Galmo kormoso 👈
Kanalga Telegram’da o‘tish
222
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
-17 kun
+130 kun
Postlar arxiv
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Barruu Yaadaa: Yeroo bilisummaan aangoo dhuunfachuutti jijjiiramu: Gaaffilee waa’ee “#Aangoo_Oromoo” deebii hin argatin
Barruu yaadaa kana keessatti barreessaan hiika “aangoo Oromoo” jedhu ni qorata. Geggeessitoonni siyaasaa #Oromoo sirna mootummaa #Itoophiyaa duraanii jijjiiraniiru moo caasaa cunqursaa durii sana dhaaluu qofa? jedhees gaafata.
Waadaa mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu kabajuuf galamee fi haasaa yeroo ammaa lafa irratti mirga abbummaa qabaachuuf gaafatamu gidduu jijjiirama akkamiitu jira? Oromoon sababoota “bu’aa isaaf malu” jedhamaniin caalaatti bulchiinsa jala galfamuu, hordofamuu, hidhamuu fi ajjeefamuun bilisummaa akkamiiti?
#WBO'n diinoota duraanii waliin Gamtaa Uummata keenya baraaruu (#Alliance_for_Survival) keessatti yeroo hirmaatu, barruun kun gaaffii murteessaa tokko kaasa: Bilisummaan Oromoo cunqursaa fi olaantummaa garee tokkoo kanaan dura diiguuf qabsaa’e sana osoo galmaan hin ga’in mirkanaa’uu danda’aa?
Dabalataaf 👇🏿
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=10785
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Odeessa Guyyuu: #Huutiiwwan Sa’udiin beenyaa doolaara biiliyoona 51 akka kaffaltu, Garee isaaniis akka bulchitoota Yamanitti akka fudhattu gaafatan: WSJ
Finfinnee, Sadaasa 5, 2026: Gareen #Huutii_Yaman, kan Iraaniin deeggaramu, #Sa’udi_Arabiyaa haleellaa qilleensaa waggootaaf irratti raawwatteefi dhiyeessii fi geejjiba irratti danqaa kaa’uu isheetiif beenyaa doolaara biiliyoona 51 akka kaffaltu gaafateera. Akkasumas, gareen kun akka bulchitoota Yamanitti akka beekamu gaafateera. Kunis yeroo Sa’udi Arabiyaan walitti bu’iinsa haaraa dhaabuuf Huutiiwwan waliin marii gaggeessuuf yaalaa jirtutti ta’uu gaazexaan The Wall Street Journal Kamisa gabaaseera.
Cuqaasi 👇🏿
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/brief/n-10768/
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Odeessa Guyyuu: #Huutiiwwan Sa’udiin beenyaa doolaara biiliyoona 51 akka kaffaltu, Garee isaaniis akka bulchitoota Yamanitti akka fudhattu gaafatan: WSJ
Finfinnee, Sadaasa 5, 2026: Gareen #Huutii_Yaman, kan Iraaniin deeggaramu, #Sa’udi_Arabiyaa haleellaa qilleensaa waggootaaf irratti raawwatteefi dhiyeessii fi geejjiba irratti danqaa kaa’uu isheetiif beenyaa doolaara biiliyoona 51 akka kaffaltu gaafateera. Akkasumas, gareen kun akka bulchitoota Yamanitti akka beekamu gaafateera. Kunis yeroo Sa’udi Arabiyaan walitti bu’iinsa haaraa dhaabuuf Huutiiwwan waliin marii gaggeessuuf yaalaa jirtutti ta’uu gaazexaan The Wall Street Journal Kamisa gabaaseera.
