ABDII SABAA
前往频道在 Telegram
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university
显示更多📈 Telegram 频道 ABDII SABAA 的分析概览
频道 ABDII SABAA (@abdii_sabaa) 爪哇语 语言赛道中的 是活跃参与者。目前社区聚集了 595 012 名订阅者,在 教育 类别中位列第 39,并在 埃塞俄比亚 地区排名第 2 位。
📊 受众指标与增长动态
自 невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 595 012 名订阅者。
根据 29 八月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 27 826,过去 24 小时变化为 243,整体触达仍然可观。
- 认证状态: 未认证
- 互动率 (ER): 平均受众互动率为 20.88%。内容发布后 24 小时内通常能获得 10.62% 的反应,占订阅者总量。
- 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 124 234 次浏览,首日通常累积 63 164 次浏览。
- 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 574。
📝 描述与内容策略
作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
“SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
💬Contact Us💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university”
凭借高频更新(最新数据采集于 30 八月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 教育 类别中的关键影响点。
595 012
订阅者
+24324 小时
+16 8517 天
+27 82630 天
帖子存档
595 012
Viidiyoo Ediitingii (Video Editing) Bilbila Harkaa Qofaan Baradhaa!
Viidiyoowwan qulqullina olaanaa qaban bilbila harkaa keessan qofaan akkamitti akka 'edit' gootan barachuu ni barbaadduu?
Carraa gaarii dhiyaate kana fayyadamaa! Dandeettii kana horachuuf ulaagaan barbaadamu bilbila harkaa (Smartphone) qabaachuu qofa yoo ta'u, kaffaltii baay'ee xiqqaa ta'e, qarshii 199 qofaan barnoota kana guutummaatti argachuu ni dandeessu. Ogummaa yeroon kun barbaadu kana horachuuf carraa kanaan fayyadamaa!
Barnoota kana amma eegaluuf liinkii asii gadii kana tuqaa:
👇👇👇
https://fulbek.com/learn/video-editing-f9b9b1ef
barnooti kun @Abdii_Sabaa_University tiin isniif qophaa'e.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA

+1
Umrii Waggaa 66tti Qormaata Kutaa 12ffaa Qabxii 320 Fiduun Kan Darban Qees Sayifuu Tasfaayee!
"Barnootaaf fedhii fi kakaumsi yoo jiraate umriin gufuu hin ta'u" dhugaa jedhu hojiin kan agarsiisan Qees Sayifuu Tasfaayee, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaan qabxii 320 fiduun barattoota yunivarsiitii galuuf eeggachaa jiran keessaa tokko ta'aniiru.
Qees Sayifuun jiraataa Naannoo Tigraay, Godina Kibbaa, Aanaa Salawaa, Ganda Dajan yoo ta'an, magaalaa Salawaatti eegduu (waardiyyaa) Baankii Ambassaa ta'uun hojjechaa jiru. Hojii humnaa kana cinaattis barnoota isaanii obsaan itti fufuun qormaata biyyaalessaa kana fudhachuu danda'aniiru. Barattoota kuma 29 naannicha irraa qormaaticha fudhatan keessaa isaan tokko yoo ta'an, barattoota qabxii darbiinsaa fidan 3,146 keessatti milkaa'inaan of muudaniiru.
Qabxiin boonsaan Qees Sayifuu kun miidiyaalee hawaasaa irratti xiyyeeffannoo guddaa fi dinqisiifannaa kan argate yoo ta'u, baankiin isaan keessatti hojjetanis milkaa'ina kanaaf gammaduun badhaasa addaa kenneeraaf. Bankichi gama isaatiin haga isaan baratanii xumuranitti kan gargaaru ta’uufii mindaan isaanii maatii isaaniif cituu kan itti fufu ta’a, dabalataanis yeroo baratanii xumuran baankichi hojii akka mijeessuuf waadaa galeeraaf.
Abbaa ijoollee ja'aa kan ta'an Qees Sayifuun, seenaan isaanii barnootaaf umriin, hojiin ykn haalli jireenyaa kamiyyuu dhiibbaa akka hin taanee fi namni fedhii qabu galma yaade gahuu akka danda'u dhalootaaf fakkeenya guddaa ta'a.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
595 012
Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale!
