en
Feedback
Galmo kormoso 👈

Galmo kormoso 👈

Open in Telegram

Oromia Shall be Free

Show more
302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Repost from Jawar Mohammed
Dhimma Dirree Dhawaa - Dhimmii Dirree Dhawaa fanjiiwwan sirni Wayyaanee Oromoofi saboota biroo jiddutti awwaalee biraa kute keessaa tokko ta’uu yeroo heddu dubbachaa turre. Akkuma sirni sun kuteen fanjii san fashaleessuuf carraatu ture. Akkan biyyatti galeen Dirreen jeequmsa keessa waan turteef dhimmootan adda dureen irratti hojjadhe keessaa tokko ture. Marii Aaalimootafi Ugaazota waliin taasiserraahis hubannoo hedduu argachuu dandaheen ture. Dhimma kanarratti, kitaaba Hin Gaabbuu boqonnaa 8.3 keessatti yaaliwwwan taasisaa turre barreesseera.Dubbii Dirree Dhawaas ta’ee kanneen birootiif furmaata waaraa laachuuf fedhii hawaasa gama lamaatiin ture kan danqaa itti uume jaruma 'keenya'. Dhugaa dubbachuuf hoggansi gama Soomalee dubbii Dirree Dhawaas ta'ee kan Mooyyalee mariin furuudhaaf hayyamamoofi qophii turan. - Dhimma silaa gaafa miirri hawaasaa furmaataaf qophii turee san danqaa itti ta’an amma maaf ajandaa godhan? Murni aangorra jiru kun fanjii Wayyaaneen awwaalte san achuma tursiisanii gaafa barbaachisaa ta’e fayyadamuuf kaayatan. Dhimma ‘seenaa’ Dirree Dhawaa amma dubbii taateen durattis dubbii qoqqotaa turan. Fakkeenyaaf ‘gaafilee Oromoo marii biyyoolessaaf dhihaate’ jedhame keessatti fanjiilee Wayyaaneen awwaalte kan akka Mooyyalee, Harariifi kkf hedduu balballoomsuu yaalanii turan, ummatatu jalaa qabuu dide malee. Akeekni fanjiillee kana tuttuqaniif immoo furmaata itti barbaaduuf miti. Akkuma warra isaan guddisee san madaa tuttuqanii Oromoofi saboota biraa walitti gaarreffachiisaa umrii dheerefachuudhaafi. - Wanti namni yaadachuu qabu, Dirreen Dhawaa mootummaa naannoo of danda’ee isii bulchuu hin qabdu. Mootummaa Federaalaatiinn kallattiin bulti. Bulchiinsi magaalaa aangoo xinnaa tajaajila hawaasaa laachutti murtaa’e qaba. Magaalattiin galii ofii hin sassaabdu, federaalatu sassaaba. Imaammata diinaggeefi hawaasaas baasuu hin dandeessu. Kanaafuu kantiibaan magaalaa sanii, Dirree Dhawaa “dabarsee kennuu/ gurguruu” dhiisii baajata ishii irrattuu murteessuufi poolisii magaalattii ajajuufuu angoo hin qabu. Dirree Dhawaa ‘gurguruuf’ aangoo kan qabu mootummaa federaalaati. Kanaafuu dubbii Dirree Dhawaaf adda durummaan kan gaafatamuu qabu Abiy Ahmadi malee Shimallis Abdiisaas, Kadiir Jawaaris ta’ee Musxafaa Muhammad miti. Duulli kantiibicharratti godhamu akeekni isaa takkaahuu dubbii karaa maqsuuf yookin ammoo qaama walmorkii murnaa keessoo isaanii ta’uu mala. ( Namni dubbii seenaa tana adda durummaan tuttuqee kaase ammoo ifattii hogganaa siyaasaa fakkaatus, qondaala damee basaasaa buulessa, kana bara Wayyaanees ummata Dirree Dhawaa walitti buusaa tureedha. Dameen basaasaa ammoo kantiibaa ykn bulchiinsa naannoon osoo hin taane Muummicha Ministeeraatin ajajama.) - Gorsi ani ummata keenya gama lamaanitiifuu qabu, dhimmi Dirree Dhawaas ta’ee kan biroos haala amma jiruun furmaata waaraa argachuu kan hin dandeenye ta’uu isaati. Murni angorra jiru akkuma wayyaneen leenjifatetti saboota walitti buusuuf malee furmaata waaraa fiduu hin feetu. Hawaasa Soomaleefi Oromoo walitti buusuuf wixxifataa akka jirtu argaa jirra. Atakaaroo Dirree Dhawaa kaasuun dabalta gama Baaleetiinis walitti buuftee jirti. Kanaafuu ummanni keenya murna badii tanaaf meeshaa ta'uun wal miidhuurra, ammaaf waliif obsuun gaafa tasgabbiin dubbiin furamuu dandeessu eeggachuutu wayya.

