es
Feedback
DR. AYU

DR. AYU

Ir al canal en Telegram

Baga Nagaan Dhuftan! Welcome!

Mostrar más

📈 Análisis del canal de Telegram DR. AYU

El canal DR. AYU (@naf37fspainbv) en el segmento lingüístico de Javanés es un actor destacado. Actualmente la comunidad reúne a 72 773 suscriptores, ocupando la posición 184 en la categoría Medicina y el puesto 453 en la región Etiopía.

📊 Métricas de audiencia y dinámica

Desde su creación el невідомо, el proyecto ha mostrado un crecimiento acelerado, reuniendo a 72 773 suscriptores.

Según los últimos datos del 05 octubre, 2026, el canal mantiene una actividad estable. En los últimos 30 días la variación de miembros fue de -995, y en las últimas 24 horas de -6, conservando un alto alcance.

  • Estado de verificación: No verificado
  • Tasa de interacción (ER): El promedio de interacción de la audiencia es 7.27%. Durante las primeras 24 horas tras publicar, el contenido suele obtener 3.66% de reacciones respecto al total de suscriptores.
  • Alcance de las publicaciones: Cada publicación recibe en promedio 5 291 visualizaciones. En el primer día suele acumular 2 663 visualizaciones.
  • Reacciones e interacción: La audiencia responde de forma activa: el promedio de reacciones por publicación es 20.

📝 Descripción y política de contenido

El autor describe el recurso como un espacio para expresar opiniones subjetivas:
“Baga Nagaan Dhuftan! Welcome!”

Gracias a la alta frecuencia de actualizaciones (últimos datos recibidos el 06 octubre, 2026), el canal mantiene la vigencia y un amplio alcance. La analítica demuestra que la audiencia interactúa activamente con el contenido, lo que lo convierte en un punto de referencia dentro de la categoría Medicina.

72 773
Suscriptores
-624 horas
-2137 días
-99530 días
Archivo de publicaciones
DR. AYU
72 773
Dinnichaadha moo hanqaaquudha?? Intalaatu yeroo mara abbaa ishee jireenyi natti ulfaate jettee rakkifti. Guyyaa tokko jaarsi
+2
Dinnichaadha moo hanqaaquudha?? Intalaatu yeroo mara abbaa ishee jireenyi natti ulfaate jettee rakkifti. Guyyaa tokko jaarsi qodaa walfaakkaataa lama abidda irra kaa'ii bishaan danfisimee ittiin jedheen. Erga isheen danfistee booda amma immoo deemii dinnicha fi hanqaaquu fidii kottu jedheen. Erga isheen deemtee fiddee lameenuu al takkaa bishaan danfaa jiru kana keessa buusi jedhee. Ni buuste. Daqiiqaa 20 booda dinnichas hanqaaquus keessaa baasi jedheen. Erga isheen baastee amma mee lameenuu qaqqabii laali jedheen. Dinnichis hanqaaquunis bishaan danfaa jiru keessa bu'an. Hanqaquun sila yoo cabe dhangala'u amma jabaatee ba'e. Dinnichi sila jabaataa ture immoo laafee dhadho'ee ba'e. Haala si mudate miti, eenyummaa keetiitu murteessaadha., Kanaaf akka hanqaaquu gaafa rakkina argitu jabaadhuu cimi malee akka dinnichaa hin laafiin jedhe. Kun hunda keenyaaf dhugaadha. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

DR. AYU
72 773
Ethiopian Airlines Group Job Vacancy Announcement ✅POSITION: ASSISTANT COOK EMPLOYMENT TYPE: FIXED TERM CONTRACT ☑️QUALIFICATION REQUIREMENTS: A Minimum of Level II Certificate in Food Preparation/ Kitchen Operation / Foreign Dish Cooking/ Ethiopian Cultural Food Preparation or any related field of study from recognized Catering Institute/TVET/ College with a minimum of one-year related experience in known organization. AGE LIMIT: 18 -35YEARS OLD(INCLUSIVE) ☑️REGISTRATION DATE & PLACE From October 06, 2026, up to October 12, 2026, at Ethiopian Airlines Head Quarter, Ethiopian Airports Building (Recruitment & Placement Office). Interested applicants must bring/attach all original and copy of their supporting documents, including but not limited to 8th grade ministry card & birth certificate only from city administration, Grade 10th &12th certificates, diploma certificate, latest educational credentials, written work experiences & Kebele ID card (back and forth). NB: If anyone found to apply or join Ethiopian with false information, will It lead to subsequent termination from the process or employment upon discovery of the fact. 📆Deadline: 12 October 2026 Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

