ar
Feedback
Oromia Health Bureau

Oromia Health Bureau

الذهاب إلى القناة على Telegram

إظهار المزيد

📈 نظرة تحليلية على قناة تيليجرام Oromia Health Bureau

تُعد قناة Oromia Health Bureau (@orhbcommunication) لاعباً نشطاً. يضم المجتمع حالياً 25 456 مشتركاً، محتلاً المرتبة 844 في فئة الطب والمرتبة 1 318 في منطقة Ethiopia.

📊 مؤشرات الجمهور والحراك

منذ تأسيسه في невідомо، حقق المشروع نمواً سريعاً وجمع 25 456 مشتركاً.

بحسب آخر البيانات بتاريخ 19 يونيو, 2026، تحافظ القناة على نشاط مستقر. خلال آخر 30 يوماً تغيّر عدد الأعضاء بمقدار -82، وفي آخر 24 ساعة بمقدار 4، مع بقاء الوصول العام مرتفعاً.

  • حالة التحقق: غير موثّقة
  • معدل التفاعل (ER): يبلغ متوسط تفاعل الجمهور 38.55‎%. وخلال أول 24 ساعة من النشر يحصد المحتوى عادةً 11.11‎% من ردود الفعل نسبةً إلى إجمالي المشتركين.
  • وصول المنشورات: يحصل كل منشور على متوسط 9 813 مشاهدة. وخلال اليوم الأول يجمع عادةً 2 828 مشاهدة.
  • التفاعلات والاستجابة: يتفاعل الجمهور بانتظام؛ متوسط التفاعلات لكل منشور يبلغ 27.

📝 الوصف وسياسة المحتوى

وصف القناة غير متوفر.

بفضل وتيرة التحديث المرتفعة (أحدث البيانات بتاريخ 20 يونيو, 2026) تحافظ القناة على حداثتها ومستوى وصول مرتفع. وتُظهر التحليلات تفاعلاً نشطاً من الجمهور، ما يجعلها نقطة تأثير مهمة ضمن فئة الطب.

25 456
المشتركون
+424 ساعات
-57 أيام
-8230 أيام
أرشيف المشاركات
photo content
+4

photo content
+9

photo content
+9

Tarsiimoowwan sektara fayyaafi pirojektoota haaromsaa hojiirra oolaa jiran cimsuun, hawaasni bakka jiruu hundatti tajaajila fayyaa gahumsa qabu argachuu akka danda'u taasisuun fayyaa hawaasaafi misooma mootummaa naannichaa keessatti bu'uura cimaa kaa'aa kan jiru yoota'u, Mootummaan Naannoo Oromiyaa fuuldurattis sirna fayyaa caalatti si'ataa, qulqullinaafi qaqqabamaa ta'e fedhii ummata keenya guutuu ijaaruuf hojii eegale cimsee kan itti fufu ta'a. #Oromiapresidentoffice2026