Yunivarsiitiin Finfinnee sagantaa barnootaa idilee (iskoolaarshiippii mootummaa fi kaffaltii dhuunfaatiin), akkasumas sagantaa galgalaa fi walitti fufaatiin (extension) barattoota haaraa digirii jalqabaa bara barnootaa 2019 (A.L.I) simatee barsiisuu akka barbaadu beeksiseera.
Ulaagaaleen galmee kanaaf taa'an, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015, 2016, 2017 fi 2018 (A.L.I) fudhatanii qabxii seensa yunivarsiitii fidan, ykn immoo barnoota sadarkaa 4ffaa (Level 4) xumuranii madaallii gahumsaa (COC) darban kan hammatuudha. Barattoonni galmaa'an hundi Qormaata Seensa Yunivarsiitii Finfinnee (UAT - University Admission Test) kan fudhatan ta'uun isaa ibsameera.
Yeroon galmee karaa toora interneetii (Online) eegaleera; kan turus hanga Hagayya 29, 2018 (A.L.I) qofa akka ta'e hubachiifameera. Qormaanni seensaa (UAT) Qaam'ee 02 hanga 04, 2018 (A.L.I) gidduutti kan kennamu ta'a. Kanaafuu, barattoonni ulaagaa kana guuttan marsariitii dhiyaate (https://admission.aau.edu.et) fayyadamuun yeroon akka galmooftan hubachiifameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
595 012
Yunivarsiitiin Finfinnee Barattoota Haaraa Bara 2019'f Simachuuf Galmee Eegale!
Yunivarsiitiin Finfinnee sagantaa barnootaa idilee (iskoolaarshiippii mootummaa fi kaffaltii dhuunfaatiin), akkasumas sagantaa galgalaa fi walitti fufaatiin (extension) barattoota haaraa digirii jalqabaa bara barnootaa 2019 (A.L.I) simatee barsiisuu akka barbaadu beeksiseera.
Ulaagaaleen galmee kanaaf taa'an, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2015, 2016, 2017 fi 2018 (A.L.I) fudhatanii qabxii seensa yunivarsiitii fidan, ykn immoo barnoota sadarkaa 4ffaa (Level 4) xumuranii madaallii gahumsaa (COC) darban kan hammatuudha. Barattoonni galmaa'an hundi Qormaata Seensa Yunivarsiitii Finfinnee (UAT - University Admission Test) kan fudhatan ta'uun isaa ibsameera.
Yeroon galmee karaa toora interneetii (Online) eegaleera; kan turus hanga Hagayya 29, 2018 (A.L.I) qofa akka ta'e hubachiifameera. Qormaanni seensaa (UAT) Qaam'ee 02 hanga 04, 2018 (A.L.I) gidduutti kan kennamu ta'a. Kanaafuu, barattoonni ulaagaa kana guu
595 012
Morkii Cimaa 'Adwa Fight Night' Irratti Jooniin Injiifannoo Gonfate!
Falmii seena-qabeessaa fi hawwiidhaan eegamaa ture kan morkii ETFC 002 "Adwa Fight Night", injiifannoo Jooniitiin (Johnny Jitsu) goolabameera. Godambaa Inastitiyuutii Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Magaalaa Finfinneetti morkii cimaa galgala kana gaggeeffame irratti, Jooniin morkataa isaa cimaa kan ta'e Seeddoo (Sedo Martial Art) mo'achuu danda'eera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
595 012
Falmii Cimaa fi Eegamaa Jiru - 'ETFC 002 Adwa Fight Night' Kallattiin Eegalameera!
Morkii cimaa fi seena-qabeessa MMA (Mixed Martial Arts) Itoophiyaa, ETFC 002 kan "Adwa Fight Night" jedhamuun moggaa’ee, guyyaa har'aa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Walakkaa taphoota 11 (MMA, Booksii fi Muay Thai) galgala kana gaggeeffaman keessaa, falmiin ijoon inni hunda caalaa hawwiidhaan eegamu, taphattoota beebekamoo (Johnny Jitsu) fi (Sedo Martial Art) gidduutti kan taasifamuudha. Ispoortii kanaan Itoophiyaa keessatti seenaa haaraa hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, guutummaatti marsariitii adarash.com qofa irratti addatti kallattiin dhiyaata.
