ru
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

Открыть в Telegram

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university

Больше

📈 Аналитический обзор Telegram-канала ABDII SABAA

Канал ABDII SABAA (@abdii_sabaa) языкового сегмента Яванский является активным участником. Сейчас сообщество объединяет 598 995 подписчиков, занимая 39 место в категории Образование и 2 место в регионе Эфиопия.

📊 Показатели аудитории и динамика

С момента создания невідомо проект демонстрирует стремительный рост, собрав аудиторию из 598 995 подписчиков.

Согласно последним данным от 30 сентября, 2026, канал показывает стабильную активность. За последние 30 дней изменение числа участников составило 3 876, а за последние 24 часа — 87, при этом общий охват остаётся высоким.

  • Статус верификации: Не верифицирован
  • Уровень вовлечённости (ER): Средний показатель вовлечённости аудитории составляет 17.52%. В первые 24 часа после публикации контент обычно набирает 7.70% реакций от общего числа подписчиков.
  • Охват публикаций: В среднем каждый пост получает 104 934 просмотров. В течение первых суток публикация набирает 46 105 просмотров.
  • Реакции и взаимодействия: Аудитория активно поддерживает контент: среднее количество реакций на один пост — 409.

📝 Описание и контентная политика

Автор описывает ресурс как площадку для выражения субъективного мнения:
“SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university”

Благодаря высокой частоте обновлений (последние данные получены 01 октября, 2026) канал поддерживает актуальность и высокий уровень охвата публикаций. Аналитика показывает, что аудитория активно взаимодействует с контентом, что делает его важной точкой влияния в категории Образование.

598 995
Подписчики
+8724 часа
+9947 дней
+3 87630 дней
Архив постов
Ammee: Humnoonni TPLF fi Eertiraa Abalaa Gadhiisan; Magaalaa Maqaleetti Sochiin Hawaasaa Qabbanaa'uun Dhaga'ame Humnoonni TPL
+3
Ammee: Humnoonni TPLF fi Eertiraa Abalaa Gadhiisan; Magaalaa Maqaleetti Sochiin Hawaasaa Qabbanaa'uun Dhaga'ame Humnoonni TPLF fi Eertiraa magaalaa Abalaa gadhiisanii ba'uun isaanii dhaga'ameera. Haaluma kanaan, har'a sa'aatii 5:00 irraa eegalee Raayyaan Ittisa Biyyaa, Humna Affaar fi Humni Nageenyaa Tigraay iddoowwan Iribtii fi Abalaa guutummaatti to'annoo jala oolchaniiru. Maddeen keenya akka eeranitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Humni Nageenyaa Tigraay to'annoo kana booda qindoominaan gara magaalaa guddoo naannichaa, Maqaleetti socho'uu eegalaniiru. Gama biraatiin, sochiin hawaasaa magaalaa Maqalee keessaa baay'ee qabbanaa'ee akka jiru gabaafameera. Uummanni magaalattii "Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalattii seenaa jira" oduu jedhu hordofuun manneen ofii keessa akka jiran dhaga'ameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Humni 'TPF' Maqalee Irraa Kiiloo Meetira 43 Fagaachuu Inse; Naannoon Abalaa To'atame Humni Nageenyaa Tigraay (TPF) kan yeroo
+1
Humni 'TPF' Maqalee Irraa Kiiloo Meetira 43 Fagaachuu Inse; Naannoon Abalaa To'atame Humni Nageenyaa Tigraay (TPF) kan yeroo ammaa iddoo 'Haraa Mareet' jedhamutti argamu, magaalaa guddoo naannichaa Maqalee irraa fageenya kiiloo meetira 43 dhihaachuu isaa beeksiseera. Gama biraatiin, naannoon Abalaa fi naannawwa ishee guutummaatti to'annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota TPF jala galuu isaa ragaaleen dabalataa ni addeessu. Gareen hidhattootaa naannoo Tigraay keessatti dhiheenya kana hundaa'e fi Humna Nageenyaa Tigraay (TPF) jedhamu kun, waraana yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru irratti Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriiruun garee TPLF (Wayyaanee) irratti haleellaa raawwachaa akka jira. Humni haaraan kun sirna Wayyaanee guutummaatti kan mormudha. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Humni Nageenyaa Tigraay Raayyaa Ittisa Biyyaa Waliin Ta'uun Gara Abalaatti Dhihaachuu Beeksise Humni Nageenyaa Tigraay ibsa k
+2
Humni Nageenyaa Tigraay Raayyaa Ittisa Biyyaa Waliin Ta'uun Gara Abalaatti Dhihaachuu Beeksise Humni Nageenyaa Tigraay ibsa kenneen, Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin qindaa'uun naannoo Affaar keessatti humnoota TPLF fi Eertiraa iddoo Iribtii jedhamu irraa ari'aa fi baasaa akka jiru beeksiseera. Humnichi akka ibsetti, yeroo ammaa kana gara magaalaa Abalaa—ishee magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqalee irraa kiiloo meetira 50 qofa fagaattee argamtutti—baay'ee dhihaachaa akka jiran ifoomseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Obbo Musxaafaa Mahaammad Irra Deebi'uun Pirezidaantii Naannoo Somaalee Ta'uun Muudaman Manni Maree Naannoo Somaalee yaa'ii 1f
+1
Obbo Musxaafaa Mahaammad Irra Deebi'uun Pirezidaantii Naannoo Somaalee Ta'uun Muudaman Manni Maree Naannoo Somaalee yaa'ii 1ffaa waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa isaa gaggeessaa jira. Yaa'ii taa'amaa jiru kanaan, Obbo Musxaafaa Mahaammad Umar irra deebi'uun Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Somaalee taasisuun filatee muudeera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

