en
Feedback
Galmo kormoso 👈

Galmo kormoso 👈

Open in Telegram

Oromia Shall be Free

Show more
302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Repost from BBC AFAAN OROMOO
Godina Gujiitti dubartiin ulfa ji'a sagalii oyruu keessatti rasaasaan ajjeefamuun dheekkamsa kaaseera. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Nzk7Wuj

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Sarbama mirgaa lammiileerratti raawwateera jedhamanii eeraman keessaa ''achi buuteen dhabamuu'', ''dararaa'' fi adabbiin ''nameenya hin qabne'' ibsameera. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/M08123v

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Paartiin Koongrasii Federaalawa Oromoo (KFO)n filannoo itti aanurratti hirmaachuuf murteessus gaafilee akka Mootummaa Cee'umsaa Waloo Oromiyaafi irra deebiin hundaa'uu boordii filannoo kanaan dura kaasaa ture akka hin dhiisne himeera. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/q1HJSYI

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Saadaam Huseen loltoota Ameerikaa isa eegaa turan waliin walitti dhufeenya cimaa tolfachuurraa kan ka'e icciitii garaa garaa itti himaa ture via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/m6MEadL

Namni kamiyyuu bakka uummanni itti tajaajilamutti qixa ilaallama malee aangoon ta'uu qabaatu.Tokko tokko gadibuutun abbaa taayitaa jirti namni nama itti kan hin fakkaanne.Biiroo itti fakkaatee restoraantiin? Kuni mirga nama sarbuu jedhama.Caalaan mirgaasaa seeraan gaafachuu qabaata.Kanumarratti ilaalla akka seerri hojjatuuf dhiisu.

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Ministeerri Beeksisaa Eertiraa ibsa Paartiin Badhaadhinaa Jimaata darbe baase irratti deebii yoo kennu, Paartiin Badhaadhinaa yeroodhaa gara yerootti ''odeeffannoo sobaa fi dhiibbaa qabu tamsaasa'' jedhe. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/N0TpPv3

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Biyyoonni Musliimaa wal-ta'uun karoora Israa'el Gaazaa to'achuuf qabdu dura akka dhaabataniif Turkiin waamicha dhiyeessite. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/4pPL0Zz

“Yakki Waashingitan, Yakka #Itoophiyaa Bakka Tokko tokkotti Raawwatamu Caaleera” Istiifen Miiler Itti Aanaa Hoogganaa Waayit Haawus Hoogganaan Itti Aanaa Masaraa Waayit Haawus Istiiven Miiler yakka Magaalaa Waashingitanitti raawwatamu, kan Itoophiyaa fi bakkeewwan kaanitti raawwataman caala jechaan wali bara qabee dubbate. Miiler, kana kan dubbate wayita Prezedanti Doonaaldi Tirampi magaalaa Waashigintan bulchiinsa Federaalaa deebisuuf dhaadatanitti. Miidiyaa Niwsneeshin jedhamuuf yoo yaada kenne Miiler, “Magaalaan Waashingitan bakka yakki ciccimaan keessatti raawwatu kanneen akka Baagdaad caalteetti” jedhe. Dabalees “bakka yakki wal hadhuu jiruu kan akka Itoophiyaa fi addunyaa kaan caala Waashingitan magaalaa yakki itti hedduummate” jechuun wal bira qabee dubbate. https://www.facebook.com/share/v/1GfqQC81XQ/

“Siyaasni #Itoophiyaa Ammayyuu Gara Paartiitti Hin Guddanne” Obbo Leencoo Lataa Angawaan Adda Bilisummaa #Oromoo duraanii fi Gaamessi Siyaasaa Obbo Leencoo Lataa, ammas siyaasni biyyattii gara paartiitti cehuu hin dandeenye jedhan. Adoolessa 29, bara 2025 miidiyaa biyya keessaa waliin gaaffii fi deebii taasisanii kan turan siyaasa halaa ammaa Itoophiyaan keessa jirtu irratti yaada kennaniin, bara qabsoo Oromoo gaggeessaa turani fi harra jidduu fooyya’iinsa jira jedhan wal bira qabuun ibsanii jiru. Gama dammaqina hawaasaatiin fooyya’iinsi murtaa’aan jiraatus fi gama guddina paartii siyaasaan wal qabatee garuu ammaa hanqinni cimaan jira jechuun qeeqan. Bulchiinsi deemokraasii karaa qabsoo qawwee milkaawuuf rakkisaadha kan jedhan Obbo Leencoon, Sabni Oromoos, baballina deemokraasii Itoophiyaa keessatti shora utubaa qabachuu akka qabu, fala fooyya’ina siyaasaa biyyattiitiifis Federeeshinii Sabdaneessaa amma jiru deemookraatessuun murteessaa ta’uu dubbatani. https://web.facebook.com/share/v/1Zp6ye6TGm/