Cuqaasi 👇🏿
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/brief/n-10768/
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Miishigaan Abduul El-Sayeed Seenaatara Ameerikaa #Musliima jalqabaa gochuun filatte
Finfinnee, Sadaasa 04, 2026: Kaadhimamaa Dorgomaa Paartii Deemookraat Abduul El-Sayeed (Abdul El-Sayed) dorgommii Mana Maree Bakka Bu’oota Ameerikaa kutaa Miishigaan keessatti taasifame kan Paartii Ripaablikaan Maayik Roojers (Mike Rogers) injifachuudhaan miseensa koongirasii Muslimaa jalqabaa Ameerikaa ta’uun filatame ta'eera; kunis bakka bu'iinsa Musliimotaa siyaasa Ameerikaa keessatti seenaa haaraa kan galmeessedha.
Dorgommiin kun filannoo walkkeessaa Kibxata raawwatame hordofuun sa'aatii jalqabaa Roobii Sadaasa 04 keessa El-Sayeedif kan murtaa'e yoo ta'u, qabxiin lakkoofsa sagalee itti fufuun tilmaamni akka agarsiisutti Roojersi sagalee dhibbeentaa 46–47% a El-Sayeed ammoo sagalee dhibbeentaa 51–52% argatee jira.
Cuqaasi 👇🏿
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/brief/n-10742/
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Koomishiniin Mirga Namoomaa haleellaa Shirkaan namoonni 48 ajjeefamuu mirkaneesse; humni waraanaa idilee hin taane babal’achuu isaas sodaasaa ibse
Finfinnee, Sadaasa 04, 2026: Koomishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI/EHRC) Onkoloolessa 24 Godina Kibba Bahaa Oromiyaa, Aanaa Shirkaa keessatti haleellaa raawwatameen namoonni 48 ajjeefamuu isaanii kan mirkaneesse yoo ta’u, kunis gabaasa Addis Standard Onkoloolessa 26 ragaalee ijaan argan fi qiyaasa awwaalcha uummataa irratti hundaa’uun dhiheesse kan cimsuudha.
Koomishinichi bakka sanatti humni waraanaa idilee hin taane babal’achuun isaanii sodaachisaa ta’uu ibsuudhaan, abbootiin taayitaa eegumsa namoota nagaa cimsanii haleellaa dabalataa akka ittisan gaafateera.
Guutuunsaa 👇🏿
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=10739
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Keeniyaan baqattoota Itoophiyaa walitti bu’iinsa #Moyyaaleen baqatan galmeessuu eegalte; baqattoonni #Keeniyaa ga’an kuma 50 ol ta’aniiru
Aanga’oonni Keeniyaa, Komishinii Ol’aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dhimma Baqattootaa (#UNHCR) fi Waldaan Fannoo Diimaa Keeniyaa (#KRCS) waliin ta’uun, baqattoota Itoophiyaa walitti bu’iinsa haaraa magaalaa daangaa Mooyyaalee keessatti uumame irraa baqatanii gara Keeniyaatti ce’an galmeessuu eegalaniiru. Sababiin isaas, dhuma Onkoloolessa walitti bu’iinsi erga hammaatee booda namoonni kuma 50 ol ta’an gara Keeniyaatti ce’uun isaanii gabaafameera.
Cuqaasi 👇🏿
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=10705
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Waggoota 90 dura Sadaasa 2,1936 BBC Televizhin tamsaasa yemmu eegalutti televizhiiniin meeshaa elektirooniksii akkaan qaalii ture. Kana malees, uwwisni dambalii televizhiinichaas xiqqaa ture.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/TUYaJXs
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Angawoonni Somaalilaand haleellaa jiraattota Oromoo Booramaa irratti raawwatame balaaleffatan; manneen 150 ol miidhaan irra gahuunis gabaafame
Finfinnee, Sadaasa 02, 2026: Angawoonni fi hoggantoonni hawaasaa Somaalilaand haleellaa jiraattota Oromoo magaalaa Booramaa irratti xiyyeeffate balaaleffatan. Magaalattii keessatti manneen jiraattota kanaa 150 ol ta’an barbadaa’uu fi saamamuun kan gabaafame yoo ta’u, abbootin taayitaa namoota shakkaman to’annoo jala oolchuu fi seeraatti dhiyeessuuf waadaa galaniiru.
