cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Більше
Рекламні дописи
1 431
Підписники
Немає даних24 години
+57 днів
+430 днів

Триває завантаження даних...

Приріст підписників

Триває завантаження даних...

Du'a!!😌 Du'a jechuun dhugaa ilmi namaa hundi irratti waliif galu keessaa isii takka. Lubbuun hundi du'a tana dhandhamtu malee abadan bira hin kuttu. Feetuun gaarii hojjadhu, feetuus hamtuu hojjadhu gaaftokko suutuma osoo ati halaalatti eeyduu suma biraan as baati. Ilmi namaa kuni kunoo hanganuma laal!😔 ⏺ Awwaalcha kee gaggeeysanii sa'aa takka booda.. Boohichi ni irrata. Maatiif waatii firaaf aantiin tee manatti ol deebi'uun wal gahanii firootaa fi hawaasa gadda kee dhufu kunuunsuu jalqaban. Yeroo sanitti qaamni kee biyyeen wajjiin wal arkka. ▶Sa'aa lama booda, Warrii boohicha kee hin dhufin ykn hin dhufne hafan warra mana keessaniitti bilbilanii sirna awwaalchaa irratti argamuu dadhabuu isaaniif sababaa dhiheeysanii maatiif waatii firaaf aantii tee dhiifama gaafatan. Yeroo xiqqo booda namoonni wal gehee mana keessan keessa jiran tokko tokko waa'ee ispoortii, tapha adda addaa fi siyaasaa dubbachuu jalqaban. Gariiniis suuraa tantee fuula sab-himaalee miidiyaa hawaasa ( social media) irratti maxxansuun wal jalaa darbaa oliif gad deemaniin. ⏩Sa'aa jaha booda, Maatii tee tan sitti dhihoo qofaatu walitti hafa. Namni hundi gara mana isaaniitti deebi'anii karoora guyyaa itti aanuu karoorfachuu jalqaban. Abbaa, haatii, obboleessa, obboleeyti, jaartii ykn jaarsa, ilmaan kee warri si boodatti hafan hundi isaanii hambaalee yaadannoo sirraa hafanii suuraa, uffata, koflaaf tapha keetii fi kkf ijaan laalaa sammuun yaadachaati gaddan. ⏺Sa'aa diiydamii afur booda, Qaamoonni keessa keetii nyaadhabuun adda faca'uu ( bulbulamuu) jalqaban. Jidduu tana ergaa fi bilbilli namoota du'uu tee hin beekin ykn hin dhagahin bilbila keetirratti bilbiluu fi ergaalee gargaraa erguu itti fuftan. Garuu namni kaasuu fi deebisaa kennu hin jiru. Namoonni bilbila kee harkkaa qaban laalaniitima deebi'ii dhabanii dhiisan. ▶Guyyaa sadii booda, Maatiif waatii firaaf aantiin manatti si booda hafan du'aa'ii sirraa godhuun gadda kee ( taaziyaa tee)hobbaafatan. Bakka hojii teetiittiis bakka kan kee guutuuf ykn nama bakka tee buusuuf af-gaaffiin ( Interview) dorgomtootaa waliin taasifama. Yeroo sanitti qaamni kee bokhokhuu ( dhiitaa'uu) kan jalqabu yoo ta'u, dhangala'aan foolii qabu qaama, afaanii fi hidhii tee keessaa baha. ▶Guyyaa shan booda, Maatii, waatii, firaaf aantii, intaltinii fi ilmi kee hojitti deebi'an ( yoo qabaachuu baatan ammoo humaatuu. Yeroo kanatti qaamooleen dhiigaa kee manca'uu waan jalqabuuf qaamni kee magariisarraa gara diiminaatti jijjirama. ▶ Torbaan lama booda, Joolleen tee qabeenya addaan qooddachuuf nama addaan isaaniif qoodu barbaadan. Yookaan abukaatoo wajjiin mana murtiitti wal arkkan. Yeroo kanatti cimdii fi ilkkaan kee harca'uu jalqaba. ▶️Waggaa tokko booda namni tokko, "Wow, aaha, yaawoo abaluun sun bar erga du'ee/duutee duruu hanga geeysee ? Guyyaan Rabbii numa fiiga yaaboo kaleessuma fakkaataam jedhan." Innaawaa gaafa duuti tee tan guyyaan naannaweenii fageeyse gaafa akka carraatti yaadatan. => Waggaa kudhan booda, Hiriyaa ykn saahibni kee tokko suuraa dur irratti si arkkee si yaadata. Yeroo kanatti qaama kee irraa kan hafe yoo jiraate lafee qofata ykn lafee qofaatu hafee jira. Yeroo muraasa boodaan lafeen gariiniis biyyeen nyaatteeti biyyee taha. Jireenyi ilma namaa hanganuma. Yeroo qabdu keessatti yoo waan gaarii hin hojjanne, yoo nama ittiin yaamamtu ilmaan gaggaarii dhaloota hegeree hin qabaanne, yoo beekkumsa gaarii keessaafu diin-islaam baratte dhaloota barsiifte hin qabne, yoo sadaqaa (kennaa) haftuu si boodatti taatee gaarummaa ( kheeyrii) siif oomishtu hin qabne, yoo osuma deemtuu du'aan addunyaa tanarraa ganda aakhiraa sanitti godaante muka firii hin qabne taatee hafuudha. Umrii jireenya ifii guutuu dhugaa hojjachaa yoo dabran garuu gaabbii ykn sheenaa hin qabu! Jireenyi ilma namaa kun hanganumaa!!😔 https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Показати все...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

"Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in; akka ati jaallatte haa ta’u! jedhe. “Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate. Muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ta’e”." [Luqaas 22:42-44] Yesus Kiristos osoo akka Kiristiyaanonni jedhan; cubbuu isaaniitiif du’uu fi fannoo irratti fannifamuuf dhufee maaliif du’a jibba ?. Ammas erga kaayyoon dhufeef kana ta’ee, maaliif du’uu dhabuu Rabbii isaa kadhata ? "Gara sa’aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jedhee waammate; kunis, “Waaqayyo ko, Waaqayyo koo maaliif na dhuufte?” jechuutti in hiikama." [Maatewos 27:46] [Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kafaran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga guyyaa qiyaamaatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gudduu keessanitti nan murteessa.”] (Qur'aana Suuratu Aal- Imraan 3:55) Hubachiisa dabalataa kan Yesus Kiristos fannifamuu dhabuu isaa nuu mirkaneessan; ❖ Du’uu isaa kan dubbate Maatewoosii fi Luqaasiidha. Luqaas immoo ofii isaatiyyuu barataa isaa hin turre, maatewos immoo du’a isaatii fi rarraafama isaa hin argine, barattoota kaanneen wajjiin baqatee ture, wanti amantaan tokko irratti ijaaramu immoo ragaa qabatamaadha. Yoo raga qabatamaa hin qabaatin ni darbama. ❖ Maatewosii fi Luqaas, akka kitaabban seenaa Kiristiyaanaa jedhutti; Wangeelota isaanii yemmuu barreessan Wangeela Maarqos waan of harkaa qabaniif Wangeela isaa kana irraas immoo yaada hedduu irraa akka fudhatanii fi koppii godhatantu dubbatama. Sababni isaas Wangeelli jalqaba barreeffame Wangeela Maarqosidha. Innis immoo ofii isaatiyyuu barataa Yesus hin turre. ❖ Macaafni Maatewos afaan ibraayistiin barreesse waan du’a Yesusi fi rarraafama isaas hin dubbatu, kan afaan Girikii immoo kan inni barreesse miti, nama biraatu hiike, namni hiikes hin beekamu. ❖ Barattoonni Yesus tokkoo iyyuu kan Yesus bira dhaabbate hin jiru, hundinuu ni baqatan. [Maarqos 14:50], [Yohannis 16:32] irra ilaalaa. ❖ Namoonni isa qabuuf dhufan ni gaggaban, yeroon sun immoo yeroo inni gama samiitti ol-fuudhameedha. [Yohannis 18:6] ❖ Macaafni Kakuu Moofaan waa’ee du’a isaa rarraafamuu isaa hin dubbatu. ❖ Namni rarraafamu abaaramaadha. [Ergaa Gara warra Galaatiyaa 3:13] Walumaagalatti fannifamuu isaa Qur’aanni Kabajamaan ifaan ifatti mormee jira. Macaafni Qulqulluun amma harka Kiristiyaanotaa jirus kanuma gargaara malee hin faallessu nama hubateef. Yihuudicha Yesusin gane nama “𝗬𝗶𝗱𝘂𝘂𝘇𝗮𝗹-𝗜𝘀𝗸𝗮𝗿𝘆𝗼𝗼𝘇” jedhamu Rabbiin bifaa fi haasawaan akka Yesus Kiristos wajjiin wal-fakkaatu taasisee Israa’eloonni Namticha ganaa kana fannisuun ajjeesuu isaanii Wangeelli Barnaabaas addeessee jira. وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا الْمَسِيحَ عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ اللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِيهِ لَفِي شَكٍّ مِّنْهُ ۚ مَا لَهُم بِهِ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا اتِّبَاعَ الظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًا [Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre) Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.] (Qur'aana 4:157) بَل رَّفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا [Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.] (Qur'aana 4:158) Kanaafuu nu Muslimtoonni woggaa woggaan akka Yesus Kiristos hin ajjeefamin, hin fannifamin ragaa bahaa jiraanna. Awol Kasim Alo
Показати все...
