es
Feedback

¡No caigas en manos de tramposos! Telemetrio encuentra y marca estos canales 👉 Si quieres ver la etiqueta, suscríbete

Oromia Environmental Protection Authority

Oromia Environmental Protection Authority

Ir al canal en Telegram
3 091
Suscriptores
+424 horas
+137 días
+2330 días

Cargando datos

Nube de Etiquetas
Sin datos
¿Algún problema? Por favor, actualice la página o contacte a nuestro gerente de soporte.
Menciones Entrantes y Salientes
---
---
---
---
---
---
Atraer Suscriptores
oct '26
octubre '26
+51
en 0 canales
septiembre '26
+21
en 0 canales
Get PRO
agosto '26
+41
en 0 canales
Get PRO
julio '26
+37
en 0 canales
Get PRO
junio '26
+17
en 0 canales
Get PRO
mayo '26
+14
en 0 canales
Get PRO
abril '26
+32
en 0 canales
Get PRO
marzo '26
+26
en 0 canales
Get PRO
febrero '26
+45
en 0 canales
Get PRO
enero '26
+27
en 0 canales
Get PRO
diciembre '25
+35
en 0 canales
Get PRO
noviembre '25
+14
en 0 canales
Get PRO
octubre '25
+25
en 0 canales
Get PRO
septiembre '25
+25
en 0 canales
Get PRO
agosto '25
+25
en 0 canales
Get PRO
julio '25
+28
en 0 canales
Get PRO
junio '25
+31
en 0 canales
Get PRO
mayo '25
+26
en 0 canales
Get PRO
abril '25
+29
en 0 canales
Get PRO
marzo '25
+30
en 0 canales
Get PRO
febrero '25
+24
en 0 canales
Get PRO
enero '25
+23
en 0 canales
Get PRO
diciembre '24
+59
en 1 canales
Get PRO
noviembre '24
+227
en 3 canales
Get PRO
octubre '24
+187
en 1 canales
Get PRO
septiembre '24
+245
en 0 canales
Get PRO
agosto '24
+252
en 0 canales
Get PRO
julio '24
+204
en 0 canales
Get PRO
junio '24
+175
en 1 canales
Get PRO
mayo '24
+202
en 0 canales
Get PRO
abril '24
+154
en 0 canales
Get PRO
marzo '24
+140
en 0 canales
Get PRO
febrero '24
+152
en 1 canales
Get PRO
enero '24
+98
en 0 canales
Get PRO
diciembre '23
+1 721
en 0 canales
Fecha
Crecimiento de Suscriptores
Menciones
Canales
23 octubre0
22 octubre+4
21 octubre+3
20 octubre+1
19 octubre+2
18 octubre+2
17 octubre+4
16 octubre+2
15 octubre+7
14 octubre+5
13 octubre+4
12 octubre+9
11 octubre+3
10 octubre+3
09 octubre+1
08 octubre0
07 octubre+1
06 octubre0
05 octubre0
04 octubre0
03 octubre0
02 octubre0
01 octubre0
Publicaciones del Canal
Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyummaa naannoofi hawaasaa eeguun kenni tajaajilaa akka naannootti kennamu akka fooyya'uuf qulqullinni galteefi oomisha qonnaa dabalee oomishtummaan keenya guddatee, oomishinni keenya gabaarratti dorgomaa akka ta'uuf sirna too'annoo seektaroota adda addaa keessatti bittinaa'ee ture bakka tokkotti sassaabuun Abbaa Taayitaa Too'annoo hundeessuun isaa ni yaadatama. Bu'uuruma kanaan, hooggantoota Abbaa Taayiticha hoogganan kanneen armaan gadii kana ramadamaniiru. 1. Dr. Alamaayyoo Hundumaa Dayirektara Ol'aanaa Abbaa TaayitaaToo'annoo 2. Obbo Seeyifuddiin Mahadii I/A D/Ol'aanaafi Hoogganaa Damee To'annoo Galteefi Oomisha Qonnaa 3. Obbo Boonaa Yaaddessaa I/A D/Ol'aanaafi Hoogganaa Damee Eegumsa Naannoo 3. Dr. Alamayyoo  I/A D/Ol'aanaafi Hoogganaa Damee Too'annoo Qulqullinna Nyaataafi Dhugaatii 4. Obbo Baddiluu I/A D/Ol'aanaafi Hoogganaa Damee To'annoo Dhaabbilee ta'uun muudanii jiru. Bara hojii gaarii isaaniif hawwinaa!    Fulbaana,2019     Finfinnee

