ar
Feedback
ABDII SABAA

ABDII SABAA

الذهاب إلى القناة على Telegram

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university

إظهار المزيد

📈 نظرة تحليلية على قناة تيليجرام ABDII SABAA

تُعد قناة ABDII SABAA (@abdii_sabaa) في القطاع اللغوي Javanese لاعباً نشطاً. يضم المجتمع حالياً 595 185 مشتركاً، محتلاً المرتبة 39 في فئة التعليم والمرتبة 2 في منطقة Ethiopia.

📊 مؤشرات الجمهور والحراك

منذ تأسيسه في невідомо، حقق المشروع نمواً سريعاً وجمع 595 185 مشتركاً.

بحسب آخر البيانات بتاريخ 30 أغسطس, 2026، تحافظ القناة على نشاط مستقر. خلال آخر 30 يوماً تغيّر عدد الأعضاء بمقدار 24 478، وفي آخر 24 ساعة بمقدار 82، مع بقاء الوصول العام مرتفعاً.

  • حالة التحقق: غير موثّقة
  • معدل التفاعل (ER): يبلغ متوسط تفاعل الجمهور 22.30‎%. وخلال أول 24 ساعة من النشر يحصد المحتوى عادةً 10.85‎% من ردود الفعل نسبةً إلى إجمالي المشتركين.
  • وصول المنشورات: يحصل كل منشور على متوسط 132 739 مشاهدة. وخلال اليوم الأول يجمع عادةً 64 593 مشاهدة.
  • التفاعلات والاستجابة: يتفاعل الجمهور بانتظام؛ متوسط التفاعلات لكل منشور يبلغ 701.

📝 الوصف وسياسة المحتوى

يصف المؤلف القناة بأنها مساحة للتعبير عن الآراء الذاتية:
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university

بفضل وتيرة التحديث المرتفعة (أحدث البيانات بتاريخ 31 أغسطس, 2026) تحافظ القناة على حداثتها ومستوى وصول مرتفع. وتُظهر التحليلات تفاعلاً نشطاً من الجمهور، ما يجعلها نقطة تأثير مهمة ضمن فئة التعليم.

