyu, dhaabbannu hamtuma hiinee hiiyna. Nama nagayaa walitti buufnee ifii nagaya waaraa jiraanna seena. Seenaan nuti hojjachaa jirru irra hedduun isii tan booddeen isii sheenaati. Gurratti dhagayuu dhiisi afaaniin himuufuu hin toltu. Akkanaan nama guyyaa dhufaa jiru kanaaf sirritti hidhannoo fi sinqii barbaachiftu guuttannee waan qophii taanee eegaa jirru if seena. Ni seena malee garuu duubni keenya duwwaa. Wanni nuti akkanatti ija dhiibnee fi bololluuf hundi isii addunyaadha. Addunyaan ammoo jireenyaa fi du'a. Jireenyi addunyaa yeroodhaafi. Duuti ammoo imala booddee jireenya zalaalamitti nu geeysuuf riqicha. If haa yaadannuu yaa lammii! If haa yaadannuu yaa foon koo. Wanni arra guyyaa san yaadachuu dhabuurraa si deegaa hundi isii yeroodhaafi. Nuti guyyaa kana akka malee daganne. Garuu guyyaan ammoo kan nu dagatu waa hin taane. Inni adeemsa halkkaniif guyyaa nurratti wal jijjiirrachaa nu bira gahuuf deemsa isaa itti jira. Yoom akka nu bira gahuuf taa'uutu mooji malee. Itti gala teenya imala deebi'ii hin qabne saniif sinqii haa qopheeyfannu. Guyyaa nu fuuldura keenyatti as dhufaa jiruuf boruu mitii arra sa'aa amma jirru tanatti haa qophooynu. Santu guyyaa dhufaa jiru saniin booda guyyaa jiru kan jireenya zalaalam ta'eef fayyadaa. Jireenyi addunyaa yeroodhaafi...!!😌🥺
Mostrar todo...
4
SABBOONUMMAA FI GOSUMMAAN nyaapha/diina ISLAAMAA ti ---------------------------------------------------- Gosummaa fi sabboonummaan khaleysa turkii kheysatti jilba nu dhahee akka san booda ol hin kaanetti nu cabse, har'a bifa khamiin furmaata hawaasaa akka tahuu dandahu gaafii deebiin isii hin jirre. Hiikni Sabboonummaa fi eenyummaa obboleyyan hedduu harkatti wal makatee/wali laaqamee jira. Oromummaan, Amaarummaan, Somaalummaafi Guraagummaan eenyummaa rabbiin namaaf file tan namni tokkolleen namarraa mulquu hin dandeenye dha. Garuu Sabboonummaan daangaa ilmi namaa fakkaattiii isaa kan biraa caalchifachuuf daangeyfateefi sarara inni uummatee ittiin eenyummaalee biraa moggaatti dhiibee ykn sadarkaalee jaraa walitti laaqaanii jiru. Fkn:- Mu'aaz eenyummaa hedduu qaba Islaamummaa, Oromummaa, Ityoophiyummaa, Baratummaa fi kana malees ni jira. Eenyummaaleen isaa hundi sadarkaa wal addaa qaban. Sabboonummaan sabaa eenyummaalee khee san keysaa akka Saba khankee waa mara Dursitu dirqama sitti taasisa. Kana jechuun hiika jecha *I'm Oromo First* jechuuti. Erga Oromummaan kee waa mara kan dursu tahee jireenyi kee daangaa Islaamaa osoo hin taane daangaa Oromummaatiin dallawni itti jaaramee sossoha. Halaal fi Haraam kee Oromummaadhaan siif murtaa'a Islaamummaan kee eenyummaa dabalataa kan Oromummaadhaan hoogganamu tahee jiraata. Kunimmoo guutumaan guutuutti Islaamummaa irraa nama baasa! Waan hin beekne keessatti illimatti galuu rabbi nu haa eewalu. ✍️Bar... Ustaaz Muaz Nazif Jihad irraa. https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Mostrar todo...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

🙏 1
Barruu dheertuu tana obsaan dubbiftee xumuruu keetiif atilleen galatoomii ulfaadhu!!🙏🥰
Mostrar todo...
