ru
Feedback
Oromia Health Bureau

Oromia Health Bureau

Открыть в Telegram

📈 Аналитический обзор Telegram-канала Oromia Health Bureau

Канал Oromia Health Bureau (@orhbcommunication) является активным участником. Сейчас сообщество объединяет 26 291 подписчиков, занимая 803 место в категории Медицина и 1 305 место в регионе Эфиопия.

📊 Показатели аудитории и динамика

С момента создания невідомо проект демонстрирует стремительный рост, собрав аудиторию из 26 291 подписчиков.

Согласно последним данным от 30 августа, 2026, канал показывает стабильную активность. За последние 30 дней изменение числа участников составило 306, а за последние 24 часа — -3, при этом общий охват остаётся высоким.

  • Статус верификации: Не верифицирован
  • Уровень вовлечённости (ER): Средний показатель вовлечённости аудитории составляет 37.41%. В первые 24 часа после публикации контент обычно набирает 18.85% реакций от общего числа подписчиков.
  • Охват публикаций: В среднем каждый пост получает 0 просмотров. В течение первых суток публикация набирает 4 956 просмотров.
  • Реакции и взаимодействия: Аудитория активно поддерживает контент: среднее количество реакций на один пост — 0.

📝 Описание и контентная политика

Описание канала не предоставлено.

Благодаря высокой частоте обновлений (последние данные получены 31 августа, 2026) канал поддерживает актуальность и высокий уровень охвата публикаций. Аналитика показывает, что аудитория активно взаимодействует с контентом, что делает его важной точкой влияния в категории Медицина.

26 291
Подписчики
-324 часа
+327 дней
+30630 день
Архив постов
photo content

photo content

Oduu Gammachiisaa Biiroon Fayyaa Oromiyaa  Dhaabbata “Project Harar” Waliin Ta’uun  Hospitaala Yuuniversitii Wallaggaatti Marsaa 2ffaaf  Daa'imman Godinaalee Buunnoo Beddellee, Wallaggaa Arfanii fi Shawaa Lixaa Rakkoo Baqaqa Hidhii fi Laagaa Qabaniif Hagayya 8 – 10/2018tti  Tajaajila Yaala Bilisaa Kennuuf Qophiirra  Waan Jiruuf Carraa Kanatti Akka Fayyadamtan  Isin beeksifna. Biiroo Fayyaa Oromiyaa fi Dhaabbata “Project Harar” Hubachiisa: Baasii Nama Tokkoo fi Daa'ima Yaalaaf Dhufuu Kan Geejjiba Dhaqaa fi Galaa Dhaabbata “Project Harar” Kan  Danda'u Ta’a. Odeeffannoo Dabalataaf  0917794735 Obbo  Bushuraa Nugusaa Dubbisaa Akkasumas Sarara Bilbila Tolaa 6955 irratti Bilbilaa

photo content
+2

Baga gammaddan. Baga gammadne Waxabajjii/2018 ============================ Biiroon keenya bara 2018 walgitiinsa fayyaa damee dhimmoota dubartoota, daa'imman, hawaasummaa fi kutaa qaamolee hawaasaa hirmaachise irratti gumaachaa olaanaa taasisee fi raawwii bu'a qabeessa galmeessiseen akka biyyaatti dursummaan ministeera fayyaa irraa badhaasa beekamtii argate.

photo content
+4

photo content
+9

photo content
+9

Tarsiimoowwan sektara fayyaafi pirojektoota haaromsaa hojiirra oolaa jiran cimsuun, hawaasni bakka jiruu hundatti tajaajila fayyaa gahumsa qabu argachuu akka danda'u taasisuun fayyaa hawaasaafi misooma mootummaa naannichaa keessatti bu'uura cimaa kaa'aa kan jiru yoota'u, Mootummaan Naannoo Oromiyaa fuuldurattis sirna fayyaa caalatti si'ataa, qulqullinaafi qaqqabamaa ta'e fedhii ummata keenya guutuu ijaaruuf hojii eegale cimsee kan itti fufu ta'a. #Oromiapresidentoffice2026