😱 Maashinii rifeensaa fi areedaa qarshii 1,850 qofaan bakka jirtanitti! Maashinii rifeensaa fi areedaaf mijataa ta'e ✅ Ilkaa
+1
😱 Maashinii rifeensaa fi areedaa qarshii 1,850 qofaan bakka jirtanitti! Maashinii rifeensaa fi areedaaf mijataa ta'e ✅ Ilkaan (koombee) geeddaramu 4 ✅ Zayitii maashinicha laaffisu ✅ Burushii ittiin qulqulleessan ✅ Chaarjarii orijiinaala #Hunda_isaa qarshii 1,850 qofaan fudhadhaa! ‼️ Meeshaa muraasa qofatu nu harka jira Dafaa nuuf bilbilaa‼️ 👉📞0936085727 👉📞0936085727 #Finfinnee keessa bakka jirtanitti tola isiniif ergina; kutaalee biyyaa biroof immoo poostaadhaan ni ergina. ✂️ Ibsaatu bada, mana rifeensaatti dabaree eeguun na nuffisiise jettanii osoo hin yaadda'in, yeroo manaa baatan hunda rifeensaa fi areeda keessan ofumaa haalaan bareechuuf. ✂️ Rifeensa kutaa qaamaa kamiyyuu irra jiru qulqulleessuu kan danda'u. ✂️ Chaarjii tokkoon guyyaa 45 ol kan tajaajilu. ✂️ Chaarjarii mataa isaa fi ilkaan geeddaramu 4 kan qabu. ✂️ Orijiinaalaa fi fayyadamuuf salphaa kan ta'e. ✂️ Rifeensaa fi areedaaf bifa (sarara) baasuuf filatamaa. ✂️ Rifeensa daa'immaniitiifis mijataa kan  ta'e. ✂️ Dhiirri hundi qabaachuu kan qabu meeshaa filatamaa. 🎁 Namoonni bitatan hundi jaalataniiru🙏 ‼️Ajajuu fi ragaa dabalataa argachuuf‼️ 👇👇👇👇👇👇👇 📞ዐ936085727 📞ዐ936085727 nuuf bilbilaa! ✍Yookiin bilbilaa fi teessoo keessan karaa 👉@dubai_sell13 nuuf ergaa! 🎁 Meeshaalee biroo ilaaluuf 🎁 @Dubai_tera2 👆👆👆 join godhaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform

Humni Nageenyaa Tigraay Iddoowwan Hedduu To'achuu Beeksise; Hoggantoonni TPLF Gara Eertiraatti Baqachuun Dhaga'ame Humni Nage
+2
Humni Nageenyaa Tigraay Iddoowwan Hedduu To'achuu Beeksise; Hoggantoonni TPLF Gara Eertiraatti Baqachuun Dhaga'ame Humni Nageenyaa Tigraay (Tigray Peace Force) ibsa haaraa baaseen, waraana guyyoota saddeet dura Fulbaana 12 eegaleen, har'a Fulbaana 20, bara 2019 haleellaa raawwatame qofaan iddoowwan hedduu humnoota TPLF irraa bilisa baasuu isaa ifoomseera. Iddoowwan to'ataman kunniinis: Magaalaa Maayicaaw, carcar, Makoonii, Xaa'idaa Mayidaa, Hadaa Algaa, Kikiftoo, Hugumbirdaa, Haashangee, Waarabaayyee, fi Maay Maa'idoo (guutummaatti) yoo ta'an, waraanni kun amma ammaattis itti fufaa akka jiru humnichi ibseera. Haaluma wal qabateen, Raayyaan Ittisa Biyyaa naannoo Tigraay keessatti hojii seera kabachiisuu fi to'annoo isaa cimsatee itti fufuun, gara magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti imalaa yeroo jirutti, hoggantoonni TPLF biyya gadhiisanii ba'uun isaanii dhaga'ameera. Ragaaleen bahaa jiran akka agarsiisanitti, hoggantoonni kunneen kaleessa waaree booda gara magaalaa daangaa Eertiraa Sanaafeetti seenaniiru. Torban darbe naannawa Raayyaa, Allaamaaxaa fi Saqoxaa keessatti sochiin waraanaa TPLF deebi'ee haareffamuu hordofuun Raayyaan Ittisa Biyyaa tarkaanfii waraanaa fudhachuu eegaleera. Hoggantoonni garee kanaa sababa imala baqaa irra turaniif guyyootaaf odeeffannoo tokko osoo hin kennin callisanii turaniiru. Gareen kun yeroo jalqabaatiif kaleessa galgala ibsa baaseen “sirna karoora sanyii duguuggaa qabu waliin wal'aansoo gochuun of-ittisaa jirra" jechuun ibsus; qabatamaan lafarratti haalli jiru garuu faallaa kanaa ta'uu fi Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo gara Tigraay seenu hawaasa irraa simannaa ho'aan akka taasifameef gabaafameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

ODUU GAMMACHIISAA: Ayyaana Irreechaa Sababeeffachuun Hir'ifama Gatii Beeksisa Miidiyaa Abdii Sabaa Irratti %80 Taasifneerra!
ODUU GAMMACHIISAA: Ayyaana Irreechaa Sababeeffachuun Hir'ifama Gatii Beeksisa Miidiyaa Abdii Sabaa Irratti %80 Taasifneerra! Baga Ayyaana Irreechaa, ayyaana aadaa, tokkummaa, nagaa fi araaraa, kan bara kanaan nagaan isin gahe! Ayyaana guddaa fi kabajamaa kana sababeeffachuun, maamiltootaa fi hordoftoota keenya kabajamoo ta'aniif kennaa addaa qopheessinee jirra. Tajaajilaa fi oomishaalee keessan beeksifachuuf hir'ifama gatii guddaa dhibbantaa 80 (%80) taasifnee akka jirru gammachuudhaan isin beeksifna. Oomishaafi Tajaaila keessan beeksifachuuf hayyama daldalaa qabaachuun kan isinirraa eegamu yommuu ta’u @abdiisabaadm irratti ragaawwan qulqullina tajaajila keessanii mirkaneessan erguun harra itraa eegaktanii carraa kanatti fayyadamuu ni dandeessu. Carraa addaa kanatti fayyadamuun ayyaanicha caalaatti ho'isaa! Irreechi kan nagaa, kan badhaadhinaa, kan jaalalaa fi kan tokkummaa akka isiniif ta'u hawwina. Baga ittiin isin gahe! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

