Oromia Health Bureau
前往频道在 Telegram
显示更多
📈 Telegram 频道 Oromia Health Bureau 的分析概览
频道 Oromia Health Bureau (@orhbcommunication) 是活跃参与者。目前社区聚集了 25 456 名订阅者,在 医学 类别中位列第 844,并在 埃塞俄比亚 地区排名第 1 318 位。
📊 受众指标与增长动态
自 невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 25 456 名订阅者。
根据 19 六月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 -82,过去 24 小时变化为 4,整体触达仍然可观。
- 认证状态: 未认证
- 互动率 (ER): 平均受众互动率为 38.55%。内容发布后 24 小时内通常能获得 11.11% 的反应,占订阅者总量。
- 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 9 813 次浏览,首日通常累积 2 828 次浏览。
- 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 27。
📝 描述与内容策略
尚未提供频道描述。
凭借高频更新(最新数据采集于 20 六月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 医学 类别中的关键影响点。
25 456
订阅者
+424 小时
-57 天
-8230 天
帖子存档
25 457
Tarsiimoowwan sektara fayyaafi pirojektoota haaromsaa hojiirra oolaa jiran cimsuun, hawaasni bakka jiruu hundatti tajaajila fayyaa gahumsa qabu argachuu akka danda'u taasisuun fayyaa hawaasaafi misooma mootummaa naannichaa keessatti bu'uura cimaa kaa'aa kan jiru yoota'u, Mootummaan Naannoo Oromiyaa fuuldurattis sirna fayyaa caalatti si'ataa, qulqullinaafi qaqqabamaa ta'e fedhii ummata keenya guutuu ijaaruuf hojii eegale cimsee kan itti fufu ta'a.
#Oromiapresidentoffice2026
25 457
Mootummaan Naannoo Oromiyaa toorawwan xiyyeeffannoo misooma hawaasummaatiin milkeessuuf qabate keessaa tokko, gama fayyaatiin, hawaasa fayyaqabeessaafi dorgomaa ta’e umuudha. Kunis, fayyaa hawaasaa eeguu, yaalaafi ittisa dhibee irratti imaammataafi tarsiimoo baasuudhaan, gama tokkoon fayyummaa mirkaneessuuf kan oolu yoota’u, gama biraatiin hawaasni omishtummaa keessatti qooda olaanaa qabaatu kan dandeessisudha.
Mootummaan tajaajila fayyaa si'ataa, qulqullina qabuufi hawaasa hundaaf dhaqqabamaa ta'e babal'isuuf sektara fayyaa keessatti hojii haaromsa sirnaa bal'inaan raawwataa jira. Galmi guddaan lammiileen hundi tajaajila fayyaa gahumsa qabu, si'ataafi qulqullinaa argachuun jireenya fayya qabeessa akka qabaatan taasisuudha. Kanaafis imaammataafi tarsiimoon fayyaa bahe Tarsiimoo Tiraanisfoormeeshinii Seektara Fayyaa (Health Sector Transformation Plan HSTP-II) waliin walitti hidhamee hojiirra oolaa jira.
Dimshaashumaan MNO gama kanaan toorawwan xiyyeeffannoo 9 ta'an baasuun irratti hojjataa jira. Isaanis:
1. Fayyaa walhormaataa, haadholii, daa'immanii, dargaggootaafi sirna nyaataa fooyyessuu
2. Ittisaafi to'annoo dhukkuboota cimsuu
3. Abbummaa hawaasaafi tajaajila fayyaa bu'uuraa cimsuu
4. Dhaqqabamummaafi qulqullina tajaajila wal'aansa fayyaa fooyyessuu
5. Hoggansa balaa fayyaa hawaasaafi dandamachuu balaa cimsuu
6. Kalaqa, qulqullina, nageenyummaafi walgitiinsa sirna fayyaa guddisuu
7. Sirna hoggansaa, dandeettii dhaabbileefi humna namaa fayyaa cimsuu
8. Dhiyeessii qorichaa, meeshaalee yaalaafi sirna saanii fooyyessuu
9. Faayinaansii fayyaafi hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu
Mootummaan gama kanaan galmoota tajaajila ekisteenshinii fayyaa cimsuu, kunuunsa haadholiifi daa'immanii fooyyessuu, ittisaafi to'annoo dhukkubootaa jabeessuu, akkasumas dhaabbilee fayyaa sadarkaa hundatti qulqullinaafi gahumsa isaanii guddisuu irratti xiyyeechuun hojjachuurratti argama. Dabalataanis, dhaqqabummaa tajaajila fayyaa babal'isuun, dhukkuboota daddarboofi kan hin daddarbine ittisuu, akkasumas Hammatoo Tajaajila Fayyaa Addunyaa (Universal Health Coverage) galmaan ga'uuf hojii bal'aan hojjatamaa jira.
