Galmo kormoso đ
Ir al canal en Telegram
302
Suscriptores
Sin datos24 horas
-37 dĂas
-1630 dĂas
Archivo de publicaciones
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Godina Gujiitti dubartiin ulfa ji'a sagalii oyruu keessatti rasaasaan ajjeefamuun dheekkamsa kaaseera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Nzk7Wuj
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Sarbama mirgaa lammiileerratti raawwateera jedhamanii eeraman keessaa ''achi buuteen dhabamuu'', ''dararaa'' fi adabbiin ''nameenya hin qabne'' ibsameera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/M08123v
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Paartiin Koongrasii Federaalawa Oromoo (KFO)n filannoo itti aanurratti hirmaachuuf murteessus gaafilee akka Mootummaa Cee'umsaa Waloo Oromiyaafi irra deebiin hundaa'uu boordii filannoo kanaan dura kaasaa ture akka hin dhiisne himeera.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/q1HJSYI
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Saadaam Huseen loltoota Ameerikaa isa eegaa turan waliin walitti dhufeenya cimaa tolfachuurraa kan ka'e icciitii garaa garaa itti himaa ture
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/m6MEadL
Namni kamiyyuu bakka uummanni itti tajaajilamutti qixa ilaallama malee aangoon ta'uu qabaatu.Tokko tokko gadibuutun abbaa taayitaa jirti namni nama itti kan hin fakkaanne.Biiroo itti fakkaatee restoraantiin?
Kuni mirga nama sarbuu jedhama.Caalaan mirgaasaa seeraan gaafachuu qabaata.Kanumarratti ilaalla akka seerri hojjatuuf dhiisu.
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Ministeerri Beeksisaa Eertiraa ibsa Paartiin Badhaadhinaa Jimaata darbe baase irratti deebii yoo kennu, Paartiin Badhaadhinaa yeroodhaa gara yerootti ''odeeffannoo sobaa fi dhiibbaa qabu tamsaasa'' jedhe.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/N0TpPv3
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Biyyoonni Musliimaa wal-ta'uun karoora Israa'el Gaazaa to'achuuf qabdu dura akka dhaabataniif Turkiin waamicha dhiyeessite.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/4pPL0Zz
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
âYakki Waashingitan, Yakka #Itoophiyaa Bakka Tokko tokkotti Raawwatamu Caaleeraâ Istiifen Miiler Itti Aanaa Hoogganaa Waayit Haawus
Hoogganaan Itti Aanaa Masaraa Waayit Haawus Istiiven Miiler yakka Magaalaa Waashingitanitti raawwatamu, kan Itoophiyaa fi bakkeewwan kaanitti raawwataman caala jechaan wali bara qabee dubbate.
Miiler, kana kan dubbate wayita Prezedanti Doonaaldi Tirampi magaalaa Waashigintan bulchiinsa Federaalaa deebisuuf dhaadatanitti.
Miidiyaa Niwsneeshin jedhamuuf yoo yaada kenne Miiler, âMagaalaan Waashingitan bakka yakki ciccimaan keessatti raawwatu kanneen akka Baagdaad caalteettiâ jedhe. Dabalees âbakka yakki wal hadhuu jiruu kan akka Itoophiyaa fi addunyaa kaan caala Waashingitan magaalaa yakki itti hedduummateâ jechuun wal bira qabee dubbate.
https://www.facebook.com/share/v/1GfqQC81XQ/
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
âSiyaasni #Itoophiyaa Ammayyuu Gara Paartiitti Hin Guddanneâ Obbo Leencoo Lataa
Angawaan Adda Bilisummaa #Oromoo duraanii fi Gaamessi Siyaasaa Obbo Leencoo Lataa, ammas siyaasni biyyattii gara paartiitti cehuu hin dandeenye jedhan. Adoolessa 29, bara 2025 miidiyaa biyya keessaa waliin gaaffii fi deebii taasisanii kan turan siyaasa halaa ammaa Itoophiyaan keessa jirtu irratti yaada kennaniin, bara qabsoo Oromoo gaggeessaa turani fi harra jidduu fooyyaâiinsa jira jedhan wal bira qabuun ibsanii jiru.