595 185
المشتركون
+8224 ساعات
+14 0577 أيام
+24 47830 أيام
أرشيف المشاركات
Liyoonal Meesiin Tapha Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Irraa Soorama Ba'uu Isaa Ifoomse! Urjiin kubbaa miilaa Arjantiinaa Liyoonal
Liyoonal Meesiin Tapha Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Irraa Soorama Ba'uu Isaa Ifoomse! Urjiin kubbaa miilaa Arjantiinaa Liyoonal Meesiin, tapha kubbaa miilaa biyyaalessaa irraa guutummaatti soorama ba'uu isaa har'a ifatti beeksiseera. Meesiin ibsa miira gaddaan guutame miidiyaa hawaasaa isaa irratti baaseen, biyya isaaf waan qabu hunda kennuu isaa fi amma garuu yeroon isaa akka gahe hubachuu isaa ibseera. Barreeffama Meesiin fuula miidiyaa hawaasummaa isaa irratti harra maxxanse kun , dhiheenya kana Waancaa Addunyaa bara 2026 irratti tapha xumuraa Ispeen waliin taasisaniin 1-0n erga mo'atamanii guyyaa lama booda, Adoolessa 21 kan barreeffame ta'uu agarsiisa. Haa ta'u malee Du'a abbaa isaa ji'a kana keessa mudateen walqabatee murtee isaa kana guutummaatti akka mirkaneesse himeera. Meesiin dadhabii qaamaa cimaan akka isa mudates ibsuun, "Miilli koo kanaa ol deemuu hin dandeenye, humni koo dhumee jira," jechuun dandeettii qaama isaa dhuma irra gahuu ibseera. Waggoota 21f biyya isaa kan tajaajile Meesiin, taphoota 207 Arjentiinaaf taphachuun galchii 125 galmeessisuun seenaa biyyattii keessatti rikardii olaanaa qabateera. Waancaa Addunyaa bara 2022 dabalatee waancaawwan gurguddoo biyya isaafis argamsiiseera. Haa ta'u malee, Meesiin tapha biyyaalessaa irraa soorama haa ba'u malee, kilabii isaa Intar Maayaamii waliin hanga bara 2028tti waliigaltee waan qabuuf tapha kilabii irratti kan itti fufu ta'uu ragaaleen ni mul'isu. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Carraa 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' Addaa Yunivarsiitii Finfinnee! Yunivarsiitiin Finfinnee bara barnootaa 2019 barat
Carraa 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' Addaa Yunivarsiitii Finfinnee! Yunivarsiitiin Finfinnee bara barnootaa 2019 barattoota ciccimoodhaaf carraa barumsa bilisaa addaa, 'Iskoolaarshiippii Pirezidaantummaa' (Presidential Scholarship) iddoo 200 qopheessuu isaa ifoomseera. Carraa kanaaf kan dorgomuu danda'an barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii qabxii 500 fi isaa ol galmeessan, ulaagaalee biroo taa'an guutanii fi qormaata seensaa yunivarsiitichaa (UAT) gahumsaan darban qofa akka ta'e ibsameera. Barattoonni carraa addaa kana argatan sagantaalee digirii jalqabaa kolleejjota yunivarsiitichaa torbaa fi Mana Barumsaa Seeraa jalatti ramadamanii kan baratan ta'a. Faayidaaleen iskoolaarshiippii kanaa barnoota guutummaatti bilisa ta'e, kaffaltii maallaqa harkaa madaalawaa ta'ee fi deeggarsaa fi leenjii dabalataa dhaabbileen michuu ta'an waliin kennamu kan of keessatti hammatuudha. Akkasumas, barattoonni kunniin gara fuulduraatti carraa barnoota digirii lammaffaa (Masters) fi sadaffaa (PhD) yunivarsiitichuma keessatti bilisaan kan argatan ta'uu eereera. Haa ta'u malee, barattoonni carraa kanatti itti fufiinsaan fayyadamuuf, semisteera hundatti qabxii waliigalaa (CGPA) 3.50 fi isaa ol fiduu kan qabanii fi damee barnootaa itti ramadaman irratti itti fufuun dirqama isaaniiti. Akkuma kanaan dura gabaasnee turre, galmeen barattoota haaraa sagantaa digirii jalqabaa bara 2019 hanga Hagayya 29, 2018 qofa kan turu waan ta'eef, barattoonni ulaagaa kana guuttan daftanii akka galmooftan hubachiifameera. Odeeffannoo dabalataaf liinkii asii gadii kana tuquun ilaaluu ni dandeessu: 👉 https://admission.aau.edu.et/UGAnnouncements SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Repost from ASBEKS
🚀 ASBEKS is where your time turns into real rewards. Complete tasks. Earn points. Withdraw your money. 💰 Start earning today with @asbeksplatform ASBEKS — Earn Real Cash in Minutes. 🤖 @Asbeksbot@AsbeksPlatform

