cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Show more
Finland2 505The language is not specifiedReligion & Spirituality54 300
Advertising posts
1 427
Subscribers
+224 hours
+67 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Guyyaan Qiyaamaa Sababoota Maaliini Kan “Qiyaamaa” Jedhame? ▪︎وسُمِيَّ بِيومِ القِيامَةِ لِثلاثِ أسبَابٍ: Guyyaa qiyaamaa kan jedhameef sababa sadiini:- ❶- قِيَامُ النَّاسِ مِنْ قُبُورِهمُ، ❶-Namoonni qabrii irraa waan dhaabataniifi. لِقولِهِ تَعالَى: ﴿يَوْمَ يَقُومُ النَّاسُ لِرَبِّ الْعَالَمِينَ﴾ "Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu" ❷- قِيَامُ الأَشهَادِ، ❷- Ragaan waan dhaabbatuufi لِقولِهِ تَعَالَى: ﴿إِنَّا لَنَنصُرُ رُسُلَنَا والَّذِينَ ءَامَنُوا فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَيَومَ يَقُومُ الأَشهَادُ﴾ "Dhugumatti, Nuti ergamtoota keenyaafi isaan amananiifis jiruu addunyaa keessattis ta’ee guyyaa ragoonni dhaabbatan ni tumsina" ❸- قِيامُ العَدلِ، ❸- Madaalli waan dhaabbatuufi. لِقولِهِ تعَالَى: ﴿وَنَضَعُ الْمَوَازِينَ الْقِسْطَ لِيَوْمِ الْقِيَامَةِ ﴾ "Nuti Guyyaa Qiyaamatiif madaala haqaa lafa keenya" 📚 [القَولُ المُفِيدُ علَى كِتابِ التَّوحِيدِ |ص٤٢٢] 🛰 @ifaislaamaa
Show all...
👍 1
📃🖊. Dhimmoota 5 Gurguddoo Towhiidaa fii Faallaa isa sirritti beekuuf ┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈ ۞. Yoo Nama Dhugumaan Towhiidaa fii Faallaa isaa beekuu fedhu taate; 1.Towhiidni Rasuulli ﷺ itti Waamaa ture Maalii fii kam akka ta'e beekuu qabda. ★.                                         2. Shirkiin Rasuulli ﷺ irraa ummata sodaachisaa ture sun maal akka ta'ee fii Dhimma kam keessatti akka ta'ee Gad seentee beekuu qabda. ۞                                         3. Haala Mushriktootaa kan Rasuulli ﷺ keessatti ergamee,akkamitti akka ibaadaa raawwataa turan,Maaliin ibaadaa gochaa akka turanii fii haalli isaan gabbaramtoota isaanii wajjiin qaban Maal akka ture beekuu qabda. ۞                                      4. Ibaadaa Dhimmi towhiida irra naanna'uu fii isiirra marsu sana beekuu qabda. Hiikkaan ibaadaa Maali? Wanti Rabbiin yeroo baay'ee  bakka baay'eetti itti nu ajaje sun Maali? " Allaahaa  qofa  gabbaraa isatti waa hin qindeessinaa"   ﴿وَاعْبُدُوا اللَّهَ وَلا تُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا﴾ [النساء:36] Hiikkaa ibaadaa beekuun bakka gudda hangana hin jedhamne qaba. Haqiiqaa fii Maalummaa ibaadaa hubachuu dhabuun gara qaawwaa fii hir'ina towhiidaa fii shirkii hubachuutti nama geessa.۞                                      5. Garaagarummaa towhiida Rabbummaa fii towhiida uluuhiyyaa jidduu jiru itti dhaqqabdee beeku qabda. Isaan lamaan jidduu wal hammachuun jiraachuu fii Maalummaa wal qabachuu fii wal hammachuu isaan lamaanii bira gahuu qabda. Dhimma kun akkaan barbaachisaadha. Irra hedduun waliin dhawa mushriktootaa durii fii ammallee Gama dhimma kanaa fii gama towhiida lamaan walitti Makuutiini. ".۞                                   ◈. Yaa akhii /wayaa ukhtii Dhimmoota Shanan kana hubachuu,sirriitti beekuu fii Namallee beeksisuuf tattaafadhu. ┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈ 🎙Sheikh Salih Sindii-hafizahullah 📓Sharh Qawaعid Al-arbaع. ┈┉┅━━❀🍃🌸🍃❀━━┅┉┈
Show all...
