en
Feedback
Galmo kormoso 👈

Galmo kormoso 👈

Open in Telegram

Oromia Shall be Free

Show more
302
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1630 days
Posts Archive
Oduu: Lixa #Oromiyaa Aanaa #Abee_Dongorootti namoonni 7 hidhattootaan ajjeefaman; Jiraattonni "hidhattoota #Faannoo" himataniiru Naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu #Wallaggaa aanaa Abee Dongorootti Ebla 09, 2025 haleellaa konkolaataa uummataa irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni torba ajjeefaman. Kunis haleellaa guyyoota muraasa giddutti aanicha keessa raawwatame isa lammataati. Jiraataan aanichaa konkolaata kana keessa tureefi haleellaa kanaan hiriyyaan isaa waliin ture ajjeefamuu himu “karaatti hidhattoonni Faannoo kunneen bosona keessaa bahuudhaan dhukaasa nutti roobsan” jechuun haala ture ibsa. “Ani ija kootiin namoota hidhatan shan argeera” jedha. Jiraataan konkolaata kanaan imalarra ture kan biraan ammoo haleellaa kanaan abbaa isaa gara umrii ganna 45 ta’an isa cinaa ajjeefamuu hime. “Hanga ammaatti gadda fi rifaatuu cimaa keessa jirra” jedhe. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6132

Oduu: Barsiisota #Oromiyaa keessatti afaan #Chaayinaa barsiisan leenjisuuf waliigalteen mallattaa’e Yuunivarsiitiin #Finfinne
Oduu: Barsiisota #Oromiyaa keessatti afaan #Chaayinaa barsiisan leenjisuuf waliigalteen mallattaa’e Yuunivarsiitiin #Finfinnee fi Biiroon Barnoota Oromiyaa barsiisota naannoo Oromiyaa keessatti afaan Chaayinaa kan ta’e ‘Mandarin’ barsiisan leenjisuuf waliigaltee mallatteessan. Haaluma kanaan waggaatti barsiisota 30 leenjisuuf karoorfameera. Dhaabbileen lamaan waliigaltee wal-hubannoo bara barnootaa dhufu irraa eegalee Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti barsiisota afaan Mandariin leenjisuu isaan dandeessisu Roobii darbe Finfinneetti mallatteessaniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee turtii miidiyaa Zhinuwaa waliin taasisaniin, waliigalteen kun dandeettii barsiisota manneen barnootaa bultii addaa fi sadarkaa lammaffaa naannoo Oromiyaa keessatti afaan Chaayinaa barsiisan gabbisuuf irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru. https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0162Bhw3coqc14zvSoNMDa8Tn4e3QHFPwCaCxBQvwVYurtPmUFgENmvMb7UmkV3ufl

Obbo Geetaachoo Raddaan Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Mummichi Ministiraa ta’uun muudaman Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy
Obbo Geetaachoo Raddaan Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Mummichi Ministiraa ta’uun muudaman Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad obbo Geetaachoo Raddaatin Ministira Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa taasisuun muudaniiru. Waggoota lamaan darbaniif Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta'uun kan tajaajilan obbo Geetaachoon, guyyoota muraasa dura gaggeeffamuu isaanii ni yaadatama.

Tibbana Itoophiyaatti sagantaa haaraa xiyyaarota elektirikii tajaajila taaksii kennan eegaluuf waliigalteerra gahuu ibsame. Xiyyaaronni tajaajila taaksii Finfinnee keessatti akkamiin kennuu jalqabu? 👉👉 https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c1merz07ljvo?at_campaign=ws_whatsapp

Daandii Finfinnee -Salaalee lubbuu gurguranii deeman... Jalqaba ji'a Sadaasaa bara 2024tti bulchaa Aanaa Waacaalee Obbo Nugusee Kooruu dabalatee, namoota 45 ta'antu hidhattootaan ajjeefame. Amajjii 6, bara 2024 ammoo gaggeesitoonni godinaa sadii fi namoonni biroo lama aanaa Yaayyaa Gulallee keessatti ajjeefaman. Daandiin Tulluu Milkii fi ALii Dooroo jedhaman maaliif bakkatti namoonni ajjeefamanii fi butaman tahe? 👇👇 https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cgqv9v97ey7o?at_campaign=ws_whatsapp

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri US akeekkachiisa baasan. ⤵️ https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cj3x0e4xx3xo?at_campaign=ws_whatsapp