Yunivarsiitiiwwan Saayinsii fi Teeknoloojii Barattoota Haaraa Simachuuf Galmee Eegalan! Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknoloo
Yunivarsiitiiwwan Saayinsii fi Teeknoloojii Barattoota Haaraa Simachuuf Galmee Eegalan! Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknoloojii Adaamaa (ASTU) fi Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknoloojii Finfinnee (AASTU), barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 fudhatanii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeessisan simachuuf galmee eegalaniiru. Carraan kun kan kenname barattoota damee Saayinsii Uumamaa (Natural Science) qofaaf yoo ta'u, barattoonni ulaagaa kana guuttan qormaata seensaa fudhachuun bara barnootaa 2019'f dameewwan barnootaa (Applied Science) fi Injinariingii jalatti barachuu ni dandeessu. Yeroon galmee kanaa Hagayya 25 irraa eegalee hanga Qaam'ee 03, bara 2018 halkan walakkaa sa'aatii 6:00tti qofa kan turu ta'a. Barattoonni ulaagaa guuttan marsariitiiwwan dhiyaatan (https://stuoexam.astu.edu.et, www.aastu.edu.et, ykn www.astu.edu.et) fayyadamuun toora interneetiin galmaa'uu ni dandeessu. Guyyaan qormaatichi itti kennamu erga galmeen xumuramee booda kan ifoomu yoo ta'u, qormaatichi giddugala qormaataa isin yeroo galmee filattanitti qaamaan argamuun kan kennamu ta'a. Iddoowwan qormaataa barattoonni muraasni qofti itti galmaa'an gara iddoo qormaataa dhiyeenya jiruutti makamuu akka danda'anis hubachiifameera. Barattoonni qormaata kanaaf dhiyaattan, gosa barnootaa Baayooloojii, Keemistirii, Fiiziksii, Herregaa fi Afaan Ingiliizii (barnoota kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti kennaman) irraa qophii gahaa akka taasistan yunivarsiitiiwwan kunneen dhaamaniiru. Dabalataanis, guyyaa qormaataa waraqaa qabxii kutaa 12ffaa bara 2018,(Admission card) ykn waraqaa eenyummaa, fi ragaa mirkaneessa galmee keessanii qabattanii argamuun dirqama. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Viidiyoo Ediitingii (Video Editing) Bilbila Harkaa Qofaan Baradhaa! Viidiyoowwan qulqullina olaanaa qaban bilbila harkaa kees
Viidiyoo Ediitingii (Video Editing) Bilbila Harkaa Qofaan Baradhaa! Viidiyoowwan qulqullina olaanaa qaban bilbila harkaa keessan qofaan akkamitti akka 'edit' gootan barachuu ni barbaadduu? Carraa gaarii dhiyaate kana fayyadamaa! Dandeettii kana horachuuf ulaagaan barbaadamu bilbila harkaa (Smartphone) qabaachuu qofa yoo ta'u, kaffaltii baay'ee xiqqaa ta'e, qarshii 199 qofaan barnoota kana guutummaatti argachuu ni dandeessu. Ogummaa yeroon kun barbaadu kana horachuuf carraa kanaan fayyadamaa! Barnoota kana amma eegaluuf liinkii asii gadii kana tuqaa: 👇👇👇 https://fulbek.com/learn/video-editing-f9b9b1ef barnooti kun @Abdii_Sabaa_University tiin isniif qophaa'e. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Viidiyoo Ediitingii (Video Editing) Bilbila Harkaa Qofaan Baradhaa! Viidiyoowwan qulqullina olaanaa qaban bilbila harkaa keessan qofaan akkamitti akka 'edit' gootan barachuu ni barbaadduu? Carraa gaarii dhiyaate kana fayyadamaa! Dandeettii kana horachuuf ulaagaan barbaadamu bilbila harkaa (Smartphone) qabaachuu qofa yoo ta'u, kaffaltii baay'ee xiqqaa ta'e, qarshii 199 qofaan barnoota kana guutummaatti argachuu ni dandeessu. Ogummaa yeroon kun barbaadu kana horachuuf carraa kanaan fayyadamaa! Barnoota kana amma eegaluuf liinkii asii gadii kana tuqaa: 👇👇👇 https://fulbek.com/learn/video-editing-f9b9b1ef barnooti kun @Abdii_Sabaa_University tiin isniif qophaa'e. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Umrii Waggaa 66tti Qormaata Kutaa 12ffaa Qabxii 320 Fiduun Kan Darban Qees Sayifuu Tasfaayee! "Barnootaaf fedhii fi kakaumsi
+1