Mata-duree. "Sababoota gurguddaa 15 kan 𝗬𝗲𝘀𝘂𝘀 𝗞𝗶𝗿𝗶𝘀𝘁𝗼𝘀, Waaqayyo ta’uu hin dandeenyee." 🛑 1. Rabbiin hin dhalatu, Yesus Kiristos immoo ni dhalate. 🛑 2. Waaqayyo namaa miti. [Seera Lakkoobsaa 23:19], [macaafa Hose’aa 11:9] Yesus Kiristos, immoo ilma namaati, [Yohannis 8:40]. 🛑 3. Waaqayyo hafuura (hin mul’atu jedhuudha), hin tuqamu, akka macaafichi jedhutti. [Yohannis 4:23-24]. Yesus Kiristos, immoo hafuura miti. [Luqaas 24:39]. 🛑 4. Waaqayyo addunyaa irratti ijaan hin argamu, sagaleen isaas hin dhaga’amu. [Yohannis 5:37]. Yesus Kiristos, immoo ijaan argamee jira, dhaga’amee jiras. 🛑 5. Waaqayyo fakkaattii hin qabu (wanti isa fakkaataa fi boca hin qabu). [Isaayaas Raajichaa 44:7], [Faarfannaa 89:6]. Yesus Kiristos, garuu fakkaattota hedduu qaba. [Ergaa gara Ibrootaa 1:8-10]. 🛑 6. Waaqayyo gonkumaa kan hin duune ta’uu. [Seera Keessa Deebii 32:40], [Xemotewos Isa Duraa 1:17, 6:16], [Roomaa 1:20-21, 25]. Yesus Kiristos, immoo akka Kiristiyaanonni jedhanitti du’ee jira. 🛑 7. Waaqayyo waan hunda beeka, Yesus Kiristos, garuu waan hunda hin beeku. [Maarqos 13:32]. 🛑 8. Waaqayyo humna qabeessa. Yesus Kiristos, garuu humna isaatiin homaa gochuu hin danda’u. [Yohannis 5:30]. 🛑 9. Waaqayyo hin mugus hin rafus. [Faarfannaa 121:2-4]. Yesus Kiristos, immoo rafee jira. [Luqaas 8:23-24], [Maarqos 4:38]. 🛑 10. Waaqayyo hin beela’u. Yesus Kiristos, garuu beela’ee jira. [Maarqos 11:12]. 🛑 11. Waaqayyo hin nyaatu. Yesus Kiristos immoo nyaatee jira. [11:19]. 🛑 12. Waaqayyo dhugaatiis hin hajamu. Yesus immoo dhugee jira. [Maatewos 26:29]. 🛑 13. Waaqayyo hin rakkatus, hin hiyyoomatus. Yesus Kiristos, garuu rakkatees jira, hiyyoomatees jira. [Maatewos 8:20]. 🛑 14. Waaqayyo saala hin qabus, hin kittaanatus. Yesus Kiristos, garuu saallis dhiira, kittaanatees jira. [Luqaas 2:21]. 🛑 15. Waaqayyo hin qoramu. [Maarqos 1:12-13], [Yaaqoob 1:13] Yesus garuu akka macaafni qulqulluun jedhutti sheyxaanaan qoramee jira. [Maatewos 4:1]. itti fufa... Waliif qoodaa keyrii tana facaasaa. Jzk ❤ 𝗤𝗢𝗣𝗛𝗘𝗘𝗦𝗦𝗔𝗔: © Ifaa Dhugaa https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Show all...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Share godhaa baadiyyaa fi bakka fagoo odeeffannoon hin geenye akka gahutti..jzk 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 Barri Muslimootaa fi Kiristaanota itti adda baasuu hin dandeenye (identity theft) dhufeera. 🤔🤔🤔🤔🤔🤔 Dalagaa Miishinarootaa 👇👇👇👇👇👇😁😁😁 ❄️ Islaamummaan wajji dorgomanii dadhabnaan 👉"Hijaabnis Nu irraa fudhatame malee keenya ture,"😁😁" 👉Areedaa fi Maqaanis keenya ture" jedhanii dheeressuu fi fafakkeessuu jalqabanii jiru. 👉 Akeekkachhisa Muslimoota hundaaf 👉nama hin beekne kan areeda dheeressee ykn dubartii jalbaaba fi niqaaba godhattee waa'ee islaamaa isinitti haasayu/haasoftu hanga qorattanii maalummaa isaa/ishee bartanitti iccitii keessan itti hin haasayinaa ykn hin bulchinaa👇👇👇👇👇👇👇 ❄️ Wallaahi waan fedhanis tahan waan fedhanis godhan abadan islaamummaa hin moo'an. Rabbitu akkana jedha. ❤ Qura'aana suuraa al imraan 3:139 وَلَا تَهِنُوا۟ وَلَا تَحْزَنُوا۟ وَأَنتُمُ ٱلْأَعْلَوْنَ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ "Yoo mu’uminoota taataniif isintu irra aanaa hin laafinaa; hin gaddinaas." ❤ Qur'aana suuraa saff 61:9 هُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلْهُدَىٰ وَدِينِ ٱلْحَقِّ لِيُظْهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦ وَلَوْ كَرِهَ ٱلْمُشْرِكُونَ "Inni Isa odoo mushrikoonni