Galmoota fayyaarratti qabaman milkeessuuf mootummaa naannichaa hojii ijaarsa sirnaa irratti xiyyeeffachuun pirojektoota tarsiimawoo ta'an garaagaraa hojiirra oolchaa jira. Isaan keessaa tokko Pirojektii Sirna Fayyaa Qindaa'aa (Integrated Health System Strengthening-IHSS) yoota'u, sirna fayyaa sadarkaa barbaachisutti fooyyessuuf tarkaanfii murteessaa ta'uun tajaajilaa jira. Pirojektiin kun Mootummaa Federaalaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaafi dhaabbilee deeggarsa garagaraa waliin hojii irra oolaa jira.
Pirojektiin kun, utubaalee sirna fayyaa gurguddoo jechuun hooggansa dhaabbilee fayyaa, humna namaa, sirna odeeffannoo fayyaa, dhiyeessii qorichaafi meeshaalee fayyaa, akkasumas sirna faayinaansii walitti hidhamiinsa qabuun cimsu irratti xiyyeeffata. Kanaanis dhaabbileen fayyaa murtoo ragaa irratti hundaa'e kennuu, tajaajila si'ataafi qulqullinaa kennuu, akkasumas fedhii haawaasaa guutuu akka danda'an ni taasifama. Pirojektiin kun duraan aanaalee filataman sadii keessatti yaaliidhaan hojii irra oolaa ture. Bu'aaleen jajjabeessoon galmaa'uu isaanii irratti hundaa'uun yeroo ammaa gara aanaalee dabalataa 26'tti babal'ateera. Kunimmoo Naannoo Oromiyaa keessatti sirna fayyaa cimaa, dandamataafi hawaasa giddugaleessa godhate ijaaruuf murannoo jiru kan agarsiisudha. Pirojektiin kun yeroo guutumaan guutuutti hojiirra oolu namoota miliyoona 5.3 ol fayyadamaa akka taasisuuf kan karoorfatedha.
Hojiileen tarsiima'oon kunneen tarkaanfii mootummaa naannichaa keessatti bu'aalee jajjabeessoo galmeessisaa jiru. Kunuunsi haadholiifi daa'immanii fooyya'aa jira, du'aatiin haadholiifi daa'immanii hir'ateera, akkasumas dhaqqabamummaafi qulqullinni tajaajila fayyaa yeroo irraa gara yerootti fooyya'uurratti argama. Hirmaannaan hawaasaa, deeggarsi qooda fudhattootaafi hojii qindoominaa mootummaa waliin taasifamu bu'aalee kana keessatti gahee olaanaa argamsiisaa jiru.
25 457
Kenna tajaajila yaala bilisaa baqaqaa hidhii fi laagaa hospitaala kolleejii saayinsii fayyaa Wallaggaatti Biiroo Fayyaa Oromiyaa fi Dhaabbatni Piroojektii Harar waliin ta'uun Caamsaa 28 - 30 bara 2018 kenname.
25 457
Naamusni ogummaa aadaa fi safuu duudhaa keenyaan dabaalame qulqullina kenna tajaajila fayyaatiif buuura.” Piroofesar Natsaannat Warqinah Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa
(Caamsaa 27/2018 Bishooftuu)
============================
Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinah sagantaa jalqabsiisa leenjii naamusa ogeessa fayyaa (Professional Ethics) irratti geggeeffamaa jiru irratti ergaa dabarsaniin waggoota mootummaa jijjjiiramaa keessatti kenna tajaajila fayyaa qaqqabamaa, siataa fi qulqulluu taasisuu irratti fooyya'iinsi gaariin jiraachuusaa eeruun qulqullinni dhaabbilee fayyaa sadarkaa isaanii akka eeggatan taasisuu fi naamusa ogeessota fayyaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajilli ogummaa fayyaa saayinsii irratti kan bu’uureeffatee fi naamusa ogummaan utubamee waadaa galame kabajuun of eeggannoo cimaan kan hojjetamu waan taeef duudhaa keenya ganamaatti deebi'uun aadaa fi safuu keenyaan dabaallee gara laafummaan, quuqamaa fi aantummaan,tajaajiluun lubbuu namaa baraaruuf dirqama ogummaa fi lammummaa bahachuu kan gaafatu akka ta’e piroofesar Natsaannat dubbataniiru.
Kana malees ogummaa fayyaa fi ogeessa fayyaatiif dhimmoota murteessoo fi barbaachisoo ta’an guutuun tajaajila seektaricha irraa eegamu karaa guutuu ta'een kennuuf kan hojjetamu ta’uusaa kaasuu fi qajeeltoowwan gurguddoo naamusa ogummaa hojiirra ooluu qaban ibsuun duudhaa keenyatti deebi’uun sadarkaa barbaadamuun akka hojiitti hiikamuu qaban dhaamaniiru.
