cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

IJOOLLEE SALAALEE

An educated person will change the world

Show more
Finland3 408The language is not specifiedEducation102 757
Advertising posts
375
Subscribers
No data24 hours
+87 days
+4230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

#MoE Qormaanni ba’iinsaa muummee faarmaasii kaleessa kenname haqamee irra deebiin kennama. Ministeerri Barnootaa qormaanni kun ''rakkoo teeknikaa'' akka qabu ibseera. Barattoonni gama biraatiin kanaan dura qormaanni kun hatamee waraqaa irratti dalagamaa akka ture eeraniiru. Haa ta'u malee, Ministeerri Barnootaa akka jedhetti qormaanni kun "rakkina teeknikaa" waan qabuuf, Sanbata, Waxabajjii 22, 2016, ganama sa'aatii 3:00 irraa eegalee hanga waaree booda sa'aatii 8:00 irra deebiin kennama. Barattoonni faarmaasii qormaata kanaaf taa'an yeroon wiirtuu qormaataatti argamuun qormaata irra deebi'anii akka fudhatanis ministeerichi akeekkachiiseera. https://t.me/IjSalaalee2016 IJOOLLEE SALAALEE
Show all...
👍 2
#Kutaa_12ffaa Sagantaa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2016 • Kan Saayinsii Hawaasaa Adoolessa 3-5 bara 2016 • Kan Saayinsii Uumamaa Adoolessa 9-11 bara 2016 tti kennama. Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!
Show all...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
#Update #Sagantaa_Reemeediyaalii Bu'aan qormaata barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii bara 2016 erga qormaanni bahumsaa barattoota eebbifamtoota Digirii jalqabaa xumurame booda akka ifa ta'u dhaga'ame. Bu'aan qormaatichaa yoom ifooma kan jedhu irratti gaaffiin hedduun barattoota biraa ka'aa kan ture yoo ta'u, hooggantoota Ministeera Barnootaa biraa wanti dhaga'ames «Dhiyeenyatti, erga qormaanni bahumsaa xumurame booda guyyoota jiran keessatti» kan jedhudha. Qormaanni barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii bara kanaa Waxabajjii 3-11 bara 2016 kennamaa turuun isaa ni yaadatama. IJOOLLEE SALAALEE
Show all...
#Exit_Exam Akkaataa fayyadama walii galaa qormaata bahumsaa ykn Exit Exam, akkaataa itti password jijjiirtan, akkaataa itti gaaffiilee itti jalqabdan fi kannneen biroo. Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa! IJOOLLEE SALAALEE
Show all...
Exit Exam Software exercise bbbb.pdf5.21 KB
👍 2
#Exit_Exam Sagantaa Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam kaadhimamtoota barattoota Digirii jalqabaa bara 2016 Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa! https://t.me/IjSalaalee2016
Show all...
EXIT EXAM Schedule FINAL 12 (1).xls2.81 KB
👍 4
Itoophiyaan waancaa Afrikaa isa bara 2029 qopheessuuf hojiilee dursanii hojjetamuu qaban irratti qophaa'aa akka jirtu beeksifte. Ministirri Ispoortiifi Aadaa Obbo Qajeelaa Mardaasaa yaada BBCf kennaniin dorgommii kubbaa miilaa guddicha Afrikaa qopheessuuf karoorri qabamuu beeksisan. ''Waancaa Afrikaa gara Itoophiyaatti fiduu qabna jennee akkuma mootummaatti murteessine, hojiimmoo ni barbaada'' jedhan Obbo Qajeelaan. ''Dorgommiin bara 2029 gara Itoopihyaa akka dhufu gaafachaa jirra, irratti hojjechaa jirra, qunnamtii jalqabneerra.'' Ministeerichi qajeelfama amma dura kennamee ture irratti galtee dabaluun qophii Waancaa Afrikaa qopheessuuf godhamurratti roodmaappii qopheesse Ministeera Karooraafi Misoomaa biyyattiif dhiyeesseera. Murteen Itoophiyaa Waancaa Afrikaa qopheessuuf qabdu kun ifa kan ta'e gareen biyyaalessaa dorgommiiwwan idila addunyaa silaa Itoophiyaa keessatti taphachuu qabu dirree alagaarratti taphachuuf wayita dirqamee jirutti. Sababni kun ta'eef ammoo sadarkaan Istaadiyeemiiwwan Itoophiyaa ulaagaa CAF kaahe hin guutne jedhamuun dhorkamuu isaaniiti. Obbo Qajeelaan karoorri kun wayita qabamu hojiileen hojjetamuu qaban hedduu ta'uu hubachuun akka ta'e dubbatan. Dorgommii kanaaf istaadiyoomiiwwan shan kan ijaarsi isaanii amma dura eegalamee jiru sadarkaasaa haala eeggateen xumuruuf hojiin hojjetamuu akka eegale dubbatan. IJOOLLEE SALAALEE
Show all...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
"Yuunivarsiitiiwwan walakkeessa baatii Fulbaana irraa eegalee barnoota akka jalqabaniif hojjatamaa jira." :- Birhaanuu Naggaa (Prof.) Ministirri Ministeera Barnootaa Birhaanuu Naggaa (Pr.) akka ibsanitti, bara dhufu walakkeessa baatii Fulbaanaa irraa eegalee yunivarsiitiiwwan barnoota akka eegalaniif sochii cimaan hojjatamaa jira jedhan. Dabalataan, waltajjii qophaa'ee irrattis raawwii hojii Ministeera Barnootaa irratti bal’inaan mari’atamuu ibsaniiru. Bara baajataa 2016tti sagantaa Barnoota dhalootaaf deeggarsa hawaasa irraa argameen manneen barnootaa haaraa kuma 22 ijaaramuu fi suphamuu isaanii beeksisuun keessumattuu qormaanni sirreeffamaa barattootaaf eegaluu isaa beeksisaniiru. Qormaanni ba’iinsa yuunivarsiitii torban lamaan itti aanan keessatti akka kennamuu fi barsiisota qormaataaf leenjiin gahaan kennamaa jiraachuus ibsaniiru. Qormaanni kutaa 12ffaa baranaa waraqaa fi toora interneetii irratti waan kennamuuf qophiin gahaan kana gargaaruuf taasifamaa turuu ibsaniiru. Haaromsi yunivarsiitiiwwanii hojiiwwan yeroo gannaa keessa hojjetan keessaa tokko waan ta’eef hojiin kun ciminaan kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. https://t.me/IjSalaalee2016 IJOOLLEE SALAALEE
Show all...
IJOOLLEE SALAALEE