2
https://www.facebook.com/share/v/1BvisNWWBi/
1 846
3
"Irreechi Duudhaafi Calaqqee Uummata Oromooti" Obbo Seeyifuddiin Mahaadii D/Ol'aanaa ATEN Oromiyaa Hooggantoonniifi hojjettoo+4
"Irreechi Duudhaafi Calaqqee Uummata Oromooti" Obbo Seeyifuddiin Mahaadii D/Ol'aanaa ATEN Oromiyaa Hooggantoonniifi hojjettoonni ATEN Oromiyaa kabaja Ayyaana Irreechaa Hara Finfinnee Fulbaana 23/2019fi Hara Arsadee M/Bishooftuu Fulbaana 24/2019 kabajamuu ilaalchisuun sanada "Kabajni Irreechaa, Olka'insa biyyaaf" jedhu qophaa'erratti marii taasisaniiru. Maree taasifamee kanaan hooggantonniifi hojjettoonni Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa hundi karaa aadaafi duudhaa uummatichaa calaqqisiisuu danda'uu hirmaachuuf fedhiifi hawwii qaban ibsachuun marichi goolabameera.          Fulbaana 15/2019          Finfinnee
2 350
4
+9
Sin texto...
2 201
5
Waltajjiin marii qooda fudhattootaafi abbootii qabeenyaa  hojiiwwan misoomaa naannoo haroowwan Magaalaa Bishooftuurratti hojjetan waliin haala qabiinsaa, kunuunsaafi lttifayyadama haroowwa Magaalaa Bishooftuurratti gaggeeffameera. Waltajjii kanarra D/Ol'aanaa ATENO Ob. Seeyifuddiin Mahaadii argamuun kaayyoofi barbaachisummaa waltajjicha ibsuun jalqabsiisaniiru. Waltajjii kanaan hooggantota Ol'aanaa ATEN Federaalaa, Sekteraalee qindoominaa Naannoo keenyaa, Magaalaa Bishooftuu, B/sotaafi qorattoota Yuuniversiitii Finfinnee, D/Birhaaniifi N/Oromiyaafi abbootii qabeenyaa hootelootaafi Rizoortiiwwan haroowwan Magaalaa Bishooftuurratti hojjetanii argamaniiru. Waltajjii kanarratti Labsii, Dambiifi qajeelfamoonni dhimmoota Eegumsa Naannoorrarri ilaallatan karaa Daayirektera SDhNH ob. Sintaayyoo Bafiqaaduutiin dhiyaateera. Dabalataanis, mata duree " Sustainable Eco-Tourism Practice & Challenges: In case of seven crater Lakes in Bishoftu Town" jedhurratti karaa B/saafi qorataa Y/Naannoo Oromiyaa Dr. Moosisaa Araarsaan dhiyaateera. Waltajjichis I/G Waajjira Kilaasteraa Misoomaa Baadiyyaa ob. Dastaa Nageessoo, D/Ol'aanaa ATEN Oromiyaa ob. Seeyifuddiin Mahaadiifi B/saafi qorataa Y/Naannoo Oromiyaa Dr. Moosisaa Araarsaan hoogganamaa ooleera. Dhumarrattis, haala qabatama rakkoowwan hojiiwwan misoomaa Hootelootaafi Rezoortiiwwanii naannoo haroowwan torban Magaalaa Bishooftuu keessatti mul'achaa jirurratti marii gadi fagoo erga irratti taasifameen booda, abbootiin qabeenyaa Hooteloonniifi Rizoortiiwwan hojii keessa jiranis ta'e, kanneen adeemsa ijaarsaarra jiran faalamaafi miidhaa sirnakkoo haroowwan kanarra ga'aa jiru hambisuuf gorsaafi deggersa ogummaa ATE Naannoo Sadarkaa Sadarkaan jiranii fudhachuun qooda fudhattootaafi hawaasa naannoo waliin qindoominaa gaarii uumuun karoora waloo qopheeffachuun xiyyeeffannoon addaa itti kennuun ni hojjenna jechuun waadaa seenuun waltajjichi kaayyoo barbaadameef galmaan ga'een xumurameera.        Fulbaana 14/2019        Bishooftuu
1 310
6
+1
Xalayaa waa'ee Mancaatii Bosonaa Isiniif Erguu ta'a.
