cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Addis Standard Afaan Oromoo

Mostrar más
Finlandia427El idioma no está especificadoNoticias y medios10 394
Publicaciones publicitarias
13 107
Suscriptores
+5824 horas
+3817 días
+2 38730 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

#Itoophiyaa ibsa Imbaasiiwwan #Finfinneetti argaman baasan akka hin fudhanne ibsite Guyyaa Pireesii Addunyaa Caamsaa 03 oole ilaalchisee ibsa waloo imbaasiiwwan teessoo isaanii Finfinnee godhatan baasan “fudhatama kan hin qabne” ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise. Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Nabiyyuu Tadlaa ibsa har’a laataniin, ibsi Imbaasiiwwan kunneen baasan “protokoolii dippilomaasii irraa kan maqeedha” jedhan. Ibsi waloo imbaasiiwwan kunneen baasan, gaazexeessitoonni Itoophiyaa “sababa hojii isaanii hojjataniif seeraan ala hidhaman” akka gadi lakkifaman gaafateera. Nabiyyuu Tadlaan gama isaaniin, “guddinni miidiyaalee dijitaalaa haaraa fi kanaan dura turan irratti mul’atu kutannoo mootummaan Itoophiyaa bilisummaa pireesiif qabuuf ragaa ta’a,” jedhan. Itti dabaluudhaan, ibsa waloo imbaasiiwwan kunneen baasan hariiroo biyyoota gidduu jiruuf kan hin fayyadnee fi “hojii dippilomaasii fudhatama qabu waliin kan wal hin simnedha” jedhan. AS
Mostrar todo...
Maayik Haamar gara Itoophiyaa imaluun dhimma walitti bu’iinsa #Oromiyaa fi #Amaaraa irratti mari’achuufi Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa #Ameerikaa Maayik Haamer qaama daawwannaa gaanfa Afrikaatti Caamsaa 8 hanga Caamsaa 19tti gaggeessaniin gara #Itoophiyaa akka imalan Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksise. Maayik Haamar daawwannaa Itoophiyaatti taasisan kanaan Gamtaa Afrikaa, qondaaltota Itoophiyaa fi Bulchiinsa Naannoo Yeroo #Tigraay waliin walarguun haala raawwii waliigaltee Piriitooriyaa irratti ni mari’atu. Kana malees, walitti bu’iinsa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa fi Oromiyaa keessatti itti fufee jiru haala dhaabsisuu danda’amu irratti, akkasumas dhimma barbaachisummaa qorannoo gochaalee sarbiinsa mirgoota namoomaa naannolee kanneen keessa mul’atu ilaalchisee ni akka mari’atan ministeerichi beeksiseera. Maayik Haamar daawwannaa Itoophiyaatti taasisaniin alattis, gara #Keeniyaa fi #Jibuutii imaluun qondaaltota biyyoota kaneen waliin dhimmoota nageenyaa naannawaa irratti ni mari’atu. AS
Mostrar todo...
Obbo Taayyee Danda’aan mana amala sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofan yaadni murtoo kenname Manni Murtii Ministir Deetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aan mana amala sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofan yaada murtoo kenne. Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi ramaddii 1ffaa Liddataa dhimmoota yakka heera mootummaa fi sirna heera mootummaa oolmaa har’aan iyyannoo mirga wabii Obbo Taayyeen dhiyeessan qorachuun yaada murtoo kenneera. Dhaddachichi falmii bitaa mirgaa qorachuun Obbo Taayyeen mana amala sirreessaa galanii dhimma isaanii akka hordofan yaada murtoo kenneera. Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Daayrektoreetii Dhimmoota Yakkoota Gurmaa’aa fi Daangaa Ce’aa Obbo Taayyee Danda’aatin yakka “humnoota farra nageenyaa deeggaruu” fi “meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuu” dabalatee yakkoota sadiin himachuun kan yaadatamuudha.
Mostrar todo...
Magaalaa #Adaamaatti hojjettoota ijaarsa gamoof boolla qotaa turan irratti biyyoon jiguun lubbuun namoota 2 darbe Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hojjettoota ijaarsa gamoof boolla qotaa turan irratti biyyoon jiguun lubbuun namoota 2 darbuu Qajeelchi Poolisii magaalicha ibseera. Qajeelcha Poolisii magaalaa Adaamaatti Itti Gaafatamtuun kominikeshinii fi hariiroo ummataa Insipeektar Warqinash Galmeechaan, Aanaa 4 bakka addaa “dagaagaa “jedhamutti balichi mudachuu eeraaniiru. Balichaan lubbuun namoota 2 yoo darbu, namoota 2 irraa miidhan salphaa fi cimaan qaqqabuun yaaliin taasifamaafi jiraachuu ibsaniiru. FBC
Mostrar todo...