Akka gabaasi Hiiraan Online eerutti, haleellaan kun dargaggoota gareen gurmaa’aniin kan raawwatame yoo ta’u, manneen Oromoonni—keessattuu maatiiwwan waggoota dheeraaf magaalattii keessa jiraachaa turan—keessa jiraatan barbadeessuu, saamuu fi abiddaan gubuu dabalata.
Guutuu isaaf cuqaasi 👇🏿
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=10681
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Dargaggoonni lama kan Amuruurraa gara Aanaa Buree imalaa turan haala suukanneessaan ajjeefaman; maatiin, firri haqa ijoolleesaanii gaafataa jiran
Finfinnee, Onkoloolessa 31, 2026: Kiibxata, 27, Onkololeessa 2026, haleellaa daangaa Aanaa Amuruu Godina Lixa Oromiyaa fi Aanaa Buree Godina Gojjaam Lixaa Naannoo Amaaraa gidduutti raawwatameen dargaggoonni lama haala suukanneessaan ajjeefamuu hordofee maatiiii fi firoottan isaanii gadda guddaa keessa jiraachuu, haqa fi qaamni yakka kana raawwate aka seeraaf dhiyaatu gaafachaa jiraachuu ibsan.
Akka jiraataan Aanaa Amuruu fi fira midhamtoota keessaa tokko ta’ee Addis Standard-if ibsanitti, Sooressaa Abbabaa, dargaggoo umrii 18 fi konkolaachisaa Baajaajii kan ta’e, fi Lataa Toleeraa, dargaggoon umrii waggaa 17, kan kutaa 11ffaa baratu, gara Aanaa Buree utuu imalaa jiraniiti Mormor, Abbayya irratti ajjeefaman.
Odeessa guutuuf cuqaasi 👇🏿
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=10666
Repost from Jawar Mohammed
SHAASHEE: Warri namichi Haaji Yaaqub jedhan kun maallaqa isin nyaate, jaarsoliifi sheekkotiin ammas sossobdee akka lamuu isin hin kasaarsine. Maallaqni keessan saffisaan isiniif deebi'uu qaba. Yaaqub fi warri isa waliin neetowrokii tolfatee isin saame seeraaf dhiyaatee adabamuu qaba.
#TeamMarfee lilmee affeelaa dawaa itti guutaa qopheessaa. Hamma dubbiin galaanaa deebitee hoo'ituu hattuu adamsutti bobbaana!
Repost from Jawar Mohammed
Miskiina walitti duulchisanii maallaqa maqaa raasaasa bituutin guuranii dhuunfaaf oolchu. Warra rasaasa dhiheesu waliin komishinii qooddatu. Lolli dhaabbannaan shiqqalaafi daldalaaf gaarii miti.
========••••=======
“Akkam oolte, dubbii mooyyale kana akkuman dur siin jedhe tokko nami waraana kana keessa faayidaa barbaadu rassasa binna jedhee qarshii namarraa guuree faayidaa isaaf oolchu yoo jaarsummaan yaammame jaarsolii dhugaa dubbattu dhowwee warra networki hannaan ijaarameedha. List namoota gama lachuu baaankiifi bilbila isaanii waliin siif ergeera. Qaama dhimmi ilaalutti dabarsi waan ajaaiabaa argita.”
Repost from Jawar Mohammed
+1
YAADACHIISA: Jeneraaltichi TPLF kan dheengadda RIB goda keessatti qabe kun qondaalota waraanaa bara Wayyaanee Soomaliifi Oromoo walficcisiisaa jidduun durooman keessaa tokko ture. Yoo yaadattan jaartiin isaa Haawo jedhamtu daldala kotrobaandii, jimaafi konistraaksihni Baha biyyattii monopolize gootee turte. Nama ishiin dorgome jaara-jeneraalaa kanaatu karaarraa maqsaaf. Dubartii Suuraa jedhamtu akkasiin jimaa keessaa baasan.