Dhiifamaa fi Galata..!!😌🙏😊 Galata..!!🙏😊 Jireenya jiraannu kana keessatti ilmi namaa hundi walitti haajamoodha. Gaafa walitti haajamnu ammoo miira ittiin haajaa san wal baafnu barbaanna. Kan haajamee haajaa behe ammoo gaafa galata wallaalu nama dhiba. Yoo uumaa nu uume Rabbuma qofa tehe malee kan uumama ta'e hundi isaa waan tola siif oolu irratti xiqqaattuus miira gammachuu akka ati itti ibsitee garsiiftu numa fedha. Rabbuma qofa kan waan ilma namaatiif godhu gaarii hunda keessatti ilma namaa irraa faaruu fi galata hin eeyne. Faaruu fi galanni inni Rabbii tola isaatiin gabricha isaa ilma namaa kanatti qanani'een yoo gabrichi isaa kan faaruu fi galata Rabbii isaatiif dhangalaasu ta'e ammoo booddeen qananii isaa bareeddu san dabalatuma argata. Ilmi namaa ammoo xiqqaattuus guddattuus waan siif godhu, haajaa si baasu keessatti galata sirraa nu barbaadaa beeki. Arra afaanii baafatee nan galateeffanne yookaan na galateeffadhu siin jechuullee baatu; oolmaya guyyaa tokkoo keessatti maqaallee si dhawee takka osoo sin dhawin abaluun san bar yaaboo waa galatallee hin beeku jechuun isaa hafa hin qabdu. Ati ilma namaa taatee yoomuu haajaaf namatti haajamuu irraa hin duroomtu beeki. Garuu gaafa namni san haajaa si baase miira nama sanii eeguu fi gammachiisuun kee dirqama taha. Suniis kennaan bakka buufteefii waan haajaa si baase san deebisuufi osoo hin ta'in, yeruma sanitti jecha gaarii miira gammachuutiin dabaalameen abaluu kiyya hedduu naa galatoomii jechuuniidha. Miirri galataa kan ati arra isaaf quudhite kuni boruuf si gargaaraa quba qabaadhu. Arra isa ykn isii haajuma irraa arkkattee baate saniif galateeffachuun hulaa haajaa tan boruutiif sababaa sii taati. Galanni kan galfamuun ammallee kennaa waan barbaaddee yookaan itti haajamtee san qofa hin tahin ammaas. Gaafa jecha gaarii badii hegeree sitti boru nama sanirraa argattellee ati galatoomii numa ji'iin. Abaabayyuuf akhaakhayyuun teenya duratti mammaaysan “Dantaan abbaadhaa qoola sareerra nama raffifti” ja'an waan ta'eef. Tanaaf nama galataa tahi. Nama tanuma isaa qofaan gaafa haajaa behe galata wallaalu hin tahin. Dhiifama...!!🙏😌 Ilmi namaa hundi hanga dhalatee jireenya lafaa kanarra jiraatutti hundi namaa dogoggoraadha. Hunda dogoggorraatiif ammoo dhiifama gochuutu booda aana. Dhiifama godhuun xiqqeenyaa fi gad aantummaa keessatti kan si herreeydu sitti fakkaachuu danda'aa. Garuu dandeeytii waan takka fageeysanii hubachuutu dhiifama nama gaafachiisa. Ilma namaati dogoggoraa yoomuu qulqullaawuu hin dandeeysu beeki. Yookaa jechaan yookaan ammoo gochaan dogoggorta ta'a. Ammoo dogoggora san irraa if duubatti deebitee sirreeffamatti fuula deebifachuuf wanni guddaan ati gootu yoo jiraate dhiifama qofa. Dhiifama godhuun boqonnaa sammuu gaarii fi tasgabbii onneeti siif kenna. Yaadoota silaa dhiifama godhee maaltu gaa ja'a je'ee dirree sammuu keessatti qabsoo gaggeeysuutu sirraa hara galfata. Kanaaf dhiifama godhuun barbaachisaadha. Dhiifamni kuni kan godhamu yeroo dogoggorri argame qofa tahuus hin qabu. Akhii namaa addunyaan tuni hoojmni isii waan taraa ykn faraqaa taateef arra ati dhiifama gootu boru dhiifamni galataa siif deebifamuu danda'a. Badii nama tokko kan jireenya kana keessa si wajjiin jiraatuu hoggaa sirratti argamuu badii sanii gartees dhiifama haa na gaafatanii qofa jattee eeguu osoo hin ta'in, gaafa garii ifii irraa bakka buutee dhiifama gaafachuulleen ni mala. Kuni ammoo guddina malee xiqqeenyaa miti. Akka nama mana tokko kan ibiddaan gubachaa jiru arkkee bishaaniin itti dirmateeti. Osoo ati nama mana gubachaa jiru san kan gaazaan yookaan banziilaan itti dirmattu ta'ee booddeen mana sanii maalitti akka booda aanu ijji si gartu qalbii ykn onnee fi sammuutu itti si dhukkubsata. Gaafa bishaaniin dhaqqabde san yoo tehe hoo faalluma kanaa miira gammachuu fi boqonnaa gaariitu onnee fi sammutti si maxxanfamee si hafa. Tanaaf nama dhiifama godhu tahi. Nama dhiifamaa tahuun ammoo ifumaafi beeki. Galataa fi dhiifamni mi'eeysituu dhandhama jireenya ilmi namaa waliin itti keessa jiraatuudha...!!🥰❤️
Mostrar todo...