1 727
7
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa hojii kenna tajaajila lammuumaa ilaalchisee Magaala Jimmaatti Qaammee 4/2018 bakka G+4
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa hojii kenna tajaajila lammuumaa ilaalchisee Magaala Jimmaatti Qaammee 4/2018 bakka Gorsaan ATENO Obbo Gazzahaany Kabbadaa, Ittigaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa obbo Waasee Girmaafi koreewwan kenna tajaajilaa lammummaa ATENO argamanitti barattoota harka qalleeyyii ta’an 250f dabrtara darzana 250fi qalama paakii 50 kenneef jira. Kana malees, namoota harka qalleeyyiifi qaama miidhamtoota ta’an 210f daakuu kiiloograama kudhan kudhaniifi zayita dhangala’aa abbaa litira shan shanii tokkoo tookkoo isaaniif gumaachee jira.
1 259
8
+8
Sin texto...
1 361
9
+9
Sin texto...
1
10
Namni Uffata Malee, Dacheen Bosona Malee Hin Miidhagdu!              ========== Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Sirna Jalqabsiisa Piroojkitii Tulluu Roggee Misoomsuu, Bulchiinsa Bosonaa Ittifufsiisuufi Deebisanii Dandamachiisuu guyyaa har'aa Magaalaa Walisoorra jalqabsiiseera. Sirna jalqabsiisuu Piroojkitichaarratti hojjettoota ATEN Oromiyaa, Biiroo Maallaqa Oromiyaa, Waajjira ATEN Godina Sh/Ki/Lixaa, Bulchaafi I/A/Bulchaa Aanaa Ammayyaafi hojjettoota Sektera Daldala, Maallaqaa, Bishaan, Gurmaa'insaafi Ogeessa Bosonaa Aanaa Ammayyaa; akkasumas, Bulchitoota Gandaalee Tullicha daangessaanii argamaniiru. Sirna jalqabsiisuu piroojektichaarratti I/G/ATEN G/Sh/Ki/Lixaa ob. Daanyaachoo Tashoomaa ergaa baga nagaan dhuftanii erga jedhaniin booda kaayyoofi barbaachisummaan piroojekticha karaa B/Bu'aa ATENO Ob. Birhaanuu Iddatti dhiyaateera. Kanatti aansuun barreeffamni "Yaad-rimeen lafa bosonaa deebisanii dandamachiisuufi bulchiinsa bosonaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuu" jedhurratti karaa B/bu'aa Day. Eegumsaafi Manaajimantiin Bosonaa ob. Silashii jabeessaa dhiyaateera. Dhumarratti karoorri lafa bosonaa Tulluu Roggee Misoomsuufi deebisanii dandamachiisuu karaa Ogeessa Bosonaa ATENO Ob. Dastaa Maammootiin dhiyaatee mareen bal'aan irratti taasifameera. Dhumarrattis, karoora dhiyaateefirratti maree bal'aa irratti taasisuun raawwisaaf kutannoo cimaan hojjechuuf waadaa seenuun waltajjichi milkiin xumurameera.              Fulbaana 9/2019               Walisoo
1 057
11
Sirreeffama Beeksisa Guyyaa Qormaata Bareeffamaa Jijjiirraa Keessaa guyyaa 07/1/2019 maxxanfame irratti taasifame.