ODUU HATATTAMAA: Finfinnee fi Naannawa Isheetti Diroonii Balaliisuun Yeroo Hin Murtoofneef Dhorkame Tajaajilli Odeeffannoo fi
+1
ODUU HATATTAMAA: Finfinnee fi Naannawa Isheetti Diroonii Balaliisuun Yeroo Hin Murtoofneef Dhorkame Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa har'a irraa eegalee yeroo hin murtoofneef magaalaa Finfinnee fi naannawa isheetti diroonii kamiyyuu balaliisuuf heyyamni akka hin kennamne beeksise. Tajaajilichi ibsa dhimma itti fayyadama diroonii fi wantoota balali'an biroo ilaalchisee baaseen, dhorkaan kun yeroo hin murtoofneef guutummaatti hojiirra akka oolu ifoomseera. Akka ibsa tajaajilichaatti, "Akkuma yeroo kaanii, magaalaa Finfinnee fi naannawa isheetti diroonotaa fi wantoota balali'an biroo socho'an to'achuuf teeknooloojii farra-diroonii (anti-drone) qindaa'aa ta'etti fayyadamuun hordoffii fi to'annoon cimaan taasifamaa jira," jedheera. Akeekkachiisa kenname kana cabsuun diroonota balaliifaman kamiyyuu adda baasuun, fageenya ykn olka'iinsa kamiyyuu irra yoo jiraatanis butuun (hack gochuun) bakka barbaadametti akka qubatan taasisuun, akkasumas iddoo ooftotni ykn namoonni balaliisan sun jiran sirriitti adda baasuun to'annoo jala oolchuun tarkaanfiin seeraa cimaan kan irratti fudhatamu ta'uu dhaabbatichi akeekkachiiseera. Kanaan dura qaamoleen sababa hojiitiif diirooniitti fayyadamuu barbaadan; kaayyoo balalichaa, iddoo itti balaliisan, gosa diiroonichaa fi lakkoofsa moodelaa caqasuun dursanii Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaatti iyyachuun heyyama argachaa akka turan dhaabbatichi yaadachiiseera. Haa ta'u malee, nageenya bu'uuraalee misoomaa ijoo fi taateewwan biyyaalessaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta'uun eegsisuuf itti gaafatamummaa qabu bahuuf jecha, heyyama kennuu dhiisuu fi dhorkaa balalii kana yeroo hin murtoofneef hojiirra oolchuu isaa himeera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Paayileetonni Wal Loluun Inni Tokko Albeedhaan Waraanamuun Gabaafame Xiyyaara 'Flydubai' lakkoofsa balalii FZ1073 fi gosa Boo
+3
Paayileetonni Wal Loluun Inni Tokko Albeedhaan Waraanamuun Gabaafame Xiyyaara 'Flydubai' lakkoofsa balalii FZ1073 fi gosa Booying 737 ta'uun Dubaay irraa gara Tel Aviivitti imalaa ture keessatti, qilleensa irra osoo jiranii paayileetota gidduutti walitti bu'iinsa cimaan uumamuu isaatiin xuyyaarichi dirqamaan buufata xiyyaaraa Tabuuk kan biyya Sa'uudii Arabiyaatti qubachuun isaa gabaafame. Yeroo balalii kana keessatti, paayileetii gargaaraa fi paayileetii muummee gidduutti waldhabbiin uumame gara lolaatti kan cee'e yoo ta'u, paayileetiin gargaaraan kun xiyyaaricha kuffisuuf yaalii gochuun paayileetii muummee albeedhaan waraanee madeessuu isaa ibsameera. Gocha kanaan wal qabatee, xiyyaarichi yeroo gabaabaa keessatti fageenya (feet) kumaatamaan lakkaa'amu hatattamaan gadi bu'uun balaa nageenyaa hamaa uumee ture. Balaa tasaa uumame kana hordofuun, imaltoonni fi hojjettoonni keessa xiyyaarichaa gidduu lixuun paayileetii haleellaa raawwate kana to'annoo jala oolchuu danda'aniiru. Xiyyaarichis erga qunnamtiin addaan citee fi dhiphinni hamaan uumamee booda nagaan Sa'uudii Arabiyaatti qubachuu kan danda'e yoo ta'u, imaltoonni 100 ol keessa turan hundis nagaan jiraachuu mirkanaa'eera. Paayileetiin miidhame yaalii fayyaa argachaa kan jiru yoo ta'u, sababni bu'uuraa fi haalli walitti bu'iinsa kanaa qoratamtaa jira. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Allaamaaxaan akka hin qabamneef dargaggeessa Tigraay meeqaatama erga ficcisiisanii booda Geetaachoo Raddaag jechammoo gadhiisanii ba’anii? Jarri kun ummata Tigraayiif tuffii akkamii qabuu laata?

