DR. AYU
前往频道在 Telegram
📈 Telegram 频道 DR. AYU 的分析概览
频道 DR. AYU (@naf37fspainbv) 爪哇语 语言赛道中的 是活跃参与者。目前社区聚集了 73 357 名订阅者,在 医学 类别中位列第 180,并在 埃塞俄比亚 地区排名第 449 位。
📊 受众指标与增长动态
自 невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 73 357 名订阅者。
根据 15 九月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 -1 100,过去 24 小时变化为 -54,整体触达仍然可观。
- 认证状态: 未认证
- 互动率 (ER): 平均受众互动率为 10.37%。内容发布后 24 小时内通常能获得 3.27% 的反应,占订阅者总量。
- 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 7 605 次浏览,首日通常累积 2 398 次浏览。
- 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 50。
📝 描述与内容策略
作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
“Baga Nagaan Dhuftan!
Welcome!”
凭借高频更新(最新数据采集于 16 九月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 医学 类别中的关键影响点。
73 357
订阅者
-5424 小时
-3047 天
-1 10030 天
帖子存档
73 357
Walqunnamtii saa'laa daqiiqaa hammamiif irraa turuu qabna?
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Deebii gabaabaa: Atii fi haati mana kee hammam akka dheeratu barbaaddan??? Garuu qorannoon saayinsii dhimma kana irratti gaggeeffame daqiiqaa 3 hanga 13 gidduutti akka ta'u agarsiisa.
Akka Armaan gaditti qoodne ilaaluu dandeenna.
1). Daqiiqaa 1–2 “baay’ee gabaabaa” jedhamee kan murtaa’e yoo ta’u,
2). Daqiiqaa 10–30 ammoo “baay’ee dheeraa” jedhamee fudhatame.
3). Gama biraatiin, Daqiiqaa 3–7 “gahaa” jedhamee,
4). Daqiiqaa 7–13 ammoo “kan barbaadamu” jedhamee madaalame.
Garuu giddu galeessaan walqunnamtii saalaa qaama saalaatiin daqiiqaa 3-7 ture, Kanaafu ani hin dandanne jette ofii hin cinqiin/ dhipisiin.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
73 357
"Qaamni Saa-laa Dubartootaa Dheerina Hidhii Isaanitiin Wal Qixaa?"
*******
Dubartoonni baay'een yeroo hedduu waa'ee bal'innaa fi guddina qaama saa-laa isaanii ni dhiphatu, sababa kanaafis yeroo baay'ee qaama saa-laa isaanii hiriyoota isaanii waliin wal bira qabanii kiyya guddaadha ykn bal'aadha jedhanii dhiphatu, kana qofa osoo hin taane namni tokko tokko waa'ee qaama saa-la dubartootaa yaada sirrii hin taane qaamni saa-laa dubartootaa dheerina hidhii isaanitiin wal qixa jedhu qabaachuun yeroo garagaraatti waan hin taane yoo jedhan ni muldhatu, as irratti garuu akkuma namni hundi dheerinni, ulfaatinni, halluun gogaa fi kkf garaagarummaa qabu qaamni saalaa dubartootaas bocaafii fooliin isaa garaagarummaa qaba, akkasumas fayyummaan qaama saalaa guddinaa fi bal'innaa oli waan ta'eef wanti nama dhiphisu jiraachuu hin qabu, dabalataan guddinni ykn bal'inni isaa hidhidhaan homaa hidhata hin qabu.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
73 357
Kununsa rifeensaaf godhamuu qabu
***********
1. Yoo rifeensi kan buqqa'u ykn gogu ta'e killee ykn hanqaaquu kubbaayyatti cabsaatii rifeensatti dibaa! Sana booda daqiiqaa 20f ofirratti dhiisaatii bishaan qabbanaawaan ofirraa dhiqaa
2. Qulqullinna rifeensaa sirritti eeggadha
3. Bishaan hoo'aadhaan qaamaa fi rifeensa keessan hin dhiqatinaa
4. Rifeensa guyyaa guyyatti dhiqachuurraa of qusadhaa. Guyyaa lama lamaan guyyaa sadi sadiin yoo dhiqattan filatamaadha
5. Filtuu lallaaftuudhaan rifeensa filadhaa
6. Yoo xiqqaate torbaan jaha jahaan( baatii fi torbaan 2n) rifeensa ofirraa gabaabsuu
7. Rifeensa jidhaa filachuu dhiisuu.
8. Erga dhiqattanii booda rifeensa uffataan goggooysuurra ofii akka gogu godhuu
9. Bishaan gahaa dhuguu fi nyaata madaalamaa nyaachuu( kan kuduraa fi fuduraan badhaadhe)
10. Yoo rifeensi buqqa'ee jiraate cunfaa shunkurtaa itti dibuu. Akka qorannoon agarsiiftutti namoota akkana gidhuun fayyadaman keessaa 80% rifeensi isaanii deebi'ee biqileefii jira!!