jibbanuu, amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii haqaatiin ergeedha" ❤ Qur'aana suuraa al imrabn 3:120 إِن تَمْسَسْكُمْ حَسَنَةٌۭ تَسُؤْهُمْ وَإِن تُصِبْكُمْ سَيِّئَةٌۭ يَفْرَحُوا۟ بِهَا ۖ وَإِن تَصْبِرُوا۟ وَتَتَّقُوا۟ لَا يَضُرُّكُمْ كَيْدُهُمْ شَيْـًٔا ۗ إِنَّ ٱللَّهَ بِمَا يَعْمَلُونَ مُحِيطٌۭ . "Yoo toltuun wahii isin tuqe, isaan gaddisiisa.Yoo hamtuun isin tuqe immoo isheetti gammadu.Yoo isin obsitanii (Rabbiin) sodaattaniif malli isaanii homaa isin hin miidhu.Dhugumatti Rabbiin waan isaan dalagan (beekumsa Isaatiin) marsaadha." Yes👉Waan fedhanis dalagan sharrii fedhanis shiran abadan isaanii hin milkaa'u, yoo akkana jennu ammoo nutis ni rafna jechuu miti haqa nama haqa barbaaduun gahuu fi tattaaffachuun dirqama taati.Insha Allah! https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Show all...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

😱 2
Jajjabaatanii carraaqaniif qofaa miti. Horiifii hiree gaariis, ilmoo qalbii qabduufi faxinaas, tasgabbii qalbiitiifii jireenya nagiyaatiis Rabbumaatu namaaf kanna, Rabbumaatu nama dhoorkataasi. Ifaajee godhuun dirqama nama muslimaati, ifaajee ifiirratti irkatanii tahii Rabbii mormuun, anaatu beekkumsa kiyyaan argate, anaatu ifaajee kiyyaan argate ja'anii yaaduun jallina gararreetiifii galata Rabbii dagachutti nama geessa. Dafqanii nyaatuufii waan harkaa qaban tirfeeysuuf fiiguun ibaadaadha. Nyaatuufii dhuguunuu yoo niyyaa teenya tolchine ibaadaadha. Ifaajuun gaariidha, ifaajee ifii irratti irkatuun garuu kasaaraadha. Namni dafquu isaatti gammadu, Kan dafquu isaa san Rabbiitu naaf mijjeesse ja'ee galata galchuufii Rabbiif if gad qabutti lubbuu isaa leenjisu, Rabbiin hojii isaa milkiin, qalbii isaa tasgabbiin guuta. Malaafii beekkumsa qabnuun waan arkanne nutti fakkeessuun waan arkannu keessaahillee barkaa fuuti, qalbii teenya irraahiis boqonnaa Oofti. "Wanti naaf tahe kun Rahmata Rabbiitiin naaf argame" jachuu haa amaleeyfannuu. Takkalleenuu ajaja Rabbiitiini. https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Show all...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

👍 2
ERGAMAAN RABBII ﷺ WAA 4 IRRAA MAGANFATAN !!! ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1. ilmii Nama hin Fayyanne 2. Qalbii Rabbi hin sodaanne 3. Lubbuu hin quufne 4. Du'aa'ii qeebaltii hin qabne 1. Ilmii Nama hin fayyanne jechuun; Ta halaalii fi Haraam addaan baaftee irraa ittiin of hin eegne Aalima Jechuun Nama Halaalii fi Haraam beekee Sunnaa Nabi Muhammad ﷺ hordofe 2. Qalbii Rabbi hin Sodaanne jechuun ta Osoo beeytuu hamtuu dalagdu Qaanfii Rabbii ta dhabde jechuudha Saniif Rabbiin aangoo guddoo qalbiif kennee Rasuulli ﷺ akkana ja'an Hogguu isiin tolte qaamni hundi tolte hogguu isiin badde qaaamni hundi badde Saniif Ergamaan Rabbii akkana ja'an "YAA MUQALLIBAL QULUUB SABBIT QALBII ALA DIINIKA" Ja'an qalbiin tun harka Rabbii jirtii akka fedhetti garagaggalch 3. Lubbuun hin quufne duraanuu lubbuun ilma namaa bololtuu haala taateen Uumamte saniif walitti qabi hin baasinii JettiGalata galchuu dhiiftee 4. Du'aa'ii qeebaltii hin qabne Du'aa'ii wanni qeebaluu dhoorku waa 3 1. Haraam nyaatuu 2. Haraam Uffachuu 3. Kijibuudha Du'aa'iin goflaa 2 qabdi Halaal nyaatuu fi Dhugaa dubbatuu dha Saniifuu Rabbiin Rahmata isaa nama godheef hulaa khadhaa banaaf Rabbiin hulaa Rahmataa nuuf haa banu Amrii Addunyaa fi Akhiraa Hunda Rabbiin nuuf haa laaffisu https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Show all...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

