cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

IJOOLLEE SALAALEE

An educated person will change the world

نمایش بیشتر
فنلندة3 448زبان مشخص نشده استآموزش103 834
پست‌های تبلیغاتی
382
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+27 روز
+3530 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Photo unavailableShow in Telegram
#kutaa_12ffaa Qormaanni kutaa 12ffaa Onlaayiniifi Waraqataan kennama. Barattoonni kutaa 12ffaa bara kana qormaata seensaa fudhattan marti odeeffannoowwan kijibaa miidiyaa hawaasummaa garaa garaa irra naanna’aniin akka hin burjaajofne cimsinee isin hubachiisna. Qormaatichaan walqabachuun jijjiiramni taassifamu tokkollee hin jiru , barattoonnis kana hubachuun qormaataaf qophaa’uu irraa kan hafe burjaajjii miidiyaalee kijibaan akka yeroo keessaniifi miira keessan hin qisaasessine. https://t.me/IjSalaalee2016 IJOOLLEE SALAALEE
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
#Yuunivarsitii_Aksuum Yuunivarsitiin Aksuum qormaata kutaa 12ffaa kennuuf qophii ta'uu beeksise Yuunivarsitiin Aksuum barattoota qormaata kutaa 12ffaa toora interneetii fi waraqaa irratti fudhatan fudhachuuf qophii ta'uu beeksise. Pireezidaantiin Yuunivarsitii Aksuum Piroofeesar Gebreyesus Birhaanee akka himanitti; Barattoonni kun mooraa yunivarsiitichaa sadan keessatti qormaata ni fudhatu. Barattoota qormaata fudhataniif nyaanni, Doormii fi kompiitarri gahaan qophaa’uu himaniiru. Barattoota kutaa 12ffaa kuma 21 fi 54 ta’an mooraa yuunivarsiitichaa sadan keessatti qormaata fudhachuuf qophii ta’uus beeksisaniiru. https://t.me/IjSalaalee2016 IJOOLLEE SALAALEE
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
#Addis_Ababa_University #AAU_Commencement #Yuunivarsiitii_Finfinnee Sirni Eebba barattoota Yuunivarsiitii Finfinnee Sagantaa garaa garaa guyyaa boruu jechuunis Waxabajjii 29 bara 2016 ni gaggeeffama. Walumaa galatti baay'inni eebbifamtootaa 5,574 ➭ Digirii Sadaffaa - 337 ➭ Digirii Lammaffaa - 3,360 ➭ Digirii Jalqabaa - 2,700 Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa! IJOOLLEE SALAALEE
نمایش همه...
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
✅Yuunivarsiitiin Bulee Horaa Barattoota 1456 Ogummaa Garaa Garaatiin Leenjisaa Ture Marsaa 11ffaaf Eebbisiise ------------------------------------------- ✅Yuunivarsiitiin Amboo barattoota damee ogummaa adda addaatiin barsiise 2607 guyyaa har'aa eebbisee jira. ------------------------------------------- ✅Yuunivarsiitiin Odaa Bultum barattoota 1,170 eebbisiiseera ------------------------------------------- ✅Yuunivarsiitiin Hawaasaa barattoota 4,800 eebbisiiseera ------------------------------------------- ✅Yuunivarsiitiin Haramayyaa barattoota 3,370 eebbisiiseera ------------------------------------------- ✅Yuunivarsiitiin Wachamoo barattoota 2,115 eebbisiiseera ------------------------------------------- ✅Yuunivarsiitiin Miizaan Teeppii barattoota 1,290 eebbisiiseera ------------------------------------------- ✅Yuunivarsiitiin Warabee barattoota 1,112 eebbisiiseera ✅Yuunivarsiitiin AASTU barattoota 1,067 eebbisiiseera ✅Yuunivarsiitiin Addigiraat barattoota 1,589 eebbisiiseera IJOOLLEE SALAALEE
نمایش همه...
#Kutaa_12ffaa Qormaata Model kan barattoota kutaa 12ffaa bara 2016 kan barattoota karaa online qoromaniif yaaliidhaaf kenname. Gosa barnootaa Keemistirii Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa! IJOOLLEE SALAALEE