FAYYAA HIN DHABINAA
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
73 357
FAAYIDAA ZEEYTUUNAA/ GUAVA
•••••••••••••••••••••••••••••••
✏ Dubartootaaf, ciniinnaa garaa yeroo marsaa laguu ni hir'isa. {Keessaattu baala zeeytuunaa guyyatti yoo fayyadaman (guava leaf extract daily}
✏ Zeeytuunni farra dhippinaati ( anti stress agent)
✏ zeeytuunni dhiitawwuu irgoo fi quncawuu afaaniitiif akkasuma dhukkubbii ilkeetiif dawaadha. (Keessaafuu cuunfaan baala zeeytuunaa).
✏Amala farra kaansarii ni qaba
✏ Dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf ni gargaara.
✏ Hamma choolestiroolii qaama keessaa hir'suuf ni gargaara.
✏ Qufaa fi Garaa kaasaa wal'aanuuf
✏ Sukkara qaama keessaa gad buusuuf gahee qaba( dhibee sukkaraaf)
✏ Vitamin C, A, E fi faayberiidhaan badhaadhaadha.
✏ Ammala farra keemikaalota summaawoo qaama keessaa ni qaba(anti oxidant)
✏ dandeetti dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa ni dabala ( boost immunity)
✏ dhibee Tiruu kan (cholestatic liver damage ) jadhamu ittisuuf
✏ijji keenya akka sirritti nuuf arguuf
✏ fayyummaa onnee keenyaaf ni gumaacha.
✏ Fayyummaa rifeensa keenyaa fi foorfooriifillee ni ittisa.( keessaafuu baalli zeeytuunaa)... kkf
Hub : Zeeytuunni firii isaa qofa osoo hin taane, baalli isaatiis faaydaa qaba. Baalli isaa akka shaa'ittiis ni dhugama. Cunfaan baala isaarra dalagamuus ni jira. Ani garuu biyya keenyatti firii isaa malee maloota baala isaa itti fayyadaman arkee hin beeku. Warri beeku yoo jiraate nuuf haa himuu.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
73 357
👉"Muuzii"n maal of keessaa qabaa?
*Elementii potassium, olaanaa nuuf kenna. Kun keessumaa namoota sababa dhukkuboota garaa garaatiin elementiin pootasiyeemii qaama isaanii keessaa gadi bu'eef (hypokalemia) baay'ee gargaara.
*Sochii mar'umaaniif gargaarsa ta'a
*Dhukkuba garaachaa warra qabaniif fayyisuuf warra hin qabamiin
irraa immoo ittisuuf gahee guddaa taphata.
*Sukkaara qaama keessa akka olhin kaanee fi gadi hin buune eeguu
keessatti gahee guddaa taphata.
*Keemikaala sammuu dhiphisu qaama keessaa hir'isuu danda'a
*Dhiibbaa dhiiga keenyaa bakka sirriitti eeguufi dhukkuboota sirna
dhiigaa fi onnee tokko tokko ni ittisa.
*lafee jabaataa fi fayya qabeessa ijaaruu keessatti gahee olaanaa
taphata.
*Hir'ina dhiigaa ittisuu fi ulfaatina hir'isuuf ni gargaara.
Fayyaatu dursaa!!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
73 357
Hirriba Halkanii Moo Hirriiba Guyyaatu Caala?
********
Hirribni halkanii hirriba guyyaa caalaa barbaachisaa fi bu’a qabeessa. Hirribni guyyaa gabaaban ammoo dabalata gaarii ta’a, garuu bakka hirriba halkanii hin bu’u. Garaagarummaa isaanii ija saayinsii fayyaatin isiniif ibsuun yaala. Dubbisa gaarii!
***********
Hirriba Halkanii:
- Sirna uumamaa (biological clock) keenya wajjin walsimataadha. Qaamni keenya yeroo aduun baate dammaqee, yeroo aduun seente ammoo rafuu barbaada.
- Dukkanti halkanii hormoonni melatonin tan hirriibni akka nu qabu taasiftu akka madditu taasifti.
- Fayyaa sammuu fi qaamaaf bu’a qabeessa: yaadannoo, dammaqina, onnee fi dhiibbaa dhiigatif faayidaa guddaa qaba.
************
Hirriba Guyyaa:
- Hirriiba guyyaa gabaabaa (nap) daqiiqaa 20–30 yoo rafne:
- Dadhabbii hir’isa.
- Xiyyeeffannaa dabala.
- Sammuu tasgabbeessa .
- Garuu hirriba guyyaa dheeraa (sa’aatii 2 ol) yoo rafne sirna hirriba halkanii jeequu danda’a; halkan rafuuf nu rakkisa.
***********
- Hirriba halkanii (sa’aatii 6–8) bu’a qabeessa fi barbaachisaa dha.
- Hirriba guyyaa gabaabaa (nap) yoo dadhabne rafuun nu fayyada, garuu bakka hirriba halkanii hin bu’u.
***********
Kanaaf, namni fayyaa ofii eeguu barbaadu halkan rafuu qaba; guyyaa ammoo yoo barbaachise xiqqoo rafuun (nap) sammuu haarayoomsuf gaariidha.