Jeneraalli ummata miskiina walitti buusuun duroome Waaqaan Abboo jechaa ture kun dheengadda gammoojjii keessattti qabame.
Maal jechuuf seetan...dhiigaafi dhugaan miskiinaa lafa hin baddu. Warri har'a ummata walitti naqxanis guyyaan isin salphattan ni dhufa!
Repost from Jawar Mohammed
NAGEELLEE ARSII: Poolisichi dubartii reebe sun angoraa kaafameera jedhan. Gahaa miti. Seeratti dhiyaatee adabamuu qaba. Waa'ee miidhaa inni geessisaa turee kaleessaa kaasee eeruu hedduutu nu gahaa ture. Lamaan isaanii kunooti
===========-----=========
"Yakki poolisiin Nageellee Arsii sun irra deddeebi'ee hojjataa jiru dhugaadha. Qabdeettaa gadi hin dhiisiin. Abbaa qabeenyaa aanaa Adaamii Tulluu jiddoo Kombolchaa magalaa Bulbulaa tokko irraa qarshii 100,000 irraa fudhate. Namoota wal himatan tokko waliinan isin araarsa jechuun gidduu seenee nyaate. Dhugumatti namichi hattuufi kashilabbeedha.”
===============
“Poolisichi maqaan isaa Fayyisaa Damisee jedhamu kan micayyoo gudeede sun aanaa Adaabbaattis mucaa umrii kudhaa lama(12) ajjeesee ture. Sana dheeffa Adaabbaadhaa gara Nageellee Arsiitti jijjiirani. Qaama biraas qoradhuu qulqulleeffadhu. Namichi yakka hedduu hojjachaa ture.”
Repost from Jawar Mohammed
"Itti Gaafatamaa Damee Aadaa Dimokraasii"
Yaa Shimee, Itoophiyaa dimokraatessina jennaan maafiyaa dimkoraatessuu sitti fakkate moo? Waan dabaati!
"Damee Hojii tarsiimayaa" kan Jaala Biree afaan buusan tun hoo waajjiruma dhugaan jirtu moo qilleensumarratti kalaqanii ittiin sobuufi laata?
Repost from Jawar Mohammed
MOOYYALE: Maafiyoonni galgala waliigaltee dhukaasa dhaabuu fashalsuuf dhukaasaa turte too'atamtee jirti. Ganama kana sagaleen qawwee hin jiru. Warra walwaraanaa tures magaalaa baasaa jiran. Gamni lachuu madoofi reeffa waliif dabarsuu eegalanii jiru. Dubbiin tun akka lammata hin deebinetti goolabamuu qabdi.
Repost from Jawar Mohammed
Qooy maashinni ID scan gochuu yoo dadhabe rakkoon kan barataati moo kan yunivarsitichaati? Beeloftee kaaffee balbala geessee seenuu dhoorkamuun beela san dachaa akka guddisu warra keessa dabretu beeka :) Joolleen haa nyaattu banaaf
===================.....=========
"Odeeffannoo Amma yuunivarsitii jimmaaraa siif ergameen wal-qabatee waanti jiru dhugaadha 100%
Ammoo waanti Nama gaddisiisu ID osoo of harkaa qabanii scan gochuu dide jechuudhaan qofa qarshii hanga kana (700) barataa tokkorraa sassaabuun waan dabaati! Sanuu ID isaan bakka buusanii kennan sunis kan waraqaa malee dijiitaala miti sunimmoo torban lama booda Ammas yoo dide ammas baasii biraaf Akka hin saaxilamne homaa wabiin hin jiru.