DR. AYU
72 773
photo content

DR. AYU
72 773
FAAYIDAA ITITTUU (URGOO) ☆☆☆☆ 1.Furdina Qaamaa Hir'isuuf 2. Nyaanni Akka Daakamuuf 3. Kaansarii Nurraa Ittisuuf 4. Gogiinsa Garaatiif 5. Dhiibbbaa Dhiigaatiif 6. Koolistirooli Badaa Balleessuuf 7. Bareeduma Rifeensaatiif 8. Finniisa Balleessuuf 9. Dhibee Simbiraatiif 10. Parasayiti Qaama Keessaa Balleessuuf 11. Infeekshina Qaaama Saalaa Balleessuuf 12. Cirracha Kaleetiif 13. Fayyummaa Garaachaatiif 14. Fayyummaa Narviitiif 15. Hirriba Gaarii Akka Rafnuuf 16. Hafuura Badaa Afaaniitif 17. Forfoorii Balleessuuf 18. Fayyummaa lafeetiif Guyyatti Kubbaayya 2-3 akka dhugdan gorfama Yeroo itti Dhugamu immo ganama garaa qullatti yoo tahe filatama Fayyaan faaya. Page Dr kebenesa Follow fi Share godhaa waliin haa barannu. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

DR. AYU
72 773
photo content
+2

DR. AYU
72 773
Akkamitti yeroo walqunnamtii saa-laa isparmii baay'ee dhangalaasuun danda'ama? 1️⃣ Halkan hunda hirriba qulqullina qabu sa'aatii 7 hanga 9 rafuu. 2️⃣ Sochii qaamaa gochuu — garuu garmalee cimaa osoo hin taane. 3️⃣ Tamboo hin xuuxin. 4️⃣ Nyaata keessan keessatti antioxidants kan akka vitaamin C fi E, selenium, fi lycopene baayinaan fayyadama. 5️⃣ Watermelon fi shonkora-agadaa nyaachuu, shorbaa sirriitti dhugudha. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

DR. AYU
72 773
photo content
+2

DR. AYU
72 773
✓ Guyyatti killee 2 soorachuun daa'imman waggaa saddeetii gadi tahaniif dhangaalee barbaachisu argachuuf gahaadha. 6) Ayisaa (Ajjaa) ———————————————————————— Nyaata pirootinii fi faayiberiin badhaadhe akkasumas vaayitamin-E, B-kompleeksii, ziinkii fi albuudota garagaraa of keessaa qabu yoo ta'u jabina qaamaa dagaagsuun cinatti dagaagina sammuu daa'immaniif nyaata baay'ee barbaachisaadha. Keessattuu ganama ganama akka sooratan gochuun dandeetti sammuutti waa qabachuu fi yaadachuu fooyya'aa ta'e akka qabaatan godha. 7) Ocholonii ( Loowzii) ———————————————————————— Nyaata pirootinii fi ziinkiin badhaadhe yoo ta'u pirootiniin dagaagina sammuu fayya-qabeessaa fi dandeettii yeroo dheeraaf waa qabachuu dagaagsuf gahee ol'aanaa qaba. Ziinkiinis yeroo sammuun daa'immanii saffisaan guddachaa jirutti barbaachisummaa ol'aanaa kan qabu yoo daa'imman yeroo kanatti hanqina ziinkiitif saaxilaman dandeettii waa barachuu fi yaadachuu gadi aanaa taheen hubamuu danda'u. Loowzii jiraa ta'e daa'imman keessa ce'uufi fe'uu danda'a waan taheef daa'immaniitti kennuun hin gorfamu kanaaf daakuu isaa jiisanii nyaachisuun filatamaadha. 8) Baaqelaa fi sanyii biiroo ———————————————————————— Gosti nyaataa kunniin dhangaalee nyaataa dagaagina sammuu daa'immaniif barbaachisaan kan akka ziinkii, pirootinii, aayiranii, fooleetii fi koolin of-keessaa qabu. ° Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