1
Ifaa Dhugaa tiin kan qophaaye!(jzk ustaaz) follow tolchaafii........👇👇👇👇👇👇👇👇 Mata-duree “ Yesus Kiristos osoo hin qabamin hin tumamin, hin fannifamin hin ajjeefamin gara samii ul-fuudhamuu”. ❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️ ..... Yahuudonni Nabi Iisaa (Yesus Kiristos) wantoota adda addaatiin maqaa xureessuu fi yakkuu turan, isa kana qofattuu osoo hin dhaabatin, isa ajjeesuudhaaf malaa fi yaalii cimaa taasisuu eegalan. Yeroo kana keessatti namni adda durummaan sadarkaa ajjeechaa kana irratti mari’ataa turan Namicha Maqaan isaa 𝗞𝗮𝗮𝘆𝗮𝗮𝗳𝗮𝗮𝘀 jedhamuudha. Garuu isa ajjeesuun sun gonkumaa isaaniif hin mijoofne. Isaan tooftaa baasan, haa ta’u malee tooftaan Rabbii tooftaa isaanii dursee argame. Rabbiin waa’ee kanaa ilaalchisee akka armaan gadii kanatti Qur’aanaan dubbateera; وَمَكَرُوا وَمَكَرَ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ [ Isaanis tooftaa baasani; Rabbiinis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti.] (Qur'aana 3:54) إِذْ قَالَ اللَّهُ يَا عِيسَىٰ إِنِّي مُتَوَفِّيكَ وَرَافِعُكَ إِلَيَّ وَمُطَهِّرُكَ مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا وَجَاعِلُ الَّذِينَ اتَّبَعُوكَ فَوْقَ الَّذِينَ كَفَرُوا إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ ۖ ثُمَّ إِلَيَّ مَرْجِعُكُمْ فَأَحْكُمُ بَيْنَكُمْ فِيمَا كُنتُمْ فِيهِ تَخْتَلِفُونَ [ Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]: “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadha. Gara kiyyattis ol si fuudhaadha. Isaan kaf*aran irraas si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga Guyyaa Qiyaamatti warra kaf*aran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gidduu keessanitti nan murteessa.] (Qur'aana 3:55) Yesus Kiristos gara samii ol fuudhame malee, akka Yahuudonni nutu ajjeese jedhan, akka Kiristiyaanonnis eeyyan isintu ajjeese jedhan sana miti. Fannifamuu dhabuu isaa irrattis akka Macaafni Qulqulluun jedhutti Yesus waan dubbate qaba. Mee keeyyattoota Macaafa Qulqulluu kanneen armaan gadii kana sirritti hubadhaa. Jecha Kiristiyaanonni cubbuu keenya nurraa baachuuf du’e jedhanis yaadadhaa. "Yesus yeroo sanatti, “Egaa ani yeroo gabaabduu duwwaadhaaf isin biran jira; kana booddee gara isa ana ergee nan dhaqa. Isin ana barbaaduuf jirtu, garuu ana hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan” jedhe." [Yohannis 7:33-34] "Ammas Yesus, “Ani nan adeema, isin ana barbaaduuf jirtu; iddoo ani dhaqus dhufuu hin dandeessan, kanaaf cubbuu keessaniin in duutu” jedhee isaanitti dubbate." [Yohannis 8:21] 👉 Yaa Yahuudotaa fi Kiristiyaanota! Osoo Yesus Kiristos ana arguu hin dandeessan jedhee dubbatuu isin akkamitti argamee ajjeefamee, fannifamee, du’ee du’aa ka’e jettan ?. Ammas Yesus Kiristos isinirraa ajjeefamee cubbuu keessan isinirraa baadha hin jenne, cubbuu keessaniin ni duutan jedhe malee, akkamitti cubbuu keenya baate jettu ?. Moo Yesustu sobe jechuu barbaaddaniiti ?. 