Hub; odeeffannoo siif ergameen wal-qabatee screenshot baankii ati dhoobderraa maqaa baratichaa salphaatti argachuu waan danda'aniif ( reference) osoo balleessiteefii gaarii ta'a!"
Repost from Jawar Mohammed
Bulchiinsi Yunivarsitii Jimmaa, qoonqoon bara barataa turree no irraanfattanii? Barattooti haa nyaattuu kaaffee hayyamaaf xaxaa hin baay’isinaa
======••••••======
“Jawar sagalee barbannaa Baraatota university jimma Regularin miidhamaa jirraa , ID ykn waraqa enyumma isa moora kun hin ykn scan hin tahu jedhanii kaaffee nu dhorkaan kaaffee guyyaa lamaf hin seene ,ID biraa baasuf immo Qr 700 isa iyyuu warrii biiroo isaanii nama hin keesumesaan,tahani fiilmii osoo ilaala jiranuu sa'a booda deebi'i jeedhu ,achii kaaffee dhorkama jirra, pls pls pls we need your voice
Hanga amma achii dhaabannee ega jirram amma moo system hin jiruu jechaa jiruu , kaaffee immo nu dhorka jiruu. Osoo ID qabannee jirruu qarshii funaanuf jechaa akkana nu godhaan”
Repost from Jawar Mohammed
Embiyyoo an maqama MASKARAMUU feemasii naaf taasifte san naaf wayya. By the way takkaa sitti muufadhee, ykn gadoo qabadhee hin beeku. Actually arrabsoon kee hedduun na booharsaa turan. Dhimma dhuunfaa walirraa hin qabnuum. Kanaafuu homaa dhiifama na gaafachuun si hin barbaachisu. Yoo akkam guddate gaafa wal agarre bunuma natti bitta. Ummanni sitti muufate yoo jiraate garuu dhiifama akka siif godha siif kadhadha.
Jaalalaafi kabajaa waliin
Obbooleessa kee, Obbo MASKARAMUU :)
Repost from Jawar Mohammed
BULLEE BULTANII?!
Babsa Tula tokko akka mobaayila irraa hin fuuneef duula hin hiikkannu jedhu geggeesaa bulee sila? Abshiir jaaloo Ameerikaatti baazuqaa dhiisii taankii dullacha wahiituu bitachuun ni danda’ama. Garuu Taankii san fudhadhee tax free biyyattiin galadha jenaan gumurukatti sirraa hanii ta’a.
Anillee gaafa Ameerikaawii ture SKS tana Dereje Hawas irraa ergifadhee suuraa waliin ka’ee of onnachiisaa ture.
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Walitti bu’iinsa #Mooyyaaleetiin lammiileen #Itoophiyaa kuma 36 gara Keeniyaatti baqatan; komishiniin mirga namoomaa gargaarsa hatattamaa gaafate
Walitti bu’iinsa Mooyyaalee fi naannawa ishee keessatti uumame baqachuun namoonni tilmaamaan kuma 36 ta’an, Itoophiyaa irraa gara Keeniyaatti ce’uu isaanii fi akkasumas namoonni kunneen nyaata, bishaan qulqulluu, bakka jireenyaa, tajaajila qulqullinaa fi kunuunsa fayyaa keessaa kanneen dursa kennamuu qaban akka barbaadan Ejensiin Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) damee Keeniyaa beeksise.
Gama biraatiin ammoo Komishiniin Mirga Namoomaa Biyyaalessaa Keeniyaa (KNCHR) namoonni kuma 15 ol ta’an iddoowwan yeroo muraasaaf qophaa’an saddeet keessatti qubsiifamaniiru; namoonni kuma 20 ol ta’an immoo firoota isaanii fi hiriyoota isaanii bira jiraachaa jiru. Komishinichi deebiin hatattamaa, qindoomina qabuu fi mirga namoomaa irratti hundaa’e akka kennamu gaafateera.
Cuqaasi 👇🏿
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=10568