Oduu: #Amnastiin manni murtii #Keeniyaa ergaawwan jibbaa yeroo waraana #Tigraay darbaniif himata #Meettaa irratti dhiyaatu dhaggeeffachuuf murtoo dabarse jaje Amnastii Intarnaashinaal manni murtii olaanaa Keeniyaa waraana waggoota lamaaf naannoo Tigraay keessatti gaggeeffame irratti “hokkora sabaa fi ajjeechaa” raawwatameef gumaacha qaba jedhamuun himannaa dhaabbata abbaa qabeenyaa #Feesbuukii kan ta’e Meettaa irratti dhiyaate dhaggeeffachuuf murtoo darbse simachuu beeksiseera. Gochoota jibbaa fi jeequmsaa Feesbuukii irratti kakaafamaniin kanneen miidhamaniif “fandii deebisanii dhaabuu” doolaara biiliyoona 2.4 akka kaffalamu kan gaafatu himannaan kun, lammiilee Itoophiyaa Abrahaam Ma’aarag fi Fissahaa Taklee dhaabbata qorannoo heera mootummaa Keeniyaa keessatti argamu Inistuuyuutii Katiibaa waliin ta’uun dhiyaate. Abrahaam Ma’aarag abbaan isaa Ma’araag Amaare piroofeesara yunivarsiitii Baahirdaar kan turan Sadaasa bara 2021 “barreeffamni jibba kakaasu” isaan irratti xiyyeeffate Feesbuukii irratti erga faca’ee booda ajjeefaman. Murtoo kana booda ilmi isaanii Abrahaam, “murtoo mana murtii olaanaa Keeniyaa har’a kenneef galata guddaa qaba,” jedhe. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6075

Oduu: Horroo Guduruu #Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti “hidhattoonni #Faannoo” jiraattota 20 ol ajjeesan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa #Abee_Dongoroo ganda Tulluu Mootii jedhamu keessatti dhuma torban darbe Bitootessa 28, 2025 haleellaa hidhattoonni Faannoo raawwataniin jiraattonni 20 ol yoo ajjeefaman, namoonni sadi hidhattootaan butamuu aanga’aa fi jiraattoonni himan. Jalqaba hidhattoonni kunneen milishoota irratti dhukaasa banuu kan hime jiraataan gandichaa tokko, namoonni nagaa sagalee dhukaasaa dhaga'anii baqachaa turaniis rasaasaan rukutamanii ajjeefamuu eere. Bulchaa Itti-aanaa aanichaa Ayyaanaa Waaqee gama isaaniin, hidhattoonni kunneen “yeroo Raayyaan Ittisa Biyyaa bakka kanarraa ka’u haleellaa raawwatu” jedhan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6066

Itoophiyaatti haati Lamiin Siisay harka qalleettii waan turteef isa deessee ji'a lamatti guddifachaa faranjii tokkoof kennite. Ji'oota muraasaan booda haati Lamin mucaakoo deebisaa naa kennaa jettu ishee didan. Maqaa isaa Lamin irraa Noormanitti jijjiiranii nama adii tokkoof kennan. Namni kun waloo fi hoogganaa Yunivarsiitii Maanchistar ta'uun beekama. Lamin Siisay eenyu? https://bbc.in/3G35LdO

🕌🕋🇺🇲 Tiraamp Waayit Haawusitti sagantaa ifxaaraa qopheessee hawaasa Muslimaa galateeffate. Sagantaa kanarratti wa'ee Muslimootaa fi dhimmoota kaanis baayyee dubbateera. 👇👇 https://bbc.in/4hNxP23

Raadiyoo Sagalee Ameerikaa Adoolessa 15 bara 1995tti Waashingitan DC irraa Afaan Oromootiin tamsa'u tokko jedhe eegale. Waggoota kurna sadi darban kana keessatti uummata Oromoof maal buuse? Dhaggeeffatoonni waan himan qabu 👇 https://bbc.in/3RlvqRt

Oduu: #ABUT mootummaan federaalaa waliigaltee Piriitooriyaa "cabsaa jira" jechuun himate MM Abiy Ahimad pirezidaantii bulchiinsa yeroo #Tigraay haaraa muuduuf uummanni eeruu akka laatu gaafachuu isaanii hordofee ABUT mootummaan federaalaa Waliigaltee Piriitooriyaa “cabsaa jira”, murteewwan “kophaa” dabarsaa jira jechuun himate. ABUT marii tibbana mootummaa federaalaa waliin gaggeesseen Lt. Jeneraal Taaddasaa Warrada bakka Geetaachoo Raddaa bu’uun pireezidaantii bulchiinsa yeroo naannichaa akka ta’an waliigalteerra gahamee akka ture eeruun, adeemsi mootummaan federaalaa amma itti deemaa jiru “fudhatama hin qabu” jedheera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6044

Oduu: Manni Murtiin du’a Qananii Addunyaa irratti poolisiin qorannoo akka gaggeessu guyyaa dabalataa eeyyame Du'a jaalallee isaa shamarree Qananii Addunyaan shakkamee to’annoo seeraa jala kan jiru Artist Andu’aalam Gosaa har’a Bitootessa 26 ganama yeroo lammataaf Mana Murtii Federaalaa Dhaddacha Ramaddii Araadaatti yeroo dhiyaatu poolisiin guyyaa qorannoo kanaan dura kennameef keessatti ragaalee sassaabe mana murtiitti dhiyeesseera. Oolmaa dhaddacha har’aa irratti poolisiin hanga ammaa ragaa namoota 13 sasaabuu eeruun bu’aa qorannoo reeffaas mana murtii dhiyeeffachuu abukaatoon isaa Liiban Abdii Addis Standard'tti himaniiru. Itti dabaluun, “inni ajjeesuu isaa ragaan agarsiisu waan hin jirreef” mirga wabii gaafachuu himan. Gabaasa guutuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6035

