302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Namoonni waraana #Tigraay irraa lubbuun hafan Jarmanitti qondaaltota #Itoophiyaa fi #Eertiraa irratti himannaa yakka waraanaa dhiyeessan
Namoonni waraana Tigraayiin miidhamanii lubbuun hafan saddeet Abbaa Alangaa Mootummaa Federaalaa Jarmanitti himannaa yakkaa dhiyeessan. Himannaa kanaan qondaaltonni mootummaa fi waraanaa Itoophiyaa fi Eertiraa kudha lama “yakka waraanaa fi yakka namoomaa” raawwachuun himatamaniiru.
Himannaa kana kan dhiyeessan “hojjetaa gargaarsa namoomaa duraanii fi qondaala bulchiinsa yeroo duraanii” dabalatee namoota saddeet yoo ta’an, akkuma “namoota kuma dhibbaan lakkaawwaman biroo” yeroo waraanatti “miidhaa saalaa, seeraan ala hidhamuu, dararaa fi beela” isaan mudachuu ibsameera.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6008
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Jeneraal Taaddasaa Birruu namoota gameeyyii kaan waliin kan ajjeefaman Bitootessa keessa.
Torban kun yaadannoo isaaniiti.
“Diddaatti dhalatee, diddaatti guddatee, diddaadhan kan du’e” Jeneraal Taaddasaa Birruu maaliin yaadatama?
↪️ https://bbc.in/43VFVSZ
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Itoophiyaan Galaana Diimaaf jettee #Eertiraa weeraruuf fedhii hin qabdu; Galaanni Diimaa Itoophiyaaf “dhimma jiraachuuti” - MM Abiy
Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Bitootessa 20, 2025 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti gaaffii dhiyaateef wayita deebii laatan Itoophiyaan Galaana Diimaaf jettee Eertiraa “weeraruuf fedhii akka hin qabne” dubbatan.
“Fedhiin Galaana Diimaa irratti qabnu #Somaaliyaa, #Jibuutii fi Eertiraa waliin waraana keessa kan galchu ta’uu hin qabu. Qabeenya walooti, hunda keenyaaf gahaadha. Haala hunda fayyadu danda’uun raawwachuun ni danda’ama,” jedhan.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6003
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Eertiraan hawwii ulaa galaanaa #Itoophiyaan qabdu ''dogoggoraa fi yeroon isaa irraa darbe'' jechuun qeeqxe
Ministirri Dhimma Alaa Eertiraa Osmaan Saaleh, hawwii Itoophiyaa “dogoggoraa fi yeroon isaa irraa darbe'' karaa “dippilomaasii ykn humna waraanaan” ulaa galaanaa argachuuf taasistu jedhaniin biyyi isaanii “burjaaja’aa” jiraachuu eeruun, kanaaf hawaasni idil addunyaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa akka godhu gaafataniiru.
Osmaan Saaleh ibsa kaleessa Asmaraatti ambaasaaddaroota biyyoota garagaraa, dippilomaatota fi hoggantoota dhaabbilee UN adda addaaf kennaniin, Eertiraan Itoophiyaa waliin waraana banuuf qophii gochaa jirti jedhamuu “himannaa sobaa” jechuun kuffisan.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5986
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Mootummaan Federaalaa murtee attamii dabarsuu danda'a?
Xiinxalaan BBCn dubbise tarkaanfiiwwan mootummaa federaalaa kamuu deebii maal hordofsiisuu akka danda'an ni ibsu.
https://bbc.in/4iy4No4
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Israa'el haleellaa bifa haaraan Gaazaa irratti banteen Filisxeemonni 220 du'uu ministiirri fayyaa Gaazaa beeksise.
👇👇
https://bbc.in/41O9pzu
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Ruwaandaan dippiloomaatota koloneeffattuushee duraanii, Beeljiyeem, Kigaalii jiraaniif sa'aatii 48 qofa kennite.
Maaltu bade?
https://bbc.in/3RchTLU
Repost from BBC News Afaan Oromoo
🇸🇴 Kuni seenaa addaa ajajaa waraanaa Ameerikaan barbaadaa turte, Itoophiyaan boojitedha.
Siyaasa keessatti diinni dhaabbataan hin jiru yaada jedhuuf fakkeenya qabatamaadha. Dhihaadhaa!
➡️ https://bbc.in/4iznBUb
Repost from BBC News Afaan Oromoo
🇸🇴 Kuni seenaa addaa ajajaa waraanaa Ameerikaan barbaadaa turte, Itoophiyaan boojitedha.
Siyaasa keessatti diinni dhaabbataan hin jiru yaada jedhuuf fakkeenya qabatamaadha. Dhihaadhaa!
➡️ https://bbc.in/4iznBUb
Repost from BBC News Afaan Oromoo
🌿 Itoophiyaa keessatti qonnaan bultoonni 'Kumarraa' ykn 'Shifarraa' jedhanii waamu.