1 110
12
Beeksisa Godinaalee 21fi Bulchiinsa Magaalotaa 23f Gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara hojii 2019 guutuusaa ‘‘Narration & Excel’’ hojiiwwan raawwataman suuraan deggeruun hanga gaafa Fulbaana 12/2019tti akka nuu (Naannoo) ergitan cimsinee isin beeksifna.                                 Nagaa Wajjiin!                                 ATEN Oromiyaarraa
1 447
13
Beeksisa_Guyyaa_Qormaata_Barreeffamaa_Dorgomtoota_Jijjiirraa_keessaa.pdf
1 209
14
+8
Sin texto...
1 670
15
‘‘Oromiyaa Qulqulluu Dhaloota Haa Dhaalchifnu!’’   Duulli Sosochii Faalama Naannoo Hir’isuu Marsaa 3ffaa (Faalama Pilaastikaa, Keemikaalota Hamoo Yeroon Irra Darbeefi Faalama Sagalee) Godinaalee 21fi Bulchiinsa Magaalotaa 23 keessatti haala ho’aan gaggeeffamaa tureera. Sosochii taasifamaa ture kanaanis, warshaalee pilaastika (peestalii) yeroo tokko qofaaf tajaajilu oomishaniifi ittifayyadamanirratti tarkaanfiin bulchiinsaafi seeraa barsiisaa ta’e irratti fudhatameera. Tarkaanfilee fudhataman kaaanis, iddoo hundatti haalli oomishaafi ittifayyadamni pilaastikaa (peestalaa) kan hir’atee ta’uu deggersaafi hordoffii gareen suuppervizhinii Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Godinaaleefi B/Magaalotaa hundarratti taasiseen hubachuun danda’ameera.   Dabalataanis, ragaan haalaafi bakka itti kuufama isaanii keemikaalota hamoo yeroon irra darbe ibsu funaanamee sadarkaa naannoo qaqqabee jira. Haala kanaanis, keemikaalonni hamoo yeroon itti darbeefi miidhaa hamaa geessisan funaanamanii qaama maqsuu danda’uun akka maqfamaniif Abbaan Taayitichaa xiyyeeffannoon hojjechaa jira.   Kana malees, faalamni sagalee hir’isuuf akkaataa istaandardii ka’ameen bakka hundatti hojiirra akka ooluuf hubannoo hawaasaa gabbisuu ciminaan irratti hojjetamaa jira. Kunis ji’a Fulbaanaa bara 2019 kana keessatti xiyyeeffannaa addaan kan irratti hojjetamu ta’a. Fulbaana, 2019 Finfinnee
1 408
16
"Guubeefi Shinooyyeen Calaqqee Eenyummaa Oromooti!" Daayirektara Ol'aanaa ATEN Oromiyaa Obbo Seeyifudiin Mahaadii ===========+9
"Guubeefi Shinooyyeen Calaqqee Eenyummaa Oromooti!" Daayirektara Ol'aanaa ATEN Oromiyaa Obbo Seeyifudiin Mahaadii      =============== Qaammee 3/2018 Guyyaa Cichoominaa sababeeffachuun dardarraniifi shamarran Oromoo guyyaa har'aa Magaalaa Finfinnee keessatti goobeefi shinooyyee taphataniif Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa mijuu aadichaa ta'u qopheessuun simannaa ho'aa taasiseef jira. Simannaa kanaanis Daayirektara Ol'aanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Seeyifudiin Mahaadii aadaa uummata Oromoo bal'aa kana Magaalittii keessatti agarsiisuu isaaniif baayyee galateeffachaa aadaan kun karaa safuufi duudhaa uummatichaa eegeen dhalootarraa dhalootatti ceesisuu akka qabamuuf cichoominaan irratti hojjeetamuu qaba jechuun dhaamsa dabarsaniiru. Dhumarrattis, dargaggootaafi shamarran aadaa isaanii agarsiisan kanaa jajjabeessuuf qarshii 100,000 karaa Daayirektara Ol'aanaa mana hojichaan kannameef jira.       Qaammee 3/2018        Finfinnee
1 569
17
+1
Xalayaa Keemikaala Yeroon irra darbe Akka Nuuf Ergitan.
