cookie

Ми використовуємо файли cookie для покращення вашого досвіду перегляду. Натиснувши «Прийняти все», ви погоджуєтеся на використання файлів cookie.

avatar

Oromia Health Bureau

Більше
Фінляндія349Мова не вказанаМедицина1 179
Рекламні дописи
17 267
Підписники
+1124 години
+1557 днів
+63130 днів
Архів дописів
👍 11 1
4👍 1
Jiilli hoogganaa biiroo fayyaa Oromiyaa Dr Mangistuu Baqqalaatiin durfamu sirna kabaja guyyaa arjoomtoota dhiigaa akka addunyaatti yeroo 20ffaaf kabajame fi akka magaalaa Shaggaritti qophiilee garaa garaatiin yaadatame irratti argamuun daawwannaa hojiilee misooma fayyaa geggeesse. Waxabajjii 16/2016 Laga Xaafoo ========================== Hoogganaan biiroo fayyaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaa sagantaa kana irratti dhimmoota gurguddoo seektarichaa akka magaalaa Shaggaritti raawwatamaa turaniin bu'aa abdachiisaa galmeessuun akka danda'ame ibasaniiru. Milkaa'ina kanaafis qaamolee gumaacha taasisan mara galateefataniiru. Giddugalli baankii dhiigaa magaalaa Shaggar tajaajila guutuu akka kennuu danda'u gochuuf deeggarsi barbaachisaan akka taasifamu eeraniiru. Kenna tajaajila lammummaatiinis yeroo ganna keessattu dargaggoota fi shamarran barnoota irraa yeroo boqonnaa isaaniirra jiran dhiiga yunitii 40,000 sassaabuu dabalatee dhimmoota gurguddoo kenna tajaajila fayyaan walqabatan raawwachuuf hojiitti galamuusaa kaasuun qaamolee saganticha irratti hirmaataniif maqaa biirootiin galata galchaniiru. Itti gaafatamaan waajjira fayyaa magaalaa Shaggar obbo Abarraa Botoreen gama isaaniitiin akka magaalichaatti ji'oota sadii keessatti dhiiga yuunitii 2,246 sassaabuun dhaabbilee fayyaa naannoo fi ollaa keenyaa ta'an 35 ol ta'aniif dhiiga dhiyeessuun lubbuu namoota 1,840 ta'u baraaruu danda'eera jedhaniiru. Qaamolee garaa garaa gumaacha taasisaa turan maras galateeffataniiru. Obbo Habtaamuu Taayyee I/A/Dayreektara Baankii Dhiigaa biyyolessaa dhiigni gahee bakka hin buune kan qabuu fi namoonni lubbu isaanii baraaruuf dhiiga keenya eegan hedduu akka ta'an ibsuun bara kana dhiigni yuunitii 312,000 kan sassaabame ta'us fedhii jiru waliin gahaa miti jedhaniiru. Giddu gala baankii dhiigaa kanaafis tumsa barbaachisu akka taasisan waadaa galaniiru. I/A/kantiibaa bulchiinsa magaalaa Shaggar obbo Girmaa Hayiluu gama isaaniitiin rakkoo bu'uraalee fayyaa magaalichaa furuuf himaannaa uummataa fi baajata mootummaa birrii biliyoona 4 ta'uun dhaabbilee fayyaa babal'isuu fi galteewwan tajaajila fayyaa guutuun qulqullinaa fi qaqqabummaa tajaajila fayyaa fooyyessuuf waantota barbaachisaniin utubuu jiraachuu ibsuun dhaabbanni kun cimaa ta'ee akka itti fufu taasisuuf kan hojjetamu ta'uusaa eeraniiru. Qaamolee gahee milkaa'ina giddu galeessa kanaaf gumaacha taasisan hunda galateeffataniiru Xumuura irrattis qaamolee giddu gala baankii dhiigaa magaalaa Shaggar hundeessuu irratti gumaacha taasisanii fi kutaalee magaalaa fi manneen barnootaa sassaabii dhiiga raawwachaa turaniif beekamtiin kennameera
Показати все...
👍 17
👍 9 3
👍 6 1
👍 2
Авторизуйтеся та отримайте доступ до детальної інформації

Ми відкриємо вам ці скарби після авторизації. Обіцяємо, це швидко!