Gama dammaqina hawaasaatiin fooyyaâiinsi murtaaâaan jiraatus fi gama guddina paartii siyaasaan wal qabatee garuu ammaa hanqinni cimaan jira jechuun qeeqan. Bulchiinsi deemokraasii karaa qabsoo qawwee milkaawuuf rakkisaadha kan jedhan Obbo Leencoon, Sabni Oromoos, baballina deemokraasii Itoophiyaa keessatti shora utubaa qabachuu akka qabu, fala fooyyaâina siyaasaa biyyattiitiifis Federeeshinii Sabdaneessaa amma jiru deemookraatessuun murteessaa taâuu dubbatani.
https://web.facebook.com/share/v/1Zp6ye6TGm/
Repost from Jawar Mohammed
Ooftee ooftee harree kana abbatti fidda!
Bilxiginnaan koree jiddugeessaa walgahii muddamaatiif yaamte jedhan. Gaagaâama siyaasaafii diinaggee guyyuu hammaataa jiruun dabalatee, kasaaraan diplomaasii dhihaanya kana mudate dhuguma kan hedduu mudduudha.
- Torban dura Adooleesa 22 ministrichi haajaa alaa Ameerikaa bilbiluun "Dibbee waraanaa hooâisaa jirtu tana dhaabi. Waan akkasii Ameerikaan cimsitee balaaleffatti" jedheen. "Waraanni eegallaan atis biytis irraa hin haftan" jechuun dabalee akeekkachiise. Abiyyis mufatee marima taasisan kanaahuu miidiyaaleen biyyattii akka hin gabaafne uggure.
- Itti aansee Adooleessa 29 warri Awuroppaa ministirattii muummee Xaaliyaan erguun dhamsuma Ameerikaa san gadi jabeesse. Ministirittiin "Olola waraanaa dhiisi, komiifi shakkii Isaayyas waliin qabdu jaarsummaan furuu barbaadna" jetteen. Abiy ni dide. Ishiinis dubbicha gabaafte.
- Guyyaa itti aanu Adooleesa 30 Pirezedanti Tiraampi Isaayyaasitti xalayaa erguun hariiroo diinummaa kurnee sadihitti dhiyaatu oliif Ameerikaafi Eritriyaa jidduu ture gara firummaafi tumsa haaraatti jiijjiruu akka fedhu ibseef.
- Taateewwan kunniin osoo akka durii taâee waan hin yaadamneefi hin eeggamne ture. Garuu ammoo kallattiidhaan buâaa siyaasa kashalabbummaa Abiyyi geggeessuuti. Itoophiyaa waggota torba dura naannaa gaanfa Afrikaaf utubaa nageenyaa ( anchor state) turte walwaraansa keessoon unkuree qoccola ollootaan moggeessee, madda jeequmsaa ( exporter of instability) taasise. Harâa Itoophiyaa Abiyyi unkuraa jiruun walbira qabamtee ( comparatively) yennaa laalamtu, Eritriyaan kaleessa akka mootummaa seermaleessaa ( pariah state) turte, sirnooftuu fi tasgabbolftuu taatee mulâatte. Jeequmsa Sudaan tooâachuufis taâee negeenya Galaana Diimaaf tumsuufis Itoophiyaa caalaa buâaa qabeettii taatee argamuun tumsa biyyootaa Itoophiyaa harkaa fudhachaa jirti.
Walumaagattuu adeemsi kasaaraa siyaasaafi diplomaasii Abiyyi mudate makmaaksa Oromoo tokkoon walfakkaata. Namichatu harree hatee gabaa Sambataa geesse. Gatiin kennameef gahuu didnaan fuudhee gabaa Hojja Dureetiin bahe. Ammas gatii inni dhayuu gadi taanaan fuudhee galee gaafa harbaas gabaa baasuuf kaâe. Yeroo kana ollaan taaâee taajjabaa ture tokko â namichoo harree tana ooftee ooftee abbicha jalaa hattetti geessuu heddaa beekkadhuâ jedhee akeekkachiise jedhan.
