302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Harargee_Bahaa Aanaa Kurfaa Calleetti dargaggoonni lama milishootaan ajjeeffamuu maatiin himan
Naannoo #Oromiyaa godina Harargee Bahaa aanaa #Kurfaa_Calleetti Amajjii 13, 2025 galgala dargaggoonni lama magaalaa Maayaa irraa gara aanaa Guraawaa motoraan imalaa osoo jiranii rasaasa qaamolee nageenyaatin ajjeefamuu maatiin Addis Standard’tti himan.
Dargaggoonni lamaan kun Kadiiree Shu’eebii fi Jaafar Abdulrazzaaq kan jedhaman yoo ta’u, lamaanuu jiraattota aanaa Guraawaa ganda Laaftoo ta’uu miseensi maatii dargaggoo Kadiiree tokko himaniiru.
“Ganama nagayaan nu biraa bahanii motorsaaykilii haaraa bituuf gara magaalaa Maayaa deeman. Erga bitanii booda galgala gara aanaa Guraawaa Laaftootti motorsaykiliima haarawa bitaniin deebi’aa osoo jiranii miseensonni milishaa rasaasaan rukutanii ajjeesan,” jedhan.
Gabaasa guutuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5541
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Saamsoon Mokonnin Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa ta’uun muudaman
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa’ii har’a gaggeesseen Saamsoon Makonniiin (PhD) bakka Obbo Mohaammad Idriis Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gochuun muudamu isaanii raggaasiseera.
Yuunivarsiitii #Finfinneetti Pireezidaantii Itti aanaa Kominikeeshinii fi Hariiroo Idil-addunyaa, akkasumas yuunivarsiitichatti gargaaraa piroofeesara maarkeetingii fi kominikeeshinii kan ta’an Saamsoon Mokonniin muudamaa kanaan Ministira Muummee Abiy Ahimadiin kaadhimaa ta’uun dhiyaatan.
Haaluma kanaan manni marichi walgahii idilee 15ffaa bara hojii 4ffaa har’a gaggeeffameen muudama kana fudhachuun Saamsoon Mokonniin Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gochuun raggaasiseera.
Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa duraanii Obbo Mohaammad Idris Ministira Nageenyaa Itoophiyaa ta’uun muudamuun isaanii ni yaadatama.
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Poolisiin Afrikaa Kibbaa dhalattoota Itoophiyaa 26 "baraare" jedhe
Poolisiin #Afrikaa Kibbaa godaantota #Itoophiyaa sanada gahaa hin qabne 26 qarqara magaala Johaanisbargitti daddabarsitoota namaatiin too'atamanii turan "bilisa baasuu" beeksise.
Dhalattoonni kunneen uffataafi waraqaa eenyummaa malee kan argaman yoo ta'u kan biroo lakkoofsaan 30 ta'an garuu foddaa cabsanii miliquu poolisiin beeksise.
Duulli kuni kan gaggeeffame magaala Kaaba Johaanisbargitti argamtu Saandriinghaam jedhamtutti
dhiironni 15 hidhamaniifi kanneen biroo 11 garuu miliquuf yeroo yaalanitti hubaman too'atamuun ibsameera.
Kana malees, namoota daddarbiinsa namaatiiniifi qawwee seeraan alaa hidhachuutiin shakkaman sadii too'annoo jala oolchuu poolisiin beeksiseera.
Oduu wal fakkaatuun, Itoophiyaanonni 80 ol ta'an Amajjii 2024 keessa haala sukanneessaa keessatti argamanii ture.
https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid02CwLYqKKyd8dHVi8mtwejn2M3yMgBtGuqczgk3eMMgSXaUHqn7LNYnZmSDd72uAqzl/
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Aksumitti barattoonni Muslimaa hijaaba dhorkamuun galmeen qormaata biyyoolessaa jalaa darbuu himan
Barattoonni Musliimaa kutaa 12ffaa Naannoo #Tigraay magaalaa Aksum keessa jiran bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee onlaayinii isa dhumaa kaleessa Amajjii 10 jalaa darbuu himan.
Barattuun Addis Standard dubbise, “amantiin keenya waan dhoowwuuf, galmee qormaata biyyaalessaaf hijaaba keenya baasuu hin dandeenyu. Seera amantii keenya cabsuu mannaa barnoota keenya dhiisuu filanna,” jette.
Gabaasa guutuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5501
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Kamisa Amajjii 9, 2025 galgala naannoo sa'aatii tokkoon booda samii kibbba Itoophiyaa fi kaaba Keeniyaa irratti laboobni ibidda fakkaatu samii keessa yeroo adeemu waan hawaasni hedduun arguun miidiyaalee hawaasummaa irrattis haalan qoodamaa ture. : BBC News Afaan Oromoo
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Shaashamanneerraa barnoota kutaa 11tti addaan kuttee Liibiyaatti kan godaante Nahiimaa Jamaal, wanbadootaan butamtee maallaqni itti gaafatamaa jira. Suuraafi viidiyoon Nahiimaa Jamaal yeroo dararamtu kan mul'isan yoo ta'u, maatiin ishee maallaqa gaafataman akka erganiif itti ergamaa turuu maatiin BBCtti himan. : BBC News Afaan Oromoo
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Yeroo bulchiinsa Hayilasillaasee Itti aanaa ministeera Maallaqaa kan turanii fi bara Obbo Mallas ammoo paarlaamaa keessatti Afaan Oromootiin dubbachuun kan beekaman Obbo Bulchaa Dammaksaa dubaa'an boqatan. : BBC News Afaan Oromoo
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: “Gaaffiin keenya deebii yoo hin arganne hawaasa musliimaa mariisisuun tarkaanfii fudhanna” - Majliisa #Tigraay
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Tigraay dhimma barattoota musliimaa magaalaa #Aksuumitti hijaaba uffatanii akka hin baranne dhorkaman irratti “gaaffiin keenya guyyaa sadi keessa yoo hin deebine hawaasa musliimaa waliin mari’achuun tarkaanfii ni fudhanna” jechuun hubachiise.