Repost from Jawar Mohammed
Sababuma fedheefuu murna mootummaa kana deeggaruu dandeessu. Kaayyoo isaaniitti amantanii. Faaydaa irraa argattanii. Waanuma
Sababuma fedheefuu murna mootummaa kana deeggaruu dandeessu. Kaayyoo isaaniitti amantanii. Faaydaa irraa argattanii. Waanuma fedheefu. Garuu ammoo Rabbiif jedhaa yakka fokkisaa daa’ima tana maatii jalaa butanii gudeedanii ajjeesan kana balaaleffadhaa. Simboo Birhaanu jedhamti. Umriin ishii 10. Daa’imti sun takkaa intala teessan yookin obboleetti akka taatetti laalaa! Boru waan mana tokkoo tokkoo keenyaatti dhufu hin beeknu!

Oduu: #WBO’n ‘birmadummaa #Keeniyaa nan kabaja’ jedhe; Gocha yakkaa irratti hirmaate jedhamuu haaleera Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) mootummaan Keeniyaa oppireeshinii irratti akka eegale ibsamuu hordofee ibsa baaseen, gocha yakkaa ittiin himatame waliin hidhata akka hin qabne eeruun “birmadummaa fi tokkummaa daangaa Keeniyaa guutummaatti nan kabaja” jedhe. Yakkoota naannawa daangaatti raawwataman fururratti aangawoota Keeniyaa waliin tumsuuf fedhii akka qabu kan eere jaarmiyaan hidhattootaa kun, “miseensi Waraana Bilisummaa Oromoo kamiyyuu yakka kana keessa yoo argame tarkaanfiin irratti fudhatama” jedhe. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5712

Maqaa ''Operation Odoa Jangili'' jedhuun Wiixata Guraandhala 03, 2025 kan eegale oppireeshiniin kun iddoo dahannoo WBO qulqulleessuuf akka ta'e poolisiin Keeniyaa ibseera. : BBC News Afaan Oromoo

Daa'imni umurii 10 taatu, Simboo Birhaanuu, torban kana qe'ee warra ishee keessatti ajjeefamte argamuun mufiifi dheekkamsa kaaseera. : BBC News Afaan Oromoo

#Itoophiyaatti dorgommiin Qur'aanaa biyyoonni 60 irratti hirmaatan xumurame Itoophiyaatti dorgommiin Qur'aana fi Azaana Idil-
+3
#Itoophiyaatti dorgommiin Qur'aanaa biyyoonni 60 irratti hirmaatan xumurame Itoophiyaatti dorgommiin Qur'aana fi Azaana Idil-addunyaa lammaffaa dorgomtoota biyyoota 60 irratti hirmaatan kaleessa xumurame. Dorgommicha Itoophiyaan sadarkaa sadaffaan xumurteetti. Dorgommiin Qur’aana fi Azaana to’annoo Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa jala Waldaa Qur’aanaa Zayid Ibnuu Sabitiin qophaa’e Istaadiyeemii Finfinneetti xumurameera. Sagantaa xumuraa kaleessa gaggeeffameen injifattoonni gosa dorgommii sadiin ifoomaniiru. Haaluma kanaan, dorgommii Qur’aana Hifiz Muhaammad Fu’aad #Liibiyaa irraa, Yusuf Ashir #Kaataar irraa, akkasumas Ahimad Bashir #Ameerikaa irraa walduraa duubaan 1ffaa hanga 3ffaa xumuraniiru. Qur’aana Hifiz dubartootaan Ruqiyaa Saalaah (#Yaman), Nasim Janaawjaa (#Aljeeriyaa), Qamaraa Waliyuu Mohaammad (Itoophiyaa) 1ffaa hanga 3ffaa bahaniiru. Dabalataan gosoota dorgommii biroon dorgomtoota #Indoneezhiyaa, #Turkii, #Masrii, #Iraaq fi #Yaman irraa dhufan injifataniiru.

photo content

Mootummaan Itoophiyaa Lammaa Magarsaa hidhuuf Xaaliyaaniin dabarsitee akka kennitu gaafate. Peresedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa kan ture obbo Lammaa Magarsaa erga bulchiinsa Abiyyi waliin wal dhabeen booda baqattummaan biyya Xaaliyaanii akka jiraatu himama. Namni Abiyyi Ahemadiin ganamuun isaa kan himamu Lammaa Magarsaa, oolmaa guddaa Abiyyiif kan oole deebi'ee Abiyyiin hidhamuuf barbaadamaa jira jedhame. Abiyyi Ahemad namoota isa tumsaa turan hedduu akka meeshaatti itti gargaaramee gataa tureera. Gatuu qofa osoo hin taane, namuma oolmaa oolaafii ture deebi'ee hiraarsuuf gidirsuun himatama. Lammaan erga biyyaa bahees bulchiinsa Abiyyi ammaa qeeqaa turuu isaa miidiyaaleen karaa garaa garaa himaa turaniiru. Gabaasa Itiyoo Fooram kaleessa galgala hojjeteen mootummaan Itoophiyaa Lammaan dabarfamee akka kennamu Xaaliyaanii gaafachuu ibse. Ta'us Xaaliyaaniin gaaffii kana akka kuffifte himameera. Sababaan Lammaa Magarsaa mormitoota waliin ta'uun jeequmsa Oromiyaa keessatti adeemaa jiru hammeesse jechuun himate. Namni kun biyyattii nagaa dhowwaa jira jechuun bulchiinsi mootummaa Itoophiyaa ammaa xaaliyaaniif gaaffii dhiyeesse jedhame. Siyaasa Itoophiyaa kan bara 2018 keessaatti gahee olaanaa kan taphate Lammaan, haala kanarra gahuun isaa hawwaasa fayyadamtoota miidiyaa hedduu aarsuu gabaasichatu ibsa. Dhiyeenya Shabboo Miidiyaa irratti gaaffiif deebii kan taasise Dr. Milkeessaa Miidhagaa akkaataa Lammaan sirnicha keessaa dhiitame bahe kaaseera. Lammaa Magarsaa Peresedaantii naannoo Oromiyaa ta'ee tajaajilaa wayiita turetti akka arge nama ajjeesuuf hidhuun qabbanaa'ee ture jedhamuun himama. MM Itoophiyaa ta'uuf yaadamee wayiita filamuurra gahutti Abiyyi Ahemad Abbaa Duulaa gammadaa michoonfachuun, ofii aangoo qabachuu akka danda'e obbo Milkeessaan himeera. Lammaa Magarsaa fi Abbaa Duulaa Gammadaa dhimma Wayyaanee irratti akka wal dhabanis himeera. Abbaa Duulaa Gammadaa TPLF nama jaallatu yoo ta'u, Lammaan garuu jara argaa isaanii akka hin feene hime

Repost from Jawar Mohammed
Wanti daa’ima tanarratti raaw’atame amma maal jedhamee dubbatama? Waan ummanniifi biyyi keenya keessa jiru…
Wanti daa’ima tanarratti raaw’atame amma maal jedhamee dubbatama? Waan ummanniifi biyyi keenya keessa jiru…

Oduu: Obbo Birhaanuu Adeeloo Komishinara Komishinii Mirgoota Namoomaa #Itoophiyaa haaraa ta'uun muudaman Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa har’a Amajjii 30, 2025 Obbo Birhaanuu Adeelootin Komishinara Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa (#KMNI) taasisuun bakka Daani’eel Baqqalaa (PhD) muudeera. Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa magaalaa Boongaatti kan dhalatan Obbo Birhaanuun, bara hojii isaa guutuu gita hojii mootummaa adda addaatti tajaajilaniiru. Waggoota jahaaf Ministira Dhimmoota Kaabinee, akkasumas Gorsaa Olaanaa Ministira Muummee duraanii Mallas Zeenaawwii ta’uun tajaajilaniiru. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5657