Seenaa kana irraa maal baratta?? Gaafa tokko mootiin bosonaa leenci beelaye jeedala qabee nyaata naaf fidi yoo nyaate dhabe sima nyaadha jedheen. Jeedallis qaroo waan taateef lubbuu ishee baraaruuf nyaata isaaf barbaacha osoo deemtu harreetti dhufte. Harricha kanaan mootiin bosonaa obbo leencoon waan dulloomeef angoo isaa nama dabarsee kennuuf barbaada naan jedhe kanaafuu ati bakka isaa yoo buute sirraa tola carraa kana fayyadami jetteen. Harrichis fiigaa leenca bira dhaqe yoo mootii ergaan kee na qaqqabee dhufe jedheen. leencis harricha qabee gurra isaa irraa murate harrichi sana booda utaalee harkaa bahee gara jeedalaa dhaqee angoo naaf kennuuf osoo hin taane na nyaachuuf na waame gurra kiyya narraa kutate jedheen. Jeedaltichis ayii ati gowwaadha gurrii kee dheeraa waan ta’eef akkamitti koofiyaa mootii sitti godhan saniif gurraa kee ganaabsuufi malee si miidhuufii miti amma dafii itti deebi’i angoo kana osoo namni biraa hin fudhanne jetteen. Ammas harrichi fiigaa itti deebi’e leencichi ammas itti utaalee harricha qabatee eegee isaa irraa kute. Harrichi ammas akka ta’e ta’ee harkaa baafate aariidhaan jeedalticha bira dhaqee ati ni sobda leenci na nyaachuufi malee aangoo naa kennuuf miti jedheen. Ammas jedaltichi qaroo waan ta'eef mala biraa baase ati eegeen kee dheeraa waan ta’eef akkamitti teessoo mootii irra taa’uu dandeetta saniif sirraa mure malee si miidhuufii miti ati mootii keenna ta’uu hin barbaaddu moo ammas ooo carraan kun si hin dabrin dafii deebi’i jetteen ammas harrichi fiigaa gara leenca deebi’e . Leencichis yeroo kana harricha morma isaa qabate harrichis akkuma barate harkaa bahuuf tattaafate garuu harkaa baafachuu hin dandeenne nyaata leencaa tahee hafe jedhama. HUBADHU: Namni qaruuxeen dhagaa tokkoon si’a lama hin madaa’u jedhama. Gufuun yeroo takka si dhooyte yoo lamuu sitti deebite gufuu si dhahe osoo hin taane siitu gufuu dhahe. Rakkoon yeroo takka si dhahe si’a itti aanu hanga sitti deebiu hin eegin Nama jaalattus yoo takka si gane jaaladhu malee hin amanin.
Mostrar todo...
👍 4
Haadha islaamni itti haajamu tahi...!! Dubartii taatee dhalachuun uumama Rabbiitirraa tokko. Dubartummaan tee garuu tan hawaasa biyyaatii fi hawaasa islaamaa fayyaddu tahuudha qabdi. Dirqamoota ati dubartii taatee Rabbiin sirra kaayeetu jira. Asummaan nama sirnaan dirqamoota san bahatu tahi malee. Ati arra kophaa tahuu kan kee qofa ifin laalin boru haadha namni itti haajamu taataa. Boru haadha islaamni itti haajamu tahuuf garuu guyyaa arra keessa jiru kanatti if qopheeysi. Ifin jibbin, ifin darbin. Manaa hamma alaatti hawaasa bal'aatu oomisha abdii biyyaa kan hegereetiif si abdata. Ati deeysuudha ykn hortuudha. Ilmaan gaggaarii fi hawaasaaf bu'aa buusan fedhii Rabbiitiin oomishtuu tantaatu sihi. Haadha dhaloota abdii biyyaatii fi hegereeti. Dhaltee alatti gad yaasuu ykn arihuu qofaa miti itti gaafatamummaan sirra jirtu. Dhaltee guddisaaf dararaa arkkuu malta ta'a. Garuu itti gaafatamummaa sirra jirtu tan dhaltee, gudddisa gaarii guddiftee, barsiiftee qartee hawaasaaf gadi baasuutu sirra jira. Haadha islaamni itti haajamu tahi. Islaamni haadha akkamitti akka haajamu gaafa barnoota qixa sirriitiin gadi qabdee baratte seenaa dubartoota si dura dabranii irraa waa barattee hubatta. Gaafas haadha akkamitti islaamni akka haajamu siif gala. Saniif tan boruutiif abdii arraatu barnootaa. Yoo arra ati baratte boru dhaloota barate oomishta. Boruuf fakkeenyi gaariin hoj-maata arraatu carraaqqii barbaachisa. Barnoota diin-islaam qixa sirriitiin gadi qabii baradhu. Arra ati barachuun kee boruuf fakkeenya dhalootaaf taataa. Tanaaf haadha islaamni itti haajamu tahi!!🥰 https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Mostrar todo...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.