👇👇👇👇👇👇👇 "Yommus Yesus, “Maariyaam!” isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara isaatti garagalte afaan Ibraayisxiitiin, “Rabbuunii!” ittiin jette; kana jechuun “Barsiisaa” jechuu dha. Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome." [Yohannis 20:16-17] Yesus Kiristos ammas akka hin duune kadhatee jira. Kadhannaan isaatis isaaf awwaatamee jira. [Ergaa Gara Ibrootaa 5:7] Yeroo anbiyoonni/raajonni Rabbiin kadhatan Rabbiin ni awwaataafi, FKN; Hisqi’el Raajichaatif awwaatamee jira, Isaayaas Raajichaatifis [38:1-6], akkasuma namoota biraatiifis awwaatamee jira. [Macaafa Saamu’el Isa Lammaffaa 24:11], [Macaafa Moototaa Isa Duraa 21:19- 29]. Yesus Kiristos Rabbii isaa kadhachuu akka armaan gadiitti haa ilaallu mee: "Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, “Yaa abbaa ko! In danda’ama yoo ta’e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta’u malee” jedhee kadhate." [Maatewos 26:38-39]
Показати все...
👌 1
SEERA DHIQANNAA ••••••••••••••••••••• Dhiqannaan qaamaa waan Shari’aan Islaamaa itti ajajjuu fi waan jaalatamaa fayyaa ilmaan namaatiif barbaachisu keeysaa tokko. Rabbiin warra qulqulleeyfatu ni jaalata. Ammoo yeroo qaama dhiqatuun dirqama tahuutu jira, yeroo xurii ifirraa dhiquuf dhiqatantu jira, qabbanneeyfachuuf yeroon dhiqatanis ni jira. Tan amma itti deemnu dhiqachuun yoom dirqama taha kan jedhu san akka barruufi. Rabbiin ol tahe akkana je’e: “Yoo Janaabdooyatan (Jaarsaa fi jaartiin qunnamtii gootan) qulqulleeyfadhaa.” Al-Maa’idaa: Ammas akkana je’a Rabbii guddaan: “Dubartoota yeroo Heydii qaban (Laguun itti jiru) irraa fagaadhaa (qunnamtii saalaa hin dalaginaa). Hanga qulqulleeyfatanii itti hin dhihaatinaa (qunnamtii saalaatiif).” Al-Baqaraa:222 MAALTU DHIQANNAA DIRQAMA NAMARRATTI GODHA? Dhiqannaan dirqama kan tahu sababoota armaan gadiitiifi: 1-Dhangala’aan qaama saalaa bahuu. Ragaan kanaa hedduudha. Sanirraa: Hadiisa Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam irraa odeeyfame: “Bishaaniin (dhiqachuun) Bishaan irraahi (dhangala’aan qaama saalaa bahuu irraahi.” Muslimtu gabaase. Qaama dhiqachuun dirqama taha yoo dhangala’aan qaama saalaa (maniyyiin) fedhiidhaan dhiiraa ykn dhalaa irraa bahe. Dhangala’aan bahu kun osoo rafan ykn dammaqinsa keeysatis yoo bahe qaama dhiqachuun dirqama. Ammoo namni rafutti hin jirre yeroo bishaan irraa bahu fedhiin itti dhagayamuu qaba. Akkasumas namni rafu jiru manaabaan qunnamti godhee yoo bishaan irraa hin bahin dhiqannaan isarratti dirqamaa miti. Ammoo Osoo rafu manaabaan qunnamtii dalaguu isaa hin yaadatu garuu hoggaa dammaqu dhangala’aa qaama saalaa “Maniyyii” ifirratti argu dhaqachuun isarratti dirqama. Bishaan qaama saalaatiin bahu hundi dhiqannaa dirqama hin godhu. Bishaan qallaa osoo fedhinnaa hin dhageenye bahu “Mazyiin” dhaqannaa dirqama hin godhu. 