Nuti Waaqayyoo "Namicha", "Namichoo", jedhamu hin qabnu! Warri akkana jedhee amanu amma Waaqa xiqqeessemoo waaqa guddise? 🤔1Qoronxoos 15:47-49👇👇👇👇👇👇👇👇 47 "Namichi inni duraa biyyoo irraa waan uumameef, nama biyya lafaati; namichi inni lammaffaan immoo nama waaqa irraati. 48 Warri biyya lafaa akka namicha biyya lafaa sanaati; warri biyya waaqaa akka namicha waaqa irraa sanaati. 49 Bifa namicha isa biyya lafaa akka fudhanne akkasuma immoo bifa namicha isa waaqa irraa fudhachuuf jirra." 😁Phaawloos garuu fayyaa qabaa kan Waaqaayyoon namicha jedhu? Lakkoobsa 23:19 irratti Waaqayyo "namichaa miti" jedha.Kiristaanonni fi phaawloos Waaqayyo namicha jedhu. Eenyu haa amannu?🤔 "Waaqayyo namaa miti, inni hin sobu, gaabbuudhaafis inni ilma namaa miti, inni wanta jedhe hin godhuu ree? Wanta dubbates hin raawwatuu ree?" Kanaafuu akka Ragaa macaafa kanaatti Kiristaanotaafi Phaawloostu sobe. Sobni ammoo Waaqayyoo fi nama birattis jibbamaadha.Namni soba keessaa bahuu barbaade dhufee islaama haa tahuu! https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Show all...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa

👍 1👎 1 1
❄️❄️❄️❄️❄️❄️Dubbisi yoo waa irraa baratte share godhi❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️ Tokkotu wallolanii haadha mana isaa rukuta. Akka tasaa ajjeesuuf osoo hin yaadin harka isaa keessatti duuti. Dhimmicha yoo beeksisee maatii ishee irraa rakkoo waan irra gahuuf waan gochuu qabu buusee baasee yaaduu eegale. Dhumarratti yaadee xiinxale yaadni tokko dhufeef. Nama ogeessa ofiin jedhu Abbaa Malaa ganda isaa keessa jiru tokko bira deemee dhimmicha hubachiisee waan gochuu qabu fala isa gaafachuuf murteesse. Akkuma deemee bira gaheen waan godhe hunda itti hime.Abbaan malaas dubbicha erga hubatee booda mala kennuufii jalqabe. Akkana jedhee gorse...👇👇👇👇👇👇 Balbala kee irra taa'iitii dargaggeessa bareedaa balbala kee bira dabru tokko eegi. Yeroo argitetti suuta jedhii amala gaariidhaan mana keessaa waa nagargaari jedhii kadhadhu. Yoo inni siwajji deeme erga inni mana seenee booda balbala itti cufii isas ajjeesii reeffa niitii teetii bira ciibsi. Achi booda warra ishee itti yaamii yeroo isaan dhufan "Osoo isheen dargaggeessa kana wajji sagaagalummaa dalagaa jirtuu itti dhufee aaree of qabuu dadhabee ajjeese" jedhii warratti himi jedheen. Namichaanis galee akkuma inni jedheen godhe. Warri ishees homaa hin dubbanne dhiisanii deeman.Booda namichi Abbaan Malaa kun malli inni kenneef kun hojjachuufii dhiisuu isaa adda baafachuuf jecha gara mana namicha Niitii ajjeesee deeme.Mana erga dhaqee booda akkami malli koo hojjatee jiraa? Dubbicha maalgoote jedheen. Namichi Niitii ajjeesee kunis abbaa malaa kana galateeffachuu fi faarsuu eegale.Malli keessan naaf hojjatee jira. Baay'ee isin galatoomfadha jedheen.Innis homaa miti ammaa achis yoo waa sidhibanii rakkatte asuma jira erga jedheenii booda "Mee reeffa dargaggeessicha ajjeestee san natti garsiisi jedheen? Innis fuudhee itti garsiise.Abbaan malaa naasuudhaan bakka jiru wallaale.Maaliifi beektuu? Dargaggeessichi ajjeefame ilma isaati.😭😭😭 Haaduu ofii qaraniin Muramuun akkanakaa! Aliyyi Ibnu Abu Xaalib(Rabbi rahmata haa godhuufii) akkana jedhe: "Namni badiif Seeyfii qarate ofumaa ittiin murama." Namni obboleessaa boolla qote dursee ofiif itti gala. Nama iccitii namaa dirretti facaase kan isaa Dirretti facaafama.