Umrii Waggaa 66tti Qormaata Kutaa 12ffaa Qabxii 320 Fiduun Kan Darban Qees Sayifuu Tasfaayee! "Barnootaaf fedhii fi kakaumsi yoo jiraate umriin gufuu hin ta'u" dhugaa jedhu hojiin kan agarsiisan Qees Sayifuu Tasfaayee, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaan qabxii 320 fiduun barattoota yunivarsiitii galuuf eeggachaa jiran keessaa tokko ta'aniiru. Qees Sayifuun jiraataa Naannoo Tigraay, Godina Kibbaa, Aanaa Salawaa, Ganda Dajan yoo ta'an, magaalaa Salawaatti eegduu (waardiyyaa) Baankii Ambassaa ta'uun hojjechaa jiru. Hojii humnaa kana cinaattis barnoota isaanii obsaan itti fufuun qormaata biyyaalessaa kana fudhachuu danda'aniiru. Barattoota kuma 29 naannicha irraa qormaaticha fudhatan keessaa isaan tokko yoo ta'an, barattoota qabxii darbiinsaa fidan 3,146 keessatti milkaa'inaan of muudaniiru. Qabxiin boonsaan Qees Sayifuu kun miidiyaalee hawaasaa irratti xiyyeeffannoo guddaa fi dinqisiifannaa kan argate yoo ta'u, baankiin isaan keessatti hojjetanis milkaa'ina kanaaf gammaduun badhaasa addaa kenneeraaf. Bankichi gama isaatiin haga isaan baratanii xumuranitti kan gargaaru ta’uufii mindaan isaanii maatii isaaniif cituu kan itti fufu ta’a, dabalataanis yeroo baratanii xumuran baankichi hojii akka mijeessuuf waadaa galeeraaf. Abbaa ijoollee ja'aa kan ta'an Qees Sayifuun, seenaan isaanii barnootaaf umriin, hojiin ykn haalli jireenyaa kamiyyuu dhiibbaa akka hin taanee fi namni fedhii qabu galma yaade gahuu akka danda'u dhalootaaf fakkeenya guddaa ta'a. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale! Yunivarsiitiin Finfinnee sagantaa barnootaa i
Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale! Yunivarsiitiin Finfinnee sagantaa barnootaa idilee (iskoolaarshiippii mootummaa fi kaffaltii dhuunfaatiin), akkasumas sagantaa galgalaa fi walitti fufaatiin (extension) barattoota haaraa digirii jalqabaa bara barnootaa 2019 (A.L.I) simatee barsiisuu akka barbaadu beeksiseera. Ulaagaaleen galmee kanaaf taa'an, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015, 2016, 2017 fi 2018 (A.L.I) fudhatanii qabxii seensa yunivarsiitii fidan, ykn immoo barnoota sadarkaa 4ffaa (Level 4) xumuranii madaallii gahumsaa (COC) darban kan hammatuudha. Barattoonni galmaa'an hundi Qormaata Seensa Yunivarsiitii Finfinnee (UAT - University Admission Test) kan fudhatan ta'uun isaa ibsameera. Yeroon galmee karaa toora interneetii (Online) eegaleera; kan turus hanga Hagayya 29, 2018 (A.L.I) qofa akka ta'e hubachiifameera. Qormaanni seensaa (UAT) Qaam'ee 02 hanga 04, 2018 (A.L.I) gidduutti kan kennamu ta'a. Kanaafuu, barattoonni ulaagaa kana guuttan marsariitii dhiyaate (https://admission.aau.edu.et) fayyadamuun yeroon akka galmooftan hubachiifameera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale! Yunivarsiitiin Finfinnee sagantaa barnootaa i
Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale! Yunivarsiitiin Finfinnee sagantaa barnootaa idilee (iskoolaarshiippii mootummaa fi kaffaltii dhuunfaatiin), akkasumas sagantaa galgalaa fi walitti fufaatiin (extension) barattoota haaraa digirii jalqabaa bara barnootaa 2019 (A.L.I) simatee barsiisuu akka barbaadu beeksiseera. Ulaagaaleen galmee kanaaf taa'an, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015, 2016, 2017 fi 2018 (A.L.I) fudhatanii qabxii seensa yunivarsiitii fidan, ykn immoo barnoota sadarkaa 4ffaa (Level 4) xumuranii madaallii gahumsaa (COC) darban kan hammatuudha. Barattoonni galmaa'an hundi Qormaata Seensa Yunivarsiitii Finfinnee (UAT - University Admission Test) kan fudhatan ta'uun isaa ibsameera. Yeroon galmee karaa toora interneetii (Online) eegaleera; kan turus hanga Hagayya 29, 2018 (A.L.I) qofa akka ta'e hubachiifameera. Qormaanni seensaa (UAT) Qaam'ee 02 hanga 04, 2018 (A.L.I) gidduutti kan kennamu ta'a. Kanaafuu, barattoonni ulaagaa kana guu

