cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Oromia Health Bureau

Mostrar más
Finlandia335El idioma no está especificadoMedicina1 251
Publicaciones publicitarias
16 616
Suscriptores
+624 horas
+997 días
+36530 días
Archivo de publicaciones
👍 2 2
Qajeelfama haaraa gurmaa'insa gamtaa misooma dubartootaa irratti leenjiin kennamaa jira. Caamsaa 15/2016/Adaamaa = = =================================== Gurmaa'insa dubartootaa cimsuun milkaa'ina badhaadhina fayyaa maatii mirkaneessuu irratti gahee ol'aanaa qaba. Ijaarsa gurmaa'insa dubartootaa bifa haaraan sadarkaa hundatti akka cimu taasisuun qooda fudhannaa dubartoonni dhimmoota fayyaa fi fayyaan walqabatan keessatti qaban dhugoomsuudha. Sirna jalqabsiisa sagantichaa irrattis haasawaa kan taasisan hooggantuun biiroo dhimma dubartootaa fi daaa'imman Oromiyaa aadde Mabiraat Baacaa kaayyoon leenjii kanaa rakkoolee gurmaa'insa gamtaa misooma dubartootaan walqabatan adda baasuu fi bifa haaraan irra deebi'uun gurmeessuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa gama hundaan mirkaneessuu akka ta'e ibsaniiru. Leenjiin kunis qindoomina biiroo fayyaa Oromiyaa fi biiroo dhimma dubartootaa fi daa'imman Oromiyaatiin kan kennamaa jiru yammuu ta'u seektaraaleen naannoo, godinaalee bulchiinsa magaalotaa fi qooda fudhattoonni hirmaachaa jiru.
Mostrar todo...
👍 2 2
1
Ittisaa fi To'annoo HIV keessatti gaheen abbootii Gadaa fi Amantaa guddaadha. Caamsaa 14 bara 2016 Adaamaa. ============================== Biiroon fayyaa Oromiyaa Minsteera fayyaa Federaalaa fi Faawondeeshiinii Hayilamaariyaa fi Rooma waliin qindoomun waltajjii sosochii fi leenjii hubannoo uumuu haala yeroo ammaa HIV/AIDS'n irra jiruu fi wantoota hojjatamuu qaban irratti Abootii Gadaa ,Amantii fi gaggeessitoota hawaasaa naannoo Oromiyaa irraa dhufaniif kennaa jira. Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa Dr. Gushaa Balaakoo saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin, hojiin ittiisaa fi to'annoo HIV/AIDS qaama tokkoon kan hojjatamuu hin danda'amnee fi hirmaannaa qaama hundaa barbaadu ta'uu dubbatanii jiru. Biiroon fayyaa Oromiyaa Ittisaa fi to'annoo walqabisiisee xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu kaasuun, haaluma kanaan namoonni haaraan akka vaayirasichaaf hin saaxilamne, yaala gahaa kennuu fi walgitiinsaa fi dhaqqabamuummaa yaalaa fooyyeessuu irratti hajjatamaa jiraachuu ibsuun kaayyoon waltajjii kanaas, qoollifannaa fi loogii, yaala HIV/AIDS fi ilaalcha gama amantaa jiru akkasumas dagannaa HIV/AIDS walqabatee jiru irratti hubannoo uumuu akka ta'e dubbatanii jiru. Dr. Gushaan itti dabaluun HIVn eenyu irraayyuu fagoo waan hin taanef ofeeggannoo guddaa gochuun barbaachisaa ta'uu kaasanii jiru. Ministeera Fayyaa Federaalaatti Hojii gaggeessaa Olaanaa Ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Obbo Fiqaaduu Yaadataa gama isaanitiin akka jedhaniitti hojii HIV/AIDS irratti hojii hojjatamaa tureen lubbuu namoota hedduu baraaramuu dubbatanii jiru. Haata'u malee, HIVn yeroo ammaa Oromiyaa keessatti babal'achaa jiraachuu kaasuun sababni isaas Oromiyaan jiddugala biyyaa ta'uu, bal'ina qabaachuu, dagannaan guddaan jiraachuu fi itti fayyadama miidiyaa hawaasaa sirrii hin taane babal'achuu irraa akka ta'e dubbatanii jiru. HIV ittisuu fi to'achuuf gaheen abbootii Gadaa fi amantaa olaanaa ta'uu ibsanii jiru. Giiftii duree duraanii fi hojii gaggeessituu Faawondeeshiinii Hayilamaariyamii fi Rooman Adde Rooman Tasfaayee saganticha irratti akka jedhaniitti, hojii ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Oromiyaa irratti hojjachuun biyyaa irratti hojjachuu ta'uu kaasanii jiru. Akka adde Rooman jedhaniitti ittisaa fi to'annoo HIV keessatti kan dursuu qabu ittisa ta'uu qaba jedhanii jiru. Ittisa irratti hojjachuun bu'aan isaa guddaa fi baasiin inni gaafatu xiqqaa ta'u dubbatanii jiru. Baasiin mootummaan yaala dhibee kanaatiif baasu olaanaa ta'uu fi deenagdee biyyaa irraatti dhiibbaa akka qabu ibsanii jiru. Abbootin Gadaa fi amantaa hawaasatti dhiyoo waan ta'aniif hojii guddaan kan irraa eegamu ta'uu kaasuun hojii hanga ammatti raawwataa turaniif galateeffatanii jiru. Waltajjii kana irratti gabaasni haala dhibeen kun irra jiru agarsiisu dhiyastee irratti mar'atamaa jira. Itti aansuun leenjiin hubannoo uumuu kennamuun kaallattiin fuula duraa ni kaawwama.
Mostrar todo...
👍 1