DR. AYU
72 773
DAGAAGINA SAMMUU DAA'IMMANIIF NYAATA FILATAMOO TA'AN KANNIIN BEEKTUU? °°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°° Daa'imman saffisa ajaa'ibaatin kan waa baranii fi waan arganii fi dhagahan salphumatti akka hapheetti maxxanfatan tahuu namni daa'imman waliin dabarsuuf carraa argate hundi waan xiinxaluudha. Kunis sammuun daa'immanii hagam takka si'aawaa akka tahee jiruu fi dagaaginarra jiraachuu isaa agarsiisa. Dagaaginni sammuu daa'immanii osoo daa'imman hin dhalatin kan eegalu yoo ta'u erga dhalatan boodas dagaaginni Itti fufaa fi saffisaa ta'e ni jiraata. Dagaaginni sammuu waggaa duraa daa'imman dandeettii qaama ofii ajajuu fi too'achuu akka horatan yoo godhu waggaa sadan itti aanan kan daa'imman dandeettii waa hubachuu — dandeettii odeeffannoo argame hiika itti laachuu fi dalagaa barbaachisuuf itti fayyadamuu, itti horataniidha. Yeroo dagaaginni fi guddinni sammuu fi qaama biroo saffisaan itti adeemsifamu kanatti gaheen nyaataa baay'ee ol'aanaa tahuun isaa shakkii takka hin qabu. Yeroo kanatti nyaata sirrii fi gahaa tahe argachuu dhabuun dagaagina sammuu daa'immanii kan gufachiisu yoo ta'u dandeettii waa hubachuu, yaadachuu akkasumas barachuu gadi aana ta'eef isaan saaxila. Gosti nyaataa hundi dagaagina sammuu daa'immaniif barbaachisaa ta'anis gosti nyaataa dhangaalee nyaataa dagaagina sammuu keessatti murteessoo tahaniin badhaadhan shoora ol'aanaa taphatu. Aayodiinii, aayiranii, fooleetii, koolin, oomeega-3-faatii aasidii, pirootinii, vaayitamin A, D, E, B6 fi B12, fi ziinkiin dhangaalee nyaataa sammuu guddistuu (brain boosting nutrients) jedhaman keessaa muraasa yoo tahan gosoota nyaataa dhangaalee kanniiniin badhaadhan soorachuun dagaagina sammuu fayya-qabeessaa fi saffisaa ta'e qabaachuuf murteessaadha. 1) Aannan itittuu ———————————————— Dhangaalee akka pirootinii, ziinkii, koolin, Aayodiinii fi vaayitaaminoota B-kompleeksiin kan badhaadheedha. Hormoonii taayirooyid jedhamu kan dagaagina sammuu fi adeemsa narviilee qaamaaf murteessaa ta'e omishuuf Aayodiiniin barbaachisaadha. Daa'imman yeroo guddinaa kana hanqina Aayodiiniif saaxilaman dagaaginni sammuu isaanii waan hubamuuf dandeettii hubachuu fi qayyabachuu gadi aanaa tahe qabaatu. Vaayitaaminootni B- kompleeksii fi dhangaalen biroo kunniin seelotni narviilee sammuu fi dhaamsa deddeebistuu sirritti akka dagaagan ni taasisuun sammuun dhaamsa bifa qindaawaa fi saffisa qabuun akka deddeebisu godha. 2) Kuduraalee garagaraa. ————————————————— Gosoota raafuu garagaraa dabalatee kuduraaleen akka dinnichaa, mixaaxisaa fi kaarotii madda aayiranii, fooleetii fi vaayitaaminoota garagaraatin beekkamaniidha. Aayiraniin dagaagina kutaa sammuu hippookampas jedhamu kan waa barachuu fi qabachuuf qooda ol'aanaa taphatuuf heddu murteessaadha. Dabalataanis kuduraaleen anti-oksidantoota garagaraatin kan badhaadhan yoo ta'u kunimmoo seelotni narviilee sammuu fayya-qabeessa tahanii akka turan gochuun rakkoo fayyaa tokko malee saffisaan akka dagaagan taasisa. Daa'imman kuduraalee garagaraa nyaachisuun dandeetti sammuutti waa qabachuu kan dagaagsu yoo ta'u rakkoo irraanffachuu irraa ni baraara. 3) Avokaadoo —————————————— Zaayitaan kan badhaadhee fi sammuun marsaa dhiigaa gahaa tahe akka qabaatu gochuun kutaaleen sammuu garagaraa saffisaan akka dagaagan taasisa. Oolik aasidii fi vaayitaaminoota B-kompleeksii dabalatee keemikaalota garagaraa of-keessaa qabuun seelotni narviilee sammuu wantoota garagaraatin akka hin miidhamne taasisa. 4) Qurxummii ———————————— Qurxummii fi bu'aaleen qurxummii oomeega-3- faatii aasidiin badhaadhoo fi sammuun daa'immanii saffisaan akka dagaagu gargaaru. 5) Hanqaaquu/Killee ————————————— Pirootinii dabalatee dhangaalen killeerra argaman akka koolin (choline), oomeega-3-faatii aasidii, ziinkii fi vaayitamin - B12 daa'imman dandeettii hubachuu fi xiyyeeffachuu ol'aanaa ta'e akka qabaatanif heddu fayyadu. Keessattuu keemikaalli koolin jedhamu dagaagina sammuu saffisaa tahee fi dandeettii hubachuu (qayyabachuu, yaadachuu fi hiikkachuu) ol'aanaa ta'e akka qabaatan gochuf baay'ee murteessaadha.