Mootummaan Naannoo Oromiyaa toorawwan xiyyeeffannoo misooma hawaasummaatiin milkeessuuf qabate keessaa tokko, gama fayyaatiin, hawaasa fayyaqabeessaafi dorgomaa ta’e umuudha. Kunis, fayyaa hawaasaa eeguu, yaalaafi ittisa dhibee irratti imaammataafi tarsiimoo baasuudhaan, gama tokkoon fayyummaa mirkaneessuuf kan oolu yoota’u, gama biraatiin hawaasni omishtummaa keessatti qooda olaanaa qabaatu kan dandeessisudha. Mootummaan tajaajila fayyaa si'ataa, qulqullina qabuufi hawaasa hundaaf dhaqqabamaa ta'e babal'isuuf sektara fayyaa keessatti hojii haaromsa sirnaa bal'inaan raawwataa jira. Galmi guddaan lammiileen hundi tajaajila fayyaa gahumsa qabu, si'ataafi qulqullinaa argachuun jireenya fayya qabeessa akka qabaatan taasisuudha. Kanaafis imaammataafi tarsiimoon fayyaa bahe Tarsiimoo Tiraanisfoormeeshinii Seektara Fayyaa (Health Sector Transformation Plan HSTP-II) waliin walitti hidhamee hojiirra oolaa jira. Dimshaashumaan MNO gama kanaan toorawwan xiyyeeffannoo 9 ta'an baasuun irratti hojjataa jira. Isaanis: 1. Fayyaa walhormaataa, haadholii, daa'immanii, dargaggootaafi sirna nyaataa fooyyessuu 2. Ittisaafi to'annoo dhukkuboota cimsuu 3. Abbummaa hawaasaafi tajaajila fayyaa bu'uuraa cimsuu 4. Dhaqqabamummaafi qulqullina tajaajila wal'aansa fayyaa fooyyessuu 5. Hoggansa balaa fayyaa hawaasaafi dandamachuu balaa cimsuu 6. Kalaqa, qulqullina, nageenyummaafi walgitiinsa sirna fayyaa guddisuu 7. Sirna hoggansaa, dandeettii dhaabbileefi humna namaa fayyaa cimsuu 8. Dhiyeessii qorichaa, meeshaalee yaalaafi sirna saanii fooyyessuu 9. Faayinaansii fayyaafi hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu Mootummaan gama kanaan galmoota tajaajila ekisteenshinii fayyaa cimsuu, kunuunsa haadholiifi daa'immanii fooyyessuu, ittisaafi to'annoo dhukkubootaa jabeessuu, akkasumas dhaabbilee fayyaa sadarkaa hundatti qulqullinaafi gahumsa isaanii guddisuu irratti xiyyeechuun hojjachuurratti argama. Dabalataanis, dhaqqabummaa tajaajila fayyaa babal'isuun, dhukkuboota daddarboofi kan hin daddarbine ittisuu, akkasumas Hammatoo Tajaajila Fayyaa Addunyaa (Universal Health Coverage) galmaan ga'uuf hojii bal'aan hojjatamaa jira. Galmoota fayyaarratti qabaman milkeessuuf mootummaa naannichaa hojii ijaarsa sirnaa irratti xiyyeeffachuun pirojektoota tarsiimawoo ta'an garaagaraa hojiirra oolchaa jira. Isaan keessaa tokko Pirojektii Sirna Fayyaa Qindaa'aa (Integrated Health System Strengthening-IHSS) yoota'u, sirna fayyaa sadarkaa barbaachisutti fooyyessuuf tarkaanfii murteessaa ta'uun tajaajilaa jira. Pirojektiin kun Mootummaa Federaalaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaafi dhaabbilee deeggarsa garagaraa waliin hojii irra oolaa jira. Pirojektiin kun, utubaalee sirna fayyaa gurguddoo jechuun hooggansa dhaabbilee fayyaa, humna namaa, sirna odeeffannoo fayyaa, dhiyeessii qorichaafi meeshaalee fayyaa, akkasumas sirna faayinaansii walitti hidhamiinsa qabuun cimsu irratti xiyyeeffata. Kanaanis dhaabbileen fayyaa murtoo ragaa irratti hundaa'e kennuu, tajaajila si'ataafi qulqullinaa kennuu, akkasumas fedhii haawaasaa guutuu akka danda'an ni taasifama. Pirojektiin kun duraan aanaalee filataman sadii keessatti yaaliidhaan hojii irra oolaa ture. Bu'aaleen jajjabeessoon galmaa'uu isaanii irratti hundaa'uun yeroo ammaa gara aanaalee dabalataa 26'tti babal'ateera. Kunimmoo Naannoo Oromiyaa keessatti sirna fayyaa cimaa, dandamataafi hawaasa giddugaleessa godhate ijaaruuf murannoo jiru kan agarsiisudha. Pirojektiin kun yeroo guutumaan guutuutti hojiirra oolu namoota miliyoona 5.3 ol fayyadamaa akka taasisuuf kan karoorfatedha. Hojiileen tarsiima'oon kunneen tarkaanfii mootummaa naannichaa keessatti bu'aalee jajjabeessoo galmeessisaa jiru. Kunuunsi haadholiifi daa'immanii fooyya'aa jira, du'aatiin haadholiifi daa'immanii hir'ateera, akkasumas dhaqqabamummaafi qulqullinni tajaajila fayyaa yeroo irraa gara yerootti fooyya'uurratti argama. Hirmaannaan hawaasaa, deeggarsi qooda fudhattootaafi hojii qindoominaa mootummaa waliin taasifamu bu'aalee kana keessatti gahee olaanaa argamsiisaa jiru.