Mootummaan Naannoo Oromiyaa toorawwan xiyyeeffannoo misooma hawaasummaatiin milkeessuuf qabate keessaa tokko, gama fayyaatiin, hawaasa fayyaqabeessaafi dorgomaa ta’e umuudha. Kunis, fayyaa hawaasaa eeguu, yaalaafi ittisa dhibee irratti imaammataafi tarsiimoo baasuudhaan, gama tokkoon fayyummaa mirkaneessuuf kan oolu yoota’u, gama biraatiin hawaasni omishtummaa keessatti qooda olaanaa qabaatu kan dandeessisudha. Mootummaan tajaajila fayyaa si'ataa, qulqullina qabuufi hawaasa hundaaf dhaqqabamaa ta'e babal'isuuf sektara fayyaa keessatti hojii haaromsa sirnaa bal'inaan raawwataa jira. Galmi guddaan lammiileen hundi tajaajila fayyaa gahumsa qabu, si'ataafi qulqullinaa argachuun jireenya fayya qabeessa akka qabaatan taasisuudha. Kanaafis imaammataafi tarsiimoon fayyaa bahe Tarsiimoo Tiraanisfoormeeshinii Seektara Fayyaa (Health Sector Transformation Plan HSTP-II) waliin walitti hidhamee hojiirra oolaa jira. Dimshaashumaan MNO gama kanaan toorawwan xiyyeeffannoo 9 ta'an baasuun irratti hojjataa jira. Isaanis: 1. Fayyaa walhormaataa, haadholii, daa'immanii, dargaggootaafi sirna nyaataa fooyyessuu 2. Ittisaafi to'annoo dhukkuboota cimsuu 3. Abbummaa hawaasaafi tajaajila fayyaa bu'uuraa cimsuu 4. Dhaqqabamummaafi qulqullina tajaajila wal'aansa fayyaa fooyyessuu 5. Hoggansa balaa fayyaa hawaasaafi dandamachuu balaa cimsuu 6. Kalaqa, qulqullina, nageenyummaafi walgitiinsa sirna fayyaa guddisuu 7. Sirna hoggansaa, dandeettii dhaabbileefi humna namaa fayyaa cimsuu 8. Dhiyeessii qorichaa, meeshaalee yaalaafi sirna saanii fooyyessuu 9. Faayinaansii fayyaafi hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu Mootummaan gama kanaan galmoota tajaajila ekisteenshinii fayyaa cimsuu, kunuunsa haadholiifi daa'immanii fooyyessuu, ittisaafi to'annoo dhukkubootaa jabeessuu, akkasumas dhaabbilee fayyaa sadarkaa hundatti qulqullinaafi gahumsa isaanii guddisuu irratti xiyyeechuun hojjachuurratti argama. Dabalataanis, dhaqqabummaa tajaajila fayyaa babal'isuun, dhukkuboota daddarboofi kan hin daddarbine ittisuu, akkasumas Hammatoo Tajaajila Fayyaa Addunyaa (Universal Health Coverage) galmaan ga'uuf hojii bal'aan hojjatamaa jira. Galmoota fayyaarratti qabaman milkeessuuf mootummaa naannichaa hojii ijaarsa sirnaa irratti xiyyeeffachuun pirojektoota tarsiimawoo ta'an garaagaraa hojiirra oolchaa jira. Isaan keessaa tokko Pirojektii Sirna Fayyaa Qindaa'aa (Integrated Health System Strengthening-IHSS) yoota'u, sirna fayyaa sadarkaa barbaachisutti fooyyessuuf tarkaanfii murteessaa ta'uun tajaajilaa jira. Pirojektiin kun Mootummaa Federaalaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaafi dhaabbilee deeggarsa garagaraa waliin hojii irra oolaa jira. Pirojektiin kun, utubaalee sirna fayyaa gurguddoo jechuun hooggansa dhaabbilee fayyaa, humna namaa, sirna odeeffannoo fayyaa, dhiyeessii qorichaafi meeshaalee fayyaa, akkasumas sirna faayinaansii walitti hidhamiinsa qabuun cimsu irratti xiyyeeffata. Kanaanis dhaabbileen fayyaa murtoo ragaa irratti hundaa'e kennuu, tajaajila si'ataafi qulqullinaa kennuu, akkasumas fedhii haawaasaa guutuu akka danda'an ni taasifama. Pirojektiin kun duraan aanaalee filataman sadii keessatti yaaliidhaan hojii irra oolaa ture. Bu'aaleen jajjabeessoon galmaa'uu isaanii irratti hundaa'uun yeroo ammaa gara aanaalee dabalataa 26'tti babal'ateera. Kunimmoo Naannoo Oromiyaa keessatti sirna fayyaa cimaa, dandamataafi hawaasa giddugaleessa godhate ijaaruuf murannoo jiru kan agarsiisudha. Pirojektiin kun yeroo guutumaan guutuutti hojiirra oolu namoota miliyoona 5.3 ol fayyadamaa akka taasisuuf kan karoorfatedha. Hojiileen tarsiima'oon kunneen tarkaanfii mootummaa naannichaa keessatti bu'aalee jajjabeessoo galmeessisaa jiru. Kunuunsi haadholiifi daa'immanii fooyya'aa jira, du'aatiin haadholiifi daa'immanii hir'ateera, akkasumas dhaqqabamummaafi qulqullinni tajaajila fayyaa yeroo irraa gara yerootti fooyya'uurratti argama. Hirmaannaan hawaasaa, deeggarsi qooda fudhattootaafi hojii qindoominaa mootummaa waliin taasifamu bu'aalee kana keessatti gahee olaanaa argamsiisaa jiru.

