en
Feedback
East Bale Zone Job Creation Opportunity & Vocational Office

Open in Telegram
618
Subscribers
No data24 hours
+27 days
+1830 days
Posts Archive
Leenjii Human age, Entrepreneurship, Ethics & Civic kana dura leenjii kenname kan hin himaatin jedhamee xalayaa Federaalaa afaan Amaariffaa tin "የአሰልጣኞች ስልጠና ያልተሳተፉ" jedhuuf ifa akka isiniif ta'u maqaa leenjistoota kana dura leenjii kana fudhatan tarree isiniif maxxanse kanneen isaan hin ilaalatu jechuufi dha. Isaan kanneen leenjii marsaa 1-3 itti karoorfame kun isaan hin ilaalatu jechuu dha.

Dhaabbileen leenjii keenya hundi unka gadi bu'e unka hubannoo sosochii Feestivaalii Misooma Ogummaa ittiin gabaafamu was ta'eef, unka kanaan guyyaa guyyaan haa gabaafamuu

Akkam jirtan? Diinotaa fi Qindeesitoota DHLTO Godina keenyaa hundaaf B/J Yaamicha walgahii isin beeksisuu ilaala. Gaafa guyyaa 2/13/2028 Godina galuun gaafa 3/13/2018 Orranteeshiinii Feestivaalii Misooma Ogummaa fi dhimma DAC murteessuu waan Raawwannuuf Harcaatii tokko malee ganama keessaa saa'aa 2:30 akka argamtan cimsinee isin beeksifna.

Kanaaf, barattoonni kutaa 12ffaa xumuran Koolleejjii BLTO Raayituu filachuun ogummaa qabatamaa barachuu, gabaa hojii irratti dorgomoo ta’uu, hojii dhuunfaa fi namoota biroofis carraa hojii banuu danda’u. Ogummaan harka keessa jiru qabeenya guddaa waan ta’eef, dargaggoonni keenya ogummaa barachuun gara abbaa ogummaa, abbaa kalaqaa fi abbaa oomishtummaatti ce’uu qabu.

1. Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa jechuun maal jechuun dha? Barnootni Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa (BLTO) mootummaa, hawaasa fi dhuunfaa keessatti humna namaa ogummaa qabu horachuuf gahee guddaa qaba. Barnootni kun barattoonni beekumsa qofa osoo hin taane, hojii irratti bobba’anii hojjechuu danda’an akka horatan taasisa. Keessumaa barattoota kutaa 12ffaa xumuran keessaa namoonni hedduun gara yunivarsiitii qofaatti osoo hin xiyyeeffatin, ogummaa gara garaa barachuun of danda’anii hojii uumuufi gabaa hojii keessatti dorgomoo ta’uu danda’u. Kanaaf BLTO jechuun karaa guddaa barattoonni beekumsa isaanii gara ogummaa fi oomishtummaatti itti jijjiiratan keessaa isa tokko dha. 2. BLTO fi dorgommii gabaa hojii Yeroo ammaa gabaan hojii nama waraqaa ragaa qofa qabu osoo hin taane, nama ogummaa qabatamaa, muuxannoo fi dandeettii rakkoo hiikuu qabu barbaada. Barnootni BLTO immoo barattoota kanaaf ogummaa gabaa hojii waliin wal simu kennuudhaan dorgomoo taasisa. Fakkeenyaaf, barataan Information Technology, Meekaaniksii, Teknooloojii Mukaa, Qonnaa yookaan Horsiisa Bineensotaa barate tokko dhaabbata mootummaa, dhaabbata dhuunfaa keessatti hojii argachuu yookaan ogummaa isaa irratti hundaa’uun hojii dhuunfaa uumuu danda’a. Kunis hojii barbaaduu qofa irraa gara hojii uumuu fi namoota biroof carraa hojii uumuu keessatti jijjiirama guddaa fida. 3. Barattoota Kutaa 12ffaa xumuranif carraa guddaa Barattoonni kutaa 12ffaa xumuran yeroo gara fuuldura isaanii murteessan filannoo hedduu qabu. Filannoo keessaa tokko immoo Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa filachuu dha. BLTO keessatti yeroo gabaabaa fi dheeraa keessatti ogummaa barachuun gara gabaa hojii seenuun ni danda’ama. Barattoonni ogummaa isaanii sirriitti yoo baratan, hojii ofii isaanii banuu, dhaabbilee gara garaatti qacarrii argachuu, akkasumas teeknooloojii haaraa fayyadamuun galii isaanii fooyyessuu danda’u. Kanaaf barnootni BLTO barattoota kutaa 12ffaa xumuranif karaa gara milkaa’inaa, of danda’uu fi carraa hojii bal’aa itti argatan dha. 4. Fakkeenya biyyoota guddatan keessaa Biyyoonni akka Jarmanii, Chaayinaa, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa guddina dinagdee isaanii keessatti barnoota teeknikaa fi ogummaaf xiyyeeffannoo guddaa kennaniiru. Keessumaa Jarmaniin sirna leenjii ogummaa fi hojii waliin walitti hidhuun namoonni dargaggoota isaanii ogummaa qabatamaa akka horatan taasifte. Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaattis teeknooloojii, oomisha industirii, mekaaniksii fi ogummaa gara garaa irratti humna namaa leenjisuun guddina dinagdee isaanii saffisiisaniiru. Kana irraa barachuun, biyya tokko guddisuuf yunivarsiitii qofa osoo hin taane, dargaggoota ogummaa qabatamaa, kalaqaa fi oomishtummaa qaban horachuun murteessaa ta’uu hubanna. 5. Gahee BLTO biyya fakkeenyaaf guddisu keessatti qabu Leenjiin Teeknikaa fi Ogummaa biyya keessatti hojii dhabdummaa hir’isuu, oomishtummaa dabaluufi dargaggoonni of danda’anii jireenya isaanii akka fooyyessan taasisa. Namni ogummaa qabu rakkoo argatu qofa hin ilaalu; furmaata kalaqa, oomisha uuma, tajaajila kennuu fi namoota biroof carraa hojii banuu danda’a. Kanaaf BLTO jechuun qofa nama leenjisu osoo hin taane, abbootii ogummaa, abbootii qabeenyaa, kalaqtoota fi oomishtoota biyyaaf barbaachisan horachuudha. Biyyoonni guddatan har’a sadarkaa isaanii irra ga’anis humna namaa ogummaa qabu horachuun fi industirii isaanii cimsuun gahee olaanaa qaba. 6. Koolleejjii BLTO Raayituu fi leenjii ogummaa kennamaa jiru Godina Baalee Bahaa keessatti kan argamu Koolleejjiin Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Raayituu (BLTO Raayituu) dargaggoota fi barattoota gara garaaf leenjii ogummaa barbaachisaa kennuudhaan humna namaa ogummaa qabu horachaa jira. Koollejjichi dameewwan ogummaa akka Wood Technology (Furniture Making), Information Technology (Hardware and Network Service), Mechanics, Animal Production, Crop Production fi dameewwan oomisha waliin walqabatan irratti leenjii kennuun barattoonni gara fuulduraatti abbaa ogummaa akka ta’an taasisaa jira.

Koollejji BLTO Dhuufaaf ogumma akka pharmacy, acounting ,fi management yoo kan hayamamuuf ta'ee koollejji motummaatif ilee hayamamuu qaba