#Ameerikaan qorannoo ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti gaggeeffamu danqaa malee akka raawwatu "nan tumsa" jette Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (#KMNI) ''qorannoo ajjeechaa #Battee_Urgeessaa irratti gaggeessaa jiru xumuruuf gufuun isa mudachuu hin qabu'' jedheera. Imbaasichi ibsa kana kan baase Kibxata darbe Addis Standard, komishinichi qorannoo ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti magaalaa Maqiitti gaggeessaa ture ‘addaan kutuuf dirqamuu’ gabaasuu isaa hordofeeti. KMNI dhimma ajjeechaa qondaala siyaasaa #ABO Battee Urgeessaa irratti ragaalee hirmaannaa qaamolee nageenyaa mootummaa agarsiisan sassaabuu erga eegale guyyaa sadi booda “qorannoo jalqabe akka addaan kutuuf dirqamuu” xalayaan komishinichi Pireezdaant Shimallis Abdiisaa dabalatee Mootummaa Naannoo Oromiyaaf erge mul’iseera. Imbaasiin Ameerikaa ibsa har’a baaseen, “Ameerikaan ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti qorannoo guutuu fi hin gufanne akka gaggeeffamuuf ni tumsiti” jedheera.
Mostrar todo...
Oduu: Raayyaan Ittisa Biyyaa naannawaa #Walqaayit to’achuu jiraattoonni himan Lixa #Tigraay naannawaa Walqaayit Tsagadee Satit Humaraa, bakka yeroo ammaa kana to’annoo humnoota naannoo #Amaaraa jala jiru, Caamsaa 03 Raayyaa Ittisa Biyyaa fi hidhattoota Faannoo giddu walitti bu’iinsi mudate akka tureefi kana hordofee RIB naannawaa san guutummaatti to’achuu jiraattoonni himan. Naannawaa kanatti kanaan dura Raayyaan Ittisa Biyyaa akka hin turreefi milishaa fi poolisii naannoo Amaaraa to’achaa akka ture jiraattota wabeeffachuun Ripportar gabaaseera. Akka jiraattonni jedhanitti, hidhattoonni Faannoo Caamsaa 02 galgala gara Aanaa Tsagadee magaalaa Maaksanyoo Gabayaa jedhamtu erga seenanii booda Caamsaa 03 ganama magaalattii gadhiisanii kan bahan yoo ta’u, bakka magaalattii irraa hin fagaanneetti Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin walitti dhukaasaa turan. https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid053pwqYNKJnBicxzjNEAT2yq1i6aBnEkhqL4SgjqooGe2jigcSRrppq5UtjkpGPZzl
Mostrar todo...
#Tiiktook seera uggura mootummaan #Ameerikaa tibbana raggaase irratti himata bane Mootummaan Ameerikaa abbaa qabeenyummaa dhaabbata #Chaayinaa ‘ByteDance’ jedhamu jala kan jiru miidiyaan hawaasaa Tiiktook dhaabbata biraaf yoo gurgurame malee biyyattii keessa ugguruuf seera raggaasuu hordofee dhaabbatichi himannaa baneera. Dhaabbanni Tiiktook himannaa bane kana keessatti, “gochi kun [uggurri Tiiktook irratti kaa’amuuf jiru] mirga yaada of bilisaan ibsachuu fayyadamtoota Ameerikaa miiliyoona 170 ta'an kan sarbuudha” jedheera. Ameerikaan tarkaanfii kana fudhachuuf “yaaddoo tilmaamuudhaan'' qofa akka sababaatti fudhachuu ibsuun, manni murtii adeemsa itti deemamaa jiru akka dhaabsisu gaafateera. Mootummaan Ameerikaa miidiyaan hawaasaa kun dhaabbata biyya Chaayinaan waan qabatamee jiruuf odeeffannoo fayyadamtoota mootummaa Chaayinaaf dabarsee kennu mala jechuun murtoo kana dabarsuu ibseera. https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02wkRBmMTm9uC44X73TroKkZCgsP8qzqSssgaP8jFmUzQasCpXPttg5Ncjg2opffuql
Mostrar todo...