Shamarreen #Liibiyaatti ugguramte dararamaa turte maallaqaan gadhiifamte Shamarree lammii #Itoophiyaa baatii saddeet dura bar
Shamarreen #Liibiyaatti ugguramte dararamaa turte maallaqaan gadhiifamte Shamarree lammii #Itoophiyaa baatii saddeet dura barumsa adda kuttee kan caaluuf magaalaa #Shaashamannee irraa ka’un godaansarra otoo jirtuu Liibiyaatti harka hidhattoota buutee dararaan irratti raawwatamaa ture Nahiimaa Jamaal birrii 700,000 kaffalamee gadhiifamte. Kanneen ishee ugguran dolaara 6,000 (birrii 750,000) kaffaltan malee kanaan achi ''suuraa reeffa ishee isiniif ergina'' jechuun viidiyoo ergaa, maatii dorsisaa turan. Maatiinis maallaqa gaafatame kaffaluun akka itti cimuu himuun birmannaa gaafatanii turan. Nahiimaan amma hiikamuu ishee mirkaneessiteetti. Erga gadhiifamte booda turtii BBC waliin taasifteen lammiileen Itoophiyaa ishee waliin kan ugguraman baay'ee ta'u eeruun, isheefi kaan muraasni kaffalameef gadhiifamuu dubbatte. Haala hidhaa keessa dabarte yeroo himtu, “Reebichi, beeluunis wanta baay'eetu jira. Nyaanni hin jiru. Guyyaatti si'a tokko nyaanna” jette. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cde969znz15o

Luba Balaay Mokonniin hidhaa waggaa 5 fi birrii 10,000n akka adabaman itti murtaa’e Lakkoofsa Herreega Gamtaa Afrikaa irraa D
Luba Balaay Mokonniin hidhaa waggaa 5 fi birrii 10,000n akka adabaman itti murtaa’e Lakkoofsa Herreega Gamtaa Afrikaa irraa Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 waliin dhahuuf yaaluun yakka malaammaltummaan kan himataman Luba Balaay Mokonniin adabbii hidhaa waggaa shanii fi birrii 10,000 irratti murtaa’e. Shakkamtoonni shan galmee Luba Balaay Mokonniin jalatti himataman Gamtaa Afrikaa irraa kaffaltiin akka raawwatamuuf ajajni tokkooyyuu osoo hin jiraatiin Doolaarri miiliyoonni 6 fi kumni 50 akka kaffalamuuf sanada sobaa baankiif dhiyeessuun kaffaltii gaafachuu isaaniin yakka waliin dhahuu cimaan himatamuun kan yaadatamuudha. Haaluma kanaan mana murtiin dhaddacha har’a Amajjii 30, 2025 ooleen himatamaan 1ffaa Luba Balaay Mokonniin hidhaa cimaa waggaa shanii fi birrii 10,000n, himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaa tokkoon tokko isaanii hidhaa waggaa 3 fi ji’a 3 fi birrii 3000 itti murteesseera. https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0aKsFTXFePufmoqCodHco1fhDmVv1iXyHq5xWotjRHuGZESbQf7AotXNeT5MkwiVhl

Labsiin godaantota sakatta'uu, hidhuu fi biyyaa baasuu Pirezidnat Tiraamp labse waggoota afran dhufaniif kan itti fufu ta'uu mala. Kun baqattootatti yaaddoo guddaa ta'eera. : BBC News Afaan Oromoo

Naannoo Tigraayitti waldhabdee qondaalota TPLF gidduu jiru hordofee har'a miseensi paartichaa tokko hidhattoota shaniin deeggaramee buufata FM to'achuudhaaf yaalii taasisuun isaanii ibsame. : BBC News Afaan Oromoo

Repost from Jawar Mohammed
Abbootiin Gadaa Michillee gadi lakkifamuu dhageenyee jirra. Durattuu gochi ukkaamsaa sun irratti raaw’atamuu hin malle. Lamuu
Abbootiin Gadaa Michillee gadi lakkifamuu dhageenyee jirra. Durattuu gochi ukkaamsaa sun irratti raaw’atamuu hin malle. Lamuus itti deebi’amuu hin qabu!