Repost from Jawar Mohammed
Ooftee ooftee harree kana abbatti fidda! Bilxiginnaan koree jiddugeessaa walgahii muddamaatiif yaamte jedhan. Gaaga’ama siyaasaafii diinaggee guyyuu hammaataa jiruun dabalatee, kasaaraan diplomaasii dhihaanya kana mudate dhuguma kan hedduu mudduudha. - Torban dura Adooleesa 22 ministrichi haajaa alaa Ameerikaa bilbiluun "Dibbee waraanaa hoo’isaa jirtu tana dhaabi. Waan akkasii Ameerikaan cimsitee balaaleffatti" jedheen. "Waraanni eegallaan atis biytis irraa hin haftan" jechuun dabalee akeekkachiise. Abiyyis mufatee marima taasisan kanaahuu miidiyaaleen biyyattii akka hin gabaafne uggure. - Itti aansee Adooleessa 29 warri Awuroppaa ministirattii muummee Xaaliyaan erguun dhamsuma Ameerikaa san gadi jabeesse. Ministirittiin "Olola waraanaa dhiisi, komiifi shakkii Isaayyas waliin qabdu jaarsummaan furuu barbaadna" jetteen. Abiy ni dide. Ishiinis dubbicha gabaafte. - Guyyaa itti aanu Adooleesa 30 Pirezedanti Tiraampi Isaayyaasitti xalayaa erguun hariiroo diinummaa kurnee sadihitti dhiyaatu oliif Ameerikaafi Eritriyaa jidduu ture gara firummaafi tumsa haaraatti jiijjiruu akka fedhu ibseef. - Taateewwan kunniin osoo akka durii ta’ee waan hin yaadamneefi hin eeggamne ture. Garuu ammoo kallattiidhaan bu’aa siyaasa kashalabbummaa Abiyyi geggeessuuti. Itoophiyaa waggota torba dura naannaa gaanfa Afrikaaf utubaa nageenyaa ( anchor state) turte walwaraansa keessoon unkuree qoccola ollootaan moggeessee, madda jeequmsaa ( exporter of instability) taasise. Har’a Itoophiyaa Abiyyi unkuraa jiruun walbira qabamtee ( comparatively) yennaa laalamtu, Eritriyaan kaleessa akka mootummaa seermaleessaa ( pariah state) turte, sirnooftuu fi tasgabbolftuu taatee mul’atte. Jeequmsa Sudaan too’achuufis ta’ee negeenya Galaana Diimaaf tumsuufis Itoophiyaa caalaa bu’aa qabeettii taatee argamuun tumsa biyyootaa Itoophiyaa harkaa fudhachaa jirti. Walumaagattuu adeemsi kasaaraa siyaasaafi diplomaasii Abiyyi mudate makmaaksa Oromoo tokkoon walfakkaata. Namichatu harree hatee gabaa Sambataa geesse. Gatiin kennameef gahuu didnaan fuudhee gabaa Hojja Dureetiin bahe. Ammas gatii inni dhayuu gadi taanaan fuudhee galee gaafa harbaas gabaa baasuuf ka’e. Yeroo kana ollaan taa’ee taajjabaa ture tokko ‘ namichoo harree tana ooftee ooftee abbicha jalaa hattetti geessuu heddaa beekkadhu’ jedhee akeekkachiise jedhan. Abiyyis siyaasa ‘ shiraafi abshaalummaa’ ittiin dhaadataa ture osoo oofuu humnoota siyaasaa biyyattiif ollaa dura diina waliif turan walitti araarse akka isa ofirraa ittisuuf waliin tumsan haala mijeesse. Amma ammoo biyyoota addunyaa Bahaafi Dhihaa michuu Itoophiyaa turan abdii kutachiisee ofitti garagalche. Haala kanaan har’a biyyoonni humna gurgudddo addunyaa sadeenuu ( Russia, China, Ameerikaa) walfaana Eritiriyaa firoomfatanii jiran. Abiy ammoo pirzidantii Belarus kan ofiifuu Awuroppaa keessatti jibbamaafi moggeeffamaa ta’e firoomfachuuf tattaafataa jira. Bi Gaafa namooti isa waliin turan dhimma biyyaa irratti marii gaafatan Abiyyi "Siyaasaan shiraan malee mariin hin taatu" jedhee dide. Hardha erga waa hundi harkaa jigee booda muddamnaan kaadiree waltajjii muddamaa yaame. Erga waraabessi darbee sareen dutte jechui mitiiree

