en
Feedback
IJOOLLEE SALAALEE🐎 VOICE(ISV)

IJOOLLEE SALAALEE🐎 VOICE(ISV)

Open in Telegram

An educated person will change the world

Show more
754
Subscribers
No data24 hours
+37 days
+530 days
Posts Archive
#Update #Kutaa_12ffaa #National_Exam #MoE #Ministeera_Barnootaa Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa gadhiifamuuf Ji'a t
#Update #Kutaa_12ffaa #National_Exam #MoE #Ministeera_Barnootaa Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa gadhiifamuuf Ji'a tokko qofaatu hafe! Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 Ji'a Qaammee keessa akka gadhiifamu Ministeerri Barnootaa ibsuun isaa ni yaadatama. Barattoonni sababa nageenyaatiin qormaata biyyaalessaa kana hin fudhanne 4,966 yoo ta'aan, isaanis qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 kana Hagayya 26-28 bara 2017 akka fudhatan himameera. Yuunivarsiitiiwwan hundi Fulbaana 8 bara 2018 irraa kaasee barattoota haaraa simachuu ni eegalu. Carraa gaarii! IJOOLLEE SALAALEE VOICE ISV

Join our discussion group

#MoH Oogeeyyiin fayyaa qormaata dandeettii fudhachuuf deemtan, galmeen online akka tahe isin beeksisaa Khamisa, Adoolessa 24/
#MoH Oogeeyyiin fayyaa qormaata dandeettii fudhachuuf deemtan, galmeen online akka tahe isin beeksisaa Khamisa, Adoolessa 24/2017 A.L.A irratti ni xumurama. Galmaa’uuf link kana fayyadamaa👇 http://hple.moh.gov.et/hple Namoonni qormaata fudhachuuf deemtan iddoo qormaataa barbaaddan filachuuf carraa ni qabaatu — filannoo iddoo garaagaraa jiru keeysaa 1kko filachuu qabdu. Erga galmee xumurtanii booda, sirna galmee keessatti lakk. tajaajila qormaataa (exam ID) isinii laatamu print godhattanii argamuu akka qabdan himamee jira. IJOOLLEE SALAALEE VOICE ISV

ODUU ISPOORTII: Liivarpuul Diyoogoo Jootaadhaaf siidaa yaaddannoo dhaabuufi Liivarpuul taphataasaa balaa konkolaataatiin lubb
ODUU ISPOORTII: Liivarpuul Diyoogoo Jootaadhaaf siidaa yaaddannoo dhaabuufi Liivarpuul taphataasaa balaa konkolaataatiin lubbuun isaa darbe Diyoogoo Jootaadhaaf siidaa yaaddannoo dhaabuufi. Gama biraatiin ammoo Piriimiyer Liigii Ingilaand dhiheenyatti jalqabamu irratti, leenjisaa fi taphattoonni akkasumas miseensonni garichaa hundi Uffata Ispoortii “20 Forever” jedhu qopheeffatanii akka uffatan eerameera. Dhaabbanni tola ooltummaa kilabichaas maqaa Diyaagoo Jootaatiin taphoota kubbaa miilaa ni qopheessa. IJOOLLEE SALAALEE VOICE ISV