2- Qaamni saalaa lamaan walitti bu’uu; Jaarsa fi Jaartiin yeroo qunnamtii saalaa raawwatan dhiqannaan dirqama taha. Qunnamtii Saalaa godhanii bishaan irraa bahuu ykn bahuu baatus dhaqatuun dirqama. Ragaan Hadiisa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam: “Hoggaa (Jaarsi) gudeeda (Jaartii) jidduu seenee itti jajjabaate dhaqachuun dirqama taha.” Bukhaarii fi Muslim. Qunnamtii Saalaa yeroo raawwate jechuutu itti fedhame. 3- Dhiigni Heeydii fii dhalaa dhaabbachuu: Yeroo dhiigni heeydii fi dhiigni dhala boodaa dhaabbate dubartii irratti dhiqachuun dirqama taha. Ragaan Faaximaa bint Hubeeysh Saahabtittiin jedhamtu Rabbi irraa haa jaalatu dhiiga sababaa birootiif yeroo dheeraaf itti dhufu irraa gaafate, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Suni dhiga hidda irraa yaa’u, heeydii miti. yeroo heeydiin tee dhufte salaata dhiisi, yeroo isiin dabarte dhaqadhuu salaati.” je’een. Bukhaarii fi Muslim 4-Du’a. Ummu Axiyyaan akki jettu Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam gaafa intalti Isaa duute nurratti ol seenee akkana nuun je’e “hogga sadii isii dhiqaa ykn hogga shan ykn sanii ol yoo barbaachisaa tahuu agartan.” Bukhaarii fi Muslim 5-Kaafirri hoggaa Islaamawe. Qeeysi bin Aasim Rabbi irraa haa jaalatu gaafa Islaamawe, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam qaama dhiqachutti isa ajaje. Sunana Abuu Dawuud Hadiisa biraa keeysatti Sumaamaan gaafa Islaamawe Rasuulli s.a.w “Isaan deemaa oyru abaluu geeysaa, Qaama akka dhiqatu isa ajajaa.” Sunana Ibnu Maajah Mazhabni Imaamu Ahmad namni Kaafiraa yoo Islaamawe dhaqachuun dirqama je’a, kanaatu irra haqa qunnamaadha hoggaa zaahira hadiisaa laalle. 6- Dhiqannaa guyyaa Jum’aa. Ilaalchi Ulamaa’ii murtii dhiqannaa guyyaa Jum’aa keeysatti wal dhabee jira. *Gariin Ulamaa’ii jum’aa dhiqachuun jaalatamaadha jedhan. Ragaan Isaanii hadiisa “Namni wudu’a tolchate egas jum’aa dhufe, kan callisee dhaggeefate wanni jumaa fi jumaa jidduu jiru isaaf araaramama” Muslimtu gabaase. *Gariin Ulamaaii ammoo dirqama jedhan santu irra haqa qunnamaadha. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam “Tokkoon keeysan yeroo gama Jum’aa dhufu haa dhiqatu.” Bukhaarii fi Muslim. Haa dhiqatu je’ee ajajuun dirqama tahuu agarsiisa. Dirqama jechuu kanarra jiran Albaanii fi Useeymiin.