An educated person will change the world

👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Shanan Jiddaa eenyuu fa'i? Horteen latiinsa Jiddaa gosa Oromoo Tuulamaati. Tuulamni ijoollee sadii qaba. a)Daaccii b) Bachoo c) Jillee Daaccii ilma hangafa Tuulamaa yoo ta'u, ilman sadi qaba. a)Galaan b)Obbo c) Soddoo Galaan ilma hangafa Daaccii yoo ta'u,ilman jaha qaba. a) Jiddaa b) Liiban c) Aabbuu d) Ada'aa e) Warraa Jaarsoo f) Gaadullaa Jiddi ilma hangafa Galaan yoo ta'u,ilman shan (Shanan Jiddaa) qaba. a)Kuraa Jiddaa b) Keekuu Jiddaa c) Gaalayyii Jiddaa d)Arrabsaa Jiddaa e) Doyyoo Jiddaa ti Kuraan ilma hangafa Jiddaa yoo ta'uu,ilman lama Lammii fi Alaaltuu qofa dhalche.Latiinsa Kuraa fi Doyyoo xiqqaa dha.Keekuu,Gaalayyii fi Arraabsan hortee latiinsa ilma Jiddaa keessaa warraa har'aa bal'inaan jiraatanidha. Ilmaan Jiddaa kun fafaca'anii kan jiraacha turan yoo ta'u,lafti isaani uffisaani jiraatan Kaabaa bahan laga Jama irraa kaasee Dabra Libanoos, Jirruu,Lammii,Marabitee,kutaa naanoo Amaraa Dabra Birhaanii fi naannawwaa ishee,Qimbiibitti, Alaaltuu,Baarak,Sandafaa Laga Xaafoo-Lagaa Daadhii irraa hanga Finfinnee walakeessa naannoo ammaa Magananyaa fi Boolee kana qabatee yeroo durii laga Jiddaa jedhamuun beekamuu kan Jiddaatti.Lagni Jiddaa kun bakka horiin isaanii bishaan itti obasani dha. Karaa Kaabaan ammoo Jiddaa, Wacaalee,Caancoo fi walakeessaa Sulultaa qabata. Hortee Jiddaa kun Fardaan leenjisuun ,qonnaan,loon horsiisuun fi lolaan beekamoo dha.Keessaattuu lola fardaan kan gitun hin jiru. Qaceewwan Jidda kan Atileetiksiin biyyaa waamsiisan muraasa Ababbaa Biqilaa,Waamii Biraatuu,Silaashii Sihiin,Taamiraat Tolaa,Tsagayee Kabaddaa fa'a kaasuu dandeenya.Gama qabsoo mirgaaf ammoo Hailamariyaa Gammadaa,Waaqjiraa Gammadaa,Jimaa Sanbatee ,Gabayyoo Gurmuu ,Mokkonnon Waasanuu fi ijoollee isaanii keessaa muraasa kaasuu dandeenya.Weelistoota masinqoo Wasaanuu Didoo fi Laggaasaa Abdii fakkeenyaa.Haala bulchiinsa fi caasa ammaatti aanaan Jiddaa kan argamtu Finfinnee irraa KM 71 fagattee argamti.Aanaan tun horsiisaa loon fi bu'awwaan loonii,qonnaa gannaa fi bonaa,fardeen leenjiisuun har'as akkumaa durii beekamtuu dha. Oomisha akka garbuu,baqeelaa,misiraa,talbaa,ataraa,qamadii,Shumburaa,Gayyoo fi kkf omishuun beekamtii.Jal'isiin laga Alaltuu fi roobnii arfaasa ammoo addaa ishee taasisa. Hudha guddaan uummaata aanaa tana Finfinnee fi Shagar funyaan jala ta'ee daandii asfaaltii dhabuun isaa oomisha isaa sirnan gabaatti geeffachuu hin dandeenye. Gaaffii daandii asfaaltii bara mootummaa dargii irraa kan eegalee yoo ta'uu,gaaffii waggaa 40 hanga ammaa deebii dhabee dha. Walumaa galattii aanaan Jiddaa har'aaf xiyyeeffannoo koo haa ta'uu malee aanoolee godinaa ShK(Salaalee) keessaa jiran marti rakkoo wal fakkataa qabu. Oomishtummaa keenyaaf nageenyii fi tajaajilli hawasummaa bu'uura keenyaa.Daandii asfaaltii nuf hojjedhan gaaffii ijoo ummaata keenyaati. https://t.me/IjSalaalee2016 IJOOLLEE SALAALEE
Show all...
IJOOLLEE SALAALEE

An educated person will change the world

👍 4
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.