Daawwattoonni keenya, morkii hoo'aa kana akka isin jalaa hin darbineef, liinkii asii gadii kana fayyadamuun tikeetii keessan bitachuun lafa jirtanitti kallattiin (Live) hordofuu ni dandeessu:
Tikeetii keessan asumaan bitadhaa (Get your ticket here):
🎫👇👇👇
https://adarash.com/?ref=DVRFVW
https://adarash.com/?ref=DVRFVW
Joonii moo Seeddootu mo'ata jettu? Yaada keessan nuuf qoodaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
595 012
+7
Barattoota Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaatiin Qabxii Olaanaa Galmeessan!
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ilaalchisee, barattoonni ciciimoon damee Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiin guutummaa biyyattiitti qabxii olaanaa galmeessisan akka armaan gadiitti qindaa'aniiru:
🔬 DAMEE SAAYINSII UUMAMAATIIN (Natural Science):
🥇 1ffaa : Barataa Jaalaal Girmaa
Qabxii: 591.6 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti sadarkaa 1ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO / ODA Special Boarding School) kan magaalaa Adaamaati.
🥈 2ffaa : Barataa Roobeel Geetaachaw
Qabxii: 590.08 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti sadarkaa 2ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Liichgoogoo (Lichgogo Boarding School) kan Godina Haadiyyaati.
🥇 Dubarootaan 1ffaa : Barattuu Hiddaasee Zamanaa
Qabxii: 583.03 galmeessisuun guutummaa biyyattii dubaroota keessaa sadarkaa 1ffaa qabatteetti. Barattuun kun naannoo Amaaraa Mana Barumsaa Injiibaaraa Agawuu Midirii ti.
🌍 DAMEE SAAYINSII HAWAASAATIIN (Social Science):
🥇 1ffaa : Barataa Saadam Abdulaaziiz
Qabxii: 576.25 galmeessisuun guutummaa biyyattiitti dhiirota keessaa sadarkaa 1ffaa qabateera. Barataan kun Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifaa Boruu Dodolaa ti.
🥇 Dubarootaan 1ffaa : Barattuu Maqdalaawit Suraafeel
Qabxii: 569.17 galmeessisuun guutummaa biyyattii dubaroota keessaa sadarkaa 1ffaa qabatteetti. Barattuun kun Mana Barumsaa Boolee Suuppar Hoolii Seeviyeer (Bole Super Holy Saviour) kan magaalaa Finfinneeti.
Miidiyaan Abdii Sabaa barattoota ciccimoo abdii biyyaa ta'an kana, maatii isaanii fi manneen barnootaa isaaniitiif "Baga gammaddan, baga gammanne!" jechaa, barattoota hundaaf carraa gaarii hawwa!
Barattootaafi manneen barnootaa barattoota keessan qabxii olaanaa galmeessan beeksisuu feetan https://t.me/ABDII_SABAA?direct irratti nu qunnama.
visit👇👇👇👇
Sponsored Post
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
595 012
Barattoota Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaatiin Qabxii Olaanaa Galmeessisan!

Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) fudhatan, yeroo ammaa kana karaa filannoowwan ifa ta'aniin qabxii isaanii ilaallachuu kan eegalanii jiru.
Haa ta'u malee, guutummaa biyyattiirraa lakkoofsi barattootaa fi maatii yeroo tokkotti marsariiticha (website) fi telegiraamii fayyadamanii baay'ee olaanaa waan ta'eef, dhiibbaan teeknikaa mudachaa jira. Kanaan walqabatee saffisni marsariitichaa hir'achuu ykn yeroodhaaf tajaajila kennuu dadhabuu danda'a. Kun haala uumamaa teeknooloojii yeroo gabaabaa ti.
Kanaafuu, barattootnii fi maatiin barattootaa yoo sararri isin jalaa cufame ykn ariitiin isaa laafe, dhiphachuu irraa of qusachuun, tasgabbii fi obsaan irra deddeebi'uun (Refresh gochuun) akka yaaltan isinii dhaamna. Ragaan qabxii barataa kamiyyuu sirnaan kan fe'ame waan ta'eef, dhiibbaan sararaa kun suutuma suuta yeroo fooyya'aa deemu hundumti keessanuu qabxii keessan haala salphaan kan argattan ta'a.