Aadde Adaanach Abeebee Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Ta'uun Kakuu Raawwatan SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Aadde Adaanach Abeebee Irra Deebi'uun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Ta'uun Muudaman Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa'ii hund
+3
Aadde Adaanach Abeebee Irra Deebi'uun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Ta'uun Muudaman Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa'ii hundeeffama mootummaa bulchiinsa magaalattii fi baniinsa marsaa 4ffaa har'a gaggeessaa jiruun, Aadde Adaanach Abeebee irra deebi'uun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee taasisuun filatee muudeera. Yaa'iin idilee dhimma hundeeffama mootummaa kana irratti xiyyeeffate kun, Galma Walgahii Mana Marichaa kan Siidaa Injifannoo Adwaatti argamutti haala ho'aan taa'amaa jira. Haaluma kanaan, kantiibattiin muudama haaraa kana fudhachuun bulchiinsa magaalattii waggoota itti aananiif akka hoogganan itti gaafatamummaan guutuun kennameeraaf. Sirni muudamaa fi hundeeffama bulchiinsa haaraa kun raawwii hojiiwwan magaalattii gara fuulduraatiif murteessaa akka ta'e ibsameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

TPLF Magaalaa Allaamaaxaa Kan Gadhiiseef "Obbo Geetaachoo Raddaa Gadda Abbaa Isaanii Akka Dhaqqabaniifi" Jechuun Ibsa Kenne A
+2
TPLF Magaalaa Allaamaaxaa Kan Gadhiiseef "Obbo Geetaachoo Raddaa Gadda Abbaa Isaanii Akka Dhaqqabaniifi" Jechuun Ibsa Kenne Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) humni waraanaa isaa magaalaa Allaamaaxaa nagaan gadi lakkisuu isaa ilaalchisee ibsa haaraa baaseera. Akka ibsa gareen kun miidiyaaleef ifoomsetti, sababni isaan magaalattii osoo waraanaatti hin seenin gadhiisanii ba'aniif wal-diddaa dhiheenya kana uumame irraa bilisa ta'uun, Gorsaa Muummee Ministiraa fi Pirezidaantii duraanii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay kan ta'an Obbo Geetaachoo Raddaa, abbaan isaanii waan boqotaniif sirna gaddaa fi boo'ichaa isaanii akka dhaqqabataniif haala mijeessuuf ta'uu beeksiseera. TPLF ibsa isaa kanaan, "Nuti Allaamaaxaa kan gadhiisneef Geetaachoofi; inni yoo nu ganes nuti isa hin gannu. Kaayyoon isaa kan hin gargaarre yoo ta'eyyuu, nuti garuu isatti hin hammaannu," jechuun ibseera. Dabalataanis, maanguddoon kabajamaan abbaan isaanii waan boqotaniif, Obbo Geetaachoon bakka sanatti argamuun haala nagaan gadda isaanii akka xumurataniif jecha magaalattii nagaan gadi lakkisnee baaneerra jechuun gareen kun haala yeroo ammaa naannichatti uumameen wal qabatee yaada isaa uummataaf ibseera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Magaalaa Finfinnee Naannoo Gabaa Markaatootti Balaan Ibiddaa Ka'uun Ibsame Magaalaa Finfinnee, iddoo gabaa Markaatoo naannoo
+1
Magaalaa Finfinnee Naannoo Gabaa Markaatootti Balaan Ibiddaa Ka'uun Ibsame Magaalaa Finfinnee, iddoo gabaa Markaatoo naannoo addaa 'Xaasaa Taraa' jedhamee waamamutti har'a galgala balaan ibiddaa mudachuu isaa gabaafame. Gabaan Markaatoo yeroo irraa gara yerootti balaa ibiddaatiif irra deddeebi'amee saaxilamaa kan jiru yoo ta'u, dhiheenya kana iddoo sanatti balaan ibiddaa hamaan ka'uun qabeenya irratti mancaatii guddaa geessisee akka ture ni yaadatama. Jiraattonni naannichaa balaan kun mudachuu isaa kan eeraan yoo ta'u, qaamoleen dhimmi ilaallatu hatattamaan iddoo sana gahanii sochii eegalaniiru. Balaan kun naannoo buufata poolisiitti kan ka'e yoo ta'u, konkolaattoonni ittisa balaa fi ogeeyyiin hatattamaan gara iddoo sanaa imaluun ibiddicha dhaamsuu fi to'achuuf hojjechaa jiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform

Viidiyoo Ediitingii (Video Editing) Bilbila Harkaa Qofaan Baradhaa! Viidiyoowwan qulqullina olaanaa qaban bilbila harkaa kees
Viidiyoo Ediitingii (Video Editing) Bilbila Harkaa Qofaan Baradhaa! Viidiyoowwan qulqullina olaanaa qaban bilbila harkaa keessan qofaan akkamitti akka 'edit' gootan barachuu ni barbaadduu? Carraa gaarii dhiyaate kana fayyadamaa! Dandeettii kana horachuuf ulaagaan barbaadamu bilbila harkaa (Smartphone) qabaachuu qofa yoo ta'u, kaffaltii baay'ee xiqqaa ta'e, qarshii 199 qofaan barnoota kana guutummaatti argachuu ni dandeessu. Ogummaa yeroon kun barbaadu kana horachuuf carraa kanaan fayyadamaa! Barnoota kana amma eegaluuf liinkii asii gadii kana tuqaa: 👇👇👇 https://fulbek.com/learn/video-editing-f9b9b1ef barnooti kun @Abdii_Sabaa_University tiin isniif qophaa'e. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform

AMMEE: Caffeen Oromiyaa Caasaa Haaraa Naannichi Godinaalee Jaha (6) Qofa Akka Qabaatu Taasisu Raggaasise Yaa'ii hundeeffamaa
+1
AMMEE: Caffeen Oromiyaa Caasaa Haaraa Naannichi Godinaalee Jaha (6) Qofa Akka Qabaatu Taasisu Raggaasise Yaa'ii hundeeffamaa Caffeen Oromiyaa har'a gaggeesseen, labsiin haaraan caasaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa bifa haaraan gurmeessuu fi godinaalee digdamii tokko (21) turan gara godinaalee jaha (6) qofaatti dachaasu sagalee guutuun ragga'eera. Labsiin kun seenaa bulchiinsa naannichaa keessatti yeroo jalqabaatiif godinaaleef raamii seeraa fi angoo murtoo kennuu guutuu kan kenne ta'uun ibsameera. Haaluma kanaan, caasaan haaraan kun kallattii irratti hundaa'uun naannicha deebisee kan gurmeessu yoo ta'u, godinaaleen haaraan kunis Godina Bahaa, Dhihaa, Giddugaleessaa, Kibbaa, Kibba Lixaa fi Kibba Bahaa jechuun maqaan kennameeraaf. Labsiin kun gurmaa'insa, angoo fi hojii qaamolee raawwachiiftuu godinaalee, aanaalee fi gandootaa ifatti murteessuuf kan bahe akka ta'e ifoomeera. Wixinee labsii haaraa kana ilaalchisuun miseensota Caffeetiif ibsa bal'aa kan kennan Hogganaa Biiroo Haqaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo, labsiin kun riifoormiiwwan hunda-galeessa naannicha keessatti eegalaman itti fufsiisuuf kan qophaa'e ta'uu hubachiisaniiru. Tajaajiloonni naannoo Oromiyaa keessatti kennaman gara caasaa gadiitti bu'aa jiraachuu kan eeraan hogganichi, caasaan godinaalee haaraan kun haala gurmaa'insaa, to'annoo fi hordoffiitiif baay'ee mijaawaa ta'uu ibsaniiru. Dabalataanis, labsiin kun waajjiraalee godinaalee jahan kana jalatti argaman ifatti kan kaa'ee fi angoo murteessummaa olaanaa godinaaleef kan kennu yoo ta'u, sirna mootummaan naannichaa ijaaru deeggarsa seeraatiin guutummaatti akka cimu kan taasisu akka ta'e eeraniiru. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS 🤖 https://t.me/Asbeksbot/start ⚡️ @AsbeksPlatform