Показати все...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

👍 1
Maddi: At-Tamaamu Al-Minnaa fi Fiqh Al-Kitaabi wa Sahiihi As-Sunnaah, fuula 104-109. By: Urjii Ahmad https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Показати все...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Darsiilee baratamee fi baratamaa jiru sagaleen hordofuuf linkiilee Armaan gadii kana seenuun Aragachu dandeessu 1📶Arba,iin Annawaawi👇 https://t.me/Markazhaumar1444 By.Ust/shaafii muhammad 2📶Umdatul Ahkaam👇 https://t.me/markazaUmarl1444 By.Ust/shaafii muhammad 3📶Tafsiira 👇 https://t.me/mAnsar123 By.Ust/shaafii muhammad 4📶 buluug Al maraam👇 https://t.me/MAnsaar134 By.Ust/shaafii muhammad 5📶 Nahwii Aajirumiyya👇 https://t.me/+NTJLenvCwSQwYjc0 By.Ust/shaafii muhammad 6📶Duruusul muhimmaa👇 https://t.me/+TEiA1wBG9y82NTJk By.Ust/shaafii muhammad 7📶Usuulu ssalaasa/_qawaa idul Arba,a👇 https://t.me/markazaumar By.Ust/shaafii muhammad مركز عمر بن الخطاب❤📚🖋 As wr wb Mee likiilee kana laali mee السلام عليكم ورحمة الله وبركاته اخوتي واخواتي الكرام طلاب العلم الشرعي استفيدوا من هذه المعدات التالية 👇👇👇 السلام عليكم ورحمة الله وبركاته ✍ Warri Tafsiira Qur'aanaa hordofuu barbaaddaniis kunoo linkii kanaan seenaa.  👇👇👇👇 https://t.me/tafsiira2022 ✍ Namoonni Nahwii online baratamaa jirtu hordofuu feetaniis kunoo👇👇👇👇 https://t.me/+pI_Co-0ihnQ1NmJk ✍ Namoonni Darsii [بلوغ المرام ] tan online baratamaa jirtu hordofuu barbaaddan kunoo linkii kanaan seenaa👇👇👇👇 https://t.me/buluuga2022 ✍  Yoo Rabbiin nu gargaaree gargaarsa Isaatiin Audiyoolee Aqiidaatis linkii kanaa gadii keeysatti isiniif guurra👇👇👇👇 https://t.me/aqiidaa1 ✍ Darsii [ التجريد الصريح] yaroo xiqqo booda inshaa Allaah! Linkii khana jalaan arkatuu dandeeysu👇👇👇👇 https://t.me/tajriida ✅ Barnoota Fiqhii tokko tokko namni barbaaddan Linkii kanaa gadii cuqaasaa👇👇   https://t.me/barnoota_Fiqhii 🥀🥀 Darsii Riyaadussalihiin asiin Seenaa👇👇👇👇👇 https://t.me/markazu_umar_bin_al_khattab
Показати все...
مركز عمر بن الخطاب Darsii Arba,iinaa

مركز عمر بن الخطاب

👎 1
Beekaa islaamaa Ibraahim bin Adahamiim akkana jedhame : “Rabbiin Kadhannee deebii hin argannuu maaltu nu dhibe ?” jedhaniin Ibraahim akkana jedhe: “Sababni isaa Rabbiin beektanii jirtu. Garuu isaaf hin ajajamtan, akkasumas Ergamaa beektanii jirtu.Garuu Sunnaa isaa hin hordoftan.Qur’aanas ni qaraatu.Garuu isaatti hin hojjattan.Rizqii(Hiree) akka Allaahaan isinii kennu beektanii jirtan.Garuu isa hin galatoomfattan.Jannatas beektaii jirtan.Garuu isa hin barbaaddan.Ibidda jahannam beektanii jirtu.Garuu irraas hin maganfattan. Sheeyxaana akka diina keessan ta'e ni beektu.Garuu isaan hin loltan. inumayyuu isa waliin walii galta.Du'as akka isinitti dhuftu ni beektan.Garuu du'aaf hin qophooftan, kan du’ee awwaltanii biraa galtan irraayis hin barattan. Badii ofii dalagde ni tuffatta. Badii namoota biroo guddiftee mul'isuuf yaadda.”. Powerful Islamic Reminders ● Tafsiira Qurtuubii (2/312). https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Показати все...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