Morkii Cimaa 'Adwa Fight Night' Irratti Jooniin Injiifannoo Gonfate! Falmii seena-qabeessaa fi hawwiidhaan eegamaa ture kan m
Morkii Cimaa 'Adwa Fight Night' Irratti Jooniin Injiifannoo Gonfate! Falmii seena-qabeessaa fi hawwiidhaan eegamaa ture kan morkii ETFC 002 "Adwa Fight Night", injiifannoo Jooniitiin (Johnny Jitsu) goolabameera. Godambaa Inastitiyuutii Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Magaalaa Finfinneetti morkii cimaa galgala kana gaggeeffame irratti, Jooniin morkataa isaa cimaa kan ta'e Seeddoo (Sedo Martial Art) mo'achuu danda'eera. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Falmii Cimaa fi Eegamaa Jiru - 'ETFC 002 Adwa Fight Night' Kallattiin Eegalameera! Morkii cimaa fi seena-qabeessa MMA (Mixed Martial Arts) Itoophiyaa, ETFC 002 kan "Adwa Fight Night" jedhamuun moggaa’ee, guyyaa har'aa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Walakkaa taphoota 11 (MMA, Booksii fi Muay Thai) galgala kana gaggeeffaman keessaa, falmiin ijoon inni hunda caalaa hawwiidhaan eegamu, taphattoota beebekamoo (Johnny Jitsu) fi (Sedo Martial Art) gidduutti kan taasifamuudha. Ispoortii kanaan Itoophiyaa keessatti seenaa haaraa hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, guutummaatti marsariitii adarash.com qofa irratti addatti kallattiin dhiyaata. Daawwattoonni keenya, morkii hoo'aa kana akka isin jalaa hin darbineef, liinkii asii gadii kana fayyadamuun tikeetii keessan bitachuun lafa jirtanitti kallattiin (Live) hordofuu ni dandeessu: Tikeetii keessan asumaan bitadhaa (Get your ticket here): 🎫👇👇👇 https://adarash.com/?ref=DVRFVW https://adarash.com/?ref=DVRFVW Joonii moo Seeddootu mo'ata jettu? Yaada keessan nuuf qoodaa! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Barattoota Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaatiin Qabxii Olaanaa Galmeessan! Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ba
+7
Barattoota Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaatiin Qabxii Olaanaa Galmeessan! Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ilaalchisee, barattoonni ciciimoon damee Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiin guutummaa biyyattiitti qabxii olaanaa galmeessisan akka armaan gadiitti qindaa'aniiru: 🔬 DAMEE SAAYINSII UUMAMAATIIN (Natural Science): 🥇 1ffaa : Barataa Jaalaal Girmaa Qabxii: 591.6 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti sadarkaa 1ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO / ODA Special Boarding School) kan magaalaa Adaamaati. 🥈 2ffaa : Barataa Roobeel Geetaachaw Qabxii: 590.08 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti sadarkaa 2ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Liichgoogoo (Lichgogo Boarding School) kan Godina Haadiyyaati. 🥇 Dubarootaan 1ffaa : Barattuu Hiddaasee Zamanaa Qabxii: 583.03 galmeessisuun guutummaa biyyattii dubaroota keessaa sadarkaa 1ffaa qabatteetti. Barattuun kun naannoo Amaaraa Mana Barumsaa Injiibaaraa Agawuu Midirii ti. 🌍 DAMEE SAAYINSII HAWAASAATIIN (Social Science): 🥇 1ffaa : Barataa Saadam Abdulaaziiz Qabxii: 576.25 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti dhiirota keessaa sadarkaa 1ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifaa Boruu Dodolaa ti. 🥇 Dubarootaan 1ffaa : Barattuu Maqdalaawit Suraafeel Qabxii: 569.17 galmeessisuun guutummaa biyyattii dubaroota keessaa sadarkaa 1ffaa qabatteetti. Barattuun kun Mana Barumsaa Boolee Suuppar Hoolii Seeviyeer (Bole Super Holy Saviour) kan magaalaa Finfinneeti. Miidiyaan Abdii Sabaa barattoota ciccimoo abdii biyyaa ta'an kana, maatii isaanii fi manneen barnootaa isaaniitiif "Baga gammaddan, baga gammanne!" jechaa, barattoota hundaaf carraa gaarii hawwa! Barattootaafi manneen barnootaa barattoota keessan qabxii olaanaa galmeessan beeksisuu feetan https://t.me/ABDII_SABAA?direct irratti nu qunnama. visit👇👇👇👇 Sponsored Post SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Barattoota Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaatiin Qabxii Olaanaa Galmeessisan! Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ilaalchisee, barattoonni ciciimoon damee Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiin guutummaa biyyattiitti qabxii olaanaa galmeessisan akka armaan gadiitti qindaa'aniiru: 🔬 DAMEE SAAYINSII UUMAMAATIIN (Natural Science): 🥇 1ffaa : Barataa Jaalaal Girmaa Qabxii: 591.6 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti sadarkaa 1ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO / ODA Special Boarding School) kan magaalaa Adaamaati. 🥈 2ffaa : Barataa Roobeel Geetaachaw Qabxii: 590.08 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti sadarkaa 2ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Liichgoogoo (Lichgogo Boarding School) kan Godina Haadiyyaati. 