Show all...
👍 3
Duniyaafii Aakhirattis rabbi isin haa milkeessuu
Show all...
👍 5
‹Gaaffii Waqtaawaa› هل يجوز تهنئة اليهود والنصارى فى أعيادهم؟؟ Yahuudaa fi nasaaraadhaan Yeroo ayyaana isaanii baga ittiin isin gahe jechuun ni tahaa? ❪📜❫ الجَـــ☟ـــوَاب : الإمام ابن باز-رحمه الله 📖DEEBISAA!📚 Imaam Ibnu-baaz الجواب : يحرم على المسلم أن يهنئ الكفار من اليهود والنصارى وغيرهم بأعيادهم ومناسباتهم الخاصة بهم، لأن ذلك نوع رضا بما هم عليه من الباطل وموالاة لهم، ويحرم كذلك أن يهنئ المسلم أخاه المسلم بأعياد الكفار ومناسباتهم؛ لأن ذلك من التشبه بهم. Ummata kaafiraa kan yahuudaas ta'ee kan nasaaraa Yeroo ayyaana jaraas ta'ee sagantuma jarri qopheeffatu hunda irrattuu Isaan gammachiisuun (Baga ittiin si gahe) jechuun muslima irratti haraami. Akkasuma guyyaa ayyaana kaafiraa sanis ta'ee Sagantuma jaraa kan biraa irrattuu Muslimni tokko Obboleessa isaa kan muslimaatiin «Baga ittiin si gahe» Jechuunis haraami. Sabiin isaas:- Kun jaratti fakkaatuu fi hujii dogongoraa (Baaxila)jarri hojjachaa jiran san jaalachuu, Akkasuma isaan san jaalallee ykn michuu godhachuudha waan ta'eef. وقد ثبت عن النبي ﷺ وسلم أنه قال: «من تشبه بقوم فهو منهم» Akkuma hadiisaan ergamaa rabii ﷺ irraa sabatee jirutti ergamaan rabbii akkas jedhan: «Namni jaratti fakkaate isaanuma keessatti lakkaawama» قال شيخ الإسلام ابن تيمية: وهذا الحديث أقل أحواله أن يقتضي تحريم التشبه بهم، وإن كان ظاهره يقتضي كفر المتشبه بهم. Sheekhul-Islaam ibnu teeymiyaa akkana jedhe:- «Zaahirri hadiisa kanaa kufrii namticha jaratti fakkaatee ibsullee Irraxiqqaan waan hadiisni kun ibsuu Jaratti fakkaachuun haraam tahuu isaati» Akkuma rabbiin qur'aana keessatti jedhu: (ومن يتولهم منكم فإنه منهم) “Isinirraa namni Jara jaalallee ykn michuu godhate jarumarraahi” وبالله التوفيق 📚 الفتوى رقم (٢١٠٧٩). 🛰 @ifaislaamaa https://t.me/Gaaddisaislaamaa
Show all...
🕋GAADDISA ISLAAMAA♥️ظلال الإسلام✍

Dhaamsa garaa garaa⤵️⤵️⤵️⤵️ 💉Qur'aana fi Hadiisa irraa 💉Barumsa Aqiidaa 💉Qissaa addaa addaa 💉Jechoota Hayyoota islaamaa