MAALTU NAJISA ? ••••••••••••••••••• Najisa jechuun waan lubbuun nama fayyaa qabuu jibbitu, kan yoo isaan tuqe huccuu ifii irraa dhiqan waan akka Udaaniiti. Shari’aatti waan jibbamaa amantii itti akeekte. Shari’aa keeysatti hundeen waan hundaa xahaara/Ququlluudha. Ammoo Namni wanni takka Najisa jedhu ragaa shari’aa dhiheeyfachuu qaba, yoo ragaa hin dhiheeysin waan shari’aan Najisa hin godhin Najisa jechuu hin dandeenyu. Waan Najisa tahuu Isaa ragaan itti jirtu keeysaa: 1: Udaan Namaa Ragaan Hadiisa Rasuulaati s.a.w “Tokkoon keeysan yoo waan nama rakku/udaan irra kopheen ejjate, biyyeen isa qulqulleeysa.” Abuu Dawuud fi imaamu Ahmad gabaase. Akkas jechuun biyyeetti yoo haqe ifirraa qulqulleeysa. 2: Ficaan Namaa Ragaan Hadiisa gurbaan warra baadiyyaa tokko Masjida Rasuulaa s.a.w seenee ficaane, Namni itti ka’e isaan lole, Rasuulli s.a.w dhiisaan, Hoggaa ficaan Isaatirraa Raawwate bishaan okolee/baaldiin itti naqaa jedhe. Bukhaari gabaase 3: Mazyii Mazyii jechuun bishaan adii qallaa yeroo fedhiin qunnamtii saalaa namatti jirtu kan namarraa bahu. Kan humnaan Utaalu sanii miti, Osoo abbaan hin beeynes bahuu dandaha. Inni sun najisa, Rasuulli s.a.w Isa dhiquutti ajaje. Ragaan Hadiisa Aliyyi Odeeyse akki jedhe “Ani gurbaa hedduu Mazyii guddatun ture, Rasuula s.a.w gaafachuu zigaaleetin Miqdaad binu Al-Aswad Erge. Rasuulli s.a.w akki je’e “Qaama Saalaa Isaa dhiqee, Wudu’a godhata.” Bukhaari 4: Wadyii Kuni Bishaan qaama saalaa irraa ficaan booda bahu furdaa sani, Inni Najisa. Ragaan Ibnu Abbaas akki jedhe “Wadyii fi Mazyi irraa qaama saalaa dhiqattee, wudu’a akka salaataa goota.” Imamu Nawawiin akki jedhe ummanni Islaamaa mazyii fi wadyiin najisa tahuu irratti waliif galanii jiran. 4: Faltii waan foon Isaa hin nyaatamnee. Ragaan Hadiisa Abdullaahi ibnu Mas’uud Odeeyse akki jedhe Rasuulli s.a.w bakka qulqullinaa/mana ficaanii dhaqee dhagaa sadii akkan fiduuf na ajaje, dhagaa lama argee, kan sadeeysaa dhabe, faandoo tokko itti dabalee Isatti geeyse. Dhagaa lamaan narraa fudhatee faandoo/faltii takkittii san darbe, ammas akki naan jedhe s.a.w “Isiin Najisa.” Bukhaarii gabaase. 5 : Dhiiga heeydii/ Dhiiga dubartii baatirraa itti dhufu. Ragaan Hadiisa Rasuulaati s.a.w Intaloon takka Nabiyyiiti dhuftee ‘takkaa teenya yoo dhiigni heeydi huccuuu isii xuqe maal gooti?’ jetteen. Rasuulli s.a.w “Irraa hoyxi/rigdi eegasi ni micciti, eegsi bishaan itti neeyxee itti salaatti.” Bukhaarii fi Muslim 6: Gorora Saree Ragaan Hadiisa Rasuulaa s.a.w “Qulqullinni meeshaa teeysan tan sareen afaan keeysee hoggaa ykn yeroo torba dhiquudha tan duraa san biyyeen.” Bukhaari 7: Foon Karkarroo Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti. “Je’i (Yaa Muhammad s.a.w) waan narratti beeysisa godhamerraa nyaata nyaatamu kan haraamaa hin argu, Yoo ifiin du’aa, ykn dhiga yaa’aa ykn foon karkarroo tahe malee Inni (Foon karkarroo) Najisa….” Suuraa An’aam 145 8: Waan ifiin du’e Qurxummii fii Awwaanisa malee. Ragaan hadiisa Rasuulaati s.a.w akki jedhan “Gogaan waan du’ee yoo hallame ni qulqullaawa.” Muslim Wanni kanaa alaa Najisummaan Isii walii galamaa miti… Kan akka Farshoo haraama tahuu Isaati wajjiin yoo nama xuqe najisaa miti. Dhangalaa’aan yeroo wal qunnamtii saalaa namarraa bahu Najisaa miti. A’ishaan Rabbi irraa haa jaalatu huccuu Rasuulaa s.a.w tan dhunagala’aan (Maniyyiin ykn sperm) tuqe irraa hooqeetin Rasuulli s.a.w itti salaate jette. Mushrikni najisaa miti, yoo nama tuqe qaamni isaa nama hin najisu. Garuu Aqiidaan Isaa najisa. Waan Rabbi malee gabbaruuf. Maddi barruu tanaa Al Adilatu Radiyyaah Al-Wajiiz fi Fiqhi Sunnaa wal kitaabi Al-Aziiz Sharhu Bidaatul Mutafaqqih Share godhuun wal barsiisaa https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Показати все...