Lattuu f Roobaa kutaa 2ffaa.. share ........guyyaa tokko garuu karaa ittiin ishee dubbisu argate fakkaata. akkuma beekkamu abbaltii(assignment) gareen hojjetamu gama barsiisaa isaanitiin kennamee ture. Barattoonnis akkaatuma tartiiba maqaa isaanitiin garee uumuun hojjeechuuf ka'an. Roobaan Lattuu waliin garee tokko ta'ee hojjeechuu barbaadullee sababa tarreen maqaa isaanii(alphabet) walirraa siqeef garee tokko ta'uu hin dandeenye. haaluma kanaan gareen hundinuu hojjechuun galchuuf qopheessan. haa ta'u malee barattoonni garee Lattuu fa'aa barreeffama bareechuu(hand writing) gaha waan hin qabneef barreeffama bareedaa hin taanee barreessanii galchuuf murteessan. Roobaanis abbaltii garee hunda irraayyuu sassaabee galchuuf jedha. Roobaan abbaltii garee Lattuu fa'aa saaqee yeroo ilaalu, barreeffamni isaa hin bareedu ture. yeroo kana Roobaan barreeffama bareechuu waan danda'uuf , " maalifan bareechee barreessee hin galchu?" jedhee of gaafate. qalama fi halluu biroo qabu dabalachuun haga humna isaa kukkuulee bareechee barreessun barsiisaaf laate. sana booda abbaltiin ilaallamuun barattootaaf deebi'e. yeroo kana barattoonni hundinuu bu'aa isaanii ilaallachuuf haala garee isaanitiin walitti siqan. gareen Lattuufaas yeroo ilaallatan barreeffamichi haaraa itti ta'ee, " kuni abbaltiin keenyaa?, nuti akkattiin hojjennee?" jedhanii walgaafachaa ija keessa wal ilaaluu jalqaban. yeroo kana Lattuun maaltu akka uumame baruuf jecha abbalticha qabattee gara Roobaa deemte. akkas jetteen, "Roobaa assaayimantiin keenya barreeffamichi akkamittiin jijjiirame?, akkamittiin akkas ta'uu danda'e? " jette.... itti fufa........

Asoosama Gabaabaa(by MB) share Lattuu fi Roobaa Kutaa 1ffaa......dubbisaa👇👇👇👇 Lattuu fi Roobaan dhalatanii kan guddatan Oromiyaa, Salaalee, Aanaa Jiddaatti. Ijoollumma isaanitti isaan lameenuu akkuma ijoollee baadiyyaa kamiituu maatii isaanif loon tiskaa, fi ergamaa guddatan. Roobaa fi Lattuun barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa achuma aanaa Jiddaa mana baruumsa gara garaatti baratan. Yeroo kana isaan lameenuu wal hin beekan ture. kutaa saddeettaffaa akkuma xummuuraniin kutaa salgaffaa isaanii barachuuf kara mana baruumsa sadarkaa lammaffaa Ajaja Dhibbaa H/Mariam Gammadaa, achuma aanichatti argamutti darban. akka carraa Lattuu fi Roobaan daree(Class) tokkotti ramadamuun baruumsa isaanii eegalan. adaduma guyyoonni guyyaan wal jijjiiraa dhufaniin Roobanis barattoota dareen walbaraa hiriyootas baafate. Lattuunis akkasuma hiriyoota ishee shamarraniitti siqaa dhufte. Rooban ooltiin isaa inni dhufee hundi baruumsa haa ta'u malee, yeroosa muraasa fi ija isaa lattuurra kaa'uu jalqabe . daree keessattis yeroo barnootarra jiru dhokate Lattuu ilaalun hojii isaa idilee ta'aa dhufe. osuma jedhu jaalalli ishee isatti hammaachaa dhufe. weerara jaalalaa ittiin weeraramaa jiru kana obbaaffachuuf isheetti siquun itti dubatachuuf yaalii gaggeessuu jalqabe. Haa ta'u malee soodan jaalalarraa madde keessa isaatti wal kuusee 'itti himi, itti hin himin' isaan jedhee isa rakkisa. guyyaa tokko garuu karaa ittin ishee dubbisu argate fakkaata....... Itti fufa.....