DR. AYU
72 773
photo content

DR. AYU
72 773
YEROO MALEE XUMURUU WAL QUNNAMTII SAALAA (Premature ejaculation) (Gaaffii namoota hedduu waan taheef) - Hiika garaa garaa qabaatus kan ogeeyyiin baay'een irratti waliigalan "Wal qunnamtii saalaa eeegalanii daqiiqaa tokkoo fi isaa gaditti dhangalaasuu (xumuruu)" kan jedhuudha. -Namoonni baay'een wal qunnamtii saalaa daqiiqaa 4-8 keessatti xumuru. -Saala lameenuu miidhus, irra caalaatti dhiirota irratti muldhata. MAALTU FIDA (Causes) maalirraa akka dhufu beekamuu baatus kanneen armaan gadii nama saaxiluu danda'u: -ofiin of gammachiisuu(masturbation) baay'isuu -sodaa guddaa wal qunnamtii saalaaf qabaachuu -Muuxannoo wal qunnamtii saalaa qabaachuu dhiisuu -Uumamaan narviin namaa saaxilamuu (nerve sensitivity) AKKAMIIN OFIRRAA ITTISNA? -yeroo wal qunnamtii saalaa yaada keenya waan biraa irra gochuu (distraction) -Yeroo miirri keenya fiixee irra ga'u baasuu (withdrawal) fi takka turanii deebisuu -Kondomii fayyadamuu -Irra deddeebi'anii wal qunnamtii saalaa raawwachuu -Sodaa fi dhiphina keessa galuu dhiisuu MANA YAALAA YOOM DEEMUU QABNA? -Tarkanfiiwwan armaan olittti caqafaman raawwannee yoo furmaata dhabne -Gorsaa fi yaala xinsammuu ogeessaan kennamu ni jira. -Akkasumas qorichoonni yaalii kanaaf kennaman ni jiru. -Yoo humnaa ol ta'e hanga baqaqsanii yaaluu (surgery) salphaa rawwachuu gahuu danda'a. Fayyaa hin dhabinaa! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