Oduu: MM Abiy Ahimad Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo #Tigraay muuduuf uummanni eeruu akka laatu gaafatan Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay haaraa muuduuf uummanni Tigraay karaa imeeliidhaan eeruu akka laatu Ministirri Muummee Abiy Ahimad ergaa har’a Bitootessa 26, 2025 Afaan Tigrinyaan dabarsaniin waamicha dhiyeessan. Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaa hordofee waggaa lama dura baatii Bitooteessa keessa kan muudaman Geetaachoo Raddaan, bulchiinsi bu’a qabeessa ta’e diriiruu dadhabuu fi muudama bulchiinsaa irratti loogii qabaachuun qaamolee #ABUT keessa jiraniin himatamaa turaniiru. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6032

📰 Gaazexaan Bariisaa 'angafa gaazexaa Oromoo' jedhamuun beekama. Gaafa gaazexaan kun jalqaba maxxanfamu, “Gaazexaan Oromoo bahe jedhamee namni ajab jedhe!” jedhu Obbo Leencoo Lataa. Bariisaa hundeessuf ABOn dhoksaan akkamitti hojjataa akka tureefi qormaata isaan mudate BBCtti himan Obbo Leencoon. 👉🏿👉🏿 https://bbc.in/4j1S8dj

Biiroon Nageenyaafi Tasgabbii Naannoo Tigraay gartuu TPLF Dr Dabratsiyooniin hoogganamutti caalsifate, mormeera. ''Maqa balleessii'' akkasumas ''qaama dhimmi isaa hin ilaalletti quba qabuudha'' jechuun ibse. Hidhattoonni Faannoowoo? ↪️ https://bbc.in/4ixYKQV

Oduu: #Eertiraa fi #Masrii hirmaannaa biyyoota daangaa Galaana Diimaa hin qabne ‘akka hin fudhanne' ibsan Pirezidaantiin Masrii Abdal Fattaah Al-Siisii fi Ministirri Dhimma Alaa Eertiraa Osmaan Saaleh hirmaannaa biyyoota daangaa #Galaana_Diimaa hin qabne akka hin fudhanne ibsan. Akkasumas eegumsa fi bulchiinsi Galaana Diimaa hojii biyyoota galaana kana daangessan ta’uu akka qabus hubachiisaniiru. Qondaaltonni lamaan kana kan ibsan kaleessa Bitooteessa 23, 2025 Kaayirootti dhimma tasgabbii naannawaa, karaa #Somaaliyaa itti deeggaran, haala yeroo #Sudaan keessa jiruu fi nageenya Galaana Diimaa irratti marii taasisaniin ta’uu miidiyaaleen Masrii gabaasaniiru. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6023

Oduu: Raayyaan Ittisaa yaalii haleellaa humnoota #Faannoo jeneraala olaanaa #Tigraay’n deeggarame fashaleessuun "barbadeesse" jedhe Raayyaan Ittisa #Itoophiyaa haleellaa qindaa’aa humnoota Faannoo qondaala waraanaa Tigraay Birgaader Jeneraal Migbay Haayilan deeggaraman maqaa “Duula Tokkummaa” jedhuun naannoo #Amaaraa keessatti gaggeessan fashaleessuu fi “barbadeessuu” isaa beeksise. Birgaadeer Jeneraal Migbay Haayila “umurii isaa guutuu walitti bu’iinsa uumaa ture” jechuun kan qeeqe ibsi Raayyaa Ittisa Biyyaa, itti dabaluun “yeroo ammaa warqee Tigraay saamaa karaa Eertiraan gurguraa jira” jechuun himateera. Bir. Jeneraal Migbay hoggantoota waraanaa olaanoo ji’a Amajjii darbe keessa Bulchiinsa Yeroo Tigraay “diigamee irra deebiin akka gurmaa’u” gaafatan keessa isa tokkooti. Sana hordofees Pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaa hojiirraa isaan dhorkaniiru. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/raayyaan-ittisaa-yaalii-haleellaa-humnoota-faannoo-jeneraala-olaanaa-tigraayiin-deeggarame-fashaleessuun-barbadeesse-jedhe/

🇸🇩 Maagaalaa Kaartum deebisanii to'achuun waraana Sudaaniif milkaa'ina guddaadha. ➡️ https://bbc.in/4bJI5XX

*Attam bultan?* 🇪🇹 ABO fi KFO rakkoo itoophiyaaf falli mootummaa ce'umsaa ijaaruudha jedhanii turan. Eegasii maaltu ta'e? ↪️ https://bbc.in/4bPMRDo