Asoosama Gabaabaa Lattuu fi Roobaa Qopheessaa. Milkeessaa Ballaxaa( Barataa yunivarsiitii Jimmaa, muummee hooggansaa/Manageme
Asoosama Gabaabaa Lattuu fi Roobaa Qopheessaa. Milkeessaa Ballaxaa( Barataa yunivarsiitii Jimmaa, muummee hooggansaa/Management/) Kutaa tokkoffaa loading...... Like gochuun nu eegaa ijoollee jeneraaltichaa 💪🥰

Asoosama Gabaabaa Lattuu fi Roobaa Qopheessaa. Milkeessaa Ballaxaa( Barataa yunivarsiitii Jimmaa, muummee hooggansaa/Manageme
Asoosama Gabaabaa Lattuu fi Roobaa Qopheessaa. Milkeessaa Ballaxaa( Barataa yunivarsiitii Jimmaa, muummee hooggansaa/Management/) Kutaa tokkoffaa loading...... Like gochuun nu eegaa ijoollee jeneraaltichaa 💪🥰

Jila godaansa Abbootii Gadaa Tuulamaa ilaalchisee Warri Visit Oromia sirna godaansa Abbootii Gadaa Tuulamaa kana osoo ilaaltanii, viidiyoofi barruudhan dhalootatti akka darbu taasistanii. Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa sirna akkanaa kana sirritti jabeessuun, ilaalee akka guddatu osoo taasisee Bulchiinsi Godinaaleen Shawaa Afranuu qophii guddaa osoo taasisanii, sirnicha haala hawwataan akka raawwatu taasistanii Biiroon Pirezidaantii Oromiyaas osoo faana buhee Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu, Shaggar, finfinnee, Adaamaa, Amboo, Walisoo fi warreen birootis osoo xiyyeeffannoo itti kennitanii gaariidha. Sirna Gadaa Oromoo jabeessuufi dhalootatti dabarsuun kan danda'amu sirnoota akka kanaa sirriin gaggeessuu, qorachuu fi barreessun dhalootatti dabarsuuni. Ammas barfata hin qabu! Fardis kunoo, dirreenis kunoo- Odaa Nabeeti. Gaafa isin kana taasistan Obboleeyyan Oromoo Tuulamaa, Ilmaan Oromtichaa Afrikaa Bahaa, Kibba Bahaa fi Kaabaa Bahaa jiran, akkasumas sabaafi sablammootni biyya kanaallee hedduun irratti hirmaatu. Eegaa Ilmaan Oromtichaa hundi keessanuu, Obboleeyyaan Tuulamaa qaaliin warri Warri Maccaa, warri Sikkoo Mandoo, warri Baareentuu, Warri Raayyaafi Azeebo, Hangafoonni Oromoo warri Booranni fi Gujii, akkasumas Oromoo Ormaa fi warri kaaniis sirnicha waliin miidhagsina. Nagaan gara handhuura Oromiyaa caffee Tumaatti koottaa! Gadaan quufaa gabbina Looreticha Fira Oromoo Maraa Odaa Nabee irraa! IJOOLLEE SALAALEE VOICE ISV

ODUU: Du’a Qananii Addunyaan shakkamee hidhaarra kan ture Artist Adu’aalam Gosaa ji’a sadii booda gadhiifamee jira. Du’a jaal
ODUU: Du’a Qananii Addunyaan shakkamee hidhaarra kan ture Artist Adu’aalam Gosaa ji’a sadii booda gadhiifamee jira. Du’a jaalallee isaa kan turte shamarree Qananii Addunyaan shakkamee ji’a Bitootessa darbe poolisii magaalaa Finfinneen kan to’atame Artist Andu’aalam Gosaa Kibxata, Waxabajjii 10, 2025 waaree booda wabiidhaan hidhaarraa gadhiifamuu abukaatoon isaa hime. Abukaatoon isaa Obbo Liiban Abdii akka jedhanitti, qorannoon poolisii gaggeessaa ture erga xumurameen booda Abbaan Alangaa guyyaa 15 kennameef keessatti himata waan hin banneef ol’iyyannoo qaama bilisa baasuu  gaafataniin maamilli isaanii wabii qarshii 50,000n gadhiifameera. Haata’u malee galmeen guutummatti cufamuu akka hin mirkanoofne himan. “Abbaan Alangaa guyyaa kennameef keessatti himata hin banne, yookaan bu’aan qorannoo poolisii himata banuuf gahaa mitii jedhee galmee hin cufne. Kanaaf murtiin abbaa alangaatu eegamaa jira” jedhan. IJOOLLEE SALAALEE VOICE ISV