Majliisni naannichaa ibsa baaseen “barattoota musliimaa sababa waraanaan waggaa sadiif barnoota irraa fagaatanii turan deeggaruun osoo barbaachisu sababa hijaaba eenyummaa isaanii calaqqisu uffataniif qofa barnootaa ala gochuun seeraan alaadha,” jechuun qeeqe.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5450
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Itoophiyaatti sababa walitti bu'iinsaa fi buqqaatiin daa'imman miiliyoona sagal ol barnoota ala ta'aniiru: #UN
Dhaabbata Gargaarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtooman (UNICEF) yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti daa’imman miiliyoona sagal ol sababa walitti bu’iinsa, balaa uumamaa, fi buqqaatiin barnoota ala ta’uufi manneen barnootaa 6,000 ol cufamuu ibse.
Akka gabaasni haaraa bahe jedhutti, daa’imman barnootaan ala ta’an baay’inaan naannoo #Amaaraa (miiliyoona 4.4), #Oromiyaa (miiliyoona 3.2), fi #Tigraay (miiliyoona 1.2) keessatti argamu.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5447
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Waldaan Misooma Oromiyaa (WMO) kan ALI bara 1985 kufaatii sirna Dargii booda hundeeffame, amma maal irratti argama? : BBC News Afaan Oromoo
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: #Burundiin ergama nagaa kabachiisaa haaraa #Somaaliyaa keessatti bobbaafamu keessaa bahuu ibiste
Humna nagaa kabachiisaa haaraa guyyoota muraasa booda Somaaliyaatti bobbaafamee hojii eegaluuf biyyoota loltoota isaanii ni gumaachu jedhaman keessaa tokko kan turte Burundiin loltoota ishee akka hin gumaachine ifatti beeksifte.
Biyyattiin murtee kanarra kan geesse lakkoofsa loltoota ergama itti aanuuf Somaaliyaa keessatti bobbaafaman irratti waldhabdee uumameen booda ta’uu ibsameera. Burundii ergama kanaaf loltoota 2,000 gumaachuu barbaaddus, Somaaliyaan garuu loltoota 1,041 qofa hayyamteef.
Aanga’aan Burundii tokko yaada gaazexaa ‘Chimp Report’ jedhamuuf laataniin, ''nuti Somaaliyaa keessatti duula al-Shabaab irratti taasifneen wareegama guddaa kan kaffalle ta'us, gama aanga’oota Somaaliyaa irraa gocha gantummaa fi galata dhabuu hubanneerra,” jedhan.
https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0hCFNXSwTWKEWy7Y4gJPPxnaHkpT5mfGCkBAGyxn25HmPwXdDr8SajC4LWchfsJFnl
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adihaanoom, yeroo Israa'eel buufata xiyyaara Yaman haleeltuutti buufaticha keessa akka turan dubbatan. : BBC News Afaan Oromoo
Repost from Daniel daba🇱🇷
Acting Deputy Chief Mission of 🇺🇲 Embassy in 🇪🇹 Naomi Fellows affirms 🇺🇲 will continue supporting Ethiopia's Macro Economy Policy in her interview with ENA.
Repost from Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: Aanaaleen godina Shawaa Kaabaa “wiirtuu yaaddoofi dararaatti” jijjiiramuu jiraatonni himan
Sochiifi hokkora hidhattooni aanaalee godina Shawaa Kaabaatti raawwataniin walqabatee aanaaleen hedduu gara wiirtuu yaaddoofi dararaatti” jijjiiramuu jiraattonni aanichaa ni himu.
Akka Jiraattonni godinichaa jedhanitti, sochiin qaamolee hidhatanii kuni aanaalee Kuyyuu, Yaayyaa Gullallee fi Dagamitti kan eegale yoo ta’u gara aanaaleefi gandoota birootti babal’ateera.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02q3DJuRWV74Wff57HYfgpnz6Fgro5soEXmumd5EA2gEdpokKZrSYLHZTEjYYAK7s8l
Repost from BBC News Afaan Oromoo
Kitaabni nama siyaasaa Jawaar Mohaammad Kamisa har'aa magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti eebbisiisuuf ture guyyaa biraatti darbuu Jawaar beeksise. Kunis, sababa ''baay'ina hirmaattotaa fi nageenya'' isaaniin walqabatee bulchiinsa bakka galmi itti taasifamuun akka ta'e fuula Feesbuukii isaarratti barreesse. : BBC News Afaan Oromoo