Yuunivarsiitiin #Finfinnee eebbifamtootaaf madaallii ga’umsa ogummaa eegaluufi Seenaa dhaabbilee barnoota olaanoo Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf yuunivarsiitiin Finfinnee baatii Fulbaana dhufuu eegalee sagantaa madaallii ga’umsa ogummaa eegaluuf ta’uu beeksise. Yuunivarsiiticha waggaa lama keessatti guutummaan yuunivarsiitii ofiin of bulchu taasisuuf hojiilee hedduun hojjetamuu Itti Aanaan Pireezidaantiin Akkaadaamii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Jaluu Umar TOI’tti himaniiru. Barattoota eebbifamanii gara Indaastirii hojii galaniif madaallii ga’umsa ogummaa kennuuf murtaa’uu fi sagantaan madaalli ga’umsa ogummaa kun damee hundaan kan kennamu ta’uu eeraniiru. Sagantichi sadarkaa idil addunyaa kan eeggatee fi fedhii gabaa bu’uura kan taasise ta’uu himaniiru. Sagantichi eegaluun ogeeyyii ga’umsa qaban gabaarraa argachuu kan gargaaruu fi yuunivarsiitichi ergama dhaloota ga’umsaa fi dandeettii qabu horachuuf qabate kan milkeessu ta’a jedhan.
Mostrar todo...
Oduu: Naannoo #Gaambeellaatti haleellaa konkolaataa uummataarratti raawwatameen imaltoota torba irratti miidhaan qaqqabe Naannoo Gaambeellaa godina #Anyuwaak ganda Ochoom jedhamu keessatti Dilbata darbe Ebla 05, 2024 haleellaa konkolaataa uummataa imaltoota 60 fe’ee aanaa #Itaang irraa gara magaalaa Gaambeellaa imalaa ture irratti raawwatameen imaltoota torba irratti miidhaan qaamaa jabaa qaqqabuu jiraattoonni Addis Standard’tti himan. Haleellaa kanaan dubartoota, daa’immanii fi poolisoota atoobisicha eegaa turan irratti miidhaan qaqqabuu jiraattoonni himaniiru. Jiraataa magaalaa Gambeellaa eenyummaan isaa akka ibsamu hin barbaanne tokko, haleellaa imaltoota torba irratti miidhaa geessise kana “hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen kan raawwatame” ta’uu Addis Standard’tti himeera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3946
Mostrar todo...
Naannoo Gaambeellaatti haleellaa konkolaataa uummataarratti raawwatameen imaltoota torba irratti miidhaan qaqqabe - Addis Standard

 Finfinnee, Caamsaa 08/2024 – Naannoo Gaambeellaa godina Anyuwaak ganda Ochoom jedhamu keessatti Dilbata darbe Ebla 05, 2024 haleellaa konkolaataa uummataa imaltoota 60 fe’ee aanaa Itaang irraa gara magaalaa Gaambeellaa imalaa ture irratti raawwatameen imaltoota torba irratti miidhaan qaamaa jabaa qaqqabuu jiraattoonni Addis Standard’tti himan.  Haleellaa kanaan dubartoota, daa’immanii fi poolisoota atoobisicha eegaa turan irratti miidhaan …

Embaasiin #Ameerikaa Asmaraatti argamu waggaa torba booda tajaajila viizaa kennuu jalqabe Embaasiin Ameerikaa #Eertiraa, Asmaraatti argamu, torban dhufurraa eegalee tajaajila viizaa waggaa torbaaf addaan citee ture akka jalqabu Ebaasichi beeksise. Haata'u malee, Seera Immigireeshiniifi Lammumma kutaa 243 (C) jalatti ifatti lammiileen Eertiraarra dhorkaan viizaa jiru akkuma jirutti akka itti fufu Embaasiin Ameerikaa Asmaraa jiru kun ibsa fuula marsariitii isaaratti beeksiseera. Dhorkaan viizaa kaa'ame aanga'oota mootummaa Eertiraa sadarkaa daarekatara olaanaa ol jiran, aanga'oota paartii biyya bulchaa jiru Paartii Ummataa Dimokiraasiifi Haqaaf (IGDAF) keessa hojjetan kan ilaallatudha. Dabalataanis, namoota aanga'oota kana waliin hariiroo gaa'elaa qabaniif ijoolleen isaanii umuriin waggaa 21 ol ta'anirratti dhorkaan kun hojiirra ni oola. Namoota kanneen ala kan ta'an Eertiraanonniifi lammileen Eeritiraa keessa jiraatan tajaajila viizaa argachuu akka danda'an beeksisa Embaasichaarratti eerameera. BBC
Mostrar todo...