1 436
18
Qaammee 1/2018 "Guyyaa Oomishitummaan, Olka'insa Biyyaaf!" mata duree jedhuun Hooggantoonniifi Manaajimantiin Sekteraalee Kil+8
Qaammee 1/2018 "Guyyaa Oomishitummaan, Olka'insa Biyyaaf!" mata duree jedhuun Hooggantoonniifi Manaajimantiin Sekteraalee Kilaastera Misooma Baadiyyaa Sadarkaa Naannoo jiran oomisha qamadiifi xaafii Godina Sh/Bahaa Aanaa Lumee keessatti kilaasteraan iomishamaa jiruufi Warshaa Seraamikii oomishu Magaalaa Mojoo keessatti argamuufi oomisha Paappayyaafi Muuza naannoo Magaalaa Adaamaa keessatti oomishamaa jiru daawwataniiru.
1 386
19
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa kenna tajaajila lammummaaf baajata hoj-adeemsiftu mana hojichaa Bara 2019 irraa %2 q+6
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa kenna tajaajila lammummaaf baajata hoj-adeemsiftu mana hojichaa Bara 2019 irraa %2 qabamee jiru keessaa barattoota harka qalleeyyii  Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaa keessaa jiraatan lakkoofsaan 25 ta'aniif deggersa meeshaalee barnootaa dabtaraafi qalama bituun bakka I/Gaafatamaan Waajjira ATEN B/Magaalaa Bulee Horaa Obbo Lammeess Boruu argamanitti guyyaa har'aa gumaacha taasisee jira.        Hagayya 18/2018          B/Horaa
1 439
20
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Bul/Magaalaa Baatuu Duula Sosochii Faalama Naannoo Hir'isuu marsaa 3ffaa gaggeessee jira. Duu+8
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo  Bul/Magaalaa Baatuu Duula Sosochii  Faalama Naannoo Hir'isuu marsaa 3ffaa gaggeessee jira. Duula Sosochii kanarrattis, I/G Paartii badhaadhiina Magaalaa,It/A Kantiibaa Magaalaafi I/G ATEN Magaalaa Baatuu Aad.Buziyyee Tolaa, Day.THHOSEN ATENO Ob.Tamasgeen Ittaansaa, Af yaa'ii Magaalaa Baatuu, hooggantota Magaalaafi Gandootaa, Manneen Amantaa, Manneen Barnootaa, Afooshaalee,  Abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee, hooggantoota dhaabbilee garagaraafi dargaggootaa magaalaa; akkasumas, miisensoota woldaalee qulquulliina magaalarratti hojjatanii argamaniiru. Sosochii kanarrattis barreeffamni mareef ta'u "faalama pilaastikaa, keemiikaala hamoofi Elektiroonii dhabamsiisuu; akkasumas,faalama sagalee xiiqqessuu" kanneen jedhamanirratti karaa ob. Tamasgeen Ittaansaa dhiyaachuun mareen bal'aan irratti taasifameera. Dhumarratti dhaabbiileefi waldaalee eegumsa naannootiin foyyee qabaniif sirna bekamtii waraqaa ragaa kennameef waltajjichi milkiin goolabameera.      Hagayya, 2018      Baatuu
1 348