Adeemsa_Feestivaala_Ogumma_baroota_darbanii_fi_adeemsa_festivala.pptx36.44 MB

Jaalleewwaan akkam jirtu fayyaa keessani? Akkuma beekamu Guyyaan qaammee shanan fuuldura keenya jiran maqaa adda addaatin moggaafamuun qaammeen shan guyyaa egeree biyya keenyaa jedhamee kabajama. Biiroon keenya qaammee shan ajandaawwan akka waligalaatti laataman akkuma jiruun ta'eeti ajandaalee itti dabalamuu qaban 👉Misooma Ogummaa of danda'uun omishtumma humna namaa fi induustiriiwwanii guddisuun carraa hojii uumuun badhaadhina biyyaa milkeessuu 👉Misooma Dhaweessummaan dhaweeyyii rakkoo biyyaa carraatti jijjirrun abdii egeree ta'an horachuu 👉Kalaqaa fi Misooma Teknoolojiin egeree ijaaruu birmadummaa teknoolojiin of danda'uu 👉Carraa hojii harr'a uumnu Abdii egeree guddina biyyaafi madda abbooti qabeenyaa 👉Agarsifni teeknoolojii fi omishinii interpraayizoota akka dhihatuu, workshop akka daawwatamu taasis 👉Bu'aalee induustirii Godoo fi kkf ✍️ *Kaayyoo Gooroo* Kaayyoo ijoon kabaja Guyyoota Qaammee bara 2018 Itoophiyaan adeemsa walxaxaa ta’e keessaa ba’uun, dameewwan hundaan gara boqonnaa imala olka’iinsaa olaanaatti ce’aa jiraachuu mootummaa fi sirna biyyaalessaa ishee ijaaruu, tokkummaa sabaa fi sablammootaa, walqixxummaa, haqa qabeessummaa fi obbolummaa irratti hundaa’e seenessa waloo dagaagfachaa jiraachuu, akkasumas Itoophiyaa dijitaalaa fi hirkattummaa gargaarsa alaa irraa bilisa taate egereef bu’uura kaa’uu labsuun, bu’aa biyyaalessaa caaluuf kaka’umsa guddaa kan uumuu dha. ✍️ *Kaayyoo Gooree* *1. Tiraansfoormeeshinii Dijitaalaa* : damee diijitaalaan hojiiwwan milkaa'anii fi injifannoowwan galmaa'an daraan cimsuun hojiiwwan bu'a-qabeessa ifoomsuudha. 2. *Walabummaa Saayibeerii* : Biyyi keenya sodaa nageenya saayibeerii fi teeknoolojii irratti qabdu gahumsa dandeettii man-dhalee teeknooloojiitiin ofirraa qolachuu danda’uu ishee fi kuusaa ragaa biyyattii: sirna faayinaansii, bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an, aggaammii biyya keessaa fi alaa irraa baraaruu labsuu dha. 3. *Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo* : Inisheetivii ykn tarsiimoon kun tajaajiloota manneen hojii mootummaa garaa garaa keessatti bittinnaa’anii jiran giddu gala diijitaalaa (dibaabee tokko jalatti) fiduun hojimaata qindaawaa diriirsuun uummatni tajaajila barbaadu: tajaajiloota barbaachisoo dhamaatii, baasii fi yeroo utuu hin qisaasessiin tajaajila saffisaa fi qulqulluu akka argatu gochuu fi itti quufinsa tajaajilamaa (maamiltootaa) dabaluu dha. 4. *Itiyoo Koodersii (5 million):* Dargaggoota dandeettii ogummaa diijitaalaa (coding), saayinsii daataa fi Artificial Intelligence/AI) irratti gahoomsuun dinagdee diijitaalaaf qopheessuu; akkasumas dargaggootni ogummaa Kanaan leenji'an gabaa biyya keessaa fi idil-addunyaatti carraan hojii akka uumamuu fi dandeettii ogeessa Moosajii (software expertise) cimsuu keessatti shoora ol’aanaa akka qabu agarsiisuudha. 5. **Misooma ogummaa:* Sosoochii ogummaan of danda'uu qaammee shan festivaala ogummaa gaggeessinun labsuu qooda fudhattoota hirmaachisu leenjii induustirii keessaa cimsuu 6. *Misooma Dhaweessummaa :* Dhaweesitoota egeree biyyaaf abdii ta'aan horachuuf sirnkoo cimaa ijaaruun leenjii baayyinaaf qulqullinaan laachuu Dhaweeyyiif onnachiftuu laachuu fi dirrree dandeessisu umuu 7. *Agarsisa Kalaqaa fi Teknoolojii :* Abbootin kalaqaa abdii egeree fi birmadummaa biyyaa eggattummaafi hirkattummaa jalaa baasanii kabajichisuu of dandeessisuu hojjechuu 8. *Carraa hojii itti fufiinsa qabu Uumuu* : Interpraayizootni harr'a gurma'aan abdii egeree biyyaa abbooti qabeenya dinagdee biyyaa sochoosanu omisha alaa galu bakka buusan al ergee guddisuun GDP biyyaa tarkaanfachisun badhaadhina biyyaa milkeessan ta'u agarsisuu. Omisha isaani daawwachisuu jajjabeessu, walitti hidhaminsa gabaa umuu *Ibsa Kaayyoo Guyyaa Egeree (Qaammee 5):* Milkaa’inoota jijjiirama tajaajila dijitaalaa, birmadummaa saayibarii, kenna tajaajilaa iddoo tokkoo fi injifannoo Itiyoo-Koodar agarsiisuun imala daandii haaraa Itoophiyaa dandeettii ofiin of danda’uushee agarsiisuudha.

👉Kana hubachuun hoggantootni waajjira CHUO Godinaaf magaalaa, Diiniin kollejjootaa kallatti karaa paartii laatamun hoggansa biraa waliin qindaa'uun xiyyeeffannaa addaatin qophii gahaa taasisuu qabdu. 👉Koree adda addaa hundeessuu 👉Maxxansaalee adda addaa gadi bu'anuu maxxansuf qophii taasisuu 👉Mooraa koolleejjii hawwataa taasisuu 👉Workshop maashina fi kkf qulqulleessuu 👉Waan agarsisaaf dhihatu sirritti qophessuu 👉inter qopheessuu