نمایش همه...
Chemistry Grade 12 Model Online Exam.pdf6.39 KB
👍 2
#Finfinnee Hoggantoonni barnoota Afaan Tigiriffaa fi Afaan Oromoo barachaa turan qormaata xumuraa fudhataniiru jedhameera. Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Magaalaa Lammii Kuraatti ji'oota 5 walitti aansuun Afaan Tigiriffaa fi Afaan Oromoo barsiifamaa akka ture himame. Qormaanni xumuraa kaleessa akka kennames ibsameera. Odeeffannoon magaalicharraa argame akka mul’isutti, hooggantoonni 371 barnoota Afaan Tigiriffaa fi Afaan Oromoo barachuu erga eegalanii ji’a 5 ta’eera. Hoggantoonni kunneen afaan dhalootaa isaanii irraa afaan dabalataa baratanii qormaata xumuraa kaleessa akka fudhatan ibsameera. Barnoonni afaanii kun qindoomina mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Gaara Gurii waliin ta'uun barsiifamaa ture. Paartiin Badhaadhinaa afaanota hojii shan biyyattii keessatti hojii irra oolchuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. https://t.me/IjSalaalee2016 IJOOLLEE SALAALEE
نمایش همه...
👍 1
#Jimma_University
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Yunivarsiitii Wachemo mooraa Durham keessatti barattoonni qormaata bahuu kutaa (#economics) irraa fudhatan keessaa 15 bu'aan isaanii irra deebiin akka qoratamu gaafataniiru. Biiricha keessatti barattoota qormaata ba’uu fudhatan 40 keessaa barattoonni 25 qabxii darbiinsaa kan argatan yoo ta’u, barattoonni 15 hafan ammoo qabxii darbiinsaa galmeessuu dadhabaniiru. Barattoonni kunneen bu’aan isaanii irra deebiin akka ilaalamuuf biirichi qaama dhimmi ilaallatuuf gabaasa akka dhiyeessu gaafataniiru. Itti gaafatamaan barnootaa xalayaa Waajjira Hojii Gaggeessaa Olaanaa Mooraa Durhaamiif barreessaniin bu’aan barattootaa bu’aa fooyya’aa waan qabaniif irra deebiin akka ilaalamu gaafataniiru. IJOOLLEE SALAALEE
نمایش همه...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
#Abbaafi_ilma_pirofesaroota Pirofesar Baayyee Yimaam (abbaa) Pirofesar Qaala'aab Baayyee Yimaam (ilma) Lamaanuu barnoota olaanaa Yunivarsitii Finfinneetti eegalanii ogummaasaaniitiin yunivarsicha tajaajjilaa kan jiraniifi pirofesaroota hayyoota bakka bu'oo horachaa jiraniidha. 👉Pirofesar Baayyeen waggoota 44f, Pirofesar Qaala'aab ammoo waggoota 15f hayyoota barsiisummaan, qorattummaan akkasumas ittigaafatamummaawwan hojii adda addaarltiin kan tajaajilaniifi tajaajilaa jiraniidha. 👉Lamaanuu hayyoota waggaa 10ffaa digriisaanii 'PhD' hojjetanitti sadarkaa pirofesarummaa guutuu Yunivarsitii Finfinneerraa argataniiru. 👉Pirofesar Qaala'aab Baayyee hayyoota barana sadarkaa pirofesarummaa guutuu argataniiru. ( Yuniversitii Finfinnee ) IJOOLLEE SALAALEE
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Baga gammaddan! Yuunivarsiitii Jimmaa Waxabajjii 24, 2016 ********** Yuunivarsiitiin Jimmaa sagantaa barnoota garagaraatin leenjisaa kan ture barattoota 1744 guyyaa boruu Waxabajjii 25, 2016 giddugala Siivikii Haacaaluu Hundeessaatti ni eebbisiisa. Kanneen keessaa 20 diigrii sadaffaa, 253 diigrii lammaffaa fi 1471 leenjitoota diigrii jalqabaa guyyichatti ni eebbisiisa. https://t.me/IjSalaalee2016 IJOOLLEE
نمایش همه...
👍 2
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.