***********
Fayyaatu dursa!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
73 357
+2
Hirriba gaarii rafuuf maal gochuu qabna?
🔹 Amala walfakkataa qabachuu. Halkan hundumaa saʼaatii wal fakkaatutti ciisuu, torbanii dhumaa dabalatee ganama ganama saʼaatii wal fakkaatutti kaʼu.
🔹 Yoo danda'ame bakka ciisichaa tasgabbaa'aa, dukkanaa'aa, boqonnaa namaaf kennu fi ho'a mijataa ta'e qabachuu.
🔹 Hirriba dura meeshaalee elektirooniksii kanneen akka TV, kompiitara fi bilbila fayyadamuu dhiisuu.
🔹 Osoo hin ciisin dura nyaata gurguddaa, kaafeenii fi alkoolii irraa fagaachuu.
🔹 Sochii qaamaa tokko tokko gochuu. Guyyaa sochii qaamaa gochuun halkan salphaatti hirriba akka qabaannuu nu gargaara.
Fayyaan faaya❗️
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
73 357
Yeroon sagaraa bahu dhangala'aa Ispermii fakkaatuutu qaama saalaatiin narraa baha. Kuni rakkoo qabaa?
Gaaffii kana namoota baayyeetu karaa keessaatiin na gaafate. Namni tokko tokko hoggaa lowzii nyaate waan akkasii firratti arga. Tokko tokko ammo hoggaa qama'ee mirqaanee sagaraa dhaqe isa mudatti.
Wanta kana gama fayyaatiin hoggaa laallu rakkoo qabaa?
Deebii isaa deebisuun duratti wantoota hubachuu qabnuutu jira
Yeroo tokko tokko dhangala'aan adiin / xaliilli qaama saalaatiin bahuu mala. Kun mallattoo infeekshiinii xannacha piroosteetii tahuu danda'a.
Mallattoolee akka fincaan nama gubuu, amma amma nama fincaansisuu, cinaachi nama dhukkubuu fi kkf jiraachuu baannaan kan yaala hin barbaachifne tahuu danda'a
* gama deebisaa hoggaa deebinu dhangala'aan adiin sanyii kormaa fakkaatuu fi furdaa ta'e sagaraa hoggaa bahan booda karaa qaama saalaatiin dhiira irraa yeroo garii ni baha. Kuniis yeroo sagaraan guddaan bakka takkatti namarraa bahu ykn yoo sagaraa jajjabduu bahan tahe ,hoggaa sagaraan bahuuf jettu xannachaa irratti waan dhiibbaa uumaa deemuuf dhangala'aan xannacha piroosteetii akka qaamaa saalaa dhiiraatiin bahu godha. Kun ammoo rakkoo hin qabu .yaaddaa'uus hin barbaachisu.
Furmaanni isaa nyaata udaan lallaaffisuu sirritti nyaachuun kan sirratuudha
Galatoomaa❗️
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
73 357
DUBBII WARRA SADII, AKKA SADITTI FIXAN
1. Dubbii warra Gowwaa, sossobaan fixan
2. Dubbii warra Hayyuu, dhugaa itti himaa fixan
3. Dubbii warra Luynaa, sodaachisuun fixan
WAA SADII SITTI HIN FAKKAATIIN
1. Dubbachuun beekkumsa
2. Obsuun Wallaalummaa
3. Nama kabajuun sodaa.....sitti hin fakkaatin
WAA SADII HIN SEEHIN
1. Nama beektu hunda fira kee
2. Nama si lolu hunda diina kee
3. Nama badii irraa si dhorku hundaa hammaata hin see'in.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
73 357
Mana barumsaa Sadarkaa tokkoffaa irraa kaasee hanga Yuunivarsiitiitti kan na barsiiftan marti kabaja guddaan isiniif qaba!!!
Biyyi barsiisotaaf (Oolmaa daa'immaniitii kaasee hanga Yuunivarsiitiitti jiraniif) xiyyeeffanaa addaa hin kennine yeroo mara rakkoo keessa jirti!!!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
73 357
Dinnicha/Moosee haalluun isaa magariisa ta'e nyaachuun summii "solanine" jedhamu kan fayyaa keenya miidhu waan godhatuuf nyaachuun hin gorfamu. Summiin kun, nama haqqisiisuu, baasaa namatti fiduu, garaacha miidhuufi yoo baay'inaan fudhatame hanga lubbuu dabarsuutti gahuu danda'a.
Galatoomaa!!!
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
73 357
Wantoota waa'ee harmaa hawaasa keessatti dogongoraan hubataman lama:
1. Shamarran harma guddaa qaban kan harma xiqqoo qaban caalaa horu.
2. Hammi/size harmaa dubartiin takka wal qunnamtii saalaa gootee beekuu ishee fi gootee akka hin beekne (durbummaa qabaachuu fi qabaachuu dhiisuu ishee) nutti himuu danda'a kan jedhaniidha. Kun lachuu soba.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcoromoo💌