Abiyyis siyaasa â shiraafi abshaalummaaâ ittiin dhaadataa ture osoo oofuu humnoota siyaasaa biyyattiif ollaa dura diina waliif turan walitti araarse akka isa ofirraa ittisuuf waliin tumsan haala mijeesse. Amma ammoo biyyoota addunyaa Bahaafi Dhihaa michuu Itoophiyaa turan abdii kutachiisee ofitti garagalche. Haala kanaan harâa biyyoonni humna gurgudddo addunyaa sadeenuu ( Russia, China, Ameerikaa) walfaana Eritiriyaa firoomfatanii jiran. Abiy ammoo pirzidantii Belarus kan ofiifuu Awuroppaa keessatti jibbamaafi moggeeffamaa taâe firoomfachuuf tattaafataa jira. Bi
Gaafa namooti isa waliin turan dhimma biyyaa irratti marii gaafatan Abiyyi "Siyaasaan shiraan malee mariin hin taatu" jedhee dide. Hardha erga waa hundi harkaa jigee booda muddamnaan kaadiree waltajjii muddamaa yaame. Erga waraabessi darbee sareen dutte jechui mitiiree
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu:Itoophiyaan biyyoota Afrikaa IMF irraa liqii guddaa fudhatan 10 keessaa tokko taâuu ishee gabaafame
Finfinnee, Adoolessa 23, 2025:Itoophiyaan biyyoota Afrikaa 10n sadarkaa olaanaa dhaabbata maallaqaa idil-addunyaa (IMF) irraa liqii fudhatan keessaa tokko taaâuu ishee gabaafameera. Itoophiyaan jiâa Adooleessa 2025 keessa IMF irraa liqii dabalataa akka argattus ibsameera.
Masriin biyyoota Afrikaa IMF irraa liqii baayâree argatte keessaa sadarkaa tokkoffaarra kan jirtu yoo taatu, hanga jiâa Adooleessa 2025tti liqii doolaara biiliyoona 7.4 argachuu ishee dhaabbaticha wabeeffachuun âAfrican Business Insiderâ gabaaseera.
Akka gabaasa âAfrican Business Insiderâ jedhutti Itoophiyaan waliigala liqiin IMF hanga harâaatti irraa argatte Doolaara biiliyoona 1.6tti kan dhiyaatuu yoo taâu, kanaanis Afrikaa keessaa sadarkaa 7ffaa irra jirti.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6676
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Hundeessitoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Lubbuun Hafan Keessaa Isaan Xumuraa Harâa Boqotanii Awwaalaman
Hundeessitoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessaa takka kan taâan Dooktar Moggaa Firrisaa boqotanii harra awwaalamanii jiran. Obbo Dirribii Damissee Bokkuu Pirezidaantiin Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Addis Standard âtti akka himanitti, Dookter Moggaan dhalatanii naannoo ganna 97 tti, boqochuu mirkaneessan. Sirni awwaalcha isaaniis Finfinnee, iddoo awwaala Muusliimotaa Kolfee bakka namootni muraasni argamanitti gaggeeffamuu dabalataan ibsaniiru.
Abbaan Dooktar Moggaa Firrisaa Abbaa Saambii, gootota weerara Xaaliyaanii faccisuuf lole keessaa takka kan jedhan Obbo Dirribii Damissee, Dooktar Moggaan Waldaa Maccaa fi Tuulamaa bara barnoota Olaanaa hordofaa turan irraa kaasuun warra sochii waldichaa keessatti hirmaataa ture jedhan.
Barumsa isaaniis Mana Barumsaa Tafarii Makonninitti kan baratan yoo taâu sana booda Barnoota idilee erga xumuranii Oguma Fayyaa Goondoritti kan baratanii fi, biyyoota alaatti imaluun oguma fayyaarratti barnoota gabbisaa dabalataa baratuullee Pireezidaantiin Waldaa Maccaa fi Tuulamaa ibsaniiru.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6590
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Baay'inni lakkoofsa namoota haleellaa Kamisa darbe Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti hidhattootaan namoota nagaarratti raawwatameen ajjeefamanii 16 gahuu jiraattonni BBCtti himan.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Jk6ZL9E