Filannoowwan sirrii irra deddeebi'uun ittiin yaaltan:
📌 Marsariitii (Website): https://result.eaes.et
📌 Telegiraamii : @EAESbot
📌 Ergaa Gabaabaa (SMS): https://result.eaes.et/sms
visit👇👇👇👇
Sponsored Post
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
595 012
Yeroon Qabxiin Kutaa 12ffaa Itti Ifoomu Nu Dhaqqabeera!
Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) fudhattan hundi, har'a galgala sa'aatii 1:00 irraa eegalanii qabxii keessan ofiin ilaallachuu akka dandeessan isin beeksifna.
Dabalataanis, barataan qabxii isaa ilaallatee komii ykn gaaffii qabu kamiyyuu qaamaan iddoo tokkoyyuu deemuu osoo hin barbaachisin, marsariitii dhimma kanaaf addatti qophaa'e fayyadamuun iyyata isaa dhiyeessuu akka danda'u ifoomeera.
Komii kana dhiyeessuufis har'a irraa eegalee hanga Hagayya 26 waaree booda sa'aatii 10:00tti qofa yeroon kan kenname yoo ta'u, deebii iyyata keessaniis achuma marsariiticha irratti hordofuu akka dandeessan mirkanaa'eera.
Kanaafuu, barattoonnii fi maatiin barattootaa filannoowwan sirrii nuti asii gaditti isiniif dhiyeessine qofa fayyadamuun qabxii keessan haala salphaan akka ilaallattan isin gorsina.
Miidiyaan Abdii Sabaa barattoota keenya hundaaf carraa gaarii hawwa!
Filannoowwan sirrii qabxii ittiin ilaallattan:
📌 Marsariitii (Website): https://result.eaes.et
📌 Telegiraamii (Telegram): https://result.eaes.et/telegram
📌 Ergaa Gabaabaa (SMS): https://result.eaes.et/sms
📌 Komii dhiyeessuuf (Complaints): https://result.eaes.et/complaint
visit👇👇👇👇
Sponsored Post
https://omg10.com/4/9489700
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
595 012
Kabajamtoota hordoftoota keenya, fuulli Feesbuukii sirrii fi ofiishaalaa
Miidiyaa Abdii Sabaa inni sirriin kan armaan gadii qofa ta'uu isin beeksisna.
Fuulonni biroo maqaa miidiyaa keenyaatiin banamanii miidiyaa hawaasaa irratti socho'aa jiran hundi sobaa fi kanneen nuti hin beekne ta'uu isiniif mirkaneessina.
Kanaafuu, odeeffannoo sobaa fi burjaajessaa irraa of eeguuf, fuulota sobaa maqaa keenya fayyadaman kana irraa guutummaatti akka of eeggattan cimsinee isin hubachiisna. Dabalataanis, fuulota sobaa kana 'Report' gochuudhaan akka cufaman akka taasistan aantummaa fi kabajaan isin gaafanna.
Fuula sirrii fi dhugaa keenya tokkicha kana (www.facebook.com/AbdiiSabaaFb) qofa hordofuun odeeffannoo amansiisaa, yeroo isaa eeggatee fi qulqulluu ta'e argadhaa!
Sponsored Post
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
595 012
Bu’aa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Ilaalchisee Odeeffannoo Maddeen Keenya Irraa Arganne!
Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) sadarkaa Ministeera Barnootaatiin ibsi kennamus, barattoonni qabxii dhuunfaa isaanii akka ilaallataniif sirni (system) toora interneetii guutummaatti hawaasaaf gadhiifamee hin jiru.
Odeeffannoo maddeen keenya irraa arganneen, yeroo tokkotti barattoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman marsariitii kana waan fayyadamaniif, dhiibbaan uumamee sirnichi (system) akka hin cufamne ykn hin jeeqamneef , ogeeyyiin teeknikaa hojii dandeettii (server) guddisuu fi qophii isa dhumaa xumuraa jiru. Kunis barataan kamiyyuu rakkoo tokko malee qabxii isaa akka arguuf haala mijeessuudhaafi.
Kanaafuu, hordoftoonni miidiyaa keenyaa, barattoonnii fi maatiin barattootaa liinkiiwwan sobaa fi odeeffannoowwan dharaa 'qabxiin gadhiifameera' jechuun miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'aa jiraniin akka hin burjaajofne.