🥇 Dubarootaan 1ffaa : Barattuu Hiddaasee Zamanaa Qabxii: 583.03 galmeessisuun guutummaa biyyattii dubaroota keessaa sadarkaa 1ffaa qabatteetti. Barattuun kun naannoo Amaaraa Mana Barumsaa Injiibaaraa Agawuu Midirii ti. 🌍 DAMEE SAAYINSII HAWAASAATIIN (Social Science): 🥇 1ffaa : Barataa Saadam Abdulaaziiz Qabxii: 576.25 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti dhiirota keessaa sadarkaa 1ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifaa Boruu Dodolaa ti. 🥇 Dubarootaan 1ffaa : Barattuu Maqdalaawit Suraafeel Qabxii: 569.17 galmeessisuun guutummaa biyyattii dubaroota keessaa sadarkaa 1ffaa qabatteetti. Barattuun kun Mana Barumsaa Boolee Suuppar Hoolii Seeviyeer (Bole Super Holy Saviour) kan magaalaa Finfinneeti. Miidiyaan Abdii Sabaa barattoota ciccimoo abdii biyyaa ta'an kana, maatii isaanii fi manneen barnootaa isaaniitiif "Baga gammaddan, baga gammanne!" jechaa, barattoota hundaaf carraa gaarii hawwa! Barattootaafi manneen barnootaa barattoota keessan qabxii olaanaa galmeessan beeksisuu feetan https://t.me/ABDII_SABAA?direct irratti nu qunnama. visit👇👇👇👇 Sponsored Post SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) fudhatan, yeroo ammaa kana karaa filannoowwan ifa ta'aniin q
Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) fudhatan, yeroo ammaa kana karaa filannoowwan ifa ta'aniin qabxii isaanii ilaallachuu kan eegalanii jiru. Haa ta'u malee, guutummaa biyyattiirraa lakkoofsi barattootaa fi maatii yeroo tokkotti marsariiticha (website) fi telegiraamii fayyadamanii baay'ee olaanaa waan ta'eef, dhiibbaan teeknikaa mudachaa jira. Kanaan walqabatee saffisni marsariitichaa hir'achuu ykn yeroodhaaf tajaajila kennuu dadhabuu danda'a. Kun haala uumamaa teeknooloojii yeroo gabaabaa ti. Kanaafuu, barattootnii fi maatiin barattootaa yoo sararri isin jalaa cufame ykn ariitiin isaa laafe, dhiphachuu irraa of qusachuun, tasgabbii fi obsaan irra deddeebi'uun (Refresh gochuun) akka yaaltan isinii dhaamna. Ragaan qabxii barataa kamiyyuu sirnaan kan fe'ame waan ta'eef, dhiibbaan sararaa kun suutuma suuta yeroo fooyya'aa deemu hundumti keessanuu qabxii keessan haala salphaan kan argattan ta'a. Filannoowwan sirrii irra deddeebi'uun ittiin yaaltan: 📌 Marsariitii (Website): https://result.eaes.et 📌 Telegiraamii : @EAESbot 📌 Ergaa Gabaabaa (SMS): https://result.eaes.et/sms visit👇👇👇👇 Sponsored Post SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Yeroon Qabxiin Kutaa 12ffaa Itti Ifoomu Nu Dhaqqabeera! Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) fudh
Yeroon Qabxiin Kutaa 12ffaa Itti Ifoomu Nu Dhaqqabeera! Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) fudhattan hundi, har'a galgala sa'aatii 1:00 irraa eegalanii qabxii keessan ofiin ilaallachuu akka dandeessan isin beeksifna. Dabalataanis, barataan qabxii isaa ilaallatee komii ykn gaaffii qabu kamiyyuu qaamaan iddoo tokkoyyuu deemuu osoo hin barbaachisin, marsariitii dhimma kanaaf addatti qophaa'e fayyadamuun iyyata isaa dhiyeessuu akka danda'u ifoomeera. Komii kana dhiyeessuufis har'a irraa eegalee hanga Hagayya 26 waaree booda sa'aatii 10:00tti qofa yeroon kan kenname yoo ta'u, deebii iyyata keessaniis achuma marsariiticha irratti hordofuu akka dandeessan mirkanaa'eera. Kanaafuu, barattoonnii fi maatiin barattootaa filannoowwan sirrii nuti asii gaditti isiniif dhiyeessine qofa fayyadamuun qabxii keessan haala salphaan akka ilaallattan isin gorsina. Miidiyaan Abdii Sabaa barattoota keenya hundaaf carraa gaarii hawwa! Filannoowwan sirrii qabxii ittiin ilaallattan: 📌 Marsariitii (Website): https://result.eaes.et 📌 Telegiraamii (Telegram): https://result.eaes.et/telegram 📌 Ergaa Gabaabaa (SMS): https://result.eaes.et/sms 📌 Komii dhiyeessuuf (Complaints): https://result.eaes.et/complaint visit👇👇👇👇 Sponsored Post https://omg10.com/4/9489700 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Kabajamtoota hordoftoota keenya, fuulli Feesbuukii sirrii fi ofiishaalaa Miidiyaa Abdii Sabaa inni sirriin kan armaan gadii q
Kabajamtoota hordoftoota keenya, fuulli Feesbuukii sirrii fi ofiishaalaa Miidiyaa Abdii Sabaa inni sirriin kan armaan gadii qofa ta'uu isin beeksisna. Fuulonni biroo maqaa miidiyaa keenyaatiin banamanii miidiyaa hawaasaa irratti socho'aa jiran hundi sobaa fi kanneen nuti hin beekne ta'uu isiniif mirkaneessina. Kanaafuu, odeeffannoo sobaa fi burjaajessaa irraa of eeguuf, fuulota sobaa maqaa keenya fayyadaman kana irraa guutummaatti akka of eeggattan cimsinee isin hubachiisna. Dabalataanis, fuulota sobaa kana 'Report' gochuudhaan akka cufaman akka taasistan aantummaa fi kabajaan isin gaafanna. Fuula sirrii fi dhugaa keenya tokkicha kana (www.facebook.com/AbdiiSabaaFb) qofa hordofuun odeeffannoo amansiisaa, yeroo isaa eeggatee fi qulqulluu ta'e argadhaa! Sponsored Post SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA

Bu’aa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Ilaalchisee Odeeffannoo Maddeen Keenya Irraa Arganne! Bu'aan qormaata biyyaalessaa k
Bu’aa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Ilaalchisee Odeeffannoo Maddeen Keenya Irraa Arganne! Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) sadarkaa Ministeera Barnootaatiin ibsi kennamus, barattoonni qabxii dhuunfaa isaanii akka ilaallataniif sirni (system) toora interneetii guutummaatti hawaasaaf gadhiifamee hin jiru. Odeeffannoo maddeen keenya irraa arganneen, yeroo tokkotti barattoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman marsariitii kana waan fayyadamaniif, dhiibbaan uumamee sirnichi (system) akka hin cufamne ykn hin jeeqamneef , ogeeyyiin teeknikaa hojii dandeettii (server) guddisuu fi qophii isa dhumaa xumuraa jiru. Kunis barataan kamiyyuu rakkoo tokko malee qabxii isaa akka arguuf haala mijeessuudhaafi. Kanaafuu, hordoftoonni miidiyaa keenyaa, barattoonnii fi maatiin barattootaa liinkiiwwan sobaa fi odeeffannoowwan dharaa 'qabxiin gadhiifameera' jechuun miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'aa jiraniin akka hin burjaajofne. Miidiyaan Abdii Sabaa haala jiru dhiheenyaan hordofaa waan jiruuf, hojiin teeknikaa kun xumuramee marsariitiin sirrii ta'e akkuma gadhiifameen, saffisaan liinkii sirrii fi haala salphaan ittiin ilaallattan isin dhaqqabsiisna. Hanga yeroo sanatti, tasgabbii fi obsaan akka nu eegdan kabajaan isin hubachiisna. 🤝Sponsored Post SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! MIIDIYAA @ABDII_SABAA