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Guyyaan Qiyaamaa Sababoota Maaliini Kan “Qiyaamaa” Jedhame? ▪︎وسُمِيَّ بِيومِ القِيامَةِ لِثلاثِ أسبَابٍ: Guyyaa qiyaamaa kan jedhameef sababa sadiini:- ❶- قِيَامُ النَّاسِ مِنْ قُبُورِهمُ، ❶-Namoonni qabrii irraa waan dhaabataniifi. لِقولِهِ تَعالَى: ﴿يَوْمَ يَقُومُ النَّاسُ لِرَبِّ الْعَالَمِينَ﴾ "Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu" ❷- قِيَامُ الأَشهَادِ، ❷- Ragaan waan dhaabbatuufi لِقولِهِ تَعَالَى: ﴿إِنَّا لَنَنصُرُ رُسُلَنَا والَّذِينَ ءَامَنُوا فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَيَومَ يَقُومُ الأَشهَادُ﴾ "Dhugumatti, Nuti ergamtoota keenyaafi isaan amananiifis jiruu addunyaa keessattis ta’ee guyyaa ragoonni dhaabbatan ni tumsina" ❸- قِيامُ العَدلِ، ❸- Madaalli waan dhaabbatuufi. لِقولِهِ تعَالَى: ﴿وَنَضَعُ الْمَوَازِينَ الْقِسْطَ لِيَوْمِ الْقِيَامَةِ ﴾ "Nuti Guyyaa Qiyaamatiif madaala haqaa lafa keenya" 📚 [القَولُ المُفِيدُ علَى كِتابِ التَّوحِيدِ |ص٤٢٢] 🛰 @ifaislaamaa
Показати все...
👍 3
📃🖊. Dhimmoota 5 Gurguddoo Towhiidaa fii Faallaa isa sirritti beekuuf ┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈ ۞. Yoo Nama Dhugumaan Towhiidaa fii Faallaa isaa beekuu fedhu taate; 1.Towhiidni Rasuulli ﷺ itti Waamaa ture Maalii fii kam akka ta'e beekuu qabda. ★.                                         2. Shirkiin Rasuulli ﷺ irraa ummata sodaachisaa ture sun maal akka ta'ee fii Dhimma kam keessatti akka ta'ee Gad seentee beekuu qabda. ۞                                         3. Haala Mushriktootaa kan Rasuulli ﷺ keessatti ergamee,akkamitti akka ibaadaa raawwataa turan,Maaliin ibaadaa gochaa akka turanii fii haalli isaan gabbaramtoota isaanii wajjiin qaban Maal akka ture beekuu qabda. ۞                                      4. Ibaadaa Dhimmi towhiida irra naanna'uu fii isiirra marsu sana beekuu qabda. Hiikkaan ibaadaa Maali? Wanti Rabbiin yeroo baay'ee  bakka baay'eetti itti nu ajaje sun Maali? " Allaahaa  qofa  gabbaraa isatti waa hin qindeessinaa"   ﴿وَاعْبُدُوا اللَّهَ وَلا تُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا﴾ [النساء:36] Hiikkaa ibaadaa beekuun bakka gudda hangana hin jedhamne qaba. Haqiiqaa fii Maalummaa ibaadaa hubachuu dhabuun gara qaawwaa fii hir'ina towhiidaa fii shirkii hubachuutti nama geessa.۞                                      5. Garaagarummaa towhiida Rabbummaa fii towhiida uluuhiyyaa jidduu jiru itti dhaqqabdee beeku qabda. Isaan lamaan jidduu wal hammachuun jiraachuu fii Maalummaa wal qabachuu fii wal hammachuu isaan lamaanii bira gahuu qabda. Dhimma kun akkaan barbaachisaadha. Irra hedduun waliin dhawa mushriktootaa durii fii ammallee Gama dhimma kanaa fii gama towhiida lamaan walitti Makuutiini. ".۞                                   ◈. Yaa akhii /wayaa ukhtii Dhimmoota Shanan kana hubachuu,sirriitti beekuu fii Namallee beeksisuuf tattaafadhu. ┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈ 🎙Sheikh Salih Sindii-hafizahullah 📓Sharh Qawaعid Al-arbaع. ┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈
Показати все...