#Darbii-Salaalee ⚽⚽⚽⚽⚽⚽ Sirxii(Jiddaa) 4: 1 Garba Gurraachaa(Kiyyuu)
+1
#Darbii-Salaalee ⚽⚽⚽⚽⚽⚽ Sirxii(Jiddaa) 4: 1 Garba Gurraachaa(Kiyyuu)

#Darbii-Salaalee ⚽⚽⚽⚽⚽⚽ Sirxii(Jiddaa) 4: 1 Garba Gurraachaa(Kiyyuu)

Salaalee, Portugal bridge🌎
Salaalee, Portugal bridge🌎

Beekumsaa fi waraqaa ragaa walsimsiisuuf hojjechaa jirra- Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Barattoonni karaan itti gowwoomsanii it
Beekumsaa fi waraqaa ragaa walsimsiisuuf hojjechaa jirra- Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Barattoonni karaan itti gowwoomsanii ittiin darban akka hin jirre maatii fi barsiisotaaf ifatti ibsamaa jiraachuus beeksisan. Sirna qormaataa hannaa fi gowwoomsuu irraa qulqulleessuuf tattaaffiin itti fufiinsa qabu taasifamaa akka jirus Pirofeesar Birhaanuun hubachiisaniiru. Qulqullina barnootaa eeguu fi dandeettii barsiisotaa gabbisuuf, barsiisonni kuma 60 ol fi daareektaroonni manneen barnootaa kuma 13 ol leenjii fudhachuu isaanii ibsaniiru. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf waggoota 5 darban keessa manneen barnootaa duraa kuma 40 ol ijaaramuus  himan. Pirojektii Barnoota Hirmaannaa Hawaasaattin hojiirra ooleen bara 2016 qofa manneen barnootaa haaraa kuma 5 fi 966 ol ijaaramanii tajaajila kennuu eegaluu isaanii eeran. Bara barnootaa dhufu barattoota fudhachuu akka eegalus eeran. IJOOLLEE SALAALEE VOICE ISV

Oduu Gaddaa Eebla 22 /2017 Balaa konkolaataa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaalee Ganda Machallaa Warxuu Iddoo Addaa Bakka Dirree Jedhamutti Balaa Konkolaataa Uumameen Miidhaan Qabeenyaa Fi Lubbuu Qaqqabe. Konkolaataa uummataa ISUZU koodii 3 lakki gabatee 64248 OR magaalaa muka xurrii irraa gara Aanaa Jiddaatti imalaa jiruu fi Konkolaataa fee'iisaa kaasihoonii koodii 3 lakki gabatee isaa 22321 ET ta'ee naannoo Amaaraa irraa gara magaala finfinneetti simintoo fe'ee imalaa jiru guyyaa keessaa sa'aatii 7:20 yoo ta'u walitti bu’uun miidhaan lubbuu fi qabeenyaa kan qaqqabe yoo ta’u. Balaa kanaan lubbuun nama 6 batalumattii yoo darbu, miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa kan gahee fi ,akkasumas miidhaan qabeenyaa guddaan qaqqabee jira. Sababni balaa kanaatis ariitii guddaan deemama kan jiru ta’uu isaa qindeessan tiraafikaa Aanaa Waacaalee I/A Inispeekter Gazzahaany Dalalleny ibsaniiru. Waajjirri Bulchiinsa Aanaa Waacaalee Gadda itti dhagahame ibsaa maatii fi firoottan, hiriyoottan isaanii hundaaf jajjabina hawwaa, Lubbuun isaanii Jannataan haa qananiitu. IJOOLLEE SALAALEE VOICE ISV