Sagantaa kana irrattis Manajimantii Biiroo Fayyaa, Hooggantoota Biiroolee Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa fi Komishinii Naamusaa fi Farra Malaamaltummaa Oromiyaa, Yunivarsitoota Kolleejii Saayinsii Fayyaa, I/G/ Waajjiraalee Fayyaa Godinaalee, Bulchiinsa Magaalotaa fi Hojii Geggeessitoota Hospitaalotaa, Waldaa Hakiimota fi Ogeessota Fayyaa Oromiyaa kan hirmaatan yoo ta’u barreeffamni naamusa ogummaa fayyaa irratti xiyyeeffate erga dhiyaatee booda hirmaattota waliin mariin bal'inaan erga geggeeffamee booda leenjiin kun ogeessota seektarichaa sadarkaan argaman hundaaf kan kennamuu fi hojiirra oolmaan isaas sirnaan kan hoogganamu ta’uusaa irratti kallattii hojii kennameen goolabuun danda'ameera.
25 457
Sirna Fayyaa dandamataa, Hawaasa Fayya qabeessa!
(Guraandhala 13/2918 – Shaashamannee)
Raawwiin hojii hooggansa balaa tasaa, qorannoo fi qo’annoo fayyaa hawaasaa fi tajaajila laabratorii kan ji’oota jahan darbanii Hooggantootaa fi ogeeyyota dhaabbilee fayyaa akkasumas I/G wajjiraalee Fayyaa magaalotaa fi Godinoota kibba oromiyaa hirmaachise Shaashamanneetti gaggeeffamaa jira.
Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Guushaa Balakkoo sagantaa kana irratti argamuun haasaa taasisaniin Akka poolisii haaraatti sirna fayyaa cimaa fi dandamataa uumuuf waggoota darban dhibeewwan bifa weeraraan ka’anii fayyaa hawaasa keenyaa hubaa turan kanneen akka Busaa, Koleeraa, Gifiraa, Marbarg fi kkf irratti hojiilee qindoominaan hojjetamaa turaniin milkaa’inoota gaarii galmeessuun akka dandaa’ame ibsaniiru.
Dhibeewwan bifa weeraraan ka’an osoo hin yaadamne tasa uumamuun fayyaa hawaasa keenyaa hubuurra darbanii gaaaga’ama lubbuu waan geessisaniif faana dhahiinsa, deeggarsaa fi hordoffii wal irraa hin cinneen hoogganamuu akka qaban ibsuun qooda fudhattoota hirmaachisuun barbaachisaa ta’uu Dr. Guushaan himaniiru.
Dabalataanis Dr. Guushaan tajaajila balaa tasaa fayyaa hawaasaa ajandaa hooggansa sadarkaan jiruu tasisuun qindoomina waloo cimaa ta’een bakka saaxilamummaa dhibeewwan bifa weeraraan ka’uu malan adda baasuu fi bu’aa qorannoowwan laabratorii murtoo ragaa sirrii irratti hundaa’e hojiirra oolchuu akkasumas garaagarummaa raawwii bakkaa bakkatti jiru dhiphisuu fi fayyaa hawaasa keenyaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.
Itti Gaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Arsii Lixaa Obboo Girmaa Yaazoo gama isaaniitiin mootummaan hawaasa fayya buleessa misooma keessatti dammaqinaan hirmaatu horachuuf inisheetiviiwwan fayyaa adda addaa hojiirra oolaa jiran irraa hawaasni godinichaa fayyadamaa ta’aa jiraachuusaa kaasuun dhibeewwan bifa weeraraan ka’an irratti dhimmoota raawwatamaa turaniin bu’aawwan gaarii argaman qidoominaan cimsuun kan itti fufsiisan ta’uu ibsaniiru.
I/A Itti gaafatamaa Waajjira Fayyaa Godina Arsii Lixaa Obboo Kadiir Xaahiir akka jedhanitti yeroo irraa gara yerootti qormaatiilee balaa tasaa nu qoraa turan irraa barachuun muuxannoo argachaa dhufneen sirni fayyaa godinicha keessatti jabaatee hawaasa fayya buleessa misooma keessatti hirmaatu uumuuf hojjatamaa akka jiru kaasan. Dhibeewwan balaa tasaa qindoominaan hoogganamuun sadarkaa yaaddoo hawaasaa hin taane irraan gahuun akka danda’ame Obboo Kadiir dabalanii kaasanii jiru.
Waltajjii gamaaggamaa kana irrattis gabaasni godinaalee, bulchiinsa magaalotaa, laabratoriiwwan naannoo, hospitaalotaa fi kan Biiroo Fayyaa Oromiyaa dhiyaatee marii geggeessuun kallattii hojii kennamuun guyyaa boruu kan goolabamu ta'a.
现已上线!2025 年 Telegram 研究 — 年度关键洞察 