Kenna tajaajila yaala bilisaa baqaqaa hidhii fi laagaa hospitaala kolleejii saayinsii fayyaa Wallaggaatti Biiroo Fayyaa Oromiyaa fi Dhaabbatni Piroojektii Harar waliin ta'uun Caamsaa 28 - 30 bara 2018 kenname.

photo content
+4

photo content
+9

Naamusni ogummaa aadaa fi safuu duudhaa keenyaan dabaalame qulqullina kenna tajaajila fayyaatiif buuura.” Piroofesar Natsaannat Warqinah Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa (Caamsaa 27/2018 Bishooftuu) ============================ Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinah sagantaa jalqabsiisa leenjii naamusa ogeessa fayyaa (Professional Ethics) irratti geggeeffamaa jiru irratti ergaa dabarsaniin waggoota mootummaa jijjjiiramaa keessatti kenna tajaajila fayyaa qaqqabamaa, siataa fi qulqulluu taasisuu irratti fooyya'iinsi gaariin jiraachuusaa eeruun qulqullinni dhaabbilee fayyaa sadarkaa isaanii akka eeggatan taasisuu fi naamusa ogeessota fayyaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajilli ogummaa fayyaa saayinsii irratti kan bu’uureeffatee fi naamusa ogummaan utubamee waadaa galame kabajuun of eeggannoo cimaan kan hojjetamu waan taeef duudhaa keenya ganamaatti deebi'uun aadaa fi safuu keenyaan dabaallee gara laafummaan, quuqamaa fi aantummaan,tajaajiluun lubbuu namaa baraaruuf dirqama ogummaa fi lammummaa bahachuu kan gaafatu akka ta’e piroofesar Natsaannat dubbataniiru. Kana malees ogummaa fayyaa fi ogeessa fayyaatiif dhimmoota murteessoo fi barbaachisoo ta’an guutuun tajaajila seektaricha irraa eegamu karaa guutuu ta'een kennuuf kan hojjetamu ta’uusaa kaasuu fi qajeeltoowwan gurguddoo naamusa ogummaa hojiirra ooluu qaban ibsuun duudhaa keenyatti deebi’uun sadarkaa barbaadamuun akka hojiitti hiikamuu qaban dhaamaniiru. Sagantaa kana irrattis Manajimantii Biiroo Fayyaa, Hooggantoota Biiroolee Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa fi Komishinii Naamusaa fi Farra Malaamaltummaa Oromiyaa, Yunivarsitoota Kolleejii Saayinsii Fayyaa, I/G/ Waajjiraalee Fayyaa Godinaalee, Bulchiinsa Magaalotaa fi Hojii Geggeessitoota Hospitaalotaa, Waldaa Hakiimota fi Ogeessota Fayyaa Oromiyaa kan hirmaatan yoo ta’u barreeffamni naamusa ogummaa fayyaa irratti xiyyeeffate erga dhiyaatee booda hirmaattota waliin mariin bal'inaan erga geggeeffamee booda leenjiin kun ogeessota seektarichaa sadarkaan argaman hundaaf kan kennamuu fi hojiirra oolmaan isaas sirnaan kan hoogganamu ta’uusaa irratti kallattii hojii kennameen goolabuun danda'ameera.

Kenna Tajaajila Yaala Bilisaa
Kenna Tajaajila Yaala Bilisaa

photo content
+1