Maqaan bal’inaan itti beekamu garuu Moringaadha.
↪️ https://bbc.in/4bvrbMx
Repost from BBC News Afaan Oromoo
📻🇺🇸 *Attam bultan?*
Tiraamp Sagalee Ameerikaa (VoA) cufuuf sochii eegalan. Hojjettootatti xalayaan ergameera.
➡️ https://bbc.in/4kU4O7B
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Ji’a tokko booda “gatiin bunaa waan gadi bu’uuf” qonnaan bultoonni dafanii akka gurguratan Biiroon Qonnaa #Oromiyaa dhaame
Ji’a tokko booda gatiin bunaa waan gadi bu’uuf yuuniyeenonni, daldaltoonnis ta’e qonnaan bultoonni buna callaa of harkaa qaban yeroon gurgurachuu akka qaban Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Hogganaa Ittaanaan Biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ibsa miidiyaaf kennaniin, biyyoonni omisha bunaatiin addunyaarratti beekaman kan akka #Biraazil, #Kolombiyaa fi #Veetinaam ji’a tokko booda gabaa addunyaaf dhiyeessuu waan eegalaniif gatiin bunaa gadi bu’uu akka danda’u himaniiru.
Biyyoonni buna qulqullinaafi baay’inaan gabaaf dhiyeessuun beekaman ji’a tokko booda heddumminaan gabaa addunyaaf waan dhiyeessaniif “buna biyya keenyaarratti dhiibbaa uumuu akka malu” Obbo Bariisoon dubbataniiru.
https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02ATDXWnT2YCvLQTjRhRGX6vj4QbXQKnzreL88QAyGYjFFPLL4pPA62DNgE2q1kPJFl
Repost from BBC News Afaan Oromoo
🇪🇷🐪🐪 Eertiraan waliigaltee nagaa Piritooriyaa 'booressuuf' yaada akka hin qabne ibsite.
Rakkoo TPLF keessatti mudateen wal-qabatee himannaa irratti dhiyaatufis deebii laatte.
👉🏽👉🏽 https://bbc.in/4kvp0wE
Repost from BBC News Afaan Oromoo
🇪🇹🇪🇷 *Itoophiyaafi Ertiraa*
Xiinxaltoonni biyyoonni yeroo dheeraaf diina walii turan haala amma jiruun lolatti seenuu malu jedhu.
➡️ https://bbc.in/4kJXeN9
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Tigraay keessatti muddama dabalaa dhufeen murni Dabratsiyoon waajjira kantiibaa fi FM #Maqalee 104.4 to’ate
Bulchiinsa Yeroo Tigraay fi ajajoota waraanaa #ABUT waliin hiriiran gidduutti waldhabdeen uumame yeroo hammaataa dhufeetti murni ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu Maqalee FM 104.4 fi waajjira kantiibaa magaalattii to’achuu maddeen Addis Standarditti himan.
Muddama siyaasaa hammaataa jiruun jiraattonni magaalota akka Maqalee, #Addigraat, fi #Addigudam hedduun yaadda’uu himaniiru. Jiraataan magaalaa Maqalee Addis Standard dubbise tokko, ''namoonni waan booda dhufu sodaachuun maallaqa baasaa fi meeshaalee barbaachisoo bitataa jiru” jedhe.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5961
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Naannoo Tigiraay keessa yaaddoo guddaa jira. Geetaachoo Raddaa jeneraalota garii hojiirraa dhorke.
Wal dhabdee hoggantoota TPLF gidduu sodaa guddaa uume, dhiibbaa Ertiraa waliin jiruu fi kaan dabalatee naannichi haala akkamii keessa jira?
👇👇 https://bbc.in/4iFA7kF
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Bulchiinsi Yeroo #Tigraay mootummaan federaalaa “gargaarsa barbaachisaa” akka godhuuf gaafate
Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay murni humna waraana Tigraay keessa jiru Waliigaltee Piriitooriyaa "diiguun" naannicha tasgabbii dhabsiisuuf hojjechaa akka jiru akeekkachiisuun, mootummaan federaalaa rakkoo hammaataa dhufe kana hubachuun "deeggarsi barbaachisaa akka kennu" gaafateera.
Bulchiinsi naannichaa ibsa Bitooteessa 12, 2025 baaseen, "Amajjii 23, 2025 irraa eegalee ajajoonni olaanaa waraana Tigraay tokko tokko dantaa aangoo namoota muraasa dhugoomsuuf ifatti fonqolcha mootummaaf sochii taasisaa jiru” jedhe. Itti dabaluudhaanis, ''torban kana keessa sochiin seeraan alaa'' ajajoota Adda Kaaba Bahaa fi Kibbaatiin durfamu “hammaatee jira'' jedhe.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5943