Kenna tajaajila yaala bilisaa baqaqaa hidhii fi laagaa hospitaala kolleejii saayinsii fayyaa Wallaggaatti Biiroo Fayyaa Oromiyaa fi Dhaabbatni Piroojektii Harar waliin ta'uun Caamsaa 28 - 30 bara 2018 kenname.

photo content
+4

photo content
+9

Naamusni ogummaa aadaa fi safuu duudhaa keenyaan dabaalame qulqullina kenna tajaajila fayyaatiif buuura.” Piroofesar Natsaannat Warqinah Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa (Caamsaa 27/2018 Bishooftuu) ============================ Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinah sagantaa jalqabsiisa leenjii naamusa ogeessa fayyaa (Professional Ethics) irratti geggeeffamaa jiru irratti ergaa dabarsaniin waggoota mootummaa jijjjiiramaa keessatti kenna tajaajila fayyaa qaqqabamaa, siataa fi qulqulluu taasisuu irratti fooyya'iinsi gaariin jiraachuusaa eeruun qulqullinni dhaabbilee fayyaa sadarkaa isaanii akka eeggatan taasisuu fi naamusa ogeessota fayyaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajilli ogummaa fayyaa saayinsii irratti kan bu’uureeffatee fi naamusa ogummaan utubamee waadaa galame kabajuun of eeggannoo cimaan kan hojjetamu waan taeef duudhaa keenya ganamaatti deebi'uun aadaa fi safuu keenyaan dabaallee gara laafummaan, quuqamaa fi aantummaan,tajaajiluun lubbuu namaa baraaruuf dirqama ogummaa fi lammummaa bahachuu kan gaafatu akka ta’e piroofesar Natsaannat dubbataniiru. Kana malees ogummaa fayyaa fi ogeessa fayyaatiif dhimmoota murteessoo fi barbaachisoo ta’an guutuun tajaajila seektaricha irraa eegamu karaa guutuu ta'een kennuuf kan hojjetamu ta’uusaa kaasuu fi qajeeltoowwan gurguddoo naamusa ogummaa hojiirra ooluu qaban ibsuun duudhaa keenyatti deebi’uun sadarkaa barbaadamuun akka hojiitti hiikamuu qaban dhaamaniiru. Sagantaa kana irrattis Manajimantii Biiroo Fayyaa, Hooggantoota Biiroolee Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa fi Komishinii Naamusaa fi Farra Malaamaltummaa Oromiyaa, Yunivarsitoota Kolleejii Saayinsii Fayyaa, I/G/ Waajjiraalee Fayyaa Godinaalee, Bulchiinsa Magaalotaa fi Hojii Geggeessitoota Hospitaalotaa, Waldaa Hakiimota fi Ogeessota Fayyaa Oromiyaa kan hirmaatan yoo ta’u barreeffamni naamusa ogummaa fayyaa irratti xiyyeeffate erga dhiyaatee booda hirmaattota waliin mariin bal'inaan erga geggeeffamee booda leenjiin kun ogeessota seektarichaa sadarkaan argaman hundaaf kan kennamuu fi hojiirra oolmaan isaas sirnaan kan hoogganamu ta’uusaa irratti kallattii hojii kennameen goolabuun danda'ameera.

