302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Achi buuteen miseensota tuuta Gadaa #Karrayyuu guyyoota dura hidhaman dhabamuun maatii fi hawaasa biratti yaaddoo uume
Godina Shawaa Bahaa aanaa #Fantaalleetti miseensonni tuuta #Gadaa Karrayyuu fi jaarsolii biyyaa lakkoofsaan 20 ta’an Amajjii 06, 2025 hidhamanii hanga ammaa eessa buuteen isaanii dhabamuun akka isaan yaaddeesse maatii fi jiraattonni Addis Standard’tti himan.
Namni miseensi maatii isaanii jalaa hidhame tokko, “hanga ammaatti iddoo isaan jiran hin beeknu. Du’uu fi jiraachuu isaanis hin dhageenye” jedhan. Jiraataan aanichaa biroos ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu bara 2021 yaadachiisuun, “taateen sun akka hin deebine sodaa qabna” jedhan.
Walitti qabaa Itti aanaa Gamtaa Abbootii Gadaa #Oromiyaa kan ta’an Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa yaada Addis Standarditti laataniin, hidhaa namoota kanneen odeeffachuu eeruun, “garuu garam akka geeffaman quba hin qabu” jedhan.
Bal’inaan dubbisaa: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5610
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Bulchiinsi yeroo Tigraay murteen qondaalota waraanaa Tigraay “fonqolcha mootummaa ta'uufi waliigaltee Piriitooriyaa badiirra akka buusu” ibse
Murteen gareen qondaalonni waraanaa Tigraay of keessaa qabu dabarse “fonqolcha mootummaa ifa ta’eef waliigaltee Piriitooriyaa badiirra buusa" jechuun pireezidaantiin bulchiinsa yeroo Geetaachoo Raddaa ibse.
Gareen qondaalota naannichaa of keessatti hammate marii guyyootaaf taasisaa ture hordofuun ibsa guyyaa kaleessaa Maqaleetti baaseen, bulchiinsi yeroo Tigraay akka haaraatti akka hundeeffamu murtee dabarsuu beeksiseera.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5601
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Yaayyaa_Gullalleetti gocha reebichaa Abbaa Seeraa irratti raawwatame qoratamaa jiraachuu Mana Murtii Waliigalaa #Oromiyaa ibse
Godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullalleetti gocha reebichaa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Yaayyaa Gullallee Obbo Jiinenus Nagaasaa irra gahe godinichaaf qajeelfamni darbee qorannoon gaggeeffamaa kan jiru ta'uu Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa beeksise.
Yeroo ammaa yaalaaf hospitaalatti kan argaman Obbo Jiinenus reebicha qaamolee nageenya mootummaatiin irratti raawwatameen mataan, iji, dugdaa fi laphee akkasumas kalee isaanirra miidhaan gahuu himaniiru.
Kana malees, aanaa Yaayyaa Gullalleetti abbootii seeraa irratti reebicha fi doorsisni gahuu hordofee Manni Murtii Aanaa Yaayyaa Gullallee tajaajila dhaabuu Pirezidaantiin Mana Murtii Aanichaa Obbo Zannabaa Nagaash dubbatan.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5595
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Somaaliyaatti iddoowwan loltoonni #Itoophiyaa gadhiisan too’annoo al shabaab jala galuu malu jedhame
Somaaliyaatti kutaaleen bulchiinsaa loltoonni Itoophiyaa gadhiisanii bahan too’annoo al shabaab jala galuu akka danda’an jiraattonni himan.
Oduun kuni kan dhagahame, loltoonni Itoophiyaa bulchiinsa Kibba Lixaa Somaaliyaatti buufatanii turan naannicha gadhiisanii bahuu hordofeeti.
Iddoo Moqaadishoorraa fageenya 266km argamu magaalaa Diinsaar jedhamuu loltoonnni Itoophiyaa maaliif akka bahan wanti beekan akka hin jirre Shabalee miidiyaan jiraattota wabeeffachuun gabaaseera.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0WtE5uTZX6pDjxPG1GMkGQKELBnHdWySL3TqWRdqmpDWna37cuYn8Dg6Hg4m1nZ8Yl
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuullootti qaamoleen nageenyaa meeshaalee waraanaa dhukaasuun akkasumas uleedhaan jiraattotarratti miidhaa geessisuu kan himan jiraattonni, ammallee yaaddoo keessa jiraachuu BBCtti himan. : BBC News Afaan Oromoo
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuullootti qaamoleen nageenyaa meeshaalee waraanaa dhukaasuun akkasumas uleedhaan jiraattotarratti miidhaa geessisuu kan himan jiraattonni, ammallee yaaddoo keessa jiraachuu BBCtti himan. : BBC News Afaan Oromoo
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Mootummoonni hedduun naannoo Gaanfa fi Baha Afrikaa mirga namoomaa bu'uuraa ''ifatti tuffachuun'' qeeqxota isaanii humnaan akka callisan gochaa jiraachuu gabaasni Humaan Raayitis Wooch (HRW) beeksise. : BBC News Afaan Oromoo
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Miseensota jila Gadaa #Karrayyuu dabalatee hedduun 'waraana galchuu diddan' jedhamanii hidhamuu himame
Miseensota jila #Gadaa Karrayyuu dhiyeenya sirna buttaa qaluu raawwataniifi jaarsolee biyyaa dabalatee namoonni lakkoofsaan hanga 20 ta'an torban lama dura hidhamuun bakki jiran hanga yoonaa akka hin beekamne maatii fi jiraattoonni himan.