DR. AYU
72 773
photo content
+4

DR. AYU
72 773
Qaamni saalaa dhiiraa gosoota garagaraatu jira. ========================= Qaamni saalaa dhiiraa tokko kan biraatiin waan hundaan wal hin fakkaatu. Hundi isaanii "quality" mataa isaanii qabu. Gosoota qaama saalaa dhiiraa keessaa muraasni :- 1. Qaama saalaa osoo hin ka'in xiqqoo ta'ee gaafa ka'u garuu baay'ee guddaa ta'u 2. Qaama saalaa osoo hin ka'in guddaa ta'e, gaafa ka'us jabeenya malee guddinni isaa baay'ee hin jijjiirame 3. Qaama saalaa gaafa ka'es xiqqoo ta'e (Inch 3 gadi) 4. Qaama saalaa gaafa ka'e baay'ee guddaa ta'e (Inch 7 ol) 5. Qaama saalaa jalli isaa furdaa ta'ee, fiixeen isaa qal'aa ta'e 6. Qaama saalaa jalli isaa qal'aa ta'ee fiixeen isaa furdaa ta'e 7. Qaama saalaa gara oliitti jallatu 8. Qaama saalaa gadi jallatu 9. Qaama saalaa gara bitaatti jallatu 10. Qaama saalaa gara mirgaatti jallatu 11. Qaama saalaa gaafa ka'e hidda dhiigaa gurguddaa qabu 12. Qaama saalaa rifeensa qabu (Hairy penis) fi kkf Isaan kanneen keessaa kamtu baay'ata jettanii yaaddu? Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

DR. AYU
72 773
photo content

DR. AYU
72 773
Wantoota 17 Haadha Manaa Keessan Waliin Gochuu Qabdan! ************ 1.. Ishee waliin taphadhu, tapha halaala kamiyyuu tasumaa Rabbiin yeroo abbaan manaa haadha manaa isaa waliin taphatu ni jaallata. 2. Gaarummaadhaan ishee ilaaluu fi waan qalbii ishee gara keetti lallaafatu hunda isheef dhiyeessu 3. Kennaa isheef bituu yeroo tokko tokko yoo toffee ta'ellee (akka daa'imaatti ilaalamuu waan jaallatuf). 4. Hojii mana keessaa irratti ishee gargaaruu fkn. Nyaata bilcheessuun, meesha dhiquu, kutaa qulqulleessuu fi kkf yeroo argattan . 5. Warra ishee kabajuu fi yeroo tokko tokko kennaa isaaniif bitachuu. 6. Waan gaarii isheen siif hojjechaa turte dinqisiifadhu yeroo hunda sanaaf ishee galateeffadhu. Rabbiin akkana jedha; Kan nama hin galateeffanne Na hin galateeffatu. 7. Hammam akka siif hiika qabdu, hammam akka ishee Jaallattu fi hammam akka carraa ishee argatte itti himi. 8. Yeroo tokko tokko akka daa'imaatti ishee badhu gara sireetti geessu. 9. Ishee qeequun dura galeefadhu. 10. Urgaa gaarii urgaa’uudhaan (afaan fi qaama) yeroo hunda isheef hawwataa ta’i. 11. Yeroo tokko tokko yeroo waliin jirtan ishee waliin chat godhii. 12. Yeroo hojiitti jirtutti "I miss U" ,"I love U" jettee itti himuu. 13. Ishee waliin waan tokko hojjechuu, fkn. Nyaata bilcheessuu, nyaachuu, kitaaba dubbisuu fi kkf. 14. Ishee rukutuu, reebuu ykn miidhuu irraa of qusadhu 15. Uffaanna gaarii (dirqama ishii) uffachuu 16. Jireenya keetiif Rabbiin galateeffadhu. 17. Yeroo mara du'aa (salaata) kee keessatti ishee yaadadhu. Karaa isheen Jannaata ittin seentu ta'i. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