Kenna Tajaajila Yaala Bilisaa
Kenna Tajaajila Yaala Bilisaa

photo content
+1

photo content
+9

Sirna Fayyaa dandamataa, Hawaasa Fayya qabeessa! (Guraandhala 13/2918 – Shaashamannee) Raawwiin hojii hooggansa balaa tasaa, qorannoo fi qo’annoo fayyaa hawaasaa fi tajaajila laabratorii kan ji’oota jahan darbanii Hooggantootaa fi ogeeyyota dhaabbilee fayyaa akkasumas I/G wajjiraalee Fayyaa magaalotaa fi Godinoota kibba oromiyaa hirmaachise Shaashamanneetti gaggeeffamaa jira. Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Guushaa Balakkoo sagantaa kana irratti argamuun haasaa taasisaniin Akka poolisii haaraatti sirna fayyaa cimaa fi dandamataa uumuuf waggoota darban dhibeewwan bifa weeraraan ka’anii fayyaa hawaasa keenyaa hubaa turan kanneen akka Busaa, Koleeraa, Gifiraa, Marbarg fi kkf irratti hojiilee qindoominaan hojjetamaa turaniin milkaa’inoota gaarii galmeessuun akka dandaa’ame ibsaniiru. Dhibeewwan bifa weeraraan ka’an osoo hin yaadamne tasa uumamuun fayyaa hawaasa keenyaa hubuurra darbanii gaaaga’ama lubbuu waan geessisaniif faana dhahiinsa, deeggarsaa fi hordoffii wal irraa hin cinneen hoogganamuu akka qaban ibsuun qooda fudhattoota hirmaachisuun barbaachisaa ta’uu Dr. Guushaan himaniiru. Dabalataanis Dr. Guushaan tajaajila balaa tasaa fayyaa hawaasaa ajandaa hooggansa sadarkaan jiruu tasisuun qindoomina waloo cimaa ta’een bakka saaxilamummaa dhibeewwan bifa weeraraan ka’uu malan adda baasuu fi bu’aa qorannoowwan laabratorii murtoo ragaa sirrii irratti hundaa’e hojiirra oolchuu akkasumas garaagarummaa raawwii bakkaa bakkatti jiru dhiphisuu fi fayyaa hawaasa keenyaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru. Itti Gaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Arsii Lixaa Obboo Girmaa Yaazoo gama isaaniitiin mootummaan hawaasa fayya buleessa misooma keessatti dammaqinaan hirmaatu horachuuf inisheetiviiwwan fayyaa adda addaa hojiirra oolaa jiran irraa hawaasni godinichaa fayyadamaa ta’aa jiraachuusaa kaasuun dhibeewwan bifa weeraraan ka’an irratti dhimmoota raawwatamaa turaniin bu’aawwan gaarii argaman qidoominaan cimsuun kan itti fufsiisan ta’uu ibsaniiru. I/A Itti gaafatamaa Waajjira Fayyaa Godina Arsii Lixaa Obboo Kadiir Xaahiir akka jedhanitti yeroo irraa gara yerootti qormaatiilee balaa tasaa nu qoraa turan irraa barachuun muuxannoo argachaa dhufneen sirni fayyaa godinicha keessatti jabaatee hawaasa fayya buleessa misooma keessatti hirmaatu uumuuf hojjatamaa akka jiru kaasan. Dhibeewwan balaa tasaa qindoominaan hoogganamuun sadarkaa yaaddoo hawaasaa hin taane irraan gahuun akka danda’ame Obboo Kadiir dabalanii kaasanii jiru. Waltajjii gamaaggamaa kana irrattis gabaasni godinaalee, bulchiinsa magaalotaa, laabratoriiwwan naannoo, hospitaalotaa fi kan Biiroo Fayyaa Oromiyaa dhiyaatee marii geggeessuun kallattii hojii kennamuun guyyaa boruu kan goolabamu ta'a.

photo content

photo content

photo content

photo content