cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Oromia Environmental Protection Authority

OEPA

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
2 479
المشتركون
-424 ساعات
+157 أيام
+14130 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Bulchiinsa M/Shaggar K/M/Buraayyuutti Waltajjiin Marii Sosochii Hawaasaa faalama naannoo ittisuu mata-duree "qulqullina, magariisummaa magaalaafi inisheetiivii faalama qilleensaa ittisuu" jedhuun qooda fudhattoota garaa garaa waliin gaggeeffameera. Waltajjii marii kanarrattis I/Gaafatamtuun ATENO M/ Shaggar Aad. Yeroon Takkaalliny argamuun haasaa taasisaniin, faalamni qilleensaa baay'ina uummataa dabalaa jiruufi induustiriiwwan babal'ataa jiraniin mul'atuuf adda durummaan kan saaxilaman dubartoota ta'uufi faalamicha hir'isuu keessattis ga'een isaanii olaanaa ta'uu dubbataniiru. Kanatti aansuunis I/G/W/Paartii Badhaadhinaa D/M/Shaggar Ob. Alamaayyoo Tulluu, M/Shaggar industiriiwwan gurguddoo sadarkaa biyyaatti beekaman hedduu waan qabduuf faalama qilleensaaf kan saaxilamtuu tahuu kaasuun faalama kana  ittisuun M/Shaggar M/ qulqulluu, dinagdee cimaa, hawwattuu, magariituufi jiruufi jireenyaaf mijattuu taate uumuu keessatti hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta'u dubbataniiru.    Waxaabajjii 21/2016      Shaggar
إظهار الكل...
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Qindoomina ATEN Federaalaa waliin ta'uun insheetivoota faalama naannoo ittisuurratti Ji'a Ebilaa 2016rraa kaasee hojjechaa jiruun kan Ji'a Waxaabajjii faalama bishaanii Ittisuu mata duree "Qabeenya bishaan keenyaa haa kunuunsinu, tokko tokkoon bishaan lafa bu'u hiika mataasaa qaba" jedhuun hirmaannaa uummataatiin duulli haramaa weerartuu bocee Haroo Qooqaa dhabamsiisuufi hojii hubannoo uumuu hojjetameera. Duula haramaa bocee dhabamsiisuu kanaan rakkoo faalama bishaanii Haroo Qooqaarra ga'aa ture akka dhaabbatuufi jiruufi jireenyi hawaasa Naannoo sanaa qurxummiif baasuurratti hundaa'e akka fooyyeessu hubachuun danda'ameera. Akka naannoo keenyaattis hojiin faalama bishaanii ittisuu karaa ittifufiinsa qabuun akka raawwatamuuf qaamni hawaasaa kamiyyuu ga'ee isaanirraa eegamu ba'achuu akka qabu Abbaan Taayitichaa dhaamsa dabarsee jira.      Waxabajji 21/2016        Qooqaa
إظهار الكل...
Carraa Barnootaa digirii 1ffaa,2ffaa fi 3ffaa YNO bara 2017
إظهار الكل...
Carraa barnoota YNO.pdf4.18 MB
07:35
Video unavailableShow in Telegram
Sirni_Wal_harkaa_Fuudhinsa_Piroojektii_Qindaawaa_Tekinloojii_Magarsisaa.mp4448.52 MB
Sirni wal-harkaa fuudhinsa Piroojektii Qindaawaa Teknoloojii Magariisaa Jijjiirama Qilleensaa Dandamatu G/B/Beddellee A/Cooraafi M/Mattuu keessatti hojjetamaa ture ATEN Oromiyaafi Bul. A/Cooraafi Kantiibaa M/Mattuu waliin guyyaa har'aa gaggeeffameera. Piroojektiin kunis rakkoo faalama naannoo sababa qoola bunaatiin dhufu maqsuun gataa qoola bunaa gara faayidaatti jijjiiruun danda'ameera. Haaluma kanaan, piroojektichi qoola bunaa gara xaa'oo uumamaafi oomisha biriikeetiitti jijjiiruun bu'aa qabeessumman isaa mirkanaa'eera. Sirna kanarrattis, hojiin piroojektichaa akka milkaa'uuf, qaamolee ga'ee isaanirraa eegamu ba'achaa turaniif beekamtiin Waraqaa Ragaa kennameeraaf. Milkaa'insi kun Karaa ittifufiinsaa qabuun akka raawwatamuuf sanadni waliigaltee karaa I/A/Daay. Ol/ATEN Oromiyaa Ob. Gammachuu Baqqalaatiin  Bul. Aanaa Cooraa Ob. Muustajjiib Aliyyiifi Kantiibaa Mag Mattuu Ob. Tashaalee Ejersoo gidduutti mallatteessuun sirni Wal-harkaa fuudhinsa piroojektichaa milkiin raawwatameera.   Waxabajji 13/2016
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Miseensoonniifi hoggantoonni hundee Paartii Badhaadhinaa Abba Taayita Eegumsa  Naannoo Oromiyaa mata duree "Gargaartummaarraa gara Oomishtummatti; Birmadummaafi Kabaja Biyyaalessaaf" jedhurratti guyyaa har'aa Magaalaa Bishooftuutti marii gaggeessaa oolaniiru. Marii kanarrattis, barreeffamni ka’uumsaa mata duree "Gargaartummaarraa gara Oomishtummatti; Birmadummaafi Kabaja Biyyaalessaaf"  erga dhiyaateen booda, mariin gadi fageenya qabu kan irratti gaggeeffame  yoo ta’u,  ejjannoon  wal-fakkaatu qabachuun sosochii uummata dadammaqsuun imala hirkatummaarraa gara oomishtummaatti taasifamu milkeessuuf gahee isaanii akka bahan hooggantoonniifi miseensonni paartichaa marii kanarratti hirmaatan  Kaasaniiru. Haaluma kanaan, inisheetivoota misoomaa mootummaan bocee hojiirra oolchaa jiru qindoominaan hojjechuun waan isaanirraa barbaachisu hunda ba'achuuf qophii ta'uusaanii ibsuun maricha waliigalteen xumuraniiru.      Waxabajji 21/2016       Bishooftuu

أرشيف المشاركات
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.