Oduu:Itoophiyaan biyyoota Afrikaa IMF irraa liqii guddaa fudhatan 10 keessaa tokko ta’uu ishee gabaafame Finfinnee, Adoolessa 23, 2025:Itoophiyaan biyyoota Afrikaa 10n sadarkaa olaanaa dhaabbata maallaqaa idil-addunyaa (IMF) irraa liqii fudhatan keessaa tokko taa’uu ishee gabaafameera. Itoophiyaan ji’a Adooleessa 2025 keessa IMF irraa liqii dabalataa akka argattus ibsameera. Masriin biyyoota Afrikaa IMF irraa liqii baay’ree argatte keessaa sadarkaa tokkoffaarra kan jirtu yoo taatu, hanga ji’a Adooleessa 2025tti liqii doolaara biiliyoona 7.4 argachuu ishee dhaabbaticha wabeeffachuun ‘African Business Insider’ gabaaseera. Akka gabaasa ‘African Business Insider’ jedhutti Itoophiyaan waliigala liqiin IMF hanga har’aatti irraa argatte Doolaara biiliyoona 1.6tti kan dhiyaatuu yoo ta’u, kanaanis Afrikaa keessaa sadarkaa 7ffaa irra jirti. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6676

Hundeessitoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Lubbuun Hafan Keessaa Isaan Xumuraa Har’a Boqotanii Awwaalaman Hundeessitoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessaa takka kan ta’an Dooktar Moggaa Firrisaa boqotanii harra awwaalamanii jiran. Obbo Dirribii Damissee Bokkuu Pirezidaantiin Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Addis Standard ‘tti akka himanitti, Dookter Moggaan dhalatanii naannoo ganna 97 tti, boqochuu mirkaneessan. Sirni awwaalcha isaaniis Finfinnee, iddoo awwaala Muusliimotaa Kolfee bakka namootni muraasni argamanitti gaggeeffamuu dabalataan ibsaniiru. Abbaan Dooktar Moggaa Firrisaa Abbaa Saambii, gootota weerara Xaaliyaanii faccisuuf lole keessaa takka kan jedhan Obbo Dirribii Damissee, Dooktar Moggaan Waldaa Maccaa fi Tuulamaa bara barnoota Olaanaa hordofaa turan irraa kaasuun warra sochii waldichaa keessatti hirmaataa ture jedhan. Barumsa isaaniis Mana Barumsaa Tafarii Makonninitti kan baratan yoo ta’u sana booda Barnoota idilee erga xumuranii Oguma Fayyaa Goondoritti kan baratanii fi, biyyoota alaatti imaluun oguma fayyaarratti barnoota gabbisaa dabalataa baratuullee Pireezidaantiin Waldaa Maccaa fi Tuulamaa ibsaniiru. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6590

Repost from BBC AFAAN OROMOO
Baay'inni lakkoofsa namoota haleellaa Kamisa darbe Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti hidhattootaan namoota nagaarratti raawwatameen ajjeefamanii 16 gahuu jiraattonni BBCtti himan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Jk6ZL9E