Miidiyaan Abdii Sabaa haala jiru dhiheenyaan hordofaa waan jiruuf, hojiin teeknikaa kun xumuramee marsariitiin sirrii ta'e akkuma gadhiifameen, saffisaan liinkii sirrii fi haala salphaan ittiin ilaallattan isin dhaqqabsiisna. Hanga yeroo sanatti, tasgabbii fi obsaan akka nu eegdan kabajaan isin hubachiisna.
🤝Sponsored Post
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
595 012
Qabxii Olaanaa Qormaata Kutaa 12ffaa Bara Kanaatiin Barattoonni Oromiyaa Sadarkaa 1ffaa Biyyaalessaa Qabatan!
Bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) ifoomeen, barattoonni manneen barnootaa bultii addaa Oromiyaa keessaa qoraman qabxii ajaa'ibsiisaa galmeessisuun sadarkaa duraa qabataniiru.
Haaluma kanaan, damee Saayinsii Uumamaatiin (Natural Science) barataa Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO) Adaamaa kan ta'e Barataa Jaalal Girmaa qabxii 591.6 fiduudhaan sadarkaa biyyaalessaatti tokkoffaa ta'eera.
Haaluma walfakkaatuun, damee Saayinsii Hawaasaatiin (Social Science) immoo, barataa Mana Barumsaa Bultii Addaa Iifaa Boruu Dodolaa kan ta'e Barataa Saadaam Abdulaaziiz Umar qabxii 576.25 galmeessisuun guutummaa biyyattii keessaa sadarkaa 1ffaa irra taa'eera. Milkaa'inni guddaan barattoota kanaa ciminnaa fi qulqullina barnootaa manneen barnootaa bultii addaa keessa jiru ragaa kan ba'uu fi hawaasa mara kan boonse dha.
Baga gammadanii, baga gammanne!
Sponsored
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
595 012
BARATTOOTAA FI MAATII BARATTOOTAAF!
Bu’aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) ilaalchisee odeeffannoowwan jiran odeessaalee miidyaa @Abdii_Sabaa ministeera barnootaa irraa itti dhiheenyaan hordofaa jirra.
Akkuma beekamu, ibsi waliigalaa qabxii barattootaa Ministeera Barnootaatiin ifa godhameera; haa ta'u malee qabxiin barataa dhuunfaa karaa marsariitii (website) fi ergaa gabaabaa (SMS) hanga ammaatti guutummaatti hawaasaaf hin gadhiifamne.
Kanaafuu, maatiin barattootaas ta'e barattoonni, odeeffannoowwan sobaa, oduuwwan dharaa fi liinkiiwwan (links) dogoggoraa yeroo ammaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'aniin akka hin burjaajofnee fi hin dhiphanne cimsinee isinii dhaamna.
Qabxiin barattootaa karaa sirrii fi ofiishaalaa ta'een akkuma ifoomeen, haala salphaan akkamitti ilaaluu akka dandeessan saffisaan isiniin kan geenyu ta'a. Hanga yeroo sanatti obsaan akka nu eegdanii fi tasgabbii keessan akka eeggattan kabajaan isin gaafanna.
👇👇👇👇
https://omg10.com/4/9489700
https://omg10.com/4/9489700
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
595 012
Guyyaan Qabxiin Qormaata Kutaa 12ffaa Itti Ifoomu fi Sagantaan Barumsa Yunivarsiitii Ifa Ta'e!
Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa ibsa dabalataa laataniin, qabxiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 (A.L.I) guyyaa Wiixataa ykn Kibxataa ganama barattootaaf gadhiifamu ta'uu beeksisaniiru.
Adeemsa simannaa barattoota haaraa ilaalchisees, jalqaba irratti Yunivarsiitiin Finfinnee fi Yunivarsiitiiwwan Saayinsii fi Teeknoloojii ulaagaa isaaniitiin barattoota erga filatanii fi simatanii booda, yunivarsiitiiwwan hafanis saffisaan waamicha barattootaa akka taasisan qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Tarkaanfiin saffisaa kun kan barbaadameefis, sagantaa idilee qabame eeguuf yoo ta'u, barnoonni dhaabbilee olaanoo bara 2019 (A.L.I) akkaataa karoorfameen Fulbaana 05 akka eegalamu gochuuf hojjetamaa jiraachuu piroofeesarichi hubachiisaniiru.
👇👇👇👇👇
https://omg10.com/4/9489700
https://omg10.com/4/9489700
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA