en
Feedback
Galmo kormoso 👈

Galmo kormoso 👈

Open in Telegram

Oromia Shall be Free

Show more
302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Oduu: Naannoo #Amaaraatti bulchaa aanaa dabalatee namoonni sadi hidhattootaan ajjeeman Naannoo Amaaraa godina Walloo Kibbaa aanaa #Warra_Baabbootti kaleessa Bitootessa 11, 2025 bulchaa aanaa Warra Baabboo Obbo Fantaaw Kabbadaa dabalatee namoonni sadi hidhattootaan ajjeefamuu bulchiinsi aanichaa beeksise. Bulchaa aanichaa dabalataan hogganaa Kutaa Qorannoo Yakkaa Waajjira Poolisii Aanaa Warra Baabboo Inispeektar Zaman Fissahaa fi konkolaachisaa Kabbadaa Indiriis jedhamu hojiif osoo imalaa jiranii haleellaa "humnoota hidhataniin" ajjeefamuu ibsameera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5939

Artist Andu'aalam du'a kaadhimaa isaan walqabatee gaaffiif poolisii biratti dhihaate Artist Andu'aalam Gosaa du'a kaadhimaa i
Artist Andu'aalam du'a kaadhimaa isaan walqabatee gaaffiif poolisii biratti dhihaate Artist Andu'aalam Gosaa du'a kaadhimaa isaa shamarree Qananii Addunyaan walqabatee "qorannoof barbaadamee" gara buufata poolisii geeffamuu himame. Kaadhimaan isaa Qananiin ganama har'aa du'uu erga odeeffamee booda namoonni gadda isaanii miidiyaa hawaasaa gubbaa ibsaa jiru, akka qoratamuus gaafatan. Maanaajara Artist Andu'aalam kan ta'e Lalisaa Indiriis, qorannoon reeffaa Hospitaala Minilikitti taasifamuufi sirni awwaalchaa guyyaa boruu akka taasifamu BBC'tti hime. Qananiin kan duute "lafa barii jala sa'aatii 11 ta'uuf" yeroo jedhutti mana jireenyaa isaanii gamoo shanaffaa irraatii kuftee ta'uu kan himu Lalisaan, kan lafaa ishee kaase Andu'aalamiifi maatii isaa ta'uu himeera. Guyyaa kaleessaa guyyaa dhalootashee kabajuuf sagantaa suuraa ka'uu bakka Andu'aalam jirutti taasisaa akka turan kan eere Lalisaan, "maal akka isheen taate qorannootu godhamaa jira" jedhe. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c39vpzmpjevo

"Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti waraanni ka'uun waan hafu miti. Kaanaan ammoo kaartaa biyyootaa jijjiira." Guutu gabasa kanaaf ↪️↪️https://bbc.in/41VSJHI

🍎🍏 🇪🇹 Suurri omisha appilii MM Abiy fuula miidiyaa hawaasaa gubbaatti maxxansan maalif ijoo dubbii ta'e? Waajjirrisaanii hoo maaf ibsa baase? 👉🏽👉🏽 https://bbc.in/4htnR5Q

Oduu: #Itoophiyaa fi #Eertiraa gidduu “waraanni waan hin oolle fakkaata” - Lt. Jeneraal Tsaadiqaan Gabratinsaa'ee Pirezidaantii Itti aanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo #Tigraay Leetenaant Jeneraal Tsaadiqaan Gabratinsaa'een, Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu waraanni “waan hin oolle fakkaata” jechuun akeekkachiisan. Qophiin waraanaaf godhamu “sadarkaa xumuraarra gahuu” eeruun, Tigiraay dirree waraanaa ta’uuf balaarra jiraachuu himan. Kanaan dura Ajajaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Itoophiyaa kan turan Lt. Jeneraal Tsaadiqaan yaadasaanii ‘The Africa Report’ irratti barreessaniin, ''yeroo kamittuu Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waraanni ka'uu danda'a,'' jedhan. Waraanni kunis biyyoota lamaan bira darbee gara Sudaan fi naannawa Galaana Diimaatti babal'achuu akka danda'u akeekkachiisaniiru. Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5934

🇪🇹🇩🇯🇾🇪🇸🇦 Jaafar* Baalerraa dhufe. ‘’Nama shan jaha ta’a namni ani beeku kan nabiraa Yamanitti du’e.’’ Godaantonni Itoophiyaa kopheen harkaa dhumee miila qullaa cirracha akka ibiddaa nama guburra deemu. ↪️ https://bbc.in/4iBINIL

🕌 *Akkam bultan?* Soomni Ramadaanaa namoota gariif ni salphata. Kanneen hojiin guyyaa itti heddummatuuf garuu bishaan fi midhaan malee guyyaa guutuu ooluun salphaa miti. ➡️ https://bbc.in/3DsjEBG

Abbaan #Gadaa Guyyoo Boruu Abbaa Gadaa #Booranaa 72ffaa ta'uun Baallii fudhatan Sirni walharkaa fuudhiinsi Baallii Gadaa Boor
+2
Abbaan #Gadaa Guyyoo Boruu Abbaa Gadaa #Booranaa 72ffaa ta'uun Baallii fudhatan Sirni walharkaa fuudhiinsi Baallii Gadaa Booranaa 72ffaan guyyaa har'a Bitootessa 09, 2025 gaggeeffameera. Waggoota saddeet darbaniif sirna gooroo gadoomaa hogganaa kan turan Abbaan Gadaa Booranaa 71ffaan Kuraa Jaarsoo nagaan baallii isaanii dabarsaniiru. Guyyaa har’aa baallii kan fudhatan Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa Guyyoo Boruu waggoota saddeet itti aananiif sirna gooroo gadoomaa hogganu. Sagantaan Walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaan Bitootessa 04, 2025 irraa eegalee taateewwan garaagaraan gaggeeffamaa ture.

🇰🇪 Akkam bultan? Poolisoonni gara Garbatuulaa fi Isiyooloo bobbaafaman humnaan weeraruun namoota hidhuu, reebuu fi doorsisuu gabaase komishinichi. ➡️ https://bbc.in/43q3wuN

Pirezidantiin duraanii Itoophiyaa Mulaatuu Tashoomee barruu Aljaziiraaf erganii maxxanfameefi hariiroo Ertiraafi Itoophiyaa ammaa agarsiisa jedhame yaada dhuunfaasaaniitii jedhe mootummaa Itoophiyaa. : BBC News Afaan Oromoo

#Somaaliyaan Garba Hindii irratti #Itoophiyaaf buufata doonii kennuuf akka jirtu ibsite Dhimma ulaa galaanaan walqabatee gara
#Somaaliyaan Garba Hindii irratti #Itoophiyaaf buufata doonii kennuuf akka jirtu ibsite Dhimma ulaa galaanaan walqabatee gara waggaa tokkoof Itoophiyaa waliin waldhabdeerra kan turte Somaaliyaan, Itoophiyaan buufata doonii Galaana Hindii irratti argamu akka argattu gochuuf yaadaa akka jirtu gabaafame. Biyyoonni lamaan waldhabdee gidduu isaanii uumamee ture furuuf marii gaggeessaa kan jiran yoo ta’u, hanga ji’a Waxabajjiitti waliigaltee bu’uuraa xumuruuf kan kaayyeffate ta’uu Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Alii Mohaammad Omar gaaffii fi deebii Kamisa darbe Yunivarsaal TV waliin taasisaniin himaniiru. “Bu’uurri sun gosa buufata doonii kam akka kenninu, Garba Hindii irratti iddoo buufata doonii kun ijaaramu fi baasii waliigalaa isaa n murteessa,” jedhan Omar. https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0Ly9XFCkU8APTGjNHcj6LZkpKtFtxXR5w7RuchkafNGaJ4b3uqpMx4a1pscuu3BDhl/

Oduu: "Shaabiyaan dachee #Tigraay keessa jira; daangaa biyya keenya irraa bahuu qaba" - Aanga’aa #Itoophiyaa Waraanni #Eertiraa ammallee lafa Tigraay gar-tokkoon to’atee jiraachuu Ministirri Jallisii fi Naannawa Gammoojjii fi miseensi Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa Abrahaam Balaay (PhD) dubbatan. Itti dabaluun, “guutummaatti biyya keenya keessaa bahuu qaba” jedhan. Ministirichi af-gaaffii Televijiinii Itoophiyaa sagantaa Tigrinyaa waliin taasisaniin, bakkeewwan Tigraay Eertiraa waliin wal-daangeessan irratti waraanni Eertiraa "Shaabiyaa" jedhanii waaman to'achuun isaa “sababa humoonni nageenyaa Tigraay bakkicha hin eegneefi” jechuun qeeqaniiru. Bal’inaan dubbisuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5887

#Itoophiyaan Buufata Doonii Laamuutti caalmaatti fayyadamuuf #Keeniyaa waliin waliigalte Karaa Buufata Doonii Laamuutin sochi
#Itoophiyaan Buufata Doonii Laamuutti caalmaatti fayyadamuuf #Keeniyaa waliin waliigalte Karaa Buufata Doonii Laamuutin sochii fe’umsaa haala mijeessuuf waliigaltee Keeniyaa fi Itoophiyaa gidduutti taasifame hordofee buufatichi sochiiwwan dabalataa keessummeessuuf qophii ta’uu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo ibsan. Waliigalteen kunis “hojii dabalataa ni uuma, guddina dinagdee naannichaas ni cimsa” jedhan. “Hojii dabalataa uumuun diinagdee naannoo kanaa guddisuu akka dandeenyuuf Buufata Doonii Laamuutti fayyadamuuf mootummaa Itoophiyaa waliin waliigalleerra” kan jedhan Wiiliyaam Ruutoon, Kamisa darbe Baha Laamuu, odoolaa Naaduutti haasawa taasisaniin, buufata doonii kana guutummaatti fayyadamuun tumsa daldalaa naannoo sanaaf furtuu ta’uu isaa cimsanii dubbataniiru. https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid036ozc8RpXAtUejsa9fuAxtuJ8g3cLnrTUTgAQmMkqQ6ZaeZeSD9LRs3Ni4n1B431vl

Lammiilee Itoophiyaa hojii barbaaduf manaa ba'anii dirqiin hojii gowwoomsaa Interneetii Maayinamaar keessatti hojataa turanii ba'an mootummaan Itoophiyaa akka isaaniif qaqqabuuf gaafataa jiru : BBC News Afaan Oromoo

Namoota jaalalaan samii daawwataniif torbeen kuni kan isaaniiti. Pilaanetonni torba - Maars, Juppitar, Yuraanas, Veenas, Neeptuun, Meerkuriifi Saatarn yeroo gabaabaaf galgala samii irratti mul'achuufi. : BBC News Afaan Oromoo

Oduu: #WBO’n “bulchiinsa mootummaa ce’umsaa jalatti daangaa #Oromiyaa akka tiksu” haala mijeessuuf #ABO fi #KFO amaanaa fudhatan ABO fi KFO dabalatee jilli jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa marii torban darbe Finfinneetti gaggeesseen, rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiran furuuf paartileen lamaan “Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa paartilee Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu hunda hammate” akka hundeessan amaanaa kennuu ibse. Mootummaa Ce’umsaa Waloo jedhan kana keessatti ammoo mootummaa waliin waggootaaf walitti bu’iinsarra kan jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) “itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi dangaa Oromiyaa akka tiksuu danda’u haala barbaachisaa ta'e paartileen lamaan akka qindeessan” eerameera. Gabaasa guutuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5847

Repost from Jawar Mohammed
Torban dabre kana qophiilee HIN GAABBUn cinatti hogganoota hawaasa Calgary fi Edmonton waliin marii bal’aa taasifne. Marii ba
+1
Torban dabre kana qophiilee HIN GAABBUn cinatti hogganoota hawaasa Calgary fi Edmonton waliin marii bal’aa taasifne. Marii bal’aa dursitoota afooshaalee, waldaalee amantiifi dhaabbilee sivikii irraa dhufan waliin taasifame kanaan: - Calagary: jaarmaya waldaya hawaasaa deebisanii cinsuuf Edmonton: tattaaffii galma hawaasaa bituuf jalqabame saffisaan fiixa baasuuf waliif galame. Hawaasni keenya biyyoota alaa jiraatu lakoofsaan heddumaachaa jira. Heddumminni kun jaarmaya hawaasaa cimaan taligamuu baannaan faaydaan biyya alaa jiraachurraa argamuu qabu hanqatee miidhaa guddaaf saaxilamuu fida. Kanaafuu waldaalee hawaasaa cimsuun faaydaa dhuunfaa, hawaasaafi sabaafia barbaachisaadha. Har’a ammoo Torontoo jirra. Boru Atlantaatti goolabna. Mariifi hojiin garuu itti fufa.

Mootummaan Naannoo #Oromiyaa qondaaltota #WBO duraaniif muudama kennuu ibse Mootummaan Naannoo Oromiyaa qondaaltota Waraana B
+2
Mootummaan Naannoo #Oromiyaa qondaaltota #WBO duraaniif muudama kennuu ibse Mootummaan Naannoo Oromiyaa qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) duraanii ji’oota lama dura Muddee 01, 2024 mootummaa waliin waliigaltee araaraa mallatteessanii galaniif muudama laachuu beeksise. Qondaaltoota WBO duraanii muudaman kunneen Ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii (Yaadasaa) Nagaasaa dabalatee namoota sadii ta’uu ibsameera. Haaluma kanaan Obbo Yaadasaa Nagaasaa Sadarkaa Hogganaa Biirootti Gorsaa Nageenyaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun muudamaniiru. Dabalataan Obbo Oromiyaa Rabbumaa Tasammaa Hogganaa I/A Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa, Obbo Toleeraa Raggaasaa Hogganaa I/A Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa ta’uudhaan muudamaniiru. Sanyii Nagaasaan waliigaltee mootummaa waliin mallatteessan ilaalchisee ibsa Muddee 06 laataniin, waliigalteen “dhimmoota nageenyaafi hiree waraanaa irratti” xiyyeeffata jedhan kun “guyyoota lama booda” hojiitti akka seenu ibsanii turan.