DR. AYU
72 773
photo content
+2

DR. AYU
72 773
✧Waa Sadii Ifa Waa Sadii immoo dukkana ➪ Guyyaan ifa halkaan dukkana. ➪ Barumsi ifa wallalli dukkana. ➪ Bilisummaan ifa gabrummaan dukkana. ✤ Waa Sadii Qabaadhu! ➪ Amantummaa ➪ Dhugaa ➪ Qulqullumaa ✤ Addunyaan Waa Sadii Qabdii! ➪ Dhalachuu ➪ Barachuu ➪ Du'uu ✤ Waa Sadii Dabaladhu! ➪ Beekumsa ➪ Eebba manguddoo ➪ Jaalala ✤ Yaa Lubbuu Waa Sadiif Ta'ii! ➪ Dandeenyaan biyyaaf ta'ii ➪ Dadhabnaan lammiif ta'ii ➪ Dadhabnaan ofiif ta'ii ✤ Waa Sadii Hin Dagatiin! ➪ Kaayyoo kee ➪ Afaan kee ➪ Aadaa kee ✤ Waa Sadii Jaaladhu! ➪ Eebba ➪ Jaalala ➪ Gootummaa ✤ Ilmi Waa Sadii dha! ➪ Kan ofiif jiraatu ➪ Kan biyyaaf jiraatu ➪ Kan biyyaan jiraatudha. ✤ Jaarsummaan Waa Sadii! ➪ Obsuu ➪ Gorsuu ➪ Dhoksuudha. ✤ Waa Sadii Kabaji! ➪ Amantii kee ➪ Manguddoo ➪ Beellama. ✤ Waa Sadii Cimsi! ➪ Hiriyyummaa ➪ Jaalala ➪ Waadaa seente. ✤ Waa Sadii Hawwuun gaariidha! ➪ Fayyaa ➪ Gammachuu ➪ Hiriyaa gaarii ✤ Waa Sadii Namaa Xiqqeessa! ➪ Sobuu ➪ Hatuu ➪ Machaa'uu. ✤ Waa Sadii Itti fayyadamii! ➪ Yeroo ➪ Beekumsa ➪ Qarshii Waa Sadii feeti! ➪ Foon lafee hin qabne ( Arraba gaarii) ➪ Itilee rifeensa hin qabne ( Fuula gaarii) ➪ Lafee foon hin qabne ( Ilkaan gaarii). ✤ Waa Sadii Jala Deemi! ➪ Hayyuu ➪ Dhugaa ➪ Barsiisaa. 🙏🙏 Horaa bulaa! Kanas Itti Gammadduu Dubbisaa... Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

DR. AYU
72 773
photo content

DR. AYU
72 773
HABAABII (WATERMELON) Habaabiin fuduraa bishaan hedduu of keessaa qabaachuun beekamuudha, dabalataanis viitaminii, albuudotaa fi antioxidant of keessaa qaba Qabiyyee fi Faayidaa Habaabii 1. Bishaan hedduu qaba Habaabii keessaa parsantii 90 ol bishaani. Kanaaf madaallii dhangala'aa qaamaa keessaa eeguuf ni gargaara Yeroo ho’aa fi sochii qaamaa booda habaabii nyaachun bishaan qaamaa bakka buusuf filannoo gaaridha 2. Vitaminii A fi C Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa jabeessuuf fayyaa ijaa eeguuf Fayyaa gogaa, tishuuwwanii fi narviif gahee qaba 3. Kaaloorii xiqqaa qaba Kanaaf ulfaatina qaamaa to'acuuf filannoo gaaridha 4. Potassium, citrulline fi antioxidant keemikaalonni kun fayyaa ujummoo dhiigaa fi onneef baa'ee gargaaru Kulkula (inflammation) hi'isuuf Of-eeggannoo Habaabin sukkaara waan of keessaa qabuuf namoota dhukkuba sukkaara (Diabetes) qaban irratti hamma sukkaara olkaasuu danda'a. Kanaaf warri dhukkuba sukkaaraa qaban hamma xiqqaa fayyadamuu qabu Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @Abcoromoo💌

DR. AYU
72 773
photo content
+3