Namani miseensi maatiin isaanii lama jalaa butame tokko akka jedhanitti, Amajjii 6, 2025 bulchiinsi aanaa walga'iif akka isaan barbaade beeksisuun, jiraattoota gara Aanaa Fantaalletti akka waamee fi bakka namoonni walitti qabamanii humnoota nageenyaan fudhatamuu odeeffachuu BBC'tti himan.
Namoota walitti qabaman keessa tokko gara maatiitti bilbiluun, "jaarsolee biyyaafi abbootii Gadaa qofaatti adda nu baasanii eessa akka nuun dhaqan hin beeknu" jedhee odeeffannoo maatiif kenne ture jedhan.
Itti dabaluun, "ani akkan odeeffannoo qabutti jaarrolee kanaan waraana bosona jiru galchaa jechuun gaafachaa turan," jedhan.
https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c8j881z29ljo
Jawar Mohammed Emala Kitaaba Hin Gaabu Eebbisuuf Uummata Oromoo Wajjiin Magaala Minesootatii Godhaan
https://youtu.be/VUH_ai_fToY?si=ad82Ou4hw8t3W1VD
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Itoophiyaatti bara 2024 sarbiinsi mirga namoomaa “hammaataan” mudachuu HRW gabaase
Itoophiyaatti taateewwan akka lolaafi dhiibbaa dhaabbilee siviliirratti raawwatamuu eeruun sarbiinsi mirga namoomaa bara 2024 keessa raawwatame "hammaataa turuu" Hiyuumaan Raayts Waach (#HRW) gabaase.
HRW gabaasa waggaa guutuu bara 2024 dhiyeesseen, naannolee lolli keessa jiruufi hin jirre keessatti sarbiinsa humnoota mootummaa, milishaafi hidhattoota alidileetiin raawwatamuu ibseera.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5560
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Itoophiyaan biyyoota #Afrikaa haala hamaan gaazexeessitoota hidhan keessaa tokko ta’uu #CPJ ibse
Itoophiyaan biyyoota Afrikaa haala hamaa ta’een gaazexeessitoota hidhan keessaa tokko ta’uu dhaabbatni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ ibse. Gaazexeessitoonni shan himata “shororkeessummaa” hanga murtii du’aa adabsiisu irratti banamuu eereera.
Sadarkaa Afrikaatti #Eertiraan biyya gaazexeessitoota baay’ee haala hamaan hidhaatti darbatte jedhamuun sadarkaa tokkoffaarra kan jirtu yoo ta’u, jalqaba bara 2000 irraa eegalee gaazexeessitoonni 16 himannaa seeraa malee hidhaatti akka argaman ibsameera.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5564
Jawar Mohammed Emala Kitaaba Hin Gaabu Eebbisuuf Uummata Oromoo Wajjiin Magaala Minesootatii Godhaan
https://youtu.be/VUH_ai_fToY?si=GejEqRaPSM1qkCwd
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
+3
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu #Israa'el-#Hamaas booda lammiileen Falasxiin gammachuu ibsataa jiru
Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatuuf Israa'eliifi Hamaas waliigalaniiru oduun jedhu gama Kaataarii dhagahamuu hordofee lammiileen Falasxiin karaatti bahuun gammachuu ibsataa jiru.
Bakka buutonni Israa'elifi Hamaas kaleessa waaree booda Ministira Muummee #Kaataar wajjiin qofa qofaatti wal-arguun erga mariyatanii boodadha dhukaasa dhaabuf walii galuunsaanii kan dhagahame.
Kana hordofuun lammiileen Gaazaa alaabaa Falasxiin mirmirsaa karaatti bahanii gammachuu ibsataa jiru.
Minitirri Muummee Kaatar Al Taananin ibsa miidiyaaleef kennaniin, qaamoleen lamaan waliigalteerra gahuu mirkaneessuudhaan waliigaltichi gaafa Dilbata dhufu, Amajjii 19 irraa kaasee hojiirra akka oolus ibsan.
Hojiirra oolmaa waliigaltichaa biyyoota sadi: #Kaataar, #Ameerikaa fi #Masrii irra walitti bahe akka to'atus ifa godhan.
https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0bsXAugNoUVnRjKKWkctaVCi5YMjRDvyDvTH2ZjDNAVkSSoTbKYe6oHwG7t1rZeWzl
